Akkaataa Dhiheenyaa
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Namootaa wajjin waaʼee Waaqayyoo mariʼachaa jirra. Namni hundi waaʼee Waaqayyoo ilaalcha mataa isaa akka qabu beekna. Namoonni hedduun Waaqayyoon akka humna uumamaa qaama of dandaʼe hin qabneetti moo, akka michuu dhuunfaatti isaanii yaaduutti kan ilaalan sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Caqasni Macaafa Qulqulluu kun, Waaqayyo isaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabaannu akka barbaadu nutti hima. [Yaaqoob 4:8a dubbisi.] Barruun kun, Waaqayyotti dhihaachuuf wantoota gochuu qabnu sadii ibsa.”
Dammaqaa! Amajjii-Bitootessa
“Namni hundi gammachuu qabaachuu barbaada; yeroo harʼaatti garuu namoonni hedduun gammachuu hin qaban. Wanti gammachuu dhugaa argamsiisu maali dha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun jireenya gammachuu qabu jiraachuuf akka gargaaru hubadheera. Fakkeenyaaf, yaada Macaafa Qulqulluu kana ilaali. [Ibroota 13:5 dubbisi.] Barruun kun, wantoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi gammachuu dhugaa qabaachuuf barbaachisan afur ibsa.”