Caamsaa
Wiixata, Caamsaa 1
[Isaan] dubbii gaarii afaan isaa keessaa baʼu [ni dinqifatan]. —Luq. 4:22.
Nutis nama gaarii taʼuu, nama kabajuu fi miira warra kaaniitiif yaaduudhaan, dubbii gaarii dubbachuu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya. Yesus tuutni namootaa sun isa dhaggeeffachuuf carraaqqii gochuu isaanii ilaalee isaaniif gadduudhaan, “waan baayʼees isaan barsiisuutti kaʼe.” (Mar. 6:34) Yesus yeroo arrabsametti illee, dubbii nama miidhu dubbachuuf hin yaalle. (1 Phe. 2:23) Namni wajjin dubbannu sun nama akka gaariitti beeknu yoo taʼe, garraamummaa fi malaan dubbachuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Akka barbaannetti dubbachuuf bilisummaa akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Miseensa maatii keenyaa ykn michuu keenya gumii keessa jiruu wajjin yeroo dubbannu akkana gochuu dandeenya. Yesus barattoota isaa wajjin walitti dhihaachuun isaa karaa nama miidhuun dubbachuuf bilisummaa akka isaaf kennu itti dhagaʼamee turee? Matumaa! Duuka buutonni isaa warri isatti dhihaatan, isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmuu isaanii yommuu itti fufan, Yesus mucaa xinnoo tokko fakkeenya gochuudhaan, akkasumas gaarummaadhaan isaan sirreesseera. (Mar. 9:33-37) Jaarsoliin, “hafuura garraamummaatiin” gorsa kennuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandaʼu.—Gal. 6:1. w15 12/15 3:15, 16
Kibxata, Caamsaa 2
Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!—Ibr. 13:1.
Akka Obbolootaatti wal jaallachuu keenya itti fufuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Deebiin isaa gabaabumatti, Yihowaan akka obbolootaatti wal jaallachuu keenya akka argisiisnu kan nu irraa barbaadu taʼuu isaa ti. Obboloota keenya jaallachuu didnee Waaqayyoon akka jaallannu dubbachuu hin dandeenyu. (1 Yoh. 4:7, 20, 21) Kana malees, walii keenyaaf ni barbaachisna. Kun keessattuu yeroo rakkisaa taʼetti barbaachisaa dha. Phaawulos Ibroonni Kiristiyaanota taʼanii fi inni xalayaa isaaniif barreesse tokko tokko mana isaanii fi qabeenya isaanii dhabuuf akka dirqaman beeka ture. Yesus yeroon sun baayʼee ulfaataa akka taʼu ibsee ture. (Mar. 13:14-18; Luq. 21:21-23) Kanaaf, Kiristiyaanonni sun yeroo kam iyyuu caalaa jaalala waliif qaban cimsachuun isaan barbaachisa ture. (Rom. 12:9) Dhiheenyatti qilleensonni rakkina guddaa warri yeroo kam iyyuu caalaa badiisa guddaa fidan ni gadhiifamu. (Mar. 13:19; Mul. 7:1-3) Yeroo hunda walgaʼii irratti argamuun keenya qofti gaʼaa miti. Phaawulos Ibroonni Kiristiyaanota taʼan carraawwan kanatti fayyadamanii “jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis” akka wal kakaasan isaan yaadachiiseera.—Ibr. 10: 24, 25. w16.01 1:6-8
Roobii, Caamsaa 3
Hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman.—HoE. 2:4.
Barri isaa Dh.K.B. bara 33 siʼa taʼu guyyaan isaa immoo guyyaa Phenxeqosxee ture. Yerusaalem keessa kutaa fooqii irra jiru keessatti, Kiristiyaanonni gara 120 taʼan walitti qabamuudhaan, “kadhataaf of kennanii turan.” (HoE. 1:13-15) Wanti isaan irratti raawwatamuuf jedhu, raajiin Yoʼel akka raawwatamu kan godhu ture. (Yoe. 2:28-32; HoE. 2:16-21) Hafuurri qulqulluun tuuta Kiristiyaanotaa fooqii irratti walitti qabaman sana irratti dhangalaʼe. (HoE. 1:8) Isaanis wantoota dinqisiisoo arganii fi dhagaʼan ilaalchisee raajii dubbachuu ykn dhugaa baʼuu jalqaban. Phexros ergamaan namoota hedduu yeruma sana walitti qabamaniif wanti raawwatame kun maaliif barbaachisaa akka taʼe isaaniif ibse. Achiis namoota isa dhaggeeffachaa turan sanaan, “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu” jedhe. Walumaa galatti namoonni gara 3,000 taʼan afeerraa guyyaa sana isaaniif dhihaate fudhatanii cuuphamuudhaan, hafuura qulqulluu isa abdachiifame sana argataniiru.—HoE. 2:37, 38, 41. w16.01 3:1-3
Kamisa, Caamsaa 4
Sababii maaliitiif akka dhiʼaatu utuu gargar hin baasin namni buddeenicha nyaatu, xoofoo gooftaa keessaas dhugu, dhagna gooftaa dhiiga isaas in yakka. —1 Qor. 11:27.
Phaawulos ergamaan as irratti ergaa akkamii dabarsaa jira? Kiristiyaanni dibame tokko Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabu eegee jiraachaa hin jiru taanan, utuu isaaf hin malin maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu dandaʼa. (Ibr. 6:4-6; 10:26-29) Akeekkachiisni akkasii Kiristiyaanonni dibamoon amma iyyuu badhaasa isaanii akka hin arganne akka yaadatan isaan gargaara. Namoonni kun, ‘gonfoo warra moʼanii, waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol isaan waame’ sana argachuuf dhamaʼuu isaanii itti fufuu qabu. (Filp. 3:13-16) Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Kiristiyaanonni dibamoon, ‘waamicha isa itti waamaman sanaaf akka taʼutti akka jiraatan’ gorseera. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Phaawulos itti fufuudhaan, “Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif dandaʼaa! Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhamaʼaa!” jedheera. (Efe. 4:1-3) Hafuurri Yihowaa koora utuu hin taʼin gad of qabuu jajjabeessa.—Qol. 3:12. w16.01 4:5, 6
Jimaata, Caamsaa 5
Waaqayyo [Abrahaamiin ni] qore. —Uma. 22:1.
Mee maanguddoon tokko tabba baʼuuf yommuu tiratu sitti haa mulʼatu. Jireenya isaa keessatti kun adeemsa isa ulfaataa taʼe dha. Adeemsi kun baayʼee kan isa sodaachise sababii umurii isaatiin kan kaʼe miti. Yeroo kanatti Abrahaam umuriin isaa gara waggaa 125 taʼus, amma iyyuu cimaa dha. Isa duukaa deemaa kan jiru immoo dargaggeessa umuriin isaa gara waggaa 25 taʼu dha. Innis Yisihaq ilma isaa isa qoraan baatee jiru dha. Abrahaam haaduu fi wanta ittiin ibidda qabsiisan qabateera. Yihowaan Abrahaam ilma isaa aarsaa akka godhu isa gaafatee ture! (Uma. 22:1-8) Abrahaam qorumsi amantii isa irra gaʼe kun tarii isaaf hunda irra kan caalu taʼuu hin oolu. Abrahaam Waaqayyoof kan ajajame utuu itti hin yaadin hin turre. Kanaa mannaa, kan ajajame amantii dhugaa waan qabuuf ture. Yihowaan matumaa wanta bara baraaf isa miidhu akkamii iyyuu akka godhu kan isa hin gaafanne taʼuu isaa hubateera. Abrahaam Yihowaadhaaf yoo ajajame, Waaqni isaa isas taʼe ilma isaa isa jaallatamaa akka eebbisu beekee ture. Amantiin isaa kun maal irratti kan hundaaʼe ture? Beekumsaa fi muuxannoo irratti kan hundaaʼe ture. w16.02 1:3, 4
Sanbadduraa, Caamsaa 6
Ani garbittiin gooftaa kunoo, asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa taʼu! —Luq. 1:38.
Maariyaam ilma Waaqayyoo isa tokkicha garaatti baachuuf, daʼuu fi guddisuuf mirga argatteetti. Mirga dinqisiisaa Maariyaam argatte qofa irratti xiyyeeffachuudhaan wantoota ishii yaaddessuu dandaʼan tokko tokko dagachuu dandeenya. Ergamaa Waaqayyoo kan taʼe Gabriʼel, Maariyaam dhiiraa wajjin saalqunnamtii utuu hin raawwatin dinqiidhaan akka ulfooftu ishiitti hime. Taʼus, gara maatii fi olloota Maariyaam dhaqee sababii ishiin itti ulfooftu akka isaaniif ibsu hin gaafatamne. Isaan maal yaaduu dandaʼu? Maariyaam waaʼee kaadhima ishii Yoseef yaaddoftee taʼuu qaba. Kan ulfoofte taʼus amma iyyuu isaaf amanamtuu taʼuu ishii akkamitti isa amansiisuu dandeessi? Hunda caalaa immoo, Ilma Hundaa Olii isa tokkicha guddisuun, kunuunsuunii fi leenjisuun itti gaafatamummaa guddaa dha! Yommuu Gabriʼel Maariyaamitti dubbatu wantoota ishii yaaddessanii taʼuu dandaʼan hunda beekuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, deebii caqasa guyyaa harʼaa irra jiruu akka deebiste beekna.—Luq. 1:26-38. w16.02 2:13, 14
Dilbata, Caamsaa 7
Hushaayii namni Arkii itti adeemee isa in simate; namni kun gadda irraa kan kaʼe uffata isaa tarsaasee, biyyoos mataa isaatti firfirfatee ture. —2 Sam. 15:32.
Namni Hushaayi jedhamu Waaqayyoof amanamaa taʼuuf ija jabina qabaachuun isa barbaachisee ture. Hushaayi, Daawit Mootichaaf michuu amanamaa ture. Haa taʼu malee, yeroo ilmi Daawit Abiishaalom garaa namoota hedduu hatee Yerusaalemii fi teessoo mootichaa fudhachuuf yaalii godhetti amanamummaan isaa qorameera. (2 Sam. 15:13; 16:15) Daawit magaalicha keessaa baqate; yeroo kanatti Hushaayi maal godha laata? Jijjiiramee Abiishaalomiif amanamaa taʼa moo, mootii maanguddoo lubbuu isaa oolfachuuf jedhee baqachaa jiru sana duukaa buʼa laata? Hushaayi mootii Waaqayyo dibeef amanamaa taʼuuf murteessuudhaan gara Gaara Ejersaa dhaqee Daawitiin argateera. (2 Sam. 15:30) Daawit, Hushaayi gara Yerusaalemitti akka deebiʼu, michuu Abiishaalom akka of fakkeessuu fi gorsa Ahiitofel akka fashaleessu isa gaafate. Hushaayi lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluudhaan Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaa argisiiseera; wanta Daawit isa gaafates raawwateera. Akkuma Daawit kadhatee ture, gorsi Hushaayi inni ija jabeessa taʼe kenne gorsa Ahiitofel fashaleesseera.—2 Sam. 15:31; 17:14. w16.02 4:15, 16
Wiixata, Caamsaa 8
Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii yoo dhageessan, eebbi kun hundinuu isiniif in dhufa, isin in qaqqabas. —Kes. 28:2.
Kiristiyaanota waan taaneef, qajeelfama Seericha keessatti Israaʼelootaaf kenname irraa faayidaa argachuu dandeenya. Akkamitti? Dhugaawwan buʼuuraa Seerichi irratti hundaaʼe takka dhaabannee ilaaluu dandeenya. Seerawwan kana jala kan hin jirre taanus, isaan keessaa hedduun isaanii jireenya keenyaaf, akkasumas waaqeffannaa Waaqa keenya isa qulqulluudhaaf dhiheessinu irratti qajeelfama amansiisaa nuuf taʼuu dandaʼu. Seerawwan kana irraa akka barannuuf, dhugaawwan buʼuuraa achi keessatti argamaniin akka geggeeffamnuuf, akkasumas ulaagaalee naamusaa Kiristiyaanotaaf taʼan akka hubannuuf, Yihowaan seerawwan kun Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmaaʼan godheera. Fakkeenyaaf wanta Yesus jedhe dhagaʼaa: “‘Hin ejjin’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” Kanaafuu, kan nu irraa barbaadamu ejja irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, hawwii gara ejjaatti geessu irraa fagaachuu dha.—Mat. 5:27, 28. w16.03 4:6, 8
Kibxata, Caamsaa 9
Mootii nuuf moosisi! —1 Sam. 8:5.
Saamuʼel wanta sabichi barbaade gochuu waan hin barbaanneef, Yihowaan Saamuʼel sabicha akka dhagaʼu siʼa sadii isatti himeera. (1 Sam. 8:7, 9, 22) Taʼus, nama bakka isaa buʼuu wajjin haala wal qabateen Saamuʼel jibbi ykn haaloon garaa isaa keessatti akka uumamu hin heyyamne. Yihowaan Saaʼoliin akka dibu yeroo isatti hime, dirqama isatti taʼee utuu hin taʼin jaalalaan kakaʼee fedhiidhaan ajajameera. Akkuma Saamuʼel godhe, jaarsoliin muuxannoo qaban obboloota leenjisanitti gaarummaa ni argisiisu. (1 Phe. 5:2) Jaarsoliin akkasii, mirga gumii keessatti qaban tokko tokko barattoonni isaanii akka isaan irraa fudhatan sodaachuudhaan, warra kaan leenjisuu irraa duubatti hin jedhan. Barsiisonni arjaa taʼan barattoota isaanii akka waan isaaniin dorgomanitti utuu hin taʼin, akka obboloota ‘isaanii wajjin hojjetanii’ fi gumiidhaaf kennaa gati jabeessa taʼanitti ilaalu. (2 Qor. 1:24; Ibr. 13:16) Barsiisonni ofittoo hin taane akkasii barattoonni isaanii dandeettii isaaniitti fayyadamanii gumii yeroo gargaaran ennaa argan gammachuu guddaa argatu!—HoE. 20:35. w15 4/15 1:16, 17
Roobii, Caamsaa 10
Qajeelummaadhaan [isin nan adaba].—Er. 30:11.
Azaariyaa Mootichi ‘Waaqayyo duratti wanta qajeelaa taʼe kan hojjete’ taʼuu isaa hubadhu. Haa taʼu malee, “Waaqayyo dhukkuba lamxiitiin mooticha in rukute; innis kanaan qabamee hamma guyyaa duʼa isaatiitti . . . in jiraate.” (2 Mot. 15:1-5) Maaliif? Kana ilaalchisee seenaan kun wanta jedhu hin qabu. Haalli kun nu jeequu ykn Yihowaan Azaariyaa kan adabe sababa quubsaa malee akka taʼe akka nutti dhagaʼamu gochuu qabaa? Karaa Yihowaan wanta tokko itti raawwatu ilaalchisee beekumsa gaʼaa qabna taanaan akkas nutti hin dhagaʼamu. Azaariyaa Mootichi, Uziyaa Mooticha jedhamees ni waamama ture. (2 Mot. 15:7, 32) Yaada waaʼee Azaariyaa dubbatuu fi 2 Seenaa 26:3-5, 16-21 irratti argamu irraa, Uziyaan jalqaba irratti Yihowaa duratti waan gaarii kan hojjete taʼus, yeroo booda ‘of gurguddisee kufaatii akka ofitti fide’ ni hubanna. Of tuuluudhaan wanta luboonni qofti raawwachuu qabanii fi wanta mirga isaa hin taane raawwachuuf yaale. Luboonni saddeettamii tokko sirreeffama isaaf kennuuf yaalanii turan. Uziyaan garuu deebii akkamii kenne? Baayʼee of tuultuu waan taʼeef, luboota sanatti “in aare.” Kanaafuu, Yihowaan lamxiidhaan isa rukutuun isaa nama hin dinqisiisu! w15 4/15 3:8, 9
Kamisa, Caamsaa 11
Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa wallaalchisu gara biyya lafaatti gad in darbatame. —Mul. 12:9.
Akkuma armaan olitti ibsametti, Seexanni Diiyaabilos jedhamee waamameera; kun immoo “Maqaa Balleessituu” jechuu dha. Kun, Seexanni Yihowaan sobduu akka taʼe dubbachuudhaan maqaa isaa akka balleesse nu yaadachiisa. Jechoonni “bofni bara durii” jedhan, guyyaa gaddisiisaa Seexanni Eeden keessatti bofatti fayyadamuudhaan Hewwaaniin itti gowwoomse nu yaadachiisu. Yaadni “bineensi guddichi akka jawwee” jedhu, uumama sodaachisaa gara sammuu keenyaatti fida; yaadni kun Seexanni kaayyoo Yihowaa fashaleessuu fi saba Isaa balleessuuf hawwii guddaa kan qabu taʼuu isaa sirriitti ibsa. Seexanni amanamummaa keenya irratti dhiibbaa guddaa akka geessisu beekamaa dha. Macaafni Qulqulluun, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa” jechuudhaan kan nu gorsu kanaafi. (1 Phe. 5:8) Seexanni tajaajilaan Waaqayyoo tokko cubbuu cimaa yeroo hojjetu akka gammaduu fi injifannoo akkasiis Yihowaa arrabsuuf itti fayyadamuu akka dandaʼu beekamaa dha.—Fak. 27:11. w15 5/15 1:3, 4, 10
Jimaata, Caamsaa 12
Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha. —1 Xim. 6:10.
Yihowaan nutti tolee akka jiraannu barbaada; Addaamii fi Hewwaaniif bakka jireenyaa bareedaa qopheessee kan ture taʼuun isaa kana nuu mirkaneessa. (Uma. 2:9) Haa taʼu malee, Seexanni ‘gowwoomsaa soorumaatti’ fayyadamuudhaan fedhii keessa keenya jirutti gargaaramuu dandaʼa. (Mat. 13:22) Namoonni hedduun qarshiin gammachuu akka isaaniif argamsiisu ykn qabeenyi milkaaʼina akka isaaniif argamsiisu yaadu. Yaadni akkasii gowwummaa siʼa taʼu, qabeenya gati jabeessa, jechuunis michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu dhabsiisuu dandaʼa. Yesus akkana jechuudhaan duuka buutota isaa akeekkachiiseera: “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.” (Mat. 6:24) Qabeenyaaf qofa hojjenna taanaan, Yihowaa tajaajiluu dhiisneerra jechuu dha; kun immoo wantuma Seexanni akka goonu barbaadu dha! Qarshiin ykn wantoonni qarshiin bituu dandaʼu michummaa Yihowaa wajjin qabnu akka nu jalaa balleessan hin heyyamnu. Seexana loluuf, qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu qabna.—1 Xim. 6:6-10. w15 5/15 2:12
Sanbadduraa, Caamsaa 13
Buʼaa dhagnaa kana keessaa inni tokko yoo dhiphate, hundinuu isaa wajjin in dhiphatu. —1 Qor. 12:26.
Rakkina warra kaanii hubachuun yeroo hunda salphaa miti. Rakkinni namoota baayʼee irra gaʼu nu irra gaʼee kan hin beekne dha. Namoonni tokko tokko balaan, dhukkubni ykn dullumni miidhaa qaamaa isaan irra geessisa. Namoonni kaan immoo, miidhaa miiraa dhiphinni sammuu, miirri sodaa fi miidhaa jalʼinni kanaan dura isaan irratti raawwatame geessisuu wajjin walʼaansoo gochaa jiru. Maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa kan jiraatan ykn kophaa isaanii ijoollee kan guddisanis jiru. Namoonni hundi rakkina mataa isaanii kan qaban siʼa taʼu, yeroo baayʼee rakkinni isaanii nu irra gaʼee kan hin beekne dha. Haala akkasii keessatti, jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yoo xinnaate hamma tokko miira nama sanaa hamma hubannutti xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffachuudhaan kana gochuu dandeenya. Kana gochuun keenya, gargaarsa isa barbaachisu gochuudhaan jaalala Yihowaa hordofuuf nu kakaasa. Tokkoon tokkoon namootaatiif gargaarsi barbaachisu garaa gara taʼus, karaa hafuuraa isaan jajjabeessuu fi gargaarsa kan biraa gochuufii ni dandeenya taʼa.—Rom. 12:15; 1 Phe. 3:8. w15 5/15 4:6, 7
Dilbata, Caamsaa 14
Kristos humna Waaqayyoo ti. —1 Qor. 1:24.
Kiristos humna isaa Yihowaa irraa argate; kanaafuu, Waaqni inni hundumaa olii humnoota uumamaa guutummaatti toʼachuu ni dandaʼa jennee amanuuf sababii gaʼaa qabna. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Yihowaan Bishaan Badiisaa dura akkana jechuudhaan dubbateera: “Ani guyyaa torba booddee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkaa nan roobsa.” (Uma. 7:4) Haaluma wal fakkaatuun, Baʼuun 14:21, “Waaqayyo . . . qilleensa baʼa-biiftuu isa jabaadhaan galaanicha gara booddeetti in deebise” jedha. Yoonaas 1:4 immoo, “Waaqayyo qilleensa jabaa galaanichatti kaase; bubbeen humna-qabeessis galaanichatti waan kaʼeef markabichi caccabuu bira gaʼe” jedha. Yihowaan humnoota uumamaa toʼachuu kan dandaʼu taʼuu isaa beekuun nama jajjabeessa. Carraan lafti kun gara fuulduraatti qabdu harka amansiisaa keessa jira. Yeroo ‘Waaqayyo namoota gidduu buufatutti’ balaan uumamaa nama ajjeesuu fi naaffisu akka hin jirre yaaduun baayʼee nama gammachiisa! (Mul. 21:3, 4) Humni Waaqayyoo inni karaa Kiristos mulʼatu yeroo Bulchiinsa Barkumeetti humnoota uumamaa akka toʼatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w15 6/15 1:15, 16
Wiixata, Caamsaa 15
Karaa kee [dubartii ejjituu] irraa fageessi, balbala mana isheetti iyyuu hin dhiʼaatin! —Fak. 5:8.
Gorsa kana fudhachuu dhiisuun balaa akkamii akka geessisu Fakkeenya boqonnaa 7 irraa hubachuun ni dandaʼama. Caqasni kun waaʼee dargaggeessa karaa mana dubartii ejjituu tokkoo irra asiif achi deemuu dubbata. Achiis, ejja raawwatan. Utuu balaa isaa dursee hubateera taʼee, ishee irraa ni fagaata ture! (Fak. 7:6-27) Nu hoo yeroo tokko tokko tarii haala balaa geessisuu fi fedhii dogoggoraa nu keessatti uumuu dandaʼutti galuudhaan hubannaa akka hin qabne ni argisiisnaa? Fakkeenyaaf, halkan halkan sagantaawwan televijiinii gadhiisii taʼantu dhihaata taʼa. Darbee darbee chaanaalii televijiinii hunda kan sakattaanu yoo taʼe hoo? Tarii immoo utuu barbaachisaa hin taʼin liinkiiwwan Intarneetii ni cuqaasna ykn ergaawwan barreeffamaa fi toorawwan Intarneetii poornoogiraafii ykn wantoota halalummaa wajjin wal qabatan kan biraa akka ilaallu afeeran ni banna taʼa. Wanti fedhii sirrii hin taane kakaasuu fi walʼaansoo qulqulluu taanee jiraachuuf goonu nu jalaa fashaleessu kan nu mudatu yeroo akkasiitti taʼuu dandaʼa. w15 6/15 3:8, 9
Kibxata, Caamsaa 16
Yakka [keenya] nuuf dhiisi! —Mat. 6:12.
Yesus yeroo kan biraatti jecha “cubbuu” jedhutti kan fayyadame taʼus, kadhannaa kana irratti jecha “idaa” jedhutti kan fayyadame maaliifi? (Mat. 6:12, NW; Luq. 11:4) Masaraan Eegumsaa waggaa 60 dura akkana jechuudhaan dhimma kana akka gaariitti ibseera: “Cubbuun seera Waaqayyoo irra darbuudhaan hojjennu idaan Waaqayyoo akka nu irra jiraatu godha. . . . Waaqayyo cubbuu hojjenneef lubbuu keenya nu dhabsiisuu dandaʼa. . . . Walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu addaan kutuudhaan nagaa nuuf kenne nu dhabsiisuu dandaʼa. . . . Isaaf ajajamuudhaan jaalala isaaf kennina; cubbuu hojjechuun Waaqayyoon jibbuu waan taʼeef, yeroo cubbuu raawwannutti idaa jaalalaa nu irra jiru utuu isaaf hin kaffalin hafna.” (1 Yoh. 5:3) Guyyaa guyyaatti dhiifamni cubbuu nu barbaachisuun isaa, karaa seera qabeessa Waaqayyo cubbuu keenya ittiin nuu haqu, jechuunis aarsaa furii Yesus kan ibsu dha. Furiin kun gara waggaa 2,000 dura kan kaffalame taʼus, akka waan kennaa harʼa nuuf kennameetti iddoo guddaa kennuufii qabna. Namni cubbamaan gonkumaa kaffaluu waan hin dandeenyeef, “gatiin furee” nuuf kaffalame kanaa “sonaan guddaa” dha.—Far. 49:7-9; 1 Phe. 1:18, 19. w15 6/15 5:9, 10
Roobii, Caamsaa 17
Iddoo miilli koo ejjetuuf ulfina nan kenna. —Isa. 60:13, NW.
Barreeffamoota yaadni isaanii hojii irra ooluu dandaʼuu fi nama hawwatan tajaajila irratti namootaaf kennuun nama hin gammachiisuu? Akkasumas, dhugaa babalʼisuudhaaf teknoolojii ammayyaatti fayyadamna. Fakkeenyaaf, weebsaayitiin keenya jw.org jedhamu namoota hedduudhaaf gargaarsa isaan barbaachisu kennaa jira. Jijjiirama kana hunda yeroo arginu Yihowaan namootaaf akka yaaduu fi akka isaan jaallatu hubanna. Faayidaan jijjiiramni Waaqeffannaa Maatii akka qabaannu ykn qayyabannaa dhuunfaatiif yeroo dabalataa akka argannuuf godhame argamsiisus dagatamuu hin qabu. Jijjiirama walgaʼiiwwan gurguddaa irratti godhames ni dinqisiifanna. Walgaʼiiwwan kun waggaa waggaatti fooyyaʼaa jiru jechuun ni dandaʼama! Akkasumas, manneen barumsaa tiʼookraasii hedduu keessatti leenjiin kennamu dabaluu isaatti akka gammannu beekamaa dha. Jijjiirama kana hunda keessatti, Yihowaan jaarmiyaa isaa geggeessaa fi jannanni hafuuraa caalaatti kan nama hawwatu akka taʼu gochaa akka jiru hubanna! w15 7/15 1:16, 17
Kamisa, Caamsaa 18
[Nama] akka ofii keetiitti jaallachuun siif in taʼa. —Luq. 10:27.
Haalawwan hanga ammaatti ilaallee wajjin haala wal qabateen maal gochuu akka qabdu yoo shakkite, ‘Yesus utuu taʼee maal godha ture?’ jettee of gaafachuun kee gaarii dha. Yesus, namoota naannoo garaa garaa, jechuunis Yihudaa, Galiilaa, Samaariyaa fi naannoowwan kan birootii dhufan gidduu jiraachaa ture. Macaafa Qulqulluu irraa hubachuun akka dandaʼamutti, namoota naannoo garaa garaatii dhufan kana gidduu walii galteen hin jiru ture. (Yoh. 4:9) Fariisotaa fi Saduqoota (HoE. 23:6-9), namoota kaanii fi warra qaraxa sassaaban (Mat. 9:11), akkasumas namoota barsiisota seeraa irraa baratanii fi warra hin baranne gidduus walii galteen hin jiru ture. (Yoh. 7:49) Jaarraa jalqabaatti, biyyi Israaʼel warra Roomaatiin bulaa turte; namoonni biyyattii garuu bulchiinsa kana hin jaallatan turan. Yesus amantii dhugaa kan deggeruu fi fayyinni warra Yihudootaa keessaa akka dhufu kan beeku taʼus, bartoonni isaa warra kaanii wajjin wal morkii keessa akka galan hin jajjabeessine. (Yoh. 4:22) Kanaa mannaa, namoota hundumaa akka jaallatan isaan jajjabeesseera. w15 7/15 3:5
Jimaata, Caamsaa 19
Waaqayyo gara koo erga taʼee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu dandaʼa? Waaqayyo na gargaaruudhaaf gara koo [taʼeera]. —Far. 118:6, 7.
Namoonni jaallatamuu fi jaallachuu akka barbaadanitti uumaman. Wanti isaan barbaachisu kun wantoota akka tasaa uumamaniin, gaddaan, rakkina fayyaatiin, rakkina qarshiitiin ykn tajaajila irratti milkaaʼina dhabuudhaan kan kaʼe utuu hin guutamin yoo hafe salphaatti abdii kutachuu dandaʼu. Yihowaan akka nu hin jaallanne nutti dhagaʼamuu yoo jalqabe, isa duratti iddoo guddaa akka qabnuu fi “harka [keenya] mirgaa qabee” nu gargaaruuf qophaaʼaa taʼuu isaa yaadachuu qabna. Yoo isaaf amanamoo taane matumaa nu hin irraanfatu. (Isa. 41:13; 49:15) Birijat isheen erga abbaan manaa ishee duʼee booda ijoollee lama kophaa ishee guddisaa jirtu akkana jetteetti: “Sirna Seexanaa kana keessatti ijoollee guddisuun keessumaa haadha ykn abbaa qeentee taʼaniif baayʼee rakkisaa dha. Taʼus, Yihowaan yeroo rakkinaatti qajeelfama waan naa kenneef akka na jaallatu mirkaneeffadheera; akkasumas, rakkinni humna kootii ol taʼe akka na irra gaʼu hin godhu.”—1 Qor. 10:13. w15 8/15 1:1-3
Sanbadduraa, Caamsaa 20
Isa eeggadhu! —An. 2:3.
Anbaaqom raajichi waaʼee badiisa Yerusaalem raajii akka dubbatu itti himamee ture. Sana dura raajonni kan biraanis ergaa kana waggoota hedduudhaaf lallabaa turaniiru. ‘Warri jalʼoonni warra qajeelota danqanii, firdii hamma jalʼisiisanitti’ haalli jiru baayʼee hammaatee ture. Kanaafuu Anbaaqom, “Yaa Waaqayyo! Hamma yoomiittan gargaarsaaf gara keetti iyya?” jedhee gaafachuun isaa nama hin dinqisiisu. Yihowaan badiisichi ‘akka hin turre’ raajii isaa isa amanamaa kanaaf mirkaneesse. (An. 1:1-4) Mee Anbaaqom abdii kutatee akka armaan gadii jedhee akka yaade godhaa yaadaa: ‘Waaʼee badiisa Yerusaalem waggoota hedduudhaaf dhagaʼaan ture. Ammas kan turu yoo taʼe hoo? Akka waan magaalattiin akka tasaa balleeffamtuu, waaʼee ishee raajii dubbachuu itti fufuun koo sirrii natti hin fakkaatu. Hojii kana warra kaaniif dhiisuun qaba.’ Anbaaqom utuu akkas jedhee yaadeera taʼee, Yihowaa biratti fudhatama dhabuu fi yeroo Baabilononni Yerusaalemiin balleessanitti baduu dandaʼa taʼa! w15 8/15 2:12, 13
Dilbata, Caamsaa 21
Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa. —1 Qor. 15:33.
Amalawwan gaarii qabnu akka nu jalaa hin badnetti, namoota gocha gadhee raawwatanii wajjin michooma uumuu irraa fagaachuu qabna. Kun namoota Yihowaa hin waaqeffanne michoota godhachuu dhiisuu qofa utuu hin taʼin, namoota Yihowaa akka waaqeffatan utuu dubbatanii, taʼe jedhanii seerawwan isaa cabsanii wajjin michooma uumuu irraa fagaachuus kan dabalatu dha. Namoonni Kiristiyaanota akka taʼan dubbatan akkasii cubbuu cimaa kan raawwatanii fi yaada garaa isaanii kan hin geddaranne yoo taʼe, michooma isaanii wajjin qabnu dhiisuu qabna. (Rom. 16:17, 18) Namoota seerawwan Waaqayyootiif hin ajajamnee wajjin hiriyummaa yoo qabaanne, isaan biratti fudhatama argachuuf jecha wanta isaan godhan gochuuf qoramuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namoota gocha halalummaa raawwatanii wajjin hiriyummaa yoo qabaanne, nutis gocha halalummaa raawwachuuf qoramuu dandeenya. Haalli akkasii Kiristiyaanota tokko tokko kan mudate siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko yaada garaa isaanii waan hin geddaranneef gumiidhaa baafamaniiru. (1 Qor. 5:11-13) Yaada garaa isaanii yoo geddarachuu baatan, akka namoota Phexros waaʼee isaanii dubbatee taʼu.—2 Phe. 2:20-22. w15 8/15 4:4-6
Wiixata, Caamsaa 22
Waanan isin abboome yoo gootan, isin [“michoota,” NW] koo ti.—Yoh. 15:14.
Yesus michoota isaa of eeggannoodhaan filata ture. Yesus namoota amanamummaadhaan isa duukaa buʼanii fi garaadhaa Yihowaa tajaajilan keessaa michoota filateera. Ati hoo namoota garaadhaa Yihowaa tajaajilan keessaa michoota filattaa? Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Miirri hoʼaan obboloota gidduu jiru gara gaʼeessummaatti akka guddattu si gargaara. Tarii dargaggeessa jireenya keetti akkamitti itti fayyadamuu akka qabdu murteessuuf yaalaa jirtu yoo taate, obboloota Yihowaa tajaajiluu fi tokkummaa gumichaatiif gumaacha gochuu irratti muuxannoo qabanitti dhihaachuun kee ogummaa dha! Waggoota hedduudhaaf jireenya isaanii keessatti haalawwan rakkisaa taʼan, akkasumas rakkoowwan Waaqayyoon tajaajiluun illee akka isaanitti ulfaatu godhan isaan mudatanii taʼuu dandaʼa. Obboloonni akkanaa akkaataa jireenyaa hunda irra caalu akka filattu si gargaaruu dandaʼu. Obboloota akkanaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuun kee, murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu akka dandeessuu fi gaʼeessummaatti akka guddattu si gargaaruu dandaʼa.—Ibr. 5:14. w15 9/15 1:14, 15
Kibxata, Caamsaa 23
Warra amantiitti jabaattan taʼaa, Seexanaan mormaas! —1 Phe. 5:9.
Yesus gochaanis taʼe dubbii isaatiin amantii duuka buutota isaa ijaareera. (Mar. 11:20-24) Amantii warra kaanii ijaaruun amantii keenya jabeeffachuuf waan nu gargaaruuf fakkeenya isaa hordofuu qabna. (Fak. 11:25) Yeroo lallabduu fi barsiistu, ragaawwan Waaqayyo akka jiru, akka nuuf yaaduu fi Macaafni Qulqulluun Dubbii isaa geggeessaa hafuura qulqulluudhaan barreeffame akka taʼe argisiisan ibsi. Obboloota kees amantii isaanii akka guddifatan gargaari. Namni tokko tarii obboloota itti gaafatamummaa qaban irratti guungumuudhaan akka shakku yoo argisiise, daftee irraa hin fagaatin. Kanaa mannaa, malaan tarkaanfii amantii isaa deebisee argachuuf isa dandeessisu akka fudhatu isa gargaari. (Yih. 22, 23) Mana barumsaatti barumsa jijjiirama tirannaa barachaa jirtu yoo taʼe, amantii uumama irratti qabdu ija jabinaan ibsi; wanti ati dubbattu namoota kaan irratti dhiibbaa akkamii akka qabaatu ennaa ilaaltu baayʼee dinqisiifamuu dandeessa. Yihowaan amantiidhaan jabaannee akka dhaabannu hunda keenya ni gargaara. (1 Phe. 5:10) Badhaasni amantii keenyaaf argannu wanta kam irra iyyuu kan caalu waan taʼeef, carraaqqiin amantii keenya ijaaruuf goonu kan nu gaabbisiisu miti. w15 9/15 3:20, 21
Roobii, Caamsaa 24
Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mulʼatus hojii harka isaa in labsa.—Far. 19:1.
Yeroo harʼaatti, waaʼee uumamawwan Yihowaa fi akkaataa kaayyoon isaa itti raawwatamu irratti beekumsa hedduu argachuu keenyatti eebbifamneerra. Addunyaan kun barumsa ol aanaa barachuu jajjabeessa. Taʼus, muuxannoo namoota hedduu irraa akka hubannutti, wantoota kana hordofuun yeroo baayʼee amantii fi jaalala Waaqayyoof qabnu nu dhabsiisa. Macaafni Qulqulluun garuu, beekumsa akka jaallannu qofa utuu hin taʼin ogummaa fi hubannaas akka qabaannu nu jajjabeessa. Kana jechuun ofii keenyas taʼe warra kaan gargaaruu akka dandeenyutti, beekumsa Waaqayyo nuu kenne akkamitti hojii irra akka oolchinu barachuu jechuu dha. (Fak. 4:5-7) “Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu in fedha.” (1 Xim. 2:4) Namoota hundumaatti misiraachoo Mootummichaa yeroo himnuu fi kaayyoo guddaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu akka hubatan yeroo isaan gargaarru jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisna.—Far. 66:16, 17. w15 9/15 5:10, 11
Kamisa, Caamsaa 25
Wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.—Rom. 15:4.
Haalawwan akka Eliyaas Yihowaa irratti amantii cimaa qabu argisiisan kana yaadi. Eliyaas Yihowaan ongee fiduuf akka jedhu Ahaab Mootichatti yeroo himetti ija jabinaan, ‘Dhugaa Waaqayyoo, hamma ani guyyaa isaa himutti fixeensi lafa irratti hin argamu yookiis bokkaan hin roobu!’ jedhee ture. (1 Mot. 17:1) Eliyaas yeroo ongeen jiru sanatti Yihowaan isaafis taʼe namoota kaaniif wanta isaan barbaachisu akka kennu amantii qaba ture. (1 Mot. 17:4, 5, 13, 14) Yihowaan mucaa tokko duʼaa akka kaasu amantii qabaachuu isaas argisiiseera. (1 Mot. 17:21) Eliyaas, Yihowaan aarsaa inni Tulluu Qarmelos irratti dhiheesse gubuuf ibidda akka ergus hin shakkine. (1 Mot. 18:24, 37) Yeroon Yihowaan ongee itti balleessu yommuu gaʼutti, mallattoon bokkaan dhufuu isaa argisiisu illee utuu hin jiraatin Eliyaas Ahaabiin, “Sagaleen bokkaa yandoo waan dhagaʼamuuf amma ol baʼii nyaadhu, dhugis” jedhee ture. (1 Mot. 18:41) Seenaan akkanaa amantiin keenya cimaa taʼuu isaa qoruuf kan nu kakaasu mitii? w15 10/15 2:4, 5
Jimaata, Caamsaa 26
Wantoota kana irratti xiinxali. —1 Xim. 4:15, NW.
Namoonni qooqaan walii galuu kan dandaʼan, kennaa addaa kana Waaqayyo waan isaaniif kenneefi dha. (Far. 139:14; Mul. 4:11) Karaa guddaa kan biraan sammuun Waaqayyo nuuf kenne adda itti taʼus jira. Bineensota irraa haala adda taʼeen, ilmaan namootaa akka “bifa Waaqayyootti” uumaman. Mirga filannaa waan qabaniif, dandeettii dubbachuuf qabanitti fayyadamuudhaan Waaqayyoof ulfina kennuu filachuu ni dandaʼu. (Uma. 1:27) Waaqayyo inni qooqa uume, namoota isaaf ulfina kennuu barbaadan hundaaf kennaa gaarii, jechuunis Macaafa Qulqulluu kenneera. Macaafni Qulqulluun guutummaan ykn gartokkoon isaa afaanota 2,800 oliin argama. Macaafa kana yeroo dubbistu sammuun kee yaada Waaqayyootiin guutama. (Far. 40:5; 92:5; 139:17) Kana yoo goote wanta “akka fayyitutti ogummaa siif kennuu dandaʼu” irratti xiinxaluu dandeessa. (2 Xim. 3:14-17) Xiinxaluu jechuun, wanta gaariis taʼe gadhee yaadni kee wanta tokko irratti akka xiyyeeffatu gochuu fi irratti yaaduu jechuu dha. (Far. 77:12; Fak. 24:1, 2) Wanti irratti xiinxaluu dandeenyu inni guddaan wanta waaʼee Yihowaa fi waaʼee Ilma isaa Yesus Kiristos baranne dha.—Yoh. 17:3. w15 10/15 4:2-4
Sanbadduraa, Caamsaa 27
Namni akka itti warra mana isaa bulchu hin beekne . . . attamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu dandaʼa ree?—1 Xim. 3:5.
Yesus dubbiidhaanis taʼe fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, gad of qabuudhaan warra kaan akka tajaajilan bartoota isaa leenjiseera. (Luq. 22:27) Tajaajila Yihowaa irrattii fi walitti dhufeenya hidhattoota amantii isaanii wajjin qaban irratti, amala fedhii ofii aarsaa gochuu akka argisiisan ergamoota isaa barsiiseera. Isinis ijoollee keessaniif fakkeenya taʼuudhaan isaan barsiisuu dandeessu. Haadha ijoollee lamaa kan taate Deebiin akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo jaarsa taʼuu isaatiin warra kaanii wajjin ennaa yeroo dabarsu hinaaffaan natti dhagaʼamee hin beeku. Yeroo maatiin keenya xiyyeeffannaa isaa barbaadu kamitti iyyuu xiyyeeffannaa akka nuu kennu nan beeka.” Abbaan manaa ishee Piraanaas itti dabaluudhaan, “Yeroo booda ijoolleen keenya walgaʼiiwwan gurguddaa irrattii fi hojii ijaarsaa tiʼookraasii irratti gargaarsa kennuuf fedhii qabaataniiru. Gammachuu kan qabanii fi hiriyoota gaarii kan qaban turan; akkasumas obbolootaa wajjin taʼuun itti tola ture” jedheera. Yeroo ammaatti guutummaan maatichaa tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuudhaan Yihowaa tajaajilaa jira. Gad of qabuunii fi fedhii ofii aarsaa gochuun keessan, ijoolleen keessan warra kaan tajaajiluun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe akka baratan gochuu dandaʼa. w15 11/15 1:9
Dilbata, Caamsaa 28
Bifni [Waaqayyoo] ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in dandaʼa. —Rom. 1:20.
Jaalalli Yihowaa karaa hedduudhaan argisiifameera. Fakkeenyaaf, uumamni cufti hammam dinqisiisaa akka taʼe ilaali. Gaalaaksiiwwan biliyoonaan lakkaaʼaman kan jiran siʼa taʼu, tokkoon tokkoon gaalaaksiiwwan kanaa keessa urjiilee fi pilaaneetota biliyoona hedduudhaan lakkaaʼamantu jira. Urjiilee gaalaaksii Milkii Weey jedhamuu fi nuti keessa jirru keessatti argaman keessaa tokko aduu siʼa taʼu, uumamni lafa irraa ishee malee jiraachuu hin dandaʼu. Uumamawwan kun hundi Waaqummaa Yihowaa fi amalawwan isaa kan akka humnaa, ogummaa fi jaalalaa kan argisiisani dha. Yihowaan wanta lafa irra jiru hunda kan uume, uumamawwan isaa lafa irra akka jiraataniif uumaman akka fayyaduufi dha. Ilmaan namootaatiif jannata bareedduu kan uume siʼa taʼu, sammuu fi qaama mudaa hin qabnee fi bara baraaf jiraachuu dandaʼu isaaniif kenneera. (Mul. 4:11) Kana malees, “inni foon kan uffate hundumaa in soora; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.”—Far. 136:25. w15 11/15 3:7, 8
Wiixata, Caamsaa 29
Ani . . . isinii wajjin nan jira. —Mat. 28:20.
Mootiin keenyas waggoota darban keessatti meeshaalee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ergaa Mootummichaa akka fudhataniif garaa isaanii qopheessuuf gargaaran nuu kennaa tureera. Meeshaaleen tokko tokko faayidaa kan kennan tarii gara waggaa kudhaniitiif yommuu taʼu, warri kaan immoo amma iyyuu hojii irra oolaa jiru. Taʼus, meeshaaleen kun hundi karaa taʼe tokkoon dandeettii hojii lallabaa irratti qabnu guddifachuuf nu gargaaraniiru. Meeshaan obboloonni hedduun tajaajila akka jalqaban gargaare tokko kaardii ittiin dhugaa baʼan siʼa taʼu, babalʼistoonni Mootummichaa bara 1933 kaasee itti fayyadamuu jalqaban. Kaardiin kun ergaa Kitaaba Qulqulluu gabaabaa taʼe kan qabate dha. Kaardiin ittiin dhugaa baʼan faayidaa hedduu qaba ture. Babalʼistoonni tokko tokko hojii lallabaa irratti hirmaachuuf fedhii guddaa kan qaban taʼus, ija laafeyyii turan; akkasumas wanta dubbatan hin beekan turan. Warri kaan immoo wanta beekan hundumaa daqiiqaa muraasa gidduutti nama haasofsiisanitti himu turan; garuu kana kan godhan malaan hin turre! Faallaa kanaatiin, kaardiin ittiin dhugaa baʼan jechoota gaggabaaboo of eeggannoodhaan filataman muraasatti fayyadamuudhaan, bakka babalʼistootaa buʼee isaaniif “dubbata ture.” w15 11/15 5:3-6
Kibxata, Caamsaa 30
Maqaa Yihowaa haa jajatan! —Far. 148:13, NW.
Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaan Waaqayyoo fi qulqulleeffamuun maqaa kanaa barbaachisaa taʼuu isaa argisiisu. (Bau. 3:15; Far. 83:18; Isa. 42:8; 43:10; Yoh. 17:6, 26; HoE. 15:14) Yihowaan inni abbaa Kitaaba Qulqulluu taʼe, warri kitaaba kana barreessan maqaa isaa balʼinaan akka itti fayyadaman hafuura isaatiin isaan kakaaseera. (His. 38:23, NW) Maqaa barreeffamoota durii harkaan garagalfaman keessatti siʼa kumaatama argamu achi keessaa baasuun, abbaa kitaaba kanaa tuffachuu argisiisa. Ragaan maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessa akka jiraatu gochuun barbaachisaa taʼuu isaa argisiisu xiqqaachaa utuu hin taʼin dabalaa deemeera. Maqaan kun Hiika Addunyaa Haaraa bara 2013tti fooyyeffame keessatti al 7,216 kan argamu siʼa taʼu, kitaaba kana irratti maqaan kun isa hiika bara 1984tti maxxanfame caalaa iddoo 6tti dabalameera. Bakki maqaan kun itti dabalame shanan, 1 Saamuʼel 2:25; 6:3; 10:26; 23:14, 16 dha. Sababiin inni guddaan maqaan kun iddoowwan kanatti deebiʼee akka galu itti godhame, Maraan Kitaabaa Galaana Soogiddaa inni barreeffama Maasoretootaa Afaan Ibrootaa waggaa 1,000 dura barreeffame, iddoowwan kanatti maqaa kana waan qabateefi dha. Kana malees barreeffamoota durii harkaan garagalfaman irratti qorannaan dabalataa godhamuu isaatiin kan kaʼe bakka tokkotti, jechuunis Abboota Firdii 19:18 irratti maqaan kun deebiʼee akka galu godhameera. w15 12/15 2:5, 6
Roobii, Caamsaa 31
Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!—Ibr. 13:1.
Gara fuulduraatti yeroo qorumsawwan akkamii iyyuu nu mudatanitti waan nu gargaaruuf, ammuma jaalala obbolootaaf qabnu guddifachuun keenya barbaachisaa dha. Ammuma illee rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura akka obbolootaatti wal jaallachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Obboloonni keenya hedduun kirkira lafaatiin, lolaadhaan, obomboleettiidhaan, sunaamiidhaan ykn balaawwan uumamaa kan biraatiin rakkinni guddaan isaan irra gaʼaa jira. Obboloonni tokko tokko immoo sababa mormii fi ariʼatamaatiin kan kaʼe rakkachaa jiru. (Mat. 24:6-9) Kana hunda irratti immoo sirna mancaʼaa kana keessa jiraachuu keenyaan kan kaʼe rakkinni dinagdee guyyaa guyyaadhaan nu mudata. (Mul. 6:5, 6) Rakkoowwan kun dabalaa ennaa deeman, jaalalli obboloota keenyaaf qabnu hammam cimaa akka taʼe argisiisuuf carraan argannus dabalaa deema. ‘Jaalalli namoota baayʼee qabbanaaʼaa kan adeemu’ yoo taʼe illee jaalalli obboloota keenyaaf qabnu kan itti fufu taʼuu isaa argisiisuu qabna.—Mat. 24:12. w16.01 1:8, 9