Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 37—Haagee
Barreessaan: Haagee
Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 520
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Guyyoota 112 (Dh.K.D. 520)
MAQAANSAA Haagee jedhama; inni raajiifi nama ‘Waaqayyo ergedha;’ haata’u malee eessatti dhalate? (Hag. 1:13) Innoo eenyu? Macaafni Haagee macaafa raajota xixiqqoo jedhaman keessaa isa kurnaffaadha; Dh.K.D. bara 537tti raajota sadan Yihudoota biyyasaaniitti deebi’an tajaajilaa turan keessaa isa duraafi isa tokkodha; warri hafan lamaanimmoo Zakaariyaasiifi Miikiyaasidha. Maqaan Haagee (afaan Ibrootaatiin, Chaagaay) jedhu, hiiknisaa “Guyyaa Ayyaanaa [Kan Dhalate]” jechuudha. Kunis guyyaa ayyaanaa kan dhalate ta’uusaa kan argisiisu ta’uu danda’a.
2 Akka seenaan Yihudootaa ibsutti, Haageen Baabilonitti dhalatee Zarubaabeliifi Hangafa Lubootaa kan ta’e Iyaasuu wajjin gara Yerusaalemitti deebi’eera jedhanii yaaduun sirrii ta’a. Haageen Zakaariyaasii wajjin tajaajilaa kan ture yommuu ta’u, akka Izraa 5:1fi Iz 6:14rraa dubbisnutti, lamaansaaniiyyuu ijoolleen Yihudoota boojuudhaa deebi’anii, mana qulqullummaa ijaaruusaanii akka itti fufan jajjabeessaniiru. Haageen karaa lamaan raajii Yihowaa ta’ee tajaajileera. Yihudoonni hojii Waaqayyo isaanirraa barbaadu akka raawwatan kan isaan jajjabeesse yommuu ta’u, wantoota garabiraa dabalatee saboonni lafarraa akka sochoofaman raajii dubbateera.—Hag. 2:6, 7.
3 Yihowaan hojii kana Haageetti kan kenne maaliifi? Sababii kanatti fufee jiruuf ture: Qiiros, Yihudoonni Dh.K.D. bara 537tti gara biyyasaaniitti deebi’anii mana Yihowaa akka ijaaran heyyamee ture. Amma yeroonsaa Dh.K.D. bara 520 ta’us, manni qulqullummaa ammayyuu ijaaramee hin xumuramne. Waggoottan kana hundaatti, Yihudoonni mormiin diinotasaaniirraa isaanirra ga’uufi dantaa dhabuunsaanii, akkasumas hawwiin isaan qabeenyaaf qaban kaayyoo gara biyyasaaniitti deebi’an akka dagatan isaan taasiseera.—Iz. 1:1-4; 3:10-13; 4:1-24; Hag. 1:4.
4 Seenaansaa akka argisiisutti, ‘Sabni garaa garaa biyyicha keessa jiraatu, namoota Yihudaa humna buusanii akka isaan manicha hin ijaarre waan sodaachisaniifi namoota isaan gorsanii akeeka isaanii irraa isaan kaachisan waan isaanitti bitaniif’ (hanga Dh.K.D. bara 536tti) bu’uurri mana qulqullummaa hin kaa’amne ture. (Iz. 4:4, 5) Dhumarrattis, namoonni Yihudoota hin taane kun Dh.K.D. bara 522tti mootummaan hojii kana akka dhaabsisu gochuu danda’aniiru. Haageen raajii dubbachuu kan jalqabe mootiin warra Faares Daariyos Hiistaaspiis mo’ee waggaa lammaffaatti, jechuunis Dh.K.D. bara 520tti yommuu ta’u, kunis Yihudoonni ijaarsa mana qulqullummaa akka itti fufan isaan jajjabeesseera. Yeroo kanatti, wanti kun murtoo akka argatu gochuuf bulchitoota biyya ollaarraa xalayaan Daariyosiif ergame; innis labsii Qiiros dabarse deggeruudhaan Yihudoota cina dhaabaatee diinonnisaanii akka isaan hin lolle isaanirraa ittise.
5 Raajiin Haagee kutaa Caaffata Qulqullaa’aa afaan Ibrootaa keessaa tokko ta’uusaatiif Yihudoota biratti gaaffiin ka’ee hin beeku. Kunis, Haageen Izraa 5:1rrattis ta’e Izraa 6:14rratti, “maqaa Waaqayyo gooftaa Israa’el” kan raajii dubbate jedhamee ibsamuunsaa ragaa dabalataa ta’a. Phaawulos raajiin Haagee kun, kutaa ‘Caaffata Qulqullaa’aa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman’ keessaa tokko ta’uusaa amanuudhaan Ibroota 12:26rratti: “Ammas immoo yeroo gabaabaatti bantiiwwan waaqaa, lafa, galaana, lafa gogaas nan sochoosa” jechuudhaan barreesseera.—Hag. 2:6.
6 Raajiin Haagee ergaawwan guyyoota 112 keessatti kennaman afur kan qabatedha. Akkaataan barreeffamasaa salphaafi kallattii yommuu ta’u, caalaattimmoo maqaa Yihowaatiif bakka guddaa kennuunsaa xiyyeeffannaan kan kennamuufidha. Kitaaba lakkoofsa 38 qabu keessatti maqaa Yihowaa al 35 kan caqase yommuu ta’u, jecha “Waaqayyo [“Yihowaa,” NW] gooftaa maccaa” jedhuttimmoo al 14 fayyadameera. Ergaa kana kan kenneef Yihowaa ta’uusaatiif shakkiin hin jiru: “Haageen inni Waaqayyo erge sun, ergaa kanatti fufee jiru sabatti in hime. Waaqayyo, ‘Ani isinii wajjinan jira’ jedhee dubbateera.”—1:13.
7 Yeroon kun seenaa saba Waaqayyoo keessatti adda kan ture yommuu ta’u, Haageen hojii guddaa akka raawwate beekamaadha. Hojii akka raajii ta’uuf isatti kenname raawwachuudhaan raajota hundaa gadi hin turre; Yihudootatti dhugaasaa dubbachuurraas duubaatti hin jenne. Yeroon sun yeroo hojii isaanitti kenname itti raawwatan malee, har’a bor jechuudhaan yeroo hojicha lafaarra harkisan akka hin taane ifatti isaanitti himeera. Badhaadhina akkamiiyyuu Yihowaa biraa argachuu yoo barbaadan, yeroon isaan mana Yihowaa itti haaromsaniifi waaqeffannaa dhugaa deebisanii dhaaban yeroo kana ta’uusaa hubachuu qabu turan. Ijoon dubbii ergaa Haagee, namni tokko eebba Yihowaa argachuu yoo barbaade, Waaqa isa dhugaa tajaajiluufi hojii Yihowaan akka raawwatamu ajaje raawwachuu qaba kan jedhudha.
FAAYIDAASAA
13 Ergaawwan Yihowaan karaa Haagee dabarse arfan, Yihudoota bara sana turaniif faayidaa kan qaban turan. Yeruma sana hojichaaf akka kaka’an waan isaan jajjabeesseef, manni qulqullummaa waaqeffannaan dhugaa akka babal’atu gargaaru waggaa afur gidduutti Israa’el keessatti ijaarameera. (Iz. 6:14, 15) Yihowaanis sochiisaanii isa hinaaffaadhaan raawwatame eebbiseera. Daariyos mootiin warra Faares, galmee mana mootummaa keessatti argamu qoruudhaan murtoo Qiiros dabarse irra deebi’ee kan mirkaneesse, yeroo manni qulqullummaa kun ijaarametti ture. Kanaaf, ijaarsi mana qulqullummaa gargaarsa mootummaatiin raawwatameera.—Iz. 6:1-13.
14 Raajiin kun bara keenyaafis gorsa gaarii qabateera. Akkas kan jennu maaliifi? Uumamni kamiyyuu, fedhii mataasaatiif utuu hin ta’in waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuu akka qabu ibsa. (Hag. 1:2-8; Mat. 6:33) Ofittummaan kufaatii akka geessisuufi qabeenya hordofuunis gatii akka hin qabne ibsa; badhaadhinaafi nagaa kan argamsiisu eebba Yihowaa akka ta’e addeessa. (Hag. 1:9-11; 2:9; Fak. 10:22) Kana malees, namni tokko qulqullinaafi garaasaa guutuudhaan kaka’ee hin tajaajilu taanaan waaqayyoon tajaajiluunsaa qofti qulqulluu isa hin taasisu; tajaajillisaas jireenya xuraa’aadhaan kan manca’e ta’uu hin qabu. (Hag. 2:10-14; Qol. 3:23; Rom. 6:19) Tajaajiltoonni Waaqayyoo, namoota abdii hin qabneefi “wantoota gaarii dur darbanirratti” qofa yaaduu mannaa ‘yaadasaanii daandiisaaniirra kaa’uudhaan, NW’ wanta fuuldurasaanii jiru ilaaluufi Yihowaadhaaf ulfina fiduudhaaf carraaqqii kan godhan ta’uu qabu. Yoo akkas godhan Yihowaan isaanii wajjin ta’a.—Hag. 2:3, 4; 1:7, 8, 13; Filp. 3:13, 14; Rom. 8:31.
15 Yihudoonni mana qulqullummaa ijaaruu yommuu jalqaban surraafi eebba Yihowaa argachuudhaan badhaadhota ta’anii turan. Wantoonni gufuu ta’anis ni balleeffaman. Hojichis yeroo gaariitti raawwatame. Yeroo hundaa, ija jabinaafi hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajiluun eebba argamsiisa. Rakkoowwan kallattiidhaan ga’anis ta’e ni dhufu jedhamanii yaadaman amantaa jabaa argisiisuudhaan mo’uun ni danda’ama. ‘Dubbii Waaqayyootiif’ abboomamuun bu’aa gaarii argamsiisa.—Hag. 1:1.
16 Waa’ee raajii Yihowaan, ‘bantiiwwan waaqaafi lafa nan sochoosa’ jedhee dubbate hiika maalii qaba? Phaawulos, raawwii raajii Haageen 2:6 argatu ilaalchisee akkas jedheera: “Amma garuu, ‘ammas al tokko lafa sochoosuu duwwaa utuu hin ta’in, waaqas immoo nan sochoosa’ jedhee abdachiiseera. ‘Ammas al tokko’ inni jedhe, wanti raafamuu hin dandeenye hafee akka jiraatutti, wanti uumame hundinuu raafamee iddoodhaa butachuu isaa in mul’isa. Egaa nuyi mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhannuuf, kottaa warra galata galchan in taanaa! Kanaanis kottaa akka isa duratti fudhatamutti ulfinaa fi sodaadhaan Waaqayyoof in sagannaa! Waaqayyo keenya ibidda xaph godhuu dha.” (Ibr. 12:26-29) Kun kan ta’u, ‘teessoo mootummootaa garagalchuufi humna mootummoota saba lafarraa balleessuuf’ akka ta’e Haageen ibseera. (Hag. 2:21, 22) Phaawulosimmoo, raajicha haala kanarraa faallaa ta’een caqasuudhaan waa’ee Mootummaa Waaqayyoo isa “raafamuu hin dandeenye” dubbateera. Kanaaf, waa’ee abdii Mootummaa kanaa yaaduufi Waaqayyoof tajaajila qulqulluu dhiheessuudhaan ‘jabaannee haa hojjennu.’ Yihowaan mootummoota lafarraa garagalchuusaa dura wanta adda ta’e tokko sochoosuudhaan isaan keessaa kan fayyinaaf ta’an akka argamsiisu haa qalbeeffannu: “Saba lafa irraa hundumaa nan sochoosa, badhaadhummaan saba lafa irraa hundinuu as in fidama; ani mana kana ulfinaan nan guuta; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.”—2:4, 7.