Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 34—Naahom
Barreessaan: Naahom
Bakki Itti Barreeffame: Yihudaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 632 dura
‘MUL’ATA waa’ee [badiisa, NW] Nanawweetiif Naahomitti mul’ate.’ (Naho. 1:1) Raajiin Naahom jechoota nama gaddisiisan kanaan jalqaba. Haata’u malee, labsii badiisaa kana kan dabarse maaliifi? Nanawwee isheen durii maaliin beekamti? Macaafni Naahom: “Mandara dhiiga namaa dhangalaaftu” jechuudhaan seenaashee jechoota afuriin walitti qabee ibsa. (Naho. 3:1) Nanawween qarqara Laga Tigriisirraa gara bahaafi gaarota magaalaa Moosul ishee Iraaq kaabaatti argamturraa gama jiranirratti argamti turte. Asor olaantummaashee dhabaa yeroo adeemtetti Nanawween magaalaa guddittii Asor kan turte ta’uusheerrayyuu gamoofi boollaan kan marfamte turte. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun magaalaa kana jalqaba kan ijaare Naamrud ta’uusaa akkas jechuudhaan nutti hima: “Inni Waaqayyoon mormuudhaan adamsaa jabaa ture; . . . Innis biyya Asor dhaqee mandaroota Nanawwee in ijaare.” (Uma. 10:9-11, NW) Kanaaf, Nanawween jalqabnishee gaarii hin turre jechuudha. Magaalattiin caalaatti beekamtuu kan taate bara bulchiinsa Sargoon, Senaaheriib, Esaar-Hadoniifi Asherbaaniippaal yommuu ta’u, kunis yeroo bulchiinsi Asor xumuramuuf jedhetti ture. Waraanaan qabachuufi saamichaan badhaadhummaa argachuusheerrayyuu, gara jabinasheetiin kan beekamtuufi mootonnishees namoota booji’amanirratti gocha gadhee dhala namaarratti raawwatamuu hin qabne raawwatu turan.a Namni Sii. Dabliiw. Seeraam jedhaman tokko, kitaaba Goods, Gireevs end Iskoolaars jedhamu ful. 266rratti akkas jedhaniiru (1954): “Nanawween sammuu namootaa keessatti ajjeechaa, saamicha, hacuuccaa, namoota humna hin qabnerratti yakka raawwachuu, waraanaafi gocha jal’inaa hundumaatiin beekamti. Bulchitoota dhiiga dheebotaniifi warra ishee jalatti bulan kan sodaachistu, isaan caalaatti sodaachisoo ta’aniifi iddoosaaniirraa ari’amaniin kan beekamtudha.”
2 Amantiin Nanawwee maal ture? Waaqolii adda addaa kan waaqeffattu yommuu ta’u, isaan keessaa baay’eensaanii Baabilonii kan dhufan turan. Bulchitoonnishee yeroo warra kaan balleessuuf adeeman waaqoliisaanii kan kadhatan yommuu ta’u, luboonnishee warri sassatoonis wanta booji’amu sanarraa dirgoo waan argataniif loltoota gara waraanaatti oofu turan. Dabliiw. Bii. Raayit kitaabsaa isa Eenshant Siitiis (1886, ful. 25rratti) akkas jedheera: “Humna waaqeffatu; kadhannaasaanii kan dhiheessan fakkiiwwan gurguddaa dhagaarraa tolfamaniif qofa ture; waaqolii tolfamoon kun bifa leencotaafi korommii qabu turan. Waaqolii tolfamoon kun irree cimaa, kaattuu joobiraafi mataa namootaa kan fakkaatan yommuu ta’u, kunis humna, jabinaafi injifannoodhaaf fakkeenya ta’u turan. Waraanni hojii saba sanaa isa guddaa yommuu ta’u, waraanni kun akka babal’atu kan godhanimmoo luboota turan. Kan isaan jiraatan wantoota waraanaan saamamanirraa argataniin waan ta’eef, wanti waraanaan argame namoonni kaan utuu hin argatin dhibbeentaadhaan isaaniif kennama ture; namoonni saamtota ta’an kun namoota amantii turan.”
3 Raajiin Naahom gabaabaa ta’uyyuu, yaadawwan nama dinqisiisan hedduu qabateera. Raajii kana ilaalchisee wanti barreeffame boqonnaa jalqabaarratti (Naho 1:1) qofa kan argamu yommuu ta’u, caqasichis ‘Mul’ata Naahom Elqoshichaa’ jedha. Maqaan (afaan Ibrootaatiin Naakum) jedhu hiiknisaa “Kan Jajjabeessu” jechuudha. Ergaan inni barreesse Nanawwee kan hin jajjabeessine ta’uyyuu, saba Waaqayyoo warra diinnisaanii isa homaa hin sodaanneefi humna guddaa qabu jalaa bara baraaf walaba akka ba’an itti himame garuu kan jajjabeessu ture. Naahom sabni Waaqayyoo cubbuu hojjechuusaanii waan hin caqasneef kunis kan isaan jajjabeessu ture. Bakki Ilkoosh jedhamu sirriitti kan hin beekamne ta’us, raajiin kun Yihudaatti kan barreeffame fakkaata. (Naho. 1:15) Naahom raajii kana kan barreesse Dh.K.D. bara 632tti Nanawween kufuushee dura ture. Raajiisaa keessatti kufaatii Nanawwee kufaatii yeroo muraasa dura Noo-Amoon [1899] (Tebes ishee Gibxiitti argamtu) irra ga’ee wajjin wal bira qabee ibseera. (Naho. 3:8) Kanaaf, Naahom raajiisaa kan barreesse yeroo kana gidduutti ture jechuudha.
4 Akkaataan macaafichi itti barreeffame addadha. Macaafni kun jechoota barbaachisaa hin taane kan qabate miti. Jabinniifi wantoonni haala qabatamaa ta’een macaaficha keessatti ibsaman geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffaman ta’uusaanii argisiisu. Macaafni Naahom ibsa, miira, fakkeenyawwaniifi jechoota ulfina qaban, yaada ifaa ta’eefi jechoota fakkeenyaan ibsaman hedduu kan qabate ta’uudhaan bakka guddaa kan qabudha. (Naho. 1:2-8, 12-14; 2:4, 12; 3:1-5, 13-15, 18, 19) Boqonnaan jalqabaa garri caalaansaa walaloo tartiiba qubeetiin barreeffame fakkaata. (miiljalee Naho. 1:8, NW) Akkaataan barreeffama Macaafa Naahom waa’ee mataduree tokkoo qofa kan ibsu waan ta’eef warra kaanirra addadha. Saba diina Israa’el ta’aniif jibba guddaa qaba. Badiisa Nanawwee hawwa ture.
5 Raajiin Macaafa Naahom keessatti galmeeffame raawwiisaa waan argateef sirrii ta’uunsaa mirkanaa’eera. Bara Naahomitti, namni ija jabaatee “karri lagichaa caccabee banamaa in ta’a” manni mootummaashee hin jiga, magaalattiinis ‘saamamtee onti duwwaattis in hafti’ jedhee waa’ee Asor ishee of tuultuu dubbachuu danda’u isa malee eenyu ta’uu danda’a? (Naho. 2:6-10) Wantoonni raawwataman raajichi dhuguma geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame ta’uusaa argisiisu. Seenaan mootii Baabilon Naabopoolaasaar, Nanawween warra Medooniifi warri Baabiloniin weeraramuushee yommuu ibsu: “Magaalattii tuullaa dhagaa godhan” jechuudhaan ibsa.b Nanawween guutummaatti waan balleeffamteef bakki isheen turtellee waggoota dhibba hedduudhaan lakkaa’amaniif irraanfatamee tureera. Kanaan kan ka’es, namoonni Macaafa Qulqulluu morman tokko tokko biyyi Nanawwee jedhamtu seenaa keessatti hin jirtu jedhanii yaada kanatti ga’isaa turaniiru.
6 Haata’u malee, jaarraa 19ffaatti ragaawwan naannoo sana qotuudhaan argaman, biyyi Nanawwee jedhamtu akka turte argisiisu waan argameef Macaafni Naahom sirrii ta’uunsaa mirkanaa’eera. Tuullaa caccabaa magaalattii guutummaatti baasuuf biyyoo toonii miliyoona hedduutti lakkaa’amu baasuun barbaachiseera. Nanawwee keessaa maaltu argame? Wanti achii argame harki caalaansaa ragaa raajiin Naahom sirrii ta’uusaa argisiisudha. Fakkeenyaaf, siidaawwaniifi barreeffamoonni gochawwan gara jabinaan raawwatamuusaanii argisiisan, fakkiiwwan gurguddaan sangaafi leenca koochoo qaban fakkaatan argamaniiru. Naahom biyyattiidhaan ‘lafa ilmooleen leencaa bir’aa malee taa’an’ jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti.—Naho. 2:11.c
7 Yihudoonni macaafni kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreeffame amanuunsaanii Macaafni Naahom sirrii ta’uusaa argisiisa, akkasumas kutaawwan Macaafa Qulqulluu warra kaanii wajjin guutummaatti kan wal simudha. Raajichi maqaa Yihowaatiin kan barreeffame yommuu ta’u, amalliifi olaantummaansaa achirratti ibsamuunsaa ragaa quubsaa ta’a.
FAAYIDAASAA
11 Raajiin Naahom seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu gurguddaa ta’an tokko tokko qabateera. Jechi jalqabaa raajicha keessatti argamu Waaqayyo Seera Kurnan kenne keessaa seera isa lammaffaa maaliif akka kenne: “Waaqayyo hinaafaa dha” [“isa qofa akka waaqeffannu kan barbaadudha,” NW] jechuudhaan erga ibsee booda, itti fufuudhaanis “dheekkamsi isaas baruma baraan diinota isaa irratti in hafa” jechuudhaan nuu mirkaneessa. Koorri Asoriifi waaqoliin tolfamoon ishee keessa turan firdii Yihowaarraa ishee oolchuu hin dandeenye. Haaluma wal fakkaatuun yommuu yeroonsaa ga’u Yihowaan namoota hamoo ta’an hundarratti firdii qajeelaa kenna. Yihowaan: “Aangoo guddaa qaba, dheekkamuuf hin ariifatu, isa yakke immoo adabuu hin dhiisu.” Kanaaf, Yihowaan Asor ishee humna guddaa qabdu yommuu balleessetti qajeelummaafi olaantummaansaa mul’ateera. Yeroo booda Nanawween “saamamtee onteetti, duwwaatti hafteettis!”—Naho. 1:2, 3; 2:10.
12 Naahom garuu haala faallaa ta’een, ‘ulfinni Yaaqoobiifi Israa’el’ akka deebi’u dubbateera. Yihowaan akkas jechuudhaan oduu gammachiisaa sabasaatiif ergeera: “Warri nagaa labsanii, fayyina abdachiisanii . . . tulluu irraan mul’achuun isaanii maal maal nama gammachiisa!” Oduun gammachiisaan kun Mootummaa Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qaba. Kana akkamitti beekna? Isaayaas jecha wal fakkaatuun erga fayyadamee booda, jecha: “Fayyina abdachiisanii, ‘Waaqayyoon kee mo’eera’ jedhanii, Xiyoonitti misraachoo himan” jedhu itti dabaleera. (Naho. 1:15; 2:2; Isa. 52:7) Phaawulosis caqasuma kana Roomaa 10:15rratti caqasuudhaan namoota Yihowaan misiraachoo kana akka lallaban ergerratti akka raawwatamu ibseera. Namoonni kun ‘wangeela mootummichaa’ lallabu. (Mat. 24:14) Naahom haala maqaasaa wajjin wal simuun namoota nagaafi fayyina karaa Mootummaa Waaqayyoo dhufu barbaadan ni jajjabeessa. Namoonni akkas godhan hundi, ‘Waaqayyo gaarii ta’uusaa yeroo rakkinaattis iddoo baqaa akka ta’efi warra isa amanatanis akka beeku’ ni hubatu.—Naho. 1:7.
[Miiljaleewwan]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 201.
b Eenshant Niir Iistarn Teekistis jedhamuufi bara 1974, Jee. Bii. Piriichaardiin qophaa’e ful. 305; hammattuufi cuftuu keessa kan galche isaanidha; Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 958.
c Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 955.