LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es17 ful. 77-87
  • Hagayya

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Hagayya 1
  • Roobii, Hagayya 2
  • Kamisa, Hagayya 3
  • Jimaata, Hagayya 4
  • Sanbadduraa, Hagayya 5
  • Dilbata, Hagayya 6
  • Wiixata, Hagayya 7
  • Kibxata, Hagayya 8
  • Roobii, Hagayya 9
  • Kamisa, Hagayya 10
  • Jimaata, Hagayya 11
  • Sanbadduraa, Hagayya 12
  • Dilbata, Hagayya 13
  • Wiixata, Hagayya 14
  • Kibxata, Hagayya 15
  • Roobii, Hagayya 16
  • Kamisa, Hagayya 17
  • Jimaata, Hagayya 18
  • Sanbadduraa, Hagayya 19
  • Dilbata, Hagayya 20
  • Wiixata, Hagayya 21
  • Kibxata, Hagayya 22
  • Roobii, Hagayya 23
  • Kamisa, Hagayya 24
  • Jimaata, Hagayya 25
  • Sanbadduraa, Hagayya 26
  • Dilbata, Hagayya 27
  • Wiixata, Hagayya 28
  • Kibxata, Hagayya 29
  • Roobii, Hagayya 30
  • Kamisa, Hagayya 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
es17 ful. 77-87

Hagayya

Kibxata, Hagayya 1

Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii taʼu in kenna mitii ree?—Uma. 18:25.

Abrahaam wantoota xixiqqoo fakkaatan irratti illee Yihowaadhaaf ajajamuu amaleeffatee waan tureef, michummaan inni Waaqayyoo wajjin qabu cimaa akka taʼu gochuu dandaʼeera. Gaaffiiwwan ciccimoon yommuu keessa isaatti uumamanitti gargaarsa gaafachuudhaan wanta garaa isaa keessa jiru Yihowaatti himachuu akka dandaʼu itti dhagaʼameera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo magaalota Sodoomii fi Gomoraa balleessuuf akka jedhu yommuu hubatu, Abrahaam namoonni qajeeloon warra hamootaa wajjin balleeffamuu dandaʼu jedhee yaaddaʼee ture. Tarii Abrahaam waaʼeen ilma obboleessa isaa Looxii fi maatii isaa warra yeroo sanatti Sodoom keessa jiraachaa turanii isa yaaddessee taʼuu dandaʼa. Abrahaam gaaffiiwwan isaa kana kan gaafate, gad of deebisuu fi Waaqa isa ‘abbaa firdii guutummaa biyya lafaa’ taʼetti amanamuudhaan ture. Yihowaanis garaa nama hundumaa akka ilaaluu fi yeroo murtii isaa raawwatutti illee qajeelota oolchuu akka barbaadu ibsuudhaan inni hammam gara laafessa akka taʼe obsaan Abrahaamiin barsiiseera. (Uma. 18:22-33) Beekumsii fi muuxannoon Abrahaam argate hundi, michummaa cimaa Yihowaa wajjin qabu eegee akka jiraatu akka isa gargaare hin shakkisiisu. w16.02 1:11, 12

Roobii, Hagayya 2

Waaqayyo anaa fi si gidduutti, sanyii kee fi sanyii koo gidduuttis hamma bara baraatti dhugaa-baatuu dha. —1 Sam. 20:42.

Namoonni addunyaa maratti argaman amanamummaa ni dinqisiifatu jechuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, amanamummaa Yonaataan Waaqayyoof qabu utuu tilmaama keessa hin galchin amanamummaa inni Daawititti argisiise qofa kan dinqisiifannu yoo taʼe barumsa guddaa tokko utuu hin argatin hafna. Yonaataan Daawitiin akka mormituu isaatti utuu hin taʼin, akka michuu isaatti kan ilaale maaliifi? Garaa Yonaataan keessatti iddoo tokkoffaa kan qabu Waaqayyoof amanamaa taʼuu akka taʼe ifatti hubachuun ni dandaʼama. Dhuguma iyyuu, Daawitiif amanamaa akka taʼu buʼuura kan isaaf taʼe Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaa ti. Kana malees, lamaan isaanii iyyuu kakuu galaniif amanamoo taʼanii jiraataniiru. Kiristiyaanota waan taaneef, kan dinqisiifannu amanamummaa warri kaan argisiisan qofa miti; nuti mataan keenya iyyuu miseensota maatii keenyaaf, michoota keenyaa fi namoota nuu wajjin waaqeffataniif amanamoo dha. (1 Tas. 2:10, 11) Haa taʼu malee, garaa keenya keessatti iddoo tokkoffaa qabaachuu kan qabu amanamummaa eenyuuf qabnu dha? Amanamummaa Qaama isa jireenya nuu kenne sanaaf qabnu dha! (Mul. 4:11) Amanamummaa kana eegnee jiraachuun keenya gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa. Haa taʼu malee, Waaqayyoof amanamoo taʼuu keenya argisiisuu yoo barbaadne, qorumsawwan ulfaataa taʼan keessatti illee isatti maxxanuu qabna. w16.02 3:3, 4

Kamisa, Hagayya 3

Daaniʼel . . . akka of hin xureessineef garaa murate. —Dan. 1:8.

Namni gaʼeessi wantoota itti amanuu wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa qaba. Akka gaararraa naannoo isaa fakkaachuuf jecha bifa isaa jijijjiiruu miti. Galma Mootummaatti michuu Waaqayyoo mana barumsaatti immoo michuu addunyaa hin taʼu. Yeroo qorumsi amantii isa mudatutti illee asiif achi raafamuu mannaa jabaatee dhaabata. (Efe. 4:14, 15) Dhugaa dha namni hirʼina hin qabne hin jiru; dargaggoonnis taʼan namoonni guguddaan darbee darbee dogoggora ni raawwatu. (Lal. 7:20) Taʼus, cuuphamuuf yeroo yaaddutti, ulaagaalee Yihowaatti maxxanuuf kan murteessite hamma maaliitti akka taʼe qoruun kee gaarii dha. ‘Ulaagaalee Waaqayyoo hordofuu wajjin haala wal qabateen kanaan dura maal godheera?’ jedhii of gaafadhu. Qorumsa amantii dhiheenyatti si mudate irratti tarkaanfii akkamitti akka fudhatte yaadi. Hubannaa, hamaa fi gaarii addaan baasuuf barbaachisu akka qabdu argisiisteettaa? Akkuma Daaniʼel, namoonni addunyaa keessatti argaman dandeettii qabdu tokkotti fayyadamuu akka qabdu akka sitti dhagaʼamu yoo godhan hoo? Fedhiin Yihowaa fi wanti ati raawwachuuf qoramte kan walitti buʼu yoo taʼe illee, ‘jaalalli gooftaa maal akka taʼe hubachuu’ ni dandeessaa?—Efe. 5:17. w16.03 1:7-9

Jimaata, Hagayya 4

Guyyoonni sun guyyoota rakkinaa in taʼu; rakkinni akkasiis erga Waaqayyo biyya lafaa uumee jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebiʼees hin taʼu.—Mar. 13:19.

Kan jiraannu yeroo Kitaabni Qulqulluun “Guyyoota gara dhumaa” jedhee waamu keessa siʼa taʼu, gara fuulduraatti immoo rakkina guddaa kanaan dura taʼee hin beeknetu nu eeggata. (2 Xim. 3:1) Kana malees, Seexannii fi ergamoonni isaa samii irraa gad darbatamanii naannoo lafaatti daangeffamaniiru; kun immoo namoota lafa irra jiraatanitti rakkina guddaa fideera. (Mul. 12:9, 12) Namoota afaan garaa garaa dubbatan haasofsiisuudhaan, duula lallabaa seena qabeessaa fi kanaan dura taʼee hin beekne akka raawwannuuf hojiin nuuf kennameera! Eebba Waaqayyoo argachuu keenya itti fufuuf, qajeelfamawwan karaa gumii Kiristiyaanaa nuuf kennaman hundaaf xiyyeeffannaa kennuu akka qabnu beekamaa dha. Yeroo ammaatti ajajamuu amaleeffachuun keenya, qajeelfamawwan yeroo “rakkinni guddaan” sirna Seexanaa hamaa taʼe kana balleessu dhufutti nuuf kennaman hordofuuf nu gargaara. (Mat. 24:21) Sana booda, addunyaa haaraa keessa yeroo jiraannutti qajeelfamawwan haaraatu nu barbaachisa. w16.03 4:16, 18

Sanbadduraa, Hagayya 5

Aaricha keessaa . . .  hawaannisatu lafatti baʼe. —Mul. 9:3.

Yohannis ergamaan, Dh.K.B. xumura jaarraa jalqabaatti ergamoota malakata afuufan torba mulʼataan argee ture. Ergamaan inni shanaffaan malakata isaa yommuu afuufu, Yohannis ‘urjiin tokko’ samii irraa yommuu lafa dhaʼu arge. ‘Urjichi’ banaa boolla lafa jalaa ittiin banu of harkaa qaba ture. Aarri guddaan kan kaʼe siʼa taʼu, aaricha keessaas gurmuun hawaannisaa ol yaaʼe. Gurmuun hawaannisaa fakkeenyaan ibsame kun biqiltoota nyaachuu mannaa, “namoota warra mallattoo Waaqayyoo addattii hin qabne” miidhe. (Mul. 9:1-4) Yohannis badii guddaa gurmuun hawaannisaa geessisuu dandaʼu akka beeku hin shakkisiisu. Dhaʼichi hawaannisaa bara Museetti Gibxii durii keessatti miidhaa guddaa geessisee ture. (Bau. 10:12-15) Fakkeenyi hawaannisaa Yohannis arge, Kiristiyaanota dibamoo ergaa murtoo Yihowaa cimaa taʼe labsan akka gaariitti ibsuu dandaʼa. Michoonni isaanii miliyoonaan lakkaaʼamanii fi lafa irra jiraachuuf abdii qabanis isaanii wajjin hojjechaa jiru. Hojii lallabaa kana irratti tokkummaa qabaachuun keenya, dhiibbaa Seexanni amantii sobaatti fayyadamee addunyaa maratti geessisaa jiru laaffisuun isaa nama hin dinqisiisu! w16.03 3:3

Dilbata, Hagayya 6

Wanta dinqisiisaa seera kee keessaa akkan argutti, ati ija koo anaaf bani!—Far. 119:18.

Dhugaan Mootummichaa yaadaa fi gocha obboleessa muuxannoo baayʼee hin qabne tokkoo irratti hammam jijjiirama akka fide beekuuf, ‘Yihowaadhaaf of murteessuun kee akkaataa jireenya keetti itti fayyadamtu irratti jijjiirama akkamii fide?’ jedhee jaarsi tokko isa gaafachuu dandaʼa. Gaaffiin kun, wanta tajaajila keenya garaa guutuudhaan dhiheessuuf nu gargaaru ilaalchisee marii gaarii gochuuf isa dandeessisa. (Mar. 12:29, 30) Tarii marii isaanii yeroo xumuran, Yihowaan hafuura qulqulluu leenjii isaatiif isa barbaachisu akka isaaf kennu kadhannaa dhiheessuu ni dandaʼa. Jaarsoliin garaadhaa yommuu isaaf kadhatan yeroo dhagaʼu obboleessi kun baayʼee akka jajjabaatu hin shakkisiisu! Jalqaba leenjichaa irratti, jaarsi tokko seenaawwan Macaafa Qulqulluu barataan sun fedhii qabaachuun, amanamaa taʼuunii fi gad of deebisuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaran ilaaluu dandaʼa. (1 Mot. 19:19-21; Nah. 7:2; 13:13; HoE. 18:24-26) Akkuma xaaʼoon biyyoodhaaf baayʼee barbaachisaa taʼe, amaloonni kunis barataa tokkoof baayʼee barbaachisu. Karaa hafuuraa dafee akka guddatu godhu. Akkasumas ‘wanta dinqisiisaa’ Dubbii Waaqayyoo keessa jiruuf ‘ija isaa banuuf’ gargaara. w15 4/15 2:3, 4

Wiixata, Hagayya 7

Waaqayyotti dhiʼaadhaa.—Yaq. 4:8.

