Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 50—Filiphisiiyus
Barreessaan: Phaawulos
Bakki Itti Barreeffame: Roomaa
Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 60–61
YEROO Phaawulos misiraachicha Maqedooniyaatti akka lallabu mul’ataan itti himame, innis ta’e hiriyootasaa kan ta’an Luqaas, Siilaasiifi Ximotewos dargaggeessichi ajajamuuf qophaa’oo turan. Xro’aas Ishee Asiyaa Xinnoo keessa jirtuu ka’anii, markabaan gara Ne’apholiis achiis yeruma sana gara Filiphisiiyus ishee gaara km 15 fagaatu duuba jirtu dhaqan. Luqaas, magaalaan kun “kutaa biyya Maqedooniyaa keessaa mandara beekamtu” ta’uushee ibseera. (HoE. 16:12) Magaalaan kun maqaa Filiphisiiyus jedhamu kan argatte, maqaa Filiph Lammaffaa (abbaa Aleeksaandar Guddichaa) Dh.K.D. bara 356tti magaalattiirratti injifannoo argateenidha. Booddee warri Roomaa ishee to’ataniiru. Dh.K.D. bara 42tti magaalaa kanatti waraanni gurguddaan kan geggeeffame yommuu ta’u, kunis Oktaaviyas isa yeroo booda Awugusxos Mooticha ta’eef taayitaasaa cimseeraaf. Yeroo ayyaanni injifannoosaa kabajamutti, Filiphisiiyus to’annaa biyya Roomaa jala akka galtu godhe.
2 Phaawulos gara magaalaa haaraa tokkoo yeroo dhaqu jalqaba Yihudootaaf lallabuun amalasaa ture. Haata’u malee, Dh.K.B. naannoo bara 50 yeroo jalqabaatiif Filiphisiiyus ennaa dhaqu, Yihudoonni baay’ee muraasa kan turan ta’uusaarrayyuu, magaalattiidhaa ba’anii qarqara lagaatti walitti qabamaa waan turaniif mana sagadaa kan hin qabne akka turan beekamaadha. Lallabni Phaawulos dafee bu’aa kan argamsiise yommuu ta’u, namoota jalqaba dhugaa fudhatan keessaa tokko dubartii Liidiyaa jedhamtudha. Dubartiin kun gara Yihudiitti kan jijjiiramte yeroo ta’u, dhugaa waa’ee Kiristos dubbatu erga fudhattee booda daawwattoonni manashee akka boqotan dirqisiisti turte. Luqaas, “Akka nuyi dhaqnuufis nu giddisiifte” jechuudhaan barreesseera. Haata’u malee, utuu baay’ee hin turin mormiin isaanirra ga’ee, Phaawulosiifi Siilaas uleedhaan erga reebamanii booda mana hidhaa galaniiru. Utuu mana hidhaa jiranii socho’i lafaa kan ka’e yeroo ta’u, eegduun mana hidhaa sanaa lallaba Phaawulosiifi Siilaas fudhatee ni amane. Guyyaa ittaanutti Phaawulosiifi Siilaas mana hidhaatii kan gadhiifaman si’a ta’u, magaalattiidhaa ba’uusaanii dura mana Liidiyaatti obboloota daawwatanii isaan jajjabeessan. Phaawulos rakkina yeroo gumii haaraan Filiphisiiyusitti hundeeffamu ture yeroo hundumaa akka gaaritti yaadata ture.—HoE. 16:9-40.
3 Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isa sadaffaarratti waggoota muraasa booda yeroo lammataatiif gumii Filiphisiiyus daawwachuu danda’eera. Achiis, gumichi erga hundeeffamee naannoo waggoota kudhan boodammoo, jaalalli dhugaan obboloonni gumii Filiphisiiyus argisiisan, Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee xalayaa akka isaanii barreessu isa kakaaseera; xalayaan kun maqaa gumii jaallatamaa sanaatiin moggaafamee Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argama.
4 Xalayaa kana kan barreesse Akkuma lakkoofsa jalqabaarratti ibsame, Phaawulos ta’uusaa, namoonni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan irratti walii galu; kunis sirriidha. Pooliikaarp (Dh.K.B. bara 69?-155?) xalayaa warra Filiphisiiyusiif barreesserratti, Phaawulos isaanii barreessee akka ture ibseera. Namoonni akka Ignaatiyas, Iraaniyas, Tartuuliyaaniifi Kileemant isa biyya Aleeksaandiraa dur Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan xalayaa kana Phaawulos barreessuusaa haala argisiisuun isarraa caqasaniiru. Xalayaan kun Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti Muraatooriyaan Firaagmant keessattiifi galmee kutaawwan Caaffata Qulqullaa’oo keessatti caqasameera. Kana malees, xalayaan kun Paappiirasii Cheestar Beetii Lak. 2 (P46), isa Dh.K.B. naannoo bara 200 ture jedhamee amanamu keessatti, xalayaawwan Phaawulos kan biraa saddeetii wajjin caqasamee argama.
5 Bakkiifi yeroon itti barreeffame ragaarratti hundaa’uudhaan beekamuu danda’a. Phaawulos xalayaa kana yeroo barreessu, to’annaa eegduu mootii warra Roomaa jala kan ture yommuu ta’u, naannoosaattis sochii Kiristiyaanummaa guddaatu godhama ture. Nagaa warri amanamoon mana mootii Roomaa keessa jiran isaaniif ergan dabarsuudhaan xalayaasaa xumureera. Kunis, xalayichi kan ergame Roomaadhaa ta’uusaa argisiisa.—Filp. 1:7, 13, 14; 4:22; HoE. 28:30, 31.
6 Xalayichi kan barreeffame yoomi? Phaawulos hanga warri mana mootummaa Roomaafi namoonni biraan oduufi sababii inni Kiristiyaana ta’uusaatiin itti hidhame dhaga’anitti yeroo dheeraa Roomaa keessa kan ture fakkaata. Hamma Ephafrodixos Phaawulosiif kennaa qabatee Filiphisiiyusii (fageenya kiilomeetira 1,000) dhufutti, hamma inni Roomaatti dhukkubsachuunsaa Filiphisiiyusitti dhaga’amuufi hamma Kiristiyaanonni Filiphisiiyus kanatti gadduusaanii ibsanii gara Roomaatti erganitti yeroo dheeraan darbeera. (Filp. 2:25-30; 4:18) Phaawulos Roomaatti yeroo jalqabaatiif kan hidhame Dh.K.B. naannoo bara 59-61tti waan ta’eef, xalayaa kana kan barreesse Dh.K.B. naannoo bara 60 ykn 61, jechuunis Roomaa erga ga’ee waggaa tokko ykn isaa ol turee ta’uu hin oolu.
7 Dubbii dhugaatiin Filiphisiiyusitti ijoollee hafuuraa godhachuudhaan rakkinni Phaawulos arge, jaalalliifi arjummaan obboloonni Filiphisiiyus yeroo Phaawulos karaa deemuttis ta’e rakkatutti kennaa barbaachisaa isaaf erguudhaan argisiisan, akkasumas Yihowaan hojii misiyoonummaa isa jalqabaa Phaawulos Maqedooniyaatti godhe eebbisuunsaa, isaafi obboloota Filiphisiiyusitti argaman gidduu jaalalli cimaan akka jiraatu godheera. Kiristiyaanonni Filiphisiiyus, kennaa erguunsaanii akkasumas waa’een Ephafrodixosiifi misiraachichi Roomaa keessatti babal’achuusaa isaan yaaddessee gaafachuunsaanii, Phaawulos xalayaa jaalalaan guutameefi nama jajjabeessu akka isaanii barreessu isa kakaaseera.
FAAYIDAASAA
12 Macaafni Filiphisiiyus nuuf faayidaa guddaa qaba! Yihowaa biratti fudhatama argachuu akka barbaannuufi akkuma gumiin Filiphisiiyus Phaawulosirraa galata argate, ilaaltota olaanaa Kiristiyaanota ta’anirraa galata akkasii argachuu akka barbaannu beekamaadha. Fakkeenya warra Filiphisiiyus isa gaarii yoo hordofneefi gorsa Phaawulos jaalalaan kenne hojiirra yoo oolchine, wanta kana argachuu dandeenya. Akkuma Kiristiyaanota Filiphisiiyus arjummaa argisiisuu, obboloonni keenya yeroo rakkatan isaan gargaaruuf carraaquu, akkasumas misiraachichaaf dhaabachuu qabna. (1:3-7) Dhaloota micciiramaafi karaarraa kaate kana gidduutti “akka ibsaa” ifuudhaan, ‘hafuura tokkoon iddoo keenyaa utuu hin socho’in dhaabachuufi yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef wal dorgomuu keenya’ itti fufuu qabna. Kana yoo gooneefi wantoota xiyyeeffannaa kennuufiin barbaachisurratti yoo yaanne, akkuma obboloonni Filiphisiiyus Phaawulosiif gonfoo gammachuu ta’an, nuyis obboloota keenya gammachiisuu dandeenya.—1:27; 2:15; 4:1, 8.
13 Phaawulos, “Fakkeenya koo fudhachuutti waliif galaa!” jedheera. Karaawwan kamiin fakkeenyasaa fudhanna? Karaan inni tokko haala akkamii keessattiyyuu of danda’anii jiraachuudha. Phaawulos tajaajila Waaqayyoo hinaaffaafi gammachuudhaan raawwachuusaa itti fufuu waan barbaaduuf, qabaatus dhabus utuu hin guungumin haalasaa wajjin of sirreessuu barateera. Hundisaanii obboloota amanamoodhaaf jaalala qabaachuudhaan akkuma Phaawulos ta’uu qabu turan. Innis tajaajila Ximotewosiifi Ephafrodixositti baay’ee akka gammade dubbateera. Phaawulos obboloota Filiphisiiyus warra, “Obboloota jaallatamoo ani arguu yaadu, gammachuu koo fi gonfoo ulfina koo” jedheenii turee wajjin baay’ee walitti siqa ture.—3:17; 4:1, 11, 12; 2:19-30.
14 Karaan fakkeenya Phaawulos fudhachuun itti danda’amu kan biraanoo kami? ‘Akeeka keenya bira ga’uuf kaachuudhaani!’ Namoonni ‘wantoota ulfina qabanirratti’ yaadan hundi, qophii dinqisiisaa Yihowaan samiifi lafarratti godheef, jechuunis bakka ‘Arrabni hundinuu, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta’e beeksisuuf jirutti’ godheef bakka guddaa kennuunsaanii barbaachisaadha. Gorsi gaariin macaafa Filiphisiiyus keessatti argamu, namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti jireenya barabaraa argachuuf abdatan hundi akeekasaanii bira ga’uu akka danda’an isaan jajjabeessa. Haata’u malee, xalayaan warra Filiphisiiyusiif ergame kallattiidhaan kan barreeffame warra “nama biyya waaqa irraa” ta’aniifi dhagnisaanii ‘akka dhagna Kiristos isa ulfina qabeessaa ta’u’ hawwiidhaan eeggataniifidha. Warri kun hundi ‘wanta isaan booddeetti hafe yaaduu dhiisanii wanta isaan dura jirutti hiixachuudhaan, akeeka sana bira ga’anii gonfoo warra mo’anii argachuuf kaachuudhaan, waamicha Waaqayyo itti ol isaan waamee,’ jechuunis dhaala ulfina qabeessa Mootummaa waaqaa keessatti argatan haa hordofan!—4:8; 2:10, 11; 3:13, 14, 20, 21.