BARUMSA 22
Dinqii Galaana Diimaa Irratti Raawwatame
Faraʼoon Israaʼelonni Gibxiidhaa akka baʼan yeroo dhagaʼu, isaan gadhiisuu isaatti ni gaabbe. Akkana jedhee loltoota isaa ajaje: ‘Gaarii fardaa waraanaa koo hunda qopheessaa; isaan duukaa haa buunu! Isaan gadhiisuu hin qabnu turre.’ Achiis, innii fi loltoonni isaa Israaʼelota duukaa buʼan.
Yihowaan guyyaa duumessatti, halkan immoo ibiddatti fayyadamee saba isaa geggeessaa ture. Gara Galaana Diimaatti isaan geessee achi akka buufatan isaan ajaje.
Sana booda Israaʼelonni Faraʼoonii fi loltoonni isaa, isaan boodaan dhufaa akka jiran argan. Fuuldura isaaniitiin galaana, duuba isaaniitiin immoo loltoonni Gibxii waan turaniif gara itti sochoʼan dhaban. Israaʼelonnis, ‘Dhumuuf jenna! Gibxiidhaa utuu nu baasuu baattee wayya ture’ jedhanii Museetti iyyan. Museen garuu, ‘Hin sodaatinaa. Yihowaan akkamitti akka nu oolchu ilaalaa’ isaaniin jedhe. Museen Yihowaa irratti amantii akka qabu argisiiseera mitii?
Yihowaan Israaʼelonni iddoo buufatanii kaʼanii akka deeman isaan ajaje. Halkan sana, Yihowaan duumessichi Israaʼelotaa fi Gibxoota gidduu akka galu taasise. Kallattii Gibxootaatiin kan dukkanaaʼe siʼa taʼu, kallattii Israaʼelotaatiin garuu ifa ture.
Yihowaan harka isaa galaanicha irra akka diriirsu Musee ajaje. Achiis Yihowaan halkan sana guutuu qilleensi cimaan akka qilleensaʼu taasise. Galaanichi bakka lamatti kan hirame siʼa taʼu, gidduu isaatiin karaan irra deemamu ni uumame. Israaʼelonni miliyoonaan lakkaaʼaman lafa gogaa bishaan mirgaa fi bitaa ol tuulame gidduu jiru irra ceʼan.
Loltoonni Faraʼoon Israaʼelota hordofanii lafa gogaa bishaanicha gidduu jirutti seenan. Achiis, Yihowaan loltoonni kun waan godhan akka wallaalan taasise. Gommaan gaarii fardaa isaaniis irraa bubuqqaʼuu jalqabe. Loltoonni sunis, ‘Yihowaan isaaniif lolaa waan jiruuf, kottaa haa baqannu!’ jedhanii iyyan.
Yihowaan Museedhaan, ‘Harka kee galaanicha irratti diriirsi’ jedhe. Bishaanichi ol tuulamee ture takkaatti loltoota Gibxii irra deebiʼe. Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi ni dhuman. Isaan keessaa tokko illee hin hafne.
Galaanicha gamasiin immoo Israaʼelonni akkana jedhanii Waaqayyoon faarfatan: “Ulfinni isaa guddaa waan taʼeef Yihowaa nan faarfadha. Inni farda sanaa fi abbaa fardaa sana galaanichatti darbateera.” Sabichi yommuu faarfatu dubartoonni immoo shubbisaa fi dibbee rukutaa turan. Amma guutummaatti bilisa waan baʼaniif hundi isaanii baayʼee gammadan.
“Kanaafuu, ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?’ jenna.”—Ibroota 13:6