LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es17 ful. 108-118
  • Sadaasa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sadaasa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Sadaasa 1
  • Kamisa, Sadaasa 2
  • Jimaata, Sadaasa 3
  • Sanbadduraa, Sadaasa 4
  • Dilbata, Sadaasa 5
  • Wiixata, Sadaasa 6
  • Kibxata, Sadaasa 7
  • Roobii, Sadaasa 8
  • Kamisa, Sadaasa 9
  • Jimaata, Sadaasa 10
  • Sanbadduraa, Sadaasa 11
  • Dilbata, Sadaasa 12
  • Wiixata, Sadaasa 13
  • Kibxata, Sadaasa 14
  • Roobii, Sadaasa 15
  • Kamisa, Sadaasa 16
  • Jimaata, Sadaasa 17
  • Sanbadduraa, Sadaasa 18
  • Dilbata, Sadaasa 19
  • Wiixata, Sadaasa 20
  • Kibxata, Sadaasa 21
  • Roobii, Sadaasa 22
  • Kamisa, Sadaasa 23
  • Jimaata, Sadaasa 24
  • Sanbadduraa, Sadaasa 25
  • Dilbata, Sadaasa 26
  • Wiixata, Sadaasa 27
  • Kibxata, Sadaasa 28
  • Roobii, Sadaasa 29
  • Kamisa, Sadaasa 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
es17 ful. 108-118

Sadaasa

Roobii, Sadaasa 1

Abrahaam in obbaafate; baʼeessa godhee dulloomee baras quufee in duʼe.—Uma. 25:8.

Yaada Abrahaam “dulloomee baras quufee” jedhu yommuu dubbisnu, jireenya waan quufeef gara fuulduraatti jiraachuuf fedhii hin qabu ture jennee yaaduu hin qabnu. Kitaabni Qulqulluun Abrahaamiin ilaalchisee, “Inni mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture” jedha. (Ibr. 11:10) Abrahaam yommuu lafa Jannata taatu irra jiraatuu fi michummaa Yihowaa wajjin qabu cimsachuu isaa yommuu itti fufu hammam akka gammadu tilmaamuu dandeessaa? Fakkeenyi amantii isaa waggoota kumaatama erga inni duʼee booda turanitti tajaajiltoota Yihowaa akka gargaare yommuu hubatu hammam tuqama laata? Jannata keessatti akkaataan Yisihaaq itti gara jireenyaatti isaaf deebifame, wanta sana irra caalu tokkoof “fakkeenya” akka taʼes ni barata. (Ibr. 11:19) Kana malees, gaddi cimaan yommuu ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf jedhe isatti dhagaʼame, namoonni amanamoon miliyoonaan lakkaaʼaman gadda yommuu Yihowaan Ilma isaa Yesus Kiristosiin furii godhee dhiheesse isatti dhagaʼame tilmaamuuf akka isaan gargaare hubata.—Yoh. 3:16. w16.02 1:15, 16

Kamisa, Sadaasa 2

Ati ilma micciiramtuu fi ilma didduu, ofii keetii fi haadha si deesse salphisuudhaaf ilma Iseyi akka foʼatte nan wallaalee ree? —1 Sam. 20:30.

Yommuu namni itti gaafatamummaa qabu tokko dogoggoraan nu hubatu amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu qoramuu dandaʼa. Yonaataan rakkinni akkanaa isa mudatee taʼuu dandaʼa. Saaʼol Mootichi inni Waaqayyo dibe, ilmi isaa michuu Daawit taʼuu isaa kan beeku taʼus, sababiin inni isatti itti michoome isaaf hin galle ture. Kanaafuu, Saaʼol aariidhaan finiinee namoota hedduu duratti Yonaataaniin qaanesse. Taʼus, Yonaataan haaloo hin baane. Amanamummaan inni Waaqayyoof ykn Daawit isa yeroo booda mootii Israaʼel taʼuuf qabus hin laafne. (1 Sam. 20:31-41) Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban namoota hunda haqaan qabuuf yaalii godhu. Taʼus, namoonni nu gidduutti itti gaafatamummaa qaban cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, wanta nuyi goone dogoggoraan hubachuu dandaʼu. (1 Sam. 1:13-17) Kanaafuu, yeroo namoonni dogoggoraan nu hubatan hundatti Yihowaadhaaf amanamoo taanee haa jiraannu. w16.02 3:14, 15

Jimaata, Sadaasa 3

Namni tokko illee ana duukaa buʼuu yoo barbaade, waaʼee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa isa anaaf jedhee baatu of irra [haa kaaʼatu]! —Mat. 16:24.

Dargaggoonni tokko tokko garaa garummaa of murteessuu fi cuuphamuu gidduu jiru hin beekan. Fakkeenyaaf, tokko tokko Yihowaadhaaf akka of murteessanii fi cuuphamuuf garuu qophaaʼoo akka hin taane dubbatu. Kun taʼuu dandaʼaa? Of murteessuu jechuun, bara baraaf isa tajaajiluu akka barbaadnu Yihowaatti himuu jechuu dha. Namni tokko yeroo cuuphamu of murteessuu isaa namootatti argisiisa. Kanaafuu, isa kadhannaadhaan dhuunfaatti Yihowaadhaaf of murteessite cuuphamuudhaan uummatatti argisiista jechuu dha. Cuuphamuu kee dura, of murteessuu jechuun maal jechuu akka taʼe beekuu qabda. Jireenya kee Yihowaadhaaf murteessuu jechuun, kan ofii akka hin taane isatti himuu jechuu dha. Jireenya kee keessatti wanta kaan caalaa fedha isaa raawwachuudhaaf dursa akka kennitu Yihowaadhaaf waadaa galaa jirta. Waadaa galle kamiif iyyuu bakka guddaa kennuu qabna; waadaa Yihowaadhaaf galleef immoo caalaatti bakka guddaa kennuu hin qabnuu ree?—Mat. 5:33. w16.03 1:14, 15

Sanbadduraa, Sadaasa 4

[Jaalalaan] kottaa karaa hundumaan . . . in guddannaa! —Efe. 4:15.

Phaawulos qaama namaa akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan tokkummaa, mataa gumii Kiristiyaanaa kan taʼe Yesus Kiristos jalatti argamu irratti xiyyeeffateera. Ergamaan kun waaʼee ‘buusaawwan wanta barbaachisu hundumaa kennaniin’ tokkummaa qabaachuu dubbateera. (Efe. 4:16) Dargaggootas taane maanguddoo, cimoos taane dadhaboo, tokkummaa fi guddina hafuuraa gumichaatiif gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuu kan dandeenyu, namoota Yesus gumii keessatti qajeelfama akka kennaniif muudeef, jechuunis jaarsoliidhaaf bitamuu fi isaan kabajuu dhaani. (Ibr. 13:7, 17) Kana gochuun yeroo hunda salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, Waaqayyo qajeelfama akka nuu kennu gaafachuudhaan kana gochuu ni dandeenya. Hafuurri isaa, qophii gumii garaa guutuudhaan akka deggerru nu gargaaruu dandaʼa. Kanaafuu, darbee darbee qajeelfama kennamu hordofuun yoo nutti toluu baate illee, gad of qabuudhaan irratti walii galuun keenya tokkummaa gumiitiif gumaacha akkamii akka godhu yaaduu qabna. Kana malees, dhimmoota akkanaa irratti tokkummaa qabaachuun keenya jaalalli waliif qabnu akka guddatu gochuu dandaʼa. w16.03 3:8, 9

Dilbata, Sadaasa 5

Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba.—Ibr. 4:12.

Dargaggoonni tokko tokko ijoollummaa isaaniitti galmawwan hafuuraa akka baafatan hin jajjabeeffamne. Dargaggoonni kun jireenya isaanii keessatti dhugaadhaaf dursa hin kennine. (Mat. 10:24) Kanaaf, jaarsi tokko obboleessa tokkoo wajjin michummaa uumuuf yeroo ramaduu qaba. Mirgawwan tajaajilaa gumii keessaatiif isa leenjisuu barbaada; gumichaaf barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatu isa gargaara. Sana booda, jaarsi sun obboleessa kanaa wajjin caqasawwan Yihowaadhaaf kan of murteesse taʼuu isaa irratti akka yaadu isa gargaaran irratti mariʼachuu qaba. (Lal. 5:4; Isa. 6:8; Mat. 6:24, 33; Luq. 9:57-62; 1 Qor. 15:58; 2 Qor. 5:15; 13:5) Jaarsi sun ‘Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti waadaa akkamii isaaf galte?’ jedhe isa gaaffachuu dandaʼa. Akkasumas, garaa isaa kakaasuuf akkana jedhe isa gaafachuu dandaʼa: ‘Gaafa cuuphamte Yihowaatti miirri akkamii kan dhagaʼame sitti fakkaata?’ (Fak. 27:11) ‘Seexanatti hoo maaltu dhagaʼame?’ (1 Phe. 5:8) Jaarsoliin caqasawwan Macaafa Qulqulluu itti yaadamanii filataman, garaa obboleessa tokko tuquu akka dandaʼan matumaa dagachuu hin qaban. w15 4/15 2:9, 11

Wiixata, Sadaasa 6

Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!—1 Phe. 5:7.

Yihowaan kadhannaa keenya hundaaf battalumatti deebii kennuu dhiisuu kan dandaʼu maaliifi? Walitti dhufeenya nuyi isaa wajjin qabnu walitti dhufeenya abbaa fi ijoollee gidduu jirutti fakkeessuu isaa yaadadhu. (Far. 103:13) Ijoolleen warri isaanii wanta gaafatan hunda akka isaanii kennan ykn yeruma sana akka isaaniif godhan eeguu hin dandaʼan. Wanti ijoolleen gaafatan tokko tokko hawwii yeroo gabaabaa qofa taʼuu dandaʼa. Gaaffii dhiheessan tokko tokkoof deebii argachuuf hamma yeroon inni sirriin gaʼutti eeguu qabu. Gaaffiin isaanii tokko tokko immoo, ijoollee sana ykn namoota isaanitti dhihaatan kaan kan hin fayyadne taʼuu dandaʼa. Kana malees, wanta ijoolleen gaafatan hunda isaaniif kennuun, walitti dhufeenyi warraa fi ijoollee gidduu jiru kan gooftaa fi hojjetaa akka taʼu, jechuunis ijoolleen gooftaa warra isaanii akka taʼan godha. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan faayidaa keenyaaf jecha kadhannaa keenyaaf deebii utuu hin kennin yeroon murtaaʼe akka darbu gochuu dandaʼa. Inni Uumaa ogeessa, Gooftaa jaalala qabeessaa fi Abbaa keenya isa samii waan taʼeef akkas gochuudhaaf mirga guutuu qaba. Gaaffii keenya hundaaf battalumatti deebii yoo kenne, walitti dhufeenya nuu fi isa gidduu jiru irra dhiibbaan gaʼuu dandaʼa.—Isa. 29:16; 45:9. w15 4/15 4:6, 7

Kibxata, Sadaasa 7

[Seexanaan] mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.—Yaq. 4:7.

Dhuma sirna kanaatti baayʼee waan dhihaanneef, Seexanni akka nuti dammaqoo hin taanee fi addunyaa kana keessatti milkaaʼina argachuu irratti akka xiyyeeffannu gochuudhaan akka nuti ‘garaa ofitti hin jabaanne’ gochuu barbaada; akkasumas miira ariitii keenya akka dhabnu barbaada. Wanti akkasii akka isin mudatu hin heyyaminaa! Kanaa mannaa, “dammaqaa!” (Mat. 16:22, 23; 24:42) Olola Seexanaa isa dhumni sirna kanaa fagoo akka taʼe ykn gonkumaa akka hin dhufne dubbatuu fi nama gowwoomsu matumaa hin amaninaa. Seexanni Waaqayyo akka nu hin jaallannee fi cubbuu keenya akka nuu hin dhiisne goonee akka yaadnu gochuuf carraaqa. Kun olola Seexanni nu gowwoomsuuf itti fayyadamu dha. Yihowaa duratti dhuguma kan hin jaallatamne eenyu? Seexana dha. Dhuguma dhiifamni kan hin godhamneef hoo eenyu? Seexana dha. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo jalʼaa miti; kanaaf hojii keessan, akkasumas . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jedha. (Ibr. 6:10) Yihowaan carraaqqii isa gammachiisuuf goonu ni dinqisiifata; tajaajilli isaaf dhiheessinus gatii kan hin qabne miti. (1 Qor. 15:58) Kanaafuu, olala Seexanaatiin hin gowwoomfamnu! w15 5/15 1:16-19

Roobii, Sadaasa 8

Isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru.—Ibr. 11:13.

Abrahaam ragaawwan hedduu wanti inni abdate dhugaa taʼuu isaa isaaf mirkaneessan waan qabuuf, wanti ijaan hin argamneakkuma waan argamuutti itti mulʼachuu dandaʼeera! Amantiin Abrahaam abdiiwwan Waaqayyo kenne irratti qabu, murtoo inni fedha Waaqayyoo raawwachuuf godhe isaaf cimseera. Amantiidhaan magaalaa Ur dhiisee baʼeera; akkasumas magaalaawwan Kanaʼaan kami iyyuu keessatti jiraataa dhaabbataa taʼuu dideera. Magaalaawwan kun akkuma Ur bulchitoota Waaqayyoon hin beekneen waan geggeeffamaniif buʼuura cimaa hin qaban turan. (Iya. 24:2) Abrahaam umurii isaa guutuu “mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture.” (Ibr. 11:10) Abrahaam bakka dhaabbataa Yihowaan bulchu keessa yeroo jiraatu yaadaan of ilaaleera. Abeel, Henook, Nohi, Abrahaamii fi namoonni akka isaanii kaan, abdii duʼaa kaʼuutti ni amanu turan; akkasumas “mandara hundee jabaa qabu,” jechuunis Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafa irra ni jiraanna jedhanii abdatu turan. Eebbawwan akkanaa irratti xiinxaluun isaanii amantii Yihowaa irratti qaban isaaniif cimseera.—Ibr. 11:15, 16. w15 5/15 3:8, 9

Kamisa, Sadaasa 9

Kristos humna Waaqayyoo ti. —1 Qor. 1:24.

Yihowaan haala baayʼee adda taʼeen humna isaa karaa Yesus Kiristos mulʼiseera. Wangeelonni arfan, dinqiiwwan Kiristos hojjete tokko tokko karaa amantii namaa cimsuun gadi fageenyaan ibsu. Tarii, Yesus dinqiiwwan kan biraa hedduus raawwatee taʼuu dandaʼa. (Mat. 9:35; Luq. 9:11) Eeyyee, humni Waaqayyoo karaa Yesus mulʼateera. Phaawulos ergamaan, “Kristos humna Waaqayyoo ti” jechuun isaa sirrii dha. Haa taʼu malee, dinqiiwwan Yesus hojjete jireenya keenya kan tuqan akkamitti? Phexros ergamaan, Yesus “dinqii” akka hojjete dubbateera. (HoE. 2:22) Dinqiiwwan Yesus lafa irratti raawwate, eebba guddaa gara fuulduraatti yeroo inni mootii taʼee lafa bulchu argamuuf fakkeenya kan taʼani dha. Akkasumas, dinqiiwwan Yesus addunyaa haaraa keessatti guutummaa lafaa irratti raawwatu kan argisiisani dha! Eenyummaa isaa fi kan Abbaa isaa gadi fageenyaan beekuufis nu gargaaru. w15 6/15 1:1, 2

Jimaata, Sadaasa 10

Isheen, “Uffatuma Yesus yoon tuqe illee nan fayya” jettee garaa isheetti yaaddee turte. —Mar. 5:28.

Yesus, Abbaan isaa Yihowaan dubartittii akka fayyise waan hubateef, gaarummaadhaan kan ishee qabe siʼa taʼu, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite taʼi!” isheedhaan jedhe. (Mar. 5:34) Yesus gaarummaa guddaa qaba! Namoota dhukkubaan dhiphataniif garaadhaa yaada. Seexanni, eenyu iyyuu akka nu hin jaallannee fi gatii akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu gochuu barbaada. Dinqiiwwan Yesus raawwate, inni waaʼee keenya akka yaaduu fi rakkinni nu irra gaʼu akka isa yaaddessu ifatti argisiisu. Inni Mootii fi Angafa Lubootaa miira namaa hubatu dha! (Ibr. 4:15) Miira namoota dhukkuba cimaadhaan qabamanii hubachuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa; keessumaa immoo wanti isaan irra gaʼe nu irra gaʼee hin beeku taanaan kana gochuun ulfaataa dha. Yesus dhukkubsatee kan hin beekne taʼus, miira namoota dhukkubsatanii akka hubatu yaadachuu qabna. Fakkeenyi Yesus hamma nuu dandaʼame akkuma isaa gochuuf kan nu kakaasu haa taʼu.—1 Phe. 3:8. w15 6/15 2:11, 12

Sanbadduraa, Sadaasa 11

Sababii keessaniif maqaan Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo hin taʼin gidduutti in arrabsama.—Rom. 2:24.

Maqaa Waaqayyoo beekuu qofa utuu hin taʼin, “namoota maqaa isaatiif taʼan” taʼuun keenya mirga guddaa dha. (HoE. 15:14, NW; Isa. 43:10) Abbaa keenya isa samii, “Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jennee ni kadhanna. (Mat. 6:9) Akkas jettee kadhachuun kee, wanta maqaa isaa isa qulqulluu irratti arrabsoo fidu kam iyyuu gochuu ykn dubbachuu irraa akka fagaattu akka si gargaaru Yihowaa kadhachuuf si kakaasuu dandaʼa. Akkuma caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame akka namoota jaarraa jalqabaa wanta dubbatan hojii irra hin oolchine tokko tokkoo taʼuu hin barbaadnu. Maqaan Waaqayyoo guutummaatti akka qulqullaaʼuu fi arrabsoo irraa walaba akka taʼu gochuuf maaltu barbaachisa? Kun akka taʼu, Yihowaan qaamota taʼe jedhanii ol aantummaa isaa fudhachuu didan balleessuu qaba. (His. 38:22, 23) Ilmaan namootaa suuta suuta cubbuu irraa guutummaatti walaba taasifamu. Yeroo uumamawwan yaaduu dandaʼan hundi maqaa Yihowaa itti qulqulleessan hawwiidhaan eegganna! Dhuma irratti, Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe ‘hundumaatiif waan hunda ni taʼa.’—1 Qor. 15:28, NW. w15 6/15 4:7, 10

Dilbata, Sadaasa 12

Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti. —Isa. 66:1.

Yaadni ‘ejjeta miillaa’ jedhu lafa qofa utuu hin taʼin, Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa keessatti mana qulqullummaa bara duriitti Israaʼeloonni itti fayyadamaa turan argisiisuufis itti hojjetameera. (1 Sen. 28:2, NW; Far. 132:7) Manni qulqullummaa kun lafa irratti wiirtuu waaqeffannaa dhugaa taʼee tajaajileera. Sababii kanaan kan kaʼe, Yihowaa duratti miidhagaa ture; akkasumas, manni qulqullummaa kun jiraachuun isaa iddoon miilli Yihowaa ejjetu ulfina qabeessa akka taʼu godheera. (Isa. 60:13) Yeroo harʼaatti wiirtuun waaqeffannaa dhugaa mana qulqullummaa lafa irratti argamu miti. Haa taʼu malee, manni qulqullummaan hafuuraa, gamoo kam iyyuu caalaa Yihowaadhaaf ulfina fidu jira. Qophii karaa lubummaa fi aarsaa Yesus Kiristosiin Waaqayyotti araaramuun akka dandaʼamu godhu dha. Qophiin kun kan hundeeffame yeroo Yesus Dh.K.B. bara 29tti cuuphamuudhaan, Angafa Lubootaa mana qulqullummaa hafuuraa isa guddichaa taʼee muudametti dha.—Ibr. 9:11, 12. w15 7/15 1:1-3

Wiixata, Sadaasa 13

Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu. —Luq. 21:27.

Yeroon kun yeroo namoonni amanamoo taʼan eebba itti argatanii fi warri amanamoo hin taane immoo itti adabamani dha. (Mat. 24:46, 47, 50, 51; 25:19, 28-30) Yesus Wangeela Maatewos keessatti milikkita kennuu isaa kan xumure waaʼee hoolotaa fi reʼootaa fakkeenya dubbachuudhaani. Akkana jedhe: “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taaʼa. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota reʼootattii akka gargar foʼu, innis namoota sana gargar in foʼa. Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra reʼootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba.” (Mat. 25:31-33) Hoolonnii fi reʼoonni firdiin akkamii yeroo isaan irratti darbu dhagaʼu? Fakkeenyichi, “Isaan [reʼoonni] gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu” jechuudhaan xumurama.—Mat. 25:46. w15 7/15 2:11, 12

Kibxata, Sadaasa 14

Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas! —Far. 133:1.

Biyya, aadaa, afaanii fi nyaata itti guddanneef hamma tokko jaalala qabna taʼa. Haa taʼu malee, ilaalcha “kan kootu caala” jedhu irraa fagaachuu qabna. Yihowaan uumamawwan hunda irratti garaa garummaan akka jiraatu godhee kan uume gammachuu keenyaaf jedhee ti. (Far. 104:24; Mul. 4:11) Kanaafuu, karaan wanti tokko itti raawwatamu isa kaan irra caalmaa qaba jechuuf sababii maalii qabna ree? Waaqayyo namoonni hundi dhugaa akka beekanii fi jireenya bara baraa akka argatan barbaada. (Yoh. 3:16; 1 Xim. 2:3, 4) Yaada kan keenya irraa adda taʼee fi fudhatama qabu fudhachuuf fedhii qabaachuun keenya gammachuu nuuf argamsiisa, akkasumas tokkummaa keenya cimsa. Amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eeguuf wal morkii addunyaa keessa jiru irraa fagaachuu qabna. Gareedhaan wal qoqqooduudhaan isa tokko deggeruun nu gidduutti iddoo hin qabu. Yihowaan wal qoqqoodinsa, kooraa fi wal dorgommii addunyaa Seexanaa keessatti babalʼatee jiru jalaa bilisa waan nu baaseef baayʼee isa galateeffanna! w15 7/15 3:17, 18

Roobii, Sadaasa 15

[Waaqayyo] isiniif [ni yaada]. —1 Phe. 5:7.

Jaalala Yihowaadhaaf qabnu karaawwan adda addaatiin ibsuu dandeenya. Fakkeenyaaf, hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan, jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabnu argisiisuu ni dandeenya. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Qorumsa sababii amantiitiin nu irra gaʼu amanamummaadhaan moʼuudhaan, dhugumaan Yihowaa akka jaallannu argisiisuu dandeenya. (Far. 84:11; Yaq. 1:2-5) Qorumsi nu irra gaʼe cimaa yoo taʼe, Yihowaan isa duratti bakka guddaa waan qabnuuf dhiphina keenya akka beekuu fi akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 56:8) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, uumamawwan isaa fi hojiiwwan isaa dinqisiisaa taʼan irratti xiinxaluuf nu kakaasa. Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan qorachuudhaan, Waaqayyoon akka jaallannuu fi Dubbii isaatiif bakka guddaa akka kenninu argisiisna. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu yeroo kam iyyuu caalaa kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu kakaasa. Kana malees, aarsaa furii sababii cubbuu keenyaatiin nuu dhihaate irratti ennaa xiinxallu, jaalalli Waaqayyoof qabnu caalaatti guddachaa deema. (1 Yoh. 2:1, 2) Sababiiwwan olitti ibsaman, karaawwan hedduu dinqisiifannaa jaalala Yihowaa isa hin badneef qabnu itti argisiisnu keessaa muraasa qofa dha. w15 8/15 1:6, 17, 18

Kamisa, Sadaasa 16

[Obsuu] wayya. —Lal. 7:8.

Addunyaa haaraa keessatti, yeroon obsa argisiisuun itti nu barbaachisu jiraachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko duʼaa kaʼuu isaaniitiin firoonnii fi michoonni isaanii akka gammadan ni dhageenya taʼa. Nuyi garuu firoonnii fi michoonni keenya hamma duʼaa kaʼanitti eeguun nu barbaachisa taʼa. Akkas yoo taʼe, warra kaanii wajjin gammaduudhaan obsaan ni eeggannaa? (Rom. 12:15) Yeroo ammaatti hanga abdiiwwan Yihowaan kenne raawwatamanitti obsaan eeggachuu barachuun keenya, yeroo sanatti obsa argisiisuuf nu gargaara. Akkasumas, dhugaawwan sirreeffamni irratti godhamee wajjin haala wal qabateen obsa argisiisuudhaan, jireenya addunyaa haaraa keessa jiraatuuf qophaaʼuu dandeenya. Hubannaa haaraa arganne irratti qorannaa ni goonaa? Guutummaatti yoo nuu galuu baate illee obsaan ni eeggannaa? Akkas kan goonu yoo taʼe, yommuu Yihowaan addunyaa haaraa keessatti ulaagaalee ilmaan namootaatiif baase beeksisu obsa argisiisuun nutti hin ulfaatu.—Fak. 4:18; Yoh. 16:12. w15 8/15 3:9, 10

Jimaata, Sadaasa 17

Akkuma Kiristoos . . . bilchina guutuu bira [gaʼaa]. —Efe. 4:13, NW.

Phaawulos ergamaan karaa hafuuraa guddina gochuun barbaachisaa akka taʼe Kiristiyaanota Efesoon keessa jiraataniif barreesseera. ‘Tokkummaa, isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira akka gaʼan, akkasumas hamma bilchaatoo taʼanitti, jechuunis akkuma Kiristos hamma bilchina guutuu bira gaʼanitti’ akka carraaqan isaan jajjabeesseera. (Efe. 4:13, NW) Phaawulos xalayaa isaa yeroo barreessetti, gumiin Efesoon erga hundeeffamee waggoonni muraasni darbaniiru. Duuka buutonni achitti argaman hedduun karaa hafuuraa baayʼee guddataniiru. Haa taʼu malee, isaan keessaa tokko tokko gaʼeessummaatti guddachuun isaan barbaachisa ture. Haalli Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaas kanaa wajjin wal fakkaata. Obboloonni hedduun yeroo dheeraadhaaf Waaqayyoon kan tajaajilanii fi karaa hafuuraa gaʼeessummaatti kan guddatani dha. Taʼus, sadarkaa kana irra kan gaʼan Kiristiyaanota hunda miti. Fakkeenyaaf, waggaa waggaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman kan cuuphaman siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko amma iyyuu gaʼeessota taʼuuf carraaqqii gochuun isaan barbaachisa. Ati hoo?—Qol. 2:6, 7. w15 9/15 1:2, 3

Sanbadduraa, Sadaasa 18

Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara. —1 Xim. 4:8.

Namoonni baayʼeen yeroo hunda hamma taʼe sochii qaamaa gochuun fayyaa gaarii qabaachuuf, akkasumas qaamaa fi sammuu haaromsuuf akka gargaaru yaadu. Namoota kaanii wajjin taanee sochii qaamaa hojjechuun kan nutti tolu yoo taʼe, namuma arginee wajjin hojjennaa? Fakkeenyi 13:20, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada” jedha. Bashannana yommuu filannu yaada garaa keenya isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu akka qabnu ifa dha. Gaaffii gara biraan bashannanaa wajjin haala wal qabateen kaʼu ‘Yoom bashannanna?’ kan jedhu dha. Karoorri bashannanaaf baafattu sochiiwwan tiʼookraasii kan akka walgaʼiiwwan, tajaajilaa fi qayyabannaa dhuunfaa kan si jalaa tuqu dhaa? Yookiin yeroo bashannana irraa sii hafeen sochiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaattaa? Wanti dursa kennituuf maali dha? Yesus, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama” jedheera. (Mat. 6:33) Yaadni garaa kee gorsa Yesus hojii irra akka oolchitu kan si kakaasu dhaa? w15 9/15 2:13, 15

Dilbata, Sadaasa 19

Maaliif aartee bobaate? Maaliifis mataa buufte? Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? . . . [Cubbuu] irratti aboo godhadhu!—Uma. 4:6, 7.

Kun gorsa yeroo barbaachisutti kennamee fi qajeelfama gaarii ture. Yihowaan yeroo Qaayin karaa sirrii hin taane irra turetti akeekkachiisa kana kenneefii ture. Kan nama gaddisiisu garuu, Qaayin gorsa kana hin fudhanne; kanaan kan kaʼes rakkinni isa irra gaʼeera. (Uma. 4:11-13) Barreessaa Ermiyaas kan ture Baaruk yeroo dadhabee fi abdii kutatetti, Yihowaan rakkina isaa akka hubatu isa gargaaruuf jecha gorsa isaaf kennee ture. Qaayin irraa haala adda taʼeen, Baaruk gorsa Yihowaa fudhatee lubbuu isaa oolfateera. (Er. 45:2-5) Phaawulos, “Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba, nama akka ilmaatti fudhatus in reeba” jedheera. (Ibr. 12:6) Yihowaan yeroo barbaachisutti sirreeffama qofa utuu hin taʼin leenjiis nuu kenna. Macaafni Qulqulluun Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan caalaatti gaarii akka taʼan akka isaan leenjise dubbata. w15 9/15 4:12, 13

Wiixata, Sadaasa 20

Nuyi garboonni kee sababii maqaa Waaqayyo gooftaa keetii, wanta inni . . . hojjete hundumaas dhageenyee . . . dhufne. —Iya. 9:9.

Warri Giibeʼon, Israaʼeloota deggeraa kan jiru Waaqa dhugaa akka taʼe hubataniiru. Rahaabis, wantoota bara isheetti raawwataman irratti harka Waaqayyoo arguu dandeesseetti. Yihowaan saba isaa kan oolche akkamitti akka taʼe waan hubatteef gaaddota (basaastota) Israaʼel lamaaniin, “Waaqayyo biyya kana akka isiniif kenne ani beeka” jetteetti. Ejjennoo akkasii qabaachuun ishee rakkina kan itti fidu taʼus, Yihowaan ishees taʼe maatii ishee oolchuu akka dandaʼu amantii qabaachuu ishee argisiisteetti. (Iya. 2:9-13; 4:23, 24) Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu kaan Waaqayyoon arguu ykn harka isaa arguu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaaru. Yihowaa yeroo beeknu, amaloota isaa fi wantoota inni raawwatu “ija qalbii” keenyaan waan arginuuf harka isaa arguu ni dandeenya. (Efe. 1:18) Fakkeenya namoota bara duriittis taʼe yeroo harʼaatti Yihowaan saba isaa yommuu deggeru arganii hordofuu akka barbaannu beekamaa dha. w15 10/15 1:6, 7, 9

Kibxata, Sadaasa 21

[Yesus] Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaarinis in jaallata ture. —Yoh. 11:5.

Dubartoota Yesus akka jaallatu ibsaman keessaa maqaadhaan kan caqasamte Maartaa qofa taatus, Yesus dubartoota Waaqayyoon sodaatan, kan akka haadha isaa Maariyaamii fi Maariyaam ishee obboleettii Maartaa taateefis jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qaba ture. (Yoh. 19:25-27) Maartaan seenaa Wangeelaa keessatti haala kanaan kan ibsamte maaliifi? Yesus Maartaa kan jaallate waan isheen keessummaa simattuu fi ciminaan hojjettuuf qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas cimtuu waan taateef akka taʼe hin shakkisiisu. Maartaan barumsawwan Yesusitti garaadhaa ni amanti turte. Yesus Masiihicha isa abdachiifame akka taʼe ni amanti turte. (Yoh. 11:21-27) Taʼus akkuma keenya isheenis cubbuu kan dhaalte turte. Yeroo tokko Yesus mana isheetti afeeramee utuu jiruu, haala yeroo sana turee fi akka ilaalcha isheetti dogoggora taʼe sirreessuu akka qabu Yesusitti himtee turte. Maartaan Yesusiin, “Yaa gooftaa obboleettiin koo kophaa akkan hojjedhuuf isa na dhiifteef anaaf hin yaadduu ree? Egaa akka na gargaartuuf itti naa himi kaa!” jette.—Luq. 10:38-42. w15 10/15 3:1, 2

Roobii, Sadaasa 22

Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata. —Yaq. 4:8.

Dhimmoota hafuuraa irratti yaaduu itti fufuun keenya, dhugaa miira hoʼaadhaan lallabuuf nu dandeessisa. Haala kanaan obboloota keenya, akkasumas namoota fedhii qabanii fi tajaajila irratti argannuuf madda jajjabinaa taʼuu dandeenya. Kennaa Waaqayyoo isa guddaa, jechuunis aarsaa furii Yesus irratti gadi fageenyaan xiinxaluun keenya, mirga Abbaa keenya isa qulqulluu kan taʼe Yihowaa wajjin michoomuuf arganneef iddoo guddaa kennuuf nu gargaara. (Rom. 3:24) Maark inni lammii Afriikaa Kibbaa taʼee fi siyaasa keessa galuu diduu isaatiin waggaa sadiif hidhame akkana jedheera: “Xiinxaluun adeemsa nama gammachiisuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Dhimmoota hafuuraa irratti hammuma xiinxalle, waaʼee Waaqa keenya Yihowaa caalaatti wantoota haaraa baranna. Yeroo tokko tokko yommuun abdii kutadhuu fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee yommuun dhiphadhu caqasa Macaafa Qulqulluu tokko irrattan xiinxala. Kana gochuun koo akka na tasgabbeesse natti dhagaʼama.” w15 10/15 4:15

Kamisa, Sadaasa 23

Seera kee akkan yaadaan qabuuf, garaa koo guutuudhaanis akkan isa eeguuf, hubannaa anaaf kenni!—Far. 119:34.

Yeroo barbaachisaa taʼetti, sababii seera tokko itti baastan ykn murtoo tokko itti gootan ijoollee keessaniif ibsaa. Ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran ilaalcha dhimma tokkoof qabdan yoo beekan, garaadhaa isiniif ajajamuu dandaʼu. Beeriin inni ijoollee afur qabu, “Sababii kan dhiheessitan taʼuun keessan ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran murtoo kan gootan utuu itti hin yaadi ykn miiraan oofamtanii akka hin taane hubatanii akka isinitti amanaman godha” jedheera. Ijoolleen umurii kana irratti argaman, “dandeettii hubannaa” isaaniitti fayyadamanii gaʼeessummaatti guddachaa akka jiranis dagatamuu hin qabu. (Rom. 12:1, NW) Beeriin, “Ijoolleen umurii waggoota kurnanii irra jiran miiraan oofamuu mannaa murtoo hubannaa irratti hundaaʼe gochuu barachuu qabu” jedheera. Gad of qabuudhaan sababii murtoo tokko itti gootan kan ibsitan yoo taʼe, ijoolleen keessan gara gaʼeessummaatti guddachaa akka jiran hubachuun keessan isaaniif galuu dandaʼa; akkasumas “dandeettii hubannaa” isaaniitti fayyadamanii murtoo mataa isaanii gochuu ni baratu. w15 11/15 2:11

Jimaata, Sadaasa 24

Akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!—Gal. 6:10.

Guutummaa lafaa irra namoota Yihowaa waaqeffatanii fi waaʼee maqaa isaa fi kaayyoo isaa dhugaa baʼan hedduutu jira. Namni Yihowaa waaqeffatu hundinuu Dhugaa Baatota kaan akkamitti ilaaluu qaba? (Rom. 12:10) Phexros akkana jechuudhaan barreesseera: “Isin dhugaadhaaf abboomamuu keessaniin, jireenya keessan qulleeffattanii, obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu bira geessaniittu; ammas jaalala hoʼaa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!” Akkasumas Kiristiyaanota hidhata amantii isaa taʼaniin, “Hundumaa dura immoo jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa!” jedheera. (1 Phe. 1:22; 4:8) Tajaajiltoota Yihowaa kaaniif jaalala cimaa waan qabnuuf, jaarmiyaa addunyaa maratti tokkummaa qabu taʼuu dandeenyeerra. Hunda caalaa immoo, Yihowaa waan jaallannuu fi seerawwan isaatiif waan ajajamnuuf, humna uumama cufa keessatti hunda irra caalu, jechuunis hafuura isaa isa hojii irra jirutti fayyadamee nu gargaara. Kun immoo addunyaa maratti obbolummaa dhugaa qabaachuudhaan tokkummaa dinqisiisaa taʼe akka qabaannu nu dandeessiseera.—1 Yoh. 4:20, 21. w15 11/15 4:8, 9

Sanbadduraa, Sadaasa 25

Saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan . . . “Nuyis sii wajjin achi in dhaqna” in jedhu.—Zak. 8:23.

Yihowaan isas taʼe kaayyoo isaa akka beeknuuf afaan taʼe tokko barachuu akka qabnu nu hin dirqisiisu. (Mul. 7:9, 10) Namoonni qooqa adda addaa dubbachuun isaanii ykn hiikkaa keessatti garaa garummaa xixiqqoon jiraachuun isaa Waaqayyo namootaaf yaada isaa akka hin ibsine isa dhowweeraa? Hin dhowwine. Fakkeenyaaf, tarii nuti jechoota afaan jalqabaa Yesus itti fayyadame keessaa muraasa isaanii qofa beekna taʼa. (Mat. 27:46; Mar. 5:41; 7:34; 14:36) Haa taʼu malee Yihowaan ergaan Yesus, jalqaba Afaan Giriikiitiin, yeroo booda immoo afaanota kaaniin akka darbu godheera. Yeroo boodas, Yihudoonnii fi Kiristiyaanonni barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu bara durii turan yeroo baayʼee garagalchuudhaan, Kitaabonni Qulqulluun eegamanii akka turan godhaniiru. Kitaabonni Qulqulluun kun immoo afaanota dabalataa hedduutti hiikamaniiru. Joon Kirisoostam inni Dh.K.B. jaarraa arfaffaa ykn shanaffaa keessa jiraate bara inni jiraachaa turetti barumsi Yesus afaan warra Sooriyaa, warra Gibxii, warra Hindii, warra Faares, warra Itoophiyaa fi afaanota uummata hedduu hangana hin jedhamnetti hiikamee akka ture dubbateera. w15 12/15 1:10, 11

Dilbata, Sadaasa 26

Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa!—Fak. 15:23.

Dubbiin keenya dhugumaan wanta namoota nu dhaggeeffataniif barbaachisu taʼuu dandaʼa; taʼus dubbachuuf yeroo caalaatti mijaaʼaa taʼe yoo filachuu banne wanti jechuu barbaanne dogoggoraan hubatamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Bitootessa 2011 kirkirri lafaa fi sunaamiin kutaawwan baha Jaappaan rukutuudhaan magaalota achi jiran hunda haxaaʼee balleessee ture. Namoonni 15,000 ol taʼanis lubbuu isaanii dhabaniiru. Yeroo kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo sana jiran, akkuma namoota naannoo isaanii jiranii kan miidhaman taʼanis, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii namoota gaddan jajjabeessuuf carraa argatan hundatti fayyadamaniiru. Haa taʼu malee, namoonni naannoo sana jiran hedduun amantii Budihistii cimsanii kan hordofan waan taʼaniif waaʼee Kitaaba Qulqulluu xinnoo xinnoo qofa beeku ykn matumaa hin beekan turan. Obboloonni keenya kana waan beekaniif, balaa sana booda namoota gaddaaf saaxilaman sanatti yeruma sana waaʼee duʼaa kaʼuu dubbachuun yeroo sirrii akka hin taane hubataniiru. Kanaa mannaa kennaa dubbachuuf qabanitti fayyadamanii, jajjabina kennuu irratti, akkasumas wantoonni gaddisiisoon akkasii namoota qulqulluu taʼan irra kan gaʼan maaliif akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa ibsa kennuu irratti xiyyeeffatan. w15 12/15 3:7

Wiixata, Sadaasa 27

Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata.—Fak. 14:15.

Kan nama gaddisiisu, addunyaa ofittoo taʼe kana keessatti, namoonni dhukkubni namaa carraa qarshii isaaniif argamsiisu akka taʼe godhanii itti fayyadaman jiru. Namoonni ykn dhaabileen kaan immoo, buʼaa guddaa argachuuf jecha qorichawwan gatii guddaa qaban fayyadamuun barbaachisaa akka taʼe ibsu. Dhukkubsataa boqonnaa barbaaduuf ykn karaa itti umurii isaa dheereffatu barbaaduuf, “qorichi” akkasii gaarii itti fakkaachuu dandaʼa. “Namni hubataan” ‘dubbiin’ ykn yaanni sun keessumaa nama gaʼumsa hin qabne tokko irraa yoo dhufe of eeggannoo godha. “Namni hubataan” akkana jedhee yaada: ‘Namichi kun vaayitaaminiin, baalli ykn nyaanni kun nama tokko gargaareera jedhee dubbata; haa taʼu malee namoonni wanti kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessan jiruu? Namni hundi tokko miti. Kanaaf wanti kun akka na gargaaru amanuuf sababii gaʼaan jiraa? Qorannaa dabalataa gochuun ykn namoota gama kanaan leenjiʼan ykn gaʼumsa akka qaban beekaman mariisisuun qabaa?’—Kes. 17:6. w15 12/15 4:14, 15

Kibxata, Sadaasa 28

Jaalalli Kristos nu [“dirqisiisa,” NW].—2 Qor. 5:14.

Phaawulos Kiristosiif jennee jiraachuuf utuu hin dirqisiifamin ykn hin kakaʼin, jaalala Kiristos isa hunda caalu argachuu akka hin dandeenye hubateera. Sammuun keenya wanta Yihowaan nuuf godhe guutummaatti yommuu hubatuu fi garaan keenya jaalala isaatiin yommuu kakaʼu, garaa keenya guutuudhaan Kiristos Yesusiif jiraachuuf fedhii qabaanna. Fedhii akkanaa qabaachuu keenya akkamitti argisiisna? Namoonni Yihowaa jaallatan faana Kiristos duukaa buʼuudhaan fakkeenya isaa hordofuuf dirqamu. (1 Phe. 2:21; 1 Yoh. 2:6) Waaqayyoo fi Kiristosiif jaalala akka qabnu isaaniif ajajamuudhaan argisiisna. Yesus, “Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha” jedheera. (Yoh. 14:21; 1 Yoh. 5:3) Kanaafuu, ‘Faana Kiristos Yesus hordofuu irratti sochii gaarii gochaa kanan jiru gama kamiini? Fooyyaʼiinsa gochuu kanan dandaʼu hoo gama kamiini?’ jedhii of gaafadhu. Daandii addunyaa akka hordofnu dhiibbaan wal irraa hin cinne nu irra gaʼaa waan jiruuf, haala kanaan of qoruun keenya barbaachisaa dha.—Rom. 12:2. w16.01 2:7-9

Roobii, Sadaasa 29

Inni akka jirutti isa arguuf waan jirruuf, akka isaa [ni taana]. —1 Yoh. 3:2.

Tajaajila irratti hinaaffaa adda taʼe akka qabdu sitti dhagaʼamaa? “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” gad fageenyaan qoruu fi Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti barachuu ni jaallattaa? (1 Qor. 2:10) Tajaajila kee irratti eebba Yihowaa adda taʼe argatteettaa? Fedha Yihowaa raawwachuuf hawwii guddaa qabdaa? Namoota kaan karaa hafuuraa gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaan akka sirra jiru sitti dhagaʼamaa? Ragaa Yihowaan dhuunfaatti jireenya kee keessa akka gale argisiisu argiteettaa? Gaaffiiwwan kana ‘eeyyee’ jettee garaa guutuudhaan yoo deebiste, kun waamicha samii akka argatte argisiisa jechuu dhaa? Lakki. Maaliif? Sababiin isaas kun miira addaa namoota waamicha samii argatan qofatti dhagaʼamu miti. Hafuurri Yihowaa namoota bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdatan irrattis akkasumatti hojjeta. Waamicha samii argachuu kee kan shakkitu yoo taʼe, kun mataa isaatti waamicha kana akka hin arganne argisiisa. w16.01 3:14, 15

Kamisa, Sadaasa 30

Yeroo hundumaa fuula isaa duratti [nan gammadan ture].—Fak. 8:30.

Yesus yommuu Abbaa isaa wajjin hojjechaa turetti, wanta hedduu waan raawwatee fi Yihowaan akka isa jaallatu waan beekeef ni gammada ture. Nuti hoo? Yesus kennuunis taʼe fudhachuun akka nama gammachiisu dubbateera. (HoE. 20:35) Dhugaa fudhachuun nu gammachiiseera; dhugaa kana warra kaanitti himuunis nu gammachiisa. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti yommuu himnu, namoonni karaa hafuuraa beelaʼan Waaqa keenya, akkasumas dhugaa gatii guddaa qabuu fi Dubbii isaa keessa jiru hubachuu fi dinqisiifachuu yommuu jalqaban gammachuudhaan akka guutaman ni argina. Namoonni kun ilaalcha isaanii qofa utuu hin taʼin, akkaataa jireenyaa isaaniis yommuu jijjiiran arguun keenya garaa keenya ni tuqa. Hojiin misiraachicha warra kaanitti himuuf godhamu baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa ni hubanna. Kunis warra Waaqayyotti araaramaniif karaa jireenya bara baraa itti argatan isaaniif bana. (2 Qor. 5:20) Namoonni kaartaa daandii jireenya bara baraa irra deemuuf isaan gargaaru akka argatan gargaaruu caalaa hojiin gammachuu guddaa nuuf argamsiisu jiraa? w16.01 5:6, 7

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi