BARUMSA 74
Yesuus Masiihicha Taʼe
Yohaannis, ‘Namni ana irra caalu dhufaa jira’ jedhee lallabaa ture. Yesuus yommuu umuriin isaa gara waggaa 30 taʼu, Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos bakka Yohaannis namoota itti cuuphaa ture dhaqe. Yesuus Yohaannis akka isa cuuphu barbaade; Yohaannis garuu, ‘Ani si cuuphuu hin qabu. Situ na cuuphuu qaba malee’ jedhee deebiseef. Yesuusis deebisee, ‘Yihowaan akka ati na cuuphxu barbaada’ jedheen. Kanaaf, Laga Yordaanos keessa seenan, Yohaannisis Yesuusiin guutummaatti bishaan keessa liccisee isa cuuphe.
Yesuus erga bishaanicha keessaa baʼee booda kadhannaa dhiheesse. Battaluma sanatti samiin banamee hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti isa irra buʼe. Achiis Yihowaan samii irraa, “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada” jedhe.
Hafuurri Yihowaa yommuu Yesuus irra buʼu inni Kiristoos ykn Masiihicha taʼe. Amma hojii inni lafa irratti akka hojjetuuf Yihowaan isa erge hojjechuu jalqaba.
Yesuus akkuma cuuphameen gara lafa onaa dhaqee guyyaa 40f achuma ture. Yommuu achii deebiʼu Yohaannis bira dhaqe. Yohaannisis, Yesuus gara isaa yommuu dhufu argee, “Ilaa, Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa balleessu!” jedhe. Innis kana dubbachuudhaan namoonni Yesuus Masiihicha taʼuu isaa akka beekan godhe. Yesuus yommuu lafa onaa keessa ture maaltu akka isa mudate beektaa? Mee haa ilaallu.
“Sagaleen, ‘Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada’ jedhu tokko samii irraa ni dhufe.”—Maarqos 1:11