Adoolessa
Sanbadduraa, Adoolessa 1
Keessummoota simuu hin dagatinaa! —Ibr. 13:2.
Jechi afaan jalqabaa “keessummoota simuu” jedhamee hiikame, “namoota ormaatti gaarummaa argisiisuu” jechuu dha. Yaadni kun fakkeenya Abrahaamii fi Loox nu yaadachiisa. Lamaan isaanii iyyuu keessummoota hin beeknetti gaarummaa argisiisaniiru. Isaanis, booda irratti keessummoonni sun ergamoota Waaqayyoo akka taʼan hubatan. (Uma. 18:2-5; 19:1-3) Nuti hoo nyaata waliin nyaachuuf ykn yeroo waliin dabarsuu fi wal jajjabeessuuf mana keenyatti warra kaan afeeruudhaan keessummummaa isaan ni simannaa? Keessummoota ni simatu jedhamuuf jennee qophii balʼaa gochuun ykn baasii guddaa baasuun nu hin barbaachisu; akkasumas namoota karaa taʼe tokkoon nuu deebisuu dandaʼan qofa afeeruu hin qabnu. (Luq. 10:42; 14:12-14) Kaayyoon keenya warra kaan jajjabeessuu malee isaan maalalchiisuu taʼuu hin qabu! Daawwataa olaanaa aanaa keenyaa fi haadha manaa isaa akka gaariitti kan hin beekne taʼus, gammachuudhaan keessummummaa isaan ni simannaa? (3 Yoh. 5-8) Sagantaa hedduu kan qabnuu fi jireenyi guyyaa guyyaa kan nu dhiphisu taʼus, ‘keessummoota simachuu dagachuu’ dhiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! w16.01 1:11, 12
Dilbata, Adoolessa 2
Hafuura qulqulluu isa abdachiifameen mallatteeffamtaniittu. Hafuurri qulqulluun immoo . . . wanta nuyi argachuuf jirruuf qabdii keenya. —Efe. 1:13, 14.
Hojiin addaa hafuurri qulqulluun hojjetu kun wanta dhufuuf jiruuf akka kaffaltii dursee raawwatametti ykn akka qabdiitti ilaalama. Kiristiyaanni dibame tokko qabdii fudhate kanaan kan kaʼe akka dibame keessi isaa isa amansiisa. (2 Qor. 1:21, 22; 5:5) Namni kun akka afeerame mirkanaaʼaa dha. Haa taʼu malee, dhuma irratti badhaasa samii argachuu fi dhiisuun isaa waamamuu isaatiif amanamaa taʼee jiraachuu isaa irratti kan hundaaʼe dha. Phexros dhimma kana akkana jechuudhaan ibseera: “Kanaafis obboloota ko, waamamuu keessanitti, foʼamuu keessanittis jabaachuudhaaf caalchisaa dhimmaa! Kana yoo gootan matumaa hin kuftan. Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesus Kristos isa bara baraa sanatti galuun isiniif in kennama.” (2 Phe. 1:10, 11) Kanaafuu, Kiristiyaanni dibame kam iyyuu amanamaa taʼee jiraachuuf walʼaansoo gochuu qaba. Amanamaa taʼuu baannaan garuu, waamamuun ykn afeeramuun isaa isaaf gatii hin qabaatu.—Ibr. 3:1; Mul. 2:10. w16.01 3:6, 7
Wiixata, Adoolessa 3
Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama. —Mat. 23:12.
Obboloota Kiristos warra dibaman yoo taʼan illee namoota ol qabuun dogoggora dha. Kitaabni Qulqulluun jaarsolii Kiristiyaanaa ilaalchisee, amantii warra geggeessituu taʼan kanaa akka hordofnu nu jajjabeessa; taʼus, nama kam iyyuu akka geggeessaa keenyaatti ol akka qabnu matumaa nu hin ajaju. (Ibr. 13:7) Dhugaa dha, Kitaabni Qulqulluun namoonni, ‘ulfina guddaa argachuu qaban’ tokko tokko akka jiran ni dubbata. Haa taʼu malee, namoonni kun ulfina argachuu kan qaban dibamtoota waan taʼaniif utuu hin taʼin, ‘akka gaariitti waan bulchanii fi warra dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan’ waan taʼaniifi. (1 Xim. 5:17, NW) Kanaafuu, warra waamicha samii qabaniif ulfinaa fi xiyyeeffannaa sirrii hin taane yoo kennine isaan qaanessina. Kana caalaa kan hammaatu immoo, Kiristiyaanonni dibamoon xiyyeeffannaan addaa kan isaaniif kennamu yoo taʼe, gad of qabanii jiraachuun isaan rakkisuu dandaʼa. (Rom. 12:3) Eenyuun keenya iyyuu obboloota Kiristos keessaa tokko illee gufachiisuu hin barbaannu!—Luq. 17:2. w16.01 4:9
Kibxata, Adoolessa 4
Michuun bara hundumaa jaallata.—Fak. 17:17, hiika bara 1899.
Michummaan qabeenya gatii guddaa qabu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, michummaan miʼa erga bitnee booda bakka tokko keenyee akka inni awwaara dhugu goonuu wajjin kan wal fakkaatu miti. Michummaan wanta lubbu qabeessa taʼee wajjin kan wal fakkaatu siʼa taʼu, akka dagaaguu fi akka lalisu yoo barbaadame kunuunsi godhamuufii qaba. Abrahaam michummaa Yihowaa wajjin qabuuf bakka guddaa kenneera; michummaa kanas eegee jiraateera. Kana kan godhe akkamitti? Abrahaam sanaan dura Waaqayyoon sodaachuun isaa fi isaaf ajajamuun isaa qofti gaʼaa akka taʼe matumaa itti hin dhagaʼamne. Innii fi maatiin isaa inni balʼaan yommuu gara Kanaʼaan dhaqan, murtoo wantoota xixiqqoos taʼe wantoota guguddaa ilaalchisee godhu irratti Yihowaan akka isa qajeelchu heyyamuu isaa itti fufeera. Yisihaaq dhalachuu isaa waggaa tokko dura yommuu Abrahaam umuriin isaa waggaa 99 taʼetti, Yihowaan dhiironni maatii Abrahaam keessa jiran hundi akka dhaqna qabatan ajaje. Yeroo kanatti Abrahaam ajaja kana irratti gaaffii kaasee ykn karaa itti ajaja kana irraa walaba taʼu barbaadee turee? Lakki, kanaa mannaa Waaqayyotti amanameera, akkasumas “gaafasuma” ajajameera.—Uma. 17:10-14, 23. w16.02 1:9, 10
Roobii, Adoolessa 5
Mucaan iyyuu qullaaʼaa fi qajeelaa taʼuun isaa, hojii isaatiin in beekama.—Fak. 20:11.
Ijoolleen illee wanta sirrii taʼee hojjechuu fi Uumaa isaaniitiif of murteessuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuu ni dandaʼu. Kanaafuu, dargaggeessi gaʼeessa akka taʼe argisiisee fi Yihowaadhaaf of murteesse, cuuphamuun isaa tarkaanfii sirrii fi barbaachisaa taʼe dha. (Fak. 20:7) Gaʼeessa taʼuu jechuun maal jechuu dha? Gaʼeessummaan qaamaan guddachuu caalaa waan dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun, namoonni gaʼeessota taʼan “sammuun isaanii hojiidhaan itti baree hamaa fi gaarii gargar baasuu” akka dandaʼan dubbata. (Ibr. 5:14) Kanaafuu, namoonni gaʼeessa taʼan wanta Yihowaa duratti gaarii taʼe kan beekan siʼa taʼu, wanta gaarii kanatti maxxanuuf murteessaniiru. Kanaan kan kaʼes, wanta hamaa hojjechuuf salphaatti hin dogoggorfaman; akkasumas, waan gaarii hojjechuuf yeroo hunda namni isaan kakaasu hin barbaachisu. Dargaggeessi cuuphame tokko warri isaa ykn namni guddaan utuu hin jiraatin iyyuu, ulaagaalee Waaqayyoo akka deggeru irraa eeguun sirrii dha.—Filp. 2:12. w16.03 1:4, 5
Kamisa, Adoolessa 6
Ati Israaʼel irratti in moota, ani immoo itti aanaa kee nan taʼa . . . hin sodaatin!—1 Sam. 23:17.
Yonaataan akkaataa Daawit dargaggeessichi Goliyaad isa guddicha itti lole dinqisiifatee taʼuu qaba. Amma Daawit ‘mataa Filisxeemichaa harka isaatti qabatee’ Saaʼol mootii Israaʼel abbaa Yonaataan dura dhaabateera. (1 Sam. 17:57) Yonaataan tarii Daawitiin kan dinqisiifate ija jabina isaatiif taʼuu dandaʼa. Waaqayyo Daawitii wajjin akka jiru ifa ture; ‘Yonaataanis baayʼisee Daawititti in maxxane, Yonaataan akka lubbuu isaatiitti Daawitiin waan jaallatuuf, kakuu waliif galan.’ (1 Sam. 18:1-3) Yonaataan sana booda jireenya isaa guutuu Daawitiif amanamaa taʼeera. Waaqayyo, Daawit mootii Israaʼel isa itti aanu akka taʼu kan filate yoo taʼe illee Yonaataan hamma dhumaatti Daawititti maxxanee jiraateera. Yeroo Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf barbaadaa turetti Yonaataan waaʼee Daawit yaaddaʼee ture. Yonaataan michuu isaa kana jajjabeessuuf gammoojjii Yihudaa Horeshitti argamu dhaqeera. Achiis, yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dubbachuudhaan ‘maqaa Waaqayyootiin Daawitiin jajjabeesse.’—1 Sam. 23:16. w16.02 3:1, 2
Jimaata, Adoolessa 7
Ani yommus ijaartuu isa gaarii sana biran ture, yeroo hundumaa fuula isaa duratti gammadaa, harʼaa bor isa nan gammachiisan ture.—Fak. 8:30.
Kaayyoo tokko qabachuun jalqaba uumamaa irraa eegalee kan ture dha. Abbaa fi Ilmi waliin taʼuudhaan lubbu qabeeyyii gosa garaa garaa yeroo harʼaatti argaa jirru hunda uumaniiru. Sana boodas hojii Waaqayyoo keessatti tokkummaadhaan hojjechuun itti fufeera. Fakkeenyaaf, Nohii fi maatiin isaa waliin taʼanii markaba ijaaraniiru. Israaʼeloonnis godoo qulqullaaʼaa dhaabuu, diiguu fi bakkaa bakkatti geessuu irratti tokkummaadhaan hojjetu turan. Mana qulqullummaa keessatti immoo, Yihowaa jajachuuf waliin taʼanii faarfachaa fi meeshaalee muuziqaa taphachaa turan. Hojiin kun hundi hojjetamuu kan dandaʼe tokkummaan waan jiruufi dha. (Uma. 6:14-16, 22; Lak. 4:4-32; 1 Sen. 25:1-8) Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti turee fi mataa isaa kan taʼe Yesus Kiristos jala ture, waliin hojjechuudhaan beekama ture. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni dibamoon ‘kennaa gosa garaa garaa’ kan qaban, akkasumas “ergaa garaa garaa” fi “hojii garaa garaa” irratti kan hirmaatan taʼanis, hundi isaanii kutaa ‘dhagna tokkoo’ akka turan ibseera.—1 Qor. 12:4-6, 12. w16.03 3:1, 2
Sanbadduraa, Adoolessa 8
Egaa dhaqaa . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! —Mat. 28:19.
Hojii misiraachicha lallabuu Yesus barattoonni isaa akka hojjetan godhe haa ilaallu. Jaarraawwan darbanitti, saboonni kaan kan simataman Yihowaa tajaajiluuf gara Israaʼel yommuu dhaqan ture. (1 Mot. 8:41-43) Kun kan taʼaa ture, utuu Yesus ajaja caqasa guyyaa harʼa irratti argamu hin kennin dura dha. Barattoonni Yesus gara saba hundumaa akka ‘dhaqan’ itti himame. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti ragaan Yihowaan mala itti fayyadamaa ture akka jijjiire argisiisu ni mulʼate, jechuunis addunyaa maratti wangeela lallabuun ni jalqabame. Hafuurri Qulqulluun, miseensonni gumii haaraa 120 taʼan dinqiidhaan afaanota Yihudoonnii fi namoonni amantii Yihudii fudhatan dubbataniin akka dubbatan godhe. (HoE. 2:4-11) Achiis, naannoon isaan itti lallaban gara Samaariyaatti babalʼate. Itti fufees, Dh.K.B. bara 36tti hojiin kun caalaatti babalʼachuudhaan saboota dhagna hin qabanneef dhugaa baʼuu akka dabalatu godhame. Kana jechuun Kiristiyaanonni nama addunyaa keessa jiru hundumaaf dhaqanii lallabuu qabu turan jechuu dha. w16.03 4:12
Dilbata, Adoolessa 9
Waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo . . . taʼanitti hadaraa kenni!—2 Xim. 2:2.
Tajaajiltoonni Yihowaa milkaaʼina argachuuf leenjiin barbaachisaa taʼuu isaa durii kaasee ni hubatu turan. Abraam Looxiin oolchuuf ‘dhiirota isaa leenjiʼan kan erge’ siʼa taʼu, isaanis milkaaʼaniiru. (Uma. 14:14-16, NW) Bara Daawit Mootichaatti, warri mana qulqullummaa keessatti faarfatan ‘Waaqayyoon faarfachuu barsiifamanii [ykn leenjiʼanii] kan turan’ siʼa taʼu, Yihowaadhaaf ulfina fidaniiru. (1 Sen. 25:7) Yeroo harʼaa, Seexanaa fi duuka buutota isaa wajjin waraana hafuuraa irra jirra. (Efe. 6:11-13) Kana malees, carraaqqii Yihowaadhaaf ulfina fiduuf goonu ittuma cimsaa jirra. (Ibr. 13:15, 16) Kanaafuu, akkuma tajaajiltoota Yihowaa dur turanii milkaaʼina argachuuf leenjiʼuu qabna. Gumii keessatti, Yihowaan itti gaafatamummaa warra kaan leenjisuu jaarsoliitti hadaraa kenneera. Jaarsi tokko obboleessa muuxannoo baayʼee hin qabne tokko leenjisuu isaa dura, baratichi leenjii isaaf kennamu caalaatti akka fudhatu isa qopheessuuf, yaadawwan gaggaarii Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼan kennuufiin barbaachisaa akka taʼe ni hubata taʼa.—1 Xim. 4:6. w15 4/15 2:1, 2
Wiixata, Adoolessa 10
[Yesus] Seexana isa humna duʼaa qabu [ni balleessa]. —Ibr. 2:14.
Kana jechuun Seexanni kallattiidhaan namoota hunda ni ajjeesa jechuu miti. Haa taʼu malee, hafuurri isaa wal ajjeesuu jajjabeessu addunyaa kana guuteera. Kana malees, Hewwaan soba Seexanaa waan amantee fi Addaam Waaqayyoof ajajamuu waan dideef cubbuu fi duuti namoota hundumaatti dhufeera. (Rom. 5:12) Kanaafuu, Diiyaabilos “humna duʼaa” qaba jechuun ni dandaʼama. Akkuma Yesus jedhe “nama ajjeesa.” (Yoh. 8:44) Dhuguma iyyuu, Seexanni diina keenya humna guddaa qabu dha! Seexana yeroo morminu, isa qofa utuu hin taʼin, warra gaaffii ol aantummaa wajjin haala wal qabateen isa faana hiriiran hunda mormaa jirra. Warri isa duukaa hiriiran uumamawwan hafuuraa ajajamuu didan hedduu, jechuunis hafuurota hamoo kan dabalatani dha. (Mul. 12:3, 4) Hafuuronni hamoon namoota irra rakkina cimaa geessisuudhaan, humna addaa akka qaban yeroo baayʼee argisiisaniiru. (Mat. 8:28-32; Mar. 5:1-5) Humna ergamoota hamoo akkasiis taʼe, humna “mootii hafuurota hamoo” akka laayyootti hin ilaalinaa. (Mat. 9:34, NW) Gargaarsa Yihowaa malee lola Seexanaa wajjin goonu moʼuu hin dandeenyu. w15 5/15 1:6, 7
Kibxata, Adoolessa 11
Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaaʼan,warri nama gadhoomsanis, warri hatan, warri sassatan, warri machaaʼan, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan. —1 Qor. 6:9, 10.
Gocha halalummaa akka raawwattuuf qorumsa si irra gaʼuu wajjin walʼaansoo gochaa jirta yoo taʼe maal gochuu dandeessa? Dadhabina akka qabdu amanii fudhadhu. (Rom. 7:22, 23) Cimina akka sii kennu Waaqayyoon kadhadhu. (Filp. 4:6, 7, 13) Haalawwan gocha akkasiitti si geessuu dandaʼan irraa fagaadhu. (Fak. 22:3) Qorumsi yeroo si mudatu yeruma sana tarkaanfii fudhadhu. (Uma. 39:12) Yesus qorumsa moʼuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya gaarii nuu taʼa. Waadaa Seexanni isaaf galeen hin gowwoomfamne; yeroo fudhatee faayidaa fi miidhaa isaa irrattis hin yaadne. Kanaa mannaa, “Kan jedhu caafameera” jechuudhaan yeruma sana deebii isaaf kenneera. (Mat. 4:4-10) Yesus Dubbii Waaqayyoo sirriitti kan beeku taʼuun isaa, dafee tarkaanfii fudhachuu fi yeroo qorumsaatti caqasa caqasuudhaaf isa dandeessiseera. Seexana loluu fi moʼuudhaaf, wanta halalummaa akka raawwannu nu qoru irraa fagaachuu qabna. w15 5/15 2:15, 16
Roobii, Adoolessa 12
Fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa! —Efe. 5:1.
Wanta nu irra gaʼee hin beekne tokko hubachuuf dandeettiin qabnu, ogummaa Yihowaa hordofuu fi buʼaa gochi keenya fiduu dandaʼu dursinee hubachuuf nu gargaara. Yihowaan yoo barbaade buʼaa gocha tokkoo dursee guutummaatti beekuu ni dandaʼa. Nuyi waaʼee gara fuulduraa hammana beekuu hin dandeenyu; taʼus, wanti gochuuf jennu buʼaan isaa maal taʼuu akka dandaʼu yaaduun keenya barbaachisaa dha. Ogummaa argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuuf, buʼaa gochi keenya fiduu dandaʼu irratti xiinxaluun, darbees buʼaa isaa yaadaan ilaaluun keenya barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, gaaʼelaaf wal qorachaa jirra yoo taʼe, nama tokkoof miira jaalalaa yeroo qabaannutti miira keenyaa fi fedhii saalaa keenya toʼachuun ulfaataa taʼuu isaa hubachuu qabna. Wanta walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu isa gati jabeessa miidhuu dandaʼu kam iyyuu karoorfachuu ykn gochuu hin qabnu! Kanaa mannaa, yaada geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee fi “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jedhuu wajjin wanta wal simu haa raawwannu.—Fak. 22:3. w15 5/15 4:10, 11
Kamisa, Adoolessa 13
Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera. —Mat. 5:28.
Haala Daawit Mootichaa yaadadhaa. ‘Bantii mana mootummaa isaa irra utuu jiruu, dubartii dhagna dhiqachaa jirtu tokko in arge.’ (2 Sam. 11:2) Ija isaa ishee irraa buqqifachuu fi waaʼee ishee yaaduu dhiisuu dadhabe. Kun immoo dubartii abbaa manaa qabdu akka hawwuu fi ishee wajjin ejja akka raawwatu isa godhe. Hawwii addaggummaa moʼuuf, akkuma Iyoob isa nama amanamaa turee ‘ija keenyaa wajjin kakuudhaan walii galuu’ qabna. (Iyo. 31:1, 7, 9) Ija keenya toʼachuuf, akkasumas fedhii saalaatiin nama kan biraa ilaaluu dhiisuuf murteessuu qabna. Kun immoo, fakkiiwwan fedhii saalaa kakaasan kompiitara irratti, gabatee beeksisaa irratti, qola barruu ykn wanta kan biraa irratti yoo argine yeruma sana irraa gara galuu kan dabalatu dha. Fedhii dogoggoraa moʼuu wajjin haala wal qabateen gama fooyyaʼiinsa itti gootu yoo jiraate hatattamaan tarkaanfii fudhadhu. Gorsa Dubbii Waaqayyoo isa cubbuu irraa fagaachuudhaan qulqulluu taatee akka jiraattu si gargaaruu dandaʼuuf fedhiidhaan ajajami.—Yaq. 1:21-25. w15 6/15 3:12-14
Jimaata, Adoolessa 14
[Qoramatti] nu hin galchin. —Mat. 6:13.
Wanta Yesus akkuma cuuphameen isa mudate ilaaluun keenya, “Qoramattis nu hin galchin” jennee kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Yesus hafuura Waaqayyootiin gara lafa onaatti geeffamee ture. Maaliif? “Seexanaan qoramuudhaaf.” (Mat. 4:1) Kun nu dinqisiisuu qabaa? Sababii guddaa Waaqayyo Ilma isaa gara lafaatti itti erge yoo beekne nu hin dinqisiisu. Kan isa erge, gaaffii yeroo Addaamii fi Hewwaan ol aantummaa Yihowaa fudhachuu didanitti kaʼeef deebii kennuuf ture. Gaaffiin tokko deebii akka argatuuf yeroon ni barbaachisa. Fakkeenyaaf, karaan Waaqayyo ittiin namoota uume rakkina qaba turee? Namni cubbuu hin dhaalle tokko, utuu inni ‘hamaan’ dhiibbaa isa irraan gaʼuu ol aantummaa Waaqayyoo deggeruu ni dandaʼaa? Akkasumas, akkuma Seexanni jedhe ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyootiin alatti utuu jiraatanii wayyaaf turee? (Uma. 3:4, 5) Gaaffilee akkasii deebisuun yeroo kan gaafatu taʼus, Yihowaan ol aantummaa isaatti kan fayyadamu karaa faayidaa qabuun taʼuu isaa uumamni samii fi lafa irra jiru hundi akka hubatu godha. w15 6/15 5:12
Sanbadduraa, Adoolessa 15
Yommus rakkinni guddaan taʼuuf jira.—Mat. 24:21.
Rakkinni guddaan kan jalqabu akkamitti? Macaafni Mulʼataa waaʼee badiisa “Baabilon guddittii” ibsuudhaan deebii nuu kenna. (Mul. 17:5-7) Amantiin sobaa hundi ejjituutti fakkeeffamuun isaa sirrii dha! Geggeessitoonni amantii bulchitoota siyaasaa wajjin ejja raawwataniiru. Yesusii fi Mootummaa isaa amanamummaadhaan deggeruu mannaa, bulchitoota siyaasaa deggeru; akkasumas siyaasa keessatti iddoo argachuuf jecha, seerawwan buʼuuraa Waaqayyo baase akka salphaatti ilaalu. Geggeessitoonni kun warra Waaqayyo dibee fi durba amanamtuutti fakkeeffaman irraa guutummaa guutuutti adda dha. (2 Qor. 11:2; Yaq. 1:27; Mul. 14:4) Jaarmiyaa ejjituutti fakkeeffamte kana kan balleessu eenyu dha? Yihowaan, ‘bineensi bildiimaan’ “gaanfa kudhan” qabu akka ishee balleessuuf yaada isaa ‘garaa isaa keessa’ kaaʼa. Gaanfonni kun humnoota siyaasaa yeroo ammaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa ‘bineensa bildiimaatti’ fakkeeffameef deggersa kennan hunda argisiisu.—Mul. 17:3, 16-18. w15 7/15 2:3, 4
Dilbata, Adoolessa 16
Isin keessaa kaan, “Ani kan Phaawulos!” kaan, “Ani kan Apholos!” kaan, “Ani kan Keefaa ti!” kaan immoo, “Ani kan Kristos!” [jettu]. —1 Qor. 1:12.