Yihowaatti dhihaachuuf yeroo hunda isaa wajjin wal qunnamuun baayʼee barbaachisaa dha. Waaqayyoo wajjin wal qunnamuu kan dandeessu akkamitti? Yihowaatti kan dubbattu kadhannaa yeroo hunda isatti dhiheessituuni dha. (Far. 142:2) Yommuu yeroo hunda Dubbii isaa dubbistuu fi irratti xiinxaltu immoo Waaqayyo akka sitti dubbatu gochaa jirta jechuun ni dandaʼama. (Isa. 30:20, 21) Kadhannaa kee irratti dhimma tokko adda baastee yeroo caqastu, ifatti kan mulʼatu taʼuu baatus deebii Yihowaan sii kenne sirriitti hubachuu ni dandeessa. Kadhannaa keetiif deebii argachuun kee Yihowaan caalaatti akka sii dhugoomu godha. Kana malees, wanta si yaaddessu Yihowaadhaaf yeroo ibsitu, innis caalaatti sitti dhihaata. Yihowaatti dhihaachuu keenya jireenya keenya guutuu itti fufna. Inni nutti dhihaachuudhaaf tarkaanfii akka fudhatu yoo barbaanne, nutis isatti dhihaachuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Kanaaf, karaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu fi kadhannaa, yeroo hunda Yihowaa wajjin wal qunnamuuf carraaqqii haa goonu. Akkas yeroo goonu walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu guddachaa waan deemuuf, qorumsa nu mudatu dandamachuu ni dandeenya. w15 4/15 3:3, 14, 16

Kibxata, Hagayya 8

Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa. —1 Phe. 5:8.

Caqasni kun hammeenya Seexanaa akka gaariitti ibsa! Addunyaan marri toʼannaa isaa jala taʼus, namoota dabalataa argachuuf dharraʼa. Seexanni saba Yihowaa liqimsuuf hawwa. Ariʼatamni inni jaarraa tokkoffaatii jalqabee hamma yoonaatti utuu wal irra hin kutin duuka buutota Yesus irra geessisaa jiru, inni hammam hamaa akka taʼe nuu mirkaneessa. Leenci baayʼee beelaʼe bineensa qabateef hin hilu. Ajjeesuu isaa dura garaa hin laafuuf, erga ajjeesee boodas hin gaabbu. Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni namoota miidhaa irra geessisuuf hin gaddu. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼeloonni cubbuu akka ejjaa fi sassataatiin kufanitti, Seexanni akkamitti riphee isaan ilaalaa akka ture mee yaadi. Seenaa gaddisiisaa waaʼee Ziimrii isa ejja raawwatee fi Gehaaz isa sassattuu dubbatu yeroo dubbistu, leencichi inni aadu injifachuu isaatti hammam akka gammade sitti mulʼataa?—Lak. 25:6-8, 14, 15; 2 Mot. 5:20-27. w15 5/15 1:8, 9

Roobii, Hagayya 9

[Seexanaan] mormaa! Innis isin dhiisee in baqata. —Yaq. 4:7.

Seexana loluu fi moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yesus bartoota isaatiin, “Rakkina obsuu keessaniin [“lubbuu keessan ni oolfattu,” NW]” jedheera. (Luq. 21:19) Wanti ilmaan namootaa godhan kam iyyuu miidhaa bara baraa nu irra geessisuu hin dandaʼu. Nuti yoo heyyamne malee, eenyu iyyuu michummaa Yihowaa wajjin qabnu isa gati jabeessa taʼe nu jalaa balleessuu hin dandaʼu. (Rom. 8:38, 39) Tajaajiltoonni Yihowaa yoo duʼan illee Seexanni injifateera jechuu miti; sababiin isaas Yihowaan duʼaa isaan ni kaasa! (Yoh. 5:28, 29) Seexanni garuu abdii hin qabu. Sirni isaa inni Waaqa irraa fagaate erga balleeffamee booda, Seexanni waggaa 1,000f boolla keessatti hidhama. (Mul. 20:1-3) Bulchiinsa Yesus Waggaa Kuma Tokkoo booda, Seexanni yeroo dhumaatiif ilmaan namootaa mudaa hin qabne akka qoruuf yeroo gabaabaadhaaf “iddoo itti hidhamee turee gad in dhiifama.” Sana booda, Diiyaabilos ni balleeffama. (Mul. 20:7-10) Inni abdii hin qabu; isin garuu abdii qabdu! Seexana mormaa; amantiittis jabaadhaa. (1 Phe. 5:9) Seexana loluu fi moʼuu ni dandeessu! w15 5/15 2:1, 18

Kamisa, Hagayya 10

Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.—Fak. 22:3.

Namni hubataan xiinxaluun akka ibiddaa taʼuu isaa ni hubata. Ibiddi karaa sirrii taʼeen yoo itti gargaaramne faayidaa qaba; fakkeenyaaf nyaata bilcheessuuf gargaara. Haa taʼu malee, ibiddi toʼatamuu baannaan balaa guddaa geessisuu, tarii mana gubuu fi namoota keessa jiraatan ajjeesuu ni dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, xiinxaluun keenya fakkeenya Yihowaa hordofuuf kan nu gargaaru yoo taʼe, faayida qabeessa taʼa. Wantoota qunnamtii saalaa wajjin wal qabatan irratti xiinxaluun garuu miidhaa nu irra geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf wantoota cubbuu taʼan irratti xiinxaluu amaleeffachuun, wantoota kana raawwachuutti nu geessuu dandaʼa. Eeyyee, fedhii foonii irratti xiinxaluun karaa hafuuraa balaa guddaa geessisuu dandaʼa! (Yaq. 1:14, 15) Yesus wantoota qunnamtii saalaa wajjin wal qabatan irratti xiinxaluun sirrii akka hin taane dubbateera. “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jedheera.—Mat. 5:28. w15 5/15 4:11, 12, 14

Jimaata, Hagayya 11

Keessumaa ilmaan namootaa baayʼee nan jaalladhan ture. —Fak. 8:31, NW.

Sababii guddaan Yesus akka lallabu isa kakaase ilmaan namootaatiif garaadhaa waan yaaduuf ture. Yeroo tokko haalli nama gaddisiisu tokko Yesusiin mudatee ture. (Mar. 1:39, 40) Fuullee isaatti nama dhukkuba nama sodaachisuun, jechuunis dhukkuba lamxiitiin qabame tokko arge. Luqaas inni ogeessa fayyaa taʼe dhukkubni namichaa sadarkaa guddaa irra gaʼuu isaa waan hubateef, ‘namichi dhagni isaa guutuun akka lamxaaʼe’ dubbateera. (Luq. 5:12) “[Namichi lamxaaʼe kun] Yesusin yommuu arge, adda isaatiin lafa dhaʼee, ‘Yaa gooftaa, fedha kee yoo taʼe na qulleessuu in dandeessa’ jedhee isa kadhate.” Namichi Yesus isa fayyisuuf humna akka qabu beeka ture; wanti inni beekuu barbaade garuu Yesus isa fayyisuuf fedhii qabaachuu fi dhiisuu isaa ture. Yesus gaaffii garaadhaa madde kanaaf deebii akkamii kenne? Harka isaa diriirsee namicha lamxaaʼe sana erga qabee booda, sagalee ciminaa fi gara laafina akka qabu argisiisuun, “Fedheera qullaaʼi!” jedheen. Achii “namichi lamxii isaa irraa qullaaʼe.” (Luq. 5:13) Eeyyee, Yesus jaalala guddaa namootaaf qabu argisiiseera.—Luq. 5:17. w15 6/15 2:3-5

Sanbadduraa, Hagayya 12

Namni namaa wajjin walii hin galle . . . ogummaa [guutuudhaan] in morma.—Fak. 18:1.

Kiristiyaanota muuxannoo qabanitti ija jabinaan haala keenya himuun keenya, fedhii dogoggoraa tokko sirrii fakkeessuuf sababii dhiheessuu irraa nu eeguu dandaʼa. (Ibr. 3:12, 13) Kiristiyaana karaa hafuuraa gaʼumsa qabuu wajjin waaʼee dadhabina keenyaa haasaʼuun keenya, dogoggora of irratti hin argine hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kun immoo jaalala Yihowaa keessatti of eeguuf sirreeffama barbaachisu akka goonu nu gargaaruu dandaʼa. Keessumaa jaarsoliin gumii nu gargaaruuf gaʼumsa qabu. (Yaq. 5:13-15) Namni tokko yaada xuraaʼaa kan qabaate poornoogiraafii ilaaluu amaleeffachuu isaatiin yoo taʼe, gargaarsa gaafachuun isaa baayʼee barbaachisaa dha. Dafee gargaarsa gaafachuu baannaan, fedhiin xuraaʼaan ‘erga iddoo gaʼee cubbuu dhala’; kun immoo namoota kaan kan miidhu taʼuu isaa irra iyyuu maqaa Yihowaa irratti arrabsoo fida. Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun isa gammachiisuu fi gumii Kiristiyaanaa keessa jiraachuu isaanii itti fufuuf fedhii kan qaban taʼuun isaanii, gargaarsa jaalalaan isaaniif godhamu fudhachuuf isaan kakaaseera.—Yaq. 1:15; Far. 141:5; Ibr. 12:5, 6. w15 6/15 3:15-17

Dilbata, Hagayya 13

Guyyaa sanatti tokkon tokkon raajotaa, raajii isa mulʼataan argan sanaaf in yeellaʼu; nama gowwoomsuudhaaf jedhaniis uffata raajotaa isa dabbasaa qabu sana uffachuu in dhiisu.—Zak. 13:4.

Baabilon Guddittiin ni balleeffamti jechuun, namoonni kanaan dura miseensota ishee turanis ni balleeffamu jechuu dhaa? Akkas akka hin taane ifa dha. Geggeessitoota amantii keessaa illee tokko tokko, hojii amantii hojjechaa turan ni dhaabu; akkasumas, kanaan dura miseensa amantii sobaa akka turan illee ni haalu. (Zak. 13:5, 6) Yeroo sanatti sabni Waaqayyoo maal taʼu? Yesus, “Guyyoonni sun utuu gabaabbachuu dhaabaatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra foʼamaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru” jechuudhaan ibseera. (Mat. 24:22) Dh.K.B. bara 66tti rakkinichi ‘gabaabbatee’ ture. Kun immoo ‘warri foʼaman,’ jechuunis Kiristiyaanonni dibamoon magaalattii keessaas taʼe naannoo isheetii akka baqatan isaan dandeessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, kutaan jalqabaa rakkina guddaa gara fuulduraatti dhufuuf jedhuus, ‘warra foʼamaniif’ jecha yeroon isaa ni ‘gabaabbata.’ Humnoonni siyaasaa ‘gaanfa kudhanitti’ fakkeeffaman, saba Waaqayyoo akka balleessan isaaniif hin heyyamamu. (Mul. 17:16) Kanaa mannaa, yeroo muraasaaf boqonnaatu argama. w15 7/15 2:5, 6

Wiixata, Hagayya 14

Inni isa qoru [ni] dhufe. —Mat. 4:3.

Namni tokko qoramatti of galchuus taʼe of galchuu dhiisuu ni dandaʼa. (Mat. 6:13; Yaq. 1:13-15) Yesus Dubbii Waaqayyoo irraa caqasuudhaan qorumsa Diiyaabilos isaaf dhiheesse hundumaa of irraa ittiseera. Karaa kanaan, ol aantummaa Waaqayyoo guutummaatti deggereera. Seexanni garuu abdii hin kutanne. “Hanga yeroo mijaaʼaa gara biraa argatutti isa dhiisee deeme.” (Luq. 4:13, NW) Yesus carraaqqii Seexanni amanamummaa isaa jalaa balleessuuf godhe of irraa ittisuu isaa itti fufee ture. Haa taʼu malee, Seexanni si dabalatee duuka buutota Yesus hunda kiyyootti galchuu barbaada. Gaaffiin ol aantummaa Yihowaa ilaalchisee kaʼe amma iyyuu deebii waan barbaaduuf, Yihowaan Seexanni biyya lafaa kanatti fayyadamee akka nu qoru heyyameera. Kana jechuun garuu, Waaqayyo qoramatti nu galcha jechuu miti. Kanaa mannaa nutti amanama; nu gargaaruus ni barbaada. Yihowaan mirga filachuuf qabnu waan nuu kabajuuf, qoramatti akka hin galle dhiibbaa nu irratti hin godhu. Qoramatti akka hin galleef wantoota lama, jechuunis karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu fi kadhannaatti jabaachuu qabna. w15 6/15 5:13, 14

Kibxata, Hagayya 15

Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu. —2 Qor. 6:3.

Kiristiyaanonni dhimmoota siyaasaa wajjin wal qabatan ilaalchisee murtoo sirrii gochuuf, sammuu fi yaada garaa isaanii leenjisuu qabu. (Rom. 14:19) Fakkeenyaaf, Miiriyataa ishee Yugozlaaviyaa durii keessa jiraattu ilaali. Naannoo isheen itti guddattetti namoonni Sarbiyaa ni jibbamu. Yihowaan akka nama wal hin caalchisnee fi sanyiidhaan wal qooduu kan kakaasu Seexana akka taʼe erga barattee booda miira sabboonummaa of keessaa baasuuf carraaqqii gochuu jalqabde. Haa taʼu malee, naannoo isheetti walitti buʼiinsi sanyii yeroo uumametti, jibbi kanaan dura qabdu guddachuu waan jalqabeef warra Sarbiyaatiif lallabuun itti ulfaatee ture. Yeroo kanatti callistee taaʼuudhaan fedhiin dogoggoraa kun akka ishee keessaa baʼu abdachuu akka hin qabne hubatte. Rakkina kana moʼuu akka dandeessuuf akka ishee gargaaru Yihowaa kadhatte. Akkana jetteetti: “Tajaajila irratti xiyyeeffachuun koo baayʼee na gargaareera. Tajaajila irratti jaalala Yihowaa hordofuuf kanan yaalu siʼa taʼu, ilaalchi dogoggoraa ani qabu yeroo badu argeera.” w15 7/15 3:11-13

Roobii, Hagayya 16

Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara. —2 Sen. 16:9.

Yoshaafaax isa mootii Yihudaa turee wajjin haala wal qabateen wanta taʼe qalbeeffadhu. Ahaab inni mootii Israaʼel taʼe waraanaaf yommuu kaʼu, Yoshaafaax isa gargaaruuf walii galuudhaan murtoo gadhee godhee ture. Raajonni sobaa 400 taʼan Ahaab inni hamaa taʼe milkaaʼina akka argatu kan dubbatan taʼus, raajii Yihowaa isa dhugaa kan taʼe Miikiyaas garuu akka moʼamu raajii dubbatee ture. Ahaab waraanicha irratti kan duʼe siʼa taʼu, Yoshaafaax immoo baqatee hamma xinnoodhaaf duʼa irraa ooleera. Yerusaalemitti erga deebiʼee booda Ahaabiin deggeruu isaatiin ifatamee ture. Taʼu iyyuu, ilma Haannaanii isa mulʼata arguu kan taʼe Yehuun, Yoshaafaaxiin “Wanti gaariin si irraa argameera” (hiika bara 1899) jedhee ture. (2 Sen. 18:4, 5, 18-22, 33, 34; 19:1-3) Yoshaafaax gocha gowwummaa kan raawwate taʼus, Yihowaan wanta gaarii inni godhe utuu hin argin hin hafne. (2 Sen. 17:3-10) Seenaan Macaafa Qulqulluu kun, nuyis mudaa kan qabnu taanus garaa guutuudhaan isa gammachiisuu kan barbaadnu yoo taʼe Yihowaan hamma dhumaatti akka nu jaallatu nu yaadachiisa. w15 8/15 1:8, 9

Kamisa, Hagayya 17

Wanta gaarii akka hojjetan . . . isaan ajaji; jireenya isa dhugaa jabeessanii qabachuu akka dandaʼaniif.—1 Xim. 6:18, 19, NW.

Jireenya addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraatuuf ammuma qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, biyya kan biraa deemnee achi jiraachuuf karoorfanneerra haa jennu. Qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Afaan namoonni biyya sanaa dubbatan barachuu jalqabna taʼa. Waaʼee aadaa isaanii beekuunis nu fayyada. Akkasumas, nyaata isaanii tokko tokko dhandhamachuuf yaalla taʼa. Hamma tokko akkuma namoota biyya sanaatti jiraachuu jalqabna. Yeroo achi geenyu immoo, haala akkasiitiin akka jiraannu eegna. Haaluma wal fakkaatun, hamma dandeenye jireenya addunyaa haaraa keessatti jiraannu ammuma jiraachuudhaan, jireenya sanaaf qophaaʼuu dandeenya. Namoonni hedduun ofiin of bulchuun barbaachisaa akka taʼee fi Waaqayyoof bitamuun barbaachisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama. Ilaalchi akkasii rakkinnii fi haalli gaddisiisaan hedduun akka jiraatu godheera. (Er. 10:23) Yeroo namoonni hundi ol aantummaa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼeef itti bitaman hawwiidhaan eegganna! w15 8/15 3:4, 5

Jimaata, Hagayya 18

Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!—2 Qor. 6:14.

Keessumaa Kiristiyaanonni qeenxeen gaaʼela godhachuu barbaadan hiriyummaa irratti of eeggannoo gochuun isaanii barbaachisaa dha. Macaafni Qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo gaaʼela godhachuu barbaadan “nama amane,” jechuunis tajaajilaa Yihowaa of murteessee cuuphamee fi akka barumsa Caaffata Qulqullaaʼootti jiraatu qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhatan gorsa. (1 Qor. 7:39) Kiristiyaanonni namoota hidhata amantii isaanii taʼan hiriyaa gaaʼelaa godhachuudhaan, hiriyoota Yihowaadhaaf of murteessanii fi amanamummaa isaaf qaban eeganii akka jiraatan isaan gargaaran argachuu ni dandaʼu. Yihowaan wanta tajaajiltoota isaatiif gaarii taʼe kan beeku siʼa taʼu, ilaalchi inni gaaʼelaaf qabus hin jijijjiiramu. Gorsa salphaatti hubatamuu dandaʼuu fi karaa Musee Israaʼelootaaf kenne ilaalaa. Israaʼeloonni saboota naannoo isaanii jiranii fi tajaajiltoota Yihowaa hin taane ilaalchisee qajeelfamni akkana jedhu isaaniif kennamee ture: “Isaanitti hin soddoomin, . . . Kanaa achi isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu.”—Kes. 7:3, 4. w15 8/15 4:12, 13

Sanbadduraa, Hagayya 19

Kunis isin wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastanii beekuudhaan, . . . mudaa kan hin qabne akka taatanii fi warra kaan akka hin gufachiisneefi. —Filp. 1:10, NW.

Yaada garaa keenyaa leenjisuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuu kan dandeenyu, yeroo hunda kadhannaadhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan, wanta dubbisne irratti xiinxaluudhaan, wanta barannes hojii irra oolchuudhaani. Kun odeeffannoo walitti qabachuu fi seerawwan barachuu caalaa wanta dabalatu akka qabu ifa dha. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu keenya Yihowaa, eenyummaa isaa, amalawwan isaa, akkasumas wanta inni jaallatuu fi jibbu caalaatti akka beeknu kan nu gargaaru taʼuu qaba. Waaʼee Yihowaa caalaatti barachaa yommuu deemnu, yaadni garaa keenyaa karaawwan Yihowaa wajjin kan wal simu taʼaa deema. Kun immoo hamma dandeenye isa fakkaachuuf fedhii akka qabaannu gochuudhaan garaa keenya kakaasuu qaba. Haa taʼu malee, Murtoo obboleessi tokko yaada garaa isaa irratti hundaaʼee godhu yoo hubachuu baanne, itti murteessuuf jarjaruu hin qabnu; yookiin yaada isaa akka jijjiiru gochuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Yaadni garaa isaa amma iyyuu “dadhabaa” fi leenjii argachuun kan isa barbaachisu ykn dhimmawwan tokko tokkoo wajjin haala wal qabateen dafee kan hubamu taʼuu dandaʼa.—1 Qor. 8:11, 12. w15 9/15 2:4, 8, 10

Dilbata, Hagayya 20

Lafa . . . ilmaan namaatiif kenne.—Far. 115:16.

Lafti uumamawwan Waaqayyo uume hunda irraa adda taʼuu hin ooltu. Mee yaadaa, Yihowaan pilaaneetota hedduu Milkii Weey keessattii fi isaa alatti argaman irraa haala adda taʼeen, lafa kana akka irra jiraannuuf qofa utuu hin taʼin jireenyaaf mijooftuu fi bareedduu godhee uume! (Isa. 45:18) Kun Yihowaan hammam akka nu jaallatu argisiisa. (Iyo. 38:4, 7; Far. 8:3-5) Yihowaan bakka jireenyaa dinqisiisaa taʼe kan nuu uume taʼus, gammadoo taʼuuf wantoota akkasii caalaa wanti nu barbaachisu akka jiru beeka. Mucaa xinnoon tokko, warri isaa akka isa jaallatanii fi xiyyeeffannaa akka isaaf kennan yeroo beeku eegumsa jala akka jiru itti dhagaʼama. Yihowaan, namoonni jaalalaa fi kunuunsa isaa hubachuu akka dandaʼan gochuudhaan akka bifa isaatti isaan uume. (Uma. 1:27) Kana malees Yesus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jedheera. (Mat. 5:3) Yihowaan Abbaa nu jaallatu waan taʼeef, karaa fooniis taʼe karaa hafuuraa ‘waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baayʼisee nuuf kenna.’—1 Xim. 6:17; Far. 145:16. w15 9/15 4:6, 7

Wiixata, Hagayya 21

Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa duʼaa ti. —Fak. 14:12.

Faarfatichi akka armaan gadii jechuudhaan ilaalcha sirrii akka qabu argisiiseera: “Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebiʼee gargaarsa isa biraa anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo taʼuu isaatiifis isa jajachuufan jira! Lubbuun koo ana keessatti gadditee dhiphatteetti, kanaafis ani . . . sin yaadadha.” (Far. 42:5, 6) Kun Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabu kan argisiisu dha. Ati hoo Abbaa kee isa samii akka jaallattuu fi isa irratti amanannaa akka qabdu ni argisiistaa? Deebiin kee eeyyee kan jedhu yoo taʼe illee, wanta Macaafni Qulqulluun nutti himu irratti hundaaʼuudhaan amantii isa irratti qabdu guddifachuu dandeessa. Akkana jedha: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.” (Fak. 3:5, 6) Yihowaan dursee nu jaallachuudhaan akkamitti isa jaallachuu akka qabnu nutti argisiiseera. (1 Yoh. 4:19) Yeroo hundumaa fakkeenya isaa kana haa yaadannu. ‘Garaa keenya guutuudhaan, jireenya keenya guutuudhaan, yaada keenya guutuudhaan, humna keenya guutuudhaanis akka isa jaallannu’ argisiisuu keenya itti haa fufnu.—Mar. 12:30. w15 9/15 5:17-19

Kibxata, Hagayya 22

Anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna.—Iya. 24:15.

Tajaajila irratti yeroo hirmaannu namoonni kaan amantii akka qabaatan gochuu qofa utuu hin taʼin, amantiin keenyas ni guddata. Akkuma Kiristiyaanota durii, Yihowaa irratti amantii guutuu qabaachuu fi haala akkamii keessatti iyyuu ija jabinaan dubbachuu baranna. (HoE. 4:17-20; 13:46) Wanta Yihowaan jireenya keenya keessatti nuu godhee fi kadhannaa keenyaaf akkamitti deebii akka kenne yeroo yaadnu, amantiin keenya ni guddata. Kun jireenya Kaalebii fi Iyaasuu irratti mulʼateera. Biyyattii Abdachiifamte yeroo basaasanitti, Yihowaa irratti amantii qabaachuu isaanii argisiisaniiru. Haa taʼu malee, sana booda Yihowaan jireenya isaanii keessatti yeroo hunda akka isaan geggeessu yommuu argan, amantiin isaanii caalaatti guddateera. Iyaasuun Israaʼelootaan, “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee . . . hin hafne” jechuudhaan amanannaadhaan dubbachuun isaa nama hin dinqisiisu. Booddees itti dabaluudhaan, “Amma egaa Waaqayyoon sodaadhaa, amanamummaa guutuudhaanis isaaf hojjedhaa!” jedheera. (Iya. 23:14; 24:14) Nuyis gaarummaa Yihowaa dhandhamannee yoo ilaalle, amanannaa akkanaa qabaachuu dandeenya.—Far. 34:8. w15 10/15 2:10, 11

Roobii, Hagayya 23

Izraan garaa isaa qopheessee ture. —Iz. 7:10, NW.

Haasaan sabaa yeroo dhihaatu, akkasumas walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo irratti yaadannoo ni qabattaa? Yaadannoowwan qabatte kana irra deebitee ilaaluun kee, wanta Dubbii Waaqayyoo fi jaarmiyaa isaa irraa baratte irratti xiinxaluuf carraa gaarii siif bana. Kana malees, barruuleen Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! yeroo yerootti baʼan, akkasumas barreeffamoonni haaraan walgaʼii irratti baʼan, odeeffannoo haaraa dubbisnee irratti xiinxaluu dandeenyu kan qabatani dha. Kitaaba Waggaa yeroo dubbistu takka dhaabachuun kee wanta dubbiste irratti akka yaadduu fi muuxannoon dubbiste garaa kee akka tuqu godha. Barreeffama tokko yeroo dubbistu yaada ijoo jala sararachuu ykn barreeffamicha irratti yaadannoo qabachuu dandeessa. Kana gochuun kee yeroo deddeebii gaaffiitiif, hojii tikaatiif ykn haasaadhaaf qophooftu si gargaaruu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, yeroo barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbistu darbee darbee takka dhaabachuudhaan xiinxaluun kee, wanta dubbiste sana yaadatti qabachuu fi wanta gaarii barachaa jirtuuf Yihowaa galateeffachuuf carraa siif bana. w15 10/15 4:9, 10

Kamisa, Hagayya 24

Yesus .  . Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture. —Luq. 2:52.

Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleen isaanii yeroo cuuphaman arguu caalaa wanti isaan gammachiisu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Barniis isheen ijoolleen ishee arfan umuriin isaanii waggaa 14 utuu hin guutin cuuphaman akkana jetteetti: “Yeroo miirri keenya garmalee itti tuqame ture. Ijoolleen keenya Yihowaa tajaajiluu barbaaduun isaanii nu gammachiisee ture.” Itti dabaluudhaanis, “Taʼus, ijoolleen keenya umurii waggoota kurnanii keessa waan jiraniif qorumsi baayʼeen akka isaan eeggatus beekna turre” jetteetti. Hayyuun guddina ijoollee irratti qorannaa godhan tokko akkana jedhaniiru: “Dargaggummaan yeroo ‘maraatuu’ ykn ‘gowwaa’ itti taʼan miti. Yeroo cimina miiraa itti qabaatan, hawaasaa wajjin walitti dhufeenya itti uumanii fi dandeettiin waa uumuu itti mulʼatu dha.” Ijoolleen keessan yeroo dargaggummaa isaaniitti walitti dhufeenya gaarii Yihowaa wajjin qaban guddifachuu, galmawwan tajaajilaa wajjin wal qabatan baafachuu fi hordofuu dandaʼu, akkasumas ofuma isaaniitiin kakaʼanii Yihowaadhaaf of murteessuu fi murtoo isaanii wajjin wal simanii jiraachuu dandaʼu. Umuriin dargaggummaa akkuma Yesus ijoollummaa isaatti godhe karaa hafuuraa guddina gochuuf mijataa akka taʼe ni hubatu taʼa. w15 11/15 2:1, 2

Jimaata, Hagayya 25

Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu! —Mat. 6:10.

Waaqayyo Mootummaa Masiihichaa qopheessuun isaas namootaaf jaalala akka qabu argisiisa. Yihowaan bulchiinsa kana Ilma isaa isa ilmaan namootaa jaallatuu fi bulchuuf gaʼumsa guddaa qabutti kenneera. (Fak. 8:31) Warri 144,000 nama taʼanii waan dabarsaniif, Yesusii wajjin bulchuuf gara samii yeroo dhaqanittis jireenyi ilmaan namootaa maal akka fakkaatu beeku. (Mul. 14:1) Mootummichi barumsa Yesus isa guddaa ture; bartoonni isaas waaʼee Mootummichaa fi eebba inni fiduu akka kadhatan barsiiseera. Raajii Kitaaba Qulqulluu irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Mootummaan Waaqayyoo inni samii yeroo Yesus bara 1914tti mootii taʼetti hundeeffame. Yeroo sanaa kaasee, namoota Yesusii wajjin samii irratti bulchan keessaa warri hafan, akkasumas ‘tuutni sonaan baayʼeen’ warri badiisa sirna kanaa irraa oolanii gara addunyaa haaraatti galan sassaabamaa jiru.—Mul. 7:9, 13, 14. w15 11/15 3:16, 18

Sanbadduraa, Hagayya 26

Dhaggeeffadhu, ani nan dubbadha. —Iyo. 42:4.

Yohannis ergamaan, michuu Waaqayyoo isa jalqabaa sana “Sagalicha,” akkasumas “isa wanti Waaqayyo uume hundinuu biraa kaʼe” jedhee ibseera. (Yoh. 1:1; Mul. 3:14) Yihowaan yaada isaa fi miira isaa Ilma isaa isa angafaa kanaaf ibseera. (Yoh. 1:14, 17; Qol. 1:15) Phaawulos ergamaan, waaʼee ‘afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbatanii’ kan caqase siʼa taʼu, qooqni qaamonni samii ittiin walii galan kun qooqa namootaa irra ni caala. (1 Qor. 13:1) Yihowaan waaʼee uumamawwan biliyoonaan lakkaaʼaman, warra yaaduu dandaʼanii fi lafa irras taʼe samii irratti argamanii akka gaariitti beeka. Namoonni hangana hin jedhamne al takkaatti qooqa hedduudhaan isa kadhachuu dandaʼu. Yihowaan kadhannaawwan kana dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, utuma kadhannaawwan kana dhagaʼaa jiruu ergamoota samii keessa jiraniif qajeelfama ni kenna, akkasumas yaada isaa isaaniif ni ibsa. Kana gochuuf immoo yaadni isaa, qooqni isaa fi akkaataan inni itti yaada isaa ibsu kan namootaa irra guddaa kan caalu taʼuu qaba. (Isa. 55:8, 9) Yihowaan yommuu yaada isaa namootaaf ibsu, namoonni hubachuu akka dandaʼaniif karaa salphaa taʼeen yaada isaa akka ibsu beekamaa dha. w15 12/15 1:1, 2

Dilbata, Hagayya 27

Akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.—Isa. 11:9.

Biyyoota hedduutti Kitaabni Qulqulluun miʼaa fi salphaatti kan hin argamne waan taʼeef, Kitaaba Qulqulluu tokko argachuun illee eebba guddaa dha. Gabaasni Ruwaandaadhaa ergame tokko akkana jedha: “Waggoota hedduudhaaf namoonni obbolootaa wajjin qoʼachaa turan hedduun Kitaaba Qulqulluu waan hin qabneef guddina gochuu hin dandeenye. Kitaaba Qulqulluu waldaaleen amantii biyya sanaa qopheessan bitachuuf humna hin qaban. Yeroo baayʼee hiika caqasoota tokko tokkoo sirriitti hubachuu dadhabuun isaaniis, guddina isaanii irratti dhiibbaa geessiseera.” Yommuu Hiikni Addunyaa Haaraa afaan isaaniitiin qophaaʼetti garuu haalli isaa ni jijjiirame. Maatiin Ruwaandaa keessatti argamuu fi ijoollee umurii waggoota kurnanii keessatti argaman afur qabu tokko akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu kana waan nuu kennaniif Yihowaas taʼe hojjetaa amanamaa fi ogeessa garaadhaa ni galateeffanna. Hiyyummaa guddaa keessa waan jirruuf qarshii miseensa maatii hundaaf Kitaaba Qulqulluu itti binnu hin qabnu. Amma garuu hundi keenya Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa keenyaa qabna. Galateeffannaa Yihowaadhaaf qabnu argisiisuuf, maatiidhaan taanee guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisna.” w15 12/15 2:15, 16

Wiixata, Hagayya 28

Yaa Waaqayyo, anaaf ooʼi, ani si duratti cubbuu hojjedheera, na fayyisi!—Far. 41:4.

Daawit yaada kana kan barreesse yeroo Abiishaalom teessoo isaa fudhachuuf yaalettii fi inni immoo dhukkubsachaa waan tureef dhimma kanaaf furmaata kennuu hin dandeenye sana yaadatee taʼuu dandaʼa. Daawit dhiifama Waaqayyoo kan argate taʼus, cubbuu Baati-Sheebaa wajjin hojjetee fi rakkina sababii kanaan itti dhufe hin irraanfanne. (2 Sam. 12:7-14) Taʼus, mootichi Waaqayyo siree dhukkubaa isaa irratti akka ol isa qabu mirkanaaʼaa ture. Daawit Waaqayyo dinqiidhaan akka isa fayyisu hin kadhanne. Yaanni naannoo caqasichaa jiru Daawit, Yihowaan akkuma nama warra dhabaniif yaadu sana gargaare isas akka gargaaru kadhachuu isaa ture. Kun immoo ‘siree dhukkubaa isaa’ irratti ol qabamuu kan dabalatu dha. (Far. 41:3) Daawit cubbuun isaa waan isaaf dhiifameef, Waaqayyo akka isa jajjabeessuu fi akka isa deggeru, akkasumas dandeettiin qaamni isaa qabu fayyuuf akka isa gargaaru kadhachuu dandaʼa. (Far. 103:3) Nutis akkasuma gochuu dandeenya. w15 12/15 4:8, 9

Kibxata, Hagayya 29

Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti . . . hafuura kanaanis, “Abbaa keenya” jennee Waaqayyoon in waammanna. —Rom. 8:15.

Warri afeerraa addaa kana Waaqayyo biraa fudhatan, qaamni ragaa isaaniif baʼu gara biraan isaan hin barbaachisu. Namni gara biraan wanta isaan irratti raawwatame akka isaaniif mirkaneessu isaan hin barbaachisu. Yihowaan sammuu fi garaa isaanii keessatti shakkiin tokko illee akka hin jiraanne godha. Yohannis ergamaan Kiristiyaanota dibamoo kanaan, “Isin garuu isa qulqulluu sanaan dibamtaniittu; hundumti keessanis beektota” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Dibanni isin isa biraa fudhattan garuu isin keessa in jiraata; inni waan isin barsiisuuf namni biraa isin barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri isaa inni dibata jedhame kun waaʼee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha, sobnis keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!” jedheera. (1 Yoh. 2:20, 27) Namoonni kunis akkuma namoota kaanii barumsa hafuuraa argachuun isaan barbaachisa. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu dibamuu isaanii akka isaaniif mirkaneessu isaan hin barbaachisu. Kana kan isaaniif mirkaneesse, humna uumama cufa keessatti hunda irra caalu dha! w16.01 3:9, 10

Roobii, Hagayya 30

Wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.—Ibr. 13:5, NW.

Wanta qabnutti gammadnee jiraachuun amantii Yihowaa irratti qabnu irratti kan hundaaʼe dha. Kun, qabeenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. (1 Xim. 6:6-8) Ilaalchi akkasii walitti dhufeenyi Yihowaa fi obboloota keenyaa wajjin qabnu wanta qarshiin bituu dandaʼu kam irra iyyuu guddaa akka caalu hubachuuf nu gargaara. Namni waan qabutti gammadee jiraatu hin komatu, hin guungumu ykn dogoggora hin funaanu; akkasumas, hinaaffaa fi sassata warra jaalalli obbolummaa akka hin guddanne dhowwuu dandaʼan hin qabaatu. Kanaa mannaa, waan qabanitti gammaduun amala arjummaa jajjabeessa. (1 Xim. 6:17-19) Kana malees rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate, amantiin Yihowaa irratti qabnu ija jabina nuu kenna. (Ibr. 13:6) Ija jabinni akkasii immoo, ilaalcha gaarii qabaachuuf, akkasumas obboloota keenya ijaaruu fi jajjabeessuuf nu gargaara. (1 Tas. 5:14, 15) Yeroo rakkina guddaatti illee, fayyinni keenya akka dhihaate beekuudhaan ‘mataa keenya ol qabnee ol ilaaluu’ dandeenya.—Luq. 21:25-28. w16.01 1:16, 17

Kamisa, Hagayya 31

Gooftichi warra kan isaatii in beeka.—2 Xim. 2:19.

Waggoota dhihoodhaa asitti lakkoofsi namoota Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristos irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii dabaluu isaa hubanneerra. Waggoota kurnan hedduudhaaf lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii irraa hirmaachaa turanii xiqqaachaa kan ture siʼa taʼu, haalli amma jiru garuu kanaa wajjin wal faallessa. Lakkoofsi isaanii dabaluun isaa nu yaaddessuu qabaa? Nu yaaddessuu hin qabu. Mee sababiiwwan guguddaa sammuutti qabachuu qabnu tokko tokko haa ilaallu. Obboloonni namoota Ayyaana Yaadannoo irratti argaman lakkaaʼan, samii irra jiraachuuf dhugumaan abdii kan qabu eenyu akka taʼe murteessuu hin dandaʼan. Lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii, warra dibamtoota akka taʼan godhanii dogoggoraan yaadanis kan dabalatu dha. Namoonni yeroo tokko maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu jalqaban tokko tokko yeroo booda hirmaachuu dhiisaniiru. Warri kaan immoo rakkina sammuu ykn miiraa Kiristosii wajjin samii irratti akka bulchan godhanii akka amanan isaan godhu qabaachuu dandaʼu. Kanaafuu, lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii, lakkoofsa dibamtoota lafa irratti hafanii sirriitti argisiisuu hin dandaʼu. Akkasumas, Kitaabni Qulqulluun dibamtoonni yommuu rakkinni guddaan jalqabu lafa irratti argaman hammam akka taʼan hin dubbatu. w16.01 4:12-14

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi