Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 46—1 Qorontos
Barreessaan: Phaawulos
Bakki Itti Barreeffame: Efesoon
Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 55
QORONTOS ‘magaalaa beekamtuu, wantoonni ciiggaasisaa ta’an itti raawwatamaniifi bakka namoonni jireenya gadhiisii itti jiraatan turte.’a Magaalaan kun lafa dhiphoo Pelooponesaasiifi Giriik gidduutti argamtu yommuu ta’u, namni tokko miillaan gara biyyoota kanaa deemuuf Qorontos keessa darbuu qaba ture. Bara Phaawulos turetti, baay’inni uummatashee 400,000 si’a ta’u, baay’ina uummataatiin kan ishee caalan Roomaa, Aleeksaandiraafi Anxokiyaa ishee Sooriyaa qofa turan. Gara baha Qorontosiin kan jiru Galaana Eejiyaan, gara lixaatiinimmoo Garba Qorontosiifi Galaana Iyooniyaati. Kanaafuu, magaalaa guddoo kutaa biyya Akaayyaa kan taate Qorontos, iddoowwan buufata markabaa Kanchire’aafi Liqooniyam jedhaman waan qabduuf, karaa daldalaa bakka baay’ee barbaachisaa ta’erratti argamtu turte. Barumsi warra Giriikotaas magaalaa kanatti kennama ture. ‘Waa’een Badhaadhinashee beekamaa ture, uummannishees amala gadhee kan qabaniifi maallaqatti kan taphatan ta’uusaaniitiin kan beekaman turan.’b Gochawwan namoonni Waaqayyoon hin beekne raawwatan keessaa tokko, waaqeffannaa Afrodaayit (ishee Veenus waaqayyicha Roomaa fakkaattuuti). Waaqeffannaan warra Qorontos saalqunnamtii seeraan ala ta’eef isaan saaxilee ture.
2 Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 50tti, gara kutaa guddoo biyya Roomaa badhaatuu taateefi karaa amalaa garuu baay’ee gadi badde dhaqe. Waggaa tokkoofi ji’a ja’aaf achi yeroo turetti gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee ture. (HoE. 18:1-11) Phaawulos, amantoota misiraachoo waa’ee Kiristos dubbatu yeroo jalqabaatiif itti hime kanaaf jaalala guddaa qaba ture! Walitti dhufeenya hafuuraa isaan gidduu jiru ilaalchisee xalayaadhaan akkas jechuudhaan isaan yaadachiiseera: “Karaa Kristos guddisee kuma baay’ee yoo qabaattan iyyuu, abboota baay’ee hin qabdan; ani wangeela isin barsiisuu kootiin, karaa Kristos Yesus abbaa keessan ta’eera.”—1 Qor. 4:15.
3 Haalli karaa hafuuraa Kiristiyaanonni Qorontos keessa turan Phaawulosiin yaaddessuunsaa, adeemsa misiyoonummaa isa sadaffaarra utuu jiruu xalayaasaa isa jalqabaa akka isaaniif barreessu isa kakaaseera. Qorontosii erga ba’ee waggoonni muraasni darbaniiru. Amma yeroonsaa Dh.K.B. bara 55 yeroo ta’u, Phaawulos Efesoon keessa ture. Gumii Qorontos isa gumiiwwan kaanirra haaraa turerraa xalayaan deebii barbaadu isa ga’ee akka ture beekamaadha. Kana malees, gabaasni nama gaddisiisu isa ga’ee ture. (7:1; 1:11; 5:1; 11:18) Phaawulos baay’ee gaddee waan tureef, hanga lakkoofsota jalqabaa boqonnaa (7:1) ffaa xalayaasaatti waa’ee xalayaasaanii hin caqasne. Phaawulos keessumaa gabaasa isa ga’een kan ka’e, Kiristiyaanota Qorontosiif barreessuuf dirqamni akka irra jiru itti dhaga’ameera.
4 Haata’u malee, Phaawulos ergaa warra Qorontosiif erge isa duraa kan barreesse Efesoonitti ta’uusaa akkamitti beekna? Tokkoffaa, xalayichi dhaamsa nagaas kan qabate si’a ta’u, Phaawulos nagaa Aqiilaafi Phriskaan (Phrisqiilaan) erganis itti dabaleera. (16:19) Hojii Ergamootaa 18:18, 19, jarri kun Qorontosii gara Efesoonitti akka galan argisiisa. Aqiilaafi Phrisqiilaan Efesoon keessa waan turaniifi Phaawulos dhaamsa nagaa Qorontos Isa Duraa yeroo xumuru erge keessatti isaaniinis waan dabaleef, xalayicha yeroo barreessu Efesoon keessa kan ture ta’uu qaba. Wanti shakkii tokko malee akkas akka jennu godhu garuu, wanta Phaawulos 1 Qorontos 16:8rratti. “Hamma guyyaa Phenxeqosteetti garuu mandara Efesoon keessa nan tura” jechuudhaan dubbatedha. Kanaafuu, Phaawulos Qorontos Isa Duraa kan barreesse Efesoonitti, keessumaa yeroo achii deemuunsaa dhihaatetti akka ta’e beekamaadha.
5 Qorontos Isa Duraas ta’e Qorontos Isa Lammaffaan sirrii ta’uunsaanii kan nama shakkisiisu miti. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, ergaawwan kun Phaawulosiin kan barreeffaman ta’uusaaniifi kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uusaanii amanuudhaan achi keessatti isaan dabalaniiru. Karaa gara biraammoo Qorontos Isa Duraa, xalayaa Roomaadhaa gara Qorontositti Dh.K.B. naannoo bara 95 ergameefi Kileemant Jalqabaa jedhamu keessatti yoo xinnaate si’a ja’a caqasameera jedhamee amanama. Barreessaan xalayaa kanaa, Qorontos Isa Duraa caqasuudhaan warra xalayaansaa isaan ga’uun ‘ergaa Phaawulos ergamaa isa eebbifamaa akka fudhatan’ isaan gorseera.c Jastiin inni wareegame, Atenaagoras, Iraaniyasiifi Tartuuliyaanis, Qorontos Isa Duraarraa kallattiidhaan caqasaniiru. Qorontos Isa Duraafi Isa Lammaffaa dabalatee xalayaawwan Phaawulos barreesse, ‘kan walitti qabamaniifi kan maxxanfaman waggoota gara dhumaa jaarraa jalqabaatti ta’uusaatiif’ ragaa amansiisaatu jira.d
6 Xalayaan jalqabaa Phaawulos warra Qorontosiif barreesse, haala gumii Qorontos gad fageenyaan akka hubannu carraa nuu kenna. Kiristiyaanonni kun rakkoo isaan mudateefi gaaffiiwwan deebii barbaadan qabu turan. Isaan keessaa tokko tokko namoota duukaa waan bu’aniif, gareedhaan wal qoqqoodanii turan. Saalqunnamtiin seeraan ala ta’eefi nama suukanneessu raawwatamee ture. Tokko tokkommoo maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa jiraatu turan. Hiriyaa gaa’elaa hin amanne sanaa wajjin jiraachuumoo gargar ba’uu qabu? Foon waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa godhame nyaachuu qabuu? Warri Qorontos, Ayyaana Irbaata Gooftaa dabalatee akkaataa walga’iiwwansaanii itti godhanirratti gorsi isaan barbaachisa ture. Dubartoonni gumii keessatti iddoo akkamii qabu? Namoonni du’aa ka’uutti hin amannes isaan gidduu jiru turan. Rakkinnisaanii baay’ee ture. Ta’uyyuu, keessumaa Phaawulos kan xiyyeeffate, warri Qorontos karaa hafuuraa deebi’anii akka jajjabaatan gochuurratti ture.
7 Qorontos, haala gumii keessa tureefi haala naannoo magaalattii keessa tureen, akkasumas badhaadhummaasheefi addaggummaasheetiin yeroo ammaatti kan ishee fakkaatu waan jiruuf, gorsa gaarii Phaawulos hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee barreesseef xiyyeeffannaa kennuu qabna. Xalayaa jalqabaa Phaawulos obboloota Kiristiyaanaa jaallatuuf barreesseerratti xiyyeeffannaadhaan yoo yaanne faayidaa waan irraa argannuuf, wanti inni jedhe bara keenya kanaafis faayidaa guddaa qaba. Yeroofi bakka wanti kun itti raawwatame yaadi. Akkuma Kiristiyaanonni Qorontos godhan, atis xalayaa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee namoota Qorontos durii keessatti hidhata amantaasaa ta’aniif barreesse, isa gad fageenya qabuufi miira namaa tuquurratti yeroo mari’annu akka gaariitti yaadi.
FAAYIDAASAA
23 Xalayaan Phaawulos kun, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa yaadawwan hedduu irraa caqase caalaatti akka hubannu gargaaruurratti faayidaa guddaa qaba. Boqonnaa 10 kurnaffaa keessatti, Phaawulos, Israa’eloonni Museedhaan geggeeffamaa turan kattaa hafuuraarraa akka dhuganiifi innis Kiristos akka ta’e dubbateera. (1 Qor. 10:4; Lak. 20:11) Achiis, akkuma Israa’eloota Museen geggeessaa tureetti, wantoota balaa guddaa geessisan hawwuun maal akka geessisu erga caqasee booda akkas jedheera: “Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga’eef immoo barumsa akka nuuf ta’uuf caafame.” Kufuu hin dandeenyu jennee yaaduudhaan matumaa ofitti amanamuu hin qabnu! (1 Qor. 10:11, 12; Lak. 14:2; 21:5; 25:9) Kana malees, Seericharraa fakkeenya caqaseera. Namoonni Irbaata Gooftaarraa hirmaatan, akka maaddii Yihowaatiif malutti akkamitti hirmaachuu akka qaban ibsuuf, aarsaa araaraa Israa’el keessatti dhihaachaa ture caqaseera. Achiimmoo, foon gabaarratti gurguramu hunda nyaachuun sirrii ta’uusaa ilaalchisee yaada dubbate deggeruuf, Faarfannaa 24:1 caqasuudhaan akkas jedheera: “Lafichi, wanti laficha guutes hundinuu kan Waaqayyoo ti.”—1 Qor. 10:18, 21, 26; Bau. 32:6; Lew. 7:11-15.
24 Phaawulos, ‘wanti Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse’ akka caaluufi ‘yaanni warra ogeessota’ biyya lafaa akka waa’ee hin baafne yeroo ibsus, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa caqaseera. (1 Qor. 2:9; 3:20; Isa. 64:4; Far. 94:11) Nama cubbuu hojjate gumiidhaa baasuu ilaalchisee qajeelfamni inni boqonnaa 5rratti kenne, seera Yihowaa ta’uusaa argisiisuuf seera, ‘hamaa of gidduudhaa balleessaa’ jedhu caqaseera. (Kes. 17:7) Phaawulos, yeroo tajaajilu wanta jireenyaaf isa barbaachisu argachuuf mirga akka qabu ibsuuf, Seera Musee qotiyyoo siribsiisarra jiru afaan akka hin hiine dubbatuufi Lewwoonni mana qulqullummaatti tajaajilan iddoo aarsaarraa gaheesaanii akka fudhatan dubbatu caqaseera.—1 Qor. 9:8-14; Kes. 25:4; 18:1.
25 Xalayaa jalqabaa Phaawulos warra Qorontosiif barreesserraa, faayidaa guddaa qajeelfama geggeessaa hafuuraatiin kennamerraa argamu arganneerra. Murtoowwan godhamanirrattiifi duuka buutota namootaa ta’uu ilaalchisee gorsa kennamerratti xiinxalaa. (1Qor. Boqonnaa 1-4) Dhimma saalqunnamtii seeraan ala ta’e ilaalchisee ka’eefi Phaawulos gumii keessatti gaarummaafi qulqullummaan barbaachisaa ta’uusaa akkamitti akka addeesse yaadadhaa. (1Qor. Boqonnaa 5, 6) Qeentee ta’anii jiraachuu, gaa’elaafi gargar ba’uu ilaalchisee gorsa hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee kennerratti yaadaa. (1Qor. Boqonnaa 7) Phaawulos, nyaata waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa godhame ilaalchisee, akkasumas warra kaan gufachiisuurraafi waaqolii tolfamoo waaqeffachuurraa of qusachuun barbaachisaa ta’uusaa ilaalchisee ergaa barbaachisaa ta’e dabarseera. (1Qor. Boqonnaa 8-10) Karaa sirrii ta’een abboomamuu, kennaawwan hafuuraa, jaalalli kan obsuufi kan hin kufne ta’uusaa ilaalchisee gorsi kennameera. Phaawulos walga’iiwwan gumiirratti seera qabeeyyii ta’uun barbaachisaa ta’uusaa akka gaariitti ifa godheera. (1Qor. Boqonnaa 11-14) Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee morumii du’aa ka’uu ilaalchisee ka’eef deebii nama dinqisiisu kenneera. (1Qor. Boqonnaa 15) Kun hundiifi wantoonni kan biraan kan hin irraanfatamneefi Kiristiyaanota yeroo keenya jiraniif faayidaa guddaa kan qabanidha.
26 Xalayaan kun, ergaa Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee hubannaa qabnu akka nuu dabalu ifadha. Namoonni qajeeloo hin taane Mootummichatti akka hin galle akeekkachiisa cimaa nuu kenna; akkasumas amalawwan gadhee namni tokko Mootummichaaf akka hin malle godhan hedduu ibsa. (1 Qor. 6:9, 10) Hunda caalaa garuu, walitti dhufeenya du’aa ka’uufi Mootummaa Waaqayyoo gidduu jiru ibsa. Kiristos inni “warra obbaafatan keessaa . . . jalqaba ka’e,” “Waaqayyo diinota hundumaa miilla isaa jala hamma kaa’ufitti, . . . mo’uu” qaba. Achii, du’a dabalatee diinotasaa hundarratti erga injifatee booda, ‘Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaarra akka ta’uuf Mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti ni kenna.’ Dhumarrattis, yeroo dhumaatiif mataa Bofichaa buruqsuu ilaalchisee kakuun Mootummichaa Eeden keessatti galame, Kiristosiifi obbolootasaa warra hafuuraa du’aa ka’aniin raawwiisaa argata. Dhugumayyuu, abdiin du’aa ka’uu, namoonni Yesus Kiristos wajjin Mootummaa samiirratti jireenya hin badne argatanii guddaadha. Phaawulos abdii du’aa ka’uurratti hundaa’uudhaan gorsa armaan gadii kenneera: “Jaallatamoo obboloota ko, egaa utuu hin socho’in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta’in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!”—1 Qor. 15:20-28, 58; Uma. 3:15; Rom. 16:20.
[Miiljaleewwan]
a Haaleyis Baayibil Haandibuuk, 1988, Eechi. Eechi. Haaleyi, ful. 593.
b Ismiizis Dikshinarii oov za Baayibil 1863, Jildii 1, ful. 353.
c Za Intarpiriitars Baayibil, Jildii 10, 1953, ful. 13.
d Za Intarpiriitars Baayibil, Jildii 9, 1954, ful. 356.