Muddee
Jimaata, Muddee 1
Yihowaa wajjin michummaa cimaa kan qabaatan namoota isa sodaatani dha.—Far. 25:14, NW.
Kitaabni Qulqulluun Abrahaam michuu Waaqayyoo akka taʼe dubbata. (2 Sen. 20:7) Kitaaba Qulqulluu keessatti kallattiidhaan akkana kan jedhame nama amanamaa taʼe kana qofa dha. Haa taʼu malee, namni michuu Yihowaa taʼe Abrahaam qofa akka taʼe goonee yaaduu qabnaa? Kitaabni Qulqulluun tokkoon tokkoon keenya Waaqayyoo wajjin michummaa uumuu akka dandeenyu waan ibsuuf, akkana jennee yaaduu hin qabnu. Dubbiin Waaqayyoo seenaa dhiirotaa fi dubartoota amanamoo Yihowaa sodaatan, isatti amananii fi isaa wajjin michummaa cimaa uuman hedduudhaan kan guutame dha. Phaawulos ergamaan waaʼee ‘dhugaa baatota akka duumessaa lafa uffisanii’ fi hundi isaanii michoota Waaqayyoo taʼanii barreesseera. (Ibr. 12:1) Dhugaa baatonni kun haala adda addaa kan qaban turan. Michoota Waaqayyoo taʼuudhaan mirga dinqisiisaa argataniiru. Egaa nutis fakkeenya amantii namoota kanaa hordofuu keenya itti haa fufnu. (Ibr. 6:11, 12) Kana yoo goone, badhaasa guddaa bara baraaf Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuuf nu gargaaru akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya! w16.02 2:1, 2, 19
Sanbadduraa, Muddee 2
Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan [dhufe malee]. —Yoh. 6:38.
Michuun kee tokko konkolaataa siif kenne haa jennu. Dookmantii konkolaatichaa hunda sii kennee, “Konkolaataan kun kan kee ti” siin jedhe. Haa taʼu malee, michuun kee kun, “Furtuun isaa garuu ana bira taaʼa. Konkolaaticha kan oofus si utuu hin taʼin ana dha” siin jedhe. Waaʼee “kennaa” kanaa fi waaʼee nama sii kennee maaltu sitti dhagaʼama? Mee amma Yihowaan nama isaaf of murteessee fi “Ani siif of kenneera; ani kan kee ti” isaan jedhe tokko irraa maal eeguu akka dandaʼu yaadi. Namni sun tarii nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin gaaʼelaaf wal qorachuudhaan jireenya bifa lamaa kan jiraatu yoo taʼe hoo? Yookiin immoo hojii, tajaajila irratti ykn walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti guutummaatti akka hin hirmaanne godhu kan hojjetu yoo taʼe hoo? Furtuu konkolaatichaa kennuu dhiisuu wajjin wal hin fakkaatuu? Namni Yihowaadhaaf of murteessu akkana akka jedhutti ilaalama: “Jireenyi koo kan kee ti malee kan koo miti. Wanti ati barbaadduu fi wanti ani barbaadu yoo walitti buʼe illee, yeroo hundumaa wanta ati jettetu dursa.” Kun yaada Yesus, isa yaada caqasa guyyaa harʼa irra jiru calaqqisiisa. w16.03 1:16, 17
Dilbata, Muddee 3
Ani si biraa hin hafu! —2 Mot. 2:2.
Gara waggaa 3,000 dura Eliyaas raajichi Elsaaʼi inni dargaggeessa taʼe hojjetaa isaa akka taʼu isa afeeree ture. Elsaaʼi afeerraa kana yeruma sana kan fudhate siʼa taʼu, hojiiwwan gad of deebisuu gaafatan hojjechuudhaan Eliyaas isa maanguddoo ture amanamummaadhaan tajaajileera. (2 Mot. 3:11) Sana booda, Elsaaʼi gara waggaa jaʼaatiif erga leenjiʼee booda, hojii Eliyaas Israaʼel keessatti hojjetu xumuramuuf akka jedhu hubate. Yeroo kanatti Eliyaas hidhanni isaa akka gaariitti leenjiʼe kun isa duukaa buʼuu isaa akka dhiisu kan isatti hime taʼus, Elsaaʼi hamma dandaʼametti barsiisaa isaa wajjin turuuf murteessee ture. Obboleessa dargaggeessa yoo taate yeroo harʼaatti fakkeenya Elsaaʼi hordofuu kan dandeessu akkamitti? Hojiiwwan gad of deebisuu gaafatan dabalatee, hojiiwwan hunda dafaatii fudhadhaa. Barsiisaa keessan akka michuu keessaniitti ilaalaa; akkasumas, carraaqqii inni isin gargaaruuf godhu hammam akka dinqisiifattan akka beeku godhaa. Hunda caalaa immoo, hojii isiniif kennamu kam iyyuu amanamummaadhaan raawwadhaa. Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yihowaan itti gaafatamummaan gumii dabalataa hadaraa akka isinitti kennamu kan barbaadu taʼuu isaa jaarsoliin mirkanaaʼoo kan taʼan, yoo isin amanamoo taʼuu keessan argisiistan qofa waan taʼeefi dha.—Far. 101:6; 2 Xim. 2:2. w15 4/15 2:13, 14
Wiixata, Muddee 4
Wanti inni wareege kan isa miidhu yoo taʼe iyyuu, wareega isaa utuu hin geddarin kan raawwatu. —Far. 15:4.
Saaʼol Yonaataan fedhii dhuunfaa isaa akka hordofu isa jajjabeessee ture. (1 Sam. 20:31) Haa taʼu malee, Yonaataan Waaqayyoof amanamaa taʼuun isaa faayidaa ofii isaatiif mootii taʼuu barbaaduu mannaa michuu Daawit akka taʼu isa kakaaseera. Yonaataan ‘wareega’ Daawitiif gale ‘hin geddarre’; nutis waadaa galle geddaruu hin qabnu. Fakkeenyaaf, walii galtee daldala irratti goone tokko kabajuun yoo ulfaataa nutti taʼe, amanamummaan Waaqayyoof qabnuu fi kabajni Kitaaba Qulqulluudhaaf qabnu wanta dubbanne akka eegnu nu kakaasuu qaba. Gaaʼelli keenya isa nuti yaadne caalaa yoo rakkisaa taʼe hoo? Jaalalli Waaqayyoof qabnu hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf amanamaa taʼuuf akka nu kakaasu beekamaa dha. (Mil. 2:13-16) Kana malees, warra nu mufachiisan dabalatee saba isaatiif amanamoo taʼuudhaan amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu haa argisiisnu. Haala rakkisaa keessatti Yihowaadhaaf amanamoo yommuu taanu, garaa isaa ciibsina. (Fak. 27:11) Yihowaadhaaf amanamoo taanee yoo jiraanne, yeroo booda inni namoota isa jaallataniif wanti hundi gaarii akka taʼu akkamitti akka godhu arguu dandeenya. w16.02 3:16, 17
Kibxata, Muddee 5
Warri isa eeggatan haa gammadan!—Isa. 30:18.
Yihowaan wanta dandamachuu dandeenyuu fi dandamachuu hin dandeenye sirriitti beeka. (Far. 103:14) Kanaafuu, humna keenyaan qofa rakkina adda addaa akka dandamannu nu irraa hin eegu; kanaa mannaa akka abbaa tokkootti gargaarsa barbaachisu nuu godha. Dhugaa dha, al tokko tokko humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajiltoota isaa irra rakkinni humna isaaniitii ol taʼe akka gaʼu akka hin heyyamne nuu mirkaneesseera. Eeyyee, ‘karaa itti keessaa baʼan’ ni qopheessa. (1 Qor. 10:13) Yihowaan wanta nuti dandamachuu dandeenyuu fi hin dandeenye kan beeku taʼuu isaa beekuun nu jajjabeessa. Gargaarsaaf akkuma kadhanneen furmaata yoo argachuu baanne, Yihowaa isa tarkaanfii nu fayyadu yoom fudhachuu akka qabu sirriitti beeku haa eeggannu. Yihowaan nu gargaaruuf hawwii guddaa waan qabuuf, haalli kun isas obsa argisiisuu akka gaafatu yaadadhaa. “Waaqayyo . . . amma iyyuu tola isaa isinitti argisiisuudhaaf isin eegaa [“obsaan isin eegaa,” NW] jira; isiniif ooʼuudhaafis kaʼeera; Waaqayyo gooftaan, Waaqayyo isa firdiin isaa qajeelaa dha.” w15 4/15 4:8, 9
Roobii, Muddee 6
Dubartoonni Waaqayyoof qulqullaaʼanii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan. —1 Phe. 3:5.
Waaqeffannaa Maatii yommuu goonu dhimmoota hafuuraa irratti xiyyeeffanna; kun immoo maatichi tokkummaa akka qabaatu godha. Tajaajilaaf shaakaluun, maatichi akka gaariitti lallabuudhaaf akka qophaaʼu gargaaruu dandaʼa. Miseensonni maatii hundi yaada Dubbii Waaqayyoo irraa argatan walitti himuun isaanii, akkasumas hundi isaanii Yihowaa akka jaallatanii fi isa gammachiisuu akka barbaadan arguun isaanii walitti isaan dhiheessa. Hiriyoonni gaaʼelaa tokkummaadhaan Yihowaa jajachuuf maal gochuu dandaʼu? Lamaan isaanii iyyuu amanamummaadhaan Yihowaa kan tajaajilan yoo taʼe, tokkummaa waliin tajaajiluu isaaniitiin argatanitti ni gammadu. Abrahaamii fi Saaraan, Yisihaaqii fi Ribqaan, Elqaanaa fi Haannaan jaalala isaanii waliif ibsaniiru. Nutis akkana gochuuf kutachuu qabna. (Uma. 26:8; 1 Sam. 1:5, 8) Kana gochuun keenya hiriyaa gaaʼelaa keenyaa wajjin tokkummaa akka qabaannu godha; akkasumas Abbaa keenya isa samiitti nu dhiheessa.—Lal. 4:12. w16.03 3:12, 13
Kamisa, Muddee 7
Warra amantiitti jabaattan taʼaa, Seexanaan mormaas! —1 Phe. 5:9.
Seexanni dibamoota lafa irra jiranii fi “hoolota kan biraa” wajjin waraana irra jira. (Yoh. 10:16) Kaayyoon Diiyaabilos, yeroo gabaabaa isa hafe keessatti hamma isaa dandaʼame tajaajiltoota Yihowaa hedduu liqimsuu dha. (Mul. 12:9, 12) Lola Seexanaa wajjin goonu irratti moʼuu ni dandeenyaa? Eeyyee! Macaafni Qulqulluun, ‘Seexanaan mormaa! Innis isin dhiisee in baqata’ jedha. (Yaq. 4:7) Namoonni hedduun yaadni Seexanni jira jedhu illee isaan kolfisiisa. Isaaniif Seexannii fi hafuuronni hamoon qaamota asoosama, fiilmii sodaachisaa fi tapha viidiyoo keessa jiran qofa dha. Namoonni akkasii, namni barate tokko hafuuronni hamoon jiru jedhee amanuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Namoonni innii fi duuka buutonni isaa akka hin jirretti yaaduun isaanii Seexana ni yaaddessa jettanii yaadduu? Isa hin yaaddessu! Yaada namoota jiraachuu isaa shakkanii jaamsuun Seexanaaf salphaa dha. (2 Qor. 4:4) Yaadni qaamonni hafuuraa hin jiran jedhu karaawwan hedduu Seexanni namoota ittiin dogoggorsu keessaa tokko dha. w15 5/15 2:1, 2
Jimaata, Muddee 8
[Museen] ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaaʼateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaaʼate. —Ibr. 11:26.
Warri Musee waaʼee Yihowaa, akkasumas kaayyoo inni Ibroota garbummaa jalaa baasee Biyyattii Abdachiifamtetti galchuuf qabu isa barsiisanii taʼuu hin oolu. (Uma. 13:14, 15; Bau. 2:5-10) Museen abdii Yihowaan Israaʼelootaaf kenne irratti gadi fageenyaan yeroo yaadu, amantiin inni Yihowaa irratti qabuu fi jaalalli inni isaaf qabu ni guddate. Akkuma namoota Waaqayyoon sodaatan kaanii, innis yeroo Yihowaan ilmaan namootaa duʼa jalaa bilisa itti baasu yaadaan ilaalee taʼuu qaba. (Iyo. 14:14, 15; Ibr. 11:17-19) Museen Waaqa Ibrootaafis taʼe ilmaan namootaa hundumaaf garaa laafu kana jaallachuuf kakaʼee akka ture hin shakkisiisu. Museen umurii isaa guutuu Yihowaa irratti amantii qaba ture; akkasumas isaaf jaalala qaba ture. (Kes. 6:4, 5) Museen yeroo Faraʼoon akka isa ajjeesu dubbachuudhaan isa sossodaachisetti illee, amantiin isaa, jaalalli inni Waaqayyoof qabuu fi tarii immoo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee waan gaarii yaadaan ilaaluun isaa, haala sodaachisaa sana dura ija jabinaan dhaabbachuuf isa dandeessiseera.—Bau. 10:28, 29. w15 5/15 3:11-13
Sanbadduraa, Muddee 9
Daadhii waynii hin qaban. —Yoh. 2:3.
Yesus cidha gaaʼelaa Qaanaa ishee Galiilaatti argamtutti qophaaʼe tokko irratti dinqii isaa isa jalqabaa raawwate. Namoonni cidha kana irratti argaman isa eegame caalaa baayʼatanii taʼuu dandaʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe daadhiin waynii jalaa dhumeera. Haadha Yesus kan taate Maariyaam keessummoota keessaa tokko turte. Maariyaam raajiiwwan ilma ishee isa “Ilma Isa Hundaa Olii” (NW) jedhamee akka waamamu beektuu wajjin wal qabatan irratti waggoota hedduudhaaf yaadaa akka turte hin shakkisiisu. (Luq. 1:30-32; 2:52) Maariyaam, humni hanga yeroo sanaatti hin mulʼanne tokko akka isa keessa jiru amantee turtee laata? Maariyaamii fi Yesus hiriyoota gaaʼelaa haaraa kanaaf akka yaadanii fi qaanii irraa isaan oolchuu akka barbaadan beekamaa dha. Yesus keessummoota simachuun itti gaafatamummaa guddaa akka taʼe beeka ture. Kanaafuu, bishaan gara liitira 380 taʼu gara “daadhii waynii isa gaariitti” jijjiire. (Yoh. 2:6-11) Yesus dinqii kana raawwachuuf dirqamni isa irra jira turee? Lakki. Kana kan godhe namootaaf waan yaaduu fi arjaa taʼuudhaan fakkeenya Abbaa isaa waan hordofuuf ture. w15 6/15 1:3
Dilbata, Muddee 10
Yaa gooftaa, siʼa kana Israaʼeliif mootummaa deebiftaafii ree? —HoE. 1:6.
Yesus gara samiitti ol baʼuu isaa dura duuka buutonni isaa, gaaffii armaan olii isa gaafatanii turan. Deebiin Yesus isaaniif kenne, Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabu yoom akka taʼe yeroon itti beekan akka hin geenye argisiisa. Duuka buutonni isaa hojii lallabaa barbaachisaa taʼe hojjechuu irratti akka xiyyeeffatan isaanitti hime. (HoE. 1:7, 8) Taʼu iyyuu Yesus yeroo Mootummaan Waaqayyoo itti dhufu hawwiidhaan akka eeggatan isaan barsiiseera. Kanaafuu, bara ergamootaatii jalqabee Kiristiyaanonni Mootummichi akka dhufu kadhachaa jiru. Yeroon Mootummaan Waaqayyoo inni Yesusiin geggeeffamu samii irratti bulchuu itti jalqabu yommuu dhihaatetti, Yihowaan tajaajiltoonni isaa yeroo isaa akka hubatan gargaareera. Bara 1876tti mata dureen Chaarlis Teez Raasil barreesse tokko barruu Baayibil Egzaaminar jedhamu irratti baʼee ture. Mata dureen kun, “Barri Warra Saba Waaqayyoo Hin Taʼinitti Kenname Kan Xumuramu Yoomi?” kan jedhu siʼa taʼu, barri 1914 bara iddoo guddaa qabu akka taʼe ibseera. Akkasumas, “barri torba” inni raajii Daaniʼel irratti ibsame ‘bara warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kennamee’ fi Yesus dubbatee wajjin akka wal qabatu ibseera.—Dan. 4:16; Luq. 21:24. w15 6/15 4:11, 12
Wiixata, Muddee 11
Yesus imimmaan isaa dhangalaase. —Yoh. 11:35.
Yesus rakkinni namoota irra gaʼu garaa isaa tuqa ture. Yeroo michuun isaa Alaazaar duʼetti miirri namoota kaanitti dhagaʼame garaa isaa tuqee waan tureef, “hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame.” Miirri akkanaa kan isatti dhagaʼame, Alaazaariin yeroo gabaabaa keessatti duʼaa akka kaasu utuma beekuu ti. (Yoh. 11:33-36) Yesus miira cimaa isatti dhagaʼame ibsuun isa hin qaanessine. Namoonni isa ilaalaa turan, jaalala inni Alaazaarii fi maatii isaatiif qabu arguu dandaʼaniiru. Yesus humna Waaqayyo isaaf kennetti fayyadamee michuu isaa duʼaa kaasuun isaa gara laafina guddaa akka qabu argisiisa! (Yoh. 11:43, 44) Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo akkuma jirutti [Yesusiin] in mulʼata” jedha. (Ibr. 1:3) Kanaafuu, Yesus dinqiiwwan hojjeteen, innii fi Abbaan isaa dhukkubaa fi duʼa hambisuuf fedhii akka qaban argisiiseera. Dhiheenyatti Yihowaa fi Yesus namoota kan biraa hedduus duʼaa ni kaasu. Yesus, “warri duʼanii awwaalaman . . . awwaala [“awwaala yaadannoo,” NW] keessaa in baʼu” jedheera.—Yoh. 5:28, 29. w15 6/15 2:13, 14
Kibxata, Muddee 12
Maqaa kee isa [guddaadhaaf] . . . galata haa galchan! —Far. 99:3.
Namoota gara samii erga deemnee booda Waaqayyoon jajanna jedhanii yaadan irraa haala faallaa taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi amma lafa irratti Yihowaa jajachuun barbaachisaa akka taʼe hubataniiru. Karaa kanaan fakkeenya tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼanii fi Faarfannaa 99:1-3, 5 irratti caqasamanii hordofna. Faarfannaan kun akka argisiisutti Museen, Aaronii fi Saamuʼel qophii Yihowaan bara isaaniitti waaqeffannaa dhugaadhaaf godhe guutummaatti deggeraniiru. (Far. 99:6, 7) Yeroo harʼaa, obboloonni Yesus warri lafa irra jiran gara samii deemuudhaan isaa wajjin luboota taʼanii tajaajiluu isaanii dura, oobdii mana qulqullummaa hafuuraa isa lafa irraa keessatti amanamummaadhaan tajaajilaa jiru. ‘Hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaaʼamanis amanamummaadhaan isaan deggeru. (Yoh. 10:16) Gareewwan kun lamaan abdii garaa garaa kan qaban taʼanis, ejjeta miillaa Waaqayyoo irratti tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatu. Haa taʼu malee dhuunfaatti, ‘Qophii Yihowaan waaqeffannaa dhugaatiif godhe guutummaatti deggeraan jiraa?’ jennee of gaafachuu qabna. w15 7/15 1:4, 5
Roobii, Muddee 13
Isa eeggadhu! —An. 2:3.
Tajaajiltoonni Yihowaa raawwii raajiiwwan geggeessaa hafuuraatiin dubbatamanii obsaan eegaa turaniiru. Isaayaas inni Yihudaan erga balleeffamtee booda Yihowaan haaromsa akka fidu dubbate, “Warri isa eeggatan haa gammadan!” jedheera. (Isa. 30:18) Miikiyaasis abdiin Yihowaan kenne akka raawwatamu eeggachaa kan ture siʼa taʼu, “Abdiidhaan gara Waaqayyoo nan ilaala” jedheera. (Mik. 7:7) Akkasumas, tajaajiltoonni Waaqayyoo waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif, raawwii raajiiwwan waaʼee Masiihichaa ykn Kiristos dubbatamanii eeggachaa turaniiru. (Luq. 3:15; 1 Phe. 1:10-12) Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman raawwatamanii waan hin dhumneef, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranis raawwii isaanii eeggachaa jiru. Dhiheenyatti Yihowaan Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee hamoota balleessuudhaan, akkasumas saba isaa addunyaa jeeqamaa aangoo Seexanaa jala jiru kana jalaa oolchuudhaan rakkina ilmaan namootaa ni balleessa. (1 Yoh. 5:19) Kanaafuu dammaqoo haa taanu; akkasumas dhumni sirna kanaa baayʼee dhihaachaa akka jiru haa hubannu. w15 8/15 2:1, 2
Kamisa, Muddee 14
Hinaaffaan mana keetii na guba.—Yoh. 2:17.
Israaʼeloonni qajeelfama Yihowaan isaanii kenneen godoo qulqullaaʼaa ijaaraniiru. (Bau. 25:8) Yeroo boodas, waaqeffannaa Yihowaatiif mana qulqullummaa ijaaranii turan. (1 Mot. 8:27, 29) Yihudoonnis erga boojuu Baabilonii deebiʼanii booda yeroo hunda mana sagadaatti wal gaʼu turan. (Mar. 6:2; Yoh. 18:20; HoE. 15:21) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa manneen miseensota gumichaatti walitti qabamaa turan. (HoE. 12:12; 1 Qor. 16:19) Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti Galmawwan Mootummaa kuma kudhaniin lakkaaʼaman keessatti barumsaa fi waaqeffannaadhaaf walitti qabamu. Jaalallii fi dinqisiifannaan Yesus mana qulqullummaatiif qabu guddaa waan tureef barreessaan Wangeelaa tokko, yaadni dursee dubbatame, Yesus irratti akka raawwatame caqasa guyyaa harʼaa irratti ibseera. (Far. 69:9) Galmi Mootummaa kam iyyuu akka mana qulqullummaa Yerusaalem keessa turee, kallattiidhaan “mana Yihowaa,” (NW) jedhamee hin waamamu. (2 Sen. 5:13; 33:4) Taʼus, Macaafni Qulqulluun seerawwan buʼuuraa iddoon waaqeffannaa keenya akkamitti hojii irra ooluu fi kabajamuu akka qabu argisiisan qabateera. w15 7/15 4:1, 2
Jimaata, Muddee 15
[Jaalala] qabaadhaa! —Qol. 3:14.
Bulchiinsa Kiristos isa Waggaa Kuma Tokkootti jaalala waliif qabaachuu ni dandeenyaa? Yeroo ammaatti namoota kaaniif dhiifama gochuu fi namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo baranne, addunyaa haaraa keessatti akkas gochuun nutti salphata. (Qol. 3:12, 13) Addunyaa haaraa keessatti wanta barbaadne tokko yeroo barbaannetti kan argannu yeroo hunda taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, yeroo ol aantummaa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼeef bitamuudhaan faayidaa argannutti, haala akkamii keessatti iyyuu wanta arganne dinqisiifachuu fi wanta argannetti gammaduun nu barbaachisa. Yeroo sanattis amalawwan Yihowaan yeroo ammaatti akka horannu nu barsiisu hojii irra oolchuun nu barbaachisa. Akkaataa jireenyaa yeroo sana akka jiraannu eegnu ammas jiraachuudhaan, amalawwan bara baraaf yeroo jiraannu nu barbaachisan guddifachuu dandeenya. Kana gochuun keenya, amantii ‘biyyi lafaa inni dhufuuf jiru’ dhugaa taʼuu isaa irratti qabnu nuu guddisa. (Ibr. 2:5; 11:1) Hunda caalaa immoo, jireenya qajeelinaa yeroo sanatti lafa irra jiraatu hammam akka hawwinu argisiisa. Dhuguma iyyuu, jireenya bara baraa addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraatuuf qophaaʼaa jirra. w15 8/15 3:11, 12
Sanbadduraa, Muddee 16
[Yesuusii] wajjin tokkummaa qabaadhaatii deddeebiʼuu keessan itti fufaa.—Qol. 2:6, NW.
Bakka gabaatti fuduraa bilchaate yommuu ilaaltu, fuduraan hundi akka wal hin fakkaanne argita. Taʼus, hundi isaanii wanta akka bilchaatan argisiisu qabu. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼanis lammummaa, akkaataa guddinaa, fayyaa, umurii fi muuxannoo garaa gara taʼe qabaachuu dandaʼu. Eenyummaanii fi aadaan isaaniis garaa gara dha. Taʼus, warri karaa hafuuraa guddatan hundi amalawwan gaʼeessota taʼuu isaanii argisiisan qabu. Amalawwan kun maal faʼi? Tajaajilaan Yihowaa gaʼeessa taʼe, Yesus isa ‘faana isaa duukaa akka buunuuf’ fakkeenya nuuf kaaʼee hordofa. (1 Phe. 2:21) Wanti Yesus baayʼee barbaachisaa akka taʼe dubbate maali dha? Garaa guutuu, jireenya guutuu fi yaada guutuudhaan Yihowaa jaallachuu, akkasumas nama akka mataa ofiitti jaallachuu dha. (Mat. 22:37-39) Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko gorsa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraaqqii godha. Akkaataan jireenyaa isaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf dursa akka kennuu fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabu kan argisiisu dha. w15 9/15 1:3-5
Dilbata, Muddee 17
Nuyi mulʼifnee dhugaa dubbachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti yaada garaa namootaatti of dhiʼeessina.—2 Qor. 4:2.
Yaadni garaa gaarii taʼe dogoggora akka hin raawwanne nu akeekkachiisuudhaan qofa hin daangeffamu. Hojii gaarii akka hojjennus nu kakaasa. Hojiiwwan gaarii keessaa inni guddaan tajaajila manaa gara manaa irratti hirmaachuu fi carraa argannetti fayyadamnee karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼuu dha. Phaawulos yaadni garaa isaa akkas akka godhu isa kakaaseera. “Kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!” jedheera. (1 Qor. 9:16) Fakkeenya isaa yoo hordofne, yaadni garaa keenya wanta sirrii gochaa akka jirru nuu mirkaneessa. Akkasumas, misiraachicha lallabuudhaan namoonni haasofsiisnu yaada garaa isaanii akka fayyadaman gargaaruu dandeenya. Yaadni garaa keenya kana gochuu irratti gaʼee guddaa qaba. Yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan, wanta dubbisne irratti xiinxaluudhaanii fi hojii irra oolchuudhaaf carraaqqii gochuudhaan yaada garaa keenya leenjisuu dandeenya. Kana yoo goone kennaa dinqisiisaa taʼe kanaan jireenya keenya geggeeffachuu dandeenya! w15 9/15 2:16, 18
Wiixata, Muddee 18
Waaqayyo nama jaallatu in adaba.—Fak. 3:12.
Seenaan Yoseef, Musee fi Daawit Macaafa Qulqulluu keessatti balʼinaanii fi karaa ifa taʼeen ibsameera. Yeroo rakkina isaaniitti Yihowaan akkamitti akka isaan gargaaree fi akkamitti akka isaanitti fayyadame seenaa ibsu dubbisuun keenya, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif akka yaaduu fi akka isaan jaallatu caalaatti nu hubachiisa. Yihowaan nu adabuun isaa karaa jaalala isaa itti argisiisu kan biraa dha. Namni cubbuu hojjete Yihowaan yeroo isa adabu qalbii yoo jijjiirrate, “innis isa in maara.” (Isa. 55:7) Kana jechuun maal jechuu dha? Daawit akkaataa Yihowaan dhiifama itti namaaf godhu jecha garaa namaa tuquun yeroo ibsu akkana jedheera: “Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa; jireenya kee awwaalamuu in oolcha, gaarummaa fi ooʼa si gonfa.” (Far. 103:3, 4) Gorsii fi adabni Yihowaan nuu kennu jaalala guddaa inni nuuf qabu kan argisiisu akka taʼe hubachuudhaan yeroo hunda dafnee tarkaanfii haa fudhannu.—Far. 30:5. w15 9/15 4:13, 14
Kibxata, Muddee 19
[Maariyaam] dubbii [Yesus] dhaggeeffachaa turte.—Luq. 10:39.
Maartaan Yesusiif nyaata addaa qopheessuu fi akka isatti toluuf hojii mana keessaa kan biraa hojjechuutti qabamtee turte. Garuu, hojiin kun hundi dhiphina hin barbaachisne kan ishiitti fide siʼa taʼu, Maariyaamittis aartee turte. Yesus, Maartaan akka hojii ofitti baayʼiste hubatee,“Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati in yaaddofta, waan baayʼeettis hammacamta” isheedhaan jedhe. Achiis nyaanni bifni tokko qofti gaʼaa akka taʼe itti hime. Sana booda Yesus, xiyyeeffannaa isaa gara Maariyaam gochuudhaan, “Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana foʼatte” jechuudhaan wanta akka isheen balleessaa hin qabne argisiisu dubbate. (Luq. 10:38-42) Maariyaam nyaata guyyaa addaa sanatti nyaatte utuu baayʼee hin turin irraanfattee taʼuu dandaʼa; taʼus, galataa fi nyaata hafuuraa Yesusiin sirriitti dhaggeeffachuu isheetiin argatte yoom iyyuu hin irraanfattu. Waggaa 60 booda Yohannis ergamaan, “Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee . . . in jaallata ture” jedhee barreesseera. (Yoh. 11:5) Yaada hafuura qulqulluudhaan barreeffame kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Maartaan sirreeffama Yesus jaalalaan kakaʼee isheedhaaf kenne fudhachuudhaan sana booda amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii gooteetti. w15 10/15 3:3, 4
Roobii, Muddee 20
Humni humna gararraa kan . . . Waaqayyoo ti. —2 Qor. 4:7.
Yihowaan namootaaf xiyyeeffannaa kan kennu taʼuu isaatiif ragaa quubsaa qabna. Muuxannoo namoota gargaarsa hafuuraa argachuuf kadhatanii fi argatanii yeroo baayʼee ni dhageenya. (Far. 53:2) Aalan odoola xinnoo Filippiinsi keessatti argamtu tokko keessatti manaa gara manaatti utuu lallabuu, dubartii tokkoo wajjin kan wal arge siʼa taʼu, isheenis booʼuu jalqabde. Akkana jedheera: “Dhugaa Baatota isaa wajjin wal arguuf guyyuma sana ganama Yihowaa kadhattee turte. Yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turte Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan turte taʼus, heerumtee gara odoola kan biraa waan deemteef sana booda Dhugaa Baatotaa wajjin wal arguu hin dandeenye. Waaqayyo kadhannaa isheetiif hatattamaan deebii kennuun isaa garaan ishee akka tuqamu godheera.” Dubartiin kun waggaa tokko keessatti Yihowaadhaaf of murteessite. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun gargaarsa isaatiin wantoota araada itti taʼan, kan akka tamboo xuuxuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi pornoograafii ilaaluu dhiisuu dandaʼaniiru. Namoonni tokko tokko amaloota kana ofuma isaaniitiin dhiisuuf irra deddeebiʼanii carraaqqii godhanis, akka hin milkoofne dubbataniiru. Gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti yommuu garagalan garuu, ‘humna humna gararraa’ waan isaaniif kenneef dadhabina isaanii kana moʼuu dandaʼaniiru.—Far. 37:23, 24. w15 10/15 1:10, 11
Kamisa, Muddee 21
Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa! —Efe. 5:16.
Obboloonni tokko tokko dubbisuuf, xiinxaluuf, akkasumas kadhachuuf bariidhaan kaʼu. Tokko tokko immoo yeroo boqonnaa laaqanaa isaanitti kana godhu. Tarii galgala ykn rafuu kee dura kana gochuu akka dandeessu sitti dhagaʼama taʼa. Obboloonni tokko tokko ganamas, galgala rafuu isaanii duras Macaafa Qulqulluu dubbisuu jaallatu. Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yeroo kam iyyuu yoo filanne, “halkanii fi guyyaa” jechuunis yeroo hundumaa dubbisuu qabna. (Iya. 1:8) Wantoota baayʼee barbaachisaa hin taane irratti xiyyeeffachuu dhiisnee guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluuf yeroo ramaduun barbaachisaa dha. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan namoota Dubbii isaa irratti xiinxalanii fi wanta baratan hojii irra oolchuuf carraaqan akka eebbisu dubbata. (Far. 1:1-3) Yesus, “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii kan raawwatan haa gammadan!” jedheera. (Luq. 11:28) Hunda caalaa immoo, dhimmoota hafuuraa irratti guyyaa guyyaadhaan xiinxaluun Yihowaa isa sammuu keenya dinqisiisaa godhee uumeef ulfina fida; innis amma gammachuu, gara fuulduraatti immoo addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessatti jireenya bara baraa nuuf kennuudhaan nu eebbisa.—Yaq. 1:25; Mul. 1:3. w15 10/15 4:17, 18
Jimaata, Muddee 22
[Phexros] gara bukkeetti [Yesusiin] qabee, “Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin taʼuuf” jedhee isa gorsuutti kaʼe. —Mat. 16:22.
Phexros ergamaan Yesus akka hin ajjeefamne akka of eeggatu kan isa gorse miira gaariidhaan kakaʼee ture. Haa taʼu malee, Yesus yaadni Phexros dhiheesse dogoggora taʼuu isaa beeka ture. Yesus Phexrosii fi duuka buutota kaan gargaaruuf jecha, gorsa ifa taʼe kenneera, garaa ofiif laafuun rakkina akkamii akka qabu dubbateera, akkasumas fedhii ofii aarsaa gochuun eebba akkamii akka argamsiisu ibseera. (Mat. 16:21-27) Phexros barumsa guddaa argateera. (1 Phe. 2:20, 21) Ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran gama kamiin gargaarsi akka isaan barbaachisu hubachuuf akka isin gargaaru Yihowaa kadhadhaa. (Far. 32:8) Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan amantiin isaanii hirʼachaa akka jiru akkamitti beekuu dandeessu? Tarii gammachuu dhabaa, obboloota komachaa ykn kophaa taʼuu barbaadaa jiru taʼa. Jarjartanii haalli kun dhoksaatti cubbuu hojjechaa akka jiran kan argisiisu akka taʼe hin murteessinaa. Karaa gara biraatiin immoo, mallattoowwan kana salphistanii hin ilaalinaa ykn adda of baasuu isaanii yeroo booda ni dhiisu jettanii hin yaadinaa. w15 11/15 2:12, 13
Sanbadduraa, Muddee 23
Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! . . . Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa! —Qol. 3:12, 14.
Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” waan jedheef, jaalalli dhugaa fi tokkummaan tajaajiltoonni Yihowaa amantii dhugaa akka qaban kan argisiisu dha. (Yoh. 13:34, 35) Yohannis ergamaanis akkana jechuudhaan barreesseera: “Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu. Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, ‘Wal jaallachuun nuuf taʼa’ isa jedhuu dha.” (1 Yoh. 3:10, 11) Jaalalli inni tokkummaa adda taʼe argamsiisu, Dhugaa Baatonni Yihowaa duuka buutota Kiristos warra dhugaa akka taʼan, akkasumas Waaqayyo kaayyoo misiraachoo Mootummichaa guutummaa lafaa irratti beeksisuuf qabu galmaan gaʼuuf kan itti fayyadamu akka taʼan argisiisa.—Mat. 24:14. w15 11/15 4:10, 11
Dilbata, Muddee 24
Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti. —Fak. 25:11.
Aadaa fi amantiin namootaa garaa garummaa guddaa waan qabuuf, yeroo sirrii itti dubbachuu qabnu filachuu irratti hubannaa qabaachuun nu barbaachisa. Akkasumas, haalawwan kana tilmaama keessa galchuuf nu dirqisiisan hedduun jiru. Fakkeenyaaf, namni tokko wanti inni yaada gaariidhaan kakaʼee dubbate illee nu mufachiisuu dandaʼa. Taʼus gama keenyaan dhimma sana ilaalchisee deebii kennuun keenya barbaachisaa taʼuu fi dhiisuu isaa yeroo fudhannee irratti yaaduun keenya hubannaa akka qabnu argisiisa. Dirqama deebii kennuun kan nu barbaachisu yoo taʼe, utuu aarree jirruu tarii immoo ariitiidhaan nama nu mufachiise sanatti dubbachuun keenya ogummaa miti. (Fak. 15:28) Haaluma wal fakkaatuun, waaʼee dhugaa yeroo firoottan keenya Dhugaa Baatota hin taanetti dubbannu hubannaa qabaachuun keenya barbaachisaa dha. Yihowaa akka beekan kan barbaannu taʼus, obsaa fi hubannaa qabaachuu qabna. Dubbii sirrii taʼe yeroo sirrii taʼetti dubbachuun keenya garaa isaanii akka qopheessan gargaaruu dandaʼa. w15 12/15 3:6, 8, 9
Wiixata, Muddee 25
[Kunis] sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu . . . nu leenjisa.—Tit. 2:12, NW.
Namni ‘sirriitti yaadu’ tokko ibsi mala yaalii fayyaa ilaalchisee kennamu yommuu adda ykn iccitii fakkaatutti hubannaa isaatti fayyadamuu qaba. Namni qoricha sana qopheessu ykn beeksisu sun qorichi sun akkamitti akka hojjetu ibsa gaʼaa kennuu dandaʼaa? Dhugaa beekamaa taʼee wajjin wal simaa? Namoonni gaʼumsa qaban hedduun qorichi kun fudhatama akka qabu godhanii ilaaluu? (Fak. 22:29) Moo akkasumaan miira namaa kan hawwatu dha? Tarii qorichichi qorannoo ammayyaa jalaa kan dhokatee fi bakka fagootti kan argame ykn kan hojjetame akka taʼe dubbatama taʼa. Wanti jedhame kun ragaa qabatamaa qabaa ykn sirrii fakkaataa? Meeshaawwan ykn malawwan yaalii fayyaa tokko tokko, ‘wantoota iccitii taʼan’ ykn ‘sirna qaamaatti’ akka fayyadaman ibsamu. Waaqayyo ‘falfalatti’ fayyadamuu fi ekeraa dubbisuu irraa akka fagaannu waan akeekkachiiseef yaanni akkanaa of eeggannoo guddaa gochuu akka qabnu argisiisa.—Isa. 1:13; Kes. 18:10-12. w15 12/15 4:16
Kibxata, Muddee 26
Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala.—Mat. 11:11.
Namoonni amantii isaaniitiin fakkeenya taʼanii fi hafuura qulqulluu argatan hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamaniiru; taʼus, namoonni kun abdii samii irra jiraachuu hin qaban. Yohannis Cuuphaan namoota akkanaa keessaa tokko ture. Yesus Yohannisiin baayʼee kan jaje taʼus, Yohannis Mootummaa samii keessatti gaʼee akka hin qabne dubbateera. Daawitis hafuura qulqulluu argatee ture. (1 Sam. 16:13) Daawit nama hubannaa hafuuraa guddaa qabu taʼuu isaa irra iyyuu, hafuuraan geggeeffamee kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko barreesseera. (Mar. 12:36) Taʼus, guyyaa Phenxeqosteetti Phexros, Daawit “gara waaqaatti [akka] ol hin baane” dubbateera. (HoE. 2:34) Hafuurri qulqulluun namoota kana irratti akka gaariitti kan hojjete taʼus, jireenya samiitiif akka filataman haala adda taʼeen dhugaa isaaniif hin baane. Kana jechuun garuu, namoonni kun karaa taʼe tokkoon gaʼumsa hin qaban ykn hirʼina qabu jechuu miti. Kanaa mannaa gabaabumatti, Yihowaan lafa jannata taatu keessa akka jiraataniif duʼaa isaan kaasa jechuu dha.—Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15. w16.01 3:16
Roobii, Muddee 27
Abbaanii fi ani tokko. —Yoh. 10:30.
Namoota jaallannuu wajjin yommuu hojjennu isaanitti dhihaanna, akkasumas eenyummaa isaanii fi amala isaanii hubanna. Wanta hojjechuu barbaadan qofa utuu hin taʼin, wanta sana akkamitti hojjechuu akka barbaadanis ni hubanna. Yesus tarii waggoota biliyoona hedduutti lakkaaʼamaniif Yihowaa wajjin kan hojjete siʼa taʼu, gidduu isaanittis hidhaan jaalalaa cimaa taʼee fi cituu hin dandeenye uumameera. Yeroo hunda guutummaatti walii galanii hojjechuudhaan tokkummaa adda taʼe qabaachuu dandaʼaniiru. Yesus, Yihowaan bartoota isaa akka eegu kadhannaadhaan gaafateera. Maaliif? “Akkuma nuyi tokko taane, warri ati anaaf kennites tokko akka taʼaniif” jechuudhaan kadhateera. (Yoh. 17:11) Ulaagaawwan Waaqayyoo eegnee yommuu jiraannuu fi hojii lallabaa irratti yommuu hirmaannu, amalawwan isaa warra gaggaarii taʼan hubachaa deemna. Akkasumas isatti amanamuu fi qajeelfama isaa hordofuun sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe hubanna. Yommuu Waaqayyotti dhihaannu, innis nutti dhihaata. (Yaq. 4:8) Rakkinni wal fakkaatu waan nu mudatuuf, gammachuu wal fakkaatu waan argannuu fi galma wal fakkaatu waan qabnuuf obbolootaa fi obboleettota keenyattis ni dhihaanna. w16.01 5:9, 10
Kamisa, Muddee 28
Agabaattee kee duukaa deebiʼi! —Rut. 1:15.
Naaʼomiin gara biyya ishii Israaʼelitti deemuu ishii itti fufuuf kutattee kaateetti. Dubartiin ishii wajjin jirtu immoo Ruut ishii jireenya ishii keessatti murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe gochuuf jirtu dha. Ruut gara saba ishii biyya Moʼaabitti argamanitti deebiʼuuf ykn amaatii ishii Naaʼomiitti maxxanuudhaan gara Betlihem deemuuf murteessuu ni dandeessi. (Rut. 1:1-8, 14) Ruut Moʼaab keessaa haadhaa fi firoota ishii simachuu fi wanta jireenyaaf ishii barbaachisu ishiidhaaf guutuu dandaʼan akka qabdu yaaduu ni dandeessi turte. Moʼaab biyya itti dhalatte dha. Aadaan biyyichaa aadaa ishii ti; qooqni biyyichaa qooqa ishii ti; sabni biyyichaas saba ishii ti. Naaʼomiin Betlihem keessatti wanta akkanaa akka ishiidhaaf gootu waadaa galuufii hin dandeessu. Ruut biyya Moʼaabitti akka haftu ishii gorsitee ture. Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii kanaaf abbaa manaas taʼe mana qopheessuu akka hin dandeenye yaaddee turte. Ruut murtoo akkamii gooti ree? Garaagarummaa ishii fi Orphaa ishii “gara saba isheetti, gara waaqayyolii isheettis deebite” gidduu jiru hubadhu. (Rut. 1:9-15) Ruut gara waaqayyolii sobaa sabni ishii waaqeffatanitti ni deebitii? Lakki, hin deebine. w16.02 2:4, 5
Jimaata, Muddee 29
Wanta qajeelaa taʼee fudhatame hojjechuu, gaarummaa [“amanamummaa,” NW] jaallachuu, gad of deebiftees Waaqayyo kee wajjin deddeebiʼuu malee, gooftichi maal si irraa barbaada ree?—Mik. 6:8.
Halkan walakkaa, Daawitii fi Abiishaayi loltoota 3,000 rafaa jiran gidduu suuta jedhanii seenan. Namoonni kun lamaan Saaʼol Mootichi buufata sana walakkaa hirriba cimaa keessa utuu jiruu isa argan. Saaʼol gara gammoojjii Yihudaa kana kan dhufe Daawitiin ajjeesuuf ture. Abiishaayi, “Siʼa lama itti hin deebiʼuutii maaloo tokkicha eeboo kootiin lafatti [Saaʼoliin] fayyisuu?” jedhee hasaase. Yeroo kanatti deebiin Daawit kenne kan nama dinqisiisu dha! “Namni isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka isaa ol fudhatu yakkaa taʼee waan gaafatamuuf ati lafatti isa hin dabalin! . . . Isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka koo ol fudhachuu inni ana haa oolchu!” jedheen. (1 Sam. 26:8-12) Daawit Waaqayyoof amanamaa taʼuun maalfaa akka dabalatu hubatee ture. Daawit Saaʼoliin miidhuuf hin yaadne. Maaliif? Sababiin isaas, Saaʼol nama Waaqayyo Israaʼel irratti mootii godhee muude ture. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan namoota inni muude ni kabaju. Yihowaan sabni isaa hundi ‘amanamummaa akka jaallatan’ akka isaan irraa barbaadu beekamaa dha. w16.02 4:1, 2
Sanbadduraa, Muddee 30
Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola. —Far. 40:8.
Dargaggeessa cuuphamuuf yaadaa jirtu dhaa? Taanaan, mirga guddaa namni qabaachuu dandaʼu kam irra iyyuu caalutu si eeggata. Haa taʼu malee, cuuphamuun, of murteessuu kee, jechuunis waan hunda irra fedha Yihowaatiif dursa kennuudhaan bara baraaf isa tajaajiluuf waadaa guddaa galuu kee kan argisiisu dha. Kan cuuphamtu, yeroo murtoo kana gochuuf gaʼumsa qabaattu, yeroo fedhii qabaattuu fi of murteessuu jechuun maal jechuu akka taʼe yeroo hubattutti qofa taʼuu akka qabu beekamaa dha. Cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu kee ilaalchisee mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte hoo? Yookiin immoo ati cuuphamuu kan barbaaddu taʼus, warri kee tarii akka Kiristiyaana tokkootti jiraachuu irratti caalaatti muuxannoo hamma argattutti turuu akka qabdu yoo isaanitti dhagaʼame hoo? Kanas taʼe sana abdii hin kutatin. Kanaa mannaa, utuu baayʼee hin turin cuuphamuu akka dandeessutti carraa kanatti fayyadamiitii guddina godhi. w16.03 2:1, 2
Dilbata, Muddee 31
Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!—2 Qor. 6:14.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko, gaaʼela kan dhaabbattan dhugaa barachuu isaanii dura waan taʼeef, hiriyaan gaaʼelaa isaanii Dhugaa Baatuu miti. Yeroo kanattis taanaan, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman hojii irra oolchuun maatichi tokkummaa akka qabaatu godha. Kun immoo ejjennoo ofii utuu hin laaffisin hamma dandaʼametti walii galuu kan dabalatu dha. Kun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Yeroo harʼaatti Seexanni maatiiwwan miidhuu waan barbaaduuf, tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi maatii keessatti tokkummaa isaanii eeguun isaanii barbaachisaa dha. Gaaʼela erga dhaabbattanii kan turtan hammam iyyuu yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa keessan jajjabeessuuf dhuunfaatti maal dubbachuu fi gochuu akka dandeessan yaadaa. Gama kanaan maanguddoonni, miseensota gumii dargaggoota taʼan gargaaruu dandaʼu. Darbee darbee hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan waaqeffannaa maatii keessan irratti akka argaman mana keessanitti afeeruu dandeessu. Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo isin faana dabarsanitti, gaaʼela keessa kan turame yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, jaalalaa fi tokkummaa qabaachuun barbaachisaa akka taʼe hubachuu dandaʼu.—Tit. 2:3-7. w16.03 3:14, 15