Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 44—Hojii Ergamootaa
Barreessaan: Luqaas
Bakki Itti Barreeffame: Roomaa
Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 61
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.B. naannoo 33–61
KITAABA 42ffaa Caaffata Qulqullaa’oo hafuuraa qulqulluudhaan barreeffamerratti, Luqaas seenaa jireenyaa, hojii, tajaajila Yesusiifi duuka buutotasaa hamma Yesus gara samiitti ol deebi’utti jiru barreesseera. Macaafni Caaffata Qulqullaa’oo 44ffaa kan ta’e Hojiin Ergamootaammoo, gumiin Kiristiyaanaa gargaarsa hafuura qulqulluutiin hundeeffamuusaa gabaasuudhaan seenaa Kiristiyaanummaa jaarraa jalqabaa ittaanu ibsa. Akkasumas, hojiin lallabaa kun jalqaba Yihudootatti, achiis saba hundatti akkamitti akka babal’ate ibsa. Kutaan boqonnaawwan 12 jalqabaa, (boqonnaa 1-12) hojii Phexros raawwate kan ibsu si’a ta’u, boqonnaawwan 16 hafanimmoo (boqonnaa 13-28) tajaajila Phaawulos kan ibsanidha. Luqaas michuu Phaawulos kan ture yommuu ta’u, isaa wajjinis yeroo baay’ee adeemeera.
2 Macaafichi Tewofilosiif barreeffame. Jechi “ulfaataa” jedhu aangoo kan qabu ykn nama kabaja guddaa qabu ta’uusaa argisiisuuf ykn jecha ulfinaa kan argisiisu ta’uu danda’a. (Luq. 1:1) Macaafni kun gumiin Kiristiyaanaa akkamitti akka hundeeffameefi guddinasaa ilaalchisee seenaa dhugaa kan qabatedha. Seenaansaa, yeroo Yesus du’aa ka’ee ergamootasaatti mul’aterraa jalqabee wantoota waggaa 28 keessatti, jechuunis Dh.K.B. 33 hanga 61tti raawwataman ibsa.
3 Durumaa kaasee barreessaan macaafa Hojii Ergamootaa isuma Wangeela Luqaas barreesse ta’uunsaa ni amanama. Macaafonni lamaanuu Tewofilosiif barreeffaman. Luqaas yaada xumura Wangeelasaarratti ibse, seensa Hojii Ergamootarratti irra deebi’amuunsaa, macaafota kana lamaan kan barreesse nama tokko ta’uusaa ibsa. Luqaas macaafa Hojii Ergamootaa barreessee kan xumure Dh.K.B. bara 61tti, turtii waggaa lamaa Roomaatti Phaawulosii wajjin dabarse yeroo xumuramuuf jedhetti utuu hin ta’in hin oolu. Gabaasnisaa wanta hanga yeroo sanaatti raawwatame kan qabate waan ta’eef, ol iyyannoo Phaawulos mootii warra Roomaatti dhiheeffate maalirra akka ga’e utuu hin dubbatin yaadasaa xumuruunsaa baruma sanatti waan barreeffamee xumurame fakkaata.
4 Macaafni Hojii Ergamootaa bara durii kaasee, hayyoota Macaafa Qulqulluu biratti fudhatama kan argatedha. Kutaawwan macaafa kanaa barreeffamoota paappiirasii Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii durii keessatti kan argaman si’a ta’u, isaan kana keessaas, Dh.K.B. jaarraa sadaffaa ykn arfaffaa booda kan qophaa’e Miichigaan Lak. 1571 (P38), akkasumas Cheestar Beetii Lak. 1 (P45) isa jaarraa sadaffaatti qophaa’e caqasuun ni danda’ama. Isaan kun lamaan macaafni Hojii Ergamootaa Caaffata Qulqullaa’oo hafuura Waaqayyootiin barreeffaman kaanii wajjin tamsa’aa kan turaniifi tartiiba kitaaba Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman keessaa tokko ta’uusaa argisiisu. Akkaataan barreeffamaa Hojii Ergamootaa, Wangeelasaa isa dura barreessee wajjin kan walfakkaatu waan ta’eef sirriidha jechuun ni danda’ama. Barreessaa seenaa kan ta’e Siir Wiiliyaam M. Raamseeyi, namni macaafa Hojii Ergamootaa kana barreesse “barreessitoota seenaa gurguddoo ta’an keessaa sadarkaa tokkoffaarratti” kan argamu ta’uusaa kan ibse si’a ta’u, maal jechuusaa akka ta’e yeroo ibsu akkas jedheera: “Ulaagaan barreessitoota seenaa gurguddoo ta’anirraa barbaadamu inni duraa dhugaadha. Wanti namni seenaa barreessu dubbatu kan amanamu ta’uu qaba.”a
5 Barreeffamoonni Luqaas sirrii ta’uusaanii fakkeenyaan ibsuuf, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti naannoo Mediteraaniyaatti ajajaa humna waraanaa galaanarraa Biritaaniyaa kan ture Edwiin Ismiiz, barruu Za Raadaar jedhamuufi Bitootessa 1974 barreesse caqasuu dandeenya: “Dooniiwwan durii kan socho’an batoo gurguddaa lama kutaa doonii isa gara duubaatiin malee akka isa bara si’anaa batoo kutaa duubaa keessa jiru tokkoon miti; Luqaas inni qulqulluun batoowwan kun hedduu ta’uusaanii kan ibse kanaaf ture. [HoE. 27:40, NW] . . . Markabni kun Buufata ba’eessa jedhamuu kaatee odoola Malaaxiyaa hanga geessutti wanta raawwatame ilaalchisee ibsi Luqaas Qulqulluun kenne akka argisiisutti, sirriifi amansiisaa ragaa kitaabichaa ala jiranirratti qorannaa gooneen hubanneera; yeroo markabni kun adeemsaan dabarsite ilaalchisee ibsi kennames fageenyasaa wajjin kan walgitudha; dhumarrattis, bakka ga’an ilaalchisee ibsi inni kenne haala bakka sana jiruu wajjin sirriitti kan walsimudha. Kun hundumtuu gabaasa Luqaas ibseen karaa adeemuusaa qofa utuu hin ta’in, wantoonni inni ijaan argeefi dubbate hundi amansiisaafi amantii guddaa irratti godhachuun akka danda’amu kan mirkaneessudha.”b
6 Qorannaan hambaalee dachee argamanis macaafni Luqaas sirrii ta’uusaa mirkaneessu. Fakkeenyaaf, galmi Arxemiis, akkasumas Efesoon keessatti bakki taphni itti argisiifamu inni duriifi namoonni Phaawulos ergamaarratti lola kaasan qorannaa dacheetiin argameera. (HoE. 19:27-41) Luqaas waa’ee namoota Tasaloniiqee warra aangoo qabanii yeroo dubbatu “abboota biyyaa” jedhee maqaa ulfinaatiin isaan waamuunsaa sirrii ta’uusaa barreeffamoonni mirkaneessan argamaniiru. (17:6, 8, hiika bara 1899) Barreeffamoonni Malaaxiyaatti argaman lama, Luqaas Phophlii’osiin “abbaa biyyaa” jedhee waamuunsaas sirrii ta’uusaa argisiisu.—28:7.c
7 Kana malees, akka ibsa Luqaasitti, Phexros, Isxifaanos, Qorneelewos, Xerxilos, Phaawulosiifi warri kaan haasawaasaanii kan kennan karaa garagaraati. Haasawaawwan Phaawulos namoota addaddaa duratti kennes, akkuma haala dhaggeeffattootaatti mala barreeffamaa addaddaatiin dhihaateera. Kunis wanti Luqaas barreesse kan dhaga’e ykn kan namoonni ijaan argan isatti himan qofa akka ta’e kan argisiisudha. Luqaas nama asoosama barreesse miti.
8 Seenaa Luqaas ilaalchisee wanti beekamu muraasadha. Inni ergamoota Yesus keessaa tokko ta’uu baatus, isaanii wajjin tajaajileera. (Luq. 1:1-4) Phaawulos ergamaan al sadii maqaasaa caqaseera. (Qol. 4:10, 14; 2 Xim. 4:11; Film. 24) Phaawulos, ‘ogeessa qorichaa isa jaallatamaa’ jedhee kan isa waame si’a ta’u, isaa wajjinis waggoota muraasa jiraateera. Gabaasasaa keessatti jechoonni “isaan” akkasumas “nu” jedhan caqasamuunsaanii, adeemsi misiyoonummaa Phaawulos marsaa lammaffaa gara Xiroo’aadaa adeemetti Luqaas isaa wajjin akka tureefi hanga Phaawulos deebi’ee dhufutti waggoota muraasaaf Filiphisiiyusiin tureera; akkasumas yeroo booda Phaawulos yaa’ii duratti dhiheeffamuuf gara Roomaa yommuu geeffame isaa wajjin akka adeeme argisiisa.—HoE. 16:8, 10; 17:1; 20:4-6; 28:16.
FAYYIDAASAA
32 Macaafni Hojii Ergamootaa ergaan Wangelootaafi Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa keessa jiran dhugaa ta’uusaaniitiif ragaa dabalataa dhiheessa. Guyyaa Phenxeqosteetti yommuu dhihaachaa dhufetti, Phexros raajiiwwan lama “dubbiin macaafaa inni hafuurri qulqulluun duraan dursee afaan Daawitiin waa’ee Yihudaaf dubbate” akka raawwatame dubbate. (HoE. 1:16, 20; Far. 69:25; 109:8) Phexros, namoota guyyaa Phenxeqosteetti dinqisiifannaadhaan guutamaniin wanti isaan argaa jiran raawwii raajii kanaan dura dubbatame ta’uusaa ibsuudhaan: “Waan Waaqayyo afaan raajicha Yo’eliin dubbatee” jechuudhaan isaan hubachiiseera.—HoE. 2:16-21; Yoe. 2:28-32; akkasumas Hojii Ergamootaa 2:25-28, 34, 35fi Faarfannaa 16:8-11fi Far. 110:1 walbira qabii ilaali.
33 Phexros namoota mana qulqullummaa sanaa alatti walitti qabamanii turan amansiisuuf, ammas Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa erga jalqaba wanta Museen caaferraa caqasee booda akkas jedhe: “Raajonni Saamu’elii jalqabanii ka’anii fi dubbatan hundinuu, waa’ee bara kanaa labsaniiru.” Achiis, yaa’ii Yihudootaa warra biyya seerratan duratti yommuu dhihaate Faarfannaa 118:22 caqasuudhaan dhagaa isaan tuffatan, jechuunis Kiristos “dhagaa mataa golee qajeelchu ta’e” isaaniin jedhe. (HoE. 3:22-24; 4:11) Filiphos xu’aashii Itoophiyaatiif raajiin Isaayaas 53:7, 8rra jiru akkamitti akka raawwatame kan ibseef si’a ta’u, innis beekumsi kun erga ifa ta’eefii booda gad of qabuudhaan akka isa cuuphu gaafateera. (HoE. 8:28-35) Phexrosis, haaluma walfakkaatuun yeroo waa’ee Yesus Qorneelewositti himu “raajonni hundinuu, . . . isaaf dhugaa ba’aniiru” jedheera. (10:43) Yaaqoob, yeroo dhagna qabaa ilaalchisee falmiin ka’etti, “Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti, kanaa wajjin wal fudhata” jechuudhaan murtoosaa ragaa dhiheessuudhaan cimseera. (15:15-18) Phaawulos ergamaanis madda walfakaaturra ragaa dhiheessuudhaan dubbateera. (26:22; 28:23, 25-27) Bartoonnis ta’an namoonni dhaggeeffachaa turan Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa kutaa Dubbii Waaqayyoo ta’uusaanii guutummaatti amanuunsaanii, macaafonni kun hafuura qulqulluudhaan kan barreeffamaniifi fudhatama kan qaban ta’uusaanii kan mirkaneessanidha.
34 Macaafni Hojii Ergamootaa akkaataa gumiin Kiristiyaanaa itti hundeeffameefi humna hafuura qulqulluutiin itti guddate kan ibsu waan ta’eef faayidaa guddaa kan qabudha. Gabaasa dinqisiisaa ta’e kana keessatti, Waaqayyo lakkoofsi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa akka dabalu gochuudhaan akka isaan eebbise, ija jabinaafi gammachuu isaan argatan, ari’atamni yeroo isaanirra ga’u jabaatanii dhaabachuusaanii, tajaajilaaf fedhii qabaachuudhaan of dhiheessuusaanii, hubachuu kan dandeenyu yommuu ta’u, Phaawulos biyya ormaa, jechuunis Maqedooniyaa dhaqee akka tajaajiluuf waamicha isaaf dhihaate fudhachuunsaa hafuura fedhiisaaniitiin of dhiheessuu akka qaban kan argisiisu waan ta’eef fakkeenya gaarii kan nuu ta’udha. (4:13, 31; 15:3; 5:28, 29; 8:4; 13:2-4; 16:9, 10) Haalli gumii Kiristiyaanaa yeroo ammaa jirus kanarraa adda miti; jaalala tokkummaafi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” lallabuuf fedhii walfakkaatu qabu.—2:11, 17, 45; 4:34, 35; 11:27-30; 12:25.
35 Macaafni Hojii Ergamootaa, hojiin Mootummaa Waaqayyoo lallabuu akkamitti raawwatamu akka qabu ibsa. Gama kanaan Phaawulos fakkeenya ta’uusaa yeroo ibsu akkas jedheera: “Kamiin illee taanaan waan waa’ee isiniif baasu hundumaa, waldaatti, mana manattis isinitti lallabuudhaaf isin barsiisuu irraa ani of hin qusanne.” Itti fufuudhaanis “[“guutummaatti,” NW] dhugaa ba’eera” jedheera. Jechi ‘guutummaatti dhugaa ba’uu’ jedhame kun guutummaa macaafichaarratti kan mul’atu si’a ta’u, keessumaa Phaawulos mana hidhaa keessattillee hojii lallabaafi bartoota taasisuu guutummaatti raawwachuusaa ilaalchisee yaadawwan xumuraa kitaabichaarratti addeeffamaniiru: “Phaawulos immoo ganamaa hamma galgalaatti yaada isaa isaanitti mul’isee, waa’ee mootummaa Waaqayyoo [“guutummaatti,” NW] isaanitti dhugaa ba’e. Inni macaafa Museetii fi macaafota raajotaa keessa isaan hubachiisuudhaan, waa’ee Yesus tole isaan jechisiisuu yaale.” Nuyis, yaada tokkoon hojii lallabaa keenyarratti haaxiyyeeffannu!—20:20, 21, NW; 28:23, NW; 2:40; 5:42; 26:22.
36 Gorsi Phaawulos ilaaltoota olaanaa Efesoonii dhufaniif kenne ilaaltoota olaanaa yeroo ammaa jiranis kan fayyadudha. Hafuura qulqulluudhaan kan muudaman waan ta’aniif, ‘ofisaaniifi karra hoolotaatiif of eeggannoo’ gochuunsaanii, akkasumas hoolota jaalalaan tiksuufi warra akka yeeyyii sodaachisoo badiisasaanii barbaadanirraa eeguunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Kun itti gaafatamummaa salphaa miti! Ilaaltonni olaanaan dammaqoo ta’uufi gaarummaa Waaqayyoo kan ta’e Dubbiisaatiin ijaaramuu qabu. Tiksoonni kun warra dadhaban gargaaruuf yeroo dhama’an, “isa gooftaa Yesus ofii isaatii, ‘Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa’ jedhes yaadachuu qabu.”—20:17-35.
37 Haasawaan Phaawulos kenne kan biraas seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti kan ibsan turan. Fakkeenyaaf, haasawaa Aariyophaagositti Isxo’ikootaafi Efiqorosotaaf kennerratti yaada amansiisaa inni dhiheessee ture caqasuun ni danda’ama. Jalqaba barreeffama aarsaarratti “Waaqayyo isa hin beekamneef” jedhamee barreeffame caqasuudhaan Waaqni dhugaa gooftaan samiifi lafaa ilmaan namootaa bakka tokkoo akka uumee ibsuuf “Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti” jedhee ture. Achiis, jecha warra waallee isa “Nuyi immoo sanyii isaa ti” jedhu caqasuudhaan waaqolii tolfamoo lubbuu hin qabne warqee, meetiifi dhagaa gati jabeessarraa hojjetamanirraa akka dhufan yaaduunsaanii gowwummaa akka ta’e isaan hubachiiseera. Phaawulos karaa kanaan olaantummaa Waaqayyoo isa jiraataa ta’e malaan isaanitti himeera. Xumurarratti maqaa Kiristos utuu hin caqasin waa’ee du’aa ka’uu Kiristos dubbateera. Olaantummaa Waaqa dhugaa isa tokkichaa akka hubatan gochuusaatiin, warri tokko tokko amantoota ta’aniiru.—17:22-34.
38 Macaafni Hojii Ergamootaa yeroo hundaa ‘caaffata qulqullaa’oo hundumaa’ akka dubbisnu nu jajjabeessa. Phaawulos jalqaba Yihudoota Beriyaa jiraniif yeroo lallabu, “dubbicha fudhachuudhaaf qophaa’anii, waan dubbatame kun dhugaa ta’uu isaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu” waan qoraniif “warra yaada gaarii” jedhamanii galateeffatamaniiru. (17:11) Akkuma yeroo sanaa ammas, gumii hafuura Yihowaa qabu wajjin ta’uudhaan Caaffata Qulqullaa’oo hawwiidhaan kan qorru yoo ta’e amantii jabaa argachuudhaan eebbifamna. Namni tokko seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo hubachuu kan danda’u, qayyabannaa akkasii yoo godhedha. Seerawwan bu’uuraa gaarii ta’an kana keessaa inni tokko Hojii Ergamootaa 15:29rratti argama. Caqasa kanarratti kutaan qaama olaanaa, ergamootaafi jaarsolii Yerusaalemitti walitti qabaman keessaa bobba’e Israa’eloonni hafuuraa dhagna qabachuuf dirqama akka hin qabne ibsuudhaan qalma waaqayyoolii tolfamaniif dhihaaterraa, dhiiga nyaachuufi dhuguurraa, akkasumas halalummaarraa akka of eeggatan akeekkachiisa cimaa isaaniif kennaniiru.
39 Bartoonni bara durii turan sun, Caaffata Qulqullaa’oo hafuura qulqulluudhaan barreeffaman qayyabachuudhaan akkuma barbaachisaa ta’etti isaan caqasuufi hojiira oolchuu danda’anii turan. Beekumsi sirriin argataniifi hafuuri Waaqayyoo ari’atama cimaa isaanirra ga’e mo’uuf jabina isaaniif kenneera. Phexirosiif Yohannis geggeessitoota hojii lallaba sana mormaniin ija jabinaan akkas jedhanii dubbachuudhaan Kiristiyaanoota amanamoo ta’aniif fakkeenya ta’u: “Kan Waaqayyoo dhaga’uu irra, kan keessan dhaga’uun Waaqayyo duratti qajeelaa yoo ta’e, isinumti faradaa! Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin dandeenyu.” Deebisanii yaa’ii Yihudootaa, warra maqaa Yesusiin akka raawwatanii hin dubbanneefi hin barsiifne ‘cimsanii isaan abbooman’ duratti yommuu dhiheeffaman gara kuteenyaan, “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhan. Deebiin ija jabinaan kenname kun bulchitootaaf akka gaariitti dhugaa ba’uuf kan gargaare si’a ta’u, barsiisaa Seeraa beekamaafi mirga waaqeffachuu deggeruudhaan namoota hedduu biratti beekamaa kan ta’e Gamaaliyaal yaada ergamoonni akka hiikaman deggeru akka dubbatu isa godheera.—4:19, 20; 5:28, 29, 34, 35, 38, 39.
40 Kaayyoo Yihowaa ulfina qabeessa ta’eefi waa’ee Mootummaasaa ibsu guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame, macaafa Hojii Ergamootaa keessatti bakki guddaan kennameeraaf. Seensa macaafichaarratti Yesus gara samiitti deebi’uusaa dura guyyoota 40f “waa’ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti in dubbate” jedha. Yesus gaaffii bartonnisaa waa’ee Mootummicha deebisuu yeroo isa gaafatan jalqaba hamma andaara lafaatti lallabuu akka qabn isaanitti himee ture. (1:3, 6, 8) Bartonnisaas Yerusaalamii jalqabuudhaan waa’ee Mootummicha ija jabinaan lallabaniiru. Ari’atama Kiristiyaanota duriirra ga’een Isxifaanos dhagaadhaan rukutamuunsaa, bartoonni baay’een nannoowwan haaraa addaddaatti akka fafaca’an godheera. (7:59, 60) Filiphos ‘waa’ee Mootummaa Waaqayyoo’ Samaariyaatti akka lallabeefi firii baay’ee akka argate, akkasumas Phaawulosfi hiriyoonnisaa Asiyaa, Qorontos, Efesoonniifi Roomaatti “waa’ee mootummaa Waaqayyoo” akka lallaban ibsameera. Kiristiyaanonni durii kun hundi utuu asiif achi hin jedhin, Yihowaafi hafuurasaa isa burqaa jabeenyaa ta’ettti amanamuudhaan fakkeenya gaarii ta’aniiru. (8:5, 12; 14:5-7, 21, 22; 18:1, 4; 19:1, 8; 20:25; 28:30, 31) Nuyis hinaaffaafi ija jabinasaanii isa hin qabbanoofne ilaaluuniifi Yihowaan carraaqqii isaan godhan akkamitti akka eebbiseef hubachuun keenya, “waa’ee mootummaa Waaqayyoo [‘guutummaatti,’ NW]” lallabuudhaan amanamoo akka taanu nu jajjabeessa.—28:23.
[Miiljaleewwan]
a Seent Pool ze Tiraavilar, 1895, ful. 4.
b Dammaqaa! Adoolessa 22, 1947, ful. 22-3rratti ba’eera; akkasumas Dammaqaa! Ebla 8, 1971, ful. 27-8 ilaali. (Ingiliffa)
c Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, Jildii 1, ful. 153-4, 734-5; Jildii 2, ful. 748. (Ingiliffa)