Seensa Kutaa 5
Israaʼelonni Galaana Diimaa keessa erga darban jiʼa lama booda Gaara Siinaa gaʼan. Bakka kanatti Yihowaan, Israaʼelonni saba addaa akka isaaf taʼan isaanii wajjin kakuu gale. Eegumsa isaaniif godheera; akkasumas wanta isaan barbaachisu isaaniif guuteera, jechuunis mannaa akka nyaatan, uffanni isaanii akka hin dhumnee fi bakka balaan isaan irra hin geenye akka jiraatan godheera. Warra yoo taatan, mucaan keessan Yihowaan Israaʼelotaaf Seera, godoo qulqullaaʼaa fi sirna lubummaa kan isaaniif kenne maaliif akka taʼe akka hubatu gargaaraa. Waadaa galle eeguun, kan gad of qabnee fi Yihowaadhaaf ajajamoo taʼuun yeroo hundumaa barbaachisaa taʼuu isaa isaan yaadachiisaa.