LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-1 ful. 24-25
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 48—Galaatiyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 48—Galaatiyaa
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
bsi08-1 ful. 24-25

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 48​—Galaatiyaa

Barreessaan: Phaawulos

Bakki Itti Barreeffame: Qorontos ykn Anxokiyaa Sooriyaa

Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 50-52

PHAAWULOS gumiin Galaatiyaa, Galaatiyaa 1:2⁠rratti caqase, koonyaa Roomaa addaddaa jechuunis Phisiidiyaa Anxokiyaa, Iqoniiyum, Lisxiraafi Derbee jiran kan dabalatu utuu hin ta’in hin oolan. Hojiin Ergamootaa boqonnaa 13⁠fi 14 Phaawulosiifi Barnaabaas adeemsa misiyoonummaasaanii isa jalqabaarratti naannoowwan kana dhaqanii gumiiwwan Galaatiyaa qindeessanii akka turan nutti himu. Gumiiwwan kun namoota Yihudiifi Yihudii hin taane kan qabatan yommuu ta’u namoota addaddaa kana gidduuttis Seeltoonni ykn Gooltonni akka argaman homaa hin shakkisiisu. Kun kan ta’e Dh.K.B. naannoo bara 46 Phaawulos Yerusaalemiin erga daawwate yeroo muraasa booda ture.—HoE. 12:25.

2 Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa isa lammaffaa kan jalqabe Dh.K.B. bara 49 Siilaasii wajjin naannoo Galaatiyaa keessa tajaajiluudhaan ture. Kunis gumiiwwan ‘amantiitti akka cimaaniifi lakkoofsaan guyyaa guyyaadhaan akka guddatan’ godheera. (HoE. 16:5; 15:40, 41; 16:1, 2) Haata’u malee, yeruma sana barsiisonni sobaa amantii Yihudootaa babal’isan sochiisaanii cimsuudhaan Kiristiyaanonni gumii Galaatiyaa keessa jiran tokko tokko, dhagna qabachuufi Seera Musee eeguun ulaagaa Kiristiyaanummaa dhugaati jedhanii akka amanan isaan godhanii turan. Kana gidduutti Phaawulos biyya Miisiyaa keessa darbee gara Maqedooniyaafi Giriikii, booddees Qorontos isa waggaa tokkoof walakkaa keessa turetti adeemeera. Achiis, Dh.K.B. bara 52 Efesoonii ka’ee gara mandara Anxokiyaa ishee Sooriyaatti argamtuufi bakka jireenyaasaa taate dhaqe.—HoE. 16:8, 11, 12; 17:15; 18:1, 11, 18-22.

3 Phaawulos namoota Galaatiyaadhaaf xalayaa kan barreesse yoomiifi eessa taa’eeti? Sochii namoota amantaa Yihudii babal’isan tokko tokko erga dhaga’ee booda yeruma sana akka barreesse beekamaadha. Kun kan raawwatame Qorontos, Efesoon ykn Anxokiyaa ishee mandara Sooriyaa taatetti ta’uu danda’a. Yookiinimmoo, Dh.K.B. bara 50-52 yeroo waggaa tokkoof walakkaa Qorontos turetti, waa’ee galaatiyaa odeeffannoo argachuuf yeroo ga’aa waan qabaatuuf xalayaa kana kan barreesse achi utuu jiru ta’uu danda’a. Ennaa deebi’utti yeroo muraasaaf kan achi ture waan ta’eef, xalayaa kana kan barreesse utuu Efesoon jiru ta’uu hin danda’u. Haata’u malee, yeroo sana booda, jechuunis ganna bara 52⁠tti bakka jireenyaasaa kan taate Anxokiyaa mandara Sooriyaa “takka turee” ture. Kana malees, magaalaa kanaafi Asiyaa Xinnoo daandii gaariin waan tureef, sochii namoonni amantii Yihudii babal’isan godhan dhaga’uu danda’a. Kanaaf namoota Galaatiyaatiif xalayaa kana kan barreesse Dh.K.B. bara 52⁠tti Anxokiyaa taa’ee ta’uu qaba.—HoE. 18:22.

4 Xalayaan kun, Phaawulosiin “namoota biraa yookiis karaa nama tokkoo utuu hin ta’in, Yesus Kristosiin, Waaqayyo abbaa isa Kristosin du’aa kaaseen ergame” ta’uusaa ibsa. Akkasumas, ergamaa waan ta’eef ergamoota Yerusaalem keessatti argaman kaan wajjin walta’iinsaan akka hojjetuufi aangoosaa ergamaa tokko, jechuunis Phexrosiin sirreessuuf akka itti fayyadame ibsuudhaan jireenyaafi tajaajila inni ergamaa ta’uudhaan raawwate ibsa.—Gal. 1:1, 13-24; 2:1-14.

5 Ergaan Galaatiyaa sirriifi kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uusaatiif ragaa maaliitu jiraa? Iraaniyas, Kileemanti isa Iskindiriiyaa, Tartuuliyaaniifi Oriigan barreeffamootasaanii keessatti maqaadhaan isa caqasaniiru. Kana malees Caaffata Qulqullaa’oo durii harkaan galagalchamaniifi bakki guddaan kennamuuf jedhaman keessattis ni argama: Saayinaatik, Aleeksaandiraayiin, Vaatikaan Lak. 1209, Koodeeksii Efreemii Saayarii Raskiriiptas, Koodeeksii Biizee, akkasumas Cheestar Beetii Paappiirasii Lak. 2 (P46). Itti dabalees, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiifi afaan Ibrootaa wajjin guutummaatti kan walsimu ta’uusaarrayyuu, macaafota kanarraa irra deddeebi’ee caqasa.

6 Xalayaa gorsa ifaa Phaawulos gumiiwwan ykn “waldoota Galaatiyaa[f]” ergerratti, (1) ergama dhugaa ta’uusaa (dhimma namoonni amantii Yihudii babal’isan Phaawulosiin fudhatama dhabsiisuuf kaasan keessaa kun tokko ture) akkasumas (2) qajeelinni kan argamu Yesus Kiristositti amanuudhaan malee Seera Musee eeguudhaan waan hin taaneef, Kiristiyaanonni dirqama dhagna qabachuun akka isaan hin barbaachisne hubachiiseera. Phaawulos ergaawwansaa amala namoota kaan barreessisuu kan qabu ta’uyyuu, xalayaa warra Galaatiyaaf garuu ‘fidala gurguddaadhaan harkasaatiin isiniif caafe.’ (6:11) Yaadawwan macaafichi qabate Phaawulosiifis ta’e namoota Galaatiyaatiif faayidaa kan qaban turan. Macaafichi Kiristiyaanonni dhugaa birmadummaa karaa Yesus Kiristos argatan dinqisiifannaadhaan ilaaluu akka qaban jabeessee ibsa.

FAAYIDAASAA

14 Xalayaan warra Galaatiyaaf ergame, Phaawulos inni kanaan dura ari’achaafi balleessaa ture jijjiiramee rakkina obbolootasaatiif dafee kan ga’uufi ergamaa hinaafaa namoota Yihudii hin ta’inii ta’uusaa kan ibsudha. (1:13-16, 23; 5:7-12) Phaawulos, ilaaltuun olaanaa tokko ilaalcha dogoggora ta’e sirreessuuf ragaa amansiisaa dhiheessuufi Caaffata Qulqullaa’ootti fayyadamee, rakkoowwan hiikuuf dafee tarkaanfii fudhachuu akka qabu fakkeenyaan ibseera.—1:6-9; 3:1-6.

15 Xalayaan kun Kiristiyaanonni Galaatiyaa birmadummaa karaa Kiristos argatan ifatti kan ibsuufi namoonni misiraachoo micciiran sobduu ta’uusaanii kan saaxilu waan ta’eef, gumiiwwan Galaatiyaa keessa jiran kan fayyadu ture. Namni tokko qajeelaa ta’uu kan danda’u amantiidhaan waan ta’eef fayyina argachuuf dhagna qabachuun dirqama barbaachisaa akka hin taane ibsa. (2:16; 3:8; 5:6) Wantoota wal qooduun akka uumamu godhan akkasii kana dhiisuudhaan Yihudoonniifi namoonni Yihudii hin taane gumii tokko keessatti waliin akka tajaajilan isaan dandeessiseera. Seerri bu’uuraa “Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!” jedhu waan jiruuf, seericharraa walaba ta’uun fedhii ofii raawwachuuf sababii ta’uu hin qabu. Kiristiyaanota yeroo keenya jiraniifis akka qajeelfamaatti gargaaruusaa itti fufeera.—5:14.

16 Xalayaan Phaawulos Caaffata Qulqullaa’oorraa fakkeenyota cimaa fudhachuudhaan, namoonni Galaatiyaa barumsawwan bu’uuraa hedduurratti hubannaa gaarii akka qabaatan gargaareera. Hafuura Waaqayyootiin gargaaramee Dubartiin Yihowaa Isaayaas 54:1-6⁠rratti caqasamte, “Yerusaalem ishee waaqa keessaa” ta’uushee ibseera. “Fakkeenya” diraamaa waa’ee Saaraayiifi Aggaar dubbaturratti akka ibsametti, warri abdii Waaqayyoo dhaalan namoota garbummaa Seerichaa jala jiran utuu hin ta’in, namoota karaa Kiristos birmaduu ba’an akka ta’e ibseera. (Gal. 4:21-26; Uma. 16:1-4, 15; 21:1-3, 8-13) Kakuun seerichaa kakuu Abrahaamii wajjin kan walfaallessu utuu hin ta’in, isarratti kan dabalame ta’uusaa ibsa. Kana malees, yeroon kakuuwwan lamaan kana gidduu jiru waggaa 430 akka ta’e argisiisa; kunimmoo, bara Macaafa Qulqulluu lakkaa’uuf odeeffannoo gaarii kan qabudha. (Gal. 3:17, 18, 23, 24) Barumsawwan kun hanga ammaatti kan turan amantii Kiristiyaanota yeroo har’aa jiran jabeessuufidha.

17 Irra caalaa garuu, Galaatiyaan “Abrahaamii fi hidda isaatiif abdii kenneera . . . innis Kristos[i]” jechuudhaan eenyummaa Sanyii Mootummichaa raajonni hundinuu eegaa turan sirriitti addaan baasee caqaseera. Namoonni Kiristos Yesusitti amanuudhaan ijoollee Waaqayyoo ta’an, kutaa sanyichaa ta’uudhaaf fudhatama argachuusaaniis ibseera. “Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu.” (3:16, 29) Namoonni isaa wajjin Mootummaasaa dhaalaniis ta’an isaanii wajjin hojjetan, gorsa macaafa Galaatiyaa keessatti ‘birmadummaa Kiristos isaaniif argamsiisetti jabaatanii akka dhaabatan’ isaaniif kenname hojiirra oolchu. ‘Wanta gaarii ta’e gochuutti hin laafinaa! Addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii hojjedhaa!’—5:1; 6:9, 10.

18 Dhumarrattis, akeekkachiisa cimaa namoonni hojii foonii raawwatan “mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye” ibsutu argama. Egaa, hundi keenya xurii biyya laafaafi lolarraa fagaachuudhaan ija hojii hafuuraa ta’an, ‘jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuu’ horachuuf murtoo cimaa haa goonu.—5:19-23.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi