LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi07 ful. 19-21
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 33—Miikiyaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 33—Miikiyaas
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
bsi07 ful. 19-21

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 33​—Miikiyaas

Barreessaan: Miikiyaas

Bakki Itti Barreeffame: Yihudaa

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 717 Dura

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. naannoo 777–717

MEE waa’ee nama waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa tureefi ga’eessa ta’e tokkoo yaadi. Mee waa’ee nama ija jabeessa ta’eefi warra saba bulchaniin: “Isin garuu wanta gaarii in jibbitu, wanta hamaa immoo in jaallattu; . . . Foon saba kootii kan nyaatu, gogaa isaanii kan irraa baasu . . . isin!” jechuudhaan dubbachuu danda’ee yaadi. Mee waa’ee nama gad of deebisuufi wanti inni dubbate hundi Waaqayyo biraa kan dhufaniifi hafuura Waaqayyootiin kan dubbataman ta’uusaanii amane tokkoo yaadi. Nama akkasii wajjin utuu wal bartee sitti hin toluu? Nama akkasiirraa odeeffannoofi gorsa gaarii argachuun ni danda’ama. Miikiyaas raajichi nama akkasii ture. Yeroo ammaattis macaafa maqaasaatiin barreeffamerraa gorsa gaarii argachuu dandeenya.—Mik. 3:2, 3, 8.

2 Akkuma raajota hedduu, macaafa kana keessatti waa’een Miikiyaas baay’ee hin ibsamne. Macaafichi ergaasaarratti qofa xiyyeeffata. Jechi Miikiyaas jedhu guutummaatti yeroo barreeffamu Mikaa’el (hiiknisaa “Kan Akka Waaqayyoo Eenyu?”) ykn Miikaayaah (hiiknisaa “Kan Akka Yihowaa Eenyu?”) jechuudha. Miikiyaas bara mootota Yotaam, Ahaaziifi Hisqiyaas (Dh.K.D. bara 777-717⁠tti) raajii ta’uudhaan kan hojjete yommuu ta’u, bara sanatti Isaayaasiifi Hose’aanis raajota turan. (Isa. 1:1; Hos. 1:1) Yeroo inni itti raajii dubbate sirriitti beekuun hin danda’aminiyyuu malee, kan inni raajii dubbate waggaa 60 akka hin caalle beekamaadha. Raajiin inni Samaariyaan akka baddu dubbate utuu magaalattiin Dh.K.D. bara 740⁠tti hin balleeffamin dura kan dubbatamedha jechuun ni danda’ama. Akkasumas macaafichi guutummaatti barreeffamee kan xumurame dhuma bulchiinsa Hisqiyaasitti, jechuunis Dh.K.D. bara 717⁠tti ture jechuun ni danda’ama. (Mik. 1:1) Miikiyaas raajii baadiyyaa mandara Mooresheet biyya lalistuu gaara jalaafi kibba dhihaa Yerusaalemitti argamtu keessa jiraatu ture. Fakkeenyi lallabasaa keessatti dhaggeeffattoonnisaa ergaasaa akka hubatan gochuuf itti fayyadame, jireenya baadiyyaa akka gaariitti kan beeku ta’uusaa argisiisa.—Mil. 2:12; 4:12, 13; 6:15; 7:1, 4, 14.

3 Miikiyaas kan jiraate yeroo rakkisaafi yeroo adda ta’e keessa ture. Mallattoowwan mootummoota Israa’eliifi Yihudaarratti badiisni dhihaachuusaa mul’isan hedduun yeroo itti raawwataman ture. Amalli gadheeniifi waaqolii tolfamoo waaqeffachuun Israa’el keessatti hidda dagaagfatanii turan. Kunimmoo warra Asoriin akka badan kan isaan godhe yommuu ta’u, badiisni kunis kan isaanitti dhufe bara Miikiyaasitti ture. Yihudaan bara Yotaam mootichaatti wanta gaarii hojjechaa kan turte ta’uyyuu, bara mootummaa Ahaazitti garuu wanti gadheen hojjetamaa waan tureef akkuma Israa’el waan hamaa hojjechuutti kaatee turte. Bara Hisqiyaasittimmoo wanta gaarii hojjechuu jalqabdee turte. Yihowaan wanta isaanitti fiduuf jedhu akka isaan akeekkachiisuuf Miikiyaasiin ergeera. Raajiin Miikiyaas Macaafni Isaayaasiifi Hose’aa sirrii ta’uusaanii mirkaneessa.—2 Mot. 15:32–20:21; 2 Sen. boq. 27-32; Isa. 7:17; Hos. 8:8; 2 Qor. 13:1.

4 Macaafni Miikiyaas sirrii ta’uusaa ragaawwan argisiisan hedduun jiru. Yihudoonni, Macaafni Miikiyaas Caaffata Qulqulluu afaan Ibrootaatiin barreeffame keessatti akka argamu fudhataniiru. Ermiyaas 26:18, 19, jecha Miikiyaas kallattiidhaan caqasuudhaan: “Xiyoon lafa qotiisaa taatee in qotamti, Yerusaalem lafa tuullaa dhagaa caccabaa in taati” jedha. (Mik. 3:12) Raajiin kunis Dh.K.D. bara 607⁠tti mootiin Baabilon yommuu Yerusaalemiin ‘balleesse’ guutummaatti raawwatameera. (2 Sen. 36:19) Raajiin garabiraan Samaariyaa “caccabsee lafatti nan dabala” jedhus akkasuma raawwatameera. (Mik. 1:6, 7) Warri Asor Dh.K.D. bara 740⁠tti mootummaa Samaariyaa balleessuudhaan mootummaa Israa’el isa kaabaa booji’anii fudhataniiru. (2 Mot. 17:5, 6) Yeroo boodammoo Samaariyaan Dh.K.D. jaarraa arfaffaatti, Aleeksaandar Guddichaan kan weeraramte yommuu ta’u, Dh.K.D. jaarraa lammaffaattimmoo Yihudoonni Joon Hirkaanas isa tokkoffaadhaan geggeeffaman ishee balleessaniiru. Badiisa dhumarratti Samaariyaarra ga’e ilaalchisuudhaan Za Niiwu Weestiministar Dikshinarii oov za Baayibil 1970, ful. 822⁠rratti akkas jedheera: “Warri ishee injifatan, ragaawwan magaalaan tabbarratti ijaaramte akka turte argisiisan akka hin argamne yaaduudhaan magaalattii guutummaatti balleessaniiru.”

5 Ragaan qorannoo dacheerraa argame raajiin Miikiyaas sirriitti raawwiisaa akka argate ibsa. Samaariyaan warra Asoriin baduunshee seenaa Asorotaa keessatti ibsameera. Fakkeenyaaf, mootii Asor kan ture Sargoon: “Samaariyaatti (Saamiirinaatti) marseen ishee injifadhe” jechuudhaan of jajee dubbateera.a Haata’u malee, erga magaalattiin marfamtee booda, guutummaatti kan ishee injifate mootii Sargoon dura ka’e jechuunis Shalminiizar 5⁠ffaa ture. Shalminiizariin ilaalchisee seenaan warra Baabilon: “Inni guutummaatti Samaariyaa balleesse” jedha.b Akkuma raajii Miikiyaasirratti ibsame, bara Hisqiyaas mootii Yihudaa turetti biyyattiin weeraramuushee ilaalchisee Senaaheriib akka gaariitti galmeessee ture. (Mik. 1:6, 9; 2 Mot. 18:13) Keenyan manasaa isa Nanawwee jiru keessatti fakkiiwwan roga afur qabaniifi Laakiishiin qabachuusaa ibsan ni argamu. Kana malees akkas jechuudhaan barreesseera: “Magaalaawwansaa warra jajjaboo 46 ta’anittan marse. . . . Namoota 200,150 ta’an achii ari’eera. . . . Isammoo mana mootummaasaa isa Yerusaalem jiru keessatti akkuma simbira mandheeshee keessa teessutti isa hidheera.” Lakkoofsasaa dabalee kan dubbate ta’uyyuu gibira Hisqiyaasirraa isaaf sassaabes barreesseera. Balaa loltootasaarra ga’e garuu utuu hin caqasin hafeera.c—2 Mot. 18:14-16; 19:35.

6 Bakka Masiihichi itti dhalatu ilaalchisee raajiin Miikiyaas 5:2⁠rratti argamu, Macaafni Miikiyaas geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamuusaa ilaalchisee shakkii jiru balleessa. (Mat. 2:4-6) Kana malees, Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikiitiin barreeffaman keessa yaadawwan Macaafa Miikiyaasii wajjin wal fakkaatan hedduun jiru.—Mik. 7:6, 20; Mat. 10:35, 36; Luq. 1:72, 73.

7 Miikiyaas nama baadiyyaa biyya Yihudaa keessa ture ta’uyyuu, yaadasaa sirriitti ibsuuf rakkina hin qabu ture. Jechoonni nama gammachiisaniifi Dubbii Waaqayyoo keessa jiran keessaa tokko tokko Macaafa Miikiyaasirratti argamu. Miikiyaas Boqonnaa 6⁠ffaan haala marii fakkaatuun kan barreeffamedha. Miikiyaas xuqaa tokkorraa gara isa kaaniitti, eebbarraa gara abaarsaatti, abaarsarraamoo gara eebbaatti saffisaan ce’uunsaa yaada namaa kan hawwatudha. (Mik. 2:10, 12; 3:1, 12; 4:1) Wantoonni hedduun fakkeenya ifa ta’een ibsamaniiru: Yeroo Yihowaan dhufu: “Tulloonni akka gagaa ibiddi baqsuu isa jalatti in baqu, akka lafa bishaan irraan-gadee lola’u qotuuttis dachaawwan in tatarsa’u.”—Mik. 1:4; akkasumas 7:17 ilaali.

8 Macaafichi kutaa sadiitti hiramuu kan danda’u yommuu ta’u, kutaa jalqabaa hundarratti sabni sun “dhaga’aa!” jedhamaniiru. Kutaawwan kun ifata, adabni akka isaanitti dhufu akeekkachiisa kennameefi eebba akka argatan abdii kenname qabataniiru.

FAAYIDAASAA

16 Macaafni Miikiyaas waggaa 2,700 dura ‘balleessaa hubachiisuuf dhimma kan baasu’ ta’uunsaa mirkanaa’eera. Mootii Yihudaa kan ture Hisqiyaas ergaa Miikiyaas dhaga’uudhaan sabni sun akka yaada garaa geddaratu gochuufi amantii yeroo sana ture haaromsuu danda’eera. (Mik. 3:9-12; Er. 26:18, 19; 2 Mot. 18:1-4 wajjin wal bira qabii ilaali.) Raajiin geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun yeroo ammaattis faayidaa kana caalu qaba. Namoonni Waaqayyoon waaqeffanna jechaa amantii sobaa keessatti hirmaatan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, warri sobaniifi warri namarratti ka’an akeekkachiisa Miikiyaas hojiirra oolchuu qabu. (Mik. 1:2; 3:1; 6:1) Phaawulos, Kiristiyaanonni dhugaan dhiqamanii qullaa’an gocha akkasiirraa akka fagaataniifi namni hojii akkasii hojjetu hundi, Mootummaa Waaqayyootti akka hin galle akeekkachiisa 1 Qorontos 6:9-11⁠rratti argamu caqasuudhaan macaafichi sirrii ta’uusaa ibseera. Miikiyaas 6:8 wanti Yihowaan namootarraa barbaadu wanta qajeelaa ta’ee fudhatame hojjechuu, gaarummaa jaallachuufi gad of deebisanii Waaqayyoo wajjin deddeebi’uu ta’uusaa karaa salphaatti namaa galuufi haala ifaa ta’een ibsa.

17 Miikiyaas ergaa kana kan lallabe namoonni wal hiruusaaniitiin kan ka’e ‘diinonni nama tokkoo warra mana isaa keessaa itti ta’anitti’ ture. Kiristiyaanonni dhugaanis haala wal fakkaatu keessatti lallabu; isaan keessaas tokko tokko maatiinsaanii kan isaan ganan yommuu ta’u, ari’atama kana hin jedhamne isaanirraan ga’u. Kanaafuu yeroo hundumaa obsaan Yihowaa, jechuunis ‘Waaqayyosaanii isa isaan fayyisu eeggachuun’ isaan barbaachisa. (Mik. 7:6, 7; Mat. 10:21, 35-39) Namoonni ija jabinaan Yihowaatti amanaman yeroo ari’atamni isaanirra ga’u ykn yommuu bakka tajaajilaa rakkisaatti ramadaman, akkuma Miikiyaas ergaa Yihowaa kana warra kaanitti himuuf ‘humna hafuura Waaqayyootiin ija jabina guutuu argatu.’ Miikiyaas keessumaa “Ijoollee Yaaqoob keessaa warri hafan” ija jabina akkasii akka argisiisan raajiidhaan dubbateera. Namoonni kun ‘namoota lafa irraa keessatti saba baay’ee gidduutti, akka leencaa’ akkasumas akka fixeensa Yihowaa biraa dhufuufi akka tiifuu biqiltuu irratti roobuu in ta’u. Amalli akkasii ‘ijoollee Israa’el (Yaaqoob) keessaa warra hafaniifi’ jaarraa jalqabaatti miseensota gumii Kiristiyaanaa ta’anirratti ifatti mul’ateera.—Mik. 3:8; 5:7, 8; Rom. 9:27; 11:5, 26.

18 Akka raajii Miikiyaasirratti ibsametti Yesus Betlihemitti dhalachuunsaa, macaafichi hafuura Waaqayyootiin akka caafame kan argisiisudha. Akkasumas yaanni naannoo caqasichaarratti argaman, haalawwan Mootummaa Waaqayyoo isa karaa Yesus Kiristosiin bulfamu jalatti argamu kan dubbatu ta’uusaanii argisiisu. Yesus, namoota aarsaa inni kaffaletti amanan hundumaatiif jireenya bara baraa argamsiisuuf Betlihemitti (Mana Buddeenaa jechuudha) kan dhalatedha. Karra Waaqayyoo isa deebi’ee ijaaramuufi tokko qofa ta’u keessatti hanga handaara lafaatti guddaa kan ta’uufi ‘humna Waaqayyootiin isaan tiksuudhaan’ nagaan akka jiraatu kan godhu Yesusidha.—Mik. 5:2, 4; 2:12; Yoh. 6:33-40.

19 Macaafa Miikiyaas, “bara booddeetti” “sabni lafa irraas hundinuu” qajeelfama argachuuf gara Yihowaa akka dhufan dubbatu kanarraa jajjabina guddaa arganna. “Isaan billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxa’an in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi’aniis lola hin baran. Garuu isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taa’u; namni tokko illee isaan hin sodaachisu; isa kana immoo afaan Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.” Amantii sobaa hundumaarraa fagaachuudhaan Miikiyaasii wajjin haala wal fakkaatuun: “Nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin in deddeebina” jedhu. Dhugumayyuu, raajiin Miikiyaas yeroo wantoonni gurguddaan kun itti raawwataman kan dubbatu waan ta’eef amantaa namaa kan jabeessudha. Kana malees, macaafichi Yihowaan Waaqa Olaantummaa qabuufi Mootii bara baraa ta’uusaa waan ibsuuf macaafa bakka guddaan kennamuufidha. Jechoonni “tulluu Xiyoon irrattis, gaafasii jalqabee hamma bara baraatti isaan irratti nan mo’a” jedhan baay’ee kan nama gammachiisan mitii?—Mik. 4:1-7; 1 Xim. 1:17.

[Miiljaleewwan]

a Eenshant Niir Iistarn Teekist Jams Bii. Priichaardiin kan qophaa’e bara 1974, ful 284.

b Asiiriyaan end Baabiloniyaan Kirooniikils Ee. Kee. Gireeyisaniin kan qophaa’e, 1975, ful. 73.

c Eenshant Niir Iistarn Teekist, 1974, ful. 288; Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 2, ful. 894-5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi