Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 42—Luqaas
Barreessaan: Luqaas
Bakki Itti Barreeffame: Qiisaariyaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 56–58
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 3–Dh.K.B. 33
WANGEELLI Luqaas kan barreeffame, nama dandeettii guddaafi garaa gaarii qabuunidha. Amalawwan gaarii kana qabaachuunsaa, geggeessaa hafuura Waaqayyoo wajjin dabalamee, seenaa sirrii ta’eefi miira jaalalaatiin guutame akka barreessu isa godheera. Lakkoofsota jalqabaarratti akkas jedheera: “Anis immoo dubbii kana jalqaba isaatii jalqabee, keessa lixee qoraa waanan tureef, tarreetti galchee siif caafuun gaarii fakkaatee anatti mul’ate.” Jechasaa wajjin haala wal simuun of eeggannoofi gad fageenyaan dhimmoota kana barreesseera.—Luq. 1:3.
2 Seenaa kana keessatti maqaan Luqaas kan hin caqasamne ta’us, hayyoonni Macaafa Qulqulluu bara durii barreessaansaa isa akka ta’e irratti walii galaniiru. Barreeffamni Muraatooriyaan Firaagmant jedhamu (Dh.K.B. naannoo bara 170) Wangeela kana kan barreesse Luqaas ta’uusaa kan ibsu yeroo ta’u, kunis barreessitoota jaarraa lammaffaa akka Iraaniyasiifi Kileemant isa Aleeksaandiraa biratti fudhatama argateera. Ragaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamus barreessaan Wangeela kanaa Luqaas akka ta’e argisiisa. Phaawulos Qolosaayis 4:14rratti “Luqaas ogeessi qorichaa inni jaallatamaan” jechuudhaan waa’ee Luqaas dubbateera. Akkaataan inni itti barreesses hayyuu akka doktooraa jirurraa kan eegamudha. Akkaataan jechoota itti filateefi baay’inni jechoota itti fayyadamee, jechoota barreessitoonni Wangeelaa sadan itti fayyadamanirra kan baay’atu ta’uunsaa, barumsa dabarsuu barbaade of eeggannoofi haala gaariidhaan ibsuuf isa dandeessiseera. Namoonni tokko tokko seenaa inni waa’ee mucaa qabeenya abbaasaa hiratee badee dubbate, seenaa gabaabaa seenaawwan kanaan dura barreeffaman hundarra caalu ta’uusaa dubbataniiru.
3 Luqaas jechoota yaalii fayyaa wajjin wal qabatan 300 ol kan fayyadame yommuu ta’u, barreessitoota Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii kaanirraa (jechoota akkasiitti fayyadamaniiru yoo ta’e) haala adda ta’eenis hiikasaanii kaa’eera.a Fakkeenyaaf, Luqaas waa’ee lamxii ennaa dubbatu, akka warra kaaniitti jecha tokko qofaatti hin fayyadamne. Isaaniif lamxii jechuun lamxiidhuma; ogeessa fayyaa kanaaf garuu akkuma inni waa’ee ‘namicha dhagnisaa guutuun lamxaa’e’ tokkoo dubbate, dhukkubni kun sadarkaa addaddaa qaba. Alaazaar ‘guutummaatti madaa’ee’ akka tures dubbateera. Luqaasiin alatti barreessaan Wangeelaa, amaatiin Simoon dhukkuba “dhagna-gubaa jabaadhaan” qabamuushee dubbate hin jiru. (Luq. 5:12; 16:20; 4:38) Barreessitoonni Wangeelaa sadan warri kaan Phexros gurra garbicha angafa lubootaa akka kute dubbataniyyuu, Yesus isa fayyisuusaa kan ibse garuu Luqaas qofadha. (Luq. 22:51) Luqaas, “Dubartiin hafuura hamaadhaan qabamtee, waggaa kudha saddeet dhukkubsatte tokko achi turte; isheen goophoftee ol qajeeluu hin dandeenye” jedhee waa’ee dubartii tokkoo dubbachuunsaa doktoora ta’uusaa argisiisa. Namicha Samaariyaa nama tokkoof ‘madaasaa dibataan mucuceessee, daadhii wayiniis itti naqee hidhuudhaan’ gargaarsa godhe ilaalchisee ibsa gad fageenya qabu kan kenne ‘Luqaas ogeessa qorichaa isa jaallatamaa’ qofadha.—Luq. 13:11; 10:34.
4 Luqaas Wangeelasaa kan barreesse yoomi? Hojiin Ergamootaa 1:1 barreessaan Hojii Ergamootaa, (jechuunis Luqaas) sana dura ‘macaafasaa isa jalqabaa’ jechuunis Wangeelicha akka barreesse ibsa. Hojiin Ergamootaa barreeffamee kan dhume, Dh.K.B. bara 61tti, yeroo Luqaas Phaawulos ol iyyannoosaa Mootii warra Roomaatti dhageessifatee deebii eeggachaa turee wajjin Roomaa keessa turetti fakkaata. Kanaafuu Luqaas Wangeela kana kan galmeesse, Qiisaariyaa keessatti Dh.K.B. bara 56-58tti, jechuunis xumura adeemsa misiyoonummaa Phaawulos isa sadaffaatti ta’uu danda’a. Kunis, Luqaas Phaawulosii wajjin Filiphisiiyusii erga deebi’ee booda, yeroo Phaawulos deebii ol iyyannoosaa dhaga’uuf gara Roomaatti geeffamuusaa dura Qiisaariyaatti mana hidhaa keessa waggaa lama turettidha. Luqaas Phalestiinaa keessa waan tureef, yeroo sanatti jireenyaafi tajaajila Yesus ‘jalqabasaatii jalqabee, keessa lixee qoruuf’ haallisaa isaaf mijaa’aa ture. Kanaafuu, Wangeelli Luqaas Wangeela Maarqosiin dura kan barreeffame fakkaata.
5 Luqaas ergamoota 12an keessaa tokko waan hin taaneef, akkasumas tarii hamma du’a Yesus boodaatti amanee waan hin turreef, wanta barreesse hunda ijaan hin argine. Haata’u malee, hojii misiyoonummaarratti Phaawulosiif michuu dhihoo ta’ee hojjeteera. (2 Xim. 4:11; Film. 24) Kanaafuu, Irbaata Gooftaa ilaalchisee yaada Luqaas 22:19, 20fi 1 Qorontos 11:23-25 wal bira qabanii ilaaluudhaan, Luqaas yaada Phaawulosii wajjin wal fakkaatu akka qabu hubachuun ni danda’ama. Luqaas Wangeela Maatewosirraas yaada dabalataa argachuu danda’eera. Luqaas, dubbicha ‘keessa lixee qoruuf’ namoota wanta raawwatame ijaan argan, fakkeenyaaf ergamoota Yesus warra yeroosaatti turaniifi tariimmoo haadha Yesus kan taate Maariyaamiin dhuunfaatti gaafachuu danda’a ture. Ibsa amansiisaafi gad fageenya qabu walitti qabuuf waan danda’u hundumaa godheera.
6 Seenaa Wangeelota arfanii yoo qorre, barreessaan inni tokko wanta barreessaan inni kaan jedhe akkasumaan akka irra hin deebine ykn gabaasa Macaafa Qulqulluu baay’ee barbaachisaa ta’e kanaaf ragaawwan hedduu argachuuf qofa akka hin barreessine hubanna. Wangeela Luqaas keessaa walumaa galatti dhibbeentaan 59 Wangeelota kaanirraa adda kan ta’edha. Wangeellisaa harka sadi keessaa harki tokko seenaa yommuu ta’u, harki lamammoo wanta afaaniin dubbatamedha. Yoo xinnaate dinqiiwwan raawwataman ja’a, akkasumas fakkeenyawwan 12 ol ta’aniifi Wangeelota kaanirratti hin ibsamne caqaseera; Wangeelota arfan keessaa kan dheeratu kan isaati. Maatewos ergaasaa kan barreesse dura Yihudootaaf yommuu ta’u, Maarqosimmoo namoota Yihudoota hin taaneef, keessumaa warra Roomaatiif barreesse. Wangeelli Luqaas kan barreeffame nama “ulfaataa fi jaallatamaa Tewofilos” jedhamuuf yeroo ta’u, karaasaa Yihudootaafis ta’e warra Yihudoota hin taaneef akka ga’u ture. (Luq. 1:3, 4) Maatewos kan barreesse keessumaa Yihudootaaf waan ta’eef, dhaloota Yesus hanga Abrahaam qofaatti kan ibse yommuu ta’u, Luqaas garuu hidda dhalootaa Yesus gara duubaatti yeroo tarreessu hanga ‘Addaam, ilma Waaqayyootti’ ibsuudhaan Wangeellisaa namoota hundaaf akka ta’u godheera. Keessumaa Luqaas, Yesus “warra saba Waaqayyoo hin ta’initti akka mul’atu” akkasumas ‘namoonni hundinuu fayyisuu Waaqayyoo kan argan’ ta’uusaa ilaalchisee raajii Simi’oon dubbaterratti xiyyeeffateera.—Luq. 3:38; 2:29-32; 3:6.
7 Luqaas barreeffamasaa karaa qindoomina qabuufi sirrii ta’een galmeessuudhaan, seenessaa gaarii ta’uusaa argisiiseera. Wantoonni Luqaas barreesse amansiisaafi sirrii ta’uunsaanii, macaafnisaa dhugaa ta’uusaa mirkaneessa. Hayyuun seeraa tokko akkas jechuudhaan barreessee ture: “Kitaabonni asoosamaa jaalala ilaalchisee barreeffaman, afoolonniifi ragaawwan sobaa, wanta bakka ykn yeroo akkasiitti raawwatame jedhamee hin beekamne tokko tokkoon kan ibsanidha. Haata’u malee kun seera jalqabaa nuyi warri seera beeknu wanti namni tokko dubbatu ‘yeroosaafi bakkasaa kan ibsu ta’uu qaba’ jennee baasne kan cabsanidha. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman garuu, yeroo wantoonni sun itti raawwatamaniifi iddoosaa sirriitti nuu ibsu.”b Kana mirkaneessuufis Luqaas 3:1, 2 isa akkas jedhu caqaseera: “Xiberiyos mootichi mo’ee waggaa kudha shanaffaatti, Phonxos Philaaxos biyya Yihudaa bulche; Herodis immoo biyya Galiilaatti, Filiphos obboleessi isaa biyya Ixuriyaa fi Xraakonixisitti, Lisaaniyaasis biyya Abiliinyaatti abboota biyyaa turan. Haannaasii fi Qayyaafaan angafoota lubootaa turan; bara sanatti Yohannis ilmi Zakaariyaas lafa onaa keessa utuu jiruu, sagaleen Waaqayyoo isa bira ga’e.” Yeroo ykn iddoo ilaalchisee asirratti wanti ifa hin godhamne hin jiru; Luqaas abbootii taayitaa torba waan caqaseef jalqaba tajaajila Yohannisiifi Yesus beekuu dandeenya.
8 Luqaas wantoota yeroo Yesus itti dhalate beekuuf nu gargaaran lama yeroo ibsu, Luqaas 2:1, 2rratti akkas jedheera: “Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif, Awugusxos mooticha biraa abboommiin ba’e. Caafamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereenewos Sooriyaatti abbaa biyyaa turetti ta’e.” Kunis, yeroo Yoseefiifi Maariyaam caafamuuf gara Betlihem dhaqaniifi yeroo Yesus achitti dhalatedha.c Jecha nama Macaaficharratti akkas jechuudhaan yaada kennee wajjin walii galla: “Barreeffamni kun seenaa Luqaas yeroo hundumaa wanta sirrii ta’e barreessuuf godhe keessaa isa hundarra caalaa dhugaa ta’edha.”d Luqaas akkuma jedhe, waan hundumaa ‘jalqabasaatii jalqabee, keessa lixee qoruunsaa’ dhugaa ta’uusaa amanuu qabna.
9 Kana malees Luqaas, raajiiwwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti dubbataman Yesus Kiristosirratti akkamitti sirriitti akka raawwataman ibseera. Kana ilaalchisees ragaa Yesus dhiheesse caqaseera. (Luq. 24:27, 44) Kana malees, raajiiwwan Yesus wantoota gara fuulduraatti ta’an ilaalchisee dubbate sirriitti kan galmeesse yommuu ta’u, raajiiwwan kana keessaas baay’eensaanii akkuma gad fageenyaan ibsamanitti haala dinqisiisaa ta’een raawwatamaniiru. Fakkeenyaaf, akkuma Yesus dubbate Yerusaalem dallaadhaan naannoonshee ijaaramee waan marfamteef, Dh.K.B. bara 70tti guutummaatti balleeffamteetti. (Luq. 19:43, 44; 21:20-24; Mat. 24:2) Barreessaa seenaa kan ture Fileeviyas Joseefas, inni waraana Roomaa ijaan argee ture, magaalattiitti dallaa kiilomeetira 7.2 ta’u naannessanii ijaaruuf jecha, naannoo magaalattii keessaa muka dallichaaf ta’u murmuruudhaan lafa kiilomeetira 16 duwwaatti akka hambisan ibseera. Kanaan kan ka’es, dubartoonniifi ijoolleen hedduun waan nyaatan waan dhabaniif Yihudoonni 1,000,000 ol ta’an du’anii, 97,000 kan ta’animmoo boojuudhaan fudhatamuusaanii barreesseera. Siidaan Tiitoo amma har’aatti Roomaatti argamu, warri Roomaa Yerusaalemitti duulanii mi’a mana qulqullummaa keessa jiru saamuusaanii kan argisiisudha.e Raajiiwwan Luqaas geggeessaa hafuuraatiin galmeesse kaanis sirriitti akka raawwataman mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.
FAAYIDAASAA
30 Misiraachoon “Luqaas” barreesse, namni tokko Dubbii Waaqayyoorratti amantaa cimaa akka qabaatu, akkasumas amantaasaa jabeessuudhaan biyya lafaa kana akka mormu isa gargaara. Luqaas, Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa raawwiisaanii akka argatan mirkaneessuuf fakkeenya baay’ee kenneera. Yesus hojii isaaf kenname jechoota macaafa Isaayaas keessa jiranirraa kan caqase si’a ta’u, Luqaasimmoo hojii Yesus kana guutummaa macaafasaa keessatti irra deddeebi’ee kan ibse fakkaata. (Luq. 4:17-19; Isa. 61:1, 2) Kun caqasoota Yesus macaafa Raajotaarraa caqase keessaa tokko ture. Yeroo Diiyaabilos al sadii isa qore Seericharraa caqasuudhaan kan isa morme yommuu ta’u, akkasumas Faarfannaarraa caqasuudhaan diinotasaa, “Attamitti namoonni, ‘Kristos ilma Daawit’ jechuu danda’u?” jedhee gaafateera. Wangeelli Luqaas caqasoota Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa fudhataman baay’ee qabateera.—Luq. 4:4, 8, 12; 20:41-44; Kes. 8:3; 6:13, 16; Far. 110:1.
31 Akkuma Zakaariyaas 9:9rratti raajiidhaan dubbatamee ture, Yesus ilmoo harreerra taa’ee gara Yerusaalem yeroo dhaqu, namoonni hedduun caqasni Faarfannaa 118:26rra jiru isarratti akka raawwatamu gochuudhaan gammachuudhaan isa simataniiru. (Luq. 19:35-38) Yaada Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa du’a salphinaafi du’aa ka’uu Yesus ilaalchisee raajiidhaan dubbatan ja’a, Wangeelli Luqaas bakka tokkotti caqasuma lama qofaan ibseera. (Luq. 18:32, 33; Far. 22:7; Isa. 50:6; 53:5-7; Yon. 1:17) Dhumarratti Yesus erga du’aa ka’ee booda, Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa barbaachisaa ta’uusaanii bartootasaatti jabeessee hime. “Kana booddees Yesus, ‘Yommuun isinii wajjin ture waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo, isa kana’ isaaniin jedhe. Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.” (Luq. 24:44, 45) Akkuma bartoota Yesus Kiristos warra jalqabaa, nuyis Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa Luqaasis ta’e namoonni Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii barreessan warri kaan sirriitti ibsan yeroo raawwataman xiyyeeffannaadhaan hubachuudhaan, beekumsa argachuufi amantaa cimaa qabaachuu dandeenya.
32 Luqaas jalqabaa hanga xumura Wangeelasaatti dubbistoonnisaa Mootummaa Waaqayyoorratti akka xiyyeeffatan godha. Jalqaba kitaabichaa, bakka ergamaan tokko Maariyaamiin mucaan isheen deessu “Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jechuudhaan abdii kenneefii kaasee, hamma boqonnaa isa dhumaa Yesus ergamootasaa wajjin kakuu Mootummichaa itti galuusaa ibsuutti, Luqaas abdii Mootummichaa bal’inaan addeesseera. (1:33; 22:28, 29) Luqaas, Yesus lallaba Mootummichaarratti dursa fudhachuusaa akkasumas ergamootasaa 12fi achiis namoota 70 hojii kanaaf erguusaa ibseera. (4:43; 9:1, 2; 10:1, 8, 9) Yesus Mootummichatti galuuf yaada hin hiramne qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa akkas jechuudhaan jabeessee ibseera: “Warra du’an dhiisi, du’aa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqii, mootummaa Waaqayyoo iddoo hundumaatti lallabi!” akkasumas, “Eenyu illee hordaa harkaan qabatee gara booddee isaa ilaalaa hin qotu, akkasumas namni kana fakkaatu, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti hin ta’u.”—9:60, 62.
33 Luqaas waa’ee kadhannaa akka gaariitti ibseera. Wangeellisaa kanaan kan beekamedha. Yeroo Zakaariyaas mana qulqullummaa keessa turetti namoonni baay’een kadhannaa dhiheessaa akka turan, Yohannis Cuuphaan kadhannaa warrisaa mucaa argachuuf dhiheessaniin akka dhalate, akkasumas raajiin Haannaa jedhamtu halkaniifi guyyaa kadhannaa dhiheessaa akka turte dubbata. Kana malees macaafichi Yesus yeroo cuuphamu kadhannaa dhiheessuusaa, ergamootasaa kudha lamaan filachuusaa dura halkan guutuu kadhachuusaafi yeroo biftisaa jijjiirametti kadhannaa dhiheessuusaa ibsa. Yesus, haati hiyyeessaa tokko hamma abbaan firdii tokko isheedhaaf faradutti irra deddeebitee akka isa kadhatte fakkeenya kennuudhaan, bartoonnisaa “yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta’u, kadhachuus akka hin dadhabne” gorseera. Bartoonni Yesus akkamitti kadhachuu akka qaban akka isaan barsiisu Yesusiin gaafachuusaaniifi Yesus Gaara Ejersaarratti kadhannaa erga dhiheessee booda ergamaan tokko akka isa jajjabeesse kan barreesse Luqaas qofadha. Kadhannaa isa dhumaa Yesus du’uusaa dura, “Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!” jechuudhaan dhiheesse kan galmeesse isa qofadha. (1:10, 13; 2:37; 3:21; 6:12; 9:28, 29; 18:1-8; 11:1; 22:39-46; 23:46) Akkuma bara Luqaas Wangeelasaa galmeesseetti, kadhannaan har’as qophii barbaachisaa namoonni fedha Waaqayyoo raawwatan jajjabina akka argatan gargaaruudha.
34 Luqaas, inni hubataa ta’eefi ibsa gaarii kennuu danda’u, barumsa Yesus akka gaariitti ibseera. Jaalalli, gaarummaan, oo’iifi gaddi Yesus namoota dadhabaniif, cunqurfamaniifi garaansaanii cabeef argisiise, amantii barsiisonni seeraafi Fariisonni of hin arginee ta’an hordofan isa jaalalarratti hin hundoofne, gogaafi rakkisaa ta’erraa hammam adda akka ta’e ibsameera. (4:18; 18:9) Yesus namoota rakkataniif, booji’amaniif, ijisaanii hin argineefi garaansaanii cabeef jajjabina dhugaa kennuudhaan, namoota ‘faanasaa duukaa bu’uu’ barbaadaniif fakkeenya gaarii kaa’eera.—1 Phe. 2:21.
35 Akkuma Yesus Ilmi Waaqayyoo inni mudaa hin qabneefi dinqii raawwate, bartootasaatiifis ta’e namoota garaa qajeelaa qaban kaaniif jaalala qabaachuusaa argisiise, nuyis tajaajila keenya jaalalaafi “araara [Waaqayyoo] isa oo’aan guuteen” raawwachuuf carraaqii gochuu qabna. (Luq. 1:78) Wangeelli “Luqaas” barreessemmoo kaan gochuuf nu gargaara. Yihowaan geggeessaa hafuurasaatiin Luqaas “ogeessi qorichaa inni jaallatamaan” seenaa sirrii ta’eefi nama jajjabeessu kana akka barreessu gochuusaatti isa galateeffanna. Seenaan kun fayyinni kan argamu, karaa Mootummaa Yesus Kiristos, isa ‘Waaqayyo namoota ittiin fayyisuuf’ gargaaramuu ta’uusaa ibsa.—Qol. 4:14; Luq. 3:6.
[Miiljaleewwan]
a Za Meedikaal Laanguweej oov Luuk, 1954, Dabliiwu. Kee. Hobaart, ful. xi-xxviii.
b Ee Looyar Egzaamiins za Baayibil, 1943, Aayi. Eechi. Liintan, ful. 38.
c Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 766-7. (Ingiliffa)
d Moodern Diiskavarii eend za Baayibil, 1955, Ee. Rendil Shoort, ful. 211.
e Za Juwish Woor,V, 491-515, 523 (xii, 1-4); VI, 420 (ix, 3); akkasumas Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 751-752 ilaali. (Ingiliffa)