LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 102 ful. 236-ful. 237 key. 2
  • Mulʼata Yohaannis Arge

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mulʼata Yohaannis Arge
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mulʼatawwan Qaamota Iddoo Ijaan Hin Argamne Jiranii
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Lafti Jannata Taati!
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 102 ful. 236-ful. 237 key. 2
Yohaannis ergamaan kitaaba Mulʼataa yommuu barreessu

BARUMSA 102

Mulʼata Yohaannis Arge

Yohaannis ergamaan odoola Phaaximositti yeroo hidhamee turetti, Yesuus waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee mulʼatawwan ykn fakkiiwwan walitti aanan 16 isatti argisiisee ture. Mulʼatawwan kun maqaan Yihowaa akkamitti akka qulqullaaʼu, mootummaan isaa akka dhufuu fi fedhiin isaa samii irratti taʼaa akka jiru, lafa irrattis kan taʼu akkamitti akka taʼe kan argisiisani dha.

Yohaannis mulʼata isa tokko irratti, Yihowaan teessoo isaa isa samii ulfina qabeessa irra taaʼee, jaarsoliin 24 isatti naannaʼanii jiran immoo uffata aʼadii uffatanii, gonfoo warqii kaaʼatanii arge. Teessoo sana keessaa balaqqeessi bakakkaa fi sagaleen kakawwee ni baʼa ture. Jaarsoliin 24n sun fuula Yihowaa duratti kufanii isa waaqeffatan. Mulʼata kan biraa irratti immoo, Yohaannis tuutni uummataa guddaa saba, namootaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan Yihowaa yommuu waaqeffatan arge. Hoolichi, jechuunis Yesuus isaan tiksa, gara bishaan jireenyaattis isaan geessa. Yeroo booda mulʼata kan biraa irratti immoo, Yesuus samii irratti Mootii taʼee jaarsolii 24​nii wajjin bulchuu jalqabe. Yohaannis mulʼata itti aanutti immoo, Yesuus Seexanaa isa jawwichaa jedhamee fi jinniiwwan isaa wajjin utuu wal waraanuu arge. Yesuusis samii irraa gara lafaatti isaan darbate.

Yesuusii fi warri 144,000 Tulluu Xiyoon irraa dhaabatanii

Achiis Yohaannis fakkii miidhagaa Hoolichaa fi warri 144,000 tulluu Xiyoon irraa yommuu dhaabatan argisiisu arge. Kana malees, maleekaan tokko naannoo lafaa irra balaliʼaa, namoonni Waaqayyoon akka sodaatanii fi isaaf ulfina akka kennan utuu labsuu arge.

Mulʼata itti aanu irratti immoo, waraanni Armaagedoon ni jalqabe. Waraana sana irratti, Yesuusii fi raayyaan isaa sirna Seexanaa isa hamaa kana irratti injifannoo argatan. Yohaannis, mulʼata isa xumuraa irratti samii fi lafa irratti tokkummaa guutuun yommuu uumamu arge. Seexannii fi sanyiiwwan isaa guutummaatti balleeffaman. Sana booda, samii irras taʼe lafa irra kan jiraatan hundi maqaa Yihowaa isa qulqulluudhaaf ulfina kennu, isa qofas waaqeffatu.

‘Ani sii fi dubartittii gidduutti, sanyii kee fi sanyii ishii gidduuttis diinummaan akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa, ati immoo koomee isaa ni madeessita.’—Uumama 3:15

Gaaffii: Yohaannis mulʼatawwan meeqa arge? Yesuus waraana Armaagedoon irratti maal raawwata?

Mulʼata 1:1-3; 4:1-11; 7:4, 9-17; 11:15-18; 12:5-12; 14:1, 6, 7; 16:14, 16; 21:5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi