Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 35—Anbaaqom
Barreessaan: Anbaaqom
Bakki Itti Barreeffame: Yihudaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 628 (?)
CAAFFATA QULQULLAA’AA afaan Ibrootaa raajiiwwan xixiqqoo jedhaman keessaa tokko Macaafa Anbaaqomidha. Haata’u malee, mul’anni Anbaaqom geggeessaa hafuura Waaqayyootiin argeefi raajiiwwan inni dubbate faayidaa isaan saba Waaqayyootiif argamsiisan karaa kamiiniyyuu xiqqoo miti. Raajichi kan nama jajjabeessu waan ta’eef, sabni Waaqayyoo yeroo rakkinaatti jabaatanii akka dhaabatan gargaara. Macaafichi wantoota gurguddaa lama, jechuunis: Yihowaan uumama cufarratti Olaantummaa kan qabu ta’uusaafi namni qajeelaan amantaadhaan akka jiraatu addeessa. Kana malees, namoota tajaajiltoota Yihowaa mormaniifi of hin arginee akkasumaan nuti saba Waaqayyooti ofiin jedhan akeekkachiisuuf gargaara. Yihowaa isa faarfannaan galataa hundi dhihaachuufii qabutti amanuun kan danda’amu akkamitti akka ta’e ibsa.
2 Macaafni Anbaaqom: “Dubbiin mul’ata Anbaaqom kanatti fufee jira” jechuudhaan jalqaba. (An. 1:1) Raajiin hiikni maqaasaa “Jaalala Ho’aa” (afaan Ibrootaatiin Chaavaakuuk) jedhamu kun eenyu? Odeeffannoon maatii, gosa, haala jireenyaasaa ykn akkaataa du’a Anbaaqom ibsu hin kennamne. Faarfattoota mana qulqullummaa keessaa tokko ta’uusaa mamii malee dubbachuun danda’amuu baatus, jechoonni xumura macaafasaarratti: “Geggeessituu warra faarfattootaaf; mi’a isa ribuu qabuun kan faarfatamu” jedhu, faarfattoota keessaa tokko ta’uu akka danda’u argisiisa.
3 Anbaaqom raajii dubbachuu kan jalqabe yoomi? Ibsi olitti kennameefi ibsi xumura Macaafasaarratti “Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa keessa jira” jedhu, manni qulqullummaa Yerusaalem keessa ture yeroo sanatti akka hin diigamne argisiisu. (An. 2:20) Raajiin kun Dh.K.D. bara 607tti Yerusaalem baduushee yeroo muraasa dura akka barreeffame yaada kanaafi ergaa raajichaarraa hubachuun ni danda’ama. Haata’u malee, raajiin kun kan dubbatame waggoota meeqa duradha? Kun kan ta’e bara bulchiinsa Yosiyaas isa nama Waaqayyoo ture booda, jechuunis Dh.K.D. bara 659-629 gidduutti ta’uu qaba. Namoonni Yihudaa isaanitti himamuyyuu amanuu akka hin dandeenye waan ibseef, raajichi waa’ee gara fuulduraa kan dubbatu ta’uusaa argisiisa. Wanti kun maalidha? Yihowaan Yihudoota amantaa hin qabne adabuuf Kaldoota (Baabilonota) akka kaasu raajii dubbatamedha. (An. 1:5, 6) Kunis, waggoota jalqabaa Yo’aaqem inni waaqolii tolfamoo waaqessu yommuu turetti biyya Yihudaa keessatti amanamummaa dhabuun yeroo itti babal’atee ture akka gaariitti kan argisiisudha. Yo’aaqemiin kan moosise Fara’oon Nekoo waan ta’eef dhiibbaan warra Gibxii sabicha gidduutti babal’atee ture. Haala akkasii keessa jiraachuunsaanii warri Baabilon nu weeraru jedhanii akka hin yaaddofne isaan godhee ta’uu danda’a. Ta’us, Nebukadnezaar Dh.K.D. bara 625tti, waraana naannoo Karkemiish jedhamutti taasifamerratti Fara’oon Nekoo injifachuudhaan humna Gibxii hurreesse. Kanaaf, raajiin kun kan dubbatame utuu haalli kun hin raawwatamin dura ture jechuudha. Odeeffannoon jiru, Anbaaqom raajii dubbachuu kan jalqabe jalqaba bulchiinsa Yo’aaqem, jechuunis (Dh.K.D. bara 628tti) akka ta’e waan argisiisaniif Ermiyaasii wajjin bara tokko keessa jiraataniiru jechuudha.
4 Macaafichi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame akkamitti beekuu dandeenya? Kuusaan Caaffata Qulqullaa’aa afaan Ibrootaa durii Macaafni Anbaaqom sirrii ta’uusaa mirkaneessa. Macaaficha maqaadhaan caqasuu baatanis, Macaafni Anbaaqom dabalamuu baannaan 12 ta’uu waan hin dandeenyeef, kuusa macaafota ‘raajota xixiqqoo kudha lamaan’ keessa galchuunsaanii mirkanaa’aadha. Phaawulos, raajiin kun kutaa Caaffata Qulqullaa’aa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman keessaa tokko ta’uusaa amanuusaarrayyuu, ‘wanta raajonni dubbatan’ jedhee kallattiidhaan Anbaaqom 1:5 caqaseera. (HoE. 13:40, 41) Xalayootasaa keessatti Macaafa kanarraa yeroo hedduu caqaseera. Dhugumayyuu, maqaa Yihowaatiin gargaaramuunsaa akkasumas karaa isaaf ulfina fiduun Yihudaafi Baabiloniin ilaalchisee raajii inni dubbate sirriitti raawwatamuunsaanii Anbaaqom raajii dhugaa ta’uusaa argisiisu.
5 Macaafni Anbaaqom boqonnaa, sadii qaba. Boqonnaan jalqabaa lamaan maree barreessaa macaafichaafi Yihowaa gidduutti godhame kan ibsudha. Jabina warra Kaldootaa, sabni Baabilon wanta kansaa hin taane walitti qabachuusaa, bu’aa saamichaan argameen manasaa guuttachuusaa, dhiiga dhangalaasee magaalaa ijaarrachuunsaafi waaqolii tolfamoo waaqeffachuunsaa gadda akka irraan ga’u ibsa. Boqonnaa sadaffaanimmoo, olaantummaa dinqisiisaa Yihowaan guyyaa waraanaatti argatu ibsa. Boqonnaan kun kadhannaa gaddaa kan qabate yommuu ta’u, “walaloo baay’ee gaariifi dinqisiisaa afaan Ibrootaatiin barreeffaman keessaa isa tokkodha.”a
FAAYIDAASAA
12 Phaawulos, Macaafni Anbaaqom barsiisuuf kan gargaaru ta’uusaa hubachuudhaan bakka adda addaa sadiitti Anbaaqom boqonnaa 2 lakkoofsa 4rraa caqaseera. Misiraachichi humna Waaqayyo namoota amanan ittiin fayyisu ta’uusaa Kiristiyaanota Roomaatti argamaniif akkas jechuudhaan ibseera: “Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis nama in geessa. Kunis wangeela keessatti in mul’ata; akkuma caafamee jiru immoo, ‘Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’e jireenya dhugaa in jiraata.’” Eebbi kan argamu amantaa argisiisuudhaan akka ta’e Kiristiyaanota Galaatiyaatiif yommuu barreesse akkas jedheera: “Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuudhaan Waaqayyo biratti qajeelaa ta’ee akka hin lakkaa’amne mul’ataa dha; ‘Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’e jireenya dhugaa in argata.’” Kana malees, Phaawulos amantii jiraataafi lubbu baraarsaa ta’e argisiisuu akka qaban Kiristiyaanota Ibrootaatiif yommuu barreesse, Dubbii Waaqayyoo Macaafa Anbaaqomirraa caqaseera. Ta’us, Phaawulos jecha Anbaaqom isa “inni qajeelaan kan kootii, amantiidhaan jireenya dhugaa in argata” jedhu qofa utuu hin ta’in, akka Saptuujantii afaan Giriikiitti jechoota: “Namni yoo dugda anatti gate garuu, garaan koo itti hin gammadu” jedhanis caqaseera. Dhumarrattis akkas jechuudhaan gabaabsee dubbateera: “Nuyi warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee, warra badiisaaf dugda isatti gatan miti.”—Rom. 1:17; Gal. 3:11; Ibr. 10:38, 39.
13 Raajiin Anbaaqom Kiristiyaanota yeroo ammaatti argamaniifi humni isaan barbaachisuufis faayidaa guddaa qaba. Waaqayyotti amanamuun akka barbaachisu barsiisa. Akkasumas, firdii Waaqayyoo warra kaanitti himuuf gargaara. Akeekkachiisni kun humna guddaa kan qabudha: ‘Dhugumaan waan dhufuuf’ firdiin Waaqayyoo baay’ee akka ture gootanii hin yaadinaa. (An. 2:3) Raajiin Baabilon Yihudaa akka balleessitu dubbatame sirriitti raawwiisaa argateera; Baabilonis Dh.K.D. bara 539tti guutummaatti harka Medooniifi Faares jalatti kufteetti. Kun akeekkachiisa Dubbii Waaqayyootti akka amannu nu godhu mitii? Phaawulos Yihudoonni barasaatti turan namoota amantaa hin qabne akka hin taane yommuu akeekkachiise, Macaafa Anbaaqomirraa isaaniif caqasuun barbaachisaa akka ta’e hubateera: Kanaafis akkas isaaniin jedheera: “Wanti raajonni dubbatan isin irratti akka hin raawwatamneef of eeggadhaa! ‘Ilaa isin yaa warra ga’iftuu, dinqifadhaa, badaas! Hojii ani bara jireenya keessaniitti hojjechuudhaaf jiru, yoo namni isinitti hime iyyuu hin amantan.’” (HoE. 13:40, 41; An. 1:5, LXX) Yihudoonni amantaa hin qabne, akkuma raajii Yesus Yerusaalem akka baddu dubbate utuu hin amanin hafan, Phaawulosiinis utuu hin dhaga’in waan hafaniif Dh.K.B. bara 70tti yommuu Yerusaalem balleeffamte gatiisaanii argataniiru.—Luq. 19:41-44.
14 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo har’aattis Kiristiyaanonni biyya lafaa isa walirratti ka’uudhaan guutame keessa waan jiraataniif, raajiin Anbaaqom amantaa jabaa akka qabaatan isaan gargaara. Warra kaan barsiisuufi gaaffiiwwan namoonni addunyaa maratti argaman Waaqayyo hamoota ni balleessaa? jechuudhaan gaafataniif deebii kennuuf isaan gargaara. Jechoota raajichaa qalbeeffadhaa: “Inni dhuguma in dhufa, hin turus lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus.” (An. 2:3) Wanti fedhe lafa kanarratti raawwatamuyyuu, dibamtoonni hafaniifi dhaaltota Mootummichaa ta’an, baroottan darbanitti Yihowaan akkamitti akka ijaa ba’e ilaachisee jechoota Anbaaqom akkas jechuudhaan dubbate ni yaadatu: “Ati saba kee fayyisuudhaaf gad in baata, isa dibame sanas oolchuuf in dhufta.” (An. 3:13) Dhugumayyuu, Yihowaan bara duriitii jalqabee Waaqasaanii ‘Isa Qulqulluu,’ akkasumas jal’oota kan ifatuufi namoota jaalalasaa keessa jiraataniifimmoo, ‘Kattaa’ jireenya kennudha. Namoonni qajeelummaa jaallatan, olaantummaasaafi Mootummaasaatti gammaduudhaan akkas jedhu: “Ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada; Waaqayyo gooftaan jabina koo ti.”—An. 1:12; 3:18, 19.
[Miiljalee]
a Macaafa Raajiiwwan Xixinnoo Kudha Lamaan, 1868, Ee. Hendarsan, ful. 285.