LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es17 ful. 37-46
  • Ebla

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ebla
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Ebla 1
  • Dilbata, Ebla 2
  • Wiixata, Ebla 3
  • Kibxata, Ebla 4
  • Roobii, Ebla 5
  • Kamisa, Ebla 6
  • Jimaata, Ebla 7
  • Sanbadduraa, Ebla 8
  • Dilbata, Ebla 9
  • Wiixata, Ebla 10
  • Guyyaa Ayyaana Yaadannoo
    Erga Biiftuun Seentee Booda
    Kibxata, Ebla 11
  • Roobii, Ebla 12
  • Kamisa, Ebla 13
  • Jimaata, Ebla 14
  • Sanbadduraa, Ebla 15
  • Dilbata, Ebla 16
  • Wiixata, Ebla 17
  • Kibxata, Ebla 18
  • Roobii, Ebla 19
  • Kamisa, Ebla 20
  • Jimaata, Ebla 21
  • Sanbadduraa, Ebla 22
  • Dilbata, Ebla 23
  • Wiixata, Ebla 24
  • Kibxata, Ebla 25
  • Roobii, Ebla 26
  • Kamisa, Ebla 27
  • Jimaata, Ebla 28
  • Sanbadduraa, Ebla 29
  • Dilbata, Ebla 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
es17 ful. 37-46

Ebla

Sanbadduraa, Ebla 1

Dammaqaa! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa. —1 Phe. 5:8.

Yeroo tokko Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qaba ture. Yeroo booda garuu ilmaan namootaa akka isa waaqeffatan hawwuu jalqabe. Hawwii sirrii hin taane kana toʼachuu mannaa, isa keessatti akka guddatuu fi cubbuu akka dhalu heyyame. (Yaq. 1:14, 15) Uumamni kun, Seexana isa “dhugaa irra hin dhaabanne” akka taʼe beekna. Yihowaa irratti fincila kan kaasee siʼa taʼu, “abbaa sobaa” taʼeera. (Yoh. 8:44) Seexanni yeroo fincila kaasee jalqabee, diina Yihowaa isa guddaa taʼuu isaa argisiiseera; ilmaan namootaatiifis michuu taʼee hin beeku. Maqaawwan Seexanaaf kennaman, inni hammam hamaa akka taʼe argisiisu. Seexana jechuun, “Mormituu” jechuu siʼa taʼu, uumamni hafuraa hamaa taʼe kun ol aantummaa Waaqayyoo akka hin deggerre argisiisa; kanaa mannaa ol aantummaa isaa ni jibba, akkasumas cimsee morma. Seexanni wanta kam iyyuu caalaa ol aantummaan Yihowaa hafee arguu barbaada. w15 5/15 1:1, 2

Dilbata, Ebla 2

Namni Waaqayyoon jaallatu . . . isa biratti beekamaa in taʼa. —1 Qor. 8:3.

Caaffata Qulqullaaʼoo qayyabachuun karaa hafuuraa wanta fooyyeffachuu qabnu nu hubachiisuudhaan alattis faayidaa biraa qaba. Hubannaan wantoota inni jaalalaan kakaʼee raawwate irratti qabnu akka dabalu kan godhu siʼa taʼu, kun immoo caalaatti akka isa jaallannu godha. Jaalalli isaaf qabnu yeroo guddatu, jaalalli inni nuuf qabus ni dabala; kunis walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu cimsa. Haa taʼu malee Yihowaatti caalaatti dhihaachuudhaaf, Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabannu kaayyoo sirrii qabaachuu qabna. Yohannis 17:3 akkana jedha: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” Kanaafuu, kaayyoon keenya beekumsa argachuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaa akka Qaama tokkootti sirriitti ‘beekuu’ taʼuu qaba. (Bau. 33:13; Far. 25:4) Yihowaatti baayʼee yeroo dhihaannu, seenaawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko keessatti gocha taʼe tokko kan raawwate maaliif akka taʼe yoo nuu galuu baate illee baayʼee hin jeeqamnu. w15 4/15 3:6-8

Wiixata, Ebla 3

[Ximotewos] Kristositti karaa ani itti jiraadhu, isa ani isin barsiise waldaa kristiyaanaa hundumaatti barsiisaa jirus, isin in yaadachiisa. —1 Qor. 4:17.

Dhiheenyatti, jaarsoliin obboloonni karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu irratti milkaaʼina argatan, warra kaan yeroo leenjisanitti mala akkamiitti akka fayyadaman gaafatamanii turan. Haalli jaarsoliin kun keessa jiran garaagarummaa guddaa kan qabu taʼus, yaadni isaan kennan kan wal fakkaatu taʼuun isaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Kun maal argisiisa? Akkuma bara Phaawulositti ture leenjiin Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼe barattoota “bakka hundumaatti gumiiwwan hunda keessatti” argamaniif akka hojjetu nu hubachiisa. Barsiisaan tokko haalli leenjiidhaaf mijataa taʼe akka jiraatu gochuu qaba. Akkuma namni biqiltuu kunuunsu tokko sanyii facaasuu isaa dura lafa qotu ykn laaffisu, barsiisaan tokkos wanta haaraa barsiisuu isaa dura sammuu barataa isaa qopheessuu ykn isa jajjabeessuu qaba. Barsiisonni warra kaan leenjisuuf haalli mijataa taʼe akka jiraatu gochuu kan dandaʼan akkamitti ree? Mala Saamuʼel, yommuu Israaʼeloota akka bulchu Saaʼoliin qopheessetti itti fayyadamee wajjin wal fakkaatu fayyadamuudhaani.—1 Sam. 9:15-27; 10:1. w15 4/15 1:11, 12

Kibxata, Ebla 4

Guutummaan biyya lafaa . . . harka isa hamaa jala [jira]. —1 Yoh. 5:19.

Wanti biyyi lafaa kun jajjabeessu harki caalaan isaa, ulaagaa Macaafa Qulqulluu keessa jiruu wajjin kan wal faallessu dha. Kana jechuun garuu, wanti addunyaan kun nuu dhiheessu hundi gadhee dha jechuu miti. Haa taʼu malee, Seexanni biyya lafaa toʼannaa isaa jala jirutti fayyadamuudhaan fedhii keessa keenya jirutti gargaaramee cubbuu akka hojjennu gochuuf akka yaalu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yookiin biyya lafaa akka jaallannuu fi waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu duubatti akka dhiisnu gochuuf yaala. (1 Yoh. 2:15, 16) Jaalalli biyya lafaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa tokko tokko irra dhiibbaa geessisee akka ture haala isaa irraa hubachuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf Phaawulos, “Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buuse” jedhee barreesseera. (2 Xim. 4:10) Macaafni Qulqulluun, wanta Deemaas biyya lafaa keessaa jaallattee fi Phaawulosiin akka dhiisu isa godhe adda baasee hin dubbatu. Tarii Deemaas wantoota hafuuraa caalaa qabeenya jaallachuu jalqabee taʼuu dandaʼa. Wanti inni jaallate kana dha taanaan, Deemaas mirga hafuuraa gammachiisaa taʼe dhabeera. Filannoon inni godhe sirrii turee? Matumaa! Deemaas gargaartuu Phaawulos taʼee itti fufuu ni dandaʼa ture. Biyyi lafaa wanta Yihowaan isaaf kennu caalaa isaa kennuu hin dandaʼu.—Fak. 10:22. w15 5/15 2:10, 11

Roobii, Ebla 5

Waaqayyo ooʼa-qabeessaa fi araara-qabeessa [dha]. —Far. 103:8.

Wanti isaan irra gaʼe matumaa isa irra gaʼee kan hin beekne taʼu illee, Yesus rakkina warra kaanii ni hubata ture. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun geggeessitoota amantii isaan gowwoomsanii fi seera ofii baasaniin isaan dhiphisan ni sodaatu turan. (Mat. 23:4; Mar. 7:1-5; Yoh. 7:13) Yesus isaan sodaatee ykn isaaniin gowwoomfamee kan hin beekne taʼus, haala isa mudatee hin beekne kana hubachuu dandaʼee ture. Kanaafuu, “namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan sana yommuu arge isaaniif ooʼe.” (Mat. 9:36) Yesus akkuma Abbaa isaa jaalala qabeessaa fi gara laafessa ture. Yesus namoota rakkatan yeroo argu, jaalala isaanitti argisiisuuf kakaʼa ture. Kanaafuu, jaalala Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Yeroo tokko Yesusii fi ergamoonni isaa karaa dheeraa deemanii erga lallabanii booda, boqonnaa fudhachuuf iddoo namni hin jirre tokko dhaquuf turan. Haa taʼu malee, Yesus namoota isa eegaa turaniif waan gaddeef, “waan baayʼees isaan barsiisuutti kaʼe.”—Mar. 6:30, 31, 34. w15 5/15 4:3, 4

Kamisa, Ebla 6

Keessumaa ilmaan namootaa baayʼee nan jaalladhan ture. —Fak. 8:31, NW.

Ilmi Waaqayyoo, qaama ogummaan Yihowaa inni gadi fagoon guutummaatti ittiin mulʼate isa jalqabaa ti. Yesus ogummaatti fakkeeffameera; akkasumas, Abbaa isaa biratti “hojjetaa isa hangafa” (NW) ture. Yesus yeroo Abbaan isaa “bantiiwwan waaqaa iddoo iddoo isaanii kaaʼee” fi ‘lafa hundeesse’ hammam akka gammade tilmaamuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Ilmi Waaqayyoo inni hangafni kun, wantoota lubbuu hin qabne kan dinqisiifatu taʼus, ‘ilmaan namootaa baayʼee jaallata ture’ (NW). (Fak. 8:22-31) Eeyyee, Yesus durii kaasee ilmaan namootaatiif jaalala guddaa qaba. Booddees Ilmi Waaqayyoo inni hangafti kun fedhiidhaan ‘ulfina isaa gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of gochuudhaanii’ fi fakkaattii namummaatiin dhalachuudhaan, Abbaa isaatiif amanamummaa fi jaalala akka qabu, akkasumas ‘ilmaan namootaa’ baayʼee akka jaallatu argisiiseera. Kana kan godhes “lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf” kennuuf jedhee ti. (Filp. 2:5-8; Mat. 20:28) Dhuguma iyyuu Yesus ilmaan namootaatiif jaalala guddaa qaba! w15 6/15 2:1, 2

Jimaata, Ebla 7

Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge.—1 Yoh. 4:9.

Wanta Yihowaan sii godhe ni dinqisiifattaa? Taanaan jireenya kee Yihowaadhaaf murteessuu fi cuuphamuun kee sirrii taʼa. Yihowaadhaaf of murteessuun, wanti fedhe iyyuu yoo taʼe bara baraaf fedha isaa raawwachuuf waadaa guddaa galuu akka taʼe yaadadhu. Walii galtee akkanaa raawwachuun si sodaachisuu qabaa? Matumaa si sodaachisuu hin qabu! Yihowaan wanta si fayyadu akka siif hawwuu fi “warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf” hin dagatin. (Ibr. 11:6) Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuun kee, jireenya kee rakkisaa hin godhu. Kanaa mannaa, Yihowaa tajaajiluun kee jireenya kee fooyyessa. Yihowaan, Seexana isa ofittummaadhaan kakaʼee sitti fayyadamuu barbaadu irraa baayʼee adda dha! Seexanni namoota isa deggeraniif faayidaa bara baraa hin argamsiisu. Wanta ofii isaatii hin qabne akkamitti sii kennuu dandaʼa? w16.03 2:16, 18, 19

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Luqaas 19:29-44

Sanbadduraa, Ebla 8

Yaa abbaa! Anaaf dhagaʼuu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera.—Yoh. 11:41, 42.

Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu cimaa akka taʼu yoo barbaadde, kadhannaa kan dhagaʼu taʼuu isaa amanuu qabda. Mee yaadi: Yesus nama taʼuu isaa dura, Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaa lafa irra jiraniitiif deebii yeroo kennu argeera. Lafa irratti yeroo tajaajilaa turetti immoo, kadhannaadhaan miira isaa Abbaa isaa isa samiitiif ibsaa ture. Yihowaan kadhannaa hin dhagaʼu utuu taʼe, Yesus halkan guutuu kadhachaa ni bula turee? (Luq. 6:12; 22:40-46) Kadhannaan wantuma miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godhu qofa utuu taʼee, bartoonni isaa akka kadhatan ni barsiisa turee? Yesus kadhannaan karaa dhugumaan Yihowaa wajjin itti wal qunnamnu taʼuu isaa beeka ture. Nutis Yihowaan ‘kadhannaa akka dhagaʼu’ amanannaa qabaachuu ni dandeenya.—Far. 65:2. w15 4/15 3:11, 13

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Luqaas 19:45-48; Maatewos 21:18, 19; 21:12, 13

Dilbata, Ebla 9

Yaa abbaa ko wanti hundumtuu siif in dandaʼama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa taʼu malee, waan ani jaalladhu miti.—Mar. 14:36.

Bakka isaan jiranitti gad of qabuudhaan kadhannaa ennaa dhiheessitan, ijoolleen keessan Yihowaatti amanamuu akka qaban baratu. Aanaan isheen Biraaziil jiraattu akkana jetteetti: “Warri koo rakkinni yommuu uumamu, fakkeenyaaf akaakayyuun ykn akkoon koo ennaa dhukkubsatan jabina haala isaa dandaʼuuf isaan gargaaruu fi ogummaa murtoo gaarii gochuuf isaan dandeessisu akka isaaniif kennu Yihowaa kadhatu. Haalli baayʼee nama dhiphisu ennaa isaan mudatu illee, rakkoowwan isaan mudatan harka Yihowaatti gatanii dhiisu. Kana irraa Yihowaatti amanamuu baradheera.” Ijoollee keessanii wajjin ennaa kadhattan isaaniif qofa hin kadhatinaa. Isiniinis akka gargaaru Yihowaa kadhadhaa; tarii yommuu hogganaa keessan walgaʼii naannootiif boqonnaa gaafattan akka isin gargaaru, yommuu namootaaf lallabdan ija jabina akka isinii kennu ykn karaa kan biraatiin akka isin gargaaru kadhachuu dandeessu. Gad of qabuudhaan Waaqayyotti akka amanamtan argisiisaa; yoo akkas gootan ijoolleen keessanis akkas gochuu baratu. w15 11/15 1:7, 8

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Luqaas 20:1-47

Wiixata, Ebla 10

Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa.—Mat. 22:37.

Karaa jaalala Yihowaadhaaf qabdu guddifachuuf si gargaaru keessaa tokko, kennaa guddaa inni sii kenne irratti, jechuunis aarsaa furii Ilma isaa irratti xiinxaluu dha. (2 Qor. 5:14, 15; 1 Yoh. 4:9, 19) Waaʼee furichaa fi furichi siif hiika maalii akka qabu yaaduun kee, dinqisiifannaa kee akka ibsitu si kakaasa. Furicha ilaalchisee wanti sitti dhagaʼamu fakkeenya armaan gadiitiin ibsamuu dandaʼa: Namni tokko bishaaniin liqimfamuu irraa si oolche haa jennu. Waan sii godhame irraanfachuudhaan qaama kee qoorfattee callistee gara mana keetti galtaa? Akkana akka hin goone beekamaa dha! Namni si oolche sun waan guddaa akka sii godhe akka sitti dhagaʼamu beekamaa dha. Lubbuu kee sii oolcheera! Yihowaa fi Yesus immoo wanta kana irra caalu nuu godhaniiru. Gochi jaalalaa kun, lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf abdii guddaa akka qabaannu gochuu dandaʼeera! w16.03 2:16, 17

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:1-6; Maarqos 14:1, 2, 10, 11

Guyyaa Ayyaana Yaadannoo
Erga Biiftuun Seentee Booda
Kibxata, Ebla 11

Kristos nuuf [duʼeera].—Rom. 5:8.

Yihowaan Ilma isaa isa tokkicha samii irratti waggoota hammana hin jedhamneef isaaf amanamaa ture irratti amanannaa guutuu qaba ture. Yesus lafa irratti haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti ejjennoo isaa eeguudhaan, akkasumas ol aantummaa Yihowaa deggeruudhaan hamma duʼaatti Abbaa isaatiif amanamaa taʼeera. Yesus duʼuudhaan gatii ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba gochuuf barbaachisus kaffalee jireenya bara baraa Waaqayyo nu abdachiiseef karaa nuu banuu isaatiif baayʼee galateeffanna! Yohannis ergamaanis akkana jedhee barreesseera: “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mulʼate. Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa taʼuuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”—1 Yoh. 4:9, 10. w15 11/15 3:13, 14

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:7-13; Maarqos 14:12-16 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun seentee booda raawwataman) Luqaas 22:14-65

Roobii, Ebla 12

Namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe.—Rom. 5:12.

Ijoollee namicha jalqabaa Addaam waan taaneef, hundi keenya iyyuu cubbuu fi duʼa isa adaba cubbuu taʼe dhaalleerra. Nu keessaa namni tokko illee, “Furichi na hin barbaachisu” jechuu hin dandaʼu. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamummaa guddaa argisiisan illee, kennaan furii isaan barbaachisa. Tokkoon tokkoon keenya gatiin hammana hin jedhamne akka nuuf dhiifame hubachuu qabna. Jaalallii fi gara laafinni Yihowaa maal akka goonu nu dirqisiisuu qaba? Obboleessa ykn obboleettii keenya tokkotti haaloo qabanneerra yoo taʼe fakkeenya Yihowaa isa ‘cubbuu namaaf dhiisuu’ hordofuu qabna. (Nah. 9:17; Far. 86:5) Wanta Yihowaan gatii keenya hedduu nuuf dhiisuudhaan nuuf godhe kan dinqisiifannu yoo taʼe, warra kaaniif garaadhaa dhiifama gochuuf fedhii ni qabaanna. Warra kaan yoo jaallannee fi yoo dhiifama isaaniif goone malee, jaalalaa fi dhiifama Waaqayyoo argachuu hin dandeenyu. (Mat. 6:14, 15) Dhiifama gochuun wanta darbe kan hin jijjiirre yoo taʼe illee, jireenya keenya gara fuulduraa irratti jijjiirama gaarii akka fidu hin shakkisiisu. w16.01 2:5, 15-17

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:66-71

Kamisa, Ebla 13

Isin warri na duukaa buutan . . . teessota kudha lamaan irra teessanii, gosa Israaʼel kudha lamaan keessatti firdii in kennitu. —Mat. 19:28.

Yesus yaada armaan olii kan dubbate Phexrosii fi barattoonni kaan wanta gara fuulduraatti taʼu yaadaan akka ilaalaniifi dha. Kun immoo, mootummaa lafa bulchuu fi ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif eebba fidu keessatti gahee qaban irratti xiinxaluu akka dandaʼan godheera. Tajaajiltoonni Yihowaa durii kaasee lafa irra turan, abdii Yihowaan kenne irratti xiinxaluun isaanii isaan fayyadeera. Beekumsi Abeel kaayyoo Yihowaa ilaalchisee qabu, yeroo gara fuulduraa gammachiisaa taʼe yaadaan ilaaluuf, akkasumas amantii fi abdii amansiisaa qabaachuuf isa gargaareera. Abrahaam wanta amantii guddaa gaafatu raawwachuu kan dandaʼe, raajiin Waaqayyo “sanyii” abdachiifame ilaalchisee dubbate akkamitti akka raawwatamu yaadaan waan ilaaleefi. (Uma. 3:15) Museen “ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaaʼateef,” amantii qabaachuu fi jaalala Yihowaadhaaf qabu guddifachuu dandaʼeera. (Ibr. 11:26) Amantiin Waaqayyo irratti qabnuu fi jaalalli isaaf qabnu akka guddatu nu gargaara. w15 5/15 3:17, 18

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66

Jimaata, Ebla 14

Kristos . . . faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera. —1 Phe. 2:21.

Kiristiyaanni karaa hafuuraa guddachuu barbaadu tokko fakkeenya Yesus waan hordofuuf beekumsa Macaafa Qulqulluu muraasa argachuu isaatti qofa hin gammadu. ‘Nyaanni jabaan kan warra gaʼanii’ taʼuu isaa hubachuudhaan, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan qora. (Ibr. 5:14) Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe, “ilma Waaqayyoo beekuu” akka barbaadu beekamaa dha. (Efe. 4:13) Sagantaa baafachuudhaan guyyaa guyyaatti Macaafa Qulqulluu ni dubbistaa? Sagantaa qayyabannaa dhuunfaa itti godhattu qabdaa? Torban torbaniin waaqeffannaa maatii godhachuudhaaf yeroo ni ramaddaa? Yeroo Dubbii Waaqayyoo qortutti seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akkaataa Yihowaan itti yaaduu fi miira isaa hubachuuf si gargaaran irratti xiyyeeffadhu. Achiis seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan murtoo godhi; akkas yoo goote caalaatti Yihowaatti dhihaatta. w15 9/15 1:5, 9, 10

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Luqaas 24:1-12

Sanbadduraa, Ebla 15

Kristos humna Waaqayyoo ti. —1 Qor. 1:24.

Yesus akkaataa uumama lafaa sirriitti beeka. Qabeenya lafaa karaa sirrii taʼeen itti fayyadamuu, toʼachuu fi hiruun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beeka. Yesus yeroo lafa irra turetti humnoota uumamaa toʼachuudhaan “humna Waaqayyoo” akka taʼe argisiiseera. Mee haala kana yaadaa: Kiristos tajaajila irra waan ooleef baayʼee dadhabeera. Dambaliin bidiruu sana asiif achi raasaa, akkasumas bishaanii fi hoomachi bidirichatti namʼaa jira. Sagaleen obomboleettii sanaa kan jeequu fi bidirichi asii fi achi raafamaa kan jiru taʼus, Yesus rafuu isaa itti fufeera. Boqonnaan isa barbaachisa ture. Duuka buutonni isaa waan sodaataniif Yesusiin dammaqsanii, “Nuʼoo dhumuuf!” jedhanii iyyan. (Mat. 8:25) Yesusis, “Cal jedhi, gab jedhis!” jedhee qilleensaa fi galaana sana ajaje; achiis qilleensi sodaachisaan sun ni dhaabate. (Mar. 4:39) Yeroo kanatti Yesus qilleensii fi galaanni sun akka callisu ajajaa akka jiru hubadhaa. Buʼaan isaa maal ture? ‘Gabii guddaatu taʼe.’ Yesus humna guddaa akka qabu argisiiseera! w15 6/15 1:12-14

Dilbata, Ebla 16

Nyaata harʼaaf nu barbaachisu nuu kenni! —Mat. 6:11, NW.

Yesus waaʼee nyaata guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisuu yeroo caqasetti, waaʼee wanta hatattamaan nu barbaachisuu dubbachuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, Waaqayyo biqiltuu bakkeetti argamutti akkamitti akka uwwisu erga dubbatee booda, “Isinitti guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Isin warra amantiin itti hirʼatuu dha malee.” Gorsa barbaachisaa, “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa” jedhu irra deebiʼuudhaan yaada isaa xumureera. (Mat. 6:30-34) Kunis qabeenya jaallachuu mannaa, wantoota buʼuuraa guyyaa guyyaatti nu barbaachisan qabaachuu keenyatti gammaduu akka qabnu argisiisa. Wantoonni nu barbaachisan kun bakka jireenyaa mijataa, hojii wanta maatii keenyaaf barbaachisu guutuuf nu gargaaruu fi fayyaa wajjin haala wal qabateen murtoo gaarii gochuu kan dabalatu dha. Wantoota karaa foonii nu barbaachisan kana argachuuf qofa kan kadhannu yoo taʼe garuu, madaallii keenya eegaa hin jirru jechuu dha. Caalaatti kan nu barbaachisu wantoota hafuuraa ti. Gooftaan keenya, “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan malee” jedheera. (Mat. 4:4) Kanaafuu, Yihowaan yeroo isaatti karaa hafuuraa akka nu sooru kadhachuu keenya itti fufuu qabna. w15 6/15 5:4, 7, 8

Wiixata, Ebla 17

[Qoramatti] nu hin galchin. —Mat. 6:13.

Qorumsi yeroo nu mudatu amanamummaa keenya eeguuf akka nu gargaaru yeroo hunda Waaqayyoon ni kadhannaa? Akkaataan guddinaa keenya ykn amalli kanaan dura qabnu, amalawwan Yihowaan balaaleffatu akka jaallannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼa. Yeroo akkasiittis taanaan, Yihowaan karaa fudhatama qabuun isa tajaajiluu keenya akka itti fufnu jijjiirama barbaachisaa gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Daawit Mootichi kana hubatee ture. Baat-Sheebaa wajjin ejja erga raawwatee booda, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, . . . Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!” jechuudhaan Yihowaa kadhateera. (Far. 51:10, 12) Cubbuun, foon keenya isa dadhabaa gar malee hawwachuu kan dandaʼu taʼus, Yihowaan isaaf ajajamuuf fedhii akka qabaannu gochuu ni dandaʼa. Yaadni dogoggoraa nu keessatti yoo guddatee fi yaada keenya isa qulqulluu toʼachuu yoo barbaade illee, ajaja isaa akka fudhannuu fi ittiin jiraachuudhaan milkaaʼina akka argannu Yihowaan adeemsa keenya nuu qajeelchuu dandaʼa. Yihowaan wanti miidhaa geessisu kam iyyuu akka nu hin toʼanne gochuu ni dandaʼa.—Far. 119:133. w15 6/15 3:5, 6

Kibxata, Ebla 18

Baayʼina [gorsitootaan] moʼicha in argatta. —Fak. 24:6.

Maanguddoonni gidduu keenyatti argaman yeroo itti gumiin tokko qaama jaarsoliitiin utuu hin taʼin tajaajilaa gumii tokkoon geggeeffamaa ture, biyyi tokko Koree Waajjira Dameetiin utuu hin taʼin tajaajilaa waajjira damee tokkoon geggeeffamaa ture, akkasumas Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin utuu hin taʼin pireezidaantii Waldaa Masaraa Eegumsaatiin yeroo qajeelfamni kennamaa ture ni yaadatu. Obboloota garaadhaa hojjetan kana namoonni amanamummaadhaan deggeran kan jiran taʼus, gumii, waajjira damee fi waajjira muummee keessatti murtoo kan dabarsu nama tokko qofa ture. Bara 1970 booda garuu, murtoon nama tokkoon utuu hin taʼin garee jaarsoliitiin akka kennamu godhame. Jijjiiramni kun beekumsi Caaffata Qulqullaaʼoo irratti qabnu dabaluu isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeefi dha. Namni tokko qofaa isaa dhiibbaa akka geessisu gochuu mannaa, Yihowaan ‘dhiirota kennaa taʼanii’ fi amala gaggaarii qaban qopheessuun isaa jaarmiyicha fayyadeera.—Efe. 4:8, NW. w15 7/15 1:14, 15

Roobii, Ebla 19

[Isaan] kan biyya lafaa miti. —Yoh. 17:16.

Kiristiyaanonni yeroo waraanaatti qofa utuu hin taʼin, yeroo hundumaa amanamoo taʼuu fi siyaasa irraa fagaachuu qabu. Maaliif? Sababni isaas namoonni Yihowaadhaaf of murteessan hundi, isa jaallachuuf, isaaf amanamuu fi isaaf ajajamuuf waadaa galaniiru. (1 Yoh. 5:3) Eessa iyyuu kan jiraannu yoo taʼe, akkasumas akkaataan guddinaa keenya, lammummaan keenyaa fi aadaan keenya maal iyyuu yoo taʼe ulaagaa qajeelinaa Waaqayyoo jalatti buluu barbaanna. Amanamummaan nuti Yihowaa fi Mootummaa isaatiif qabnu walitti dhufeenya nuti qabnu kam iyyuu kan caalu dha. (Mat. 6:33) Amanamummaan akkasii walitti buʼiinsaa fi wal dhabiinsa addunyaa keessa jiru kam irraa iyyuu fagaachuu kan gaafatu dha. (Isa. 2:4; Yoh. 17:11, 15, 16) Namoonni amantii keenya hin hordofne biyya, sanyii ykn aadaa isaaniitiif, darbees garee ispoortii biyyoolessaa isaaniitiif amanamummaa adda taʼe argisiisu. Amanamummaan akkasii, wal dorgommii fi wal morkiin akka jiraatu kan godhu taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo tokko tokko immoo namoonni akka wal ajjeesan gochuu dandaʼa. Yeroo kanatti dhimmoota addunyaa keessaa isa tokko deggeruunii fi walitti buʼiinsa keessa seenuun salphaa taʼuu dandaʼa. w15 7/15 3:1, 2

Kamisa, Ebla 20

Wanti hundinuu . . . akka tolutti, sabiriidhaanis hojjetamuutu irra jira.—1 Qor. 14:40.

Galmi Mootummaa haaraan erga ijaaramee booda, amalaa fi eenyummaa Waaqa keenya isa sabrii qabuu kan argisiisu akka taʼutti qulqullinaan eegamuu qaba. (1 Qor. 14:33) Macaafni Qulqulluun qulqullina hafuuraa qulqullina qaamaa wajjin wal qabsiisa. (Mul. 19:8) Kanaafuu, namoonni Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaadan qulqullina isaanii eeggachuu qabu. Seerawwan buʼuuraa kana hojii irra oolchuudhaan, haalli galma keenyaa kan nama gammachiisu taʼuu isaa amanannaa qabaannee namoota fedhii qaban gara walgaʼii keenyaatti afeeruuf yeroo hundumaa bilisummaan nutti dhagaʼamuu qaba. Isaanis Waaqa qulqulluu fi yeroo dhihootti lafa gara jannata hin faalamneetti jijjiiru akka waaqeffannu hubatu. (Isa. 6:1-3; Mul. 11:18) Haalli naannoo keenyaa maal iyyuu yoo taʼe, Galmi Mootummaa keenya maqaan Yihowaa kan itti waamamuu fi iddoo waaqeffannaa qulqulluu waan taʼeef, akka gaariitti qabamuudhaan fakkeenya taʼuu qaba.—Kes. 23:14. w15 7/15 4:13-15

Jimaata, Ebla 21

Dammaqaa! —Mar. 13:35.

Duuka buutonni Yesus, inni bara 1914tti bulchuu jalqabuu isaa waan hubataniif, sana booda dhumni yeroo kamitti iyyuu dhufuu akka dandaʼu yaaduudhaan qophaaʼaa turaniiru. Kana kan godhanis hinaaffaadhaan lallabuudhaani. Yesus, ‘iyya indaanqoo dhufuu fi ganama dhufuun isaa akka hin beekamne’ dubbateera. Taanaan duuka buutonni isaa maal gochuu qabu ree? “Yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” (NW) isaaniin jedheera. Kanaafuu, yeroo dheeraadhaaf eeggachaa kan turan taʼuun isaanii, guyyichi akka turu yaaduuf ykn eeggachuu isaanii dhiisuuf sababii hin taʼu ture. Addunyaa haaraa keessa akka jirtu godhii yaadi. Wantoonni guyyoota dhumaa ilaalchisee raajiidhaan dubbataman hundi akkuma Yihowaan jedhe raawwatamaniiru. Yeroo kam iyyuu caalaa Yihowaatti ni amanamta; akkasumas inni wanta abdachiise kam iyyuu akka raawwatu caalaatti isatti amanamta. (Iya. 23:14) Waaqayyo inni ‘yeroo fi bara gooftummaa isaatiin dhaabe,’ ‘dhumni waan hundumaa akka dhihaate’ hubachuudhaan dammaqnee akka jiraannu nu gorsuu isaatti baayʼee akka galateeffannu hin shakkisiisu.—HoE. 1:7; 1 Phe. 4:7. w15 8/15 2:10, 11, 14

Sanbadduraa, Ebla 22

Karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo taʼee jiraachuu kan hawwu hundinuu ariʼatamuuf jira. —2 Xim. 3:12.

Namoonni baayʼeen bashannanaaf jecha wantoota gadhee taʼan, halalummaa argisiisan ykn gocha hafuura xuraaʼummaa wajjin wal qabatan ni ilaalu ykn ni raawwatu. Fakkeenyaaf, Intarneetiin, sagantaawwan televijiinii, fiilmiiwwan, asoosamawwan, akkasumas mata dureewwan barruu irratti baʼan, gochi gadheenii fi halalummaan wanta miidhaa hin qabne akka taʼe godhanii dhiheessu. Gochawwan duraan akka waan fudhatama hin qabnetti ilaalamaa turan, biyyoota tokko tokkotti seeraan heyyamamaniiru. Taʼus, kun taʼuun isaa gochawwan kun Waaqayyo biratti fudhatama akka qabaatan hin godhu. (Rom. 1:28-32) Duuka buutonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan bashannanawwan qulqulluu hin taane irraa fagaataniiru. Sababii kanaan, akkasumas walumaa galatti amala Waaqayyoon gammachiisu argisiisuu isaaniitiin maqaan isaanii balleeffameera; ariʼatamnis isaan irra gaʼeera. Phexros ergamaan, “Isa isin [Kiristiyaanonni] amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin fudhatamuu dhiiftan in dinqifatu, maqaa keessanis in balleessu” jedhee barreessera.”—1 Phe. 4:4. w15 8/15 4:2, 3

Dilbata, Ebla 23

Yeroo buʼaan dhagnaa adduma addaan tooraan [hojjetutti], dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa.—Efe. 4:16.

Tajaajilaan Yihowaa gaʼeessa taʼe gumii keessa tokkummaan akka jiraatu godha. (Efe. 4:1-6, 15) Sabni Waaqayyoo ‘wal fudhatanii walitti kan qabsiifaman [‘wal taʼuudhaan walitti kan hidhaman,’ NW]’ akkasumas miseensonni hundi kan wal deggeran akka taʼan gochuu barbaadna. Dubbiin Yihowaa akka jedhutti tokkummaa akkanaa irra gaʼuuf amala gad of deebisuu horachuun nu barbaachisa. Obboloonni gaʼeessota taʼan yeroo namoonni kaan dogoggora raawwatanitti illee gad of deebisuudhaan tokkummaa isaanii eegu. Obboleessi ykn obboleettiin tokko yeroo dogoggora raawwatan yoo argite maal goota? Yookiin namni gumii kee keessa jiru tokko balleessaa yoo si irratti raawwate maal goota? Sochii ykn amala nama si aarse sana irraa si fageessu argisiisuudhaan dallaa ijaartaa? Moo garaa garummaa gidduu keessanitti uumame hambisuuf riqicha ijaaruuf yaalta? Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe dallaa utuu hin taʼin riqicha ijaaruu barbaada. Gumii keessatti tokkummaan akka babalʼatu gochuuf galma baafatteettaa? w15 9/15 1:12, 13

Wiixata, Ebla 24

Dubbiin kee dhugaa dha. —Yoh. 17:17.

Yesus, Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo qajeelfama gaarii jireenyaaf taʼu qabate akka taʼe ni amana ture. Fakkeenya Yesus hordofuudhaan guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, qayyabachuu fi wanta baranne irratti xiinxaluu qabna. Kana malees, mata dureewwan gaaffii sitti taʼaniif deebii argachuuf gadi fageenyaan qorannaa godhi. Fakkeenyaaf, ragaawwan guyyoota dhumaa keessa akka jiraannu argisiisanii fi Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti argaman gadi fageenyaan qayyabachuudhaan, dhumni sirna kanaa akka dhihaate amantii qabdu guddifachuu dandeessa. Raajiiwwan raawwii isaanii argatan qorachuudhaan, abdiiwwan gara fuulduraatti raawwatamanii fi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman irratti amantii qabdu jabeeffadhu. Fakkeenyota Macaafni Qulqulluun akkamitti jireenya namootaa akka jijjiiru argisiisan qoruudhaan, amantii faayidaa guddaa Macaafni Qulqulluun qabu irratti qabdu guddifadhu. (1 Tas. 2:13) Waadaawwan Yihowaan siif gale irratti xiinxaluudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeessa. (Ibr. 12:2) Atis waadaawwan Waaqayyo gale, namoota hundaaf akka galametti qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti akka siif galametti yaadi. w15 9/15 3:16, 17

Kibxata, Ebla 25

Qabeenya keetiin . . . Waaqayyoof ulfina kenni! —Fak. 3:9.

Karaawwan Waaqayyoon akka jaallannu argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi? Karaan inni tokko, hojii Mootummichaa naannoo keenyattis taʼe addunyaa maratti raawwatamu deggeruuf qabeenya keenyatti fayyadamuu akka taʼe ifa dha. Qabeenyi qabnu hammam iyyuu yoo taʼe kun karaa gaarii jaalala Yihowaadhaaf qabnu itti argisiisnu dha. (2 Qor. 8:12) Haa taʼu malee, karaawwan kan biraan jaalala Yihowaadhaaf qabnu itti argisiisnu jiru. Gorsa Yesus duuka buutonni isaa waaʼee nyaataa fi uffata isaanii akka hin yaaddofne, kanaa mannaa Mootummicha dursuu isaanii akka itti fufan isaan gorse yaadadhaa. Yesus, Abbaan keenya Yihowaan wanta nu barbaachisu akka beeku dubbateera. (Mat. 6:31-33) Jaalallii fi amantiin waan wal qabataniif, amantiin waadaa kana irratti qabnu hammam Yihowaa akka jaallannu argisiisa. Nama amantii irratti hin qabne tokkoof jaalala dhugaa qabaachuu hin dandeenyu. (Far. 143:8, NW) Kanaafuu akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Galmi ani hordofuu fi akkaataan jireenyaa koo dhugumaan Yihowaa akkan jaalladhu kan argisiisu dhaa? Wantin guyyaa guyyaadhaan godhu Yihowaan wanta na barbaachisu naaf guutuuf dandeettii akka qabu akkan amanu kan argisiisu dhaa?’ w15 9/15 5:7, 8

Roobii, Ebla 26

Amantii malee . . . Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu. —Ibr. 11:6.

‘Ani nama Yihowaan yeroo rakkina guddaatti badiisa irraa oolchuudhaan gara addunyaa haaraatti galchuu barbaadu dhaa?’ jettee yaaddee beektaa? Fayyuuf ulaagaan baayʼee barbaachisaa taʼe amantii cimaa qabaachuu dha. Phexros ergamaan waaʼee amantii isa erga ‘qoramee ilaalamee’ booda ‘guyyaa Yesus Kiristos itti mulʼachuuf jiru sanatti jajamee guddinaa fi ulfina argatuu’ yeroo dubbatetti amantiin barbaachisaa akka taʼe addeesseera. (1 Phe. 1:7) Rakkinni guddaan saffisaan dhihaachaa jira; maarree, amantiin keenya namoota Mootichi inni ulfina qabeessi yeroo mulʼatutti isaan jajatu keessaa tokko akka taanu kan nu godhu taʼuu isaa mirkaneeffachuu hin qabnuu? “Warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatan” taʼuu akka barbaannu beekamaa dha. (Ibr. 10:39) Kana yaadachuudhaan akka namicha, “Amanti-dhabina kootti na gargaari!” jedhee jennee kadhachuu dandeenya. (Mar. 9:24) Yookiin immoo akkuma ergamoota Yesus, “Amantii keenya nuuf guddisi!” jechuuf kakaana taʼa.—Luq. 17:5. w15 10/15 2:1, 2

Kamisa, Ebla 27

Wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa [of irraa haa fuunu]. —Ibr. 12:1.

Phaawulos “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” irratti xiyyeeffachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf Sooriyaa, Asiyaa Ishee Xinnoo, Maqedooniyaa fi Yihudaa keessa deddeebiʼeera. Phaawulos akkana jedheera: “Wantoota na duuba jiran irraanfadhee, wantoota fuula koo dura jiranitti nan hiixadha; badhaasa . . . argachuuf galma sana irra gaʼuuf carraaqaan jira.” (Filp. 1:10; 3:8, 13, 14) Phaawulos gaaʼela kan hin qabne waan tureef, carraa kanatti fayyadamuudhaan ‘yaadni isaa waan biraatti utuu hin harkifamin hojii gooftaatiif of kennuu’ dandaʼeera. (1 Qor. 7:32-35) Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko akkuma Phaawulos gaaʼela godhachuu dhiisuudhaan, itti gaafatamummaan maatii utuu itti hin baayʼatin hojii Mootummichaatiif of kennuu dandaʼaniiru. (Mat. 19:11, 12) Tajaajiltoonni Waaqayyoo gaaʼela qaban yeroo baayʼee itti gaafatamummaa maatii hedduu qabaatu. Haa taʼu malee, warri qeenteenis taʼe warri gaaʼela qaban ‘wanta baʼaa itti taʼu hundumaa of irraa fuudhuudhaan’ wantoota yaada isaanii hihhiran hirʼisanii Waaqayyoon tajaajiluu dandaʼu. Kun immoo barsiifatawwan yeroo keenya guban dhiisuudhaan, galmawwan saʼaatii tajaajila Waaqayyoo irratti dabarsinu guddisuuf nu dandeessisan baafachuu kan gaafatu taʼuu dandaʼa. w15 10/15 3:15, 16

Jimaata, Ebla 28

Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu.—2 Xim. 3:13.

Kitaabni Qulqulluun, “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka” jechuudhaan wanti dubbatu dhugaa taʼuu isaa seenaan guutummaatti mirkaneesseera. (Er. 10:23) Yihowaan, ilmaan namootaa isa irraa adda baʼanii ofiin of bulchuuf dandeettii ykn mirga akka qabaatan godhee isaan hin uumne. Waaqayyo yeroodhaaf hamminni akka jiraatu heyyamuun isaa, bulchiinsi ilmaan namootaa faayidaa kan hin qabne taʼuu isaa saaxiluu qofa utuu hin taʼin waan kan biraas mirkaneesseera. Milkaaʼina kan qabu bulchiinsa Waaqayyoo qofa akka taʼe guutummaatti mirkaneesseera. Yihowaan hammeenyaa fi warra madda hamminaa taʼan erga balleessee booda, qaamni kam iyyuu karaa inni jaalalaan kakaʼee itti bulchu irratti gaaffii yoo kaase obsa argisiisuun isa hin barbaachisu. Hamminni deebiʼee akka hin jiraanneef, mormitoota akkasii yeruma sana balleessuuf wanta seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwatame akka ragaatti dhiheessuu ni dandaʼa. w15 11/15 3:5, 6

Sanbadduraa, Ebla 29

Waaqayyo inni nagaa kennu . . . jaalala isaa akka gootaniif, waan gaarii hundumaan isin haa qopheessu!—Ibr. 13:20, 21.

Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachuu ni jaallata ture. Akka Kitaaba Qulqulluu irraa hubachuun dandaʼamutti dhimmoota kaan caalaa waaʼee Mootummichaa kan dubbate yommuu taʼu, tajaajila isaa irratti siʼa 100 ol caqaseera. Mootummichaaf iddoo guddaa kenna ture. (Mat. 12:34) Yesus duʼaa kaʼee baayʼee utuu hin turin, namoota yeroo booda labsitoota Mootummichaa taʼan 500 olii wajjin wal argee ture. (1 Qor. 15:6) Hojii yeroo sanatti ulfaataa ture kan kenne, jechuunis ergaa Mootummichaa ‘saba hundumaatti’ akka himan ajaja kan kenne yeroo kanatti taʼuu hin oolu. Yesus hojii guddaan kun hanga “dhuma biyya lafaatti” kan itti fufu taʼuu isaa kan dubbate siʼa taʼu, kun dhugaa taʼuun isaas mirkanaaʼeera. Atis ajajaa fi raajii kana raawwachuu irratti hirmaachaa jirta taʼa. (Mat. 28:19, 20) Waaqni keenya hojii kana akka raawwannuuf “waan gaarii hundumaan” nu qopheessaa ture. w15 11/15 5:1-3

Dilbata, Ebla 30

Bara hundumaa maqaan koo isa kana. —Bau. 3:15.

Namoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa durii warra harkaan garagalfaman kan akka Maraawwan Kitaabaa Galaana Soogiddaa jiran qoʼatan Teetiraagiraamaatanii, jechuunis qubeewwan Afaan Ibrootaa arfan warra maqaa Waaqayyoo bakka buʼan iddoo hedduutti arguun isaanii isaan ajaaʼibsiiseera. Maqaan Waaqayyoo barreeffamoota Afaan Ibrootaa harkaan garagalfaman durii sana keessatti qofa utuu hin taʼin, koppiiwwan Saptuujantii Giriikii warra Dh.K.D. jaarraa lammaffaadhaa hanga Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti turan tokko tokko keessattis ni argama. Kitaaba Qulqulluu keessa maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaan jiraachuu isaatiif ragaan ifa taʼe kan jiru taʼus, hiikkaawwan hedduun maqaa Waaqayyoo isa qulqulluu guutummaatti keessaa baasaniiru. Rivaayizdi Istaandaardi Varshin kan qophaaʼe bara 1952tti ture. Hiikkaan kun, qajeelfama namoonni Kitaaba Qulqulluu Ameerikaan Istaandaardi Varshin isa bara 1901tti baʼe qopheessan ittiin geggeeffaman diiguudhaan maqaa Waaqayyoo keessaa baaseera. Maaliif? Kitaabichi seensa isaa irratti, “Waaqa isa tokkicha maqaa dhuunfaatiin waamuun . . . amantii Waldaa Kiristiyaanaa addunyaa maraatiif matumaa sirrii miti” jedheera. Hiikkaawwan Afaan Ingiliffaatiinis taʼe afaan gara biraadhaan sana booda qophaaʼan hedduun akkuma kana godhaniiru. w15 12/15 2:3-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi