Onkoloolessa
Dilbata, Onkoloolessa 1
Warra yaadaan isaan qabe . . . waameera.—Rom. 8:30.
Yihowaan dibamtoota filachuu kan jalqabe Yesus duʼee erga duʼaa kaʼee booda siʼa taʼu, miseensonni gumiiwwan Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti turan hundi dibamtoota kan turan fakkaata. Jaarraa jalqabaatii kaasee hanga yeroo guyyoonni dhumaa itti jalqabanitti, namoota duuka buutota Kiristos akka taʼan dubbachaa turan keessaa hedduun isaanii Kiristiyaanota sobaa turan; Yesus namoota kana ‘inkirdaadatti’ fakkeesseera. Taʼus, Yihowaan yeroo sana keessa namoota amanamoo tokko tokko dibuu isaa itti fufee kan ture siʼa taʼu, isaanis akka “qamadii” Yesus ibse sanaa taʼuu isaanii argisiisaniiru. (Mat. 13:24-30) Guyyoota dhumaattis, Yihowaan warra kutaa 144,000 taʼan filachuu isaa itti fufeera. Erga inni warra mirga kana argatan filachuuf hanga dhuma guyyoota dhumaa kanatti turuuf murteessee, nuti ogummaa isaa irratti gaaffii kaasuuf mirga maalii qabna ree? (Isa. 45:9; Dan. 4:35; Rom. 9:11, 16) Akka hojjettoota wanta gooftaan isaanii hojjettoota kaan warra saʼaatii 11tti dhufaniif godhetti gunguman sanaa akka hin taane of eeggachuu qabna.—Mat. 20:8-15. w16.01 4:15
Wiixata, Onkoloolessa 2
Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii biyya Moriiyaa dhaqi! Tulloota keessaa isa ani sitti argisiisu tokko irratti qalma gubamu godhii isa anaaf dhiʼeessi!—Uma. 22:2.
Waaqayyo yeroo ammaatti wanta akkanaa akka nu hin gaafanne beekamaa dha. Haa taʼu malee, ajajawwan isaa yommuu ulfaataa nutti taʼan ykn sababii ajajawwan kun itti kennaman yommuu hubachuu hin dandeenyetti illee isaaf akka ajajamnu nu gaafata. Wanti Waaqayyo akka ati gootu barbaaduu fi raawwachuun sitti ulfaatu maali dha? Namoota tokko tokkoof hojiin lallabaa ulfaataa itti taʼuu dandaʼa. Namoonni kun tarii ija laafessa taʼuun isaanii, namoota hin beeknetti dhihaatanii misiraachicha itti himuun akka isaanitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Warri kaan immoo, tarii mana barumsaatti ykn bakka hojiitti warra kaan irraa adda taʼanii mulʼachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. (Bau. 23:2; 1 Tas. 2:2) Atis, wanta humna keetii ol fakkaatu tokko raawwachuuf akkuma Abrahaam, akka waan tulluu Moriyaatti argamu tokkotti ol baʼuuf tirachaa jirtuutti sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, Abrahaamii fi amantii isaa irraa jajjabina argachuu dandeessa! Fakkeenya dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼanii irratti xiinxaluun keenya, fakkeenya isaanii akka hordofnuu fi akka Michuu keenyaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu kakaasuu dandaʼa.—Ibr. 12:1, 2. w16.02 1:3, 14
Kibxata, Onkoloolessa 3
[Saaʼol] “Daawitin ajjeesaa!” jedhee, ilma isaa Yonaataanitti, hojjetoota isaa hundumaattis in hime. —1 Sam. 19:1.
Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf kutatee waan tureef, Yonaataan eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabu murteessuun isa rakkisee ture. Yonaataan Daawitii wajjin kakuu kan gale taʼus, abbaa isaatiifis ni bitama ture. Haa taʼu malee, Yonaataan Waaqayyo Saaʼolii wajjin utuu hin taʼin, Daawitii wajjin akka jiru beekee ture. Kanaafuu, Yonaataan Saaʼol caalaa Daawitiif amanamaa taʼeera. Akka dhokatu Daawitiin akeekkachiiseera, akkasumas waaʼee Daawit waan gaarii Saaʼolitti dubbateera. (1 Sam. 19:1-6) Yoo of eeggachuu baanne, amanamummaan saba, mana barumsaa ykn garee ispoortii tokkoof qabnu yeroo booda amanamummaa Waaqayyoof qabnu hudhuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Heenariin cheezii taphachuu jaallata ture. Manni barumsaa isaa tapha kanaan shaampiyoonaa waan tureef, Heenariin wanta dandaʼu hunda gochuu barbaade. Haa taʼu malee, akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera: “Suutuma suuta amanamummaan ani mana barumsichaatiif qabu, amanamummaa ani Waaqayyoof qabu irra kan caalu taʼaa deeme. Taphni cheezii ani dhuma torbanii irratti taphadhu yeroon tajaajila Mootummichaatiif oolchu na jalaa fudhachaa deeme. Kanaafuu, garee tapha cheezii sana keessaa baʼuufan murteesse.”—Mat. 6:33. w16.02 3:10, 12
Roobii, Onkoloolessa 4
Namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhiʼeessu.—Far. 110:3.
Akka dargaggeessa tokkootti, cuuphamuuf murtoon goote garaadhaa taʼuu isaa beekuuf wantoonni si gargaaran jiru. Fakkeenyaaf, garaadhaa Yihowaa tajaajiluu kan barbaaddu taʼuun kee kadhannaa kee irratti ni beekama. Yeroo hunda kan kadhattuu fi wanta barbaaddu addaan baastee kan caqastu taʼuun kee, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu hammam cimaa akka taʼe argisiisa. (Far. 25:4) Karaan Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii itti kennu inni tokko Dubbii isaa ti. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf carraaqqii gochuudhaan, dhugumaan Yihowaatti dhihaachuu fi garaadhaa isa tajaajiluu akka barbaadnu argisiisuu dandeenya. (Iya. 1:8) Kanaafuu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Kadhannaa koo irratti wantan barbaadu addaan baasee nan caqasaa? Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti godhu hammam dhaabbataa dha?’ Maatiin keessan Waaqeffannaa Maatii qaba taanaan, ‘Qophii kana irratti fedhiidhaan nan hirmaadhaa?’ jedhii of gaafadhu. Deebiin gaaffiiwwan kanaaf laattu, murtoon cuuphamuuf goote fedhii dhuunfaa kee irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa fi dhiisuu isaa beekuuf si gargaara. w16.03 1:11, 13
Kamisa, Onkoloolessa 5
Isa jalatti buʼaan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru.—Efe. 4:16.
Buʼaan hojii keenyaa walitti qabamee Kitaaba Waggaa irratti yeroo baʼu dubbisuun baayʼee nama gammachiisa! Kana malees, walgaʼiiwwan naannootiif, walgaʼiiwwan naannoo adda taʼaniif, akkasumas walgaʼiiwwan biyyoolessaa irratti tokkummaa qabnu yaadi. Haasaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi nama jajjabeessan dhaggeeffanna; diraamaa fi hojiin argisiisa hedduus xiyyeeffannaadhaan ilaalla. Yeroo baayʼee kutaawwan kun Waaqayyo garaa guutuu akka isa tajaajillu akka barbaadu kan ibsani dha. Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kabajuunis tokkummaa akka qabaannu godha. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa waan dinqisiifannuu fi qajeelfama Yesusiif waan ajajamnuuf, ayyaana kanaaf waggaa waggaadhaan, erga aduun lixxee booda Niisaan 14tti walitti qabamna. (1 Qor. 11:23-26) Namoonni kaan ayyaana adda taʼe kana irratti nuu wajjin akka argamaniif, torbanoota Ayyaana Yaadannoo kana dura jiranitti naannoo tajaajilaa gumii keenyaa hamma dandeenye waliin geenya. Kophaa keenya namoota hundumaatiif lallabuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, tokkummaadhaan hojjechuudhaan waaʼee Yihowaa isa ulfinnii fi kabajni isaaf malu namoota miliyoonaan lakkaaʼamanitti himuu dandeenya! w16.03 3:4, 6, 7
Jimaata, Onkoloolessa 6
Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama.—Mat. 3:17.
Obboloonni dhiiraa gumii keessatti tajaajiluu barachaa jiran dhimma tokko seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal bira qabanii yaaduu qabu. Fakkeenyaaf, jaarsi tokko naannoo balbala Galma Mootummaa akka qulqulleessuu fi irra deemuuf mijataa akka godhu obboleessa tokko gaafate haa jennu. Tiitoos 2:10 xiyyeeffanna keessa galchuudhaan, hojiin obboleessi Galma Mootummaa keessatti hojjetu, “barsiisichi waaʼee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu” kan godhu akkamitti akka taʼe ibsuufii ni dandaʼa. Akkasumas, barataan sun waaʼee maanguddoota gumii keessa jiranii fi hojii isaaf kenname raawwachuun isaa kan isaan fayyadu akkamitti akka taʼe akka yaadu isa jajjabeessuu dandaʼa. Barataa kana yeroo leenjistanitti isaa wajjin marii akkasii gochuun keessan, seerawwan irratti utuu hin taʼin namoota irratti caalaatti akka xiyyeeffatu isa godha. Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessa jiran hojii inni hojjete irraa yeroo fayyadaman yommuu argu gammachuu guddaatu isatti dhagaʼama. Kana malees, jaarsi gumii kun barataan kun yaada isaaf kenname hojii irra oolchuuf carraaqqii inni godhuuf isa galateeffachuu qaba. Faayidaan galateeffachuun barataa tokkoof qabu, faayidaa bishaan biqiltuudhaaf argamsiisuu wajjin wal fakkaata; guddina akka argisiisu isa gargaara. w15 4/15 2:7, 8
Sanbadduraa, Onkoloolessa 7
Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha.—2 Xim. 4:18.
Haala rakkisaa keessatti kophaa akka taate sitti dhagaʼamee beekaa? Rakkinni si mudate hojii dhabuu, dhiibbaa mana barumsaatti si irra gaʼu, rakkina fayyaa ykn haala nama dhiphisu kan biraa taʼuu dandaʼa. Tarii gargaarsa kan gaafatte taʼus, namoonni wanta barbaadde si gochuu dadhabuu isaaniitti gadditeetta taʼa. Dhugaa dha, rakkoowwan tokko tokko gargaarsa namaatiin qofa furmaata hin argatan. Yeroo kanatti maal gochuu qabda ree? Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyoon amanadhu” jedha. (Fak. 3:5, 6) Haa taʼu malee, akka inni si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessaa? Eeyyee! Seenaawwan Yihowaan dhuguma saba isaa akka gargaaru nuu mirkaneessan hedduun Macaafa Qulqulluu keessa jiru. Kanaafuu, namoonni gargaarsa sii gochuu yeroo dadhabanitti haaloo qabachuu mannaa, akkuma Phaawulos ergamaa, haalawwan akkasii Yihowaatti amanamuu fi gargaarsa inni jaalalaan kakaʼee sii godhu jireenya kee keessatti arguuf carraa akka sii argamsiisanitti ilaali. Akkas gochuun kee amanannaa isa irratti qabdu sii cimsa; akkasumas, walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdu yeroo kam iyyuu caalaa cimaa akka taʼu godha. w15 4/15 4:3-5
Dilbata, Onkoloolessa 8
Inni hamaan waaqayyicha bara siʼanaa kana taʼe, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera. —2 Qor. 4:4.
Seexanni namoonni Yihowaa isa Waaqa jaalala qabeessa taʼe irraa akka deebiʼan gochuu kan dandaʼu isaan gowwoomsuudhaan qofa dha. (1 Yoh. 4:8) Seexanni namoota gowwoomsuudhaan “karaa hafuuraatti hiyyeessota” taʼuu isaanii akka hin hubanne godha. (Mat. 5:3) Kanaafuu Seexanni, “yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.” Karaawwan gurguddaa Seexanni namoota itti gowwoomsu keessaa inni tokko amantii sobaa ti. Namoonni Yihowaa isa ‘qofaa isaa waaqeffatamuu barbaaduun’ alatti abbootii isaanii durii ykn uumama ykn bineensota ykn qaama kamis taʼe wanta kam iyyuu yeroo waaqeffatan ennaa argu Seexanni baayʼee gammada! (Bau. 20:5, NW) Namoonni karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffachaa akka jiran yaadan hedduun illee, amantii sobaa fi sirnawwan gatii hin qabneen qabamanii jiru. Akkuma namoota Yihowaan akka armaan gadii isaaniin jedhee, haala nama gaddisiisu keessa jiru: “Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu? Dubbii koo dhagaʼaa . . . nyaata gaariittis in gammaddu.”—Isa. 55:2. w15 5/15 1:14, 15
Wiixata, Onkoloolessa 9
Inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita. —Uma. 3:15.
Abeel waaʼee abdii kanaa yaaduudhaan, ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba akka taʼanii fi jireenya Addaamii fi Hewwaan cubbuu hojjechuu isaanii dura jiraatan argachuu akka dandaʼaniif, qaamni tokko ‘koomeen isaa akka iddamu’ hubachuu hin oolu. Amantiin isaa abdii Waaqayyo kenne irratti kan hundaaʼe ture; kanaan kan kaʼes, Yihowaan aarsaa inni dhiheesse fudhateera. (Uma. 4:3-5; Ibr. 11:4) Nohi Bishaan Badiisaa irraa kan oole amantii waan qabuufi. (Ibr. 11:7) Badiisa sana booda amantiidhaan kakaʼee aarsaa horii dhiheesseera. (Uma. 8:20) Innis akkuma Abeel, ilmaan namootaa yeroo booda garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa bilisa akka baʼan akka amanu hin shakkisiisu. Yeroo rakkisaa Bishaan Badiisaa booda turee fi Naamrud Yihowaa itti morme sanatti illee, Nohi amantii fi abdii qaba ture. (Uma. 10:8-12) Ilmaan namootaa bulchiinsa nama hacuucu, cubbuu fi duʼa dhaalan jalaa bilisa akka baʼan yaadee taʼuu qaba; kun immoo isa jajjabeessee taʼuu dandaʼa. Nuyis yeroo gammachiisaa taʼe kana ilaaluu ni dandeenya; yeroon kun immoo baayʼee dhihaateera!—Rom. 6:23. w15 5/15 3:4, 6
Kibxata, Onkoloolessa 10
Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.—Fak. 12:25.
Yaada nama dhiphisu toʼachuu baannaan, karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa miidhamuu dandeenya. Kanaafuu, Yihowaatti haa amanamnu; akkasumas yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame haa yaadannu. Namni haala keenya hubatu tokko yaada gaarii nama jajjabeessu dubbachuun isaa nu gammachiisuu dandaʼa. Wanta nu yaaddessu warra keenyatti, hiriyaa gaaʼelaa keenyatti ykn michuu amanamaa ilaalcha akka Waaqayyoo qabu tokkotti himachuun keenya dhiphina irraa nu furuu dandaʼa. Yihowaa caalaa eenyu iyyuu yaaddoo keenya nuuf hin hubatu. Phaawulos akkana jechuudhaan barreesseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filp. 4:6, 7) Qaamota karaa hafuuraa akka hin miidhamne nu gargaaraa jiran, jechuunis obboloota, jaarsolii, hojjetaa amanamaa, ergamoota, Yesus, akkasumas Yihowaa yaadaa. w15 5/15 4:16, 17
Roobii, Onkoloolessa 11
Namni waggaa soddomii saddeet dhukkubsate tokko achi ture. —Yoh. 5:5.
Mana qulqullummaa Yerusaalem irraa kallattii kaabaatiin, bishaan kuufamaan Betzataa jedhamu jira ture. Namoonni dhukkubsatanii fi qaamni isaanii hirʼate hedduun dinqiidhaan ni fayya jedhanii waan amananiif gara iddoo kanaa ni dhufu turan. Yesus gara laafinaan kakaʼee nama umurii inni lafa irra itti jiraate caalaa yeroo dheeraadhaaf dhukkubsate tokko argate. (Yoh. 5:6-9) Yesus fayyuu kan barbaadu taʼuu isaa isa gaafate. Namichi fayyuu akka barbaadu yeruma sana dubbate. Fayyuu kan barbaadu taʼus namni bishaanicha keessa akka seenu isa gargaaru waan hin jirreef, akkamitti akka fayyu hin beeku ture. Yesusis namichi kun waan hin dandaʼamne akka godhu, jechuunis siree isaa fudhatee akka deemu isa ajaje. Innis akkuma Yesus isaan jedhe, siree isaa fudhatee deemuu jalqabe. Kun, wanta Yesus addunyaa haaraa keessatti raawwatu akka gaariitti kan argisiisu dha! Dinqiin kun, Yesus gara laafessa taʼuu isaas ni argisiisa. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu ni barbaada ture. Fakkeenyi Yesus nuu kaaʼe kun, namoota naannoo keenyaa haala rakkisaa addunyaa kanaatiin dhiphatan barbaaduu keenya akka itti fufnu nu kakaasuu qaba. w15 6/15 2:8-10
Kamisa, Onkoloolessa 12
Isin akkana jedhaa kadhadhaa. —Mat. 6:9, NW.
“Abbaa koo” utuu hin taʼin “Abbaa keenya” jedhamuun isaa, “obbolummaa amantootaa” dhugumaan wal jaallatu qabaachuu keenya nu yaadachiisa. (1 Phe. 2:17) Kun mirga guddaa dha! Kiristiyaanonni dibamoon, warri ilmaan Waaqayyoo taʼanii fi gara fuulduraatti samii irra jiraachuuf abdii qaban, guutummaatti Yihowaa “Abbaa keenya” jedhanii waamuu ni dandaʼu. (Rom. 8:15-17) Kiristiyaanonni bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qabanis Yihowaa “Abbaa keenya” jedhanii waamuu ni dandaʼu. Jireenya kan isaanii kenne isa dha; wanta tajaajiltoota isaa warra dhugaatiif barbaachisu kan guutus isa dha. Namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban, cubbuu irraa walaba erga taʼanii fi yeroo qorumsaa isa dhumaatti amanamoo taʼuu isaanii erga mirkaneessanii booda, guutummaatti ijoollee Waaqayyoo ni taʼu. (Rom. 8:21; Mul. 20:7, 8) Warri, ijoolleen isaanii akkamitti kadhachuu akka qaban yeroo barsiisanii fi Yihowaa akka Abbaa isaanii isa samii isaan kunuunsutti akka ilaalan yommuu isaan gargaaran kennaa gaarii taʼe isaaniif kennaa jiru jechuu dha. Warri, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gochuu caalaa kennaa kan biraa ijoollee isaaniitiif kennuu hin dandaʼan. w15 6/15 4:4-6
Jimaata, Onkoloolessa 13
Hamaa nu oolchi. —Mat. 6:13.
Kadhannaa “hamaa nu oolchi” jedhuu wajjin haala wal simuun jiraachuu yoo barbaanne, “kan biyya lafaa” akka hin taane carraaqqii gochuu qabna. “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuu” hin qabnu. (Yoh. 15:19; 1 Yoh. 2:15-17) Kana gochuun yeroo hunda walʼaansoo gochuu gaafata. Yeroo Yihowaan Seexana balleessuudhaan, akkasumas biyyi lafaa kun akka darbu gochuudhaan kadhannaa kanaaf deebii kennutti boqonnaa guddaa arganna! Haa taʼu malee, Seexanni samii irraa yeroo darbatametti, yeroon isa hafe gabaabaa akka taʼe akka beeku dagachuu hin qabnu. Baayʼee waan aareef, amanamummaa keenya balleessuuf wanta isaa dandaʼame hunda godha. Kanaafuu, isa jalaa ooluuf kadhachuu keenya itti fufuun barbaachisaa dha. (Mul. 12:12, 17) Yeroo gammachiisaa akkasiitti jiraachuu ni barbaaddaa? Taanaan, Mootummaan Waaqayyoo maqaa Waaqayyoo akka qulqulleessuu fi jaalala isaa lafa irratti akka raawwatu kadhachuu kee itti fufi. Yihowaan wanta karaa hafuuraas taʼe karaa foonii si barbaachisu akka sii guutu isatti amanami. Eeyyee, kadhannaa fakkeenya taʼu kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo godhi.—Mat. 6:9-13. w15 6/15 5:12, 17, 18
Sanbadduraa, Onkoloolessa 14
Rakkinni guddaan taʼuuf jira. —Mat. 24:21.
Yeroo qorumsaa sanatti wanta raawwatamu guutummaatti hubachuu baannus, hamma tokko aarsaa akka nu kaffalchiisu eeguu dandeenya. Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni ooluuf qabeenya isaanii dhiisuu fi rakkina isaan irra gaʼu obsaan dandaʼuu qabu turan. (Mar. 13:15-18) Amanamoo taanee itti fufuuf, qabeenya keenya dhabuuf fedhii ni qabaannaa laata? Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu keenya mirkaneessuuf, wanta nu irraa barbaadamu hunda raawwachuuf qophaaʼoo dhaa? Mee yaadaa! Yeroo sanatti, haala akkamii keessatti iyyuu Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuudhaan fakkeenya Daaniʼel raajichaa kan hordofu nu qofa dha. (Dan. 6:10, 11) Yeroon sun yeroo “wangeelli mootummaa kun” itti lallabamu miti. Yeroon itti lallabamu kan darbe taʼa. Sana booda “dhumni in dhufa!” (Mat. 24:14) Sabni Waaqayyoo yeroo sanatti ergaa firdii cimaa taʼe akka lallaban hin shakkisiisu. Tarii kun addunyaan Seexanaa hamaa taʼe guutummaatti baduuf akka jedhu labsuu kan dabalatu taʼu dandaʼa. w15 7/15 2:3, 8, 9
Dilbata, Onkoloolessa 15
Akkuma ani kan biyya lafaa hin taʼin, isaanis kan biyya lafaa miti. —Yoh. 17:16.
Yesus dursee waan nu akeekkachiiseef, ejjennoo keenyaan kan kaʼe biyyi lafaa yoo nu jibbe nu dinqisiisuu hin qabu. Namoonni nu morman hedduun Kiristiyaanonni siyaasa irraa walaba taʼuun isaanii barbaachisaa akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamu. Nuuf garuu dhimmi kun wanta iddoo guddaa qabu dha. Yihowaadhaaf amanamoo taʼuun yeroo qorumsaatti jabaatanii dhaabachuu gaafata. (Dan. 3:16-18) Sodaan namaa namoota umurii kam iyyuu keessatti argaman irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu taʼus, keessumaa dargaggoonni murtoo namoota kaan irraa adda taʼe gochuun itti ulfaachuu dandaʼa. Dhimmoonni kan akka alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kennuu ykn ayyaanota sabboonummaa calaqqisiisan irratti argamuu ijoollee keessan yoo mudatan isaan gargaaruu irraa duubatti hin jedhinaa. Qorumsawwan akkasii ija jabinaan moʼuu akka dandaʼaniif, yeroo sagantaa Waaqeffannaa Maatii keessaniitti dhimmawwan kun maalfaa akka dabalatan akka hubatan ijoollee keessan gargaaraa. Wanta itti amanan ifattii fi karaa kabaja qabuun ibsuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. (Rom. 1:16) Barbaachisaa yoo taʼe dursa fudhadhaatii barsiisota isaanii wajjin dhimmoota akkasii irratti akka mariʼatan isaan deggeraa. w15 7/15 3:15, 16
Wiixata, Onkoloolessa 16
Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate.—Yoh. 3:16.
Aarsaan furii Yesus inni nuuf hin malle “akka nuyi isaan jireenya argannuuf” akka kennaatti nuuf kenname. (1 Yoh. 4:9) Karaa Waaqayyo jaalala isaa itti ibse isa guddaa kana ilaalchisee Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan barreesseera: “Yeroon yaadame yommuu gaʼetti Kristos warra akkuma keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf duʼe. Tarii namni, nama waan gaarii godhe tokkoof duʼuuf fedha qaba taʼa malee, nama qajeelaadhaaf waan duʼuuf hin fakkaatu. Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.” (Rom. 5:6-8) Karaa guddaan Yihowaan jaalala isaa itti argisiise kun, ilmaan namootaa isa duratti fudhatama akka argatan carraa baneera. Yihowaan furichatti fayyadamee guutummaa ilmaan namootaatiif jaalala akka qabu argisiiseera. Lafa irra bara baraaf jiraachuuf kan abdannu yoo taʼee fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya yoo itti fufne, inni addunyaa haaraa keessatti jireenya gammachiisaa akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhuguma iyyuu furichi karaa isa guddaa jaalalli Waaqayyoo inni hin badne itti argisiifame akka taʼe yaaduun keenya sirrii dha! w15 8/15 1:13, 15
Kibxata, Onkoloolessa 17
Hin gaddinaa! —Nah. 8:10.
Addunyaa haaraa keessatti bulchiinsa Mootummichaa jala taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluun mirga guddaa dha! Kanaafuu, yeroo ammaatti gammachuudhaan jaarmiyaa Yihowaa ni deggerra; akkasumas hojii tiʼookraasii nuu kenname kam iyyuu gammachuudhaan ni raawwanna. Dhugaa dha, haalli keenyas jijjiiramuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, miseensonni Betʼel Yunaayitid Isteetis tokko tokko, Betʼelii baʼanii hojii lallabaa irratti akka hirmaatan kan ramadaman siʼa taʼu, yeroo ammaatti bifa tajaajila yeroo guutuu kan biraa irratti hirmaachuudhaan eebba hedduu argachaa jiru. Obboloonni hojii daawwannaa irratti hirmaachaa turan tokko tokko, sababii umuriitiin ykn sababii kan biraatiin qajeelchitoota addaa akka taʼan godhameera. Haala keessa jirrutti kan gammadnu, Waaqayyo akka nu gargaaru kan kadhannuu fi tajaajila isaa irratti wanta dandeenye hunda kan goonu yoo taʼe, gammachuu kan argannu siʼa taʼu, yeroo dhumaa rakkinaan guutame kana keessatti illee eebba hedduu argachuu dandeenya. (Fak. 10:22) Addunyaa haaraa keessatti naannoo taʼe tokko jiraachuu kan barbaadnu taʼus, naannoo kan biraa deemnee akka jiraannu gaafatamuu dandeenya taʼa. Eessatti iyyuu yoo tajaajille, akkasumas hojiin keenya maal iyyuu yoo taʼe, waan argannuuf akka galateeffannuu fi akka gammadnu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w15 8/15 3:8
Roobii, Onkoloolessa 18
Nohi dhaloota sana keessatti . . . nama balleessaa hin [qabne] ture. —Uma. 6:9.
Nohi namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne sana hiriyoota godhachuu akka hin barbaadne beekamaa dha. Innii fi miseensonni maatii isaa torban markaba ijaaruu dabalatee hojii Waaqayyo isaaniif kenne hojjechuudhaan qabamanii turan. Kana malees, Nohi ‘qajeelina ni lallaba’ ture. (2 Phe. 2:5) Hojiin lallabaa, ijaarsi markabaa fi walitti dhufeenyi maatii isaa wajjin qabu, Nohi wanta Waaqayyoon gammachiisu raawwachuudhaan akka qabamu isa godhee ture. Kanaan kan kaʼe, Nohii fi maatiin isaa Bishaan Badiisaa irraa oolaniiru. Warri amma jirru hundi tajaajiltoota Yihowaa kana irraa, jechuunis Nohi, haadha manaa isaa, ijoollee isaa fi haadhotii manaa isaanii warra amanamoo taʼan irraa waan dhufneef isaan galateeffanna. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa amanamoo fi ajajamoo turan namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne irraa fagaataniiru; kanaafuu, yeroo Yerusaalemii fi sirni Yihudootaa Dh.K.B. bara 70tti balleeffamanitti oolaniiru.—Luq. 21:20-22. w15 8/15 4:17, 18
Kamisa, Onkoloolessa 19
[Kolfuun] yeroo qaba . . . sirbuunis yeroo qaba. —Lal. 3:4.
Kan nu fayyadan, kan nu gammachiisanii fi miira keenya kan nuu haaromsan bashannanawwan hunda miti; bashannana baayʼisuunis taʼe yeroo dheeraa irratti dabarsuun gaarii miti. Yaadni garaa keenya bashannana nu ijaarutti gammaduu fi faayidaa irraa argachuuf kan nu gargaaru akkamitti? Macaafni Qulqulluun amaloota ‘hojii foonii’ taʼan irraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Hojiin kun “halalummaa, xuraaʼummaa, jireenya gad-dhiisii, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar baʼuu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus” kan dabalatu dha. Phaawulos “warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye” barreesseera. (Gal. 5:19-21) Kanaafuu, akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yaadni garaa koo ispoortii dheekkamsa, wal dorgommii, sabboonummaa ykn goolii argisiisu irraa akkan fagaadhu na kakaasaa? Yaadni garaa koo fiilmii pornoograafii argisiisu ykn halalummaa, machii ykn gocha hafuura xuraaʼummaa jajjabeessu ilaaluuf yeroon qoramu akeekkachiisa naa kennaa?’ w15 9/15 2:11, 12
Jimaata, Onkoloolessa 20
Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka.—Er. 10:23.
Macaafni Qulqulluun ilmaan namootaa ofiif murteessuuf mirga akka qabaatanittii fi Waaqayyo irraa adda baʼanii ofiin akka of bulchanitti akka hin uumamne, akkasumas dhugaa kana fudhachuu diduun isaanii buʼaan isaa gadhee akka taʼe nu barsiisa. Kana hubachuun keenya nageenya keenyaaf baayʼee barbaachisaa dha. Nagaa fi tokkummaa qabaachuu kan dandeenyu aangoo Waaqayyoo yoo beekne qofa dha. Yihowaan dhugaa kana nuu ibsuun isaa jaalala guddaa akka nuuf qabu kan argisiisu dha! Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko, waaʼee jireenya ijoollee isaa isa gara fuulduraa waan yaaddaʼuuf, kaayyoo jireenyaa dhugaa taʼe akka qabaatan barbaada. Kan nama gaddisiisu, namoonni hedduun gara fuulduraa ilaalchisee abdii kan hin qabne taʼuu isaa irra iyyuu, galmawwan faayidaa bara baraa hin argamsiisne hordofu. (Far. 90:10) Ijoollee Waaqayyoo waan taaneef, abdii dinqisiisaa qabaachuu keenyatti dhuguma akka jaallatamnu nutti dhagaʼama. Kun immoo jireenyi keenya kaayyoo dhugaa akka qabaatu godha. w15 9/15 4:10, 11
Sanbadduraa, Onkoloolessa 21
Hamma ani guyyaa isaa himutti . . . fixeensi lafa irratti hin argamu yookiis bokkaan hin roobu! —1 Mot. 17:1.
Bara duriitti namoonni wanta Waaqayyo Israaʼelootaaf godhe arguu fi dhagaʼuuf carraa qabu turan. Yihowaan saba isaa dinqiidhaan Gibxii keessaa kan baase siʼa taʼu, mootota hedduu akka moʼanis isaan gargaareera. (Iya. 9:3, 9, 10) Diinonni Israaʼelootaa Waaqayyo Israaʼelootaaf lolaa akka turee fi isaan immoo akka moʼaman gochaa akka ture amananii fudhachuu hin barbaanne. Ahaab Mootichi inni hamaanis wantoota tokko tokko irratti harka Waaqayyoo arguuf carraa argatee ture. Yeroo booda Ahaab, Eliyaas aarsaan isaa akka gubatu yeroo kadhatetti ibiddi samii irraa yommuu buʼu argeera. Achiis Eliyaas Ahaabiin, “Utuu bokkaan si hin ittisin gad buʼi” jechuudhaan Yihowaan ongee yeroo sana ture akka hambisu ibseera. (1 Mot. 18:22-45) Ahaab kun hundi yommuu raawwatamu kan arge taʼus, humna Waaqayyoo isa guddaa kan argisiisu akka taʼe garuu hin hubanne. Fakkeenyi kunis taʼe fakkeenyonni kan biraa harki Yihowaa hojii irra akka jiru hubachuu akka qabnu nu barsiisu. w15 10/15 1:4, 5
Dilbata, Onkoloolessa 22
Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata. —Gal. 3:11, NW.
Qajeelfama Waaqayyo nuu kennu yoo hordofne faayidaa akka argannu matumaa shakkuu hin qabnu. Waaqa isa dhuguma nu gargaaruu dandaʼu irratti amantii qabaachuun barbaachisaa dha. Phaawulos, “[Waaqayyo] humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu in dandaʼa” jedheera. (Efe. 3:20) Tajaajiltoonni Yihowaa fedha isaa raawwachuuf waan dandaʼan hunda godhu; taʼus, humni isaanii daangeffamaa taʼuu isaa waan beekaniif Yihowaan carraaqqii isaanii akka isaaniif eebbisu isatti amanamu. Waaqni keenya nuu wajjin taʼuun isaa nu hin gammachiisuu? Nu hoo kadhannaan amantii dabalataa argachuuf dhiheessinu deebii akka argatu eeguu dandeenyaa? Macaafni Qulqulluun, ‘akka fedha Waaqayyootti yoo kadhanne’ deebii akkasii eeguu akka dandeenyu nuu mirkaneessa. (1 Yoh. 5:14) Yihowaan namoota guutummaatti isatti amanamanitti akka gammadu beekamaa dha. Yihowaan kadhannaa amantii dabalataa argachuuf dhiheessinuuf deebii kan kennu siʼa taʼu, amantiin keenyas guddatee ‘mootummaa Waaqayyootiif kan malle’ akka taanu godha.—2 Tas. 1:3, 5. w15 10/15 2:16-18
Wiixata, Onkoloolessa 23
Karaa irraa [hin gorinaa]. —Ibr. 2:1.
Dhimmoota hafuuraa irratti xiinxaluun namni tokko karaa hafuuraa akka guddatu isa gargaara. (Ibr. 5:14; 6:1) Namni waaʼee Yihowaa fi Yesus yeroo muraasaaf qofa xiinxalu amantii cimaa qabaachuu hin dandaʼu. Namni akkasii karaa irraa goruu ykn dhugaa irraa garagaluu dandaʼa. (Ibr. 3:12) Yesus, Dubbii Waaqayyoo “garaa gaariidhaa fi abboomamaadhaan” hin dhageenyu taanaan, dubbicha ‘fudhachuu’ akka hin dandeenye akeekkachiiseera. Kanaa mannaa ‘yaaddoon, soorumnii fi qannoon jireenyaa ija utuu hin godhatin akka hafnu’ gochuu dandaʼa. (Luq. 8:14, 15) Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo irratti yaaduu keenya itti haa fufnu. Kun immoo ulfina, amalaa fi eenyummaa Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame irratti xiinxaluuf nu kakaasa. (2 Qor. 3:18) Waaʼee Abbaa keenya isa samii barachuu keenya itti fufuu fi bara baraaf isa fakkaachuu ni dandeenya. Kun immoo mirga hunda irra caalu dha.—Lal. 3:11. w15 10/15 4:13, 14
Kibxata, Onkoloolessa 24
[Ogummaan] jireenya keef baʼeessa akka taʼu beeki! Ati isa yoo argatte guyyaa booddeetiif abdii qabda. —Fak. 24:14.
Warra waan taataniif ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran karaa hafuuraa haala gaarii irratti akka argaman ni barbaaddu. Waaqayyos ijoollee keessan “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” akka guddistan barbaada. (Efe. 6:4) Kanaafuu, itti gaafatamummaa Waaqayyo isiniif kennetti fayyadamaatii karaa hafuuraa barsiifata gaarii qabaadhaa, akkasumas hordofaa. Fakkeenyaaf, barumsi barbaachisaa waan taʼeef, akkasumas barumsaaf jaalala akka qabaatan gochuu akka dandeessan waan isinitti dhagaʼamuuf, ijoolleen keessan akka baratan dhiibbaa irratti gootu. Haaluma wal fakkaatuun, warri ijoollee isaanii jaallatan ijoolleen isaanii walgaʼiiwwan gumii fi sagantaawwan hafuuraa kan biraa irraa “barsiisa gooftaa” argachuudhaan akka fayyadaman dhiibbaa irratti godhu. Barumsi Waaqayyoo barbaachisaa waan taʼeef, ijoolleen keessan barumsa hafuuraa akka jaallatanii fi ogummaa akka dinqisiifatan gochuuf carraaqqii ni gootu. Akkuma Yesus bartoota isaa gargaare, isinis ijoolleen keessan Dubbii Waaqayyoo barsiisuu akka jaallatanii fi tajaajila baʼuu akka amaleeffatan gargaaruudhaan, tajaajila irratti milkaaʼina akka argatan gochuu barbaaddu. w15 11/15 2:6
Roobii, Onkoloolessa 25
Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa [Kristosi dha].—1 Qor. 11:3.
Yihowaan maatii keessatti eenyu mataa taʼuu akka qabu murteesseera. Haa taʼu malee, aangoon matummaa karaa nama cunqursuun argisiifamuu hin qabu. Abbaan manaa mataa haadha manaa isaa taʼus, Kitaabni Qulqulluun ‘ulfina akka isheedhaaf kennu’ isa ajaja. (1 Phe. 3:7) Karaan abbootiin manaa haadhotii manaa isaaniitiif ulfina kennuu itti dandaʼan inni tokko, wanta isaan barbaachisu tilmaama keessa galchuu fi wantoota tokko tokko irratti filannaa isaaniitiif dursa kennuu dha. Dubbiin Waaqayyoo, “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” jedha. (Efe. 5:25) Eeyyee, Yesus duuka buutota isaatiif lubbuu isaa illee kenneera. Abbaan manaa tokko akkuma Yesus matummaa isaatti jaalalaan kan fayyadamu yoo taʼe, haati manaa isaa isa jaallachuunii fi isa kabajuun, akkasumas isaaf bitamuun caalaatti isheedhaaf salphata.—Tit. 2:3-5. w15 11/15 4:6, 7
Kamisa, Onkoloolessa 26
Yihudoonni warri afaan Griikii dubbatan warra afaan Yihudootaa dubbatan irratti guunguman. —HoE. 6:1.
Kiristiyaanummaan yommuu babalʼachaa deemu Kiristiyaanonni caalaatti afaan Giriikiitiin walii galuu jalqaban. Wangeelonni Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohannis warri geggeessaa hafuuraatiin barreeffamanii fi wanta Yesus barsiisee fi hojjete qabatan balʼinaan kan argaman Afaan Giriikiitiin ture. Kanaaf, bartoonni hedduun Afaan Ibrootaa utuu hin taʼin Afaan Giriikii dubbatu turan jechuu dha. Xalayaawwan Phaawulosii fi kitaabonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kaanis balʼinaan kan argaman Afaan Giriikiitiin ture. Kanaafuu, namoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii barreessan, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa caqasu turan; yeroo baayʼees kana kan godhan Saptuujanti irraa ti. Yaadawwan achi irraa fudhatamanii fi darbee darbee hamma tokko jecha Afaan Ibrootaa irraa adda taʼan kun, amma kutaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin barreeffame taʼaniiru. Kanaaf, hojiin hiikkaa namoota mudaa qabaniin hojjetame kutaa Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame taʼeera; kun immoo Waaqayyo aadaa ykn afaan tokko isa kaan irra caalchisee akka hin ilaalle argisiisa.—HoE. 10:34. w15 12/15 1:8, 9
Jimaata, Onkoloolessa 27
Ati arraba koo hiiki, yaa gooftaa! Afaan koos jajuu kee in hima. —Far. 51:15.
Dubbachuun kutaa jireenya keenyaa keessaa tokko taʼus, yeroo hunda dubbachuu qabna jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, “Calluma jechuun yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:7) Yeroo warri kaan dubbatan calluma jechuun warra kaaniif kabaja akka qabnu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Iyo. 6:24) Wantoota iccitii taʼan akka hin dubbanne arraba keenya toʼachuun keenya, of eeggataa fi hubataa akka taane argisiisa. (Fak. 20:19) Yeroo aarrutti arraba keenya toʼachuun ogummaa dha. (Far. 4:4) Karaa gara biraa immoo Kitaabni Qulqulluun, “dubbachuunis yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:7) Michuun kee tokko kennaa bareedaa yoo siif kenne dhoksitee akka hin keenye beekamaa dha. Kanaa mannaa, akka gaariitti itti fayyadamuudhaan, dinqisiifannaa kee argisiifta. Nutis kennaa dubbachuuf qabnu akka gaariitti itti fayyadamuudhaan, dinqisiifannaa kennaa dubbachuu Yihowaan nuuf kenneef qabnu argisiifna. Kunis miira keenya ibsuu, wanta nu barbaachisu ibsuu, dubbii warra kaan jajjabeessu dubbachuu fi Waaqayyoon galateeffachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. w15 12/15 3:4, 5
Sanbadduraa, Onkoloolessa 28
Siʼachi sababii garaa keetiif sababii ammaa amma dadhabbiin sitti dhagaʼamuufis daadhii waynii xinnoo itti dabalii dhugi malee, bishaan duwwaa hin dhugin!—1 Xim. 5:23.
Amma kan jiraannu yeroo Kiristiyaanni michuu keenya taʼe tokko, ‘kennaa fayyisuutti’ fayyadamee nu fayyisuu dandaʼu keessa miti. (1 Qor. 12:9) Haa taʼu malee, obboloonni nuuf yaadan tokko tokko waaʼee fayyaa keenyaa tola yaada nuu kennu. Dhugaa dha namni tokko yaada walii galaa hojii irra oolu nuu kennuu dandaʼa. Phaawulos tarii bishaan naannoo sanaa faalamaa waan tureef taʼuu dandaʼa, yeroo Ximotewos garaan isa dhukkubetti akkana godheera. Haa taʼu malee kun, Dhugaa Baatuun obboleessa keenya taʼe tokko baala, qoricha ykn nyaata buʼa qabeessa hin taane ykn yeroo tokko tokko miidhaa geessisuu dandaʼu akka fudhatu amansiisuuf yaaluu irraa adda dha. Yeroo tokko tokko namoonni tokko tokko yaada akka armaan gadii jiruun warra kaan amansiisuuf yaalu: ‘Firri koo dhukkuba akkasii waan qabuuf qoricha . . . fudhatee ni fayye.’ Yaanni kun hammam iyyuu garaa qulqulluudhaan yoo kenname, qorichi ykn yaaliin fayyaa balʼinaan hojii irra oolu illee miidhaa guddaa qabaachuu akka dandaʼu yaadachuun keenya gaarii dha.—Fak. 27:12. w15 12/15 4:13
Dilbata, Onkoloolessa 29
[Kristos] yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha, cubbuu namoota baayʼeetiif dhiphateera; inni qajeelaan . . . qooda warra jalʼootaa ajjeefame.—1 Phe. 3:18.
Cubbuu dhaalleen kan kaʼe hundi keenya adabni duʼaa nutti murteeffameera. (Rom. 5:12) Haa taʼu malee, Yihowaan jaalalaan kakaʼee, Yesus gara lafaa dhufee ‘nama hundumaaf duʼa akka miʼeeffatu’ qophii godheera. (Ibr. 2:9) Yihowaan jireenya keenya isa ammaa oolchuu qofa utuu hin taʼin, bara baraaf wanta duʼaaf sababa taʼe balleessuuf buʼuura kaʼeera. (Isa. 25:7, 8; 1 Qor. 15:22, 26) Namoonni Yesusitti amanan hundi Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristos bulchu jalatti lafa irratti nagaa fi gammachuudhaan jireenya bara baraa argatu; dibamtoonni immoo Mootummaa sana keessatti isaa wajjin bulchitoota taʼu. (Rom. 6:23; Mul. 5:9, 10) Kennaan Yihowaa biraa argame kun eebbawwan kan biraa kamfaa dabalata? Kennaan Yihowaa dhukkuba keenya hunda irraa nu fayyisuu, lafa keenya gara jannataatti jijjiiruu fi warra duʼan duʼaa kaasuu kan dabalatu dha. (Isa. 33:24; 35:5, 6; Yoh. 5:28, 29) Yihowaanii fi Ilmi isaa inni jaallatamaan, ‘kennaa hammas hin jedhame’ waan nuu kennaniif akka isaan jaallannu beekamaa dha.—2 Qor. 9:15. w16.01 2:5, 6
Wiixata, Onkoloolessa 30
Olii dhalachuun [“lammata dhalachuun,” NW] isiniif in taʼa. —Yoh. 3:7.
Kiristiyaanonni dibamoon kun hafuurri Waaqayyoo dhuunfaatti dhugaa isaaniif baʼuu isaa dura abdii lafa irra jiraachuutti ni gammadu turan. Yeroo Yihowaan lafa kana itti qulqulleessu hawwiidhaan eeggatu; akkasumas eebba gara fuulduraatti dhufu argachuu ni barbaadu turan. Tarii namoonni isaan jaallatan yeroo awwaala keessaa baʼanii fi isaan immoo isaan simatan isaanitti ni mulʼata ture. Mana ofiin ijaarratan keessa jiraachuuf, akkasumas firii muka ofii isaanii dhaaban irraa argamu nyaachuuf hawwiidhaan eeggatu turan. (Isa. 65:21-23) Maarree yaadni isaanii kan jijjiirame maaliifi? Abdiin kun waan isaan hin gammachiisneef miti. Yaada isaanii kan jijjiiran, waan dhiphataniif ykn waan jeeqamaniif miti. Bara baraaf lafa irra jiraachuun kan nama dadhabsiisu ykn nuffisiisu akka taʼe tasa isaanitti dhagaʼamuu isaatiin kan kaʼe, lafa kanatti abdii waan kutataniif ykn gara samii dhaqanii iddoo haaraa tokko ilaaluu waan barbaadaniif miti. Kanaa mannaa, kana kan isaaniif murteesse Waaqayyo dha. Waaqayyo yommuu isaan afeere hafuura qulqulluu isaatti fayyadamuudhaan akkaataa isaan itti yaadanii fi abdiin isaan gara fuulduraatti eeggatan akka jijjiiramu godheera. w16.01 3:11, 13
Kibxata, Onkoloolessa 31
Egaa nuyi warri Waaqayyoo wajjin hojjennu, ayyaana Waaqayyoo akka waan waaʼee hin baafneetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina.—2 Qor. 6:1.
Yihowaan Isa Hundaa Olii ti; Uumaa wantoota hundumaa, akkasumas Qaama ogummaa fi humna hammana hin jedhamne qabu dha. Iyoob kana hubatee ture. Yihowaan waaʼee uumamawwan isaa Iyoobiin gaaffii erga gaafatee booda Iyoob, “Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka kees karaatti kan hambisu hin jiru” jedhee deebiseera. (Iyo. 42:2) Yihowaan wanta hojjechuu barbaadu hunda gargaarsa warra kaanii malee hojjechuu kan dandaʼu taʼus, jalqabumaa kaasee warri kaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuu irratti isaa wajjin akka hojjetan jaalalaan kakaʼee isaan afeereera. Waaqayyo jalqaba kan uume Ilma isaa isa tokkicha qaama hafuuraa taʼe dha. Yihowaan, Ilmi isaa hojii qaamota hafuuraas taʼe wantoota kaan hunda uumuuf hojjetamu irratti akka hirmaatu isaaf heyyameera. (Yoh. 1:1-3, 18) Kanaafuu, Yihowaan hojii uumamaa irratti akka hirmaatu gochuudhaan, akkasumas gaʼee guddaa Ilmi isaa qabu warra kaanitti himuudhaan Ilma isaatiif ulfina kenneera.—Qol. 1:15-17. w16.01 5:1, 2