LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-1 ful. 26-28
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 49—Efesoon

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 49—Efesoon
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
bsi08-1 ful. 26-28

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 49​—Efesoon

Barreessaan: Phaawulos

Bakki Itti Barreeffame: Roomaa

Bareeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 60-61

MEE akka mana hidhaa keessa jirtutti yaadi. Tajaajila misiyoonummaa hinaaffaadhaan raawwachuu keetiin hidhamte. Si’achi gumiiwwan naannooftee daawwachuufi jajjabeessuu hin dandeessu; maal goota? Namoota hojii lallabaa keetiin Kiristiyaanota ta’aniif xalayaa hin barreessituu? Haala fayyaakee beekuufi jajjabina argachuun isaan hin barbaachisuu? Eeyyee Isaan barbaachisa! Kanaaf, namoota kanaaf barreessuu jalqabda. Kan ati amma gochaa jirtu wanta Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 59-61 jalqabaa yeroo Roomaatti hidhametti gochaa turedha. Phaawulos ol iyyannoo mootii warra Roomaatti dhiheeffate eeggachaa kan jiru ta’uyyuu, eegumsa jala utuu jiruu wantoota tokko tokko gochuuf mirga qaba ture. Phaawulos Kiristiyaanota “Efesoon jiraataniif” xalayicha kan barreesse Dh.K.B. naannoo 60 ykn 61 Roomaa taa’eeti , xalayaa kana Efesoonitti kan geesse Xikiqoos yommuu ta’u, Oneesimosiis isaa wajjin adeemeera.—Efe. 6:21; Qol. 4:7-9.

2 Phaawulos Xalayaa kana barreessuusaa ibsuuf lakkoofsa jalqabaarratti, karaa kallattii ta’eefi kallattii hin taaneen si’a afur ‘gooftaadhaaf hidhameen jira’ jedhee eenyummaasaa ibseera. (Efe. 1:1; 3:1, 13; 4:1; 6:20) Xalayichi Phaawulosiin barreeffamuusaa ilaalchisee falmiin ka’e fashalaa’eera. Paappiirasiin Cheestar Beetii Lak. 2 (P46) Dh.K.B. bara 200⁠tti barreeffamee jedhamee yaadamu, Koodeeksiin ergaawwan Phaawulos qabate keessaa fudhataman fuula 86 qabateera. Fuulawwan kana keessatti ergaan Efesoon kan argamu si’a ta’u, kunis ergaawwan Phaawulos kaanii wajjin kan ramadamu akka ture argisiisa.

3 Barreessitonni waldoota Kiristiyaanaa durii xalayaa kana kan barreesse Phaawulos akka ta’eefi Kiristiyaanota “Efesoon jiraataniif” barreeffamuusaa mirkaneessu. Fakkeenyaaf Iraaniyas inni Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti jiraachaa ture, Efesoon 5:30 caqasuudhaan “Phaawulos inni eebbifamaa ta’e ergaa Efesooniif ergerratti, nuyi bu’aa dhagnasaa ta’uu keenya ibseera” jedheera. Kileemant inni Iskindiriiyaa baruma sanatti jiraate Efesoon 5:21 caqasuudhaan “Kana malees [Phaawulos] ergaa warra Efesooniif ergerratti sodaa ulfinaa Waaqayyoof qabdaniin waliif abboomamaa jedhee barreesseera” jechuudhaan caqaseera. Oriigan Dh.K.B. walakkaa jaarraa sadaffaatti Efesoon 1:4 caqasuudhaan akkas jedhee barreessee ture: “Haata’u malee, ergamaan sun ergaa warra Efesooniif ergerratti biyyi lafaa uumamuusaa dura nu filatee jechuudhaan jecha walfakkaatuun fayyadameera.”a Seenaa Kiristiyaanummaa durii keessatti Yuuseebiiyas inni aangoo qabu [naannoo Dh.K.B. bara 260-342) ergaa Efesoon Macaafa Qulqulluutti kan dabale si’a ta’u, barreessitoonni waldaa Kiristiyaanaa durii hedduunis caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman keessaa akka tokkootti akka fudhachuudhaan Efesoonirraa caqasanii barreessaniiru.b

4 Paappiirasiin Cheestar Beetii, Caaffata Qulqullaa’oo durii Vaatikaan Lak. 1209⁠fi Saayinaatikiin Caaffata Qulqullaa’oo durii boqonnaa 1 lakkoofsa 1⁠rratti jecha warra mandara “Efesoon jiraniif” jedhu waan keessaa baasaniif, xalayaan kun eenyuuf akka barreeffame hin ibsu. Akkasumas (Phaawulos waggoota sadiif dadhabuyyuu) namoota Efesoon keessa jiraataniif nagaan dhaamame hin jiru. Sababiiwwan kun lamaan namoonni tokko tokko xalayaan kun kan ergame bakka biratti ta’u qaba ykn xalayaan kun Efesooniin dabalatee gumiiwwan Asiyaa Xinnoo keessa jiran akka dubbisaniif kan ergamedha jedhanii akka yaadan godheera. Haata’u malee, Caaffata Qulqullaa’oo durii hedduun jechoota warra “Efesoon jiraataniif” jedhan kan dabalatanidha; akkasumas akkuma armaan olitti ilaalle, barreessitoonni durii xalayaan kun namoota Efesooniif kan barreeffame ta’uusaa amananiiru.

5 Haalawwan yeroo sanatti turan qorachuun keenya kaayyoo xalayaan kun itti barreeffame hubachuuf nu gargaara. Jaarraa jalqabaatti Efesoon tosha, qoricha namatti tolchuu, urjii lakkaa’uufi waaqayyittii dubartii Arxemiisiin waaqeffachuudhaan kan beekamte turte.c Galmi dinqisiisaan siidaa waaqayyittii dubartii kanatti naanna’ee ijaaramee ture. Galmi kun wantoota dinqisiisoo addunyaa duriitti turan torba keessaa tokko ture. Ragaan qorannaa dachee jaarraa 19⁠ffaatti godhamerraa argame, galmi kun bal’ina meetira 73⁠fi dheerina meetira 127 lafa ol ka’aarratti kan ijaarame akka ta’e argisiisa. Galmi kun bal’innisaa meetira 50, dheerinnisaa meetira 105 dha. Tokkoon tokkoonsaanii utuboota dhagaa adiirraa hojjetamaniifi meetira 17 dheeratan 100 qabu turan. Bantiin manichaa dhagaa adii bifa xuuphiitiin hojjetameen kan uwwifamedha. Dhagaa adii bifa xuuphiitiin hojjetame kana wal qabsiisuuf hojiirra kan oole simmintoo utuu hin ta’in warqee akka ta’e dubbatama. Galmi kun qalbii daawwattoota adunyaa mararra jiran kan hawwatu si’a ta’u, guyyoota ayyaanaatti daawwattoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman gara magaalattiitti yaa’u. Namoonni Efesoonii meetii baqsanii hojjetan fakkii Arxemiis tolchuudhaan namoota amantiif adeeman akka kennaatti isaanitti gurguruudhaan daldala bu’aa qabu raawwatu turan.

6 Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa marsaa lammaffaarratti yeroo muraasaaf Efesoonitti lallabaa kan ture si’a ta’u, hojichatti akka fufaniif Aqiilaafi Phrisqiilaa achitti dhiisee adeemeera. (HoE. 18:18-21) Adeemsa misiyoonummaa marsaa sadaffaarratti deebi’ee dhufuudhaan namoota baay’eedhaaf barsiisa “karaa” Kiristiyaanaa lallabaa, akkasumas barsiisaa waggaa sadiif ture. (HoE. 19:8-10; 20:31) Phaawulos yeroo Efesooniin ture jabaatee hojjeteera. Barreessaa seenaa kan ta’e Ee. Ii. Beeyilii kitaabasaa Deeyilii Laayif iin Baayibil Taayims jedhamurratti akkas jedhee barreesseera: “Sagantaa Phaawulos yeroo hundumaa ganama barii Xiraanos hamma barsiisee fixutti hamma sa’aatii 5:00⁠tti hojii dhuunfaasaa hojjechuu (HoE. 20:34, 35), sa’aatii 5:00 hanga 10:00 galma keessatti lallabuu, namoota isa gargaaranii wajjin walga’ii geggeessuu, . . . dhumarrattis manaa gara manaa sa’aatii 10:00 jalqabee hanga halkan walakkaatti wangeela lallabuu ture. (HoE. 20:20, 21, 31) Namni tokko Phaawulos nyaachuufi ciisuuf yoom yeroo argata jedhee gaafachuunsaa hin oolu.”—1943, ful. 308.

7 Phaawulos tajaajilasaa isa hinaaffaadhaan guutame kanaan fakkiiwwan waaqeffannaadhaaf fayyadamuun dogoggora ta’uusaa saaxileera. Kunimmoo namoota akka Demeexros fakkiiwwan hojjetanii gurguran dheekkamsiisu hin oolu. Dhumarrattis Phaawulos, goolii guddaa ka’een magaalatti gadhiisee deemuuf dirqameera.—HoE. 19:23–20:1.

8 Amma Phaawulos mana hidhaa taa’ee rakkoowwan gumii Efesooniin mudatanirratti yaadaa jira. Gumiin kun waaqeffannaa namoota waaqayyoo hin ta’iniitiin kan marfameefi galma Arxemiis isa dinqisiisaatti dhihoo kan jiru ture. Kiristiyaanonni dibamoon kun “mana qulqullummaa” Yihowaan hafuurasaatiin keessa buufatu ta’uusaanii ilaalchisee fakkeenyi Phaawulos haalasaanii wajjin wal simsiisee ibse akka isaan barbaachisu beekamaadha. (Efe. 2:21) Bulchiinsa Waaqayyoo (karaa dhimmawwan manasaa keessaa itti bulchu) isa karaa Yesus Kiristos tokkummaafi nagaa buusu ‘dhoksaa’ qulqulluun warra Efesooniif mul’ifame yaadasaanii kan kakaasuufi kan isaan jajjabeessu ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu. (1:9, 10) Phaawulos Yihudoonniifi namoonni Yihudii hin taane Kiristosiin tokko ta’uusaanii ibseera. Walta’iinsaafi tokkummaa akka qabaatan jabeessee gorseera. Kanaaf, amma kaayyoofi faayidaa macaafni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun qabu dinqisiifachuu dandeenya.

FAAYIDAASAA

16 Ergaan warra Efesooniif ergame kun guutummaa jireenya Kiristiyaanota kan tuqudha. Biyya lafaa keessatti rakkinniifi hammeenyi dabalaa waan dhufeef, gorsi ifaafi hojiirra ooluu danda’u Phaawulos kenne, namoota jaalala Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuu barbaadan hundaaf kan fayyadudha. Ijoolleen warrasaaniitti, warris ijoolleesaaniitti amala akkamii argisiisuu qabu? Abbaan manaa haadha manaasaatiif haati manaas abbaa manaasheetiif itti gaafatamummaa maalii qabu? Namoonni gumii keessatti argaman, addunyaa hamaa kana keessatti jaalalaan, tokkummaafi qulqullina Kiristiyaanummaa eeganii jiraachuuf maal gochuu qabu? Gorsi Phaawulos gaaffiiwwan hundaaf deebii kenna. Akkasumas namummaa haaraa uffachuun maalfaa akka dabalatu ibsa kenna. Namoonni ergaa Efesoon qayyabatan hundi, wanta Waaqayyoon gammachiisu jechuunis, “qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame[ef]” dinqisiifannaa dhugaa guddifachuu danda’u.—4:24-32; 6:1-4; 5:3-5, 15-20, 22-33.

17 Kana malees xalayichi, muudamawwan gumii keessatti argamaniifi hojiin kan ramadamu kaayyoo maaliitiif akka ta’e ni ibsa. Kunis “Warra Waaqayyoof qulqullaa’an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, [waldaa isa] dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe.” Kiristiyaanni tokko qophiilee gumii kanaa wajjin guutummaatti walta’uudhaan ‘jaalalaan karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta’ee, gara Kiristositti guddachuu’ danda’a.—4:12, 15.

18 Xalayaan warra Efesooniif barreeffame, gumiin durii hubannaa waa’ee “dhoksaa kristos” isa qulqulluu sanaa guddisuuf baay’ee gargaareera. Asirratti “warra saba Waaqayyoo hin ta’in” wanta Yihudoonni amanuudhaan argatan “isaanii wajjin bu’aa dhagna tokkoo akka ta’an, abdii isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus kenne keessaas akka hirmaatan[iif]” kan waamaman ta’uusaanii ibsa. ‘Seerri’ Musee inni Yihudootaafi namoota Yihudii hin ta’in gidduu akka girggiddaa ta’ee jiru hafuusaatiin, amma dhiiga Kiristosiin hundisaanii lammii qulqulluufi maatii Waaqayyoo ta’aniiru. Namoonni kun galma Arxemiis waaqayyittiirraa haala adda ta’een “mana qulqullummaa [Yihowaa]” ta’uudhaan Waaqayyo hafuurasaatiin akka isaanirratti buufatuuf Yesusii wajjin kan ijaaramanidha.—3:4, 6; 2:15, 21.

19 Akkasumas, Phaawulos ‘dhoksaa’ qulqulluu kana ilaalchisee, “wanta bantii waaqaa [mootummaasaa isa samii akka ta’aniifi filataman] keessa jiru, wanta lafa [namoota mootummaasaa jalatti lafarra jiraatan] irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba” jechuudhaan waa’ee bulchiinsa tokkoo dubbateera. Kanaaf Waaqayyo nagaafi tokkummaa deebisee fiduuf kaayyoo guddaa inni qabu raawwatamu ga’eera. Phaawulos haala kanaa wajjin wal qabateen kadhannaa namoota Efesooniif dhiheesserratti, abdii Waaqayyootiin waamamuusaanii jabeessanii akka qabaniifi “ulfinni warri Waaqayyoof qulqullaa’an itti darbanii argachuuf jiranis badhaadhummaan isaa maal akka ta’e” hubachuu akka danda’aniif qalbii ijasaanii akka isiniif ibsu kadhatee ture. Jechoonni kun abdiin Kiristiyaanota achi jiraachaa turan akka lalisu gochuudhaan baay’ee isaan jabeessee ta’uu qaba. Kana malees, xalayaan geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame kun ‘guutummaa Waaqayyoo bira ga’anii akka guutaman’ waan godhuuf, gumiiwwan yeroo keenyatti argaman hundumaas ni jabeessa.—1:9-11, 18; 3:19.

[Miiljaleewwan]

a Oriigan eend Histirii oov za Buuks oov za Baayibil, 1868, Sii. Ee. Istoowe, ful. 357.

b Niiwu Baayibil Dikshinarii, maxxansa lammaffaa, J. D. Daaglaasiin kan qophaa’e, ful. 175.

c Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu Jildii 1, ful. 182. (Ingiliffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi