LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-2 ful. 5-6
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 53—2 Tasaloniiqee

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 53—2 Tasaloniiqee
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
bsi08-2 ful. 5-6

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 53​—2 Tasaloniiqee

Barreessaan: Phaawulos

Bakki Itti Barreeffame: Qorontos

Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 51

ERGAAN Phaawulos warra Tasaloniiqeetiif barreesse inni lammataa isa tokkoffaarraa baay’ee utuu hin fagaatin kan ergamedha. Silwaanosiifi Ximotewos Phaawulosii wajjin gumii sanaaf nagaa waan erganiif, ergaa isa jalqabaarraa xinnoo turee namootuma magaalaa sana jiraniif magaalaa Qorontos keessaa akka barreeffame beekna. Hundisaaniiyyuu, gumii Kiristiyaanaa yeroo sana ture keessatti daawwattoota olaanaa kan turan ennaa ta’u, yerosii kaasee sadansaanii Qorontositti wal arguusaanii ilaalchisee wanti caqasame hin jiru. (2 Tas. 1:1; HoE. 18:5, 18) Dhimmiifi qabiyyeen mareesaanii akka argisiisutti, Phaawulos balleessaa gumichi raawwate sirreessuuf tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuu akka qabu itti dhaga’amee ture.

2 Akkuma ergaa Tasaloniiqee Isa Duraa ergaan kunis sirrii ta’uunsaa akka gaariitti mirkaneeffameera. Akkasumas, Iraaniyasiifi (Dh.K.B. jaarraa lammaffaa) barreessitoota isaan dura turaniin kan caqasame si’a ta’u, Jastiin Wareegamichi (innis jaarraa lammaffaatti kan jiraatedha) “inni haamaan” jedhee yeroo barreessu, 2 Tasaloniiqee 2:3 caqasuusaa ta’uu hin oolu. Tasaloniiqee Lammaffaan tartiiba Tasaloniiqeen Inni Duraa argamuu keessattis argama. Yeroo ammaatti Pappaayirasii Cheestar Beetii Lakk. 2 (P46) keessatti argamuu baatus, waraqaalee torban Tasaloniiqee Isa Duraa booda jiran badan keessaa warra jalqabaa lamaanirratti akka argame hin shakkisiisu.

3 Kaayyoon ergaa kanaa maal ture? Gorsa Phaawulos namoota Tasaloniiqeef kennerraa hubachuu akka dandeenyutti, namoonni gumii keessa turan tokko tokko dhufti gooftaa yeruma sana ta’a jedhanii mormaa turan; namoonni kun yaada mataasaanii bal’inaan lallabuudhaan gumii keessatti goolii hangana hin jedhamne uumaa turan. Warri tokko tokko hojii jireenyaaf isaan barbaachisu hojjechuurraa of qusachuuf wanta kana akka sababiitti hin caqasin hin oolan. (2 Tas. 3:11) Phaawulos ergaasaa isa duraarratti waa’ee dhufa gooftaa caqasee kan ture ta’us, namoonni yaada mataasaaniitiin geggeeffaman akkasii kun ergaan kun dubbifamuusaa yommuu dhaga’an, wanta Phaawulos jedhe jal’isuufi hiika sirrii hin taane kennuuf ariifataniiru. Tarii ergaan kan biraa dogoggoraan ergaa Phaawulosidha jedhamee yaadamu, “guyyaan gooftaa ammuma iyyuu dhufeera” jedhee caqasuusaa ta’uu danda’a.—2:1, 2.

4 Phaawulos, nama ergaa isa duraa gumiidhaaf geesserraa haala kana utuu hin dhaga’in waan hin oolleef, ilaalcha obbolootasaa baay’ee jaallatu kanaa sirreessuuf garmalee dhiphatee akka ture beekamaadha. Kanaaf, Dh.K.B. bara 51⁠tti michootasaa lamaanii wajjin magaalaa Qorontos taa’ee gumii Tasaloniiqeetiif ergaa erge. Phaawulos ilaalcha dogoggoraa waa’ee dhufa gooftaa qaban sirreessuu qofa utuu hin ta’in, amantiitti jabaatanii akka dhaabatan garaasaatii isaan jajjabeesseera.

FAAYIDAASAA

10 Ergaan gabaabaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin namoota Tasaloniiqeef barreeffame kun, dhugaa Kiristiyaanummaa bal’inaan kan ibsu ta’uusaarrayyuu, faayidaa guddaa kan qabudha. Barumsawwan bu’uuraa, qajeelfamoota faayidaa qabaniifi armaan gaditti caqasaman kana ilaali: Yihowaan Waaqa fayyisaadha, akkasumas namoota hafuuraafi dhugaarratti amantii qaban ni qulqulleessa (2:13); Kiristiyaanni tokko Mootummaa Waaqayyoof ga’eessa ta’uuf rakkina obsuu qaba (1:4, 5); Kiristiyaanonni yeroo Yesus dhufutti walitti sassaabamu (2:1); Yihowaan namoota misiraachichaaf hin abboomamne gara firdiitti fida (1:5-8); warri waamaman gaarummaa Waaqayyootiin Yesusii wajjin ulfina argatu (1:12); namoonni kun kan waamaman misiraachoo isa lallabamuunidha (2:14); amantiin ulaagaa guddaa barbaadamudha (1:3, 4, 10, 11; 2:13; 3:2); namni tokko tajaajilarratti yeroo hirmaatu wanta isa barbaachisu argachuuf hojjechuunsaa sirriidha; namni tokko hojii hin hojjetu taanaan dhibaa’aa ta’a; akkasumas wanta isa hin ilaallanne keessa galuu jalqaba (3:8-12); Waaqayyoon jaallachuun jabaatanii dhaabachuu wajjin kan wal qabatedha (3:5). Ergaa gabaabaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana keessa kuusaa beekumsaa guddaatu jira!

11 Phaawulos ergaa kanarratti karaa hafuuraa obboloonnisaa warri Tasaloniiqeetti argaman, tokkummaafi nageenyi gumichaa kan isa yaaddessu ta’uusaa argisiiseera. Jalqabarratti, “inni hamaan” “ofuma isaatii Waaqayyo ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa” taa’uu bakkeetti akka baafamu ibsuudhaan, guyyaa Yihowaa isa sirrii akka hubatan godheera. Haata’u malee, namoonni ‘Mootummaa Waaqayyoof malan’ guyyaa Gooftaa Yesus murteessetti, “guyyaa inni qulqulloota isaa keessatti ulfina argachuudhaaf warra isatti amanan hundumaa birattis dinqiitti ilaalamuudhaaf dhufu sanatti,” ibidda boba’aadhaan tarkaanfii akka fudhatu mirkanaa’oo ta’uu danda’u.​—2:3, 4; 1:5, 10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi