LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-2 ful. 6-8
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 54—1 Ximotewos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 54—1 Ximotewos
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
bsi08-2 ful. 6-8

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 54​—1 Ximotewos

Barreessaan: Phaawulos

Bakka Itti Barreeffame: Maqedooniyaa

Barreeffamee kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 61–64

SEENAAN Luqaas jireenya Phaawulos ilaalchisee Macaafa Hojii Ergamoota keessatti barreesse, deebii oliyyannoo Phaawulos Mootii warra Roomaatti dhiheeffatee eeggachaa akka jiru ibsuudhaan xumurama. Phaawulos mana dugda bitate keessatti akka jiraatuufi namoota garasaa dhufan hundaaf “ija jabina guutuudhaan, dhowwaa malees” waa’ee Mootummaa Waaqayyo lallabaa ture. (HoE. 28:30, 31) Haata’u malee, Phaawulos ergaa lammataa Ximotewosiif ergerratti, “akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira” jedhee kan barreesse yommuu ta’u, ajjeefamuunsaa akka hin oolles dubbateera. (2 Xim. 2:9; 4:6-8) Kun jijjiirama nama dinqisiisudha! Jalqabarratti, mana hidhaa keessatti akka nama kabajamaatti ilaalamaa kan ture ta’us, lammaffaarratti garuu akka nama yakkamaatti ilaalameera. Phaawulos biyya Roomaatti waggaa lamaaf erga hidhamee booda, Dh.K.B. bara 61⁠tti haala keessa ture ilaalchisee waan Luqaas barreesseefi ergaa Phaawulos haala keessa jiru ilaalchisee du’uusaa yeroo muraasa dura Ximotewosiif barreesse gidduutti maaltu raawwatame?

2 Namoonni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan tokko tokko, ergaan Phaawulos Tiitoosiifi Ximotewosiif erge yeroo Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti ibsamee wajjin kan wal hin simne ta’uunsaa oliyyannoon inni mootii warra Roomaatti dhiheeffate fudhatama argatee, Dh.K.B. naannoo bara 61⁠tti hiikamee ta’uu danda’a jedhanii akka yaadan isaan godheera. Kitaabni Za Niwuu Weestiministar Dikshinarii oov za Baayibil jedhamu akkas jedha: “Yaanni xumura Macaafa Hojii Ergamootaa, yaada ergamaan kun yeroo hidhamee turetti du’i itti murteeffameera jedhuu mannaa [Phaawulos waggaa lama erga hidhamee booda hiikameera jedhuu] wajjin walsima. Luqaas namni hojii [Phaawulos] dhowwe akka hin jirre ibsuunsaa, yeroon itti hojiisaa dhaabu akka hin geenye kan argisiisudha.”a Kanaaf, Ximotewos Inni Duraa Dh.K.B. naannoo bara 61-64⁠tti, jechuunis erga Phaawulos yeroo jalqabaa Roomaadha hiikamee yeroo dhumaatiif deebi’ee hidhame gidduutti hin barreeffamin hin oolu.

3 Phaawulos, hidhaadhaa erga gadhiifamee booda, Ximotewosiifi Tiitoosii wajjin hojii misiyoonummaa deebisee akka jalqabe hubachuun ni danda’ama. Akka namoonni tokko tokko yaadan Phaawulos Isphaaniyaa ga’uufi hin geenyeesaa wanti beekamu hin jiru. Kileemanti inni Roomaa, (Dh.K.B. naannoo 95⁠tti) Phaawulos “hanga andaara D[hihaatti]” akka deeme kan barreesse yeroo ta’u, kunis Isphaaniyaa kan dabalatu ta’u danda’a.b

4 Phaawulos, ergaasaa isa duraa Ximotewosiif eessaa barreesse? Ximotewos Inni Duraa 1:3 akka argisiisutti, Phaawulos, Ximotewos dhimmoota gumii tokko tokko akka ilaaluuf Efesoonitti isa dhiisee Maqedooniyaa dhaquuf qophee godheera. Maqedooniyaa utuu jiruu Ximotewos isa biyya Efesoon tureef ergaa kana waan barreesse fakkaata.

5 Ergaan Phaawulos Ximotewosiif barreesse lamaan, kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uusaanii durii kaasee fudhatama argateera. Barreessitoonni Kiristiyaanaa durii, kan akka Pooliikaarp, Ignaatiyasiifi Kileemanti inni biyya Roomaa yaada kanaa wajjin kan walii galan ta’uusaaniirrayyuu, ergaawwan kun akka ergaa Phaawulositti ilaalamanii galmeewwan jaarraa jalqabaa muraasa dura turan keessatti galmeeffamaniiru. Hogganaan tokko akkas jedhaniiru: “Barreeffamoonni K[akuu] [H]aaraa ragaa cimaa qaban muraasadha . . . Kanaaf, mormiin dhugaa ta’uusaanii ilaalchisee ka’u yaada haaraa ragaa cimaa gumiin durii dhiheessuun mormu taasifamee ilaalamuu qaba.”c

6 Phaawulos ergaa isa duraa kana Ximotewosiif kan barreesse hojiiwwan gumii keessatti hojjetaman karaa gurmaa’ina qabuun akkamitti hojjetamuu akka qaban ifatti kaa’uu waan barbaadeefidha. Akkasumas, Ximotewos barumsawwan sobaarraa akka of eeguufi obboloonnis ‘beekumsa sobaarraa’ akka of eegan isaan jabeessuun isa barbaachisee ture. (1 Xim. 6:20) Magaalaa daldalaa kan taate Efesoon, qabeenya hordofuufi ‘horii jaallachuuf’ kan nama kakaastu waan turteef yeroo sanatti gama kanaan gorsa tokko tokko isaaniif kennuunsaa barbaachisaa ture. (6:10) Dhugumayyuu, Ximotewos muuxannoofi leenjii gaarii hojii kanaaf isa gargaaru qaba ture. Abbaansaa nama Giriikii si’a ta’u, haatisaammoo nama Yihudii Waaqayyoon sodaattu turte. Ximotewos Kiristiyaanummaa wajjin kan wal bare yoom akka ta’e wanti sirriitti beekamu hin jiru. Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa isa marsaa lammaffaarratti, naannoo dhuma Dh.K.B. bara 49⁠tti ykn jalqaba Dh.K.B. bara 50⁠tti yeroo Lisxiraa daawwate Ximotewos (dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba waggoota digdamaa keessa yommuu ture) “amantoota Lisxiraadhaa fi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qaba ture.” Kanaaf Phaawulos, Ximotewos isaafi Siilaasii wajjin akka adeemuuf haala mijeesse. (HoE. 16:1-3) Ximotewos, Macaafa Hojii Ergamootaafi ergaa Phaawulos barreesse 14n keessaa 11⁠rratti maqaadhaan caqasameera. Phaawulos yeroo hundaa akka abbaatti kan yaaduuf ta’uusaarrayyuu, yeroo baay’ee gumiiwwan garagaraa akka daawwatuufi akka tajaajiluuf isa ramada ture; kunis, Ximotewos hojii misiyoonummaa haala gaariidhaan raawwachuufis ta’e itti gaafatamawwan gurguddaa fudhachuuf ga’eessa ta’uusaa kan mirkaneessu ture.—1 Xim. 1:2; 5:23; 1 Tas. 3:2; Filp. 2:19.

FAAYIDAASAA

15 Ergaan kun namoota yaadawwan waa’ee hin baafneefi falmii falaasamarratti hundaa’e keessa seenaniif akeekkachiisa cimaa kenna. Jechootarratti wal falmuun of bokoksuu wajjin kan wal qabateefi “falmaa duwwaa kaasuu malee, akeeka Waaqayyoo isa amantiidhaan fudhatamu sanaaf” bu’aa kan hin qabne ta’uusaarrayyuu, karaa hafuuraa akka hin guddanne gufuu waan namatti ta’uuf kanarraa fagaachuun barbaachisaa ta’uusaa ibsa. (6:3-6; 1:4) Falmiin akkasii kun hojiiwwan foonii wajjin “warra barsiisa sirriidhaan mormaniif tumame. Barsiifni sirriin kun immoo wangeela isa waa’ee ulfina Waaqayyoo eebbifamaa dubbatuu dha.”​—1:10, 11.

16 Kiristiyaanonni magaalaa Efesoon ishee sassata jaalala qarshiitiin qabamte keessa jiraatan, jaalala qabeenyaafi isa nama dagachiisuun akka hin qabamneef wal’aansoo akka godhan gorsi waan isaan barbaachisu fakkaata. Phaawulos gorsa akkasii isaaniif kenneera. Biyyi lafaa jecha Phaawulos, “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha” jedhu kallattiin kan caqasu ta’us, gorsa kana kan hordofu garuu nama muraasadha! Haala kanarraa faallaa ta’een, Kiristiyaanonni dhugaa yeroo hunda gorsa kana hojiirra oolchuu isaan barbaachisa. Kun isaaniif jireenya jechuudha. Miidhaa kiyyoo jaalalli qabeenyaa geessisuurraa fagaatanii, abdiisaanii “Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee nuuf kennu irra” kaa’achuu qabu.​—6:6-12, 17-19.

17 Ergaa Phaawulosirraa hubachuun akka danda’amutti, Ximotewos dargaggoota Kiristiyaanaatiif fakkeenya gaarii ture. Umriin ijoollee ta’us karaa hafuuraa garuu ga’eessa ture. Ilaaltu olaanaa ta’uuf carraaqaa kan ture si’a ta’u mirga hedduu argachuudhaanis eebbifameera. Ta’us, akkuma dargaggoonni hinaafoo yeroo ammaa jiran godhan, innis karaa hafuuraa guddachuusaa itti fufuuf wantoota kanarratti xiinxaluu qaba ture. Namoonni guddina Kiristiyaanummaa gochuufi gammadoo ta’anii itti fufuu barbaadan hundi gorsa, “Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhaga’anis gara fayyinaatti in geessita” jedhu hojiirra oolchuunsaanii barbaachisaadha.​—4:15, 16.

18 Ergaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun qophii Waaqayyoo isa sabrii qabeessa akka dinqisiifannu nu godhudha. Dhiironnis ta’an dubartoonni gumii keessatti tokkummaan ti’ookraasii akka eegamu gochuurratti ga’ee mataasaanii raawwachuu kan danda’an akkamitti akka ta’e ibsa. (2:8-15) Achiis, ulaagaalee ilaaltonni olaanaafi tajaajiltoonni gumii guutuu qaban ibsa. Kanaaf, namoonni itti gaafatamummaa addaa fudhatanii tajaajilan hundi ulaagaalee guutuu qaban hafuurri qulqulluun karaa kanaan nuu ibseera. Kana malees, ergaan kun tajaajiltoonni mataasaanii murteessan hundi ulaagaalee kana akka guutan yommuu jajjabeessu, “Namni ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa ta’uu fedhu, hojii ba’eessa hawwa” jedha. (3:1-13) Ilaalcha sirrii ilaaltuun olaanaa namoota umriifi saala addaddaa qabaniif qabaachuu qabu, dhimma namoota cubbuu raawwatanii dhugaa baatota duratti ilaalamuu qabanis ibseera. Phaawulos jaarsolii hojii barsiisuurratti jabaatanii hojjetaniif ulfinni kennamuufii akka qabu addeessuuf, yeroo lama Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa akka abootti akkas jechuun caqaseera: “Caaffanni qulqullaa’aan, ‘Qotiyyoo siribsiisuu irra jiru afaan isaa hin hidhin!’ in jedha; akkasumas, ‘Hojjetaan gatii dadhabbii isaa argachuun in ta’aaf.’”​—1 Xim. 5:1-3, 9, 10, 19-21, 17, 18; Kes. 25:4; Lew. 19:13.

19 Phaawulos gorsa gaarii kana hundaa erga kennee booda, ajaja “hamma gaafa gooftaan keenya Yesus Kristos deebi’ee mul’inatti dhufutti” balleessaa malee jiraachuu akka qaban dabalee ibseera. Ergaansaa abdii Mootummaa kanarratti hundaa’uudhaan, Kiristiyaanotaaf gorsa akkas jedhu kennuudhaan xumureera: “Wanta gaarii ta’e haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa ta’u! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa ga’an! Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaa’atu.” (1 Xim. 6:14, 15, 18, 19) Dhugumayyuu, qajeelfamoota Ximotewos Isa Duraa keessatti argaman hundi faayidaa guddaa kan qabanidha!

[Miiljaleewwan]

a Bara 1970, Eechi. Essi. Gehmaaniin kan qophaa’e, ful. 721.

b Za Aantii-Naaysiin Faazars, Jildii I, ful. 6 “Ergaa Jalqabaa Kileemanti Namoota Qorontosiif Barreesse,” boq. V.

c Niwuu Baayibil Dikshinarii, maxxansa lammaffaa, 1986, J. Dii. Daaglaasiin kan qophaa’e, ful. 1203.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi