LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es17 ful. 57-67
  • Waxabajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waxabajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Waxabajjii 1
  • Jimaata, Waxabajjii 2
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 3
  • Dilbata, Waxabajjii 4
  • Wiixata, Waxabajjii 5
  • Kibxata, Waxabajjii 6
  • Roobii, Waxabajjii 7
  • Kamisa, Waxabajjii 8
  • Jimaata, Waxabajjii 9
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 10
  • Dilbata, Waxabajjii 11
  • Wiixata, Waxabajjii 12
  • Kibxata, Waxabajjii 13
  • Roobii, Waxabajjii 14
  • Kamisa, Waxabajjii 15
  • Jimaata, Waxabajjii 16
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 17
  • Dilbata, Waxabajjii 18
  • Wiixata, Waxabajjii 19
  • Kibxata, Waxabajjii 20
  • Roobii, Waxabajjii 21
  • Kamisa, Waxabajjii 22
  • Jimaata, Waxabajjii 23
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 24
  • Dilbata, Waxabajjii 25
  • Wiixata, Waxabajjii 26
  • Kibxata, Waxabajjii 27
  • Roobii, Waxabajjii 28
  • Kamisa, Waxabajjii 29
  • Jimaata, Waxabajjii 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
es17 ful. 57-67

Waxabajjii

Kamisa, Waxabajjii 1

Namni arraba [tole] lafee nama in cabsa.—Fak. 25:15.

Yommuu namni tokko wanta nama aarsu nutti dubbatutti illee, jecha gaariidhaan deebii kennuun buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. (Fak. 15:1) Fakkeenyaaf, ilmi umurii waggoota kurnanii keessatti argamuu fi haadha qeentee taate qabu tokko jireenya bifa lamaa jiraata ture. Obboleettiin tokko yaada gaariidhaan kakaatee haadha isaa sanaan, “Ilma kee leenjisuu dadhabuun kee baayʼee nama gaddisiisa” jette. Haati isaas xinnoo erga yaaddee booda akkana jettee deebiste: “Yeroo ammaatti haalli isaa gaarii akka hin taane beekamaa dha; taʼus, leenjiin ani isaaf kennu amma iyyuu hin xumuramne. Armaagedoon booda na gaafadhu; yeroo sana waaʼee isaa sirriitti beekna” jettee ishiidhaaf deebiste. Deebiin gaarummaadhaan kenname kun nagaan obboleettota kana gidduu jiru akka hin boorofne kan gargaare taʼuu isaa irra iyyuu, ilma ishii isa haasaa isaanii dhaggeeffachaa ture jajjabeesseera. Mucichi haati isaa akka abdii isatti hin kutanne hubateera. Kun immoo michoota gadhee qabu akka dhiisu isa kakaaseera. Yeroo booda kan cuuphame siʼa taʼu, achiis Betʼel galee tajaajileera. Obboloota keenya, maatii keenyas taʼe namoota hin beeknee wajjin yommuu taanu dubbiin keenya yeroo hunda, ‘gurratti kan tolu, soogiddaanis kan miyaaʼe’ akka taʼu gochuu qabna.—Qol. 4:6. w15 12/15 3:15, 17

Jimaata, Waxabajjii 2

Wanti akka arraba ibiddaa . . . tokkon tokkon isaanii irra taaʼan. —HoE. 2:3.

Ati bartoota haala kana argan sana keessaa tokko utuu taatee, guyyaa sana matumaa hin irraanfattu turte. Keessumaa kennaa dinqiidhaan afaan hin beekneen dubbachuu argatteetta utuu taʼee, hafuura qulqulluudhaan dibamuu kee matumaa hin shakkitu turte. (HoE. 2:6-12) Haa taʼu malee, namoonni hafuura qulqulluudhaan dibaman hundi, akkuma bartoota jalqabaa warra 120 taʼan sanaa haala dinqii taʼeen dibamanii? Lakki. Namoonni guyyaa sanatti Yerusaalem keessa turan kaan kan dibaman yeroo cuuphamanitti ture. (HoE. 2:38) Wantoonni akka arraba ibiddaa mataa isaanii irra hin teenye. Kana malees, Kiristiyaanonni dibamoon hundi kan dibaman yeroo cuuphamanitti hin turre. Warri Samaariyaa hafuura qulqulluudhaan kan dibaman, erga cuuphamanii yeroo muraasa booda ture. (HoE. 8:14-17) Kana irraa haala adda taʼeen immoo, Qorneelewosii fi maatiin isaa hafuura qulqulluudhaan kan dibaman utuu hin cuuphamin dura ture.—HoE. 10:44-48. w16.01 3:3, 5

Sanbadduraa, Waxabajjii 3

Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti [eeggadhaa]. —Efe. 4:3.

Dibamtoonni, warra lafa irra jiraachuuf abdii qaban caalaa hafuura qulqulluu qabu jechuu akka hin taane gad of qabuudhaan amananii fudhatu. Beekumsa adda taʼe akka qaban ykn mulʼata adda taʼe akka argan hin dubbatan ykn karaa taʼe tokkoon warra kaan irra akka caalan amansiisuuf yaalii hin godhan. Namoonni kun, warri kaanis dibamtoota akka taʼanii fi maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu akka qaban matumaa yaada hin kennan; kanaa mannaa, warra dibaman kan waamu Yihowaa taʼuu isaa gad of qabuudhaan amananii fudhatu. Kiristiyaanonni dibamoon warri kaan karaa kamiin iyyuu ulfina addaa akka isaaniif kennan hin eegan. (Efe. 1:18, 19; Filp. 2:2, 3) Hafuurri Yihowaa dhugaa kan isaaniif baʼe dhuunfaatti dha. Kana ilaalchisee beeksisni addunyaatti himame hin jiru. Kanaafuu, namoonni tokko tokko isaan dhugumaan hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaanii dafanii yoo amanuu baatan isaan dinqisiisuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun nama karaa adda taʼeen Waaqayyo akka isa muude dubbatu tokko dafanii amanuun sirrii akka hin taane gorsa.—Mul. 2:2. w16.01 4:6, 7

Dilbata, Waxabajjii 4

Badhaadhummaan . . .  ogummaan isaa fi beekumni [Waaqayyoo] hammam gad fagaata!—Rom. 11:33.

Yihowaan yeroo tokko caalaa gidduu galee karaa dinqii taʼeen Abrahaamii fi Saaraa eegeera. (Uma. 12:10-20; 20:2-7, 10-12, 17, 18) Muuxannoon kun amantii Abrahaam cimseera. Nuti hoo Yihowaa wajjin michummaa uumuu ni dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya! Beekumsaa fi muuxannoo kana gochuuf nu barbaachisu salphaatti argachuun ni dandaʼama. Abrahaam ogummaa hedduu yeroo ammaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame keessaa kan argate xinnoo isaa qofa dha. (Dan. 12:4) Dubbiin Waaqayyoo qabeenya guddaa waaʼee ‘Uumaa samii fi lafaa’ caalaatti beekuu fi ulfinaa fi jaalala isaaf qabnu guddifachuuf nu gargaaruu dandaʼuun kan guutame dha. (Uma. 14:22) Miirri akkanaa Waaqayyoof ajajamuuf yommuu nu kakaasu, isaaf ajajamuun akkamitti akka nu fayyadu waan hubannuuf muuxannoo arganna. Gorsi isaa akka nu eegu, innis akka nu eebbisuu fi akka nu jajjabeessu ni hubanna. Garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluun milkaaʼina, nagaa fi gammachuu akka nuuf argamsiisu hubanna. (Far. 34:8; Fak. 10:22) Beekumsii fi muuxannoon keenya yommuu dabalaa adeemu, amantiin Yihowaa irratti qabnuu fi michummaan isaa wajjin qabnu ni guddata. w16.02 1:7, 8

Wiixata, Waxabajjii 5

Israaʼeliin gargaareera . . . kunis akkuma inni . . . waadaa galetti dha.—Luq. 1:54, 55, NW.

Yaadni ishiin dubbatte kun, Maariyaam Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti akka beektu argisiisa. Wanti Maariyaam dubbatte yaada haati Saamuʼel raajichaa Haannaan kadhannaa ishii keessatti caqaste tokko tokkoo wajjin wal fakkaata. (1 Sam. 2:1-10) Maariyaam dubbii ishii kana keessatti Kitaaba Qulqulluu irraa gara siʼa 20 caqasuu hin ooltu. Kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Maariyaam dubartii waaʼee wantoota hafuuraa akka gaariitti beektu turte. Maariyaam qabeenya guddaa garaa ishii keessatti kuufatte, jechuunis dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi Yihowaa isa Michuu ishii isa guddaa taʼe irraa baratte gad baasaa turte. Nutis yeroo tokko tokko akkuma Maariyaam itti gaafatamummaan Yihowaa biraa nuuf kenname ulfaataa nutti fakkaachuu dandaʼa. Kanaafuu, akkuma ishii wanta nu fayyadu akka nuuf godhu isatti amanamuudhaan gad of qabnee Yihowaatti of haa kenninu. Nutis waaʼee Yihowaa fi waaʼee kaayyoo isaa wanta barannu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan, dhugaawwan hafuuraa irratti xiinxaluudhaan, akkasumas wanta baranne gammachuudhaan warra kaanitti himuudhaan fakkeenya amantii Maariyaam hordofuu dandeenya.—Far. 77:11, 12; Luq. 8:18; Rom. 10:15. w16.02 2:17, 18

Kibxata, Waxabajjii 6

Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo taʼeef, taaʼee kan hin shallagne eenyu?—Luq. 14:28.

Waggaa waggaatti dargaggoonni kumaan lakkaaʼaman kan cuuphaman taʼuu isaa beekuun akka nama gammachiisu beekamaa dha. (Lal. 12:1) Kiristiyaanonni ijoollee qabanii fi jaarsoliin gumii dargaggoonni kun murtoo kana kan godhan fedhii waan qabaniif qofa utuu hin taʼin, buʼuura gaarii irratti hundaaʼanii taʼuu isaa mirkaneeffachuu barbaadu. Of murteessuu fi cuuphamuun Kiristiyaanni tokko jireenya haaraa jalqabuu isaa argisiisa. Kun taʼuun isaa eebba Yihowaa kan argamsiisu taʼus, mormii Seexanaas ni geessisa. (Fak. 10:22; 1 Phe. 5:8) Kanaafuu warri, duuka buutuu Yesus taʼuuf maaltu akka barbaachisu ijoollee isaanii barsiisuu qabu. Dargaggoota warri isaanii Kiristiyaanota hin taanee wajjin haala wal qabateen immoo, jaarsoliin gumii barattoota Yesus taʼuuf wanta isaan irraa barbaadamu akka hubataniif jaalalaan isaan gargaaru. (Luq. 14:27-30) Hojii ijaarsaa tokko milkaaʼinaan xumuruuf karoorri akkuma barbaachisu, “hamma dhumaatti” Yihowaa tajaajiluudhaafis qophii gochuun barbaachisaa dha.—Mat. 24:13. w16.03 1:1, 2

Roobii, Waxabajjii 7

Waaqayyo . . . nama wal hin [caalchisu] . . . Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha.—HoE. 10:34, 35.

Seerri Musee kan kenname saba tokkoof, jechuunis saba Israaʼeliif qofa ture. Israaʼel hafuuraa garuu namoota gosnii fi akkaataan guddinaa isaanii garaa gara taʼe of keessatti kan qabate ture. Sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamte keessatti Seera Musee dhagaa irratti barreeffameen geggeeffamaa turan. ‘Seerri Kiristos’ inni Israaʼel hafuuraatiif kenname, dhugaawwan buʼuuraa garaa namaa keessatti barreeffaman irratti kan hundaaʼe dha. ‘Seerri Kiristos,’ eessa iyyuu kan jiraatan yoo taʼe, Kiristiyaanota hundaaf hojjechuu fi isaan fayyaduu dandaʼa. (Gal. 6:2) Israaʼeloonni hafuuraa, qajeelfama Waaqayyo karaa Ilma isaa isaaniif kennu irraa faayidaa guddaa argatu. Kakuu haaraan hundeeffamuu isaa dura, Yesus ajajawwan guguddaa lama kennee ture. Seerri inni tokko hojii lallabaa wajjin wal qabata. Inni kan biraan immoo amala duuka buutota Kiristosii fi akkaataa namoota hidhata amantii isaanii taʼan itti qabuu qaban irratti xiyyeeffata. Qajeelfamoonni kun kan kennaman Kiristiyaanota hundaaf ture; kanaafuu abdiin isaanii samii irras taʼe lafa irra jiraachuu, waaqeffattoota dhugaa yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. w16.03 4:10, 11

Kamisa, Waxabajjii 8

Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!—Rom. 12:10.

Jaarsi tokko obboleessa kan biraa leenjisuu jalqabuu isaa dura, isaa wajjin michooma uumuuf carraaqqii gochuu qaba. Tarkaanfiiwwan jaarsi tokko fudhatu haalaa fi aadaa naannoo sanaa irratti kan hundaaʼu waan taʼeef biyyaa biyyatti garaa gara dha. Taʼus, kan jiraattu eessa iyyuu yoo taʼe, yeroo barataa kee wajjin dabarsitu ni ramadda taanaan, “Na biratti iddoo guddaa qabda” isaan jechaa akka jirtuutti ilaalama. Yaadni kun afaaniin kallattiidhaan dubbatamuu baatus, barataan eessa iyyuu jiraatu miira akkasii hubachuu fi bakka guddaa kennuufii ni dandaʼa. Jaarsoliin gumii, barsiisaan gaariin nama warra kaan leenjisuu jaallatu qofa utuu hin taʼin, nama nama leenjisu sana jaallatus akka taʼe yaadadhaa. (Yohannis 5:20 wajjin wal bira qabii ilaali.) Barataan tokko amala barsiisaa isaa kana salphaatti hubachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, kunis akkaataa leenjii isaaf kennamu itti fudhatu irratti dhiibbaa gaarii geessisa. Kanaafuu, jaarsolii jaallatamo, leenjii yeroo kennitan barsiisaa qofa utuu hin taʼin michuu gaarii taʼaa.—Fak. 17:17, hiika bara 1899; Yoh. 15:15, NW. w15 4/15 1:19, 20

Jimaata, Waxabajjii 9

Waaqayyo dhukkuba lamxiitiin mooticha in rukute; innis kanaan qabamee hamma guyyaa duʼa isaatiitti . . . in jiraate.—2 Mot. 15:5.

Seenaa Azaariyaa Mooticha (Uziyaa Mooticha) ilaalchisee odeeffannoo dabalataa Yihowaan maaliif akka isa adabe nu hubachiisu arganneerra. Haa taʼu malee, yeroo Macaafni Qulqulluun odeeffannoo guutuu hin kenninetti hoo maal goota? (2 Mot. 15:7, 32; 2 Sen. 26:3-5, 16-21) Wanti Yihowaan godhu qajeelaa taʼuu isaa ni shakkitaa? Moo Macaafni Qulqulluun Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii taʼe kan godhu taʼuu isaa ilaalchisee odeeffannoo hedduu akka qabu sitti dhagaʼama? (Kes. 32:4) Yihowaa akka qaama tokkootti caalaatti beekaa yeroo deemnu jaalallii fi dinqisiifannaan karaa inni wanta tokko itti raawwatuuf qabnu waan dabaluuf, sana booda wanta inni godhu tokkoof ibsa gaafachuun nu hin barbaachisu. Dinqisiifannaan akkasii kan dabalu Dubbii Waaqayyoo isa inni ittiin nu qunnamu qayyabachuuf, akkasumas irratti xiinxaluuf carraaqqii yeroo gootutti akka taʼe yaadadhu. (Far. 77:12, 13) Kun immoo Yihowaan caalaatti akka sii dhugoomuu fi caalaatti akka isatti dhihaattu godha. w15 4/15 3:8, 10

Sanbadduraa, Waxabajjii 10

Isin ergamoonni isaa warri waaqa irraa, isin jagnoonni jajjaboon warri sagalee dubbii isaa dhaggeeffattanii, ajaja isaa raawwattan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa! —Far. 103:20.

Uumamawwan hafuuraa ergamoota jedhaman, ‘humna guddaa qabu.’ Namoota irra waan caalaniif, dandeettii yaaduu fi cimina guddaa qabu. Ergamoonni amanamoon humna isaaniitti kan fayyadaman wanta gaarii hojjechuufi. Fakkeenyaaf, yeroo tokko ergamaan Yihowaa loltoota Asor diinota taʼan 185,000 ajjeeseera. Namni tokko gocha gootummaa akkasii raawwachuu hin dandaʼu; humna waraanaa tokkoof illee kun ulfaataa dha. (2 Mot. 19:35) Yeroo tokko immoo ergamaan Waaqayyoo tokko humna addaa qabuttii fi dandeettii isaatti fayyadamee ergamoota Yesus mana hidhaatii baaseera. Waardiyyoonni achuma kan turan taʼus, ergamichi yeroo balbala banu, yeroo ergamoota Yesus gadi baasuu fi yeroo deebisee balbalicha cufu hin argine! (HoE. 5:18-23) Uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan humna isaanii wanta gaariitiif kan fayyadaman taʼus, Seexanni humna isaatti kan fayyadamu gocha hamminaa raawwachuufi. Seexanni humna akkamii qaba? Dhiibbaa hammamii geessisuu dandaʼa? Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ‘isa biyya lafaa kana seerratu’ jedhamee ibsameera.—Yoh. 12:31. w15 5/15 1:5, 6

Dilbata, Waxabajjii 11

Isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa [hin taʼin].—Ibr. 3:13.

Kan gaaʼela godhannes taane kan hin godhatin gosa halalummaa kam irraa iyyuu fagaachuu qabna. Lolli goonu kun salphaa dhaa? Gonkumaa! Fakkeenyaaf, dargaggeessa yoo taate, tarii ijoolleen sii wajjin baratan nama barbaadanii wajjin qunnamtii saalaa akka raawwatan dubbachuudhaan yeroo of jajan ni dhageessa taʼa. Tarii waaʼee sekistiingii, jechuunis waaʼee bilbilaan ergaa fi fakkii fedhii qunnamtii saalaa kakaasu walii erguus ni dubbatu taʼa. Biyyoota tokko tokko keessatti sekistiingiin, poornoogiraafii ijoolleen irratti mulʼatan walii erguu wajjin tokko akka taʼetti ilaalama. Macaafni Qulqulluun, “Namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta” jedha. (1 Qor. 6:18) Dhukkuboonni qunnamtii saalaatiin daddarban babalʼachuu isaaniitiin namoonni hedduun dhiphataniiru, akkasumas duʼaniiru. Dargaggoonni gaaʼela dura qunnamtii saalaa raawwatan hedduun gocha raawwatanitti akka gaabban dubbatu. Sabqunnamtiin bashannanaa seera Waaqayyoo cabsuun miidhaa akka hin geessisne nu amansiisuu barbaada. Yaadni akkasii namoonni “gowwoomsaa cubbuutiin” akka dogoggorfaman godha. w15 5/15 2:14

Wiixata, Waxabajjii 12

[Inni Hundaa Olii] warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.—Luq. 6:35, NW.

Yesus gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofeera. Kana gochuuf kan isa gargaare maali dha? Dubbii fi gochi isaa miira warra kaanii irratti dhiibbaa akka geessisu yaaduudhaan, gaarummaadhaan namoota qabeera. Fakkeenyaaf, dubartiin cubbamtuu akka taatetti beekamtu tokko gara isaa dhuftee booʼaa imimmaan isheetiin miilla isaa jiistee turte. Yesus qalbii jijjiirrachuu ishee hubatee ture; akkasumas, yoo gaarummaa isheetti argisiisuu baate miirri ishee hammam miidhamuu akka dandaʼu beekee ture. Kanaafuu, ishee galateeffate; dhiifamas ni godheef. Fariisichi tokko wanti inni godhe sirrii akka hin taane yeroo yaadetti, Yesus isattis gaarummaadhaan dubbateera. (Luq. 7:36-48) Gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos akka jedhetti, Kiristiyaanni tokko “nama hundumaatti gaarummaa argisiisuu” qaba malee, “nama qoccoluu” hin qabu. (2 Xim. 2:24) Bakka warra kaanii of kaaʼuu fi dubbiin keenya dhiibbaa akka isaan irra geessisu yaaduun, akkaataa dubbii fi gocha keenya irratti gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf nu gargaara.—Fak. 15:28. w15 5/15 4:8, 9

Kibxata, Waxabajjii 13

Gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun taʼuuf duraa hin hambisin!—Fak. 3:27.

Yeroo obboloota keenya irra rakkinni gaʼu isaan jajjabeessuu, akkasumas karaa qaamaa, miiraa fi hafuuraa gargaarsa isaaniif gochuu dandeenya. (Fak. 17:17, hiika bara 1899) Fakkeenyaaf, yeroo balaan uumamaa isaan mudatutti akka dandamatan isaan gargaaruu dandeenya. Obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko erga obomboleettii cimaan mana ishee jalaa diigee booda akkana jechuudhaan galateeffannaa qabdu ibsiteetti: “Karaa qaamaa qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas gargaarsa waanan argadheef, jaarmiyaa Yihowaa keessa jiraachuu kootti baayʼeen galateeffadha.” Obboleettiin qeenteen abdii akka hin qabne itti dhagaʼamee fi waan gootu wallaaltee turte tokko, manni ishee obomboleettiidhaan erga diigamee booda yaada kennite hubadhaa. Yeroo gargaarsi isheedhaaf godhametti akkana jetteetti: “Ibsuun namatti ulfaata! Wanta natti dhagaʼame guutummaatti ibsuu hin dandaʼu . . . Yihowaa, galatoomi!” Kutaa obboloota warra kaaniif garaadhaa yaadanii taʼuu keenyatti baayʼee gammanna. Wanti caalaatti nu gammachiisu immoo, Yihowaa fi Yesus Kiristos dhugumaan saba Waaqayyootiif kan yaadan taʼuu isaa ti. w15 6/15 1:17

Roobii, Waxabajjii 14

Dubartoota maanguddoota akka haadhotaatti, warra gara ijoollees yaada qullaaʼaadhaan akka obboleetotaatti gorsi!—1 Xim. 5:2.

Macaafni Qulqulluun akkaataa nama saala faallaa taʼe tokko itti qabnu irratti gorsa nuu kennuudhaan fedhii sirrii hin taane qabaachuu irraa akka fagaannu nu gargaara. Gorsi akkasii kolomsuun dogoggora taʼuu isaa ifatti argisiisa. Namoonni tokko tokko qaamaan hamma wal hin tuqnetti, nama saala faallaa qabuuf miira jaalalaa akka qaban karaa argisiisuun sochii qaamaa gochuunii fi miira akkasiitiin nama sana ilaaluun rakkina akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, nama kolomsuunis taʼe yeroo nu kolomsan fuula kennuun, yaada xuraaʼaa ejjatti geessu nama keessatti uumuu dandaʼa. Wanti akkasii kanaan dura uumameera; ammas uumamuu ni dandaʼa. Yoseef gama kanaan ogummaa akka qabu argisiiseera. Haati manaa Phoxiifaar isa dogoggorsuuf yeroo yaaltetti, isheedhaaf hin moʼamne. Isheen garuu abdii hin kutanne. Ishee wajjin akka taʼu guyyuma guyyaadhaan isa gaafatti turte. (Uma. 39:7, 8, 10) Taʼus, Yoseef gowwoomsaa isheetiin moʼamuus taʼe ishee wajjin wal kolomsuu irraa fagaachuuf murteessee ture. Kana gochuudhaan yaadni dogoggoraa garaa isaa keessatti akka hin guddanne godheera. w15 6/15 3:10, 11

Kamisa, Waxabajjii 15

Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi! —Mat. 6:12.

Yihowaan wanta karaa hafuuraa ofii keenyaaf qofa barbaachisu utuu hin taʼin, warra nu yakkan dabalatee, wanta karaa hafuuraa warra kaan barbaachisuufis akka yaaddofnu akka barbaadu ifa dha. Yeroo baayʼee cubbuun obboloonni keenya nu irratti hojjetan salphaa taʼuu isaa irra iyyuu, obboloota keenya dhugumaan akka jaallannu argisiisuuf, akkasumas akkuma Waaqayyo araara isaatiin cubbuu keenya nuuf dhiisu, nutis dhiifama gochuuf fedhii akka qabnu argisiisuuf carraa nuu bana. (Qol. 3:13) Kan nama gaddisiisu, cubbamoo waan taaneef, namoota irratti yeroo tokko tokko haaloo ni qabanna taʼa. (Lew. 19:18) Waaʼee dhimmichaa nama kan biraatti dubbachuun, namoonni kaan nu irra akka goran waan godhuuf gumii keessatti qoqqoodamni akka jiraatu godha. Haalli kun akka itti fufu kan heyyamnu yoo taʼe, araara Waaqayyootii fi furichaaf dinqisiifannaa kan hin qabne taʼuu keenya argisiisa. Namoota kaaniif dhiifama hin goonu taanaan, Abbaan keenya Yihowaan gatii furii Ilma isaa nuuf fayyadamuu dhiisa. (Mat. 18:35) Yesus akkuma kadhannaa fakkeenya taʼu barsiisee xumureen waaʼee yaada kanaa balʼinaan ibseera. (Mat. 6:14, 15) Dhiifama Waaqayyo godhu irraa fayyadamuuf, cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuuf carraaquu qabna.—1 Yoh. 3:4, 6. w15 6/15 5:9-11

Jimaata, Waxabajjii 16

Mootiin hojjetaa isaa isa ogeessatti faara in tola.—Fak. 14:35.

Yihowaan jannata hafuuraa bareechuu irratti akka hirmaannu nuuf heyyamuun isaa mirga guddaa dha. Kanas gochuu kan dandeenyu, misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabuu fi namoonni dabalataa duuka buutota akka taʼan gargaaruudhaani. Namni tokko Yihowaadhaaf akka of murteessu yeroo gargaarru hundatti, daangaan jannata hafuuraa akka balʼatu gochaa jirra. (Isa. 26:15; 54:2) Akkasumas, amala keenya irratti fooyyaʼiinsa gochuudhaan bareedina jannata hafuuraa keenyaa dabaluu dandeenya. Karaa kanaan, jannanni hafuuraa kun namoota kaan caalaatti akka hawwatu gochuu dandeenya. Wanti jalqaba irratti namoonni jaarmiyichatti, achiis Yihowaa fi Kiristositti akka dhihaatan godhu beekumsa Macaafa Qulqulluu caalaa iyyuu amala gaarii nuti qabnu dha. Yeroo harʼaatti Yihowaa fi Yesus bareedina jannata hafuuraa keenyaa yeroo ilaalan baayʼee akka gammadan beekamaa dha. Gammachuun nuti yeroo ammaatti jannata hafuuraa bareechuudhaan argachaa jirru, gammachuu gara fuulduraatti lafa yeroo jannata goonutti argannu kan argisiisu dha. w15 7/15 1:18-20

Sanbadduraa, Waxabajjii 17

Isin . . . hamaa fi gaarii [beekuudhaan] akka Waaqayyo [in taatu].—Uma. 3:5.

Yeroo harʼaatti namni hundi karaan Waaqayyo itti hojjetu kan Seexanaa irra caalmaa guddaa akka qabu amanuuf ykn amanuu dhiisuuf murteessuu qaba. Gama hundumaatiin, wanta tokko karaa mataa kee raawwachuu mannaa, seera Yihowaa fi ulaagaalee inni baaseef ajajamuudhaan isa cinaa ni dhaabbattaa? Rakkina ilmaan namootaa hundumaatiif furmaata kan kennu Mootummaa isaa qofa akka taʼe hoo ni amantaa? Moo namni ofiin of bulchuuf dandeettii akka qabu sitti dhagaʼama? Deebiin ati gaaffilee kanaaf kennitu, deebii yeroo namoonni dhimmawwan falmii kaasan irratti yaada akka kennitu si gaafatanitti deebistu murteessa. Namoonni siyaasaa, namoonni warraaqsa irratti hirmaatanii fi jijjiirama fiduu barbaadan, dhimmoota wal qoqqooduu uumaniif furmaata kennuuf yeroo dheeraadhaaf carraaqaniiru. Carraaqqii kana kan godhan gaarummaadhaan kakaʼanii taʼuu dandaʼa. Kiristiyaanonni garuu rakkina ilmaan namootaatiif furmaata kennuu fi haqa argamsiisuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe amanu. Dhimma kana Yihowaadhaaf dhiisuu qabna. Hunda caalaa immoo, Kiristiyaanonni hundi yaadni furmaataa isaan dhiheessan fudhatama akka argatu gochuuf yaalu utuu taʼee, utuu baayʼee hin turin wal qoqqooduun gumiiwwan keenya keessatti ni uumama ture. w15 7/15 3:7, 8

Dilbata, Waxabajjii 18

Hojiin kee hundinuu yaada koo keessa jira.—Far. 77:12.

Wantoota Yihowaan uume irraa inni nuuf jaalala hin badne qabaachuu isaa arguu ni dandeenyaa? Eeyyee, wanti uumama irratti arginu jaalala Waaqayyoo kan calaqqisiisu waan taʼeef ni dandeenya. (Rom. 1:20, NW) Yihowaan lafti haala naannoo jireenyaaf mijaaʼaa taʼe akka qabaattu godhee uume. Haa taʼu malee, kan barbaadu akkasumaan akka jiraannu qofa miti. Jiraachuu keenya itti fufuuf nyaachuun akka nu barbaachisu godhee nu uume. Yihowaan lafti utuu wal irraa hin kutin biqiltoota akaakuu hammana hin jedhamne qabanii fi nyaata fayyaa keenyaaf taʼu argamsiisan akka oomishtu godhee uume. Nyaachuun kan nama gammachiisuu fi kan namatti tolu akka taʼu illee godheera! (Lal. 9:7) Yihowaan hojii buʼaa qabuu fi gammachuu nuu argamsiisu hojjechuuf dandeettii akka qabaannu godhee nu uume. (Lal. 2:24) Ilmaan namootaa lafa akka guutanii fi harka jala akka galfatan, akkasumas qurxummii, simbirrootaa fi wantoota lubbuu qaban kaan akka bulchan kaayyoo isaa ture. (Uma. 1:26-28) Kana malees, Yihowaan amalawwan fakkeenya isaa hordofuuf nu gargaaran akka qabaannu gochuun isaa baayʼee akka nu jaallatu kan argisiisu dha!—Efe. 5:1. w15 8/15 1:4, 5

Wiixata, Waxabajjii 19

Yaada garaa keessanitti baʼaa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa. —Luq. 21:34.

Haalawwan addunyaa, raajiin Macaafa Qulqulluu raawwatamaa akka jiruu fi sirni hamaan kun baduun isaa akka hin oolle argisiisu. Yeroo ‘gaanfonni kurnanii’ fi “bineensichi” Mulʼata 17:16 irratti ibsame Baabilon guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa taate irratti itti kaʼan eeggachaa jirra. Kun taʼuu isaa dura yeroo dheeraan darbuu akka qabu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Waaqayyo tarkaanfii kana akka fudhatan yaadicha ‘garaa isaanii keessa akka kaaʼu’ dagachuu hin qabnu; kun immoo dafee akkasumas yeroo kamitti iyyuu taʼuu dandaʼa! (Mul. 17:17) Yeroon sirni kun guutummaatti itti badu fagoo miti. Akeekkachiisa Yesus caqasa guyyaa harʼaa irratti kenne fudhachuuf sababii gaʼaa qabna. (Mul. 16:15) Yihowaan ‘warra isa abdataniif waa akka raawwatu’ amanuudhaan, miira ariifannaatiin isa tajaajiluuf haa murteessinu.—Isa. 64:4. w15 8/15 2:17

Kibxata, Waxabajjii 20

Jaalala Waaqayyoo kan godhu eenyu iyyuu obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis.—Mar. 3:35.

Namoota seerawwan Waaqayyoo hin eegnettis gaarummaa argisiisuu kan barbaadnu taʼus, hiriyoota keenya isaan godhachuu hin qabnu. Kanaafuu, Dhugaa Baatuun Yihowaa qeenxee taʼe tokko, nama Yihowaadhaaf of hin murteessine ykn isaaf amanamaa hin taanee fi ulaagaalee isaatiif kabaja hin qabnee wajjin gaaʼelaaf wal qorachuu hin qabu. Amanamummaa keenya eeguun, namoota seerawwan Yihowaa hin eegne biratti beekamummaa argachuu irra baayʼee kan wayyu dha. Namoota fedhii Waaqayyoo raawwatan hiriyaa godhachuu qabna. Hiriyummaa gadheen dhiibbaa akkamii akka qabu haala Israaʼelootaa irraa hubachuu dandeenya. (Bau. 23:24, 25; Far. 106:35-39) Waaqayyoof amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif yeroo booda Yesus, “Ilaa, manni keessan onee in hafa” isaaniin jedheera. (Mat. 23:38) Yihowaan Israaʼeloota kan dhiise siʼa taʼu, eebba isaa isaan irraa kaasee gumii Kiristiyaanaa dhiheenyatti hundaaʼeef kenneera.—HoE. 2:1-4. w15 8/15 4:7, 8

Roobii, Waxabajjii 21

Jaalala garaa qullaaʼaa keessaa, yaada garaa hin booraʼin keessaa . . . baʼu dammaqsuudhaaf in barsiifna.—1 Xim. 1:5.

Yihowaan namoota kan uume mirga filannaa, jechuunis wanta barbaadan filachuuf bilisummaa akka qabaatan godhee ti. Waaqayyo dhiiraa fi dubartiin jalqabaa, akkasumas sanyiin isaanii yaada garaa, jechuunis dandeettii wanta sirrii fi gadhee taʼe adda baasuuf isaan gargaaru akka qabaatan godheera. Yaada garaa keenya karaa sirrii taʼeen yoo itti fayyadamne, wanta gaarii taʼe hojjechuu fi dogoggora irraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kanaafuu, yaadni garaa keenya Waaqayyo akka nu jaallatuu fi namoonni wanta gaarii taʼe hojjechuudhaan tokko akka taʼan akka barbaadu kan argisiisu dha. Yeroo harʼaas, namoonni yaada garaa isaaniitti ni fayyadamu. (Rom. 2:14, 15) Namoonni hedduun qajeelfama Macaafni Qulqulluun amala ilaalchisee kennu kan hin hordofne taʼus, namoonni tokko tokko yeroo baayʼee wanta gaarii taʼe ni raawwatu, wanta gadhee taʼe irraa immoo ni fagaatu. Namoonni hedduun yaadni garaa isaanii hammina cimaa akka hin raawwanne isaan dhowwa. Namni kam iyyuu yaada garaa hin qabu utuu taʼee haalli addunyaa hangam akka hammaatu yaadi! Waaqayyo namoonni yaada garaa akka qabaatan godhee uumuu isaatti baayʼee isa galateeffanna. w15 9/15 2:1, 2

Kamisa, Waxabajjii 22

Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa!—1 Yoh. 3:1.

Wanta Yohannis ergamaan dubbate kana gadi fageenyaa fi dinqisiifannaadhaan irratti yaaduu qabna. Yohannis, “Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa!” yeroo jedhu, Kiristiyaanonni jaalalli Waaqayyo isaaniif qabu kan akkamii akka taʼee fi hammam guddaa akka taʼe akka yaadan isaan jajjabeessaa ture. Yihowaan hammam akka nu jaallatu yeroo xiinxallu, jaalalli isaaf qabnu ni cima, akkasumas walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu ni jabaata. Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko Waaqayyo namootaaf jaalala akka qabu amanuun isaan rakkisa. Waaqayyoon sodaachuunii fi isaaf ajajamuun akka barbaachisu qofa beeku. Tarii immoo barumsawwan sobaatiin kan kaʼe, Waaqayyo jaalala kan hin qabnee fi jaallatamuu kan hin dandeenye akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa. Karaa biraatiin immoo, namoonni maal iyyuu yoo godhan ykn gochuu yoo dadhaban Waaqayyo akka isaan jaallatu amanan jiru. Yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabattetti, jaalalli amala Yihowaa isa guddaa akka taʼee fi jaalalli kun Ilma isaa aarsaa godhee akka nuu kennu kan isa kakaase taʼuu isaa baratteetta.—Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:8. w15 9/15 4:1, 2

Jimaata, Waxabajjii 23

Adabni . . . nama gaddisiis[a]. —Ibr. 12:11.

Phaawulos, adabni “kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Phaawulos yeroo kana jedhutti adabni barbaachisaa akka hin taane ykn faayidaa akka hin qabne dubbachaa hin turre; itti fufuudhaan, “Booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in taʼa” jedheera. Yihowaa ni jaallanna yoo taʼe, gorsi isaa akka nu hin barbaachisne nutti dhagaʼamuu ykn nu aarsuu hin qabu. Yeroo harʼaa, dhaloota ofittoo taʼe kana keessatti gorsaa fi adaba fudhachuun haa hafuutii waaʼee isaa dubbachuun illee salphaa miti. Namoonni gorsa ykn adaba kan fudhatan fakkaatan illee kana kan godhan gammachuudhaan miti. Kiristiyaanonni garuu, ‘fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa akka hin buune’ gorfamaniiru. ‘Jaalala Waaqayyoo’ hubachuu fi hojii irra oolchuu qabna. (Rom. 12:2) Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamuudhaan, walitti dhufeenya saala faallaa wajjin qabnu, hiriyummaa fi bashannana dabalatee akkaataa jireenyaa keenya irratti yeroo isaatti gorsa nuuf kenna. Qajeelfama akkasii gammachuudhaan fudhachuu fi hojii irra oolchuudhaan, galateeffannaa qabnu ibsuu, akkasumas garaadhaa dhugumaan Yihowaa akka jaallannu argisiisuu dandeenya.—Yoh. 14:31; Rom. 6:17. w15 9/15 5:13, 15

Sanbadduraa, Waxabajjii 24

Amanti-dhabina kootti na gargaari! —Mar. 9:24.

Amantii keenya carraaqqii mataa keenyaatiin qofa guddifachuu hin dandeenyu. Amantiin ija hojii hafuura qulqulluu keessaa tokko dha. Kanaafuu, Yesus Abbaan isaa ‘warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu’ waan nuu mirkaneesseef, gorsa hafuura dabalataa argachuuf akka kadhannu nuu kenne hojii irra oolchuun keenya barbaachisaa dha. (Luq. 11:13) Takkaa amantii keenya erga guddifannee booda, amantii kana eeguu qabna. Amantiin keenya ibiddatti fakkeeffamuu dandaʼa. Ibiddichi jalqaba irratti akka gaariitti bobaʼa taʼa. Haa taʼu malee, qoraan utuu itti hin dabalin callisnee kan ilaallu yoo taʼe, barbadaa taʼuu fi booda immoo daaraa qofa taʼuu dandaʼa. Walitti aansinee qoraan yoo itti daballe garuu, akkuma bobaʼetti itti fufuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, amantiin keenyas yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo kan isa soorru yoo taʼe jabaataa taʼee itti fufuu dandaʼa. Guyyuma guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu kan dubbisnuu fi kan qayyabannu yoo taʼe, jaalalli Macaafa Qulqulluu fi Yihowaadhaaf qabnu ni guddata. Kun immoo amantii keenya guddifachuuf nu gargaara. w15 10/15 2:6, 7

Dilbata, Waxabajjii 25

Waaʼee wanta ati [hojjettee] nan yaada.—Far. 77:12.

Qorannaan saayinsii akka argisiisutti, yeroo qayyabannaatti sagalee baasanii dubbisuun salphaatti yaadachuuf gargaara. Uumaan sammuu keenyaa kana waan beekuuf, Iyaasuun waaʼee macaafa Seerichaa ‘akka yaadu’ ykn akka jechi Afaan Ibrootaa argisiisuu dandaʼutti ‘sagalee isaa gadi qabee’ akka dubbisu ajajeera. (Iya. 1:8) Macaafa Qulqulluu suuta jettee dubbisuun ykn sagalee kee gadi qabdee dubbisuun wanta dubbistu hubachuuf si gargaara. Kun immoo yaadni kee akka hin hihhiramne gochuus ni dandaʼa. Dubbisuun carraaqqii hedduu kan hin gaafanne siʼa taʼu, xiinxaluun garuu xiyyeeffannaa barbaada. Sammuun ilmaan namootaa cubbamoo taʼanii wantoota salphaa taʼan irratti yaaduu kan filatu kanaafi. Kanaafuu, yeroo hin dadhabnetti, wanti si jeequu fi xiyyeeffannaa kee hihhiru utuu hin jiraatin xiinxaluun gaarii dha. Faarfatichi halkan siree isaa irra utuu jiruu xiinxaluun gaarii akka taʼe hubatee ture. (Far. 63:6) Yesus inni sammuun isaa mudaa hin qabne iddoo jeequmsi hin jirretti xiinxaluu fi kadhachuun faayidaa akka qabu beeka ture.—Luq. 6:12. w15 10/15 4:4, 6, 7

Wiixata, Waxabajjii 26

Inni ofii isaatii garaa namaa keessa kan jiru [beeka]. —Yoh. 2:25.

Yeroo tokko namoota Galiilaa keessatti Yesusiin dhaggeeffachaa turan keessaa tokko tokko isa duukaa buʼuuf fedhii kan qaban fakkaata ture. (Yoh. 6:22-24) Haa taʼu malee, Yesus inni garaa namaa beekuu dandaʼu, namoonni sun isa duukaa buʼuu kan barbaadan wanta inni isaan barsiiseen kakaʼanii utuu hin taʼin waan nyaatan waan isaanii kenneef akka ture hubate. Wanta dogoggora taʼe kan arge siʼa taʼu, obsaan sirreeffama isaaniif kenneera, akkasumas akkamitti jijjiirama gochuu akka dandaʼan isaaniif ibseera. (Yoh. 6:25-27) Garaa namaa beekuu kan hin dandeenye taʼus, hubannaa akka qabdan argisiisuu fi mucaan keessan tajaajilaaf miira akkamii akka qabu beekuu ni dandeessu. Warri hedduun ijoolleen isaanii akka aara galfatanii fi akka bashannanan gochuuf tajaajila isaanii gidduutti yeroo gabaabaa fudhatanii shaayii dhugu. Haa taʼu malee, ‘Mucaan koo tajaajilattis ni gammada moo boqonnaa qofatti gammada?’ jettanii of gaafachuudhaan wanta ifatti mulʼatu duuba wanta jiru hubachuu ni dandeessu. Ijoolleen keessan tajaajilatti baayʼee akka hin gammadne yoo hubattan caalaatti akka isaan gammachiisu gochuuf yaalaa. Hiriyaa tajaajilaa keessan isaan godhachuudhaan tajaajila irratti guutummaatti akka hirmaatan mala adda addaatti fayyadamuudhaan isaan gargaaraa. w15 11/15 1:10, 11

Kibxata, Waxabajjii 27

Wanti duraa [darbeera].—Mul. 21:4.

Waaqni keenya inni jaalala qabeessi yeroo hunda wanta tajaajiltoota isaa warra amanamoodhaaf barbaachisu raawwata. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; . . . egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!” Namoota jaalala Yihowaa dinqisiifannuu fi akka Bulchaa keenyaatti isaaf ajajamnu hunda abdii dinqisiisaatu eeggata! Dubbiin Yihowaa akkana jedha: “Nama hirʼina hin qabne caqasi, nama yaada qajeelaas ilaali! Qacceen nama nagaa hin badu. Warri irra-daddarbituun garuu wal duukaa in duguugamu” (Far. 37:37, 38) “Namni hirʼina hin qabne” Yihowaa fi Ilma isaa kan beeku yommuu taʼu, fedha Waaqayyoo ni raawwata. (Yoh. 17:3) Namni akkasii yaada 1 Yohannis 2:17 irra jiruu fi “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedhu akka salphaatti hin ilaalu. Dhumni addunyaa kanaa waan dhihaateef, ‘Waaqayyoon abdiidhaan eeggachuu fi karaa isaa irraa akka hin jalʼanne eeggachuun’ keenya barbaachisaa dha.—Far. 37:34. w15 11/15 3:11, 12

Roobii, Waxabajjii 28

Midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa. —Mat. 9:37.

Sabni Waaqayyoo, qajeelfama Mootichaatiin misiraachicha hamma dandaʼametti namoota hedduudhaan gaʼuuf, malawwan garaa garaatti fayyadamaniiru. Kun keessumaa yeroo ‘hojjetoonni muraasa’ turanitti baayʼee barbaachisaa ture. Jalqaba jaarraa 20ffaatti, gaazexoonni namoota hedduu iddoowwan lakkoofsi saba Yihowaa muraasa taʼe jiraataniin ergicha gaʼuuf fayyadaniiru. Chaarlis Teez Raasil torban torbaniin haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe gara dhaabbata gaazexaatti erga ture. Achiis, dhaabbatichi gara dhaabbilee gaazexaa Yunaayitid Isteetis, Kaanaadaa fi Awurooppaa jiranitti erga. Haasaan obboleessa keenya Raasil hanga bara 1913tti gaazexoota 2,000 irratti kan baʼe siʼa taʼu, namoonni 15,000,000 taʼan akka dubbisan tilmaamama! Obboleessi keenya Raasil erga duʼee booda, mala buʼa qabeessa misiraachicha babalʼisuuf gargaaru gara biraatu hojii irra ooluu jalqabe. Ebla 16, 1922tti Joseef Raazarfordi haasaawwan yeroo jalqabaatiif tamsaasa raadiyootti fayyadamee dhiheesse keessaa isa tokko namoota tilmaamaan gara 50,000 taʼaniif dhiheesse. Achiis Guraandhala 24, 1924tti buufanni raadiyoo keenya Dabliiwu Bii Bii Aarri jedhamu tamsaasa isaa jalqabe. w15 11/15 5:10, 11

Kamisa, Waxabajjii 29

Wantan taʼuu barbaadu nan taʼa. —Bau. 3:14, NW.

Yihowaan uumamawwan isaas wanta inni barbaadu hunda akka taʼan ni godha. Hiika maqaa isaa wajjin haala wal simuun, Waaqayyo Nohi ijaartuu markabaa akka taʼu, Bazaaliʼel ogeessa harkaa beekamaa akka taʼu, Giidewon loltuu injifatu akka taʼu, Phaawulos immoo ergamaa sabootaa akka taʼu godheera. Eeyyee, maqaan Waaqayyoo saba isaatiif hiika guddaa qaba. Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraas maqaa kana Kitaaba Qulqulluu keessaa baasuudhaan maqaa kana akka tuffatu hin argisiisne. Hiikni Addunyaa Haaraa afaan 130 ol taʼuun qophaaʼe, maqaa kana Kitaaba Qulqulluu keessa bakka jalqaba turetti deebisuudhaan maqaa Waaqayyootiif ulfina kenneera. (Mil. 3:16) Faallaa kanaatiin, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu yeroo ammaatti argaman, maqaa Waaqayyoo keessaa baasanii maqaawwan ulfinaa kan akka “Gooftaa” jiruun ykn maqaa waaqa naannoo sanaatiin bakka buusu. Sababii inni guddaan Qaamni Olaanaan Dhugaa Baatota Yihowaa hamma dandaʼametti namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu maqaa Waaqayyootiif ulfina kennu akka argatan gochuuf dursi akka kennamu itti godhe kana dha. w15 12/15 2:7-9

Jimaata, Waxabajjii 30

Isaan keessaa namni tokko illee, “Na dhukkuba” kan jedhu hin jiru. —Isa. 33:24.

Waaqayyo fayyaa nama tokkoo irratti jijjiirama fiduuf humna akka qabu hin shakkisiisu. Kitaabni Qulqulluunis kana ni mirkaneessa. Namoota akka Faraʼoon isa bara Abrahaamitti turee fi booda immoo Miiryaam obboleettii Musee jiran dhukkubaan adabeera. (Uma. 12:17; Lak. 12:9, 10; 2 Sam. 24:15) Israaʼeloonni yoo amanamoo taʼuu baatan, Waaqayyo ‘dhukkubaa fi dhaʼichaan’ akka isaan rukutu isaan akeekkachiisee ture. (Kes. 28:58-61) Karaa gara biraa immoo Yihowaan dhukkuba balleessuu ykn akka hin dhukkubsanne gochuu ni dandaʼa. (Bau. 23:25; Kes. 7:15) Namoota fayyisuus ni dandaʼa. Iyoob akka malee dhukkubsatee duʼuu erga hawwee booda, Waaqayyo isa fayyiseera. (Iyo. 2:7; 3:11-13; 42:10, 16) Eeyyee, Waaqayyo nama dhukkubsate tokko gargaaruu fi dhukkuba sana irraa isa fayyisuuf humna akka qabu beekamaa dha. Ilmi isaas akkana gochuu ni dandaʼa. Yesus namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman, warra dhukkuba gaggabdoo qabanii fi qaroo dhabeeyyii taʼan, ykn lamshaaʼan dinqiidhaan akka fayyise ibsameera. (Mat. 4:23, 24; Yoh. 9:1-7) Dinqiin Yesus fayyisuudhaan hojjete, wanta inni addunyaa haaraa keessatti balʼinaan hojjetuuf fakkeenya taʼuu isaa beekuun baayʼee kan nama jajjabeessu dha. w15 12/15 4:3, 4

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi