LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es17 ful. 17-26
  • Guraandhala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Guraandhala 1
  • Kamisa, Guraandhala 2
  • Jimaata, Guraandhala 3
  • Sanbadduraa, Guraandhala 4
  • Dilbata, Guraandhala 5
  • Wiixata, Guraandhala 6
  • Kibxata, Guraandhala 7
  • Roobii, Guraandhala 8
  • Kamisa, Guraandhala 9
  • Jimaata, Guraandhala 10
  • Sanbadduraa, Guraandhala 11
  • Dilbata, Guraandhala 12
  • Wiixata, Guraandhala 13
  • Kibxata, Guraandhala 14
  • Roobii, Guraandhala 15
  • Kamisa, Guraandhala 16
  • Jimaata, Guraandhala 17
  • Sanbadduraa, Guraandhala 18
  • Dilbata, Guraandhala 19
  • Wiixata, Guraandhala 20
  • Kibxata, Guraandhala 21
  • Roobii, Guraandhala 22
  • Kamisa, Guraandhala 23
  • Jimaata, Guraandhala 24
  • Sanbadduraa, Guraandhala 25
  • Dilbata, Guraandhala 26
  • Wiixata, Guraandhala 27
  • Kibxata, Guraandhala 28
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2017
es17 ful. 17-26

Guraandhala

Roobii, Guraandhala 1

Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata.—Yaq. 4:8.

Dhugaa Baatuu Yihowaa of murteessitee cuuphamte dhaa? Taanaan, qabeenya gati jabeessa qabda. Qabeenyi kun walitti dhufeenya ati dhuunfaatti Yihowaa wajjin qabdu dha. Haa taʼu malee, addunyaan Seexanaa fi foon keenya inni cubbamaan walitti dhufeenya kana irratti dhiibbaa ni geessisu. Haalli rakkisaa taʼe kun Kiristiyaanota hunda mudata. Kanaafuu, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu hamma dandaʼame cimaa taʼuu qaba. Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu siif hammam cimaa dha? Walitti dhufeenya kana cimsachuu ni barbaaddaa? Caqasni guyyaa harʼaa, jechuunis Yaaqoob 4:8, kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa. Walitti dhufeenyi kun qaamota lama kan of keessatti qabate akka taʼe hubadhu. Waaqayyotti dhihaachuuf tarkaanfii yeroo fudhannu, innis nutti dhihaachuuf tarkaanfii ni fudhata. Tarkaanfiin akkasii yommuu daddabalamu, Yihowaan caalaatti dhugaa siif taʼa; walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdus cimaa deema. Kun immoo, amanannaa Yesus, “Inni ana erge sun dhuguma jira . . . Ani . . . isa beeka” jedhee yeroo dubbatetti argisiisee wajjin wal fakkaatu akka qabaattu godha.—Yoh. 7:28, 29, NW. w15 4/15 3:1, 2

Kamisa, Guraandhala 2

Rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa! —Rom. 12:12.

Firri kee baayʼee jaallattu tokko gumiidhaa baafame haa jennu. Namoota gumiidhaa baafamanii wajjin walitti dhufeenya akkamii qabaachuu akka qabnu Macaafa Qulqulluu irraa baratteetta. (1 Qor. 5:11; 2 Yoh. 10) Taʼus, al tokko tokko murtoo kana deggeruun ulfaataa, darbees kan hin dandaʼamne sitti fakkaachuu dandaʼa. Abbaan kee inni samii, gumiidhaa baafamuu wajjin haala wal qabateen qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojii irra oolchuu akka dandeessuuf cimina akka sii kennu isatti ni amanamtaa? Haala kana carraa Yihowaatti caalaatti dhihaachuuf si dandeessisu akka taʼetti ni ilaaltaa? Kana jechuun firoota keenyaaf jaalala cimaa qabaachuu hin qabnu jechuu dhaa? Gonkumaa! Haa taʼu malee, hunda caalaa Yihowaa jaallachuu qabna. (Mat. 22:37, 38) Akkas gochuun keenya firoota keenya hunda, warra Yihowaa tajaajilaa jiranis taʼe warra tajaajilaa hin jirre ni fayyada. Haalli firri kee gumiidhaa baafame tokko keessa jiru si yaaddessaa jira taanaan, wanta garaa kee keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaa duratti dhangalaasi.—Filp. 4:6, 7. w15 4/15 4:14, 16

Jimaata, Guraandhala 3

Obsaa fi amantii isin qabdaniif nuyi waldoota Waaqayyoo keessatti isiniin of in jajna.—2 Tas. 1:4.

Wanta gaarii namoonni kaan hojjetaniif miirri gaariin nutti dhagaʼamuun isaa fi hamma tokko ofitti kooruun keenya faayidaa qabaachuu dandaʼa. Waaʼee maatii keenyaa, aadaa keenyaa ykn naannoo keessatti guddannee qaanaʼuun nu irra hin jiraatu. (HoE. 21:39) Karaa biraatiin immoo, gosni kooraa walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnuu fi michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu jira. Koorri akkanaa, haaloo akka qabannu kan godhu yommuu taʼu, gorsi barbaachisaan yeroo nuu kennamu gad of qabnee akka hin fudhanne godha. (Far. 141:5) Koorri kun, “gar malee kabaja ofiif qabaachuu” ykn “amala of tuulummaa namoonni yeroo baayʼee sababa quubsaa utuu hin qabaatin warra kaan irra akka caalan isaanitti dhagaʼamu argisiisan” jedhamee hiikameera. Yihowaan of gurguddisuu ni jibba. (His. 33:28; Amo. 6:8) Seexanni garuu, namoonni amala of tuulummaa inni argisiisu hordofuudhaan yeroo of gurguddisan ni gammada. Seexanni namoota koora sirrii hin taane argisiisan kan akka Naamrud, Faraʼoonii fi Abiishaalomitti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu!—Uma. 10:8, 9; Bau. 5:1, 2; 2 Sam. 15:4-6. w15 5/15 2:5, 6

Sanbadduraa, Guraandhala 4

Ati harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita.—Far. 145:16.

‘Kristos inni humna Waaqayyoo’ taʼe, fakkeenya Abbaa isaa hordofuudhaan yeroo baayʼee harka isaa diriirsuudhaan fedhii duuka buutota isaa guuteera. (1 Qor. 1:24) Kana kan godhe humna waan qabuuf qofa utuu hin taʼin, garaadhaa namoota kaaniif waan yaaduufi dha. Maatewos 14:14-21 ilaalaa. Duuka buutonni Yesus waan nyaatamu ilaalchisee isaa wajjin mariʼachuuf gara isaa dhufanii turan. Kana kan godhanis waan beelaʼaniif qofa utuu hin taʼin, namoota hedduu magaalota garaa garaatii Yesusiin argachuuf miillaan dhufanii fi beelaʼan, akkasumas dadhabaniif waan yaadaniifi dha. (Mat. 14:13) Yesus maal godha laata? Yesus buddeena shanii fi qurxummii lamaan, dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota gara 5,000 taʼan soore! Namoonni hedduun sun “nyaatanii in quufan.” Kun nyaanni baayʼinaan akka ture argisiisa. Yesus buddeena xinnoo utuu hin taʼin, nyaata namoota hedduu sana quubsuu fi gara mana isaaniitti deebiʼuuf humna isaaniif argamsiisu gaarummaadhaan kakaʼee kenneeraaf. (Luq. 9:10-17) Erga nyaatanii booda buddeena gundoo 12 taʼutu irraa hafe! w15 6/15 1:8, 9

Dilbata, Guraandhala 5

Amalli gadheen ilmaan namootaa gidduutti . . . ol kaʼaa [deema]. —Far. 12:8.

Jireenyi gadhiisii waan babalʼateef, ‘Dhuguma qulqulluu taʼanii jiraachuun ni dandaʼamaa?’ jettanii yaaddu taʼa. Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin ni dandaʼama. Haa taʼu malee, qulqullinaan jiraachuuf dura fedhiiwwan halalummaa irratti hundaaʼan irraa fagaachuu qabna. Akkuma nyaanni kiyyoo irra kaaʼame qurxummii tokko harkisuu dandaʼu, yaadni halalummaas dafee hin toʼatamu taanaan Kiristiyaana tokko karaa irraa maqsuu fi gowwoomsuu dandaʼa. Yaadni akkanaa foon keenya isa dadhabaa hawwachuu fi gocha addaggummaatti nu geessuu dandaʼa. Fedhiin sirrii hin taane nu keessatti yoo guddate, yeroo booda cubbuu hojjechuutti nu geessuu dandaʼa. Fedhii guddaan akkasii namni Yihowaa tajaajilu tokko illee carraa yeroo argatu fedhii isaa sana guuttachuuf akka kakaʼu gochuu dandaʼa. Eeyyee, “Kajeellaan . . . cubbuu in dhala.” (Yaq. 1:14, 15) Fedhiin dogoggoraa akka tasaa uumamu akkamitti cubbuu guddaa raawwachuutti akka nama geessu yaaduun barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, fedhiin sirrii hin taane nu keessatti akka hin dagaagne yoo goone, gocha addaggummaa irraa fi buʼaa isaa isa hamaa irraa ooluu akka dandeenyu beekuun kan nama jajjabeessu dha!—Gal. 5:16. w15 6/15 3:1-3

Wiixata, Guraandhala 6

Jaalalli kee . . . lafa irratti haa taʼu!—Mat. 6:10.

Gara waggaa 6,000 dura fedhiin Waaqayyoo lafa irratti guutummaatti taʼaa ture. Yihowaan haala ilmaan namootaa jalqaba ture ilaaluudhaan, “Baayʼee gaarii ture” kan jedhe kanaafi dha. (Uma. 1:31) Sana booda garuu Seexanni mormii kan kaase siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee lafa irratti fedha Waaqayyoo kan raawwatan namoota muraasa dha. Haa taʼu malee, yeroo Dhugaa Baatonni gara miliyoona saddeetii taʼanii fi jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu kadhachuu qofa utuu hin taʼin kadhannaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachaa jiran kanatti lubbuudhaan jiraachuun mirga guddaa dha. Kanas kan godhan akkaataa jireenyaa isaaniitiin, akkasumas hojii bartoota gochuu irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaani. Diinonni Mootummaa Waaqayyoo hanga lafa irraa balleeffamanitti jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu kadhachuu keenya itti fufna. Achiis, lafti erga jannata taatee booda namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman yommuu duʼaa kaafamanitti jaalalli Waaqayyoo guutummaatti yeroo taʼu argina. (Yoh. 5:28, 29) Lubbuudhaan jiraannee namoota jaallannuu fi duʼaa kaafaman simachuun baayʼee kan nama gammachiisu dha! w15 6/15 4:15, 17

Kibxata, Guraandhala 7

Iddoo miilli koo ejjetuuf ulfina nan kenna. —Isa. 60:13, NW.

Yaada “jannata hafuuraa” jedhutti yeroo baayʼee fayyadamna. Jannanni hafuuraa, haala addaa karaa hafuuraa nuyi keessa jirru, jechuunis haala Waaqayyoo fi obboloota keenyaa wajjin nagaa qabaachuuf nu dandeessisu dha. Haa taʼu malee, yaadni “jannata hafuuraa” fi “mana qulqullummaa hafuuraa” jedhu tokko akka taʼetti ilaalamuu hin qabu. Manni qulqullummaan hafuuraa, qophii Waaqayyo waaqeffannaa dhugaadhaaf godhe dha. Jannanni hafuuraa immoo, warra Waaqayyo duratti fudhatama qabanii fi yeroo harʼaatti mana qulqullummaa hafuuraa keessatti isa tajaajilaa jiran adda baasanii beekuuf kan tajaajilu dha. (Mil. 3:18) Yihowaan bara 1919 eegalee ilmaan namootaa cubbamoo taʼan jannata hafuuraa lafa irratti misoomsuu, jabeessuu fi babalʼisuu irratti isaa wajjin akka hojjetan heyyamuu isaa beekuun baayʼee nama gammachiisa! Hojii dinqisiisaa kana irratti hirmaachaa jirtaa? Iddoo ‘ejjeta miilla isaa’ ulfina qabeessa gochuu irratti Yihowaa wajjin hojjechuu kee itti fufuuf kakaateettaa? w15 7/15 1:10, 11

Roobii, Guraandhala 8

Yaa Goog! . . . Ani isaan duratti karaa kee qulqullummaa koo [nan mulʼisa].—His. 38:16.

Yeroo gammachiisaa kana yeroo muraasa dura miseensonni warra 144,000 lafa irra jiran gara samii utuu hin deemin, Goog saba Waaqayyoo irratti miidhaa akka geessisu hin dagatinaa. Yeroo kanatti sabni Waaqayyoo maal godhu? Sabni Waaqayyoo yeroo sanatti lafa irratti argaman waan gargaarsa hin qabne fakkaatu. Qajeelfama bara Yoshaafaax Mootichaatti kennamee fi akkana jedhu hordofu: “Isin ofii keessanii loluun isin hin barbaachisu, iddoo qabadhaatii dhaabadhaa, moʼicha Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa! Isin yaa warra Yihudaa fi warra Yerusaalem! Hin sodaatinaa, hin naʼinaas.” (2 Sen. 20:17) Samii keessa garuu haala adda taʼetu jiraata. Mulʼanni 17:14 yeroo dibamtoonni hundi samii keessa itti taʼanitti diinonni Waaqayyoo maal akka godhan akkana jechuudhaan ibseera: “Isaan hoolichatti lola in kaasu; hoolichi garuu gooftaa gooftotaa, mootii moototaas waan taʼeef, isaan in moʼa; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra foʼaman, warra amanamanii dhas.” Yesus warra 144,000 isa faana bulchanii wajjin saba Waaqayyoo lafa irra jiran oolchuuf dhufa. w15 7/15 2:16

Kamisa, Guraandhala 9

Wanti hundinuu yeroo qaba. —Lal. 3:1.

Kabajni nuti Waaqayyoo fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa inni itti nu afeereef qabnu amala keenyaan, akkaataa uffannaa fi bareedinaa keenyaan argisiifamuu qaba. Kabajni giddu galeessa taʼuus kan gaafatu dha. Yihowaan tajaajiltoonni isaas taʼe keessummoonni Galma Mootummaatti argaman bilisummaan akka isaanitti dhagaʼamu barbaada. Haa taʼu malee, namoonni walgaʼii irratti argaman uffannaa isaaniitiif dantaa dhabuudhaan, utuu walgaʼiin gumii geggeeffamuu ergaa barreeffamaa erguudhaan, walitti dudubbachuudhaanii fi nyaata nyaachuudhaan walgaʼii gumii irraa xiyyeeffannaa isaanii hihhiruu hin barbaadan. Warri, Galmi Mootummaa iddoo itti fiigan ykn itti taphatan akka hin taane ijoollee isaanii leenjisuu qabu. Yesus namoota mana Qulqullummaa keessatti hojii daldalaa hojjechaa turanitti baayʼee aaree isaan ariʼee ture. (Yoh. 2:13-17) Galmawwan Mootummaa keenyas iddoo waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamuu fi barumsi hafuuraa itti kennamu dha. Kanaafuu, dhimmi daldalaa dhimmoota hafuuraa wajjin wal hin qabanne iddoo kan biraatti raawwatamuu qaba.—Nahimiyaa 13:7, 8 wajjin wal bira qabii ilaali. w15 7/15 4:7, 8

Jimaata, Guraandhala 10

Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan [ni dhufa].—2 Xim. 3:1.

Macaafni Qulqulluun “guyyoota gara dhumaatti” hammeenyi akka baayʼatu dubbata. (2 Xim. 3:13; Mat. 24:21; Mul. 12:12) Kanaafuu, haalli addunyaa kanaa caalaatti mancaʼuu isaa akka itti fufu eeguu dandeenya. Haa taʼu malee, haalli addunyaa “rakkina guddaa” dura hammam akka hammaatu eegda? (Mul. 7:14) Fakkeenyaaf, biyyoota hundumaa keessa waraanni akka jiraatu, mana nama hundumaatii nyaanni akka dhabamuu fi maatii hundumaa keessa dhukkubni akka jiraatu eegdaa? Utuu akkas taʼee, namoonni Waaqayyotti hin amanne illee raajiin Macaafa Qulqulluu raawwatamaa akka jiru amanuuf ni dirqamu. Haa taʼu malee, Yesus namoonni baayʼeen inni bulchaa akka jiru ‘akka hin beekne,’ jechuunis jireenya guyyaa guyyaatiin waan qabamaniif wanta taʼaa jiruuf xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbateera. (Mat. 24:37-39) Kanaafuu, Caaffanni Qulqullaaʼoon akka argisiisanitti hamma namoonni dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa amanuuf dirqamanitti haalli addunyaa kanaa garmalee hin jijjiiramu.—Luq. 17:20; 2 Phe. 3:3, 4. w15 8/15 2:6, 7

Sanbadduraa, Guraandhala 11

Gaarummaa kee argachuun, jireenya ani amma jiraadhu irra in wayya.—Far. 63:3.

Haa taʼu malee, addunyaa haaraa Waaqayyo fiduuf of qopheessuudhaan yeroo keenya dabarsuun, yeroo ammaatti jireenya gaarii fi milkaaʼina qabu akka hin jiraanne nu godhaa? Matumaa! Yihowaa tajaajiluun karaa hunda caalaa jireenya gammachuu qabu jiraachuuf nu dandeessisu dha. Kan isa tajaajillu dhiibbaan nu irratti godhamee ykn rakkina guddaa jalaa ooluuf jennee qofa miti. Kan uumamne akka isa tajaajilluu fi kanaanis gammachuu guddaa akka argannu godhamnee ti. Jireenya keenya keessatti jaalala Yihowaa fi qajeelfama isaa argachuun, isa irraa fagaatanii jiraachuu irra baayʼee kan wayyu dha. (Far. 63:1, 2) Dhugaa dha, eebba hafuuraa garaadhaa Yihowaa tajaajiluudhaan argamu argachuuf addunyaa haaraa eeguun nu hin barbaachisu; eebbawwan kana amma iyyuu argachuu ni dandeenya! Nu keessaa tokko tokko eebbawwan akkasii waggoota hedduudhaaf argachaa turreerra; akkasumas, akkaataan jireenyaa gammachuu akkanaa argamsiisuu dandaʼu kan biraan akka hin jirre muuxannoo keenya irraa argineerra.—Far. 1:1-3; Isa. 58:13, 14. w15 8/15 3:16

Dilbata, Guraandhala 12

Karaa amantii fayyifamtan. —Efe. 2:8.

Amantiin keenya wanta akka ilaalcha namaatti kan hin dandaʼamne fakkaatu raawwachuuf nu dandeessisa. (Mat. 21:21, 22) Fakkeenyaaf, baayʼeen keenya hamma namoonni kanaan dura nu beekan nu wallaalanitti amallii fi ilaalchi keenya baayʼee jijjiirameera. Tarkaanfiiwwan kana kan fudhanne isa irratti amantii qabaachuudhaan waan taʼeef, Yihowaan nu deggereera. (Qol. 3:5-10) Amantiin nuti Yihowaa irratti qabnu isaaf akka of murteessinu waan nu kakaaseef, wanta ofii keenyaan argachuu hin dandeenye, jechuunis michuu isaa taʼuu dandeenyeerra. Amantiin keenya nu cimsa. Amantiidhaan diina keenya isa humna keenyaa ol taʼe, jechuunis Diyaabiloosiin moʼuu ni dandeenya. (Efe. 6:16) Dabalataanis, Yihowaatti amanamuun keenya dhiphina yeroo rakkinaatti nutti dhagaʼamu hirʼisuuf nu gargaara. Yihowaan, amantiin keenya Mootummicha akka dursinu yoo nu kakaase, wanta karaa foonii nu barbaachisu akka nuu guutu waadaa nuuf galeera. (Mat. 6:30-34) Kana malees, amantii qabaachuun keenya, wanta namni tokko iyyuu carraaqqii mataa isaatiin argachuu hin dandeenye, jechuunis jireenya bara baraa nuuf argamsiisa.—Yoh. 3:16. w15 9/15 3:4, 5

Wiixata, Guraandhala 13

[Waaqayyo] duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!—1 Yoh. 4:19.

Waaqayyo ‘duraan dursee akka nu jaallate’ kan argisiise akkamitti? Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa” jedheera. (Rom. 5:8) Jaalalli amala Yihowaa isa hunda caalu dha; kanaafuu, Yesus ajajni inni guddaan isa armaan gadii taʼuu isaa kan dubbate maaliif akka taʼe hubachuu dandeenya. Akkana jedheera: “Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa!” (Mar. 12:30) Wanta Yesus dubbate irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Waaqayyoon garaadhaa jaallachuu qabna. Yihowaan garaa hirametti hin gammadu. Haa taʼu malee, Waaqayyoon jaallachuun, jireenya guutuu, yaada guutuu fi humna guutuudhaan isa jaallachuu kan dabalatu dha. Waaqayyoon dhuguma jaallachuu jechuun miira jaalalaa qabaachuu qofa miti. Jaalalli nuti Waaqayyoof qabnu garaadhaa kan madde qofa utuu hin taʼin, dandeettii hafuuraas taʼe dandeettii qaamaatti fayyadamuus kan dabalatu taʼuu qaba. Miikiyaas raajichi akka jedhetti Yihowaan kana nu irraa barbaada.—Mik. 6:8. w15 9/15 5:1-3

Kibxata, Guraandhala 14

Ani waaʼee kee dur gurraan dhagaʼeera, amma garuu ati anatti mulʼatteetta.—Iyo. 42:5.

Harka Waaqayyoo jireenya keenya keessatti ifatti arguu akka hin dandeenye wantoonni nu godhan maal faʼi? Rakkinni nutti baayʼatee taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti, Yihowaan akkamitti akka nu gargaare hubachuu dhiisuu dandeenya. Eliyaas, Iizaabel Mootittiin isa ajjeesuuf yeroo isa doorsistetti, kanaan dura Waaqayyo akkamitti akka isa gargaare dagatee ture. “Amma na gaʼaatii yaa Waaqayyo na ajjeesi” jedhee ture. (1 Mot. 19:1-4) Rakkina Eliyaasiif furmaanni isaa maal ture? Jajjabina argachuuf gara Yihowaatti garagaluu qaba ture. (1 Mot. 19:14-18) Iyoob rakkina isaa irratti waan xiyyeeffateef ilaalcha akka Waaqayyoo qabaachuu dadhabee ture. (Iyo. 42:3-6) Nutis akkuma Iyoob Waaqayyoon arguuf carraaquun nu barbaachisuu dandaʼa. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta Macaafni Qulqulluun rakkina keenya ilaalchisee dubbatu irratti xiinxaluu qabna. Yihowaan akkamitti akka nu gargaaru yoo beekne inni caalaatti nuuf dhugooma. w15 10/15 1:15, 16

Roobii, Guraandhala 15

Namicha nana, eenyutu isin lamaan gidduutti abbaa firdii taʼuutti yookiis dhaala [hiruutti] na foʼe? —Luq. 12:14.

Yeroo Yesus tajaajilaa turetti wantoonni yaada isaa hihhiruu dandaʼan uumamanii kan turan taʼus, wantoota kanaan hin moʼamne. Yeroo tajaajila isaa jalqabetti Qifirnaahomitti namoota hedduu erga barsiisee fi dinqiiwwan erga raawwatee booda, namoonni akka inni magaalaa isaaniitii hin deemne isa kadhatanii turan. Haa taʼu malee, Yesus gaaffii nama gowwoomsu kanaaf deebii akkamii kenna laata? “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedheera. (Luq. 4:42-44) Yesus wanta dubbate kanaa wajjin haala wal simuun guutummaa Phaalasxiinaatti lallabeera, akkasumas barsiiseera. Mudaa kan hin qabne taʼus, wanti namoota kaan barbaachisu isa barbaachisa; akkasumas, yeroo tokko tokko Waaqayyoon tajaajiluudhaan yeroo dheeraa dabarsuu isaatiin kan kaʼe akkuma namoota kaanii dadhabbii cimaan itti dhagaʼama ture. (Luq. 8:23; Yoh. 4:6) Yeroo tokko Yesus duuka buutonni isaa mormii isaan irra gaʼu akkamitti moʼuu akka dandaʼan barsiisaa utuu jiruu namichi tokko dubbii isaa addaan kutee, “Yaa barsiisaa, dhaala abbaan keenya nuuf dhiisee duʼe, anaaf haa hiruuf obboleessa kootti anaaf himi!” jedheen. Yesus garuu walitti buʼiinsa kana keessa seenuu hin barbaadne.—Luq. 12:13-15. w15 10/15 3:10, 11

Kamisa, Guraandhala 16

Waaqayyo jaalala. —1 Yoh. 4:8.

Jaalalli, amala Waaqayyoo isa hunda caaluu fi baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Yihowaan jaalala kan qabu qofa utuu hin taʼin, innumti iyyuu jaalala. Waaqni uumama cufaa fi lubbu qabeeyyii hundumaa uume jaalala qabeessa taʼuu isaa beekuun nama gammachiisa! Wanti inni raawwatu hundi amala kanaan geggeeffama. Jaalalli hoʼaan gaarummaa irratti hundaaʼee fi Waaqayyo uumamawwan isaatiif qabu, kaayyoon inni ilmaan namootaatiif qabu hundi karaa hunda irra caaluun akka raawwatamuu fi kun immoo warra isa jalatti bulan hundaaf faayidaa guddaa akka argamsiisu nuuf mirkaneessa. Fakkeenyaaf, Yihowaan “guyyaa itti harka nama foʼate sanaatiin [Yesus Kiristosiin], biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaaʼeera; namicha foʼate sana duʼaa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.” (HoE. 17:31) Kun akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Namoota garaa qajeelaa qabanii fi ajajamaniif murtoo gaariin kan kennamu siʼa taʼu, kunis eebba hamma bara baraatti itti fufu argamsiisa. w15 11/15 3:1, 2

Jimaata, Guraandhala 17

Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaaʼaa haa taʼu. —Qol. 4:6.

Hojii lallabaa keenya irratti namoonni tokko tokko nu simatu, tokko tokko immoo nu jibbu. Haa taʼu malee, deebiin namootaa maal iyyuu yoo taʼe, Dubbiin Waaqayyoo tajaajiltoonni Yihowaa seera buʼuuraa akkamii hordofuu akka qaban ni dubbata. Namootaaf jaalala waan qabnuuf, namoota abdii keenya ilaalchisee ragaa nu gaafataniif “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” deebii ni kennina. (1 Phe. 3:15, 16) Namni dubbisnu tokko yoo nutti aaree fi ergaa keenya fudhachuu yoo dide illee namoota akka jaallannu ni argisiisna. Gama kanaan fakkeenya Yesus hordofna; “inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; yommuu dhiphates Waaqayyo isa firdii qajeelaa faradutti kennate malee, warra isa dhiphisan hin doorsifne.” (1 Phe. 2:23) Kiristiyaanotaa wajjinis taʼe namoota kaanii wajjin haala wal qabateen, gad of deebisuudhaan gorsa, “Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan hin deebisinaa! Garagalchii iyyuu eebbisaa!” jedhu hojii irra oolchina.—1 Phe. 3:8, 9. w15 11/15 4:17, 18

Sanbadduraa, Guraandhala 18

Ijoollee [isaanii] akka jaallatan [gorsi].—Tit. 2:4.

Yesus akka isaan jaallatu bartoota isaatti himuu irraa duubatti hin jenne. (Yoh. 15:9) Akkasumas, irra deddeebiʼee isaanii wajjin yeroo dabarsuudhaan akka isaan jaallatu argisiiseera. (Mar. 6:31, 32; Yoh. 2:2; 21:12, 13) Haaluma wal fakkaatuun isinis ijoollee keessanitti akka isaan jaallattan itti himaa; akkasumas yeroo hunda iddoo guddaa hammamii akka isaaniif kennitan akka hubatan godhaa. (Fak. 4:3) Saamuʼel inni Awustiraaliyaa jiraatu akkana jedheera: “Yommuun mucaa xinnoo turetti, abbaan koo guyyaa hunda galgala galgala kitaaba Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu naaf dubbisa ture. Gaaffiin isa gaafadhu naaf deebisa, na hammata, akkasumas galgala rafuu koo dura na dhungata ture. Yeroo booda abbaan koo kan guddate maatii wal hammachuunii fi wal dhungachuun itti barame keessatti akka hin taane yeroon beeku baayʼeen dinqisiifadhe! Taʼus, jaalala anaaf qabu ibsuuf carraaqqii guddaa godheera. Kanaan kan kaʼes, isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa kanan qabaadhe siʼa taʼu, gammachuu fi nageenyatu natti dhagaʼame.” Ijoollee keessaniin “Sin jaalladha” jechuudhaan isaanis akkuma Saamuʼel akka itti dhagaʼamu gargaaraa. Jaalala guddaa isaaniif qabdan ibsaafii. Isaanii wajjin haasaʼaa, wajjin nyaadhaa, akkasumas wajjin taphadhaa. w15 11/15 1:3, 4

Dilbata, Guraandhala 19

Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naaʼota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaaʼate isa kam ree? —Mat. 24:45.

Jaarraa darbe gara jalqabaatti, tuutni xinnoon dhimmee Kitaaba Qulqulluu baratu tokko ‘hojjetaa amanamaa fi ogeessa’ taʼee kan muudame siʼa taʼu, tuutni kun ‘naaʼota’ isaa wajjin caalaatti Ingiliffaan walii gala ture. “Hojjetaan” sun yeroodhaa gara yerootti qooqa hedduudhaan nyaata hafuuraa qopheessuuf carraaqqii cimaa godheera; lakkoofsi qooqawwan kanaas amma gara 700 olitti guddateera. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun inni yaada barreeffama jalqabaa keessa jiru afaan ammayyaatiin sirriitti dabarsu ni barbaachisa ture. Kanaan kan kaʼes, Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa kan hundeeffame siʼa taʼu, hiikni isaan bara 1950 hanga 1960tti waggaa kudhanii oliif qopheessan jildii jaʼaan baʼe. Obboleessi keenya Naataan Noor Hagayya 2, 1950tti jildiin inni jalqabaa baʼuu isaa yommuu beeksisu hiikni kun namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif gargaarsa hafuuraa akka kennu abdii qabu ibseera. w15 12/15 1:15, 17

Wiixata, Guraandhala 20

[Lallabichi] dubbii nama gammachiisu walitti qabee, dubbii qajeelaa, dubbii dhugaas in caafe.—Lal. 12:10.

Yeroo baayʼee ‘dubbii nama gammachiisu’ argachuun ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Taanaan, jechoota dabalataa beekuun si barbaachisuu dandaʼa. Karaan kana itti gochuu dandeessu inni tokko, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya keessatti jechoonni akkamitti akka itti hojjetaman hubachuu dha. Jechoota baramaa hin taane hiika isaanii baradhu. Hunda caalaa immoo karaa warra kaan gargaaruun jechoota akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessu baradhu. Walitti dhufeenya Yihowaa fi Ilma isaa isa hangafa gidduu jiru ilaalchisee yaada, “Ani [Yesus] warra dadhabanitti dubbadhee akkan isaan jajjabeessuuf, Waaqayyo gooftaan dubbii barbaachisu dubbachuu na barsiise” jedhu dubbisna. (Isa. 50:4) Yeroo fudhannee wanta dubbachuuf jennu irratti xiinxaluun keenya, jecha sirrii argachuuf nu gargaara. (Yaq. 1:19) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jechoonni kun dhugumaan wanta ani dubbachuu barbaade ni dabarsuu? Jechoonni ani filadhu nama na dhaggeeffatu irratti dhiibbaa akkamii geessisu?’ w15 12/15 3:12

Kibxata, Guraandhala 21

Diigamuun [Yerusaalem dhihaateera].—Luq. 21:20.

Yerusaalem “loltuudhaan marfamuu ishee” yommuu argan Kirstiyaanonni Yihudaa keessa jiraatan keessumaa immoo warri Yerusaalem keessa jiraatan tarkaanfii cimaa fudhachuu qabu turan. Yesus, wantoonni kun raawwatamuu jalqabuu isaanii akkuma arganiin dafanii baqachuun akka isaan barbaachisu isaan akeekkachiisee ture. (Luq. 21:21-24) Kirstiyaanonni Yihudoota taʼanii fi Israaʼel keessa jiraatan, Yesus raajii kana erga dubbatee booda waggoota 28f mormii fi ariʼatama hedduu isaan irra gaʼe akka gaariitti moʼaniiru. (Ibr. 10:32-34) Taʼus, Phaawulos qorumsi amantii qorumsa hamma yeroo sanaatti isaan mudate irra caalu isaan mudachuuf akka jedhu beeka ture. (Mat. 24:20, 21; Ibr. 12:4) Phaawulos wanta isaanitti dhufuu dandaʼu kamiif iyyuu akka qophaaʼan barbaadee ture. Jabinaa fi amantii addaa, jechuunis amantii cimaa jireenya isaanii eegee tursu qabaachuun isaan barbaachisa. (Ibr. 10:36-39) Kanaafuu, Phaawulos hafuura Yihowaatiin kakaʼee obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo kanaaf xalayaa wanta isaaniif barbaachisu qabate barreesseera. Xalayaan kun yeroo ammaatti kitaaba Ibrootaa jedhamee beekama. w16.01 1:1, 2

Roobii, Guraandhala 22

Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo [“wal jaallachuuf dirqamni nu irra jira,” NW].—1 Yoh. 4:11.

Obboloota keenya jaallachuuf dirqamni akka nu irra jiru utuu hin hubatin jaalala Waaqayyoo argachuu hin dandeenyu. (1 Yoh. 3:16) Jaalala keenya karaawwan qabatamaa taʼaniin argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya Yesus ilaali. Yesus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti namoota iddoo guddaa hin qabneef xiyyeeffannaa adda taʼe kenneera. Namoota dhibee qaamaa qaban, jechuunis warra hokkolan, warra iji isaanii jaame, warra gurri isaanii duudee fi warra dubbachuu hin dandeenye argachuuf carraaqqii godheera. (Mat. 11:4, 5) Yesus namoota karaa hafuuraa dheebotan, jechuunis warra geggeessitoonni amantii Yihudii “abaaramoo” akka taʼanitti ilaalan barsiisuun isa gammachiisa ture. (Yoh. 7:49) Yesus namoota iddoo guddaa hin qabne kana ni jaallata ture; isaan tajaajiluufis jabaatee ni hojjeta ture. (Mat. 20:28) Obboloota gumii kee keessa jiraniif xiyyeeffannaa kennuu ni dandeessaa? Namoota jaalala ati argisiistu irraa faayidaa argachuu dandaʼan akka argattu hin shakkisiisu. Jaalalli Waaqayyoo, jaalala obboloota keenyaaf qabnu ibsuuf carraaqqii akka goonu nu kakaasuu qaba. w16.01 2:12-14

Kamisa, Guraandhala 23

Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in taʼa, . . . walitti karra tokko in taʼu, tikseen isaaniis tokko in taʼa.—Yoh. 10:16.

Hoolonni kan biraan maqaa dibamtoota yeroo ammaa jiran hundumaa beekuun isaan barbaachisaa? Gabaabumatti deebiin isaa lakki kan jedhu dha. Maaliif? Sababiin isaas, namni tokko waamicha samii yoo argate illee, namni sun ni afeerame jechuu malee, badhaasa isaa akka argatu ni mirkaneeffameef jechuu miti. Seexannis ‘raajota sobaa yoo dandaʼame warra Waaqayyoof foʼaman iyyuu wallaalchisan’ kan kaasu kanaafi. (Mat. 24:24) Yihowaan Kiristiyaanni dibame tokko badhaasa akkanaa akka argatu hanga isaaf murteessutti, eenyu illee namni sun badhaasa samii akka argatu beekuu hin dandaʼu. Yihowaan namni sun amanamummaadhaan duʼuu isaa yeroo muraasa dura ykn ‘rakkinni guddaan’ jalqabuu isaa yeroo muraasa dura, murtoo kana godha ykn mallattoo isa dhumaa isa irratti godha. (Mul. 2:10; 7:3, 14) Kanaafuu, namni yeroo ammaatti lafa irratti argamu tokko, tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa dhuma irratti miseensa 144,000 kan taʼu eenyu akka taʼe beekuuf yaaluun isaa faayidaa hin qabu. w16.01 4:2, 3

Jimaata, Guraandhala 24

[Dubbiin koo] wanta ani itti [erge] in raawwata.—Isa. 55:11.

Hojiin misiraachicha lallabuu kaayyoo Yihowaan jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaatiif qopheessee wajjin akkamitti akka wal simu yaadi. Ilmaan namootaa bara baraaf utuu hin duʼin lafa irra akka jiraatan kaayyoo isaa ture; yeroo booda garuu Addaam cubbuu kan hojjete taʼus, Yihowaan yaada isaa hin jijjiirre. Kanaa mannaa, ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa akka baʼan qophii godheera. Yesus kaayyoo kana deggeruudhaan gara lafaa dhufeera; akkasumas ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif lubbuu isaa aarsaa godheera. Haa taʼu malee, ilmaan namootaa ajajamoo taʼuudhaaf wanta Waaqayyo isaan irraa barbaadu beekuu qabu. Kanaafuu, Yesus ulaagaawwan Waaqayyoo maal akka taʼan namoota barsiiseera, bartoonni isaas hojii kana akka hojjetan isaan ajajeera. Nutis warri kaan Waaqayyoo wajjin akka araaraman gargaaruudhaan, qophii inni jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa oolchuuf godhe keessatti kallattiidhaan hirmaanna. Kun immoo namootaafis taʼe Yihowaa isa, ‘namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu fedhuuf’ jaalala akka qabnu argisiisa.—1 Xim. 2:4. w16.01 5:15, 16

Sanbadduraa, Guraandhala 25

[Ahaaz] ilmaan [isaa] ibiddaan gube.—2 Sen. 28:3.

Hisqiyaas nama hamaa fi Waaqayyoon mormu taʼee guddachuu dandaʼa ture. Namoonni rakkina kanaa gad taʼe keessa darban kaan, ‘Waaqayyoon komachuuf’ ykn jaarmiyaa isaatti aaruuf sababii gaʼaa akka qaban isaanitti dhagaʼama. (Fak. 19:3) Namoonni tokko tokko immoo haalli maatii gadheen isaan keessatti guddatan jireenya gadhee akka jiraatan, tarii immoo dogoggora maatiin isaanii hojjete irra deebiʼanii akka hojjetan akka isaan dirqisiise amanu. (His. 18:2, 3) Garuu akkana jedhanii yaaduun isaanii sirrii dhaa? Seenaan jireenyaa Hisqiyaas gaaffii kanaaf deebii quubsaa kenna! Addunyaa hamaa kana keessatti wantoota gadhee namoota irra gaʼan kan fidu Yihowaa waan hin taaneef, isatti aaruuf matumaa sababii gaʼaan hin jiru. (Iyo. 34:10) Dhugaa dha, warri ijoolleen isaanii gaarii ykn gadhee akka taʼan dhiibbaa guddaa isaan irratti gochuu dandaʼu. (Fak. 22:6; Qol. 3:21) Kana jechuun garuu, namni tokko haalli maatii isaa wanta inni jireenya isaa keessatti raawwatu ni murteessa jechuu miti. Faallaa kanaatiin, Yihowaan hunduma keenyaaf kennaa gatii guddaa qabu tokko, jechuunis dandeettii wanta hojjennuu fi nama akkamii akka taanu filachuuf nu gargaaru nuu kenneera.—Kes. 30:19. w16.02 2:8-10

Dilbata, Guraandhala 26

Warri nama [sodaachisan] jireenya koo balleessuu in barbaadu. —Far. 54:3.

Abneer, Daawit mootii Israaʼel taʼee akka bulchuuf Waaqayyo akka isa filate utuu beekuu carraaqqii Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf godhe deggereera. (1 Sam. 26:1-5) Erga Saaʼol duʼee booda Abneer ilma Saaʼol Ish-Bosheetiin utuu hin taʼin Daawitiin deggeruudhaan, akka gad of qabuu fi Waaqayyoof amanamaa akka taʼe argisiisuu ni dandaʼa ture. Yeroo booda, Abneer saajjatoo Saaʼol Mootichaa wajjin saalqunnamtii kan raawwate mootii taʼuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa. (2 Sam. 2:8-10; 3:6-11) Haaluma walfakkaatuun Abiishaalom ilmi Daawit nama gad of hin qabne taʼuun isaa Waaqayyoof amanamaa akka hin taane isa godheera. Mootii taʼuu waan barbaadeef, “Abiishaalom konkolaataa fi fardeen, namoota fuula isaa dura kaatan shantamas in qopheeffate”! (2 Sam. 15:1) Kana malees, sabichi Daawitiif amanamaa akka hin taane godhe. Akkuma Abneer Abiishaalomis, Yihowaan Daawitiin mootii Israaʼel godhee akka muude kan beeku taʼus, Daawitiin ajjeesuuf yaaleera. (2 Sam. 15:13, 14; 17:1-4) Fakkeenya Abneerii fi Abiishaalom irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, aangoo argachuuf hawwii cimaa qabaachuun salphumatti namni tokko Waaqayyoof amanamaa akka hin taane gochuu dandaʼa. Namni amanamaan Yihowaa tajaajilu kam iyyuu daandii ofittummaa fi hamminaa akkanaa akka hin hordofne beekamaa dha. w16.02 4:9-11

Wiixata, Guraandhala 27

[Amantiin] hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo taʼe, inni ofii isaatii duʼaa dha.—Yaq. 2:17.

Amantii cimaa qabda taanaan, gocha keetiin akka argisiistu eeguun sirrii dha. Dargaggoonnis “jireenya qullaaʼaa” jiraachuu qabu. (2 Phe. 3:11) Kana gochuuf gama naamusaatiin qulqulluu taʼuu qabda. Gama kanaan haalli kee maal fakkaata? Fakkeenyaaf, mee waaʼee jiʼoota jaʼan darbanii yaadi. ‘Dandeettiin hubannaa’ kee waan sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf kan leenjiʼe taʼuu isaa kan argisiiste akkamitti? (Ibr. 5:14, NW) Qorumsa ykn dhiibbaa hiriyaa yeroo itti moote ni yaadattaa? Amalli mana barumsaatti argisiistu waaʼee amantii keetii waan gaarii dubbataa? Amantii kee deggertee dubbatta moo, akkuma sitti hin qoosneef jettee barattoota kutaa keetii fakkaachuuf yaalta? (1 Phe. 4:3, 4) Namni mudaa hin qabne akka hin jirre beekamaa dha. Namoonni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa turan illee, namoota duratti waaʼee amantii isaanii dubbachuun yeroo tokko tokko isaan sodaachisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, namni Yihowaadhaaf of murteesse tokko maqaa Waaqayyootiin waamamuu isaatti boonuu kan qabu siʼa taʼu, kanas amala isaatiin argisiisa. w16.03 2:10, 11

Kibxata, Guraandhala 28

Karichi isa kana, isa irra adeemaa!—Isa. 30:21.

Yihowaan barumsa ykn qajeelfama ifa taʼe kennaa akka ture seenaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Eeden keessatti qajeelfama ilmaan namootaatiif jireenya bara baraa fi gammachuu argamsiisu kenneera. (Uma. 2:15-17) Addaamii fi Hewwaan qajeelfama isaatiif ajajamaniiru utuu taʼee, haalli gaddisiisaan isaan hin mudatu, jechuunis jireenyi rakkinaan guutamee fi duuti isaanitti hin dhufu ture. Hewwaan garuu ajajamuu mannaa, qajeelfama bofa irraa kan dhufe fakkaatu dhaggeeffatte. Addaam immoo, sagalee ishii, jechuunis sagalee nama bor duʼuu dhaggeeffate. Lamaan isaanii iyyuu, qajeelfama abbaan isaanii jaalala qabeessa taʼe isaaniif kenne fudhachuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes, ilmaan namootaa hundi daandii gara duʼaatti geessu irra deemuu jalqaban. Yeroo harʼaatti Yihowaan saba isaa dura dhaabatee balaa irraa goranii gara jireenya bara baraatti akka deeman isaan qajeelcha jechuun ni dandaʼama. Kana malees, tiksee jaalala qabeessa waan taʼeef, hoolonni isaa daandii balaa geessisu irraa akka fagaatanii fi kallattii sirrii irra akka deddeebiʼaniif isaan akeekkachiisa. w16.03 4:2, 3

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi