Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 52—1 Tasaloniiqee
Barreessaan: Phaawulos
Bakki Itti Barreeffame: Qorontos
Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 50
PHAAWULOS magaalaa Maqedooniyaa, Tasaloniiqeetti gumii Kiristiyaanaa kan hundeesse Dh.K.B. naannoo bara 50tti daawwannaa marsaa lammaffaatiif gara magaalattii yeroo adeemetti ture. Waggaa tokko gidduutti Silwaanos (isa Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti Siilaas jedhameefi) Ximotewosii wajjin magaalaa Qorontos yeroo turanitti, warra Tasaloniiqee jajjabeessuufi amantiisaaniitti akka jabaatan ergaasaa isa duraa barreessuuf kaka’e. Kunis Dh.K.B. dhuma bara 50tti ta’uu danda’a. Ergaan kun ergaawwan Phaawulos keessaa kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uuf barreeffamasaa isa jalqabaati; Wangeela Maatewosirraa kan hafe Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii kaan dura kan barreeffame ta’uu hin oolu.
2 Ergaansaa kun sirriifi warra kaanii wajjin kan walsimu ta’uusaa ragaawwan mirkaneessan hedduun jiru. Phaawulos maqaasaa caqasuudhaan ergicha kan barreesse isa ta’uusaa ibsuusaarrayyuu, macaafichi Caaffata Qulqullaa’oo kaanii wajjin kan walsimudha. (1 Tas. 1:1; 2:18) Ergaansaa kun Muraatooriyaan Firaagmant dabalatee, tartiiba Caaffata Qulqullaa’oo durii baay’ee keessatti maqaadhaan caqasamee argama. Iraaniyas isa maqaadhaan caqasame (Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti jiraate) dabalatee, barreessitoonni waldaa Kiristiyaanaa durii baay’een kallattiinis ta’e karaa kallattii hin taaneen Tasaloniiqee Isa Duraarraa caqasanii barreessaniiru. Pappaayirasiin Cheestar Beetii Lakk. 2 (P46) Dh.K.B. bara 200tti barreeffame jedhamee yaadamu, Tasaloniiqee Isa Duraa kan qabateefi yeroo ammaatti biyya Beeljiyam, magaalaa Geenet jedhamtu keessatti kan argamu si’a ta’u, Pappaayirasiin kan biraa (P30) jedhamu jaarraa sadaffaatti barreeffame tokkommoo ciccitaa ergaa Tasaloniiqee Isa Duraafi Isa Lammaffaa kan qabatedha.a
3 Phaawulos ergaa kana barreessuusaa dura, seenaa gabaabaa gumii Tasaloniiqee hubachuunsaa, obboloota magaalaa kana jiraatan ilaalchisee wanti caalaatti isa yaaddesse maal akka ta’e kan argisiisudha. Gumiin kun yeroo hundeeffamee kaasee mormiiniifi ari’atamni cimaan irra ga’aa tureera. Luqaas, Hojii Ergamootaa boqonnaa 17rratti, Phaawulosiifi Silaas Tasaloniiqee, isa “iddoo manni sagadaa warra Yihudootaa ture” akka ga’an barreessee ture. Phaawulos Caaffata Qulqullaa’oo caqasuudhaan Sanbata sadiif isaanii lallabe; hunda caalaa garuu hamma hojii argatutti gumii hundeessuufi qindeessuuf jecha Sanbata sadii caalaa akka ture haalasaarraa hubachuun ni danda’ama.—HoE. 17:1; 1 Tas. 2:9; 1:6, 7.
4 Yaanni Hojii Ergamootaa 17:4-7rra jiru, bu’aa lallabni ergamichaa magaalaa Tasaloniiqeetti argamsiise akka gaariitti kan ibsudha. Yihudoonni bu’aa Phaawulos tajaajila Kiristiyaanummaarraa argatetti hinaafanii, walitti sassaabamanii lola kaasuudhaan magaalattii jeeqan. Mana Yaason seenanii jeequudhaan, Yaasoniifi obboloota kaan gara yaa’ii mandarichaatti harkisanii geessuudhaan: “Jarreen kun lafa dhaqan hundumaatti biyya garagalchu; amma immoo mandara keenya dhufan. Yaason immoo mana isaatti isaan sime; hundumti isaanii ‘Yesus kan jedhamu mootiin kan biraa jira’ jedhanii, abboommii mootii warra Roomaa in cabsu’ jedhanii iyyan.” Yaasoniifi warra kaan hiikuusaanii dura qabsiisa akka kennan isaan dirqisiisan. Phaawulosis ta’e Siilaas nageenya obboloota gumii keessa jiraniifi ofiisaaniitiif jecha halkaniin hatattamaan gara Beriyaatti ergaman. Ta’us, amma magaalaa Tasaloniiqeetti gumiin hundeeffameera.
5 Mormii cimaan Yihudootaa Phaawulos duukaa gara Beriyaa kan dhaqe si’a ta’u, doorsisaanis hojii lallabaasaa kana dhaabsisuuf yaaliin taasifamee ture. Achiis gara magaalaa Giriik ishee Ateenaa jedhamtu dhaqe. Ta’us, haala rakkisaa obboloonnisaa warri Tasaloniiqee keessa jiranii beekuu hawwa ture. Yeroo lama isaan ilaaluuf yaalus, ‘Seexanni isa ittiseera.’ (1 Tas. 2:17, 18) Phaawulos gumiin kun haaraa ta’uusaa yaaduudhaan, rakkinni isaan keessa jiran waan isa yaaddesseef isaan jajjabeessuufi amantiisaaniitti akka jabaatan gargaaruuf jecha, Ximotewosiin Tasaloniiqeetti deebisee erge. Ximotewos, namoonni Tasaloniiqee rakkinaafi ari’atama cimaa keessa jiraataniyyuu, gabaasa jabaatanii dhaabachuusaanii argisiisu yeroo Phaawulositti himu baay’ee gammadee ture. Yeroo kanatti seenaansaanii amantoota Maqedooniyaafi Akaayyaa jiraatan hundaaf akka fakkeenyaatti kan caqasamu ta’ee ture. (1:6-8; 3:1-7) Phaawulos, amanamummaadhaan jabaatanii dhaabachuusaaniitiif Yihowaa kan galateeffate ta’us, karaa hafuuraa guddachaa akka adeemaniif qajeelfamniifi gorsi dabalataa akka isaan barbaachisu hubatee ture. Kanaafuu, Phaawulos, Ximotewosiifi Silwaanos wajjin magaalaa Qorontos utuu jiruu warra Tasaloniiqeetiif ergaasaa isa duraa barreesseera.
FAAYIDAASAA
13 Phaawulos ergaasaa kanarratti jaalalaan kaka’ee obbolootasaatiif akka yaadu argisiiseera. Inniifi warri isaa wajjin tajaajilan, obboloota Tasaloniiqeetiif misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin ta’in, lubbuusaaniillee dabarsanii kennuuf kan fedhan ta’uudhaan jaalala obbolummaa argisiisuudhaan fakkeenya guddaa ta’aniiru. Ilaaltonni olaanaa hundi jaalalli akkasii gumiisaanii keessa akka jiraatu gochuuf carraaquu qabu! Jaalalli akkasii kun namoonni gumii keessa jiran hundi akka wal jaallatan isaan kakaasa; Phaawulosis, “Gooftichi jaalala isin walii fi namoota hundumaafis qabdan dabalee, akka isa nuyi ittiin isin jaallannutti hamma malee haa baay’isu!” jechuun dubbateera. Jaalalli akkasii kun namoota saba Waaqayyoo ta’an hunda gidduutti fedhiidhaan yeroo argisiifamu baay’ee kan nama gammachiisu ta’a. “Guyyaa gooftaan keenya Yesus qulqulloota isaa wajjin deebi’ee dhufutti, garaa [namootaa] cimsee warra hin komatamne godhee qulqullummaadhaan fuula Waaqayyoo abbaa keenyaa dura” akka dhaabatan godha. Kiristiyaanonni biyya lafaa amala addaggummaatiin manca’e kanarraa fagaachuudhaan qulqullinaafi ulfinaan akka jiraatan kan isaan dandeessisu ta’uusaarrayyuu, Waaqayyoon ni gammachiisa.—3:12, 13; 2:8; 4:1-8.
14 Ergaan kun, gorsa malaafi jaalalaan kenname waan qabateef gumii Kiristiyaanaatiif fakkeenya gaarii ta’a. Obboloonni Tasaloniiqee hinaafoofi amanamoo ta’aniyyuu, wantoonni sirreessuu qaban tokko tokko jiru turan. Ta’us Phaawulos, wanta gaarii hojjetan caqasuudhaan isaan galateeffateera. Fakkeenyaaf, waa’ee amala addaggummaa yeroo akeekkachiisu jalqaba karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachaa waan jiraniif erga isaan galateeffatee booda, hundisaanii qodaasaanii qulqullinaafi ulfinaan qabachuudhaan ‘caalchisanii’ akka itti fufan isaan yaadachiiseera. Achiis, jaalala obbolummaa gidduusaanii jiruuf erga isaan galateeffatee booda, waa’ee dhimma dhuunfaasaanii akka yaadaniifi namoota kaan duratti karaa sirrii ta’een jiraachuudhaan ammas ‘caalchisanii’ kana gochuusaanii akka itti fufan jabeessee gorseera. Phaawulos ‘waliisaaniitiifi namoota hundumaaf gaarii gochuu akka yaadaan’ obbolootasaatiif malaan barreesseera.—4:1-7, 9-12; 5:15.
15 Phaawulos yeroo addaddaa al afur waa’ee “dhufa” Yesus dubbateera. Kiristiyaanonni haaraa Tasaloniiqee jiran barumsa kanatti gammadanii akka turan beekamaadha. Himanni Phaawulosiifi namoota hidhatasaa ta’anirratti, “Yesus kan jedhamu mootiin kan biraa jira’ jedhanii, abboommii mootii warra Roomaa in cabsu” jechuun isaanirratti dhihaate, Phaawulos yeroo magaalaa kana keessa turetti waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Yesusiin bulfamuu ija jabinaan lallabee akka ture kan mirkaneessudha. (HoE. 17:7; 1 Tas. 2:19; 3:13; 4:15; 5:23) Obboloonni Tasaloniiqee abdiisaanii Mootummicharra kaa’achuufi Waaqayyootti amanamuudhaan dheekkamsa dhufu jalaa akka isaan oolchuuf, “ilma isaa isa waaqa irraa dhufu, isa inni warra du’an keessaa kaase Yesus[iin]” eeggatu turan. Har’as haaluma wal fakkaatuun, namoonni abdiisaanii Mootummaa Waaqayyoorra kaa’atan, ‘Waaqayyo isa Mootummaa isaatiifi ulfina isaatti isaan waame sanaaf akka ta’utti akka jiraatan,’ jaalalaan akka baay’atan, akkasumas jabaatanii akka dhaabataniifi namoota balleessaa hin qabne ta’anii jiraachuu ilaalchisee, gorsa gaarii Tasaloniiqee Isa Duraarratti isaanii kenname hordofuu qabu.—1 Tas. 1:8, 10; 3:12, 13; 2:12.
[Miiljalee]
a Bara 1987tti Kuurtiifi Barbaaraa Alaandiin barreeffamee Ee. Faa. Roodsiin hiikame, kitaaba Za Teekisit oov ze Niwuu Teestaamant jedhamu ful. 97, 99.