Seensa Kutaa 11
Kutaan kun seenaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessa jiru ibsa. Yesuus kan dhalate maatii hiyyeessa magaalaa xinnoo keessa jiraatu keessatti ture. Inni abbaa isaa isa anaaxii taʼee wajjin hojjeteera. Yesuus isa ilmaan namootaa fayyisu dha. Yihowaan, Mootii Mootummaa samii akka taʼu isa filateera. Warra yoo taatan, ijoolleen keessan Yihowaan maatii fi haala Yesuus keessatti guddatu akkamitti of eeggannoodhaan akka filate akka hubatan gargaaraa. Yihowaan Heroodis akka isa hin ajjeesne Yesuusiin kan eege akkamitti akka taʼee fi wanti tokko iyyuu kaayyoon Yihowaa akka hin raawwatamne gufuu taʼuu akka hin dandeenye isaan hubachiisaa. Yihowaan Yesuusiif karaa akka qopheessu Yohaannisiin kan muude akkamitti akka taʼe isaan barsiisaa. Yesuus ijoollummaa isaatii jalqabee ogummaa Yihowaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti akka taʼe ibsaa.