Seensa Kutaa 13
Yesuus ilmaan namootaa mudaa qabaniif lubbuu isaa kennuuf gara lafaa dhufe. Inni kan duʼe yoo taʼe illee, addunyaa moʼeera. Yihowaan duʼaa isa kaasuudhaan Ilma isaatiif amanamaa taʼeera. Yesuus hanga guyyaa duʼeetti gad of qabuudhaan warra kaan tajaajileera; yommuu isaan dogoggora raawwatanis dhiifama isaaniif godheera. Erga duʼaa kaʼee boodas barattoota isaatti mulʼateera. Hojii baayʼee barbaachisaa inni isaaniif kenne akkamitti hojjechuu akka qaban isaan barsiiseera. Warra yoo taatan, ijoolleen keessan hojii wal fakkaataa yeroo harʼaatti hojjechaa jirru kanaaf dinqisiifannaa akka qabaatan gargaaraa.