LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi07 ful. 29-31
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 38—Zakaariyaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 38—Zakaariyaas
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
bsi07 ful. 29-31

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 38​—Zakaariyaas

Barreessaan: Zakaariyaas

Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 518

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 520–518

YEROO Zakaariyaas raajii dubbachuu jalqabe ijaarsi mana qulqullummaa dhaabatee ture. Manni qulqullummaa Solomoon jalqaba ijaare waggaa 7⁠fi walakkaa kan fudhate yommuu ta’u (1 Mot. 6:37, 38), Yihudoonni biyya saanii Yerusaalemitti erga deebi’anii waggaa 17 boodallee ijaarsi mana qulqullummaa kun hin xumuramne ture. Boodammoo ittisa Artashaastaa (Baardiyaa ykn Gaawumaataan) dabarseen ijaarsi mana kanaa guutummaatti dhaabateera. Hojiin kun ittisa mootummaatiin dhaabatuyyuu, ijaarsi kun yeroo lammataatiif itti fufa. Yihowaan sabni sun mana sana akka haaromsaniifi hanga xumuramuttis akka itti fufan isaan jajjabeessuuf Haageefi Zakaariyaasiin kaaseera.—Iz. 4:23, 24; 5:1, 2.

2 Ijaarsi mana kanaa akka tulluu isaanitti ulfaatee ture. (Zak. 4:6, 7) Warri isaaniin morman baay’ee yommuu ta’an isaan garuu xinnoo turan. Zarubaabel inni hidda dhalootaa Daawitirraa dhufe bulchaasaanii ta’eyyuu, sabni sun mootii kan hin qabneefi cunqursaa warra kaanii jala turan. Haallisaa amantaa cimaafi hojii humnaa yommuu gaafatu kanatti, dadhabuufi dhimma ofiirratti xiyyeeffachuutu namatti salphata. Zakaariyaas kaayyoo Waaqayyo yeroo sanattiifi gara fuulduraatti saba sanaaf qabu isaan beeksisuudhaan, hojichi akka xumuramu isaan jajjabeesseera. (8:9, 13) Yeroon sun akka abbootiisaaniitti yeroo dinqisiifannaa itti dhaban hin turre.—1:5, 6.

3 Zakaariyaas eenyu? Macaafa Qulqulluu keessatti namoonni 30 ta’an maqaa kanaan waamamaniiru. Namni maqaasaatiin macaafa kana barreesse garuu: “Zakaariyaas raajichaa ilma Baraakiyaa akaakayyuu Iddoo” jedhama. (Zak. 1:1; Iz. 5:1; Nah. 12:12, 16) Maqaansaa (afaan Ibrootaatiin Zakaariyaah) jechuu yommuu ta’u, hiiknisaas “Yihowaan Ni Yaadate” jechuudha. Macaafni Zakaariyaas, “Waaqayyo gooftaan maccaa” sabasaa akka yaadatuufi maqaasaatiif jechas akka isaan kunuunsu dubbata. (Zak. 1:3) Guyyoonni achi keessatti ibsaman macaafichi yoo xinnaate seenaa waggaa lamaa akka qabate argisiisu. Ijaarsi mana qulqullummaa yeroo lammataatiif kan jalqabameefi Zakaariyaasimmoo raajii dubbachuu kan jalqabe “Daariyos mo’ee waggaa lammaffaa isaatti, waggichattiis ji’a saddeettaffaatti,” jechuunis (Dh.K.D. bara 520 ji’a Onkoloolessa/​Sadaasaatti) ture. (1:1) Kana malees macaafichi “waggicha keessaa ji’a salgaffaa isa ‘Kisluu’ jedhamutti, ji’icha keessaa guyyaa afuraffaatti” “Daariyos mo’ee waggaa afuraffaatti” jechuunis (Dh.K.D. naannoo Muddee 1, bara 518⁠tti) dubbata. (7:1) Kanaaf, Zakaariyaas raajii kan dubbateefi kan barreesse Dh.K.D. bara 520-518tii gidduutti ture jechuudha.—Iz. 4:24.

4 Namoonni Macaafa Zakaariyaas qoratan macaafichi sirrii ta’uusaa ragaa hedduu argachuu danda’u. Mee waa’ee Xiiros akka fakkeenyaatti fudhadhu. Mootii Baabilon kan ta’e Nebukadnezaar Xiirosiin kan balleesse magaalattii erga marsee waggaa 13 booda ture. Kana jechuun garuu inni magaalattii guutummaatti balleessee ture jechuu miti. Waggoota hedduu booda Zakaariyaas Xiiros guutummaatti akka baddu raajii dubbateera. Aleeksaandar Guddichi magaalaa Xiiros ishee biyya bishaan keessaa balleessee daandii galaanarra ittiin ce’an hojjeteera. Gadda tokko malee magaalattii gubuudhaan, raajiin Zakaariyaas waggoota dhibba lama dura dubbate raawwiisaa akka argatu godheera.a—Zak. 9:2-4.

5 Macaafni Zakaariyaas geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame kan mirkaneessu ragaawwan hundarra caalan raajiiwwan Masiihiicha, jechuunis Yesus Kiristosiin ilaalchisee dubbataman raawwiisaanii argachuusaanii yommuu ta’u, kanas caqasawwan armaan gaditti argaman wal bira qabanii ilaaluudhaan mirkaneessuun ni danda’ama. Zakaariyaas 9:9 Maatewos 21:4, 5⁠fi Yohannis 12:14-16 wajjin; Zakaariyaas 12:10 Yohannis 19:34-37; fi Zakaariyaas 13:7 Maatewos 26:31 akkasumas Maarqos 14:27. Kana malees, Zakaariyaas 8:16, Efesoon 4:25 wajjin; Zakaariyaas 3:2, Yihudaa 9 wajjin; akkasumas Zakaariyaas 14:5, Yihudaa 14 gidduutti yaanni wal fakkaatu ibsameera. Dhugumayyuu, Dubbiin Waaqayyoo kan wal simu ta’uunsaa nama ajaa’ibsiisa!

6 Namoonni Macaafa Qulqulluu morman tokko tokko boqonnaa 9 booda akkaataan macaafichi itti barreeffame jijjiiramuunsaa, yaada sana booda jiru kan barreesse Zakaariyaas akka hin taane argisiisa jedhu. Haata’u malee, akkaataan itti barreeffame jijjiiramuunsaa yaannisaa akka jijjiirame kan argisiisudha. Boqonnaan saddeettan wanta namoota bara Zakaariyaas jiranirratti kan xiyyeeffatu yommuu ta’u, boqonnaa 9 hanga 14 garuu wanta gara fuulduraa ilaachisee dubbatamedha. Namoonni tokko tokko Maatewos yaadasaa Zakaariyaasirraa fudhatee akka Macaafa Ermiyaasirraa fudhatetti kan dubbate maaliifi? jedhanii gaafatu. (Mat. 27:9; Zak. 11:12) Macaafni Ermiyaas macaafa raajotaa keessaa isa duraa akka ta’etti yeroon itti yaadamu jira ture. (Akkuma Macaafa Isaayaas isa yeroo ammaatti Macaafa Qulqulluu keenya keessatti argamu jechuudha.) Kanaaf, Maatewos Zakaariyaasiin “Ermiyaas” jedhee yommuu ibsu, akkuma Yihudoota caaffata Qulqulluu kutaa isa tokko keessa jiran hunda maqaa macaafa isa jalqabaatiin waamuusaa ta’uu danda’a. Yesusiyyuu jecha macaafa “faarfannaa” jedhu warra macaafota jedhaman hunda walitti qabuudhaan ibseera.—Luq. 24:44.b

7 Macaafichi hanga boqonnaa 6 lakkoofsa 8⁠tti mul’ata walitti aansanii jiran saddet kan qabate yommuu ta’u, walumaa galatti mul’atawwan kunimmoo manni qulqullummaa deebi’ee ijaaramuusaa wajjin walitti dhufeenya kan qabanidha. Mul’atawwan kanatti aansees, raajii firdiifi waaqeffannaa sirrii, deebisanii ijaaruufi guyyaa dhufa Yihowaa kan ibsanidha.

FAAYIDAASAA

23 Namoonni Macaafa Zakaariyaasiin qayyabataniifi irratti xiinxalan beekumsa amantaa namaa jabeessu argatu. Zakaariyaas al 50 ol jecha “Waaqayyo gooftaa maccaa” jedhuun kan fayyadame yommuu ta’u, Waaqayyo sabasaatiif akka lolu, sabasaa akka eeguufi akka barbaachisummaasaatti humna akka kennu ibsa. Mana qulqullummaa ijaaranii xumuruu yeroo barbaadanitti mormiin tulluutti fakkeeffamu yommuu isaan mudate, Zakaariyaas akkas jechuudhaan ibseera: “‘Hafuura kootiin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti’ kan jedhu ture; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate. Yaa tulluu humna-qabeessa nana! Ati maali? Ati Zarubaabel duratti lafa wal qixxee in taata.” Gargaarsa Yihowaatiin ijaarsi mana qulqullummaa xumuramuu danda’eera. Haaluma wal fakkaatuun har’as, Yihowaatti yoo amanamne gufuuwwan nu mudatan mo’uu dandeenya. Haallisaa wanta Yesus dhimma kana ilaalchisee bartootasaatiin akkas jedhee wajjin wal fakkaata: “Amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ‘Asii ka’ii achi butadhu’ in jettu, gaarichis asii ka’ee achi in butata; wanti isiniif hin danda’amnes hin jiru.”—Zak. 4:6, 7; Mat. 17:20.

24 Zakaariyaas boqonnaa 13 lakkoofsa 2 hanga 6⁠rratti amanamummaa jaarmiyaan Yihowaa hanga har’aatti ittiin beekamu fakkeenyaan ibsa. Amanamummaan kunimmoo, walitti dhufeenya namoota hundaa wajjin qabnu, jechuunis firooma dhiigaallee kan caaludha. Firri tokko, maqaa Yihowaatiin raajii sobaa yoo dubbate, jechuunis wanta ergaa Mootummichaatiin faallaa ta’e dubbachuudhaan namoota gumii Waaqayyoo keessa jiran kaanirratti sobaan dhiibbaa gochuuf yoo yaale, miseensonni maatii nama sanaa tarkaanfii gumiin Kiristiyaanaa fudhate kamiyyuu amanamummaadhaan deggeruu qabu. Namoonni michuu nama raajii sobaa dubbate kanaa ta’anis, namni kun dogoggora hojjetetti akka qaana’uufi akka yaanni garaasaa isa ceepha’u gochuuf tarkaanfii wal fakkaatu fudhachuu qabu.

25 Keeyyata seensaarratti akka ilaalle, Yesus mootii ta’uudhaan yommuu gara Yerusaalem galu, “gad of deebisee, harree yaab[b]ii keessaa ilmoo harree irra taa’ee” akka dhufu, ‘meetii guroo soddomaan’ akka gurguramu, yeroo sanatti bartoonnisaa akka bittimaa’aniifi loltoonni mukarratti waraananii akka isa ajjeesan Macaafa Zakaariyaasirratti dursee raajiidhaan dubbatameera. (Zak. 9:9; 11:12; 13:7; 12:10) Raajichi namni Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaru maqaansaa “Latii” akka ta’e ni ibsa. Isaayaas 11:1-10; Ermiyaas 23:5, 1899; fi Luqaas 1:32, 33 wal bira qabuudhaan namni kun Yesus Kiristos isa “Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a” jedhame ta’uusaa hubachuun ni danda’ama. Zakaariyaas “Latiin” kun ‘luba teessoo isaarra jiraatu’ ta’uusaa ibseera. Phaawulosis: “Yesus inni akkuma lubummaa Malkiisedeqitti bara baraan angafa lubootaa” ta’eera; akkasumas “angafa lubootaa isa bantii waaqaa keessatti, gara mirga teessoo Waaqayyoo surra-qabeessaa taa’e akkasii qabna” jechuudhaan barreesseera. (Zak. 6:12, 13; Ibr. 6:20; 8:1) Kanaaf raajiin “Latii” jedhu kun, Angafa Lubootaafi samii keessatti Mootii ta’uudhaan mirga Waaqayyoo taa’uusaarrayyuu, Yihowaan Bulchaa Hundumaa gararraa ta’uusaa akkas jechuudhaan ibsa: “Yommus Waaqayyo guutummaa biyya lafaa irratti mootii in ta’a; gaafas Waaqayyo isuma tokkicha, maqaan isaas tokkichuma.”—Zak. 14:9.

26 Yeroo sana ilaalchisee raajichi jecha “guyyaa sanatti” ykn “yommus” jedhu al 20 kan dubbate ta’uusaarrayyuu jechuma kanaanis raajiisaa xumureera. Macaaficha akka gaariitti yoo qoranne guyyaan sun guyyaa Yihowaan maqaa waaqolii tolfamoofi raajota sobduu itti balleessu ta’uusaa hubanna. (13:2, 4) Guyyaan sun guyyaa Yihowaan saboota goolii uumanirratti waraana banu, isaan burjaajjessuudhaan akka isaan balleessuufi sabnisaa akka itti baqataniif ‘dachaa tullootaa’ akka isaanii qopheessuufi akka isaan golboobu dubbata. (14:1-5, 13; 12:8, 9) Eeyyee, “Waaqayyo gooftaan isaanii akka tiksituun horii isaa waan hamaa oolchuutti saba isaa in oolcha;” akkasumas tokkoon tokkoon namaa muka wayniisaafi muka harbuusaa jala taa’uudhaaf ollaasaa in waama. (Zak. 9:16; 3:10; Mik. 4:4) Yeroon sun, yommuu Waaqayyo gooftaan maccaa sabasaa ‘gidduu itti buufatuufi Yerusaalem keessaa bishaan jireenyaa itti burqudha.’ Jechoonni Zakaariyaasirratti “guyyaa sanatti” jedhaman kun “waaqa haaraafi lafa haaraa” karaa abdii Mootummichaa kenname kan argisiisudha.—Zak. 2:11; 14:8; Mul. 21:1-3; 22:1.

27 Yihowaan: “Warri gaafa wanta xinnoo argan tuffatan, [eenyu, NW]?” jechuudhaan gaafateera. Badhaadhummaan kun guutummaa biyya lafaa kan waliin ga’udha: “Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” “Guyyaa sanatti bilbila fardeenii irratti, Waaqayyoof kan qulqullaa’ee dha jedhamee in caafama.” Raajiiwwan kun, maqaan Yihowaa karaa Sanyii Mootummichaa akka qulqullaa’u waan ibsaniif, raajii kana akka gaariitti qorachuun keenya faayidaa hedduu nuuf argamsiisa.—Zak. 4:10; 8:22, 23; 14:20.

[Miiljaleewwan]

a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 2, ful. 531, 1136.

b Insaayikilooppeediyaa Juudaayikaa, 1973, Jildii 4, tartiiba 828; Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 1080-1081.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi