LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es17 ful. 88-97
  • Fulbaana

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fulbaana
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Jimaata, Fulbaana 1
  • Sanbadduraa, Fulbaana 2
  • Dilbata, Fulbaana 3
  • Wiixata, Fulbaana 4
  • Kibxata, Fulbaana 5
  • Roobii, Fulbaana 6
  • Kamisa, Fulbaana 7
  • Jimaata, Fulbaana 8
  • Sanbadduraa, Fulbaana 9
  • Dilbata, Fulbaana 10
  • Wiixata, Fulbaana 11
  • Kibxata, Fulbaana 12
  • Roobii, Fulbaana 13
  • Kamisa, Fulbaana 14
  • Jimaata, Fulbaana 15
  • Sanbadduraa, Fulbaana 16
  • Dilbata, Fulbaana 17
  • Wiixata, Fulbaana 18
  • Kibxata, Fulbaana 19
  • Roobii, Fulbaana 20
  • Kamisa, Fulbaana 21
  • Jimaata, Fulbaana 22
  • Sanbadduraa, Fulbaana 23
  • Dilbata, Fulbaana 24
  • Wiixata, Fulbaana 25
  • Kibxata, Fulbaana 26
  • Roobii, Fulbaana 27
  • Kamisa, Fulbaana 28
  • Jimaata, Fulbaana 29
  • Sanbadduraa, Fulbaana 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
es17 ful. 88-97

Fulbaana

Jimaata, Fulbaana 1

[Abrahaam] lafa Waaqayyo isatti hime dhaquudhaaf karaa irra buʼe. —Uma. 22:3.

Abrahaam tajaajiltoota isaa warra isaa fi Yisihaaqii wajjin turan irraa adda baʼuu isaa dura, “Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina” jedhe. (Uma. 22:5) Abrahaam maal jechuu isaa ture? Abrahaam Yisihaaq aarsaa akka godhamu utuu beekuu akka inni deebiʼu dubbachuudhaan tajaajiltoota isaa gowwoomsaa turee? Lakki, hin turre. Kitaabni Qulqulluun wanta Abrahaam yaadaa ture ilaalchisee hamma tokko hubannaa nuu kenna. (Ibr. 11:19) Abrahaam, “Waaqayyo warra duʼan keessaa iyyuu nama [Yisihaaqiin] kaasuu akka dandaʼu, . . . yaada irra kaaʼatee ture.” Eeyyee, Abrahaam duʼaa kaʼuutti ni amana ture. Yihowaan, innii fi Saaraan dulluma isaanii keessa humna dhala godhachuuf qaban akka isaaniif haaresse beekeera. (Ibr. 11:11, 12, 18) Abrahaam wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne tokko illee akka hin jirre hubateera. Kanaafuu, guyyaa qorumsaa sanatti wanti fedhe iyyuu yoo taʼe, abdiin Yihowaan kenne hundi akka raawwatamuuf ilmi isaa inni jaallatamaan gara jireenyaatti akka isaaf deebifamu amantaa qaba ture. Dhuguma iyyuu, Abrahaam ‘warra amanan [“amantii qaban,” NW] hundaaf abbaa’ jedhamuun isaa nama hin dinqisiisu!—Rom. 4:11. w16.02 1:3, 13

Sanbadduraa, Fulbaana 2

[Waaqayyo] ulfina maqaa isaa isa guddaadhaaf jedhee isin hin dhiisu. —1 Sam. 12:22.

Waaqayyo, Saaʼol mootii akka taʼu kan dibe taʼus, booda Saaʼol ajajamuu waan dideef isa dhiiseera. (1 Sam. 15:17-23) Waaqayyo yeruma sana Saaʼoliin teessoo isaa irraa waan hin buusneef, amalli isaa inni gadheen namoota isa jalatti bulanittis taʼe isatti dhihaatan hundatti qorumsa taʼeera. Namoonni kun yeroo mootiin inni ‘teessoo Waaqayyoo’ irra taaʼe kun daandii jalʼaa hordofetti Waaqayyoof amanamoo taʼuun akka isaanitti ulfaatu godhee ture. (1 Sen. 29:23) Yonaataan Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaa argisiiseera. Namoota aangoo ol aanaa qabaniif hamma isaaniif malu bitamuudhaan Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu keenya argisiisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namni aangoo qabu tokko wanta isa irraa hin eegamne kan hojjetu taʼuu dandaʼa; taʼus, abbootii taayitaa “biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif” hamma isaaniif malu bitamuun waan nu irra jiruuf aangoo isaanii kabajuu qabna. (Rom. 13:1, 2) Hundi keenya iyyuu namoota Yihowaan aangoo isaaniif kenne kabajuudhaan isaaf amanamoo taʼuu keenya argisiisuu dandeenya.—1 Qor. 11:3; Ibr. 13:17. w16.02 3:5, 6, 8

Dilbata, Fulbaana 3

Namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhiʼeessu. —Far. 110:3.

Kitaabni Qulqulluun dargaggoota dabalatee sabni Yihowaa tajaajila isaatiif ‘jaalala isaaniitiin akka of dhiʼeessan’ dubbata. Kanaafuu, namni cuuphamuuf yaadu murtoon kun fedhii dhuunfaa isaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼuu qaba. Kun immoo of qoruun akka si barbaachisu argisiisa. Maaliif? Dargaggeessa taʼuu keetiin kan kaʼe haalli kee hamma tokko adda waan taʼeefi dha. Fakkeenyaaf, dhugaa keessatti guddatte taʼa. Hiriyoota kee fi obboloota kee dabalatee namoonni hedduun yeroo cuuphaman waggoota hedduudhaaf argaa turte taʼa. Haala akkanaa keessa jirta taanaan of eeggannoo akkamii gochuu qabda? Umurii taʼe tokko irra waan geesseef ykn warri kaan waan cuuphamaniif qofa cuuphamuu akka qabdu akka sitti hin dhagaʼamne of eeggadhu. Cuuphaadhaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu kee akkamitti beekuu dandeessa? Yeroo xinnoo fudhadhuutii cuuphamuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe yaadi. w16.03 1:11, 12

Wiixata, Fulbaana 4

Namni kana dhagaʼus, “Kottu” haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu! —Mul. 22:17.

Miseensota gumii Kiristiyaanaa waan taaneef, afeerraa afeerru irratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti? ‘Wal taʼuudhaan yoo walitti hidhamne’ qofa dha. (Efe. 4:16, NW) Ergaa misiraachoo Mootummichaa hamma dandeenye namoota hedduudhaan gaʼuuf hojii lallabaa keenya karaa gurmaaʼina qabuun hojjechuu qabna. Kanaafuu, qajeelfamni nuu kennama. Qajeelfamni addunyaa maratti karaa gumiiwwanii nuu kennamu, tokkummaadhaan carraaqqii gochuuf nu qopheessa. Walgaʼii tajaajila dirree erga godhannee booda, ergaa Mootummichaa ilmaan namootaatti himuu deemna. Dubbiidhaan, akkasumas barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi miliyoonaan lakkaaʼamanitti fayyadamuudhaan ergicha babalʼisna. Qajeelfama duulawwan lallabaa adda taʼan irratti hirmaachuu ilaalchisee kennamu hordofuuf ni carraaqxaa? Taanaan, namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi tokkummaadhaan ‘ergamaa bantii waaqaa gidduu balaliʼaa’ jiru, isa Mulʼata 14:6 irratti caqasamee wajjin labsaa jiranii wajjin hojjechaa jirta jechuu dha. w16.03 3:4, 5

Kibxata, Fulbaana 5

Macaafonni in banaman. —Mul. 20:12.

Jireenya addunyaa haaraatiif qajeelfamawwan haaraa nuu kennuudhaaf, macaafonni haaraan akka banaman Kitaabni Qulqulluun nutti hima. Warra duʼaa kaafaman dabalatee, namoonni hundi macaafota kana qoʼachuudhaan, kaayyoo Waaqayyo isaaniif qabu beekuu dandaʼu. Macaafonni kun, yaada Yihowaa ilaalchisee hubannaa dabalataa akka nuu kennan beekamaa dha. Namoonni lafa jannata taatu irra jiraatan, hubannaa Dubbii Waaqayyoo irraa argatan isa yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuu fi wantoota macaafota haaraa keessatti mulʼachuuf jedhaniin geggeeffamuudhaan, namoota kaan jaalalaa fi kabajaan akka qaban ifa dha. (Isa. 26:9) Sagantaan barumsaa qajeelfama Mootii keenya Yesus Kiristosiin geggeeffamu maal akka fakkaatu yaadaa! Namoonni wanta ‘macaaficha keessatti caafame’ hojii irra oolchan jireenya bara baraa argatu. Yihowaan namoota amanamummaa isaanii eeggatanii qorumsa isa xumuraa keessa darban, macaafa ‘warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman’ irratti maqaa isaanii barreessa. Wanti nu eeggatus kana taʼuu dandaʼa! w16.03 4:19, 20

Roobii, Fulbaana 6

Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ati abdii koo ti, ati mucummaa kootii jalqabdee amanannaa koo ti! —Far. 71:5.

Jaarsoliin gumii muuxannoo qaban, obboloota dhiiraatiif gumii keessatti hojii umurii isaanii wajjin deemu kennuudhaan ijoollummaa isaaniitii, jechuunis jalqaba umurii waggoota kurnaniitii kaasanii leenjisuun barbaachisaa akka taʼes cimsanii dubbatu. Leenjiin yeroo kanatti kennamu akkasii, ijoolleen dhuma umurii waggoota kurnanii irra yeroo gaʼanii fi wantoonni xiyyeeffannaa isaanii hihhiran hedduun yeroo isaan mudatanitti galmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara. (Far. 71:17) Jaarsi tokko maal gochuu akka qabu itti himuudhaan qofa utuu hin taʼin, wanta sana gochuu kan qabu maaliif akka taʼe isaa ibsuudhaan fedhii barataan tokko tajaajiluuf qabu kakaasuu ni dandaʼa. Jaarsoliin sababa isaa isaaniif ibsuudhaan fakkeenya Yesus isa barsiisaa guddicha taʼee hordofuu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, Yesus duuka buutota akka godhan ergamoota isaatiif hojii kennuu isaa dura, sababa itti ajajamuu qaban isaaniif ibseera. “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera” jedhee ture. Achiis itti dabaluudhaan, “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedhe.—Mat. 28:18, 19. w15 4/15 2:5, 6

Kamisa, Fulbaana 7

Gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche.—2 Xim. 4:17.

Roomaa keessa jiraachuun Kiristiyaanotaaf baayʼee ulfaataa ture. Magaalattiitti Dh.K.B. bara 64tti ibidda kan qabsiise isaani jedhamaa waan tureef, duuka buutonni Kiristos baayʼee jibbamu turan. Phaawulos ergamaan Roomaa keessatti yeroo lammataatiif kan hidhame yeroo haalli rakkisaan akkasii turetti taʼuu hin oolu. Kiristiyaanonni kaan isa gargaaruu laata? Phaawulos akka armaan gadii jechuudhaan Ximotewosiif kan barreesse tarii wanti isa yaaddessu waan jiruuf taʼuu dandaʼa: “Gaafa ani dura yaaʼii duratti dhiʼaadhee falmadhe, hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee dhaabate tokko illee hin argamne.” (2 Xim. 4:16) Taʼus, Phaawulos guutummaatti gargaarsa akka hin dhabne beeka ture. Rakkina yeroo kanatti isa mudate irrattis taʼe gara fuulduraatti isa mudachuu dandaʼu irratti Yihowaan akka isa jabeessu akka amanamu isa gargaaree taʼuu qaba. “Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha” jedheera. (2 Xim. 4:18) Eeyyee, gargaarsi namoonni namaa gochuu dandaʼan daangeffamaa taʼus, yeroo hunda gargaarsa Yihowaa fi Ilma isaatti amanamuu akka dandaʼu hubateera! w15 4/15 4:1-3

Jimaata, Fulbaana 8

Inni mataa kee in buruqsa. —Uma. 3:15.

Yesus yommuu dhalate Seexanni daaʼimni dhalate kun guddatee Masiihicha abdachiifame akka taʼu beeka ture. Seexanni daaʼima ajjeesuun hammeenya guddaa akka taʼe yaadaa laata? Wanti tokko sirrii ykn dogoggora taʼuun isaa isa hin yaaddessu. Seexanni, Yesus isa daaʼima turee wajjin haala wal qabateen tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin jenne. Akkamitti? Herodis Mootichi, warri urjii lakkaaʼan waaʼee ‘isa mootii Yihudootaa taʼee dhalatee’ yeroo isa gaafatanitti baayʼee aaree, isa ajjeesuuf kutate. (Mat. 2:1-3, 13) Daaʼimni kun ajjeefamuu isaa mirkanaaʼaa taʼuuf, Betlihemii fi naannoo ishee keessatti ijoolleen dhiiraa umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gadi taʼe hundi akka ajjeefaman ajaje. (Mat. 2:13-18) Yesus ajjeechaa hammana hin jedhamne kana jalaa miliqeera; haa taʼu malee, kun waaʼee Seexana isa diina keenya taʼee maal nu hubachiisa? Diiyaabilos lubbuu namootaatiif iddoo akka hin kennine beekamaa dha. Daaʼimmaniif xinnuma illee garaa hin laafu. Seexanni dhuguma iyyuu akkuma ‘leenca yeroo beelaʼu aadaa naannaʼuu’ ti. (1 Phe. 5:8) Hammeenya isaa akka laayyootti hin ilaalinaa! w15 5/15 1:10, 12, 13

Sanbadduraa, Fulbaana 9

Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne taʼan iyyuu [fagootti ilaalaniiru]. —Ibr. 11:13.

Dandeettiin wanta arginee hin beekne tokko yaadaan ilaaluuf qabnu, kennaa Waaqayyo biraa arganne dha. Dandeettiin kun, karoora gaarii baafachuu fi wanta gaarii abdachuuf nu gargaara. Yihowaan wanta gara fuulduraatti taʼu dursee ilaaluu waan dandaʼuuf, wantoota taʼuuf jedhan hedduu Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti dursee nuu ibseera. Nuyis wanta gara fuulduraatti taʼu kana yaadaan ilaaluu ni dandeenya. Wanta ijaan hin argamne yaadaan ilaaluuf dandeettii qabaachuun keenya, amantii qabaachuuf nu gargaara. (2 Qor. 4:18) Haannaan ilmi ishee Saamuʼel godoo qulqullaaʼaa keessatti akka tajaajilu yeroo kennitu haalli isaa maal akka fakkaatu yaadaan ilaaluuf wanta kaʼumsa isheedhaaf taʼu qabdi turte. Haala kana yaadaan kan ilaalte murtoo goote irratti hundooftee siʼa taʼu, kun immoo waadaa Yihowaadhaaf galte akka raawwattu ishee gargaareera. (1 Sam. 1:22) Wanta Yihowaan raawwachuuf waadaa gale yaadaan yeroo ilaallu, wanta dhuguma raawwatamu irratti yaadaa jirra. (2 Phe. 1:19-21) Namoonni amanamoon dur turan hedduun, wanta Waaqayyo abdachiise yaadaan ilaalaa akka turan homaa hin shakkisiisu. w15 5/15 3:1-3

Dilbata, Fulbaana 10

Qabeenyi warra sooreyyii isaaniif akka dallaa dhedheerootti [lakkaaʼama].—Fak. 18:11.

Waaqayyoof xiyyeeffannaa kennuu dhiisuu fi waaʼee sooromuu yaaduun hawwii balaa qabu dha. Yesus haala gaddisiisaa namni “badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin taʼin” keessa jiru seenaa ibsu dubbatee ture. (Luq. 12:16-21) Yihowaan wanta isatti tolu yeroo goonu ni gammada. (Fak. 27:11) ‘Waaqa irratti badhaadhummaa’ walitti qabachuu keenyaan isa duratti fudhatama yeroo argannu baayʼee gammadna! (Mat. 6:20) Walitti dhufeenyi gaariin Yihowaa wajjin qabnu, qabeenya keenya isa gati jabeessa akka taʼe beekamaa dha. ‘Lafa irratti badhaadhummaa’ walitti qabachuuf carraaqna yoo taʼe, hammam dhiphachuu akka dandeenyu yaadaa. (Mat. 6:19) Yesus “yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa” dubbii Mootummichaa hudhuu akka dandaʼu ibsuuf fakkeenyatti fayyadameera.—Mat. 13:18, 19, 22. w15 5/15 4:15, 16

Wiixata, Fulbaana 11

Tuuti sun . . . warri arraba didaa akka dubbatan, warri kottaaʼan akka fayyan, warri hokkolan akka asii fi achi adeeman, warri jaaman akka argan hubatee in raajeffate. —Mat. 15:31.

Humni Waaqayyoo, Yesus Kiristos dinqiiwwan ajaaʼibsiisaa taʼan garaa garaa akka raawwatu isa dandeessiseera. Lamxii qofa utuu hin taʼin, dhibee fi hirʼina qaamaa namoonni qaban kam iyyuu fayyiseera. Yesus gocha gara laafinaa akkanaa raawwachuuf, kutaa qaamaa namoonni kaan kennanitti fayyadamuun isa hin barbaachisne. Kanaa mannaa, qaamuma miidhame sana fayyisa ture! Kana malees, namoota battalumatti, al tokko tokko immoo fagoodhaa iyyuu ni fayyisa ture. (Yoh. 4:46-54) Fakkeenyonni nama dinqisiisan kun maal argisiisu? Yesus inni samii irratti Mootii taʼe, fayyina bara baraa fiduuf humna qofa utuu hin taʼin fedhiis akka qabu argisiisu. Akkaataan Yesus namoota itti qabe, addunyaa haaraa keessatti raajiin Macaafa Qulqulluu, “Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in ooʼa” jedhu akka raawwatamu amanannaa qabaachuuf nu gargaara. (Far. 72:13) Eeyyee, yeroo sanatti Yesus fedhii namoota rakkatan hunda gargaaruuf qabu ni raawwata. w15 6/15 2:6

Kibxata, Fulbaana 12

Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu. —Mat. 6:9.

Namoonni hedduun kadhannaa Maatewos 6:9-13 irratti argamu jechaa jechatti irra deebiʼuu ni dandaʼu. Manaa gara manaatti yeroo tajaajillu, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiruu fi yeroo dhihootti lafa irratti jijjiirama guddaa fidu taʼuu isaa namni nuti haasofsiisnu akka hubatu gargaaruuf yeroo baayʼee kadhannaa kana Macaafa Qulqulluu irraa itti argisiisna. Yookiin immoo, yaada kadhannaa kana keessa jirutti fayyadamuudhaan Waaqayyo maqaa dhuunfaa qulqulleeffamuu qabu akka qabu ibsuuf itti fayyadamna taʼa. (Mat. 6:9) Haa taʼu malee, Yesus kadhannaa kana kan nu barsiise akkuma namoonni Saba Kiristiyaanaa keessa jiran godhan yeroo kadhannu hundatti jechaa jechatti akka irra deddeebinu barbaadee tii? Lakki. Yesus kadhannaa kana akka fakkeenyaatti dubbachuu isaa dura, “Yeroo kadhattanis . . . dubbii waaʼee hin baafne [“waanuma wal fakkaatu,” NW] keessa hin deddeebiʼinaa!” jedheera. (Mat. 6:7) Yesus yeroo kan biraatti kadhannaa kana irra deebiʼee yeroo barsisetti, jechoota kan biraatti fayyadameera. (Luq. 11:1-4) Karaa kanaan Yesus wantoonni kadhannaa keenya irratti caqasuun nu barbaachisu maalfaa akka taʼanii fi duraa duubni barbaachisummaa isaanii maal akka taʼe akka beeknu nu gargaareera. Kanaafuu, kadhannaan kun kadhannaa fakkeenya taʼu jedhamuun isaa sirrii dha. w15 6/15 4:1, 2

Roobii, Fulbaana 13

Namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu! —1 Qor. 10:12.

Yihowaan jabina nuu kennuu fi akka qorumsa of irraa ittisnu nu gargaaruuf hafuura isaa isa humna cimaa qabuu nuu kenna. Akkasumas, wantoota barbaachisaa hin taaneef yeroo, qarshii fi humna baayʼee baasuu akka hin qabne dabalatee, wantoota irraa fagaachuu qabnu ilaalchisee karaa Dubbii isaa fi karaa gumii dursee nu akeekkachiisa. Eespenii fi Yaaneen warri qajeelchitoota turan ijoollee guddisan lama qabu turan. Eespen akkana jedheera: “Akka kanaan duraatti sochiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef qorumsatti akka hin galle yeroo hundumaa Yihowaa kadhanna. Yihowaan walitti dhufeenya isaa wajjin qabnuu fi hinaaffaa tajaajilaaf qabnu eeguuf akka nu gargaarus isa kadhanna.” Qorumsi gara biraan yeroo harʼaatti nu mudatu poornoogiraafii ilaaluu dha. Namoonni tokko tokko sammuun isaanii wanta gadhee yaaduu isaa akka itti fufu heyyamuudhaan qorumsa kanatti galaniiru. Haa taʼu malee, akkuma obboloonni keenya hedduun gochaa jiran nutis qorumsa kana of irraa ittisuu ni dandeenya.—1 Qor. 10:13. w15 6/15 5:15, 16

Kamisa, Fulbaana 14

Mootonni lafa kana irraa, namoonni gurguddoonni, abboonni duulaa, sooreyyiin, jajjaboonni, garbichi, birmaduunis hundinuu holqa keessa, kattaa tullootaa gidduus in dhokatan. —Mul. 6:15.

Dhaabbileen amantii sobaa erga balleeffamanii booda maaltu taʼa? Wanta dhugumaan garaa keenya keessa jiru beekuuf gargaara. Namoonni hedduun dhaabbilee namootaa ‘kattaa tullootaatti’ fakkeeffaman irraa gargaarsa barbaadu. Sabni Waaqayyoo garuu gara gargaarsa Yihowaan qopheessutti baqatu. Jaarraa jalqabaatti, yeroo gabaabaan sun yeroo itti Yihudoonni gara Kiristiyaanummaatti itti jijjiiraman hin turre. Yeroo namoonni durumaanuu Kiristiyaanota turan tarkaanfii itti fudhatanii fi itti ajajaman ture. Haaluma wal fakkaatuun, boqonnaa gabaabaan yeroo rakkina guddaatti argamus, yeroo itti amantoonni haaraan argamani dha jennee hin eegnu. Kanaa mannaa, jaalala Yihowaadhaaf qaban argisiisuu fi obboloota Kiristos deggeruu akka dandaʼaniif amantoota dhugaatiif carraa gaarii bana.—Mat. 25:34-40. w15 7/15 2:7

Jimaata, Fulbaana 15

Namni Waaqayyoon yaadachaa miidhama sababii malee isa irra gaʼu yoo baate, ayyaana in argata.—1 Phe. 2:19.

Akkaataan guddinaa kee ykn naannoon kee saba ykn naannoo keetiif miira adda taʼe akka qabaattu dhiibbaa si irratti godheeraa? Miirri akkasii amma iyyuu si keessa jiraa? Kiristiyaanonni, sabboonummaan ilaalcha isaan namoota kaaniif qaban akka balleessu heyyamuu hin qaban. Haa taʼu malee, namoota aadaa, afaanii fi sanyii kan biraa qabaniif ilaalcha sirrii hin taane akka qabdu yoo hubatte hoo? Yoo akkas taʼe, Yihowaan sabboonummaa fi halaalatti nama jibbuudhaaf ilaalcha akkamii akka qabu xiinxaluun kee si fayyada. Dhimmoota akkasii ilaalchisee qorannaa gochuun buʼaa argamsiisuu dandaʼa. Achiis, dhimma kana irratti ilaalcha akka isaa qabaachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Rom. 12:2) Tajaajiltoonni Yihowaa hundi, olee bulee namoota wajjin hojjetan, wajjin baratan, firoota isaanii ykn namoota kaan irraa ejjennoo adda taʼe akka qabaatan yaadni garaa isaanii yeroon itti isaan dirqisiisu jiraachuu waan dandaʼaʼuuf akkas gochuu qabu. Taʼus, ejjennoo keenyatti cimuu qabna! w15 7/15 3:14, 15

Sanbadduraa, Fulbaana 16

[Yoonaas] garaa qurxummichaa keessaa Waaqayyo isaa goofticha in kadhate.—Yon. 2:2.

Yihowaan kadhannaa keenya ni dhagaʼa; akkasumas namni tokko iyyuu nuu hubachuu baatus miira keenya nuuf hubata. Deebiin inni kadhannaa keenyaaf kennu, karaa jaalala isaa isa hin badne itti ibsu dha. Kadhannaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti galmeeffaman irraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Waaqeffannaa maatii keenya irratti yeroo tokko tokko kadhannaawwan kana qoruudhaan faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Karaa tajaajiltoonni Yihowaa durii miira isaanii Waaqayyoof itti ibsan irratti xiinxaluun keenya, kadhannaa keenya fooyyessuuf nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, kadhannaa gaabbii Yoonaas utuu garaa qurxummii guddaa keessa jiruu dhiheesse irratti yaadaa. (Yon. 1:17–2:10) Kadhannaa Solomoon isa garaadhaa maddee fi yeroo manni qulqullummaan eebbifametti dhiheesse irra deebiʼaa ilaalaa. (1 Mot. 8:22-53) Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti barsiise irratti xiinxalaa. (Mat. 6:9-13) Hunda caalaa immoo, yeroo hunda “wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa.” Kana yoo gootan, “nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan in eega.”—Filp. 4:6, 7. w15 8/15 1:11, 12

Dilbata, Fulbaana 17

Bitamaa.—Ibr. 13:17, NW.

Addunyaa haaraa keessatti qajeelfama Yihowaatiin lafa bareechuun, namoota duʼaa kaʼan barsiisuun, akkasumas hojii Yihowaan nuu kennu kaan raawwachuun baayʼee kan nama gammachiisu dha. Haa taʼu malee, hojii nutti hin tolle tokko akka hojjennu yoo ajajamne hoo? Qajeelfama nuu kennameef ajajamnee hamma dandeenye, akkasumas gammachuudhaan hojii nu kenname ni raawwannaa? Baayʼeen keenya eeyyee jennee deebisna taʼa! Haa taʼu malee, yeroo ammaattis qajeelfamawwan tiʼookraasiitiif ni bitamnaa? Akkana kan goonu yoo taʼe, jireenya bara baraa bulchiinsa Yihowaa jala jiraatuuf qophaaʼaa jirra jechuu dha. Jireenya addunyaa haaraa keessa jiraatuuf qophaaʼuu kan dandeenyu, qophiiwwan Yihowaan yeroo ammaatti godheef bitamuudhaan qofa utuu hin taʼin, ammumaa kaasnee wanta qabnutti gammaduu fi wal deggeruu barachuudhaani. Obboloota yeroo harʼaatti nu geggeessan kan deggerru yoo taʼe, fakkeenyaaf ramaddii tajaajilaa haaraa nuu kennametti kan gammadnu yoo taʼe, addunyaa haaraa keessattis ilaalcha kanaa wajjin wal fakkaatu qabaachuu dandeenya. w15 8/15 3:6, 7

Wiixata, Fulbaana 18

Dubartoonni isaa [warri ormaa] yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jalʼisan . . . Solomoon fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa hojjete.—1 Mot. 11:4, 6.

Hiriyummaa gadheen Solomoon uume ogummaa isaa kan jalaa balleesse taʼuu isaa irra iyyuu, waaqeffannaa dhugaa irraa akka fagaatu isa godheera. (1 Mot. 11:1-6) Kun Kiristiyaanota nama Yihowaadhaaf jaalala hin qabne hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf yaadaa jiraniif akeekkachiisa baayʼee gaarii taʼe dha! Namni tokko erga gaaʼela godhatee booda, tajaajilaa Waaqayyoo yoo taʼe hoo? Macaafni Qulqulluun akkana jedha: “Isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo taʼan iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka moʼamanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!” (1 Phe. 3:1) Gorsi kun kan kenname haadhotii manaa Kiristiyaanota taʼaniif taʼus, abbaa manaa haadha manaa hin amanne qabuufis ni hojjeta. Gorsi Macaafa Qulqulluu ifa dha: Hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼi; akkasumas, ulaagaa Waaqayyo gaaʼelaaf baase eegii jiraadhu. Namoonni hin amanne hedduun, jijjiirama abbootiin manaa ykn haadhotiin manaa isaanii ulaagaalee Waaqayyoo hordofuu isaaniitiin godhan waan hubataniif dhugaa fudhataniiru. w15 8/15 4:15, 16

Kibxata, Fulbaana 19

Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata. —Fak. 14:15.

Dhukkubni tokko tokko qoricha beekamu hin qabu taʼa. Kanaafuu, yaaliin fayyaa tokko dhukkuba akka fayyisu kan odeeffamu taʼus, dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼaa miti taanaan of eeggannoo gochuu qabna. Phaawulos hafuura qulqulluudhaan gaggeeffamee, “Tole kan jettan taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedheera. (Filp. 4:5) Tole kan jennu taʼuun keenya jireenyi keenya dhimmawwan yaalii fayyaa wajjin wal qabatan irratti utuu hin taʼin, dhimmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu gochuuf nu gargaara. Jireenyi keenya fayyaa keenya eeguu irratti akka xiyyeeffatu yoo goone, ofittoo taʼuu dandeenya. (Filp. 2:4) Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe dhimma hafuuraa ti; fayyaa keenyaa wajjin haala wal qabateen wanti nuti eegnu madaallii isaa kan eege taʼuu qaba. (Filp. 1:10, NW) Dhimmaawwan yaalii fayyaa wajjin wal qabatan irratti hundi keenya murtoo dhuunfaa gochuu fi itti gaafatamummaa isaa fudhachuu qabna. w15 9/15 2:8, 10

Roobii, Fulbaana 20

Ifa kee fi dhugaa kee ergi, isaan anatti karaa haa argisiisan. —Far. 43:3.

Yihowaan “Waaqa dhugaa” ti. (Far. 31:5, hiika bara 1899) Ijoollee isaa ni jaallata; akkaataa jireenyaa isaanii hunda irratti, keessumaa immoo dhimmoota hafuuraa wajjin haala wal qabateen isaan geggeessuudhaaf ifni dhugaa akka ifu gochuun isa gammachiisa. Yihowaan dhugaa kam nuuf ibse? Kun hoo akka inni nu jaallatu kan argisiisu akkamitti? Tokkoffaa, Yihowaan waaʼee isaa dhugaa isaa akka beeknu godheera. Maqaa dhuunfaa isaa isa maqaa kam iyyuu caalaa Macaafa Qulqulluu keessatti baayʼinaan argamu nu beeksiseera. Karaa kanaan Yihowaan akka isa beeknu gochuudhaan nutti dhihaateera. (Yaq. 4:8) Kana malees Yihowaan, amalawwan isaa, jechuunis Waaqa akkamii akka taʼe nuu ibseera. Uumamni cufti ijaan mulʼatu humnaa fi ogummaa isaa kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu, Yihowaan Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamee haqa isaa, keessumaa immoo jaalala isaa isa guddaa nuu ibseera. (Rom. 1:20) Yihowaan abbaa ogummaa fi humna qabuu wajjin qofa utuu hin taʼin, abbaa gaarii jaalala qabeessa taʼee wajjinis wal fakkaata; kun immoo ijoolleen isaa caalaatti isatti dhihaachuun akka isaaniif salphatu godha. w15 9/15 4:8, 9

Kamisa, Fulbaana 21

Irreen ana Waaqayyoo, garboota koo biratti in beekama. —Isa. 66:14.

Namoonni hedduun Waaqayyo wanta isaan hojjetaniif xiyyeeffannaa akka hin kennine itti dhagaʼama. Tokko tokko immoo, wanti ilmaan namootaa irratti raawwatamaa jiru akka isa hin yaaddessine amanu. Obomboleettiin guddaan Haayaan jedhamu Sadaasa 2013tti Filippiinsi keessatti balaa guddaa yeroo geessisetti, bulchaan magaalaa guddoo tokkoo, “Waaqayyo iddoo kan biraa deemee taʼuu qaba” jedheera. Namoonni kaan immoo Waaqayyo wanta isaan hojjetan waan hin argine itti fakkaata. (Isa. 26:10, 11; 3 Yoh. 11) Jarri kun namoota Phaawulos, ‘Waaqayyoon beekuu dubbii qajeelaatti hin lakkaaʼan’ jechuudhaan waaʼee isaanii dubbatee wajjin wal fakkaatu. Namoonni kun “jalʼina, hammina, sassata, gadhummaa hundumaan guutamanii turan.” (Rom. 1:28, 29) Nuti garuu, namoota olitti caqasaman irraa haala adda taʼeen, Yihowaan waan goonu hunda akka argu beekna. Haa taʼu malee, xiyyeeffannaa akka nuuf kennuu fi akka nu gargaaru nutti dhagaʼamaa? w15 10/15 1:1-3

Jimaata, Fulbaana 22

Amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin argisiisa. —Yaq. 2:18.

Hojii lallabaa irratti hirmaachuun, karaa gaarii amantii keenya itti argisiisnu dha. Akkas kan jennu maaliifi? Hojii kana hojjechuun, dhumni sirna kanaa ‘utuu hin turin’ yeroo Waaqayyo yaadetti akka dhufu amanuu gaafata. (An. 2:3) Karaan amantii keenya itti gamaaggamnu inni tokko, hirmaannaa tajaajila irratti qabnu guddifachuuf hammam fedhii akka qabnu ilaaluu dha. Hirmaannaa tajaajila irratti qabnu guddisuuf carraa barbaaduudhaan, waan dandeenye hunda gochaa jirraa? (2 Qor. 13:5) ‘Afaan keenyaan beeksisuudhaan’ jechuunis, misiraachicha lallabuudhaan amantii akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Rom. 10:10) Qorumsa guyyuma guyyaadhaan nu mudatuu wajjin yeroo walʼaansoo goonus amantii keenya argisiisuu dandeenya. Yoo dhukkubsanne, yoo abdii kutanne, yoo dhiphanne, hiyyeessota yoo taane ykn qorumsi kan biraan yoo nu irra gaʼe iyyuu, Yihowaanii fi Ilmi isaa “yeroo barbaachisetti akka nu gargaaran” ni amanna. (Ibr. 4:16) Karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaawwan kaaniinis gargaarsa argachuuf kadhachuudhaan amantii akkasii akka qabnu argisiisuu dandeenya. w15 10/15 2:12-14

Sanbadduraa, Fulbaana 23

Hafuurri qulqulluun . . . waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa. —Yoh. 14:26.

Haalli Macaafa Qulqulluu itti hin arganne jiraachuu dandaʼus, wanta sammuutti qabatte fakkeenyaaf caqasoota Macaafa Qulqulluu fi faarfannaawwan Mootummichaa jaallattu irratti akka hin xiinxalle kan si dhorku garuu hin jiru. (HoE. 16:25) Hafuurri Waaqayyoos wantoota gaarii duraan baratte akka yaadattu si gargaaruu dandaʼa. Kanaaf dubbisa Macaafa Qulqulluu torbanii dubbisuu fi irratti xiinxaluuf ammuma yeroo ramadi. Wanta Yesus dubbatee fi raawwate irratti xiinxaluufis yeroo ramaduu qabda. Kitaabonni Macaafa Qulqulluu akka gaariitti beekaman Wangeelota seenaa Yesusii fi tajaajila isaa qabatan akka taʼe ifa dha. (Rom. 10:17; Ibr. 12:2; 1 Phe. 2:21) Dabalataanis sabni Waaqayyoo barreeffama muuxannoo Yesusii fi yeroo inni lafa irratti dabarse duraa duubaan ibsu argataniiru. Keessumaa yaadawwan Wangeelaa tokkoon tokkoon boqonnaa kitaabichaa keessatti duraa duubaan ibsaman dubbisuudhaan irratti yoo xiinxalle faayidaa guddaa irraa argachuu dandeenya.—Yoh. 14:6. w15 10/15 4:11, 12

Dilbata, Fulbaana 24

[“Michoota,” NW] koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaas isin beeksiseera.—Yoh. 15:15.

Yesus michuu jaalala qabeessaa fi amanamaa ture. Bara duriitti gooftaan tokko dhimma dhuunfaa isaa fi miira isaa hojjettoota isaatti himuun isaa baramaa hin turre. Yesus garuu ergamoota isaa warra amanamoo taʼaniif gooftaa fi michuu taʼuu isaa argisiiseera. Isaanii wajjin yeroo ni dabarsa, miira isaa ni ibsaaf, akkasumas yaaddoo garaa isaanii yeroo dubbatan sirriitti isaan dhaggeeffata ture. (Mar. 6:30-32) Wal qunnamtiin jaalala irratti hundaaʼe akkanaa, Yesusii fi ergamoota isaa gidduu walitti dhufeenyi cimaan akka jiraatu godheera; akkasumas itti gaafatamummaa gara fuulduraatti tajaajila Waaqayyoo keessatti qabaataniif isaan qopheesseera. Yesus bartoonnii fi michoonni isaa gammachuu ciminaan Yihowaa tajaajiluudhaan argamu akka argatan barbaada ture. Kanaafuu, sochiiwwan hafuuraa irratti hinaaffaadhaan akka hirmaatan barbaada ture. Akkasumas Yesus bartoota gochuu irratti ciminaan akka hirmaatan barbaada ture! Kana malees, akka milkaaʼan akka isaan gargaaru bartoota isaatiif mirkaneesseera.—Mat. 28:19, 20. w15 11/15 2:3, 5

Wiixata, Fulbaana 25

Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa.—Mat. 22:39.

Jaalalli amala Yihowaa isa guddaa dha. (1 Yoh. 4:16) Yihowaan jalqaba kan uume, Yesus isa waggoota hammana hin jedhamneef isaa wajjin jiraatee fi karaa inni jaalala itti argisiisu barate dha. (Qol. 1:15) Yesus jireenya lafa irratti dabarse dabalatee guutummaa jireenya isaa keessatti, Yihowaan Waaqa jaalalaa taʼuu isaa sirriitti akka hubate argisiiseera; akkasumas jaalala kana hordofeera. Kanaafuu, bulchiinsi Yihowaa fi Yesus bara baraaf jaalalaan kan geggeeffamu akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yesus Seericha keessatti abboommiin hunda irra caalu isa kam akka taʼe yeroo gaafatamu akkana jedhee ture: “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa.’ Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa.’” (Mat. 22:37-39) Yesus, Yihowaa jaallachuutti aansee waaʼee nama jaallachuu akka dubbate hubadhaa. Kun, walitti dhufeenya kam irratti iyyuu jaalala argisiisuun hammam barbaachisaa akka taʼe ibsa. w15 11/15 4:1-3

Kibxata, Fulbaana 26

Wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.—Rom. 15:4.

Waaqayyo yaada isaa namootaaf dabarsuuf Afaan Ibrootaa qofatti hin daangeffamne. Boojuu warra Baabilon booda, Aramaayikiin afaan sabni Waaqayyoo tokko tokko itti fayyadaman taʼe. Yihowaan tarii wanta dhufuuf jedhu beeksiisuuf, raajonni akka Daaniʼelii fi Ermiyaas, akkasumas Izraa lubichi Kitaabota Qulqulluu barreessan keessaa kutaawwan muraasa Afaan Aramaayikiitiin akka barreessan kakaaseera. Yeroo booda Iskindir Guddichi biyyoota addunyaa bara duriitti turan hedduu waan injifateef, Afaan Giriikii inni balʼinaan dubbatamuu fi Koyinee jedhamu qooqa biyyoolessaa taʼe. Yihudoonni hedduun qooqa sana dubbachuu kan jalqaban siʼa taʼu, kun immoo Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa gara Afaan Giriikiitti akka hiikamu karaa baneera. Hiikkaan Saptuujanti jedhamee beekamu kun hiiktota 72n akka hiikame yaadama. Hiikkaan kun hiikkaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa fi hiikkaawwan bakki guddaan kennamuuf keessaa isa tokko dha. Hojiin hiiktonni hedduun hojjetan bifa garaa garaa kan qabu siʼa taʼu, tokko tokko kallattiidhaan, tokko tokko immoo akkuma isaanitti fakkaatetti hiiku. Haa taʼu malee, Saptuujantiin Yihudoota Afaan Giriikii dubbatan biratti, booda immoo Kiristiyaanota biratti akka Dubbii Waaqayyootti ilaalama ture. w15 12/15 1:4-6

Roobii, Fulbaana 27

Ibiddi hammam xinnaatu illee caakkaa hammam guddatu iyyuu in guba.—Yaq. 3:5.

Qabxii guddaan Yaaqoob fakkeenya kanatti fayyadamee dabarsuu barbaade lakkoofsa 6 irratti ifatti kaaʼameera. Caqasichi “Arrabni ibidda” jedha. Arrabni dandeettii dubbachuuf qabnu argisiisa. Akkuma ibiddaa wanti dubbannu miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru” jedha. (Fak. 18:21) Dhugaa dha, badii geessisuu dandaʼa jennee sodaachuudhaan ibiddatti fayyadamuu hin dhiisne, wanta nama miidhu dubbanna jennee yaaddaʼuudhaan dubbachuu hin dhiisnu. Wanti murteessaa taʼe toʼachuu dandaʼuu dha. Ibidda yoo toʼanne, nyaata keenya bilcheessuuf, qaama keenya hoʼisuu fi halkan yeroo dukkanaaʼu ifa argachuuf itti fayyadamuu dandeenya. Arraba keenya yoo leenjisne, humna arrabni keenya qabu Waaqayyoof ulfina fiduu fi warra kaan fayyaduuf itti gargaaramuu dandeenya. (Far. 19:14) Afaan keenyaan dubbachuudhaanis taʼe mallattoo harkaatti fayyadamuudhaan dandeettiin yaadaa fi miira keenya ibsuuf qabnu, kennaa dinqisiisaa Waaqayyo biraa arganne dha. Haa taʼu malee, kennaa kana warra kaan diiguuf utuu hin taʼin, ijaaruuf itti fayyadamuu qabna.—Yaq. 3:9, 10. w15 12/15 3:1-3

Kamisa, Fulbaana 28

Luqaas ogeessi qorichaa inni jaallatamaan . . . nagaa isiniif in [dhaama].—Qol. 4:14.

Luqaas, Phaawulosiif waaʼee fayyaa gorsa kennee, akkasumas Phaawulosiifis taʼe namoota hojii misiyoonummaa irratti isaa wajjin hojjechaa turaniif yaalii fayyaa godhee ture jennee yaaduun keenya sirrii dha. Luqaas kana gochuun kan isa barbaachise maaliifi? Sababiin isaas Phaawulos illee yeroo deemsa irra turetti dhukkubsatee waan tureefi. (Gal. 4:13) Yaada Yesus, “Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee” jedhee dubbatee wajjin haala wal simuun Luqaas yaalii fayyaa kennuu dandaʼa ture. (Luq. 5:31) Kitaabni Qulqulluun Luqaas barumsa yaalii fayyaa eessatti ykn yoom akka fudhate hin ibsu. Phaawulos gaʼee Luqaas ogeessa fayyaa taʼuudhaan qabu Kiristiyaanota Qolosaayis keessa jiranitti kan dubbate, Kiristiyaanonni sun waan isa beekaniif akka taʼe yaadni kennameera. Naannoo Lodooqiyaatti manni barumsaa fayyaa kan ture taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Kanas taʼe sana Luqaas ogeessa fayyaa ture malee, nama leenjii hin qabnee fi akkasumaan waaʼee yaalii fayyaa yaada kennu hin turre. Kanas fayyaa ilaalchisee jechoota addaa Luqaas Wangeela isaa keessattii fi Hojii Ergamootaa keessatti itti fayyadame irraa, akkasumas akkaataa inni dinqii Yesus warra kaan fayyisuuf hojjete itti ibse irraa hubachuun ni dandaʼama. w15 12/15 4:11, 12

Jimaata, Fulbaana 29

Kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef, Waaqayyoof galanni haa taʼu!—2 Qor. 9:15.

Yihowaan Ilma isaa isa tokkicha gara lafaatti yeroo ergetti, kennaa jaalalaa isa hunda caalaa taʼe kenneera. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:9, 10) Phaawulos ergamaan kennaa kana ‘kennaa Waaqayyoo isa hammas hin jedhamne’ jedhee ibseera. Phaawulos abdiiwwan guguddaan Waaqayyo kenne hundi akka raawwataman wabiin kan kenname, karaa aarsaa Kiristos isa mudaa hin qabne sanaa akka taʼe beekeera. (2 Qor. 1:20) Kanaafuu, ‘kennaan hammas hin jedhamne’ kun gaarummaa fi jaalala guddaa Yihowaan karaa Yesus nutti argisiise hunda kan dabalatu dha. Dhuguma iyyuu, kennaan sun baayʼee dinqisiisaa waan taʼeef, jecha namaatiin guutummaatti ibsamuu hin dandaʼu. Kennaa guddaa akkanaa argachuun keenya dhiibbaa nu irratti gochuu kan qabu akkamitti? Akkasumas, kennaan kun karaawwan kamiin nu kakaasuu qaba? Gochawwan kee irratti akka yaaddu, akkasumas akkaataa jireenyaa hordofaa turte jijjiiruuf illee si dirqisiiseeraa? Caalaatti arjummaa argisiisuuf, akkasumas namoota kaan jaallachuu fi balleessaa si irratti raawwataniif dhiifama gochuuf kakaateettaa? Wanti Yihowaan karaa Kiristos nuuf godhe kennaa guddaa kam irra iyyuu baayʼee kan caalu akka taʼe yaadadhu.—1 Phe. 3:18. w16.01 2:1, 2, 4, 5

Sanbadduraa, Fulbaana 30

Qilleensi gara fedhetti in qilleensaʼa, qilleensaʼuu isaa in dhageessa, eessaa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana. —Yoh. 3:8.

Namoonni haala kanaan afeeraman, ‘Ani kanan filatame maaliifi? Namni gara biraan maaliif hin filatamne?’ jedhanii of gaafatu taʼa. Namoonni kun gaʼumsa akka hin qabnetti illee yaaduu dandaʼu. Haa taʼu malee, afeeramuu isaanii hin shakkan. Garaan isaanii gammachuu fi dinqisiifannaadhaan guutama. Akkuma Phexros yeroo geggeessaa hafuuraatiin yaada armaan gadii barreessetti itti dhagaʼame isaanittis ni dhagaʼama; akkana jedheera: “Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa taʼu! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebiʼaa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.” (1 Phe. 1:3, 4) Kiristiyaanonni dibamoon yaada kana yommuu dubbisan, Abbaan isaanii inni samii dhuunfaatti isaanitti dubbachaa akka jiru shakkii tokko malee hubatu. w16.01 3:11, 12

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi