Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 36—Sefaaniyaa
Barreessaan: Sefaaniyaa
Bakki Itti Barreeffame: Yihudaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 648 dura
WAGGOOTA jalqabaa Yosiyaas Yihudaarratti mo’etti jechuunis Dh.K.D. (bara 659-629tti), waaqeffannaan Ba’aal yeroo babal’ateefi ‘luboonni waaqolii tolfamoo’ bakka guddaa yeroo argatanitti, ergaan Sefaaniyaan labse namoota Yerusaalem keessa jiraatan naasisuu hin oolle. Sefaaniyaan sanyii Hisqiyaas mootii Yihudaa keessaa kan dhalate ta’us, haala gadhee sabicha gidduutti argamu balaaleffateera. (Sef. 1:1, 4) Ergaansaa badiisni akka ga’u kan ibsu ture. Sabni Waaqayyoo mata jabeeyyii ta’anii turan; gara waaqeffannaa dhugaatti kan isaan deebisuu danda’u Yihowaa qofa yommuu ta’u, kanas kan godhu “saba lafa irraa hundumaa gidduutti, ulfinaa fi jajamuu akka argatan” gochuufidha. (Sef. 3:20) Sefaaniyaan, “guyyaa dheekkamsa” Yihowaa jalaa ooluun kan danda’amu eegumsa Waaqayyootiin qofa akka ta’e ibseera. (Sef. 2:3) Maqaan afaan (Ibrootaatiin) Tsefaaniyaa jedhuufi hiika “Yihowaan Ni Dhokse (Ni Kunuunse)” jedhu kan isaaf malu mitii?
2 Carraaqqiin Sefaaniyaa bu’aa argamsiiseera. Yosiyaas inni waggaa saddeetitti mootii ta’e bulchiinsasaa isa waggaa 12ffaatti, “Yerusaalemii fi Yihudaa” qulqulleessuu jalqabe. Waaqeffannaa sobaa balleessee ‘mana qulqullummaa Waaqayyoo’ haaressuudhaan Ayyaana Maxinoo deebisee dhaabeera. (2 Sen., boq. 34, 35) Yeroo booda ilmaansaa sadan ‘Waaqayyo gooftaasaanii duraatti wanta hamaa hojjetaniifi’ ilmi ilmasaa mootummaasaa waan fudhataniif sirreeffamni inni godhe yeroof qofa ture. (2 Sen. 36:1-12) Wantoonni kun hundi jechoonni Sefaaniyaa armaan gaditti argaman raawwii argachuusaanii kan argisiisanidha: “Ani Waaqayyo gurguddootaa fi ilmaan mootichaa . . . warra buusaa balbalichaa irra utaalan hundumaa, warra nama irratti ka’uudhaan, nama gowwoomsuudhaanis galma waaqayyolii isaanii guutan hundumaa guyyaa sanatti nan adaba.”—Sef. 1:8, 9.
3 Akka olitti ibsametti, ‘dubbiin Waaqayyoo gara Sefaaniyaa kan dhufe’ bulchiinsa Yosiyaas waggaa 12ffaatti, jechuunis Dh.K.D. bara 648 dura hin ta’in hin oolu. Raajii kana kan dubbate Yihudaa keessa taa’ee akka ture kan argisiisu lakkoofsa isa jalqabaa qofa miti; waa’ee naannoo Yerusaalemiifi aadaashee beekumsa bal’aa kan qabu ta’uunsaa Yihudaa keessa jiraachaa akka ture argisiisu. Ergaansaa ergaawwan lama kan dabarsan yommuu ta’u, isaanis kan nama sodaachisaniifi kan nama jajjabeessanidha. Garri caalaansaa guyyaa dheekkamsa Yihowaa isa dhufnisaa hin oollerratti xiyyeeffachuusaarrayyuu, namoota gad deebi’aniifi “Waaqayyoon amanatan” deebisee akka haaromsu dubbata.—Sef. 1:1, 7-18; 3:12.
4 Macaafni raajii kun dhugaa miti jedhanii mormuun hin danda’amu. Sefaaniyaan erga raajii dubbatee waggaa 40 ol ta’an booda, Yerusaalem Dh.K.D bara 607tti balleeffamte. Macaafni Qulqulluun raajii Sefaaniyaan dubbate sirriitti akka raawwatame waan dubbatuuf, dhugaa ta’uusaatiifi wanti akka ragaatti dhiheessinu seenaa addunyaa qofa miti. Ermiyaas, Yerusaalem balleeffamtee yeroo muraasa booda wanta ijasaatiin arge, akkasumas haala gaddisiisaa raawwatameefi wanta yeroo sanatti sammuusaa keessaa hin baane Faaruu Ermiyaasirratti barreesseera. Yaadawwan hedduu wal bira qabanii ilaaluudhaan, ergaan Sefaaniyaa “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” kan barreeffame ta’uusaatiif ragaa quubsaa argachuun ni danda’ama. Sefaaniyaan, “dheekkamsi Waaqayyoo inni boba’aan utuu isinitti hin dhufin” jechuudhaan qalbii geddarachuun barbaachisaa ta’uusaa kan dubbate yommuu ta’u, Ermiyaasimmoo, “Waaqayyo dheekkamsa isaa saba koo irratti gad in dhiise” jechuudhaan wanta dursee raawwatame ibseera. (Sef. 2:2; Faru. 4:11) Yihowaan, “namoota irratti rakkina nan fida, isaan ana Waaqayyoon waan yakkaniif, akka namoota jaamotaatti in deddeebi’u; dhiigni isaanii akka awwaaraatti gad in nam’a” jechuusaa Sefaaniyaan raajiidhaan dubbateera. (Sef. 1:17) Ermiyaasimmoo dhugaan kun dursee akka raawwatame argisiisuuf: “Amma isaan akka jaamotaa karaa keessa in jooru, dhiiga dhangalaasuudhaan waan xuraa’aniif” jechuudhaan dubbateera.—Faru. 4:14; akkasumas Sefaaniyaa 1:13—Faaruu Ermiyaas 5:2 wajjin; Sefaaniyaa 2:8, 10—Faaruu Ermiyaas 1:9, 16fi Faru. 3:61 wajjin wal bira qabii ilaali.
5 Kana malees, barreessitoonni seenaa waa’ee saboota Waaqayyo malee jiraatanii, jechuunis waa’ee Mo’aabiifi Amoon, akkasumas magaalaashee ishee guddittii dabalatee Asor akka balleeffamtu barreessaniiru. Kunis raawwii raajii Sefaaniyaan geggeessaa hafuura Waaqayyootiin dubbatedha. Akkuma Naahom raajichi Nanawween akka balleeffamtu dubbate (Nah. 1:1; 2:10), Sefaaniyaanis Yihowaan “Nanawwee immoo raawwatee onsee akka lafa duwwaa in gogsa” jechuudhaan labseera. (Sef. 2:13) Badiisni kun magaalattii guutummaatti waan balleesseef, barreessaa seenaa kan ta’e Herodatas, naannoo waggaa 200 booda Xeegrosiin, “Bishaan magaalaan Nanawwee dur irratti hundooftee turte” jechuudhaan barreesseera.a Barreessaa seenaa Giriikii kan ta’e Luuchiyaan, Dh.K.B. bara 150tti “wanti hafeefi yeroo ammaatti argamu hin jiru” jechuudhaan barreesseera.b Za Niwuu Weestiministar Dikshinarii oov za Baayibil (1970), ful. 669rratti, lagni “Xeegros akka tasaa guutee gara caalaa dallaa magaalattii diiguunsaa magaalattii da’oo malee hambiseera. . . . Nanawween guutummaatti waan balleeffamteef, bara Giriikiifi Roomaatti kan beekamtu seenaadhaan qofa ture. Ta’us, kutaawwan magaalattii tokko tokko tuullaa biyyoo jalatti awwaalamee ture.” Kitaabumti kun ful. 627rratti: “Nebukadnezaar Mo’aabota injifatee to’annaasaa jala oolche” jedhee dubbachuunsaa, akkuma dursee raajiidhaan dubbatametti Mo’aab baduushee argisiisa. Kana malees, Joseefas Amoon injifatamuushee barreesseera.c Yeroo booda Mo’aabonniifi Amoononni guutummaatti lafarraa balleeffamaniiru.
6 Yihudoonni yeroo hundaa Macaafa Sefaaniyaa Caaffata Qulqullaa’aa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman keessaa akka isa tokkootti ilaalu. Labsiiwwan maqaa Yihowaatiin dubbataman karaa maqaa Yihowaatiif ulfina fiduun raawwiisaanii argataniiru.
FAAYIDAASAA
10 Yosiyaas mootichi, akeekkachiisa Sefaaniyaa dhaggeeffachuunsaa bu’aa guddaa argamsiiseera. Haaromsa amantii raawwachuufis qabsoo guddaa godheera. Kunis yeroo manni Yihowaa diigame macaafni Seeraa inni badee ture akka argamu karaa baneera. Ajajamuu diduun maal akka geessisu macaafa kanarraa yeroo isaaf dubbifame Yosiyaas baay’ee gaddeera. Raajii Sefaaniyaan dubbachaa ture sirrii ta’uusaatiif dhugaa baatuu garabiraan, jechuunis Museen ni mirkaneessa. Yosiyaas Waaqayyo duratti gadi of deebisuusaatiin, Yihowaan raajiin badiisaaf dubbatame kun barasaatti akka hin geenye waadaa galeeraaf. (Kes., boq. 28-30; 2 Mot. 22:8-20) Biyyattiin badiisa isheerra ga’uuf turerraa oolteetti! Haata’u malee, ijoolleen Yosiyaas fakkeenyasaa utuu hin hordofin waan hafaniif badiisichi baay’ee utuu hin turin isaanitti dhufeera. Ta’us, Yosiyaasiifi sabnisaa, ‘dubbii Waaqayyoo isa gara Sefaaniyaa dhufee’ of eeggannoodhaan dhaggeeffachuunsaanii bu’aa guddaa argamsiiseera.—Sef. 1:1.
11 Raajii Waaqayyoo isa guddaa kan ta’e Kiristos Yesus, Lallabasaa isa Tabbaarratti jechoota Sefaaniyaa boqonnaa 2 lakkoofsa 3 wajjin wal fakkaatu dubbachuudhaan Sefaaniyaan raajii dhugaa ta’uusaa mirkaneesseera. Sefaaniyaan akkas jechuudhaan dubbatee ture: “Isin warri gad deebi’oon biyyicha keessa jiraattan . . . hundinuu Waaqayyoon barbaaddadhaa! . . . Qajeelinaa fi garraamummaa barbaaddadhaa!” Yesusis: “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan gorsa kenneera. (Mat. 6:33) Namoonni Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaadan hundi, amala dantaa dhabuu namoota Sefaaniyaan “warra ana Waaqayyo duukaa bu’uu dhiisanii garagalan, warra ana hin barbaaddanne, ana hin kadhanne” akkasumas “warra of irraa bu’anii, ‘Waaqayyo wanta gaarii yookiis hamaa hin hojjetu’ jedhanii yaadan” akka hin argisiisne of eeggannoo gochuu qabu. (Sef. 1:6, 12) Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti, waa’ee firdii gara fuulduraa ibsuudhaan, Waaqayyotti dugda gatuurraa akka fagaatan akeekkachiiseera. Itti fufuudhaanis: “Nuyi warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee, warra badiisaaf dugda isatti gatan miti” jechuudhaan dubbateera. (Ibr. 10:30, 37-39) Raajichi: “Guyyaa dheekkamsa isaa sanatti inni isin golboobee isin in oolcha ta’a” jedhee kan dubbate, namoota Waaqayyotti dugda gatan ykn namoota dinqisiifannaa hin qabneen utuu hin ta’in, namoota amantaa qabaniifi gadi of deebisuudhaan gara Yihowaatti dhihaataniinidha. Isin oolcha “ta’a” kan jedhe maaliifi? Sababiinsaa, fayyinni dhumaa daandii jireenya nama sanaarratti kan hundaa’e waan ta’eefidha. (Mat. 24:13) Akkasumas araara Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin ilaalle nu yaadachiisa. Raajiin Sefaaniyaa guyyaan sun yeroo hin eegamneefi akka tasaa kan ga’u ta’uusaa akka gaariitti ibsa.—Sef. 2:3; 1:14, 15; 3:8.
12 Asirraa, namoonni Yihowaarratti cubbuu hojjetan akka balleeffaman, namoonni qalbii geddarachuudhaan ‘Waaqayyoon barbaadanimmoo’ gara fuulduraatti eebba gammachiisaa akka argatan hubanna. Namoonni qalbii geddaratan kun jechoota Sefaaniyaa, “Waaqayyo mootiin Israa’el sii wajjin waan jiruuf” jechuudhaan dubbaterraa jajjabina argachuu danda’u. Yeroon kun yeroo Xiyoon itti sodaattu ykn harkishee lawwaassa’ee gad itti rarra’u miti. Yeroo itti Yihowaatti amanamtudha. “Inni of irraa bu’ee sitti in gammada, jaalala isaatiin gabii siif in kenna, akka warra guyyaa ayyaana beekamaatti gammadanii, sitti gammaduu isaas sagalee isaa ol fuudhee in dhageessisa.” Kana malees, namoonni eegumsasaafi eebbasaa isa bara baraa abdiidhaan eeggachuudhaan ‘duraan dursanii yaadasaanii mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhaan’ ni gammadu!—Sef. 3:15-17.
[Miiljaleewwan]
a Maakliintookiifi Istiroong Saayikiloopeediyaa, bara 1981tti irra deebi’ee maxxanfame, Jildii 7, ful. 112.
b Luuchiyaan, bara 1968 Ee. Eem. Harmooniin kan hiikame, Jildii 2, ful. 443.
c Juwish Antiikuwiitiis, 10, 181, 182 (kitaaba 10ffaa, 7).