LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lc ful. 29
  • Wanti Itti Amantu Jijjiirama Fidaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanti Itti Amantu Jijjiirama Fidaa?
  • Jireenyi Uumamaan Argamee?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Jijjiirama Tirannaatti Amanuun Qabaa?
    Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2015
Jireenyi Uumamaan Argamee?
lc ful. 29

Wanti itti amantu jijjiirama fidaa?

Shamarree tokko

Jireenyi kaayyoo qaba jettee yaaddaa? Jijjiirama tirannaatti kan amanan Wiliyaam Piroovaayin akkana jedhaniiru: “Adeemsa jijjiirama tirannaa ilaalchisee wanti nuti baranne kaayyoo jireenyaa wajjin haala wal qabateen ilaalcha qabnu waan jijjiireef nuuf hiika guddaa qaba.” Xumurri irra gaʼanis kanadha: “Hawaanis taʼe ilmaan namootaa kaayyoo akka qaban natti hin dhagaʼamu.”32

Jechoonni kun hiika maalii akka qaban haa ilaallu. Jireenyi kaayyoo hin qabu yoo taʼe, wantoota gaggaarii tokko tokko gochuu fi amaloota jiinii keenyaa dhaloota itti aanutti dabarsuurraa kan hafe sababii itti jiraannu kan biraa hin qabaannu. Achiis, yeroo duunu barabaraaf jireenyaa ala taana. Waaʼee hiika jireenyaa yaaduu, madaaluu fi xiinxaluu dabalatee dandeettiin sammuun keenya qabu hundi waanuma akka tasaa jireenya keessatti uumame taʼee darba jechuudha.

Kana qofas miti. Namoonni jijjiirama tirannaatti amanan hedduun Waaqayyo akka hin jirre ykn dhimma ilmaan namootaa keessa akka hin seenne dubbatu. Kanaaf, gama lamaaniinuu jireenyi keenya harka geggeessitoota siyaasaa, hayyoota barnootaa fi geggeessitoota amantii keessa jira jechuudha. Seenaarraa hubachuu akka dandeenyuttimmoo, namoonni akkasii burjaajaʼiinsa, walitti buʼiinsaa fi malaanmaltummaan hawaasa keessatti garmalee akka babalʼatu gochuusaanii itti fufaniiru. Kanaaf barumsi jijjiirama tirannaa dhugaadha taanaan, akkaataa jireenyaa “Boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus” jedhu jiraachuuf sababii quubsaa qabaachuu dandeenya.—1 Qorontos 15:32.

Faallaa kanaatiin garuu Kitaabni Qulqulluun, “[Waaqayyo] madda jireenyaa” akka taʼe barsiisa. (Faarfannaa 36:9) Yaadni kun hiika guddaa qaba.

Wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu dhugaa taanaan jireenyi kaayyoo qaba jechuudha. Uumaan keenya warra fedha isaa wajjin wal simanii jiraatan hundumaaf kaayyoo jaalalarratti hundaaʼe qaba. (Lallaba 12:13) Kaayyoon kun waadaa addunyaa jeequmsi, walittii buʼiinsi, malaanmaltummaa fi duuti illee irra hin jiraanne keessa akka jiraannu galame kan dabalatudha.—Faarfannaa 37:10, 11; Isaayyaas 25:6-8.

Kan nama gammachiisu, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman waaʼee Waaqayyoo barachuu fi isaaf ajajamuun wanta kamiyyuu caalaa jireenyi kaayyoo akka qabaatu gochuu akka dandaʼu amanu. (Yohaannis 17:3) Amantiin akkasii hawwii qofarratti kan hundaaʼe miti. Ragaan jiru jireenyi uumamaan akka argame ifatti mulʼisa.

Maal jettee deebista?

  • Jijjiirama tirannaatiin akka argamnemoo akka uumamne amanta? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?

  • Sababiiwwan wanta itti amantu qoruun si barbaachisu tokko tokko maalfaʼi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi