Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 45—Roomaa
Barreessaan: Phaawulos
Bakki Itti Barreeffame: Qorontos
Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 56
HOJII ERGAMOOTAA keessatti akkuma ibsame, Phaawulos inni kanaan dura Yihudoota Kiristiyaanota ta’an gara jabinaan ari’aa ture, ergamaa Kiristos ta’ee hinaaffaadhaan saba Yihudoota hin taaneef lallabuu akka jalqabe ilaalleerra. Dura Fariisota keessaa tokko kan ture ta’uyyuu, amma geggeessaa hafuura qulqulluutiin Macaafa Roomaarraa jalqabee macaafota 14 barreessuudhaan tajaajilaa Waaqayyoo isa amanamaa ta’eera. Phaawulos yeroo warra Roomaatiif barreessetti, hojii lallabaa karaa dheeraa deemuudhaan lallabe lama fixee isa sadaffaas xumuruu ga’ee ture. Geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaawwan kan biraa shan kan barreesse yommuu ta’u isaanis, Tasaloniiqee Isa Duraafi Lammataa, Galaatiyaa, Qorontos Isa Duraafi Lammataa turan. Macaafni Roomaa kutaawwan Phaawulos barreesseef lamaan jechuunis, Yihudoonniifi namoonni Yihudii hin taane lamaansaanii qixxee ta’uusaanii bal’inaan waan ibsuuf yaada haaraa kan qabatedha; Macaafa Qulqulluu yeroo keenya jiran keessa macaafota kaan dursee kaa’amuunsaas sirriidha. Macaafichi, hariiroo haaraa Waaqayyo sabasaa wajjin uume waan ibsuuf akkuma Caaffata Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa keessatti raajeffame misiraachichi, namoota Yihudii hin taaneefis akka lallabamu argisiisa.
2 Phaawulos, Xerxilos akka isaaf barreessu gochuudhaan macaafota Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii ergaa cimaa qabatan keessaa tokko ta’e kana keessatti, xuqaawwan amansiisoo ittiin falmuuf gargaaraniifi caqasoota Caaffata Qulqullaa’aa afaan Ibrootaarraa fudhataman hedduu caqaseera. Rakkoowwan jaarraa jalqabaatti gumiiwwan Yihudootaafi Giriikotaa keessatti ka’anii turan jechoota gaarii ta’aniin ibseera. Yihudoonni sanyii Abrahaam waan ta’aniif bakki guddaan kennameefii turee? Kiristiyaanonni ga’eessota ta’an mirga Seera Musee jalaa ba’uunsaanii isaaniif argamsiiseen fayyadamuudhaan, Yihudoota sammuu dadhabaa qabaniifi duudhaawwansaanii duriitti cichan gufachiisuu qabuu? Phaawulos xalayaasaa kanaan fayyadamee, Yihudoonnis ta’ani warri Yihudoota hin taane Waaqayyo duratti qixxee akka ta’aniifi namoonni akka qajeelootti kan ilaalaman Seera Museetiin utuu hinta’in, Yesus Kiristositti amanuufi gaarummaa Waaqayyootiin ta’uusaa jabeessee ibseera. Akkasumas, Waaqayyo Kiristiyaanonni namoota aangoo addaddaa qabaniif karaa sirrii ta’een akka bitaman isaanirraa eega.
3 Gumiin Roomaa akkamitti hundeeffame? Dh.K.D. bara 63tti Poompeen Yerusaalemiin erga to’annaasaa jala oolchee booda, hawaasni Yihudootaa baay’een Roomaa keessa jiraachaa turan. Hojiin Ergamootaa 2:10, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Yihudoota kana keessaa muraasnisaanii achi kan turan yommuu ta’u, yeroo misiraachoon kun lallabamu dhaga’anii akka turan kan argisiisudha. Namoonni yeroo muraasaaf gara Yerusaalem dhufanii turaniifi amantoota haaraa ta’an kun, ergamootarraa barachuuf achuma turaniiru; yeroo booda garuu warra Roomaadhaa dhufan keessaa tokko tokko gara biyyasaaniittii kan deebi’an yeroo ari’atamni Yerusaalem keessatti ka’etti ta’uu danda’a. (HoE. 2:41-47; 8:1, 4) Kana malees, namoonni yeroo sana turan biyyaa biyyatti adeemuun amalasaanii ture. Namoonni gumii Roomaa keessa turan Phaawulosii wajjin michoota kan ta’an maaliif akka ta’e kanarraa hubachuu dandeenya. Isaan keessaa tokko tokko dhugaa kan fudhatan Giriik ykn Asiyaa utuu jiranii lallaba Phaawulos dhaga’uusaaniitiin hin ta’in hinoolu.
4 Gumii kana ilaalchisee ragaa amansiisaan argamuu kan danda’u xalayaa Phaawulos keessattidha. Gumiin sun kan hundaa’e Yihudootaafi namoota Yihudoota hin taane keessaa walitti qabamaniin yommuu ta’u, hinaaffaa akka galateeffataman isaan godhu akka qaban xalayaasaarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Phaawulos namoota kanaan “amantiin keessan guutummaa biyya lafaatti waan beekameef” akkasumas “Namoonni hundinuu wangeelaaf abboomamuu keessan dhaga’aniiru” jedhee ture. (Rom. 1:8; 16:19) Akka Suutoniyuus inni jaarraa lammaffaatti ture barreessetti, (Dh.K.B. bara 41-54tti) Yihudoonni bulchiinsa Kilaawudiyoositti Roomaadhaa ari’amaniiru. Haata’u malee, Aqiilaafi Phirsqiilaan Roomaa akka turan caqasamuunsaa, Yihudoonni yeroo booda gara Roomaatti deebi’anii akka turan kan argisiisudha. Kiristiyaanonni Yihudoota ta’aniifi yeroo duraa Phaawulos Qorontositti isaan argee ture kun, yeroo abboommiin ba’etti Roomaa gadhiisanii kan adeeman si’a ta’u, yeroo Phaawulos gumii sanaaf xalayaa barreessettimmoo gara Roomaatti deebi’anii turan.—HoE. 18:2; Rom. 16:3.
5 Xalayaan kun sirrii ta’uusaa ilaalchisee ragaa baay’eetu jira. Seensisaa akkas jedha: “Phaawulos hojjetaan Yesus Kristos ergamaa ta’uudhaaf waamamee, . . . ammas isin warra Roomaa jiraattan, warra Waaqayyo jaallatee isaaf akka qulqullooftaniif isin waame hundumaan.” (Rom. 1:1, 7) Macaafni kun macaafota kutaa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii ta’uunsaanii mirkaneeffame keessaa isa jalqabaati. Waggaa ja’a ykn saddeet booda, Phexros xalayaasaa isa jalqabaarratti jechoota walfakkaataa ta’an baay’ee kan fayyadame waan ta’eef, hayyoonni baay’een Phexros macaafa Roomaa utuu hin dubbisin hin hafu jedhanii yaadu. Macaafni Roomaa macaafota Phaawulos barreesse keessaa tokko ta’uunsaa beekamaadha. Namoonni Dh.K.B. dhuma jaarraa tokkoffaafi jalqaba jaarraa lammaffaatti jiraachaa turan, Kileemant isa biyya Roomaa, nama Simiirnaa kan ta’e Pooliikaarpiifi nama Anxokiyaa kan ture Ignaatiyas, macaafa Roomaa kan barreesse Phaawulos ta’uusaa caqasaniiru.
6 Macaafni Roomaa, xalayaawwan Phaawulos saddeet garabiraa wajjin koodeeksii Paappiirasii Lak. 2 (P46) jedhamuufi Cheestar Beetiidhaan qophaa’e keessatti argama. Siir Fireediriik Keeniyan barreeffama durii kana ilaalchisee akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Amma ergaawwan Phaawulos naannoo jalqaba jaarraa sadaffaarratti barreeffaman baay’eesaanii of harkaa qabna.”a Caaffatoonni Qulqullaa’oo afaan Giriikii paappiirasii Cheestar Beetii Dh.K.B. jaarraa arfaffaatti barreeffamaniif bal’inaan beekaman, Saayinaatikiifi Vaatikaan Lak. 1209 harkaan garagalchaman caalaa bara dheeraa kan turanidha. Barreeffamoonni kunis macaafa Roomaa of keessatti qabataniiru.
7 Macaafni Roomaa yoomiifi eessatti barreeffame? Namoonni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan, Phaawulos xalayaasaa kana kan barreesse adeemsa misiyoonummaasaa marsaa sadaffaa gara xumuraa jala yeroo ji’a muraasaaf Giriikiin daawwatetti, tariimmoo Qorontosiin taa’eeti jedhanii amanu. Ragaan macaaficha keessatti argamu Qorontositti barreeffamuusaa argisiisa. Phaawulos xalayaa kana kan barreesse mana Gaayos isa miseensa gumii sanaa taa’uudhaan akka ta’eefi Feebeen ishee gumii Kanchire’aa lafa buufata markabaa Qorontos jiraattu galateeffachuuf ture. Xalayaa kana gara Roomaatti kan geesse Feebeen utuu hinta’in hinooltu. (Rom. 16:1, 23; 1 Qor. 1:14) Phaawulos Roomaa 15:23rratti, ‘amma garuu naannoo kanaa hojii hafe hin qabu’ jedhee waan barreesseef, lakkoofsa ittaanuttimmoo adeemsa misiyoonummaasaa karaa dhihaa gara Isphaaniyaa adeemuuf akka yaade ibseera. Phaawulos akkas jedhee barreessuu kan danda’u, dhuma daawwannaasaa isa sadaffaa, jechuunis jalqaba Dh.K.B. bara 56ttidha.
FAAYIDAASAA
20 Macaafni Roomaa ragaa Waaqayyootti amanuuf sababii ta’u yeroo ibsu akkas jedha: “Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda’a.” Kana malees, qajeelummaa Waaqayyoo ol ol godha; akkasumas araarasaafi gaarummaasaa guddaa ta’e ibsa. Amalli Waaqayyoo kun, fakkeenya muka ejersaa dubbachuudhaan dameewwan uumamaa kutamanii akka gatamaniifi dameewwan muka bosonaatiin akka bakka buufaman haala gaariitiin ibsameera. Phaawulos, humna guddaa Waaqayyo qabuufi gaarummaasaarratti erga xiinxalee booda, ajaa’ibsiifachuudhaan akkas jedheera: “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga’u! Karaa isaas namni faana dha’ee hin hubatu!”—1:20; 11:33.
21 Haala kanaa wajjin walqabateen macaafni Roomaa waa’ee dhoksaa Waaqayyoo ilaalchisee ibsa dabalataa kenna. Kana booda gumii Kiristiyaanaa keessatti Yihudootaafi namoota Yihudii hin taane gidduu garaagarummaan kan hin jiraanne ta’uusaarrayyuu, namoonni sanyii hundumaa keessa jiran karaa Yesus Kiristos gaarummaa Yihowaarraa hirmaachuu akka danda’an ibsa. “Waaqayyo nama wal hin caalchisu.” “Namni keessa namummaa isaatii isa bakkeetti hin mul’anneen Yihudii ta’e garuu, Yihudii dhugaa dha; dhagna-qabaan yaada garaa namaas dhagna-qabaa isa dhugaa dha; kunis hojii hafuura Waaqayyoo ti malee, hojii seericha isa caafamee miti.” “Warra Yihudootaa fi warra Yihudoota hin ta’in gidduu garaagarummaan hin jiru; innoo gooftaa nama hundumaa ti, warra isa waammatan hundumaafis badhaadhummaa isaa irraa in kenna.” Namoota kana hundumaaf qajeelummaatti kan isaaniif lakkaa’ame hojiisaanii utuu hin ta’in amantiisaaniiti.—2:11, 29; 10:12; 3:28.
22 Gorsi faayida qabeessa xalayaa Kiristiyaanota Roomaatiif barreeffame keessatti argamu, Kiristiyaanota yeroo har’aa biyya lafaa keessatti orma ta’anii jiraataniifi rakkoowwan isaanii wajjin walfakkaatu isaan mudatuuf kan fayyadudha. Kiristiyaanonni namoota gumiidhaa ala jiran dabalatee ‘namoota hundumaa wajjin nagaatti akka jiraataniif’ gorsi cimaan isaaniif kennameera. Namni hundumtuu ‘warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif abboomamuu’ qaba; warri bulchuudhaaf aboo qaban kun kan sodaachisan namoota seeraaf abboomamaniif utuu hin ta’in namoota hamaa hojjetaniifidha. Kiristiyaanonni seeraaf kan abboomaman adaba waan sodaataniif utuu hin ta’in, yaada garaasaanii ciibsachuuf jechadha. Kanaaf qaraxa isaanirra jiru ni kaffalu; tokkoon tokkoonsaaniitiif wanta isaaniif ta’u ni kennu; itti gaafatamummaa isaanirra jiru ni raawwatu; “wal jaallachuu irraa kan hafe” gatiin nama tokkoyyuu akka isaanirra hin jiraanneef of eeggatu. Kanaafuu nama jaallachuun seera raawwachuudha.—12:17-21; 13:1-10.
23 Phaawulos sabaaf lallabuun barbaachisaa ta’uusaa jabeessee ibseera. Namni tokko garaasaatti yoo amane qajeelaa kan isa godhu yommuu ta’u, kan fayyu garuu afaansaatiin yoo lallabedha. “Namni maqaa gooftaa [“Yihowaa,” NW] waammatu hundinuu in oola.” Haata’u malee, kun akka ta’uuf, labsitoonni gara namootaa dhaqanii “oduu gaarii” lallabuunsaanii barbaachisaadha. Labsitoota sagaleensaanii “lafa namni jiraatu hundumaa ga’e” keessaa tokko yoo taane gammadoodha! (10:13, 15, 18) Hojii lallabaa kanaaf yeroo qophoofnu, akkuma Phaawulos Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanii wajjin guutummaatti wal baruuf haa carraaqnu; Phaawulos boqonnaa kana keessatti qofa (10:11-21) irra deddeebi’ee Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa caqaseera. (Isa. 28:16; Yoe. 2:32; Isa. 52:7; 53:1; Far. 19:4; Kes. 32:21; Isa. 65:1, 2) Kanaafuu, “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jechuu danda’eera.—Rom. 15:4.
24 Hariiroo gumii Kiristiyaanaa keessatti argamuu qabu ilaalchisee gorsa gaarii kenna. Sanyiin, gostiifi haalli hawaasa keessaa dhufan maaliyyuu yoo ta’e, hundumtuu ‘jaalala Waaqayyo isa waan gaarii, waan isa duratti fudhatamaa ta’e, waan akeekasaa fiixaan baasu hubachuu,’ akkasumas tajaajila qulqullaa’aa dhiheessuufi yaada garaasaanii haareffachuudhaan diddiiramuu qabu. (11:17-22; 12:1, 2) Yaanni Phaawulos Roomaa 12:3-16rratti ibse, gorsa gaarii hojiirra ooluu danda’u qabateera! Gumii Kiristiyaanaa keessatti kan argaman hundi hinaaffaa guddifachuu, gad of qabuufi obboloota jaallachuu ilaalchisee gorsi gaariin kennameeraaf. Phaawulos boqonnaawwan xumuraarratti namoota gumiin akka walqoodu godhan hordofuufi isaanirraa fagaachuu ilaalchisee akeekkachiisa cimaa kan kenne si’a ta’u, obboloota gumii keessatti argamanii wajjin michummaa gaarii qabaachuun gammachuufi boqonnaa kan namaaf argamsiisu ta’uusaa ibseera.—16:17-19; 15:7, 32.
25 Kiristiyaanota waan taaneef, hariiroo namoota kaanii wajjin qabnuun, yeroo hundumaa ofeeggannoo gochuu qabna. “Mootummaan Waaqayyoo, mootummaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu warra hafuura qulqulluu biraa kennamanii ti malee, mootummaa nyaataa fi dhugaatii miti.” (14:17) Qajeelummaa, nagaaniifi gammachuun kun, keessumaa namoota Mootummaa Waaqaarratti ‘Kiristosii wajjin ulfina argatan’ kan argisiisudha. Macaafni Roomaa, abdiin Mootummaa Eeden keessatti kenname akkamitti akka raawwatamu ilaalchisee ibsa dabalataa yommuu kennu, “Waaqayyo inni nagaa kennu immoo dafee Seexana miilla keessan jalatti in caccabsa” jedha. (Rom. 8:17; 16:20; Uma. 3:15) Dhugaawwan dinqisiisaa ta’an kanatti amanuudhaan, gammachuu, nagaafi abdiidhaan guutamuu keenya itti haafufnu. Samiirrattis ta’e lafaarratti “uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda’ee gargar” nu baasuu akka hin dandeenye waan hubanneef, Sanyii Mootummichaa isa injifatuu wajjin dhaabachuun murtoo keenya haata’u.—Rom. 8:39; 15:13.
[Miiljalee]
a Aawar Baayibil eend za Eenshant Maanuskiriiptis, 1958, ful. 188.