Dhimma akkasiitiif furmaata kennuun kan dandaʼamu akkamitti? Phaawulos akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gorse: “Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar baʼuun akka hin jiraanne, . . . isinan gorsa.” (1 Qor. 1:10, 11, 13) Yeroo harʼas taanaan, gumiiwwan keessa wal qoqqoodiinsi akkamii iyyuu jiraachuu hin qabu. (Rom. 16:17, 18) Phaawulos, wantoota lafa irratti argaman irratti xiyyeeffachuu mannaa lammummaa isaanii isa samii irratti akka xiyyeeffatan Kiristiyaanota dibamoo jajjabeesseera. (Filp. 3:17-20) Kiristiyaanonni dibamoon ambaasaaddaroota Kiristosiin bakka buʼani dha. Ambaasaaddaroonni dhimma saboota iddoo isaan itti ramadaman jiranii keessa hin seenan. Kan isaan amanaman qaama iddoo kan biraa jiruufi dha. (2 Qor. 5:20, NW) Kiristiyaanonni lafa irra jiraachuuf abdii qabanis Mootummaa Waaqayyoo jalattii kan bulan waan taʼaniif, walitti buʼiinsa addunyaa kanaa gidduu seenuudhaan garee tokko deggeruu hin qaban. w15 7/15 3:9, 10
Wiixata, Adoolessa 17
Inni garuu ooʼa-qabeessa waan taʼeef, yakka isaanii isaaniif in dhiise, lafa irraas isaan hin balleessine, inni yeroo baayʼee aarii isaa gad ittise, dheekkamsa isaa hundumaas ol hin kaafne.—Far. 78:38.
Caqasa kana irratti xiinxaluun keessan Yihowaan dhuunfaatti akka isin jaallatuu fi akka isiniif yaadu hubachuuf isin gargaara. Yihowaa biratti iddoo guddaa akka qabdan mirkanaaʼoo taʼa. (1 Phe. 5:6, 7) Waaqayyo adda durummaadhaan nuu wajjin kan wal qunnamu karaa Dubbii isaa waan taʼeef Dubbii isaatiif iddoo guddaa kennuu qabna. Warrii fi ijoolleen wal amanuu akka dandaʼanii fi akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamuuf, wal qunnamtiin gaarii taʼee fi gara laafina irratti hundaaʼe gidduu isaanii jiraachuun isaa barbaachisaa dha. Yihowaa irraa maal eeguu dandeenya? Isa arginee fi sagalee isaa dhageenyee beekuu baannus, Dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffametti fayyadamee kan nutti ‘dubbatu’ siʼa taʼu, nuyi immoo isa dhagaʼuun nu barbaachisa. (Isa. 30:20, 21) Yihowaan nu warra isaaf of murteessine geggeessuu fi wanta nu miidhu irraa nu eeguu barbaada. Akkasumas, akka isa beeknuu fi akka isatti amanamnu barbaada.—Far. 19:7-11; Fak. 1:33. w15 8/15 1:6, 7
Kibxata, Adoolessa 18
Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata. —Yaq. 4:8.
Jannata gara fuulduraatti dhufu argachuuf kan hawwinu taʼus, wantoota addunyaa haaraa keessatti argannu keessaa inni guddaan eebba hafuuraa ti. Maqaan Yihowaa akka qulqullaaʼee fi ol aantummaan isaa akka mirkanaaʼe beekuun gammachuu guddaa kan argamsiisu taʼa! (Mat. 6:9, 10) Kaayyoon jalqabaa Yihowaan ilmaan namootaatii fi lafaaf qabu yeroo raawwatamu arguun baayʼee nu gammachiisa. Akkasumas, cubbuu irraa walaba taʼaa ennaa deemnuu fi dhuma irratti immoo guutummaatti walaba ennaa taanu, Yihowaatti dhihaachuun hammam salphaa akka taʼu yaadaa! (Far. 73:28) Yesus ‘Waaqayyoof wanti hundinuu akka dandaʼamu’ waan nuu mirkaneesseef eebbawwan kana ni arganna. (Mat. 19:25, 26) Haa taʼu malee, addunyaa haaraa sana keessa jiraachuu fi Bulchiinsa Kiristos Isa Waggaa Kumaa boodas jiraachuu keenya itti fufuu yoo barbaanne, jireenya bara baraa ‘harka keessa galfachuuf’ ammuma tarkaanfii fudhachuu qabna. (1 Xim. 6:19) Jireenya addunyaa haaraatiif qophaaʼuuf, dhuma addunyaa hamaa kanaa eeggachaa jiraachuu fi ammumaa tarkaanfiiwwan barbaachisaa fudhachuu qabna. w15 8/15 3:2, 3
Roobii, Adoolessa 19
Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.—Yoh. 17:3.
Wantoonni sabqunnamtiin addunyaa kanaa qopheessu baayʼeen isaanii jireenya hafuuraa Kiristiyaanotaa kan miidhan taʼuu dandaʼu. Wantoonni kun kan qophaaʼan amantii Yihowaa irrattii fi abdiiwwan inni kenne irratti qabnu nuu cimsuuf miti. Kanaa mannaa, ilaalcha addunyaa Seexanaa isa hamaa fi kaayyoo isaa kan calaqqisiisani dha. Kanaafuu, wanta “kajeellaa biyya lafaa” nu keessatti kakaasu akka hin filanne of eeggannoo guddaa gochuu qabna. (Tit. 2:12) Wantoota addunyaan kun qopheessu irraa haala adda taʼeen, wantoonni jaarmiyaan Yihowaa bara dhumaa kanatti qopheessu amalawwan jireenya bara baraa argamsiisan akka qabaannu nu gargaaru. Barruulee, birooshuroota, kitaabota, viidiyoowwanii fi Weeb saayitii amantii dhugaa jajjabeessan qabaachuun keenya eebba guddaa dha! Jaarmiyaan Waaqayyoo addunyaa maratti gumiiwwan 110,000 ol taʼan keessatti walgaʼiiwwan yeroo hunda geggeeffamanis ni qopheessa. Walgaʼiiwwan kanaa fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti, barumsawwan amantii Waaqayyo irrattii fi abdii inni kenne irratti qabnu nuu cimsan ni dhihaatu.—Ibr. 10:24, 25. w15 8/15 4:9, 11
Kamisa, Adoolessa 20
Dhageettiin garaa isaanii [dhugaa isaaniif baʼa].—Rom. 2:15.
Tajaajiltoonni Yihowaa yaada garaa isaanii leenjisuu barbaadu. Akeekkachiisni yaadni garaa isaanii isaaniif kennu wanta sirrii fi dogoggora, akkasumas gaarii fi gadhee taʼee ilaalchisee ulaagaa Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsamee wajjin kan wal simu akka taʼu gochuu barbaadu. Yaadni garaa akka gaariitti leenjiʼe gumii Kiristiyaanaa keessatti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yaada garaa leenjisuu fi itti fayyadamuun dandeettii sammuu qofa kan argisiisu miti. Macaafni Qulqulluun yaada garaa gaarii taʼe amantii fi jaalalaa wajjin wal qabsiisa. Phaawulos, “Jaalala garaa qullaaʼaa keessaa, yaada garaa hin booraʼin keessaa fi amantii gowwoomsaa hin qabne keessaa baʼu dammaqsuudhaaf in barsiifna” jechuudhaan barreesseera. (1 Xim. 1:5) Yommuu yaada garaa keenya leenjisnuu fi dhaggeeffannu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu ni guddata, amantiin keenyas ni jabaata. Akkaataan yaada garaa keenyatti itti fayyadamnu karaa hafuuraa hammam cimoo akka taane, garaa akkamii akka qabuu fi Yihowaa gammachiisuuf fedhii hammamii akka qabnu argisiisa. Dhuguma iyyuu, yaadni garaa keenya nama akkamii akka taane kan argisiisu dha. w15 9/15 2:2, 3
Jimaata, Adoolessa 21
Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa!—1 Yoh. 3:1.
Yihowaan jaalala kan nutti argisiisu karaawwan kamiini? Deebiin gaaffii kanaa walitti dhufeenya Yihowaa fi nu gidduu jiru hubachuu keenya irratti kan hundaaʼe dha. Yihowaan Uumaa ilmaan namootaa hundaa akka taʼe beekamaa dha. (Far. 100:3-5) Macaafni Qulqulluun Addaam “ilma Waaqayyoo” akka taʼe kan dubbatuu fi Yesus duuka buutonni isaa Waaqayyoon “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa” jedhanii akka waaman kan isaan barsiise kanaafi. (Luq. 3:38; Mat. 6:9) Yihowaan jireenya waan nuu kenneef Abbaa keenya dha; walitti dhufeenyi isaa fi nu gidduu jirus, walitti dhufeenya abbaa tokkoo fi ijoollee isaa gidduu jiruu wajjin wal fakkaata. Yihowaan akkuma abbaan gaariin tokko ijoollee isaa jaallatutti nu jaallata. Abbootiin nama taʼan mudaa akka qaban beekamaa dha. Hammam iyyuu yoo carraaqan, jaalala Yihowaan ijoollee isaatti argisiisu guutummaatti argisiisuu hin dandaʼan. Namoonni tokko tokko haala maatii miira isaanii miidhe keessatti waan guddataniif yaadannoo gadhee qabu. Kun baayʼee kan nama gaddisiisu dha. Yihowaan garuu abbaa akkasii akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 27:10) Yihowaan hammam akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekuun keenya, isatti akka nu dhiheessu beekamaa dha.—Yaq. 4:8. w15 9/15 4:3, 4
Sanbadduraa, Adoolessa 22
Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta. —Filp. 2:13.
Fedha isaa xiyyeeffannaa keessa utuu hin galchin murtoo gochuun Waaqayyo irratti amantii akka hin qabnee fi jaalala akka isaaf hin qabne argisiisa. Bara Saamuʼelitti yeroo tokko Israaʼeloonni warra Filisxeemiin moʼamanii turan. Sabni Waaqayyoo gargaarsii fi eegumsi baayʼee isaan barbaachisee ture. Maal godhan ree? “Kottaa, nu gidduutti argamee harka diinota keenyaa akka nu oolchuuf sanduuqa kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa as in fidnaa!” waliin jedhan. Buʼaan isaa maal ture? “Ajjeechaan guddaan waan tureef, loltoota Israaʼel keessaa lafoo kuma soddomatu dhume. Saanduqni kakuu Waaqayyoo in boojiʼame.” (1 Sam. 4:2-4, 10, 11) Israaʼeloonni saanduqa kakuu fudhachuun isaanii gargaarsa Yihowaa waan barbaadan fakkeessuu dandaʼa taʼa. Dhugaan isaa garuu, qajeelfama Yihowaa akka isaan hin barbaanne argisiisa; yaada mataa isaanii kan hordofan siʼa taʼu, kun immoo rakkina guddaa geessiseera.—Fak. 14:12. w15 9/15 5:16, 17
Dilbata, Adoolessa 23
Amantii keenya nuuf guddisi! —Luq. 17:5.
Amantii kee guddifachuuf wanti gochuu dandeessu kan biraan maali dha? Wanti hamma cuuphamtutti baratte qofti akka si gaʼu sitti hin dhagaʼamin. (Ibr. 6:1, 2) Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii fi raawwii isaanii argatan hubadhu; kana gochuun kee amantii akka qabaattu godha. Amantiin kee ulaagaa namoota amantii cimaa qaban irraa eegamuu wajjin kan wal simu taʼuu fi dhiisuu isaa gamaaggamuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu dandeessa. (Yaq. 1:25; 2:24, 26) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni hidhata isaa taʼan ‘isaan amantii isaatiin, innis amantii isaaniitiin wal jajjabeessuu’ akka dandaʼan dubbatee ture. (Rom. 1:12) Namoota nu faana Yihowaa waaqeffatanii wajjin, keessumaa immoo namoota amantiin isaanii ‘qoramee ilaalamee’ wajjin yeroo taanu, amantii walii jabeessuu dandeenya. (Yaq. 1:3) Hiriyummaa gadheen amantii kan balleessu siʼa taʼu, hiriyummaa gaariin garuu amantii jabeessa. (1 Qor. 15:33) “Walitti qabamuu keenya” akka hin dhiisne, kanaa mannaa ‘wal jajjabeessuu’ keenya akka itti fufnu sababiin itti gorfamne tokko kana dha.—Ibr. 10:24, 25. w15 10/15 2:2, 8, 9
Wiixata, Adoolessa 24
Wantoota kana irratti xiinxali; akkasumas xiyyeeffannaa guddaa kenniif.—1 Xim. 4:15, NW.
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf yeroo qophoofnu xiinxaluu qabna. Tokkoon tokkoon barattoota keenyaa sammuutti qabachuudhaan, baratichi guddina akka godhu gargaaruuf gaaffii ilaalchaa isa gaafannu ykn fakkeenya itti himnu yaaduu dandeenya. Wantoota kana irratti xiinxaluun amantii keenya waan cimsuuf, akkasumas qayyabannicha karaa buʼa qabeessa taʼee fi miira hoʼaadhaan geggeessuuf waan nu dandeessisuuf yeroon xiinxaluudhaan dabarsinu gammachiisaa taʼa. Yeroo tajaajilaaf garaa keenya qopheeffannus haalli isaa akkasuma dha. (Iz. 7:10, hiika bara 1899) Macaafa Hojii Ergamootaa irraa boqonnaa tokko dubbisuun, miirri hoʼaan nuti tajaajilaaf qabnu ‘akka ibiddaatti akka qabsiifamu’ godha. Caqasoota Macaafa Qulqulluu fi barreeffama itti fayyadamuuf yaadne irratti xiinxaluun, tajaajila keenya akka gaariitti akka raawwannu nu gargaara. (2 Xim. 1:6) Waaʼee namoota naannoo kee keessatti argamanii fi wanta xiyyeeffannaa isaanii harkisuu dandaʼuu yaadi. Haala kanaan qophaaʼuun, “hafuuraa fi humna” Dubbii Waaqayyoo keessa jiru “mulʼisuudhaan” karaa buʼa qabeessa taʼeen dhugaa baʼuuf nu kakaasa.—1 Qor. 2:4, NW. w15 10/15 4:9
Kibxata, Adoolessa 25
Iji kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of keessaa baasii gati.—Mat. 5:29.
Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Mucaan koo pornoograafii akka ilaalu wanti isa qoru maal taʼuu dandaʼa? Balaa guddaa kan qabu maaliif akka taʼe beekaa? Tarii yoo pornoograafii ilaaluuf qorame akkan isa gargaaruuf sodaa malee natti dhihaachuun isaaf ni salphataa?’ Ijoolleen keessan baayʼee xixinnoo yoo taʼan illee akkana isaaniin jechuu dandeessu: “Weebsaayitiin halalummaa argisiisu yoo si mudate ykn ilaaluuf yoo qoramte adaraa natti himi. Qaanaʼuu hin qabdu. Si gargaaruun barbaada.” Hubannaan bashannana yeroo filattan akka of eeggattanis isin gargaara. Abbaan Piraanaas jedhamu akkana jedheera: “Filannaan nuti warri haadhaa fi abbaa taane muuziqaa, fiilmii ykn kitaabotaa wajjin haala wal qabateen goonu maaticha irratti dhiibbaa qaba. Waaʼee wantoota hedduu waan baayʼee dubbachuu dandeessu; taʼus, ijoolleen keessan wanta raawwattan ilaaluudhaan fakkeenya keessan hordofu.” Ijoolleen keessan yeroo isin bashannana of eeggannoodhaan filattan yommuu argan, isaanis akkuma keessan gochuuf kakaʼuu dandaʼu taʼa.—Rom. 2:21-24. w15 11/15 1:12-14
Roobii, Adoolessa 26
Waan gochuun siif taʼu sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa. —Far. 32:8.
Yeroo harʼaatti immoo iddoo namoonni itti baayʼatanitti, jechuunis buufata atoobisiitti, buufata baaburaatti, iddoo konkolaataan dhaabatutti, daandii namoonni baayʼeen irra deemanittii fi iddoo gabaatti lallabamaa jira. Gosawwan tajaajilaa kana keessaa tokko tokko irratti hirmaachuun si sodaachisa yoo taʼe, wanta obboleessi Aanjeloo Maneeraa jedhamuu fi yeroo dheeraadhaaf daawwataa ol aanaa taʼee tajaajile dubbate kana irratti yaadi: “Gosa tajaajilaa haaraa taʼe kam iyyuu karaa gara biraa Yihowaa ittiin tajaajillu akka taʼetti, karaa gara biraa amanamummaa isaaf qabnu itti argisiisnu akka taʼettii fi karaa gara biraa ejjennoon keenya ittiin qoramu akka taʼetti ilaalla turre; akkasumas karaa inni nu gaafatu kamiin iyyuu isa tajaajiluuf fedhii akka qabnu argisiisuu ni barbaanna turre.” Gosa tajaajilaa haaraa taʼe, tarii immoo nu hin gammachiisne tokko irratti hirmaachuun, amantii Yihowaa irratti qabnu nuuf cimsa, akkasumas karaa hafuuraa akka cimnu godha. (2 Qor. 12:9, 10) Babalʼistoonni hedduun weebsaayitii keenya jw.org jedhamu namootatti argisiisu. Kunis misiraachicha namoota naannoo fagoo jiraatan biraan gaʼuuf illee garaaraa jira. w15 11/15 5:12, 13, 15
Kamisa, Adoolessa 27
Sibiilli sibiila in qara, namnis nama biratti in qarama. —Fak. 27:17.
Hiikni Addunyaa Haaraa kanaan dura Ingiliffaan qophaaʼe, caqasoota kanneen akka Lallaba 9:10 jiranii fi jechoota “Shiiʼol” jedhan qabatan hiikuu irratti, Kitaabota Qulqulluu Afaan Ingiliffaa warra jechoota kana Afaan Ibrootaa irraa fudhatan hordofeera. Caqasni sun, “Shiiʼol keessa bakka ati dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru” jedha ture. Hiiktonni afaan gara biraatti hiikan hedduun rakkinni armaan gadii isaan mudatee ture: Jechi “Shiiʼol” jedhu namoota afaan gara biraa dubbatan hedduu biratti hin beekamu, galmeewwan jechootaa isaanii keessattis hin argamu, akkasumas bakka taʼe tokko kan argisiisu fakkaata. Kanaafuu, isa bara 2013tti haareffame irratti jechi “Shiiʼol” jedhuu fi Afaan Giriikiitiin immoo “Haadis” jedhu, “Awwaala” jedhamee sirriitti hiikamuudhaan ifa akka taʼu heyyamni kennameera. Jechoonni Ingiliffaa warri yeroon itti darbes jijjiiramaniiru; akkasumas yaanni isaa inni sirrii taʼe utuu hin jijjiiramin caqasicha karaa ifa taʼee fi hubachuuf salphaa taʼeen kaaʼuuf carraaqqii cimaan godhameera. Wantoota afaan gara biraa keessatti itti hojjetaman hojii irra oolchuun hiikkaan Ingiliffaa akka qaramu godheera. w15 12/15 2:10, 12
Jimaata, Adoolessa 28
Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha; Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf. —Far. 41:1, 2.
Akkuma waaqeffattoota dhugaa bara durii, yeroo dhukkubsannu jajjabina, ogummaa fi gargaarsa isaa argachuuf Yihowaa kadhachuu ni dandeenya. Taʼus, namni bara Daawititti jiraatee fi nama dadhabeef yaadu tokko bara baraaf jiraachuu isaa akka itti hin fufne beekna. Kanaaf, Daawit yaada olitti ibsame yeroo barreessu, namni haala kanaan namootaaf yaadu tokko dinqiidhaan jiraachuu isaa itti fufuudhaan bara baraaf jiraata jechuu isaa hin turre. Jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun Waaqayyo nama amanamaa warra kaaniif yaadu ni gargaara jechuu akka taʼan hubachuu dandeenya. Akkamitti? Daawit, “Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa in kaasa” jechuudhaan ibseera. (Far. 41:3) Eeyyee, namni isa dhabaadhaaf yaadu tokko, Waaqayyo isas taʼe amanamummaa inni argisiise akka argu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandaʼa. Qaamni isaa inni Waaqayyo isaaf kennee fi ofiin of haaromsuu dandaʼu sun akka fooyyaʼus taʼe dhukkuba isaa irraa akka fayyu isa gargaaruu dandaʼa. w15 12/15 4:7
Sanbadduraa, Adoolessa 29
Warra hidhaman yaadadhaa! —Ibr. 13:3.
Phaawulos as irratti waaʼee namoota hidhaman hundaa dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, dubbachaa kan ture waaʼee obboloota amantii isaaniitiif jecha hidhamanii ti. Phaawulos iyyuu yeroo wanta kana Ibroota Kiristiyaanota taʼaniif barreessetti gara waggaa afuriitiif mana hidhaa jira ture. (Filp. 1:12-14) Phaawulos, obboloonni ‘warra hidhamanii wajjin waan dhiphataniif’ isaan galateeffateera. (Ibr. 10:34) Ibroonni Kiristiyaanota taʼan kun qaamaan Phaawulos irraa gargar baʼanii jiru. Maarree, isa yaadachuu kan dandaʼan akkamitti? Kadhannaa cimaa isaaf dhiheessuudhaan kana gochuu dandaʼu. (Ibr. 13:18, 19) Haaluma wal fakkaatuun nuyis yeroo harʼaa obboloota keenya mana hidhaatti gataman irraa qaamaan gargar baanee jirra taʼa. Akka Dhugaa Baatota naannoo mana hidhaa sanaa jiraatan kaanii gargaarsa isaaniif gochuu hin dandeenyu taʼa. Haa taʼu malee, yeroo hunda namoota amanamoo kana yaadachuu fi kadhannaa keenya keessatti isaan caqasuu akkasumas cimsinee Yihowaa isaaniif kadhachuudhaan, akka isaaniif yaadnuu fi akka obbolootaatti akka isaan jaallannu argisiisuu dandeenya. w16.01 1:13, 14
Dilbata, Adoolessa 30
Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya dhugaa in baʼa.—Rom. 8:16.
Kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa ilmaan namootaa bara baraaf lafa kana irra akka jiraatan ture. (Uma. 1:28; Far. 37:29) Namoonni tokko tokko gara samii dhaqanii moototaa fi luboota akka taʼan filatamuun isaanii baramaa miti. Kun qophii adda taʼe dha. Waamichi kun, namni tokko yommuu dibamu yaada, ilaalchaa fi abdii isaa irratti jijjiirama guddaa fida. (Efe. 1:18, 19) Haa taʼu malee, namni tokko dhuguma waamicha samii akka argatee fi qabdii adda taʼe kana akka qabu akkamitti beeka? Deebiin gaaffii kanaa, yaada Phaawulos obboloota dibamoo Roomaa keessa turanii fi ‘akka qulqullaaʼan waamamaniif’ barreesse keessatti argama. Phaawulos obboloota kanaan akkana jedheera: “Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, ‘Abbaa keenya’ jennee Waaqayyoon in waammanna.” (Rom. 1:7; 8:15) Gabaabumatti, Waaqayyo hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee namni tokko gara fuulduraatti qophii Mootummichaa keessatti dhaaltuu akka taʼu afeeramuu isaa isaaf mirkaneessa jechuu dha.—1 Tas. 2:12. w16.01 3:8, 9
Wiixata, Adoolessa 31
Maayii keessan dhimma [baafadhaa]. —1 Tas. 4:11.
Namoota Yihowaan dibeef ulfina isaaniif malu akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Dibamuu isaanii ilaalchisee gaaffii dhuunfaa isaan hin gaafannu. Akkana gochuudhaan wanta nu hin galchine keessa galuu irraa of qusanna. (2 Tas. 3:11) Haadha, abbaa, hiriyaa gaaʼelaa ykn firoota nama dibame sanaa keessaa tokkos kan dibame akka taʼe yaaduu hin qabnu. Sanyiin ykn gaaʼelli kana keessatti gaʼee hin qabu. (1 Tas. 2:12) Hiriyaa gaaʼelaa nama dibame tokkoo, gara fuulduraatti lafa Jannata taatu keessatti hiriyaa gaaʼelaa isaa malee akka jiraatu beekuu isaatti maaltu akka itti dhagaʼamu gaafachuu irraa of qusachuu qabna. Gaaffiiwwan nama miidhuu dandaʼan akkanaa kaasuu mannaa, hundi keenya Yihowaan harka isaa akka banuu fi ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa akka quubsu’ amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Far. 145:16) Namoonni Kiristiyaanota dibamoodhaaf karaa sirrii taʼeen ulfina kennan, balaa guddaa irraa, jechuunis ‘obboloota sobduu’ dibamtoota akka taʼan dubbatan irraa of eegu.—Gal. 2:4, 5; 1 Yoh. 2:19. w16.01 4:10, 11