LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es17 ful. 26-36
  • Bitootessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Bitootessa 1
  • Kamisa, Bitootessa 2
  • Jimaata, Bitootessa 3
  • Sanbadduraa, Bitootessa 4
  • Dilbata, Bitootessa 5
  • Wiixata, Bitootessa 6
  • Kibxata, Bitootessa 7
  • Roobii, Bitootessa 8
  • Kamisa, Bitootessa 9
  • Jimaata, Bitootessa 10
  • Sanbadduraa, Bitootessa 11
  • Dilbata, Bitootessa 12
  • Wiixata, Bitootessa 13
  • Kibxata, Bitootessa 14
  • Roobii, Bitootessa 15
  • Kamisa, Bitootessa 16
  • Jimaata, Bitootessa 17
  • Sanbadduraa, Bitootessa 18
  • Dilbata, Bitootessa 19
  • Wiixata, Bitootessa 20
  • Kibxata, Bitootessa 21
  • Roobii, Bitootessa 22
  • Kamisa, Bitootessa 23
  • Jimaata, Bitootessa 24
  • Sanbadduraa, Bitootessa 25
  • Dilbata, Bitootessa 26
  • Wiixata, Bitootessa 27
  • Kibxata, Bitootessa 28
  • Roobii, Bitootessa 29
  • Kamisa, Bitootessa 30
  • Jimaata, Bitootessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
es17 ful. 26-36

Bitootessa

Roobii, Bitootessa 1

Isin waan bor taʼuuf jiru, jireenyi keessanis attam akka taʼu hin beektan. —Yaq. 4:14.

Jaarsoliin hoolota Yihowaatiif garaadhaa yaaduudhaan, muuxannoo waggoota amanamummaadhaan itti tajaajilan keessatti argatan obboloota dargaggoota taʼaniif yeroo isaatti ni hiru. (Far. 71:17, 18) Jaarsoliin warra kaan leenjisan gumiidhaaf eebba taʼu. Gumichas ni cimsu. Akkamitti? Carraaqqiin jaarsoliin warra kaan leenjisuuf godhan, obboloonni dabalataa yeroo ammaatti qofa utuu hin taʼin keessumaa yeroo rakkina guddaatti gumichi jabaatee akka dhaabatuu fi tokkummaa akka qabaatu gargaaran akka argaman godha. (His. 38:10-12; Mik. 5:5, 6) Kanaafuu, jaarsolii jaallatamo, harʼumaa jalqabdanii warra kaan leenjisuu kutaa tajaajila keessanii akka gootan isin gaafanna. Dhugaa dha, dhimmoota gumii barbaachisoo taʼan garaa garaa raawwachuun yeroo kee guutummaatti si jalaa fudhachuu akka dandaʼu ni hubanna. Haa taʼu malee, yeroo kana irraa muraasa fudhachuudhaan warra kaan leenjisuuf itti fayyadamuu qabda taʼa. (Lal. 3:1) Akkas gochuun kee buʼaa gaarii argamsiisa. w15 4/15 1:8-10

Kamisa, Bitootessa 2

Sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhagaʼa.—Isa. 30:21.

Macaafni Qulqulluun ilmaan namootaa hundaaf ergaa Waaqayyoo qabachuu isaa akka ati hin shakkine beekamaa dha. Haa taʼu malee, Macaafni Qulqulluun ati dhuunfaatti isatti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ni dubbataa? Eeyyee ni dubbata. Macaafa Qulqulluu yeroo hunda yommuu dubbistuu fi yommuu qayyabattu, wanta inni dubbatu ilaalchisee miira sitti dhagaʼamu irrattii fi hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaadi; yeroo akkas gootu Yihowaan karaa dubbii isaa akka sitti dubbatu heyyamaa jirta. Kun caalaatti akka isatti dhihaattu si taasisa. (Ibr. 4:12; Yaq. 1:23-25) Fakkeenyaaf, yaada Yesus, “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti . . . walitti hin qabatinaa!” jechuudhaan dubbate dubbisiitii irratti xiinxali. Jireenya kee keessatti Mootummichaaf dursa kennaa jirta taanaan, Yihowaan akka sitti gammadu sitti dhagaʼama. Karaa biraatiin immoo, jireenya kee salphisuu akka qabduu fi Mootummicha irratti caalaatti xiyyeeffachuu akka qabdu yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan isatti dhihaachuuf wanta gochuu qabdu tokko si hubachiisaa jira jechuu dha.—Mat. 6:19, 20. w15 4/15 3:3-5

Jimaata, Bitootessa 3

Wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin taʼinis akka isa dhagaʼaniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche.—2 Xim. 4:17.

Akkuma Phaawulos nutis hojii lallabaatiin yeroo of qabsiisnutti, Yihowaan wantoota nu barbaachisan hunda akka nuu ‘kennu’ amanannaa qabaachuu ni dandeenya. (Mat. 6:33) Labsitoota Mootummichaa waan taaneef, ‘wangeelli hadaraa nutti kennameera,’ akkasumas Yihowaan ‘isaa wajjin kan hojjennu’ akka taanetti nu ilaala. (1 Tas. 2:4; 1 Qor. 3:9, hiika bara 1899) Hojii Waaqayyootiin kan qabamnu taanaan, rakkina keenyaaf furmaata hamma nuu kennutti eeguun nuu salphata. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu cimsachuuf guyyaa hundatti haa fayyadamnu. Haalli nu dhiphisu yoo nu mudate, carraa kana Yihowaatti dhihaachuuf itti haa fayyadamnu. Eeyyee, Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti qoruudhaan, yeroo hunda kadhachuudhaan, akkasumas sochiiwwan hafuuraatiin qabamuudhaan, Yihowaan haala yeroo harʼaatti nu mudatu keessattis taʼe gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼu hunda keessatti akka nu gargaaru amanannaa qabnu haa guddifannu. w15 4/15 4:17, 18

Sanbadduraa, Bitootessa 4

Wal loluu, wal qoccoluus maaltu isin gidduutti kaase?—Yaq. 4:1.

Koorri nagaa gumii jeequu dandaʼa. Miirri diinummaa fi miirri ol aantummaa cimaa taʼe, dubbii fi gocha keenya irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa; kun immoo namoota kaan irratti miidhaa guddaa geessisa. (Fak. 12:18) Keessa keenyatti warra kaan irra akka caallu nutti dhagaʼama taanaan, ‘Waaqayyo warra garaa isaaniitti of gurguddisan hundumaa akka ciiggaʼu’ yaadachuu qabna. (Fak. 16:5) Namoota sanyiin, lammummaan ykn aadaan isaanii nu irraa adda taʼeef ilaalcha akkamii akka qabnus qoruun keenya gaarii dha. Sanyii ykn lammummaa keenyatti kan koorru yoo taʼe, Waaqayyo ‘sanyii namaa hunda namicha tokkicha irraa akka argamsiise’ daganneerra jechuu dha. (HoE. 17:26) Yaada kana irraa kaʼuudhaan, abbaan namoota hundumaa Addaam waan taʼeef sanyii tokko qofatu jira jechuu ni dandeenya. Kanaafuu, sanyiin tokko uumamumaan isa kan biraatii ol ykn gad akka taʼe yaaduun gowwummaa dha. Ilaalcha akkasii qabna taanaan, Seexanni jaalalaa fi tokkummaa keenya akka jeequ heyyamaa jirra jechuu dha. (Yoh. 13:35) Seexana loluu fi moʼuudhaaf koora sirrii hin taane kam irraa iyyuu fagaachuu qabna.—Fak. 16:18. w15 5/15 2:8, 9

Dilbata, Bitootessa 5

Fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!—Efe. 5:1.

Waaqayyo namoota dibamoo amanamoo taʼaniif samii irratti jireenya hin badne, ‘hoolota kan biraatiif’ immoo lafa irratti jireenya bara baraa kennuuf waadaa kan seene taʼuu isaatti akka gammadnu ifa dha. (Yoh. 10:16; 17:3; 1 Qor. 15:53) Namoonni samii irratti jireenya hin badne argatanis taʼe, namoonni bara baraaf lafa irra jiraatan yeroo sanatti rakkinni yeroo harʼaa jiru isaan irra hin gaʼu. Yihowaan garbummaa Gibxii jala yeroo turanitti dhiphina Israaʼeloota irra gaʼaa ture akkuma beeku, rakkina nu irra gaʼaa jirus akka gaariitti beeka. Eeyyee, “yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate.” (Isa. 63:9) Jaarraawwan hedduu booda, Yihudoonni mana qulqullummaa deebisanii yeroo ijaaraa turanitti mormii diinotaa sodaatanii turan; Waaqayyo garuu, “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa” isaaniin jedhee ture. (Zak. 2:8) Akkuma haati tokko daaʼima isheetiif garaa laaftu, Yihowaanis saba isaa eeguuf jaalalaan kakaʼee tarkaanfii fudhateera. (Isa. 49:15) Kun, Yihowaan miira warra kaanii akka hubatu argisiisa; nuufis dandeettii kana nuu kenneera.—Far. 103:13, 14. w15 5/15 4:2

Wiixata, Bitootessa 6

Warra hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti argattu. —Mat. 26:11.

Yesus namoonni hiyyeeyyii taʼan yoom iyyuu lafa irraa hin dhabaman jechuu isaa tii? Lakki; sirni mancaʼe kun hamma jirutti namoonni hiyyeeyyii taʼan lafa irraa akka hin dhabamne dubbachuu isaa ti. Yeroo harʼaa bulchiinsa ilmaan namootaa isa jalʼinaan guutameen kan kaʼe, namoonni miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman wantoota buʼuuraa isaan barbaachisan hin argatan. Haa taʼu malee, yeroon boqonnaa itti argannu dhihaateera! (Far. 72:16) Dinqiiwwan Yesus hojjete, yeroo dhihootti aangoo isaatti fayyadamuudhaan waan gaarii nuu gochuuf dandeettiis taʼe fedhii akka qabu nuu mirkaneessu. (Mat. 14:14-21) Nuyi dinqiiwwan raawwachuu kan hin dandeenye taʼus, namoonni Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame irratti akka xiyyeeffatan miira hoʼaadhaan gargaaruu ni dandeenya. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman gara fulduraatti yeroo gaariin akka dhufu nuu mirkaneessu. Dhugaa Baatota Yihowaa waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee beekumsa gati jabeessa qabnu waan taaneef, namoota kaanii wajjin haala wal qabateen gatiin ykn dirqamni akka nu irra jiru nutti dhagaʼamaa? (Rom. 1:14, 15) Kana irratti xiinxaluun keenya, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namoota kaanitti himuudhaaf kan nu kakaasu haa taʼu.—Far. 45:1; 49:3. w15 6/15 1:7, 10, 11

Kibxata, Bitootessa 7

Harka keessan qulleeffadhaa. . . . Garaa keessan qulqulleeffadhaa!—Yaq. 4:8.

Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, yaada keenya dabalatee guutummaa jireenya keenyaatiin isa gammachiisuuf carraaqna. Sammuun keenya wanta qulqulluu, gaarii fi galata qabu irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan ‘garaa qulqulluu’ qabaachuu barbaadna. (Far. 24:3, 4; 51:6; Filp. 4:8) Kan nama gammachiisu, Yihowaan cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya beeka. Fedhii sirrii hin taane akka qabnus beeka. Taʼu iyyuu, Yihowaan fedhii sirrii hin taane sana toʼachuu mannaa yoo guddisne baayʼee akka gaddu beekna. (Uma. 6:5, 6) Yaada kana irratti xiinxaluun keenya, yeroo kam iyyuu caalaa yaada qulqulluu qabaachuuf akka murteessinu nu gargaara. Karaan Yihowaatti guutummaatti akka amanamnu itti argisiisnu inni guddaan, yaada xuraaʼaa moʼuuf akka nu gargaaru isa kadhachuu dha. Yihowaan kadhannaadhaan gara isaatti ennaa dhihaannu innis nutti dhihaata. Arjummaadhaan kakaʼee hafuura isaa waan nuu kennuuf, murtoon yaadawwan addaggummaa irraa fagaachuu fi qulqulluu taanee jiraachuuf goonu ni cima. w15 6/15 3:4, 5

Roobii, Bitootessa 8

Nyaata harʼaaf nu barbaachisu nuu kenni!—Mat. 6:11, NW.

Kadhannaan kun nyaata harʼaaf “na” barbaachisu utuu hin taʼin, nyaata harʼaaf “nu” barbaachisu kan jedhu taʼuu isaa hubadhaa. Viiktoor inni Afriikaa keessatti ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo nyaata eessaa akka nyaannu ykn kiraa manaa kan nuuf kaffalu eenyu akka taʼe waan hin yaaddofneef Yihowaa nan galateeffadha. Obboloonni keenya yeroo hundumaa gaarummaadhaan kakaʼanii wanta nu barbaachisu nuu guutu. Haa taʼu malee, warri nu gargaaran gama dinagdeetiin dhiibbaa isaan irra gaʼu dandamachuu akka dandaʼaniif nan kadhadha.” Nyaata yeroo baayʼeedhaaf nu gaʼu kan qabnu yoo taʼe illee, waaʼee obboloota hiyyummaa keessa jiranii ykn balaan isaan mudatee yaaduu dandeenya. Isaaniif kadhachuu qofa utuu hin taʼin, tarkaanfii kadhannaa keenyaa wajjin wal simu fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf, wanta qabnu obboloota hidhata amantii keenya taʼaniif kennuu dandeenya. Akkasumas, buusiin goonu akka gaariitti hojii irra akka oolu waan beeknuuf, hojii addunyaa maraatiif yeroo hundumaa buusii gochuu dandeenya.—1 Yoh. 3:17. w15 6/15 5:4-6

Kamisa, Bitootessa 9

[Waaqayyo] yeroo hundumaa bara baraan Waaqayyo keenya, ammaa hamma duʼa garasiittis geggeessaa keenya taʼuu isaa himaa! —Far. 48:14.

Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafa irraa wajjin haala wal qabateen jijjiiramni dinqisiisaan godhamu Isaayaas 60:17 irratti dursee dubbatameera. Dargaggoonni ykn obboloonni haaraan waaʼee jijjiirama kanaa dubbisaniiru ykn warra kaan irraa dhagaʼaniiru. Obboloonni jijjiiramni kun yommuu raawwatamu argan garuu mirga guddaa argataniiru! Yihowaan karaa Ilma isaa isa Mootii taʼee jaarmiyaa isaa geggeessaa fi qajeelchaa akka jiru akka mirkaneeffatan hin shakkisiisu! Akkuma keenya amanannaan isaanii ragaa qabatamaa irratti kan hundaaʼe akka taʼe beeku. Muuxannoo isaanii dhagaʼuun keessan amantii Yihowaa irratti qabdan isiniif jabeessa. Dhugaa keessa kan turre yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, waaʼee jaarmiyaa Yihowaa namootatti himuu qabna. Addunyaa hamaa, mancaʼaa fi jaalala hin qabne kana keessa jannanni hafuuraa jiraachuun isaa, dinqii bara keenyatti raawwatame dha! w15 7/15 1:12, 13

Jimaata, Bitootessa 10

Mootota sana iddoo afaan Ibrootaatti “Armaagedoon” jedhamutti walitti in qaban.—Mul. 16:16.

Waraanni Armaagedoon Maqaan Yihowaa inni qulqulluu taʼe akka ol qabamu godha. Yeroo sanatti namoonni reʼootatti fakkeeffaman hundi ‘gara adaba bara baraa dhaqu.’ (Mat. 25:31-33, 46) Dhuma irratti lafti hammina hunda irraa qulqulloofti; akkasumas tuutni sonaan baayʼeen kutaa dhumaa rakkina guddaa keessa darbu. Wanta gammachiisaa kana eeggachaa yeroo jirru kanatti hundi keenya maal gochuu qabna? Phexros ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhee barreesseera: “Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad dhiisa erga taʼee, isin namoota attamii taʼuutu isiniif taʼa ree? Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira. Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu . . . Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhamaʼaa.” (2 Phe. 3:11, 12, 14) Kanaafuu, Mootii nagaa deggeruudhaan karaa hafuuraa qulqulluu taanee jiraachuuf haa murteessinu. w15 7/15 2:17, 18

Sanbadduraa, Bitootessa 11

Waaqayyo mana namaa yoo ijaaruu dhaabaate, warri isa ijaaran akkasumaan itti dadhabu. —Far. 127:1.

Jaarmiyaan Yihowaa Galmawwan Mootummaa ijaaruu fi ijaarsa isaatiif gargaarsa qarshii gochuudhaan guddina cimaa argisiisaa jira. Galmawwan Mootummaa kanaaf diizaayinii kan baasu, kan ijaaruu fi kan haaromsu namoota kaffaltii malee fedhiidhaan hojjetani dha. Sadaasa 1, 1999 irraa eegalee addunyaa maratti wiirtuuwwan waaqeffannaa babbareedoon 28,000 ol taʼan ijaaramaniiru. Kana jechuun, waggoottan 15f guyyaa guyyaatti giddu galeessaan Galmawwan Mootummaa haaraa shantu ijaarame jechuu dha. Iddoo barbaachisu hundatti Galmawwan Mootummaa ijaaruuf carraaqqiin godhamaa jira. Kennaan jaalala irratti hundaaʼe kun seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo irratti argamuu fi ‘gara lachuuf iyyuu akka wal qixxaatuuf’ wanti warra kaan irraa hafu qaawwa warra kaanii akka duuchu dubbatu irratti kan hundaaʼe dha. (2 Qor. 8:13-15) Qophii kanaan, gumiiwwan qarshii Galma Mootummaa ittiin ijaarratan hin qabneef iddoowwan waaqeffannaa mimmiidhagoon ijaaramaniiru. w15 7/15 4:9-11

Dilbata, Bitootessa 12

Isa eeggadhu! —An. 2:3.

Mallattoowwan mulʼachuu Kiristos argisiisan Yesus dubbate, yeroo keessa jiraatan ilaalchisee duuka buutota isaa akeekkachiiseera. Duuka buutonni Yesusis dammaqoo turan. (Mat. 24:27, 42) Wanti inni dubbates bara 1914 kaasee raawwatamaa jira. Yeroo sanaa kaasee kutaawwan garaa garaa mallattoo sanaa raawwatamaa jiru. Kanaafuu, amma “dhuma barichaa” keessa kan jirru siʼa taʼu, yeroon kunis yeroo murtaaʼaa badiisa sirna hamaa kanaatti geessu dha; yeroon kun yeroo badiisichaas ni dabalata. (Mat. 24:3) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa eeggachuu isaanii itti fufuu kan qaban maaliifi ree? Yesusiif waan ajajamnuuf eeggachuu keenya itti fufna. Kana malees, mallattoo bulchaa akka jiru argisiisu ni hubanna. Kan eeggannu, gowwummaadhaan waan tokko amanuu barbaannee utuu hin taʼin, ragaa amansiisaa Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼee fi dhuma sirna hamaa kanaa qophaaʼoo fi dammaqoo taanee akka eeggannu nu dirqisiisu irratti hundoofnee ti. w15 8/15 2:8, 9

Wiixata, Bitootessa 13

[Ati] fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita. —Far. 145:16.

Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti fedhiin keenya ni guutama; gammachuus ni qabaanna. Yihowaan fedhii keenya nuuf hin guutu utuu taʼee, milkaaʼina argachuu fi wantoota qulqulluu nama gammachiisan irratti hirmaachuuf fedhii akka qabaannu godhee nu uuma turee? (Lal. 2:24) Yihowaan karaa kanaanis taʼe karaa kan biraatiin yeroo hunda ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa in quufsa.’ Bashannanni barbaachisaa taʼus, gammachuun irraa argamu kan guddatu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf dursa yoo kennine dha. Addunyaa haaraa keessattis haalli kun dhugaa dha. Kanaafuu, fedhii dhuunfaa keenyaaf iddoo isaaf malu kennuun, akkasumas Mootummichaaf dursa kennuunii fi eebbawwan hafuuraa yeroo ammaatti tajaajiltoonni Yihowaa argachuu dandaʼan irratti xiyyeeffachuun keenya barbaachisaa dha! (Mat. 6:33) Jannata dhuftu keessatti, gammachuu guddaa hanga ammaatti argannee hin beekne arganna. Jireenya dhugaatiif ammuma qophii gochuudhaan, jireenya sana argachuuf fedhii guddaa akka qabnu haa argisiisnu. w15 8/15 3:17, 18

Kibxata, Bitootessa 14

Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti,fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!—Efe. 4:24.

Yesus cubbamaa taʼuu baatus, yeroo lafa irra ture namoota cubbamoo wajjin jiraata ture. Kan isa guddisan warra isaa cubbuu dhaalani dha; waggoota hedduudhaaf kan jiraates firoota isaa cubbuu dhaalanii wajjini. Duuka buutonni isaa warri isatti dhihaatan illee amaloota namoonni naannoo isaanii jiran argisiisan kan akka kooraa fi ofittummaa ni argisiisu turan. Fakkeenyaaf, galgala guyyaa Yesus itti ajjeefame dura turetti, “nu keessaa eenyutu caala jechuu irraa kan kaʼe, ergamoota isaa gidduutti morkiin kaʼee ture.” (Luq. 22:24) Haa taʼu malee, Yesus duuka buutonni isaa warri cubbuu dhaalan karaa hafuuraa guddina gochuu fi gumii tokkummaa qabu ijaaruu akka dandaʼan amanannaa qaba ture. Galgala sana Yesus tokkummaa jaalala irratti hundaaʼe akka qabaatan akka isaan gargaaru Abbaa isaa isa samii akkana jechuudhaan kadhateera: ‘Isaanis tokko haa taʼan; yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraatan; akkuma nuyi tokko taane, isaanis tokko haa taʼan.’—Yoh. 17:21, 22. w15 9/15 1:10, 11

Roobii, Bitootessa 15

Inni immoo, “Kottu!” jedhe; yommus Phexros bidiricha keessaa baʼee bishaan gubbaa gara Yesusitti adeemuutti kaʼe. —Mat. 14:29.

Qilleensii fi dambaliin Phexros utuu bishaan irra deemuu isa marsee ture, rakkinaa fi qorumsa yeroo harʼaa nu mudatuu wajjin wal bira qabamuu dandaʼa. Wantoonni kun humna keenyaa ol yoo taʼan illee, gargaarsa Yihowaatiin jabaannee dhaabachuu ni dandeenya. Phexros sababa qilleensaa fi dambalii galaanaatiin liqimfamuu akka hin jalqabne yaadadhu. Macaafni Qulqulluun, “Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhagaʼame garuu in sodaate” jedha. (Mat. 14:24-32) Phexros Yesus irratti xiyyeeffachuu waan dhiiseef amantiin isaa ni raafame. Nutis, ‘qilleensi jabaan akka nutti dhagaʼamu’ gochuudhaan humna qilleensichaa irratti xiyyeeffachuu yoo jalqabnee fi Yihowaan akka nu gargaaru yoo shakkine liqimfamuu jalqabuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun amantii dhabuu “cubbuu isa nutti qabate” akka taʼetti waan ibsuuf, amantiin keenya baduu akka dandaʼu dagachuu hin qabnu. (Ibr. 12:1) Muuxannoo Phexros irraa hubachuun akka dandaʼamutti, wanta irratti xiyyeeffachuu hin qabne irratti yoo xiyyeeffanne amantiin keenya laafuu dandaʼa. w15 9/15 3:1, 6, 7

Kamisa, Bitootessa 16

Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubbaadhaa in dhufa.—Yaq. 1:17.

Kennaan yeroo siif kennamu maal goota? Tarii karaa taʼe tokkoon dinqisiifannaa qabdu ni argisiista taʼa. Akkasumas, kennaa sanaaf bakka guddaa waan kennituuf akka gaariitti itti fayyadamta taʼa. Yihowaan utuu wal irraa hin kutin wanta jiraachuu fi gammachuu argachuuf nu barbaachisu nuu kenna. Kun nutis akka isa jaallannu nu hin kakaasuu? Israaʼeloonni waggoota hedduudhaaf eegumsa Yihowaa kan argatan siʼa taʼu, innis karaa hafuuraas taʼe karaa foonii baayʼee isaan eebbiseera. (Kes. 4:7, 8) Eebbawwan kana argachuu isaanii itti fufuuf garuu, Seera Waaqayyoo isa yeroo hunda oomisha isaanii keessaa “angafa midhaanii isa caalaa” aarsaa godhanii dhiheessuu dabalatuuf ajajamuu qabu turan. (Bau. 23:19) Israaʼeloonni kana gochuudhaan jaalalaa fi eebba Yihowaatiif iddoo guddaa akka kennan argisiisu turan.—Kes. 8:7-11. w15 9/15 5:5, 6

Jimaata, Bitootessa 17

Warri yaadni garaa isaanii qullaaʼoo haa gammadan, isaan Waaqayyoon in argu.—Mat. 5:8.

Jireenya keenya keessatti harka Yihowaa arguu kan dandeenyu akkamitti taʼuu dandaʼa? Mee yaadaa: Tarii dhugaa akka dhageessuuf haala kan mijeesse Waaqayyo akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamtee kutaa tokko erga dhageessee booda, “Kun wanta na barbaachisu dha” jettee beektaa? Yookiin immoo kadhannaa dhiheessite tokkoof deebii argattee taʼuu dandaʼa. Tarii immoo tajaajila kee balʼifachuuf murteessitee, akkaataan Yihowaan haala isaa itti siif mijeesse si dinqisiisee taʼuu dandaʼa. Akkasumas, dhimma hafuuraatiif dursa kennuuf jecha hojii dhiistee waadaan Waaqayyo, ‘Ani matumaa si hin gatu’ jechuudhaan gale dhugaa taʼuu isaa argiteetta taʼa. (Ibr. 13:5, NW) Karaa hafuura dammaqoo yoo taanee fi ‘yaadni garaa keenya qulqulluu’ yoo taʼe, karaawwan hedduu Yihowaan ittiin nu gargaare hubachuu dandeenya. ‘Yaadni garaa keenyaa qulqulluu’ taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Keessi keenya qulqulluu taʼuu qaba; akkasumas amala gadhee kam iyyuu dhiisuu qabna. (2 Qor. 4:2) Karaa hafuuraa cimoo yoo taanee fi amala gaarii yoo argisiisne, warra Waaqayyoon arguu dandaʼan keessaa tokko taʼuu dandeenya. w15 10/15 1:17, 19

Sanbadduraa, Bitootessa 18

Namni anaaf ergamu yoo jiraate, abbaan koo ulfina in kennaaf. —Yoh. 12:26.

Namoonni Giriikii Ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem dhaqan tokko tokko wanta Yesus raawwate arguudhaan baayʼee dinqisiifatanii turan; achiis Yesusii wajjin akka wal argan haala akka isaaniif mijeessu Filiphosiin gaafatan. Haa taʼu malee, Yesus dhimmoota caalaatti barbaachisaa taʼan irraa yaadni isaa akka hihhiramu hin barbaadne. Harka diinota Waaqayyootti dabarfamee kennamuu jalaa ooluuf jecha beekkamtii argachuu hin barbaadne. Dhiheenyatti duʼuuf akka jedhu erga ibsee booda Indiriyaasii fi Filiphosiin akkana jedhe: “Namni jireenya isaa mararsiifatu jireenya isaa in dhaba; namni biyya lafaa kanatti jireenya isaa hin mararsiifanne garuu, jireenya bara baraatiif isa in kaaʼata.” Fedhii Giriikota sanaa guutuu mannaa amala fedhii ofii aarsaa gochuu inni argisiise hordofuun barbaachisaa akka taʼe ibsuuf yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu dubbateera. Filiphos, namoota isa gaafatanii turan sanatti wanta Yesus jedhe kana itti himee taʼuu hin oolu. (Yoh. 12:20-25) Yesus kaayyoo isaa isa guddaa, jechuunis misiraachicha lallabuu irraa yaanni isaa akka hihhiramu kan hin heyyamne taʼus, yeroo hundumaa waaʼee hojii qofa yaada ture jechuu miti. w15 10/15 3:13, 14

Dilbata, Bitootessa 19

Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mulʼisa, barsiisuudhaafis nan adaba. —Mul. 3:19.

Yesus bartoonni isaa irra deddeebiʼanii isaan keessaa eenyu akka caalu wal mormaa kan turan taʼus, abdii isaanitti hin kutanne. Gorsa inni isaanii kenne yeroo dagatanittis callisee bira hin dabarre. Jaalalaa fi garraamummaadhaan kakaʼee yeroo fi iddoo mijataa taʼetti sirreeffama akka godhan isaan gorseera. (Mar. 9:33-37) Ijoollee keessan adabuudhaan jaalala isaaniif qabdan ibsaafii. Yeroo tokko tokko sababii wanti tokko sirrii ykn dogoggora itti taʼe ibsuun qofti gaʼaa dha. Yeroo kan biraa immoo mucaan keessan wanta itti himtan hojii irra hin oolchu taʼa. (Fak. 22:15) Haalli akkasii yeroo uumamu fakkeenya Yesus hordofaa. Yeroo fi iddoo sirrii taʼetti, obsaan qajeelfama, leenjii fi sirreeffama isaaf kennuudhaan karaa jaalalaa fi garraamummaa argisiisuun mucaa keessan adabaa. Obboleettiin Afriikaa Kibbaatti argamtuu fi Iilaan jedhamtu akkana jetteetti: “Warri koo aariidhaan ykn sababan itti adabamu utuu naaf hin ibsin na hin adaban. Kun immoo nageenyi akka natti dhagaʼamu godheera. Daangaa koo beekeera; wanti na irraa eegamu maal akka taʼes hubadheera.” w15 11/15 1:5, 6

Wiixata, Bitootessa 20

Waaqayyo jaalala. —1 Yoh. 4:16.

Waaqayyo ilmaan namootaatiif jaalala hin qabu utuu taʼee gara fuulduraatti jireenyi maal akka fakkaatu yaadi. Namoonni namoota bulchuu isaanii kan itti fufan taʼuu isaa irra iyyuu, waaqa isa jaalaala hin qabneen, jechuunis Seexanaan dhiibbaan isaan irra gaʼuun isaa itti fufa ture. (2 Qor. 4:4; 1 Yoh. 5:19; Mul. 12:9, 12) Uumamni cufti jaalala Waaqayyoo utuu hin argatin jiraata utuu taʼee, haalli gara fuulduraa baayʼee gadhee taʼa ture. Diyaabilos bulchiinsa Yihowaa irratti mormii yeroo kaasetti, Waaqayyo bulchuuf mirga qabaachuu isaa irrattii fi bulchiinsi isaa qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffii kaaseera. Seexanni bulchiinsi isaa kan Yihowaa irra akka wayyu dubbachuu isaa ture. (Uma. 3:1-5) Yihowaan, Seexanni kun dhugaa taʼuu isaa akka mirkaneessu kan heyyame taʼus, heyyamni kun kan kenname yeroodhaafi. Yihowaan, ogummaa isaa isa guddaatti fayyadamuudhaan, bulchiinsa isaatiin alatti bulchiinsi kan biraan gaʼumsa akka hin qabne saaxiluuf yeroo gaʼaa kenneera. Seenaan ilmaan namootaa gaddisiisaa taʼe, namoonnis taʼan Seexanni bulchiinsa gaarii wajjin haala wal qabateen wanta nu barbaachisu nuu guutuu akka hin dandeenye argisiisa. w15 11/15 3:3, 4

Kibxata, Bitootessa 21

Kana kan gootan garraamummaa fi ulfina guddaadhaan haa taʼu. —1 Phe. 3:15, NW.

Sabni Yihowaa yeroo hunda gad of deebisuudhaan, seera buʼuuraa barbaachisaa Yesus kenneef ni ajajamu. Lallaba isaa isa gaaraa irratti akkana jedheera: “‘Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa.” (Mat. 5:43-45) Eeyyee, tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef ilaalchi isaan nuuf qaban maal iyyuu yoo taʼe ‘diinota keenya jaallachuu’ barachuu qabna. Dhugaa Baatonni Yihowaa, ilaalcha isaaniitiinis taʼe gocha isaaniitiin Waaqayyoo fi namoota akka jaallatan bifa jireenya isaanii hundaan argisiisuu qabu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko ergaa Mootummichaa yoo fudhachuu baatan illee, yeroo isaan barbaachisutti jaalala isaanitti argisiisna. w15 11/15 4:17, 19, 20

Roobii, Bitootessa 22

Seericha isaaniif dubbifame [ni] hubatan.—Nah. 8:12.

Sabni Waaqayyoo yeroo hunda Yihowaa jajachuu fi fedhii isaa warra kaanitti beeksisuuf dandeettii dubbachuuf qabanitti, jechuunis qooqatti ni fayyadamu. Yeroo dhihoodhaa asitti qooqatti fayyadamanii waaqeffannaa qulqulluu babalʼisuuf karaan hunda irra caalu Kitaaba Qulqulluu hiikuu taʼeera. Yeroo ammaatti hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu kumaatamaan lakkaaʼaman kan jiran taʼus, hiikkaawwan kun akkaataa amanamummaadhaan ergaa isa barreeffama jalqabaa irra jiru itti dabarsan irratti garaa garummaa qabu. Bara 1940mmaniitti Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa seerawwan hiikkaa afaanota 130 ol taʼaniin itti hojjetamaa ture qopheesseera. Seerawwan kunis akka armaan gadiitti ibsamaniiru: (1) Maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo isaa isa duraatti deebisuudhaan maqaa kana qulqulleessa. (Mat. 6:9) (2) Bakka dandaʼametti ergaa isa jalqaba geggeessaa hafuuraatiin barreeffame jechaa jechatti hiika; jechaa jechatti hiikuun ergaa isaa kan jalʼisu yeroo taʼutti garuu yaada isaa isa sirrii dabarsa. (3) Qooqa hubachuuf salphaa taʼee fi dubbisuuf nama kakaasutti fayyadama.—Nah. 8:8. w15 12/15 2:1, 2

Kamisa, Bitootessa 23

Sagaleen fiingee gargar baʼee yoo dhagaʼamuu [dhaabaate], eenyutu lolaaf qophaaʼa?—1 Qor. 14:8.

Sagaleen malakataa ergaan isaa hin beekamne raayyaa waraanaa moʼichaan fuulduratti deemaa jiru tokko irra miidhaa geessisuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wanti dubbannu matumaa ifa kan hin taane ykn bira qabamee kan dubbatame yoo taʼe, nama burjaajessuu ykn dogoggorsuu dandaʼa. (1 Qor. 14:9) Dhugaa dha, dubbii keenya gabaabaa fi ifa gochuuf jennee akkuma afaan keenyatti dhufetti ykn tooftaa malee dubbachuu hin barbaannu. Yesus jecha sirrii filachuu irratti hunda caalaa fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Mee gaggabaaboo taʼanis jechoota humna qabanii fi Yesus Maatewos boqonnaa 5 hanga 7 irratti dubbate haa ilaallu. Yesus jecha nama ajaaʼibsiisu ykn karaa garaa garaa hubatamuu dandaʼuttis taʼe, jecha hamaa ykn nama miidhutti hin fayyadamne. Kanaa manaa, garaa dhaggeeffattoota isaa tuquuf, jechoota ifaa fi salphaa taʼan filateera. Fakkeenyaaf, yaaddoo namoonni nyaata guyyaa guyyaadhaaf isaan barbaachisu argachuuf qaban salphisuuf, Yihowaan simbirroota samii akkamitti akka sooru dubbateera. Achiis, namoota isa dhaggeeffatan simbirrootaa wajjin wal bira qabuudhaan, “Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?” jedhee gaafate. (Mat. 6:26) Kun dubbii jecha salphaa, hubatamuu dandaʼuu fi garaa namaa tuquun dubbatame mitii? w15 12/15 3:13, 14

Jimaata, Bitootessa 24

Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa! —Ibr. 13:1.

Akka obbolootaatti akka wal jaallannu argisiisuun nuuf hiika maalii qaba? Jechi afaan Giriikii Phaawulos itti fayyadame filaadelfiyaa kan jedhu siʼa taʼu, kallattiidhaan “obboleessa tokkoof jaalala qabaachuu” jechuu dha. Akka obbolootaatti wal jaallachuun gosa jaalalaa cimaa, hoʼaa fi dhuunfaatti walitti dhihaachuu dabalatuu fi jaalala miseensa maatii ykn michuu nutti dhihaatu tokkoof qabnu kan argisiisu dha. (Yoh. 11:36) Obbolootaa fi obboleettota akka taane hin fakkeessinu; kanaa mannaa nuti dhugumaan obbolaa dha. (Mat. 23:8) Miirri hoʼaan walii keenyaaf qabnu yaada, “Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jedhuun akka gaariitti ibsameera. (Rom. 12:10) Gosni jaalalaa kun, jaalala seera buʼuuraatiin geggeeffamuu fi agaappee jedhamuu wajjin taʼuudhaan saba Waaqayyoo gidduu michummaa cimaan akka jiraatu godha. Kiristiyaanummaan lammiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe amantoota hunda kan walitti qabate dha. (Rom. 10:12) Obbolaa waan taaneef akka obbolootaatti akka wal jaallannu Yihowaan nu barsiiseera.—1 Tas. 4:9. w16.01 1:5, 6

Sanbadduraa, Bitootessa 25

Jaalalli Kristos nu qaba [“dirqisiisa,” NW].—2 Qor. 5:14.

Jaalalli Yesusiif qabnu hojii lallabaa fi bartoota gochuu irratti garaa keenya guutuudhaan akka hirmaannu nu kakaasuu qaba. (Mat. 28:19, 20; Luq. 4:43) Tibba Ayyaana Yaadannootti, qajeelchaa gargaaraa taanee saʼaatii 30f ykn 50f hojii lallabaa irratti hirmaachuuf carraa qabna. Kana gochuuf haala kee mijeessuu ni dandeessaa? Obboleessi umuriin isaa waggaa 84 taʼee fi haati manaa isaa jalaa duute tokko, sababii umurii isaa fi haala fayyaa isaatiin kan kaʼe qajeelchaa gargaaraa taʼuu akka dandeenye yaada ture. Taʼus, qajeelchitoonni naannoo isaa jiran hedduun isa gargaaruuf of dhiheessan. Geejjiba waan isaaf qopheessanii fi naannoo tajaajilaa inni itti tajaajiluu dandaʼu of eeggannoodhaan waan filataniif, saʼaatii 30 tajaajiluudhaan galma isaa irra gaʼuu dandaʼeera. Ati hoo tibba Ayyaana Yaadannootti qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan gammachuu akka argatu nama tokko gargaaruuf carraaqqii gochuu ni dandeessaa? Dhugaa dha, hundi keenya qajeelchaa gargaaraa taʼuu hin dandeenyu taʼa. Taʼus, yeroo fi humna qabnu hundatti fayyadamnee aarsaa galataa Yihowaadhaaf dhiheessinu guddisuu ni dandeenya. w16.01 2:7, 11

Dilbata, Bitootessa 26

Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna.—Zak. 8:23.

Maqaa Israaʼeloota hafuuraa yeroo ammaa lafa irratti argaman hundumaa beekuun kan hin dandaʼamne erga taʼee, miseensonni hoolota kan biraa isaanii ‘wajjin dhaquu’ kan dandaʼan akkamitti? Namoota kurnan fakkeenyaan ibsaman ilaalchisee wanta raajii Zakaariyaas keessatti ibsame hubadhu. Namoonni kun, “fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” As irratti kan caqasame Yihudii tokko qofa taʼus, bakka lamaan irratti iyyuu ibsi maqaa “isin” jedhu galeera. Kanaafuu, Yihudiin hafuuraa kun garee dibamtootaa hunda kan argisiisu malee nama tokko qofa kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu! Kanaafuu, Yihudii hafuuraa hunda adda baafatanii beekuunii fi isa ykn ishii wajjin deemuun barbaachisaa miti. Kanaa mannaa, garee namoota kanaa beekuu fi garee kana deggeruu qabna. Kitaabni Qulqulluun matumaa nama tokko duukaa akka buunu nu hin jajjabeessu. Geggeessaan keenya Yesusi dha.—Mat. 23:10. w16.01 4:4

Wiixata, Bitootessa 27

Yaa Israaʼel, ati garuu garbicha koo ti, yaa Yaaqoob ani si foʼadheera; ati sanyii Abrahaam sanyii [“michuu,” NW] kootii ti. —Isa. 41:8.

Erga dhalannee jalqabee hanga duunutti jaalala argachuu barbaanna. Ilmaan namootaa gosa jaalalaa saala faallaa gidduu jiru qofa utuu hin taʼin, michummaa cimaa fi jaalala irratti hundaaʼe qabaachuun isaan barbaachisa. Hunda caalaa garuu jaalala Yihowaa argachuun nu barbaachisa. Namoonni hedduun Waaqayyo Hundaa Ol waan taʼeef ilmaan namootaa isaa wajjin michummaa cimaa fi jaalala irratti hundaaʼe qabaachuu akka dandaʼan hin amanan. Nuti garuu dhugaa isaa beekna! Kitaabni Qulqulluun namoonni cubbuu dhaalan Waaqayyoo wajjin michoota taʼanii akka turan ibsa. Michummaa akkanaa uumuun galma jireenya keessatti hordofuu qabnu isa guddaa waan taʼeef, fakkeenyota kana irratti xiinxaluun keenya sirrii dha. Namni michummaa akkanaa uumuudhaan fakkeenya hunda irra caalu taʼe Abrahaami dha. (Yaq. 2:23) Abrahaam Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Wanti michummaa kana uumuuf isa gargaare inni guddaan amantii dha. Kitaabni Qulqulluun, Abrahaam ‘warra amanan [“amantii qaban,” NW] hundaaf abbaa’ akka taʼe dubbata.—Rom. 4:11. w16.02 1:1, 2

Kibxata, Bitootessa 28

Kan akka isaatii . . . hin turre. —2 Mot. 18:5.

Hisqiyaas abbaan isaa mootota Yihudaa warra hamoo keessaa tokko taʼus, inni mootota gaggaarii keessaa tokko taʼuu dandaʼeera. (2 Mot. 18:6) Hisqiyaas dogoggora guguddaa abbaan isaa hojjete sirreessuu jalqabe. Kanas kan godhe, mana qulqullummaa qulqulleessuudhaan, uummatichi dhiifama akka argatu Waaqayyoon kadhachuudhaan, akkasumas duula balʼaa godhee waaqayyolii tolfamoo balleessuudhaan ture. (2 Sen. 29:1-11, 18-24; 31:1) Hisqiyaas yeroo mootiin Asor Senaaheriib Yerusaalemiin akka balleessu sossodaachise dabalatee yeroo rakkoowwan gurguddaan isa mudatanitti ija jabinaa fi amantii guddaa akka qabu argisiiseera. Fayyina argachuuf Waaqayyotti amanameera; dubbiidhaanis taʼe fakkeenya taʼuudhaan saba isaa jajjabeesseera. (2 Sen. 32:7, 8) Yeroo booda of tuuluu isaatiin kan kaʼe sirreeffamni yeroo isaaf kennametti gad of qabee yaada geddarateera. (2 Sen. 32:24-26) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Hisqiyaas seenaan isaa inni duraa seenaa isaa isa boodaa akka balleessu ykn jireenya gara fulduraa akka isa dhabsiisu hin heyyamne. Kanaa mannaa, michuu Yihowaa taʼuu isaa argisiiseera, fakkeenya gaariis nuuf taʼeera. w16.02 2:11

Roobii, Bitootessa 29

Namni tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri hafuuraan geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaatiin akka isaa duriitti isa deebisaa! —Gal. 6:1.

Gaarummaan eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabdu murteessuun yommuu si rakkisu si gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatuun tokko cubbuu cimaa akka hojjete akka gaariitti ni beekta taʼa. Keessattuu namni sun michuu ykn fira kee yoo taʼe, isaaf amanamaa taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Cubbuu namni sun hojjete kan dhoksitu yoo taʼe garuu, Waaqayyoof amanamaa taʼaa hin jirtu jechuu dha. Hunda dura Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu akka qabdu beekamaa dha. Gaarummaa argisiisi, akkasumas ejjennoo cimaa qabaadhu. Michuun ykn firri kee gargaarsa jaarsolii akka gaafatu jajjabeessi. Inni ykn ishiin yeroo murtaaʼe keessatti yoo kana gochuu baatan, Waaqayyoof amanamaa taʼuun kee dhimma sana jaarsoliitti akka himtu si kakaasuu qaba. Akkana yoo goote jaarsoliin nama kana garraamummaadhaan sirreessuuf waan yaalaniif, Yihowaadhaaf amanamaa taata, akkasumas michuu ykn fira kee sanattis gaarummaa argisiista.—Lew. 5:1. w16.02 4:14

Kamisa, Bitootessa 30

Isin namoota attamii taʼuutu isiniif taʼa ree? Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira. —2 Phe. 3:11.

Yaadni “Jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” jedhu kun, walgaʼii irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuu dabalatee sochiiwwan gumii keessatti gootu kan dabalatu dha. Kana malees, sochiiwwan hafuuraa warri kaan hin argine kan akka kadhannaa fi qoʼannaa dhuunfaa ni dabalata. Namni jireenya isaa Yihowaadhaaf murteesse tokko, sochiiwwan kana hojii nuffisiisaa akka taʼanitti hin ilaalu. Kanaa mannaa ilaalcha Daawit Mootichaa isa, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jechuudhaan dubbatee wajjin wal fakkaatu qabaata. (Far. 40:8) Kiristiyaana of murteessee cuuphame waan taateef, Yihowaa dura kan dhaabattu of dandeessee akka taʼe yaadadhu. Tajaajilli isaaf dhiheessitu warra kee dabalatee eenyu irratti iyyuu kan hundaaʼe taʼuu hin qabu. Jireenya qullaaʼaa fi jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun kee, dhugaa kan ofii keetii akka godhattee fi cuuphamuuf gaʼumsa akka qabdu kan argisiisu dha. w16.03 2:10, 12, 15

Jimaata, Bitootessa 31

Utuu amantiin hin dhufin dura . . . harka seeraa jalatti hidhamnee turre . . . Seerri adabduu keenya isa gara Kristositti nu geessu ture. —Gal. 3:23, 24.

Seerri Musee, naamusa mancaʼaa fi sochii amantii saba kaanii irraa akka dallaatti isaan eegeera. Sabni Israaʼel yeroo Waaqayyoon dhaggeeffatan eebba isaa argatu turan. Yeroo dhaggeeffachuu didan immoo, rakkina cimaatu isaan irra gaʼa ture. (Kes. 28:1, 2, 15) Qajeelfamni sababa biraatiifis ni barbaachisa ture. Seerichi fedha Yihowaa wajjin haala wal qabateen kaayyoo guddaa tokkoof, jechuunis dhufaatii Masiihichaatiif Israaʼeloota kan qopheessu ture. Seerichi haala kanaan dura taʼee hin beekneen, Israaʼeloonni mudaa kan qaban taʼuu isaanii ifa godheera. Akkasumas furiin, jechuunis aarsaan cubbuu guutummaatti qulqulleessu akka barbaachisu akka hubatan godheera. (Gal. 3:19; Ibr. 10:1-10) Kana malees, Seerichi hidda dhalootaa Masiihichatti geessu eeguu fi yeroo inni mulʼatutti isa beekuuf gargaareera. Eeyyee, Seerichi yeroodhaaf qajeelfama ykn “guddiftuu” gara Kiristositti geessu taʼee tajaajileera. w16.03 4:6, 7

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi