LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-1 ful. 6-8
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 41—Maarqos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 41—Maarqos
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
bsi08-1 ful. 6-8

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 41​—Maarqos

Barreessaan: Maarqos

Bakki Itti Barreeffame: Roomaa

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 60–65

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.B 29–33

YEROO Yesus Getesemaaneetti qabameefi bartoonnisaa isa dhiisanii baqatan, “dargaggeessi tokko wayyaa quncee talbaa tokko duwwaa dhagna isaatti olbatee” Yesus duukaa dhaqe. Yommuu tuutni sun isas qabuuf ka’an, “inni immoo wayyaa sana harkatti dhiisee, qullaa isaa fiigee harkaa ba’e.” Namichi kun Maarqos akka ta’e ni amanama. Inni Hojii Ergamootaarratti “Yohannis isa Maarqos jedhamu” akka ta’e ibsameera.” Namni kun maatii manaafi hojjettoota qabu keessaa waan dhufeef, maatii sooressa Yerusaalemitti argamu keessatti kan dhalate ta’uu danda’a. Haatisaa Maariyaamis Kiristiyaana kan turte yommuu ta’u, gumiin bara durii ture manashee walga’iidhaaf itti fayyadameera. Ergamaan tokko yommuu Phexrosiin mana hidhaatii hiiksise, Phexros gara mana kanaa dhaqee obboloonni achitti walitti qabamanii argate.—Mar. 14:51, 52; HoE. 12:12, 13.

2 Baarnaabaas inni hojii misiyonummaarratti hirmaachaa ture, sanyii Lewwii Qophrositti dhalate durbii Maarqos ture. (HoE. 4:36; Qol. 4:10) Namoota beela yeroo sanatti uumameen miidhamaniif gargaarsa kennuuf Baarnaabaas Phaawulosii wajjin yommuu gara Yerusaalem dhaqe, Maarqos Phaawulosii wajjin wal bare. Maarqos gumii wajjiniifi daawwattoota hinaaffaa qabanii wajjin yeroo gaariin inni dabarse kun, tajaajila misiyonummaarratti hirmaachuuf fedhii akka isatti uume homaa hin shakkisiisu. Tajaajilaa Phaawulosiifi Baarnaabaas ta’uudhaan hojii misiyoonummaasaanii isa jalqabaatti isaanii wajjin kan deeme kanaafi. Haata’u malee, Maarqos sababii hin beekamneen kutaa biyya Phamfiliyaa keessaa mandara Phergeetti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebi’e. (HoE. 11:29, 30; 12:25; 13:5, 13) Sababii kanaan kan ka’e, Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa isa lammaffaatti Maarqosiin fudhachuu kan dhiise yommuu ta’u, kunimmoo Phaawulosiifi Baarnaabaas gidduutti wal dhabiinsa uume. Phaawulos Siilaasiin kan fudhate yommuu ta’u, Baarnaabaasimmoo durbiisaa Maarqosiin fudhatee markabaan gara Qophros dhaqe.—HoE. 15:36-41.

3 Maarqos tajaajilarratti Baarnaabaas qofa utuu hin ta’in yeroo booda Phexrosiifi Phaawulosiifis gargaarsa guddaa godheera. Phaawulos (Dh.K.B. naannoo bara 60-61) yommuu jalqaba Roomaatti hidhame Maarqos isaa wajjin ture. (Film. 1, 24) Achiis Dh.K.B. bara 62fi 64 gidduuttimmoo Maarqos biyya Baabilonitti Phexrosii wajjin ture. (1 Phe. 5:13) Phaawulos yeroo lammaffaatiif tarii Dh.K.B. bara 65 Roomaatti yeroo hidhamee turetti, Ximotewosiif “inni anaaf ergamuudhaan waa’ee anaaf in baasa” jedhee barreessuudhaan, Maarqosiin fuudhee akka dhaqu isa gaafateera. (2 Xim. 1:8; 4:11) Seenaan kun Macaafa Qulqulluu keessatti iddoo waa’een Maarqos itti caqasame keessaa isa dhumaatti.

4 Wangeela wangeelota warra kaanirra seenaa gabaabaa qabate kana kan barreesse Maarqosidha. Maarqos hidhata ergamoota Yesus yommuu ta’u, hojii misiraachoo kana babal’isuutiifis kan of kenne ture. Haata’u malee Maarqos ergamoota 12n keessaa tokko hin turre, hidhata Yesusis hin turre. Maarqos seenaa waa’ee tajaajila Yesus jalqabaa hanga dhumaatti dubbatu eessaa argatee barreessuu danda’e? Barreessitoonni seenaa bara durii Paappiiyas, Oriiganiifi Tartuuliyaan jedhaman Maarqos seenaa kana kan argate hiriyaasaa kan ture Phexrosirraa akka ta’e ibsaniiru.a Phexros ‘ilmakoo’ isaan jedhee ture mitii? (1 Phe. 5:13) Phexros wanta Maarqos barreesse hunda ijaan argee waan tureef, Maarqos ibsa Wangeelota kaanirratti hin argamne Phexrosirraa baratee ture. Fakkeenyaaf, Maarqos waa’ee “hojjetoota” Zabdewos, nama dhagni isaa lamxaa’ee gara Yesus dhufee “jilbeenfatee” kadhatee, namni hafuurri hamaan keessa ture tokko ‘dhagaadhaan of rukutuusaa,’ akkasumas Yesus Gaara Ejersaa gara mana qulqullummaatti garagalee utuu jiruu “ilmi namaa humna guddaadhaan ulfinaanis” akka dhufu raajii dubbachuusaa barreesseera.—Mar. 1:20, 40; 5:5; 13:3, 26.

5 Phexros nama dafee miirrisaa tuqamu waan tureef miirawwan Yesus hubachuufi Maarqositti himuu danda’eera. Maarqosis wanta Yesusitti dhaga’ameefi tarkaanfii inni fudhate irra deddeebi’ee barreessuu danda’eera. Fakkeenyaaf, ‘aaree warra naanna’aa isaa jiran ilaale gadduusaafi’ ‘garaasaatti gadduusaa,’ ibseera. (3:5; 7:34; 8:12) Yesus dargaggeessa sooressa sana akka “jaallate” dubbachuudhaan miira Yesus kan nuu ibse Maarqosidha. (10:21) Seenaan kun, Yesus mucaa xinnoo fudhatee duuka buutotasaa dura dhaabuusaa qofa utuu hin ta’in, “ofitti qabee ammatee” akka ture, yeroo garabiraattimmoo ‘mucoolii ammatee’ akka ture ibsuunsaa miira ho’aa inni qabu nu hubachiisa.—9:36; 10:13-16.

6 Amalli Phexros qabu tokko tokko wanta Maarqos barreesserratti mul’ataniiru, isaanis jarjara, si’aa’ina, jabina, dammaqinaafi ifaan dubbachuudha. Seenaawwan raawwataman dafee galmeessuu kan danda’u fakkaata. Fakkeenyaaf jechi “yeruma sana” jedhu irra deddeebi’ee kan ibsame yommuu ta’u, kunis seenaa kana haala diraamaa fakkaatuun kan qabate fakkaata.

7 Maarqos Wangeela Maatewos argachuu kan danda’uufi yaanni Wangeelota kaan keessa utuu hin jiraatin Wangeelasaa keessa qofa jiru dhibbeentaa 7 qofa ta’us, Maarqos ergaa Wangeela Maatewosirratti argamu erga garagalchee booda yaadawwan adda ta’an tokko tokko qofa itti dabale jedhanii amanuun dogoggoradha. Maatewos Yesus Masiihiifi Mootii abdachiifame ta’uusaa kan ibse yommuu ta’u, Maarqosimmoo jireenyaafi hojii Yesus karaa adda ta’een ibsa. Yesus Ilma Waaqayyoo isa dinqii hojjetu akkasumas Fayyisaa injifataa ta’uusaa ibseera. Maarqos, lallabaafi barumsa Kiristosirratti utuu hin ta’in hojiiwwansaarratti xiyyeeffateera. Fakkeenyawwan Yesus dubbate keessaa muraasnisaanii, haasawaa dhedheeraa inni kenne keessaammoo tokko qofti kan galmeeffaman yommuu ta’u, Lallabnisaa Inni Gaararraa keessaa ba’eera. Wanti Wangeelli Maarqos ibse wanta Wangeelota kaanirra jiranii wajjin qixxee ta’uyyuu gabaabaa kan ta’e kanaafidha. Yoo xinnaate dinqiiwwan 19 achi keessatti maqaadhaan ibsamaniiru.

8 Maatewos Wangeelasaa Yihudootaaf kan barreesse yommuu ta’u, Maarqos garuu jalqaba warra Roomaatiif akka barreesse ragaawwan jiranirraa hubachuun ni danda’ama. Kun ta’uusaa akkamitti beekuu dandeenya? Seerri Musee kan ibsame yeroo waa’eensaa caqasame qofatti yommuu ta’u, macaafa kana keessatti hiddi dhalootaa Yesus hin ibsamne. Wangeelli Kiristos addunyaa maraaf barbaachisaa akka ta’e ibsameera. Maarqos, duudhaafi barumsa Yihudootaarratti ibsa bal’aa kan kenne yommuu ta’u, warri Yihudoota hin taane seenaa kana yeroo dubbisan haaraa akka isaanitti ta’u beekamaadha. (2:18; 7:3, 4; 14:12; 15:42) Jechoonni afaan Aramaayikii tokko tokkos hiikamaniiru. (3:17; 5:41; 7:11, 34; 14:36; 15:22, 34) Maarqos maqaa naannoowwan Phalestiinaafi mukeenirratti ibsa kenneera. (1:5, 13; 11:13; 13:3) Gatiin saantima Yihudootaa qarshii warra Roomaatti meeqa akka ta’u ibsameera. (12:42, miiljalee Hiika Addunyaa Haaraa) Maarqos barreessitoota Wangeelaa warra kaan caalaa jechoota Laatiniitiin fayyadameera. Fakkeenyaaf jechoonni ispeekuleetar (eegduu), priitooriyam (mana mootummaa) fi seentuuriyoo (angafa dhibbaa) jedhan keessatti argamu.—6:27; 15:16, 39.

9 Maarqos ergaasaa kallattiidhaan kan barreesse warra Roomaatiif waan ta’eef, kan barreesses Roomaa keessatti ta’uu qaba. Aadaa bara duriirraas ta’e qabiyyee kitaabichaarraa hubachuun akka danda’amutti, kitaabichi kan qindeeffame yeroo Phaawulos hidhamee ture isa jalqabaatti ykn isa lammaffaatti jechuunis Dh.K.B. naannoo bara 60-65⁠tti ture jechuu dandeenya. Waggoota kanatti Maarqos yoo xinnaate al tokko tariimmoo al lama biyya Roomaa dhaqee achi tureera. Hayyoonni beekamoon jaarraa lammaffaafi sadaffaatti turan, barreessaan kitaaba kanaa Maarqos ta’uusaa mirkaneessu. Walakkaa jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni Wangeelicha walirraa fuudhanii dubbisuu jalqabanii turan. Wangeelli Maarqos tarree Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii bara durii hundumaa keessatti kan argamu ta’uunsaa Wangeelichi sirrii akka ta’e mirkaneessa.

10 Ta’uyyuu, xumurri dheeraafi gabaabaan yeroo tokko tokko boqonnaa 16, Lakkoofsa 8 booda dabalaman sirrii akka ta’anitti fudhatamuu hin qaban. Barreeffamoota durii hedduu keessatti fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu Saayinaayitiikiifi Vaatikaan Lak. 1209 keessatti yaanni kun hin argamu. Hayyoota jaarraa arfaffaa kan turan Yusiibiyasiifi Jeroom, Wangeelli kun jechoota, “waan sodaataniifis nama tokkotti iyyuu waa hin himne” jedhaniin akka xumuramu irratti walii galu. Xumurri isa booda jiru tarii Wangeelichi dafee waan xumurameef kan itti dabalame ta’uu danda’a.

11 Barreeffamni Maarqos sirrii ta’uusaa kan argisiisu inni kaanimmoo, Wangeellisaa Wangeelota kaanii wajjin qofa utuu hin ta’in, Caaffata Qulqullaa’oo Uumamaa hanga Mul’ataatti jiranii wajjin guutummaatti kan wal simu ta’uusaati. Kana malees, Yesus wanta dubbatuun qofa utuu hin ta’in, humnoota uumamaarratti, Seexanaafi hafuurota xuraa’oorratti, dhukkubaafi dhibeerratti, du’arrattillee aangoo akka qabu irra deddeebi’amee ibsameera. Maarqos, seenaasaa seensa gaarii, “kun jalqaba wangeela Yesus Kiristos ilma Waaqayyoo ti” jedhuun jalqabe. Dhufnisaafi tajaajillisaa “misraachoo” waan ta’eef, Wangeela Maarqos qayyabachuun namoota macaafa kana dubbisan hundaaf faayidaa argamsiisa. Seenaan Maarqos barreesse, ji’oota birraa Dh.K.B. bara 29 hanga birraa Dh.K.B. bara 33⁠tti kan raawwatamedha.

FAAYIDAASAA

31 Bara durii kaasee hamma ammaatti namoonni gabaasa Maarqos dubbisan hundi, yaada ifaa waa’ee Yesus Kiristos barreeffame kanaan, raajiiwwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti waa’ee Masiihichaa dubbatan hedduun raawwatamuusaanii hubataniiru. Caqasa “Ilaa, ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga!” jedhuu kaasee hanga jechoota dhiphinaa Yesus, “Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuudhaan fannifamee utuu jiruu dubbatetti, wanti Maarqos tajaajila Yesus isa hinaaffaadhaan guutame ilaalchisee barreesse, raajii Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa dubbatanii wajjin kan wal simudha. (Mar. 1:2; 15:34; Mil. 3:1; Far. 22:1) Kana malees, dinqiiwwan Yesus hojjeteefi hojiiwwan inni raawwate, barumsisaa inni sirriin, soba warra kaanii saaxiluunsaa, barumsisaa Dubbii Yihowaafi hafuurasaarratti kan hundaa’e ta’uunsaa, akkasumas tiksee hoolotasaa gara laafinaan tiksu ta’uunsaa hundi, inni Ilma Waaqayyoo Isa humnaan dhufe ta’uusaa argisiisa. Aboo Yihowaarraa argateen “akka nama aboo qabuutti isaan in barsiisa ture”, ‘wangeela Waaqayyoo lallabuurratti’ xiyyeeffatee, jechuunis ‘mootummaan Waaqayyoo dhihaachuusaa’ dubbachuun hojiisaa isa guddaa lafarratti raawwachuu qabu akka ta’e ibseera. Barumsisaa namoota hojiirra oolchan hundaaf bu’aa hammana hin jedhamne argamsiiseera.—Mar. 1:22, 14, 15.

32 Yesus bartootasaatiin, “Dhoksaan mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera” jedhee ture. Maarqos jecha ‘mootummaa Waaqayyoo’ jedhu si’a 14 kan fayyadame yommuu ta’u, seerawwan bu’uuraa hedduu namoota karaa Mootummichaa jireenya argataniif ta’an kenneera. Yesus, “Namni anaa fi wangeelaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in oolfata” jedheera. Wanta jireenya akka hin arganne gufuu nutti ta’u ofirraa fageessuu akka qabnu akkas jechuudhaan ibseera: “Ija lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee mootummaa Waaqayyootti galuu siif wayya.” Itti dabalees Yesus, akkas jechuudhaan dubbateera: “Eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu,” “Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha!” Namni abboommiiwwan gurguddaa lamaan eeguun qalma gubamuufi aarsaarra akka caalu hubate, ‘mootummaa Waaqayyoorraa fagoo akka hin taane’ dubbateera. Barumsi Mootummichaa Wangeela Maarqos keessatti argamu kuniifi kaan, gorsa gaarii jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu dandeenyu hedduu qabateera.—4:11; 8:35; 9:43-48; 10:13-15, 23-25; 12:28-34.

33 Misiraachoon “Maarqos” barreesse, guutummaansaa sa’aatii tokko ykn lamatti dubbifamuu kan danda’u yommuu ta’u, tajaajila Yesus ilaalchisee yeroo gabaabaa keessatti yaada irra deebii gammachiisaafi jabaa ta’e akka argannu godha. Wangeela geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana takkaatti dubbisuun, gadi fageenyaan qayyabachuufi irratti xiinxaluun faayidaa akka qabu mirkanaa’eera. Yeroo ammaatti Kiristiyaanonni dhugaa ‘yeroo sodaachisaa’ keessa waan jiraniif, qajeelfamni galmee waa’ee Fakkeenya keenya Yesus Kiristos dubbatu kana keessatti argamu isaan barbaachisa. Kanaan kan ka’es Wangeelli Maarqos akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa fayyadee ture, Kiristiyaanota yeroo har’aatti ari’atamni irra ga’us ni fayyada. Macaaficha dubbisi, gochawwan raawwataman yaadaan ilaaluuf yaali, achiis Yesus isa amantii keenya fiixaan baasu duukaa bu’uuf akka si jabeessu gochuudhaan, akkasaa gammachuu guddaa qabaadhu. (2 Xim. 3:1; Ibr. 12:2) Eeyyee, nama hojii akka ta’etti isa ilaali, hinaaffaa akkasaatiin guutami, amanamummaafi ija jabina yeroo mormiin irra ga’etti argisiise hordofi. Kutaa Caaffata Qulqullaa’oo waan baay’ee qabate kanarraa jajjabina argadhu. Adeemsa jireenya barabaraa argachuuf gootuun akka si gargaaru godhi!

[Miiljalee]

a Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 337. (Ingiliffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi