LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi07 ful. 31-32
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 39—Miilkiyaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 39—Miilkiyaas
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
bsi07 ful. 31-32

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 39​—Miilkiyaas

Barreessaan: Miilkiyaas

Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 443 Booda

MIILKIYAAS eenyu? Waa’ee dhalootasaas ta’e seenaasaa wanti ibsame homtuu hin jiru. Ta’us, raajiisaarraa hubachuun akka danda’amutti nama Waaqayyoo akka ta’e, maqaafi waaqeffannaa Yihowaa kabachiisuurratti hinaaffaa kan qabu, akkasumas jireenyi namoota akkasumaan Waaqayyoon tajaajilla jechaa of tajaajilanii baay’ee kan isa aarsu ture. Akka Macaafa Qulqulluu isa duriitti, maqaan Yihowaa raajiiwwan inni boqonnaa arfanirratti dubbate keessatti al 48 caqasameera.

2 Maqaansaa afaan Ibrootaatiin Maalaakaayi kan jedhamu yommuu ta’u, hiiknisaas “Ergamaakoo” jechuu utuu hin ta’in hin oolu. Caaffanni Qulqullaa’aan afaan Ibrootaa, Saptuujantiin, macaafonni garabiraan macaafota kana tartiiba isaan ittiin barreeffamaniin kaa’an, Macaafa Miilkiyaas dhuma raajota xixinnoo 12⁠nii kaa’u. Odeeffannoon Mana Sagadaa isa Guddaa keessatti argamu akka ibsutti, Miilkiyaas, raajota Haageefi Zakaariyaas jedhaman booda, jechuunis raajii bara Nahimiiyaatti jiraatedha.

3 Raajiin kun kan barreeffame yoom ture? Bara biyyattiin bulchaa tokkotti bulaa turte yommuu ta’u, kunis Yihudaan waggaa 70f erga ontee booda yeroo Yerusaalem deebistee haaromfamtetti ture. (Mil. 1:8) Haata’u malee bara bulchaa isa kamittidha? Tajaajilli mana qulqullummaa keessatti raawwatamu ibsamullee, ijaarsa mana qulqullummaa wajjin wal qabatee wanti ibsame waan hin jirreef, Macaafni Miilkiyaas kan barreeffame bara Bulchaa Biyyaa, jechuunis Zarubaabel booda ta’uu qaba; sababiinsaas ijaarsi mana qulqullummaa kan xumurame bara bulchiinsa Zarubaabelitti waan tureefidha. Caaffata Qulqullaa’aa keessatti bulchaa garabiraan bara sanatti ibsame Nahimiiyaa qofadha. Raajiin kun bara Nahimiiyaa wajjin wal simaa? Macaafa Miilkiyaas keessatti waa’een Yerusaalemis ta’e, dallaanshee deebi’ee ijaaramuusaa wanti ibsame kan hin jirre ta’uunsaa, raajiin kun kan barreeffame jalqaba bulchiinsa Nahimiiyaatti akka ta’e argisiisa. Ta’us, Miilkiyaas amala gadhee luboonni argisiisan bal’inaan barreesseera; kunimmoo yommuu Nahimiiyaan bulchiinsa Artashaastaa waggaa 32⁠ffaatti gara Baabilon dhaqeefi yeroo lammaffaadhaaf gara Yerusaalemitti deebi’etti haala turee wajjin akka wal fakkaatu kan argisiisu waan ta’eef, macaafni kun Dh.K.D. bara 443⁠tti akka barreeffame argisiisa. (Mil. 2:1; Nah. 13:6) Yaanni wal fakkaataan Macaafa Miilkiyaasiifi Nahimiiyaa keessatti argamus, raajiin kun yeroo kanatti akka barreeffame argisiisa.—Mil. 2:4-8, 11, 12—Nah. 13:11, 15, 23-26; Mil. 3:8-10—Nah. 13:10-12.

4 Macaafni Miilkiyaas sirrii ta’uusaa ilaalchisee Yihudoota biratti gaaffiin ka’ee hin beeku. Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikii keessatti caqasoonni Macaafa Miilkiyaasirraa fudhataman kan argaman yommuu ta’u, isaan kana keessaas yaadawwan raajiiwwan kun akka raawwataman argisiisan baay’ee arganna.—Mil. 1:2, 3—Rom. 9:13; Mil. 3:1—Mat. 11:10 fi Luq. 1:76⁠fi Luq. 7:27; Mil. 4:5, 6—Mat. 11:14⁠fi Mat 17:10-13, Mar. 9:11-13⁠fi Luq. 1:17.

5 Macaafni Miilkiyaas yommuu manni qulqullummaa deebi’ee ijaaramu sabichi hinaaffaafi miira ho’aadhaan akka hojjetan Haageefi Zakaariyaas isaan kakaasanii kan turan ta’anillee, yeroo kanatti hinaaffaan Israa’eloonni waaqeffannaadhaaf qaban akka qabbanaa’ee ture argisiisa. Luboonni dantaa kan hin qabne, kan kooraniifi kan of tuulan ta’anii turan. Tajaajilli mana qulqullummaa akka qoosaatti kan ilaalamu ta’ee ture. Waaqayyo saba Israa’eliif dantaa hin qabu jedhanii yaaduudhaan kudhan keessaa tokko kennuuniifi aarsaa dhiheessuun hafee ture. Abdiin sabichi Zarubaabelirra kaa’atee tures utuu hin dhugoomin hafeera; Masiihiin inni namoonni tokko tokko hin dhufa jedhanii eegaa turanis utuu hin dhufin hafeera. Yihudoonni karaa hafuuraa baay’ee dadhabanii turan. Wanti jajjabinaafi abdii argachuuf gargaaru eessaa argama? Sabichi karaa hafuuraa haala akkamiirratti akka argamu akka hubatuufi daandii qajeelummaatti akka deebi’u gochuu kan danda’amu akkamitti? Raajiin Miilkiyaas gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

6 Akkaataan barreeffama Macaafa Miilkiyaas kallattiidhaan kan barreeffameefi cimaadha. Jalqabarratti dhimmasaa erga kaasee booda, mormii namoonni ergaan kun isaaniif barreeffame kaasaniif deebii kenna. Dhumarrattis, yaada jalqabarratti kaase irra deebi’ee dubbata. Kunis yaada kaase jabeessuufi caalaatti ifaa gochuuf isa gargaareera. Karaa yaada namaa ofitti harkisuun barreessuu mannaa, yaadasaa karaa jabina qabuufi amansiisaa ta’een dhiheesseera.

FAAYIDAASAA

13 Macaafni Miilkiyaas seerawwan bu’uuraa Yihowaa warra hin gegeddaramne, araarasaafi jaalalasaa akka hubannu nu gargaara. Jalqabarratti jaalala guddaa Yihowaan sabasaatiif, jechuunis ‘Yaaqoobiif’ qabu ibsa. Ilmaan Yaaqoobiin: “Ani Waaqayyo waanan ta’eef, hin geddaramu” jedheera. Hammeenyisaanii gar-malee kan baay’ate ta’ullee, garasaatti yoo deebi’an innis garasaaniitti deebi’uuf qophaa’aa akka ta’e isaanitti himee ture. Dhugumayyuu Waaqa oo’a qabeessadha! (Mil. 1:2; 3:6, 7; Rom. 11:28; Bau. 34:6, 7) Yihowaan karaa Miilkiyaas, lubni tokko “beekumsa isa dhugaa in eega” jechuudhaan dubbateera. Namoonni Dubbii Waaqayyoo akka barsiisaniif itti gaafatamummaan isaanitti kenname hundi, xuqaa kana qalbeeffachuufi beekumsa isa dhugaa dabarsuu qabu. (Mil. 2:7; Filp. 1:9-11; Yaaqoob 3:1 wajjin wal bira qabii ilaali.) Yihowaan namoonni of hin argineen, “Warri wanta hamaa hojjetan hundinuu fuula Waaqayyoo duratti gaarii dha” jedhan callisee hin ilaalu. Eenyuyyuu, Mootii guddaa kanaaf fakkeessee aarsaa dhiheessuudhaan Yihowaa gowwoomsuu nan danda’a jedhee yaaduu hin qabu. (Mil. 2:17; 1:14; Qol. 3:23, 24) Yihowaan namoota seerawwansaa warra qajeelummaarratti hundaa’aniifi seerawwan bu’uuraasaa cabsan hundaarratti dafee dhugaa waan ba’uuf, eenyuyyuu cubbuu hojjedhee utuu hin adabamin nan miliqa jedhee yaaduu hin danda’u. Yihowaan isaanitti farada. (Mil. 3:5; Ibr. 10:30, 31) Namoonni qajeeloon, Yihowaan wanta isaan raawwatan akka hin irraanfanneefi akka isaan kiisu guutummaatti amanuu danda’u. Akkuma Yesus godhe isaanis Seera Museetiif xiyyeeffannaa kennuu qabu; seerichi wantoota Yesusirratti raawwii argatan baay’ee qabateera.—Mil. 3:16; 4:4; Luq. 24:44, 45.

14 Macaafni Miilkiyaas, Caaffata Qulqullaa’aa afaan Ibrootaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman keessaa isa dhumaa waan ta’eef, wantoota dhufaatii Masiihichaa wajjin walitti dhufeenya qaban dursee ibseera. Waggoota dhibba afur boodammoo dhufaatiin Masiihichaa Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikiitiin barreeffamaniif sababii ta’eera. Miilkiyaas 3:1⁠rratti akka galmeeffamee jirutti, Waaqayyoo gooftaan maccaa: “Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga” jedheera. Zakaariyaas inni dulloomee ture, jechoonni kun ilmasaarratti, jechuunis Yohannis Cuuphaarratti raawwiisaanii akka argatan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbateera. (Luq. 1:76) Yesusis yaada armaan gaditti argamu yommuu dubbate yaanni kun sirrii ta’uusaa mirkaneesseera: “Nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala.” Akkuma Miilkiyaas dursee dubbate, Yohannis kan ergame ‘karaa qopheessuuf’ waan ta’eef, namoota yeroo booda Yesusii wajjin kakuu Mootummaatti galan keessaa tokko hin turre.—Mat. 11:7-12; Luq. 7:27, 28; 22:28-30.

15 Kana malees, Yihowaan Miilkiyaas 4:5, 6⁠rratti: “Ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga” jedhee waadaa galeera. “Eliyaas” eenyu? Yesusis ta’e ergamaan Zakaariyaasitti mul’ate waa’ee Yohannis Cuuphaa yommuu dubbatan maqaa kanaan kan gargaaraman yommuu ta’u, ‘waan hundumaa iddootti kan deebisuufi’ ‘saba isaa gooftaa isaaniitiif [Masiihicha simachuuf] kan qophaa’an akka ta’an kan godhu’ isa akka ta’e ibsaniiru. Miilkiyaas, “guyyaan [Yihowaa] inni guddaanii fi inni sodaachisaan” utuu hin dhufin dura “Eliyaas” raajichi akka dhufu waan dubbateef, raajiin kun guyyaa firdiittis raawwii dabalataa argata.—Mat. 17:11; Luq. 1:17; Mat. 11:14; Mar. 9:12.

16 Waaqayyo gooftaa maccaa guyyaa sana ilaalchisee akkas jedha: “Maqaan koo ba’a-biiftuutii saba biyya lafaa gidduutti guddaa in ta’a. . . . Ani mootii guddaa waanan ta’eef, maqaan koo saba lafa irraa keessatti sodaatamaa in ta’a.” Dhugumayyuu, sodaatamaadha! ‘Guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufa; yommus warri koortuuniifi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in ta’u.’ Namoota maqaa Waaqayyoo sodaataniif garuu, “aduun qajeelummaa inni qarri isaa fayyina of keessaa qabu isiniif in ba’a” waan jedhamaniif isaan ni gammadu. Kun yeroo gammachiisaa ilmaan namootaa ajajamoo ta’an hundaaf karaa hafuuraa, karaa miiraa, karaa sammuufi karaa qaamaa guutummaatti fayyina kan argamsiisudha. (Mul. 21:3, 4) Miilkiyaas yeroo ulfina qabeessaafi eebbifamaa kana ilaalchisee yommuu dubbatu aarsaa gara mana Yihowaatti finnu hundaa garaa keenya guutuudhaan akka dhiheessinu akkas jechuudhaan nu jajjabeesseera: “Ani immoo ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhaabaadheef qoraa ana ilaalaa!”—Mil. 1:11, 14; 4:1, 2; 3:10.

17 Macaafni xumura raajotaarratti argamu kun, ‘lafti abaarsaan rukutamtee akka balleeffamtu’ akeekkachiisa kan kennu ta’us, macaafni raajii kun ilaalcha sirrii akka qabaannuufi kakuu Yihowaan sabasaatiif galetti akka gammannu akkas jechuudhaan nu jajjabeessa: “Isin biyya nama gammachiisu keessa waan jiraattaniif sabni warri kaan hundinuu, ‘Isin warra eebbifamoo dha’ isiniin in jedhu.”—4:6; 3:12.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi