LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 103 ful. 238-ful. 239 key. 2
  • “Mootummaan Kee haa Dhufu”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Mootummaan Kee haa Dhufu”
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Kaayyoon Waaqayyo Namootaaf Qabu Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Jireenya Ulfaataa Ta’e Jiraachuutu Jalqabame
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinni?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 103 ful. 238-ful. 239 key. 2
Gaʼeessonnii fi ijoolleen jireenya Jannata keessa jirutti yommuu gammadan

BARUMSA 103

“Mootummaan Kee haa Dhufu”

Yihowaan akkana jedhee waadaa galeera: ‘Kana booda, iyyi, cinqiin, dhukkubnii fi duuti hin jiraatu. Ani imimmaan hundumaa ija isaanii irraa nan haqa. Wantoonni hamoon duraa sun hundi ni irraanfatamu.’

Yihowaan, Addaamii fi Hewaaniin nagaa fi gammachuudhaan akka jiraataniif iddoo biqiltuu Eeden keessa isaan kaaʼee ture. Abbaa isaanii isa samii waaqeffachuu fi ijoollee isaaniitiin lafa kana guutuu qabu turan. Addaamii fi Hewaan Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin kan hafan taʼanis, kaayyoon isaa garuu matumaa hin jijjiiramne. Kitaaba kana keessatti, abdiin Waaqayyo kenne hundi akka raawwatamu ilaalleerra. Akkuma Abrahaamiif waadaa galee ture, Mootummaan isaa lafa kanaaf eebbawwan dinqisiisoo fida.

Gaʼeessonnii fi ijoolleen jireenya Jannata keessa jirutti yommuu gammadan

Dhiheenyatti, Seexanni, jinniiwwanii fi namoonni hamoon hundi ni balleeffamu. Qaamni lubbuudhaan jiru kam iyyuu Yihowaa waaqeffata. Hin dhukkubsanu ykn hin duunu. Kanaa mannaa, guyyaa guyyaadhaan humni keenya guutummaatti waan haaromfamuuf, lubbuudhaan jiraachuu keenyatti ni gammanna. Lafti jannata taati. Namni hundi nyaata gaarii fi mana mijataa qabaata. Namoonni gaarii taʼu malee, gara jabeeyyii ykn hamoota hin taʼan. Bineensonni bosonaa nu hin sodaatan, nutis isaan hin sodaannu.

Yommuu Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuu jalqabu yeroo baayʼee gammachiisaa taʼa. Namoota waggaa dheeraa dura duʼan, kan akka Abeel, Noh, Abrahaam, Saaraa, Musee, Ruut, Asteerii fi Daawit jiran ni simanna. Isaanis hojii lafa kana gara jannataatti deebisuuf godhamu irratti nu wajjin hirmaatu. Yeroo hunda achi keessa hojii nama gammachiisu hedduun ni jiraata.

Yihowaan atis achi akka jiraattu barbaada. Karaa kanaan dura matumaa yaaddee hin beekneen waaʼee isaa beekta. Kanaaf, ammas taʼe bara baraaf guyyaa guyyaadhaan caalaatti Yihowaatti dhihaachuu keenya itti haa fufnu!

“Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef . . . ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—Mulʼata 4:11

Gaaffii: Mootummaan Waaqayyoo jireenya lafa irra jiru kan jijjiiru karaawwan kamiini? Namoota seenaa isaanii kitaaba kana irratti dubbiste hunda keessaa Jannata keessatti eenyuu wajjin wal arguu barbaadda?

Mulʼata 21:3, 4; Iyyoob 33:25; Fakkeenya 2:21, 22; Isaayyaas 11:2-10; 33:24; 65:21; Maatewos 6:9, 10; Yohaannis 5:28, 29; 17:3

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi