Seensa Kutaa 12
Yesuus waaʼee Mootummaa samii namoota barsiiseera. Maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuu fi fedhiin isaa lafa irratti akka taʼu akka kadhatanis barsiiseera. Warra yoo taatan, kadhannaan kun nuuf hiika maalii akka qabu ijoollee keessaniif ibsaa. Yesuus, Seexanni amanamummaa isaa akka laaffisu hin heyyamne. Inni namoota ergamoota isaa taʼan kan filate siʼa taʼu, isaanis Mootummicha keessatti miseensota hundee jalqabaa taʼaniiru. Yesuus waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa akka qabu hubadhaa. Inni namoota gargaaruu waan barbaaduuf, warra dhukkubsatan fayyiseera, warra beelaʼan nyaachiseera, warra duʼan illee duʼaa kaaseera. Dinqiiwwan kana hundaa hojjechuudhaan, Mootummichi ilmaan namootaatiif maal akka raawwatu argisiiseera.