LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-1 ful. 11-14
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 43—Yohannis

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 43—Yohannis
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
bsi08-1 ful. 11-14

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 43​—Yohannis

Barreessaan: Yohannis Ergamaa

Bakki Itti Barreeffame: Efesoon ykn naannoosheetti

Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 98

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Lakkoofsota jalqabaatiin alatti, Dh.K.B. 29–33

WANGEELLI Maatewos, Maarqosiifi Luqaas waggoota 30 oliif hojiirra kan oolan si’a ta’u, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, Wangeelonni kun barreeffamoota namoota hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii akka ta’anitti ilaaluudhaan bakka guddaa isaaniif kennaniiru. Jaarraan sun dhumuu yeroo ga’uufi lakkoofsi namoota Yesus wajjin turan hir’achaa yeroo adeemetti, gaaffiin, Ergaan utuu hin himamin hafe jiraa? jedhu ka’ee ta’uu danda’a. Sana boodayyuu namni wanta yaadaturraa ka’ee waa’ee tajaajila Yesus ibsa bal’aa kennuu danda’u jira turee? Eeyyee, jira ture. Yohannis maanguddichi Yesus wajjin walitti dhufeenya qabaachuusaatti eebba argatee ture. Inni, bartoota Yohannis Cuuphaa warra jalqaba Hoolaa Waaqayyoo wajjin wal baran keessaa tokko yommuu ta’u, namoota jalqabaa arfan Gooftaan isaa wajjin tajaajila yeroo guutuurratti akka hirmaatan afeere keessaa tokkodha. (Yoh. 1:35-39; Mar. 1:16-20) Tajaajilasaatti Yesus wajjin michummaa cimaa akkuma qabaatetti kan itti fufe si’a ta’u, bartootasaa keessaa “inni Yesus jaallate” akkasumas, ayyaana Faasiikaa isa dhumaarratti laphee “Yesusitti maxxanee” kan taa’e isadha. (Yoh. 13:23; Mat. 17:1; Mar. 5:37; 14:33) Yeroo Yesus du’a nama gaddisiisu du’etti achi kan ture yommuu ta’u, Yesus haadhasaa akka isaa kunuunsu hadaraa kan isatti kennates achitti ture. Akkasumas Yesus du’aa ka’uusaa ilaalchisee gabaasa dhaga’an sana mirkaneessuuf gara bakka awwaalichaatti fiiguudhaan Phexrosiin kan durse isa ture.—Yoh. 19:26, 27; 20:2-4.

2 Yohannis gara waggoota 70f tajaajilarratti dammaqinaan kan hirmaate ta’uusaarrayyuu, odoola Phaaximoo keessatti qofaasaa mana hidhaa yeroo turetti, mul’ata arguufi xiinxaluudhaan guutamee waan tureef, yaadawwan gaarii yeroo dheeraaf irratti yaadaa ture kana barreessuu danda’eera. Hafuurri qulqulluun, Yohannis wantoota gatii guddaa qabaniifi jireenya namaaf argamsiisan sana yaadatee akka barreessu kan isa gargaare yommuu ta’u, namni wantoota Yohannis barreesse kana dubbisus ‘Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta’uusaa amanuufi amanachuusaatiinis maqaa isaatti jireenya argachuu’ danda’a.—Yoh. 20:31.

3 Kiristiyaanonni gara jalqabaa jaarraa lammaffaa turan, Yohannis Wangeelasaa barreessuusaa amanuusaaniirrayyuu, gaaffii tokko malee Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman keessaa isa tokko ta’uusaa fudhataniiru. Kileemant isa biyya Aleeksaandiraa, Iraaniyasiifi Oriigan hundisaanii dhuma jaarraa lammaffaafi jalqaba jaarraa sadaffaatti kan jiraatan yeroo ta’u, Wangeela kana kan barreesse Yohannis ta’uusaa mirkaneessaniiru. Kana malees, Wangeela kana kan barreesse Yohannis ta’uusaatiif macaafuma kana keessatti ragaa argachuun ni danda’ama. Barreessaan macaafa kanaa nama Yihudaa akka ture, akkasumas aadaafi biyya Yihudootaa sirriitti akka beeku ifadha. (2:6; 4:5; 5:2; 10:22, 23) Seenaawwan Wangeelicharratti galmeeffaman, barreessaan kun ergamaa Yesus qofa utuu hin ta’in, ergamoota sadan yeroowwan adda ta’anitti Yesus wajjin turan, jechuunis Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis keessaa tokko akka ta’e argisiisu. (Mat. 17:1; Mar. 5:37; 14:33) Isaan keessaammoo Yaaqoob (ilmi Zabdewos) Dh.K.B. bara 44⁠tti Herodis Agriiphaa 1⁠ffaan waan isa ajjeesiseef macaafni kun barreeffamuusaa yeroo dheeraa dura wareegameera. (HoE. 12:2) Phexrosimmoo Yohannis 21:20-24⁠rratti barreessaa Wangeela Yohannis wajjin akka ture waan ibsameef innis wangeela kana hin barreessine.

4 Lakkoofsota xumuraa kanarratti, barreessaan Wangeelichaa bartuu ‘isa Yesus jaallatu’ ta’uunsaa ibsameera; maqaan Yohannis ergamaa tasumaa kan hin ibsamne ta’us, jechoonni kuniifi kanaan walfakkaatan kan biraanis Wangeelicha keessatti si’a baay’ee argamu. Asirratti Yesus, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaade maaltu si dhibe?” jechuudhaan waa’ee ergamaa kanaa dubbachuunsaa ibsameera. (Yoh. 21:20, 22) Kunis, barataan Yesus sun Phexrosiifi ergamoota kaan caalaa yeroo dheeraa akka jiraatu kan argisiisudha. Kun hundumtuu Yohannis ergamaa kan argisiisudha. Yohannis, dhufaatii Yesus ilaalchisee Mul’ata erga argee booda, raajii dinqisiisaa sana yeroo cufu, “Ameen! Kottu, gooftaa Yesus!” jechuunsaa xiyyeeffannaa keenya kan harkisudha.—Mul. 22:20.

5 Macaafonni Yohannis barreesse dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo ifa ta’e kennuu baataniyyuu, walumaa galatti Yohannis Wangeelasaa kan barreesse boojuu odoola Phaaximootii erga deebi’ee booda akka ta’e amanama. (Mul. 1:9) Mootii biyya Roomaa kan ture Neervaa, inni Dh.K.B. bara 96-98⁠tti mo’e, namoota xumura bara bulchiinsa Domiishiyaan isa isa dura bulchaa tureetti booji’aman hedduu deebisiiseera. Yohannis Wangeelasaa Dh.K.B. naannoo bara 98 erga barreessee booda, bara bulchiinsaa Tiraajaan Mootichaa waggaa sadaffaatti, jechuunis Dh.K.B. bara 100⁠tti nagaadhaan akka du’e amanama.

6 Barreessaa seenaa kan ture Yuseebiyas (Dh.K.B. naannoo bara 260-342) Wangeelli Yohannis Efesoonitti ykn iddoowwan naannoosheetti argaman keessaa tokkotti barreeffamuusaa yeroo ibsu, wanta Iraaniyas akkas jechuudhaan dubbate caqaseera: “Barataa Gooftaa kan ta’e Yohannis, inni bobaasaatti maxxanee ta’aa ture, Eeshiyaatti Efesoon utuu jiruu wangeela dubbate.”a Ragaan dabalataa kitaabichi kan barreeffame biyya Phalestiinaadhaa ala ta’uusaa argisiisummoo, namoota Yesusiin morman, “Fariisota,” ykn “angafoota lubootaa,” jechuu mannaa “Yihudoota” jedhee waamuusaati. (Yoh. 1:19; 12:9) Bishaan ciisa Galiilaas maqaa afaan warra Roomaatiin bishaan Xiberiyaas jedhamee waamamuun ibsameera. (Yoh. 6:1; 21:1) Yohannis namoota Yihudoota hin taane gargaaruuf jecha, ayyaanota Yihudootaarratti ibsa barbaachisaa kenneera. (Yoh. 6:4; 7:2; 11:55) Bakki itti booji’ame Phaaximoon, naannoo Efesoonitti kan argamtu si’a ta’u, Kiristiyaanota Efesooniifi Asiyaa Xinnoo keessa jiran sirriitti kan beeku ta’uunsaa, Mul’ata boqonnaa 2⁠fi 3⁠rratti ibsameera.

7 Wangeelli Yohannis sirrii ta’uusaatiif ragaa kan biraanimmoo, barreeffamoota durii jaarraa 20⁠ffaatti argamanidha. Kanneen keessaa tokko, ciccitaan gartokkoo Wangeela Yohannis isa biyya Gibxiitti argameefi yeroo ammaa Raayilaand Paappiiras 457 (P52) jedhamudha; innis Yohannis 18:31-33, 37, 38 kan qabate ennaa ta’u, biyya Ingiliiz magaalaa Maanchestar jedhamtu keessatti Mana Kitaabaa Joon Raayilaandisitti argama.b Yohannis wangeelicha kan barreesse dhuma jaarraa 1⁠ffaatti ta’uusaa ilaalchisee wanta dubbatamuu wajjin haala wal simuun Sar Fireediriik Keniyoon, kitaabasaa isa Za Baayibil eend Moodern Iskoolaarshiippi, 1949, ful. 21⁠rratti akkas jedheera: “Ciccitaan kun xinnoo ta’uyyuu, Wangeelichi bulchiinsa biyya Roomaa kan taate Gibxiitti Dh.K.B. bara 130-150⁠tti bakka itti argametti dubbifamaa akka ture mirkaneessa.” Wangeelli kun bakka jalqaba itti barreeffamee ka’ee hanga bakka baay’eetti dubbifamutti yeroo murasallee yoo ramadne, kan qindeeffame waggoota kurnan dhumaa jaarraa jalqabaatti waan ta’uuf wanta armaan olitti barreeffame akka hin shakkine nu godha.

8 Seensi Wangeela Yohannis Sagalicha, “jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture,” Isa wanti hundumtuu karaasaa uumamee ibsuudhaan waan jalqabuuf baay’ee nama dinqisiisa. (Yoh. 1:2) Yohannis walitti dhufeenya gaarii Abbaafi Ilma gidduu jiru erga ibsee booda, hojiiwwaniifi barumsawwan Yesus ogummaadhaan raawwate ibsuu jalqabe; ibsi inni kenne keessumaa jaalala cimaa, wantoota qophii Waaqayyoo isa guddaa keessa jiran hundumaa walitti hidhuurratti kan xiyyeeffatedha. Seenaan jireenya Yesus isa lafarraa ibsu kun, Dh.K.B. bara 29-33⁠tti kan raawwatame ennaa ta’u, Yesus bara tajaajilasaatti ayyaanota Faasikaa afurirratti argamuusaa sirriitti ibsa; kunis yeroon tajaajilarratti dabarse waggaa sadiifi walakkaa ta’uusaa ragaawwan argisiisan keessaa tokkodha. Ayyaanota kana keessaa sadan Ayyaana Faasikaa jedhamaniiru. (Yoh. 2:13; 6:4; 12:1; 13:1) Isaan keessaa tokko “ayyaana Faasikaa warra Yihudootaa” jedhameera. Ta’us, yaanni naannoo caqasichaatti argamu akka ibsutti ayyaanichi kan kabajame erga Yesus “haamaan ji’a afur booddee in ta’a” jedhee dubbatee boodadha; kunis ayyaanichi ayyaana Faasikaa yeroo haamaa dura kabajame akka ta’e argisiisa.—Yoh. 4:35; 5:1.c

9 Misiraachoon “Yohannis caafe,” yaada dabalataa kenna; ergaa barreesse keessaa harki 92 yaada haaraa Wangeelota sadan keessatti hin argamnedha. Ta’us, Yohannis jechoota armaan gadiitiin xumureera: “Kana malees, kan biraa Yesus kan hojjete waan baay’een jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin danda’u anatti fakkaata.”—Yoh. 21:25.

FAAYIDAASAA

30 Misiraachoon “Yohannis caafe,” qajeelfama cimaafi yaada nama amansiisu kennuudhaan, akkasumas waa’ee Sagalicha isa Kiristos ta’ee haala gammachiisaa ta’een ibsuudhaan, Ilma Waaqayyoo isa dibamaa jechaanis ta’e gochasaatiin sirriitti akka beeknu godha. Akkaataan Yohannis itti barreesseefi jechoonni salphaan itti fayyadame, “barumsa dheeraa akka hin qabne” kan argisiisu ta’uyyuu, dubbiinsaa humna guddaa kan qabudha. (HoE. 4:13) Wangeellisaa, jaalala Abbaafi Ilma gidduu jiru beeksisuudhaan, akkasumas walitti dhufeenya gaarii isaanii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan argamu ibsuunsaa, hundarra isa caalchisa. Yohannis, jechoota ‘jaalalaa’ wajjin wal qabatanitti, hamma Wangeelonni sadan kaan walumaa galatti fayyadaman caalaa fayyadama.

31 Jalqabarratti Sagalichaafi Waaqayyo Abbaa gidduu walitti dhufeenya guddaatu jira ture. Qajeelfama Waaqayyootiin “Sagalichis nama foonii ta’ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.” (Yoh. 1:14) Wangeela Yohannis barreesse keessatti, Yesus, walitti dhufeenya Abbaasaa wajjin qabuun gaaffii tokko malee fedha Waaqayyootiif kan abboomamu ta’uusaa ibseera. (Yoh. 4:34; 5:19, 30; 7:16; 10:29, 30; 11:41, 42; 12:27, 49, 50; 14:10) Yesus walitti dhufeenya cimaa Abbaasaa wajjin qabu ilaalchisee wanta dubbate, kadhannaa garaa namaa tuqu isa Yohannis boqonnaa 17⁠rra jirurratti xumureera. Kadhannaa kanarratti Yesus, hojii Abbaansaa lafarratti akka raawwatu kenneef raawwachuusaa erga isatti himee booda akkas jedheera: “Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!”—Yoh. 17:5.

32 Walitti dhufeenyi Yesus bartootasaa wajjin qabu maal fakkaata ture? Yesus karaa namoonni kunis ta’an ilmaan namootaa hundi eebba Waaqayyoo itti argatan isa guddaa ta’uudhaan gaheen inni qabu walitti aanee ibsameera. (Yoh. 14:13, 14; 15:16; 16:23, 24) Yesus, “Hoolicha Waaqayyoo,” ‘buddeena jireenyaa,’ “ifa biyya lafaa,” ‘tiksee gaarii,’ ‘du’aa ka’uufi jireenya,’ akkasumas ‘muka waynii isa dhugaa’ ta’uunsaa ibsameera. (Yoh. 1:29; 6:35; 8:12; 10:11; 11:25; 14:6; 15:1) Yesus tokkummaa dinqisiisaa ta’e kan qabu duuka buutotasaa wajjin qofa utuu hin ta’in Abbaasaa wajjinis akka ta’e kan beeksise, yeroo “mukicha waynii” ilaalchisee fakkeenya dubbatedha. Ija baay’ee horachuudhaan Abbaasaatiif ulfina kennu. “Abbaan akka na jaallate, anis akkasuma isin jaalladheera; jaalala kootti qabamaa jiraadhaa!” jechuudhaan isaan gorseera.—Yoh. 15:9.

33 Warri jaallatu kun hundi, akkasumas warri ‘dubbii isaanii dhaga’anii isatti amananis’ Abbaafi isaa wajjin tokko akka ta’aniifi dubbicha dhugaatiin akka qulqulleeffaman, kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheesseera. Dhugumayyuu, kaayyoon tajaajila Yesus, kadhannaa inni dhumarratti Abbaasaatti dhiheesseen ibsameera; akkas jedhe: “Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf, ammas akka beekamu nan godha.”—Yoh. 17:20, 26.

34 Yesus bartootasaa biyya lafaa kana keessatti dhiisee deemuyyuu, “hafuura dhugaa” gargaaraasaanii ta’een alatti isaan hin dhiisne. Kana malees, walitti dhufeenya biyya lafaa wajjin qabaataniifi “ijoollee ifaa” akka ta’anitti akkamitti mo’uu akka danda’an gorsa barbaachisaa ta’e isaaniif kenneera. (Yoh. 14:16, 17; 3:19-21; 12:36) Yesus akkas jedhe: “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa.” Karaa biraammoo warra ijoollee dukkanaa ta’aniin akkas jedhe: “Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. . . . dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne.” Egaa, nuyi dhugaarra dhaabachuuf, jechuunis ‘hafuuraafi dhugaadhaan Abbaadhaaf sagaduuf’ akkasumas jechoota Yesus, “Jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera” jechuudhaan dubbaterraa jajjabina argachuuf haa murteessinu.—Yoh. 8:31, 32, 44; 4:23; 16:33.

35 Wantoonni Yesus ibse kun hundi Mootummaa Waaqayyoo wajjinis walitti dhufeenya qabu. Yesus yeroo qorumsarra turetti akkas jechuudhaan mirkaneesseera: “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa ta’ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti.” Achiis gaaffii Philaaxosiif deebii yeroo kennu akkas jedhee ture: “Akka ani mootii ta’e ati iyyuu in jetta, dhugaadhaaf dhugaa ba’uufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe; inni kan dhugaa ta’e hundinuus, sagalee koo in dhaga’a.” (Yoh. 18:36, 37) Dhugumayyuu warri dhaggeeffataniifi Mootichaa wajjin “Mootummaa Waaqayyootti galuu[f]” ‘olii [“lammata,” NW] dhalatan’ haa gammadan! ‘Hoolonni kan biraan’ Mootii Tiksee ta’e kana dhaggeeffatanii jireenya argatan haa gammadan! Dhugumayyuu, Wangeelli Yohannis “Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta’uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif” waan barreeffameef, Wangeela kana argachuu keessaniif galateeffachuu qabdu.—Yoh. 3:3, 5; 10:16; 20:31.

[Miiljaleewwan]

a Za Ekliiziyaastikaal Histirii, Yuseebiyas, V, VIII, 4.

b Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, Jildii 1, ful. 323. (Ingiliffa)

c Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful.57-78. (Ingiliffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi