Amajjii
Dilbata, Amajjii 1
Waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan [barsiisuuf] taʼanitti hadaraa kenni!—2 Xim. 2:2.
Daawwattoonni olaanaa aanaa addunyaa mara irra jiran, hoolota kunuunsuu irratti gargaarsa akka godhaniif dhiirota leenjisuu irratti hojiin hedduun hojjetamuu akka qabu hubataniiru. Haa taʼu malee akkas gochuun salphaa miti. Maaliif? Jaarsa gumii yoo taate, dhuunfaatti obboloota leenjisuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubattu hin shakkisiisu. Gumiiwwan jiran karaa hafuuraa akka jabaatan gargaaruuf, akkasumas gumiiwwan haaraan akka hundeeffamaniif obboloonni dhiiraa hedduun akka barbaachisan beekta. (Isa. 60:22) Kana malees, Macaafni Qulqulluun ‘warra kaan akka barsiistu’ akka si jajjabeessu beekta. Haa taʼu malee obboloota dhiiraa leenjisuun ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Wantoota maatii kee barbaachisan guutuu, hojii hojjechuu fi itti gaafatamummaa gumii baʼuu waan qabduuf, akkasumas wantoonni ariifachiisaa taʼan kan biraan si mudachuu waan dandaʼaniif, obboloota gumii keessa jiran leenjisuuf yeroo akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, hojii gumii keessa jiru irratti hirmaachuuf leenjiʼuun isaan barbaachisa. Obboloonni yeroo leenjiʼan immoo, warri gumii keessa jiran hundi ni fayyadamu. w15 4/15 1:2, 3
Wiixata, Amajjii 2
[Ximotewos] ilma koo isa jaallatamaa dhaa fi isa amanamaa dha; inni . . . isa ani isin barsiise . . . isin in yaadachiisa.—1 Qor. 4:17.
Obboleessi haaraan muudame tokko akkuma mirga tokko argatetti, mirga isaatti fayyadamuudhaan jijjiirama fiduu akka qabu, jechuunis wanta tokko karaa kanaan dura itti hojjetamu irraa haala guutummaatti adda taʼeen raawwachuu akka qabu isatti dhagaʼamuu hin qabu. Jijjiiramni barbaachisaa taʼuu fi dhiisuun isaa kan murteeffamu fedha isaatiin utuu hin taʼin, wanta gumichaaf barbaachisu irrattii fi qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa irraa argannu irratti hundaaʼee ti. Kanaaf mirga tokko yoo argate malawwan Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi jaarsoliin itti fayyadamaa turanitti fayyadamuu kee yoo itti fufte, jaarsolii muuxannoo qabaniif kabaja akka qabduu kan argisiistuu siʼa taʼu, obboloonni kees amanannaa si irratti ni qabaatu. Haa taʼu malee, muuxannoo argachaa yeroo deemtan jijjiiramawwan gumichi jaarmiyaa Yihowaa isa guddachaa jiruu wajjin qixxee akka deemu gargaaran hojii irra oolchuu irratti akka hirmaattan hin shakkisiisu. Tarii Yihowaan isin barattoonni amanamoo taatan hundi yeroo booda wanta barsiisonni keessan hojjetan irra wanta caalu akka raawwattan gochuu dandaʼa taʼa.—Yoh. 14:12. w15 4/15 2:17
Kibxata, Amajjii 3
Waan gochuun siif taʼu sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin toʼadha.—Far. 32:8.
Rakkinni cimaan yeroo si mudatu akkuma Phaawulos “afaan leencaa” keessa akka jirtu ykn baayʼee itti dhihaattee akka jirtu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. (2 Xim. 4:17) Yeroo akkasiitti Yihowaatti amanamuun baayʼee ulfaataa taʼus baayʼee barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, miseensa maatii jaallattuu fi dhukkuba cimaadhaan qabame kunuunsaa jirta haa jennu. Tarii, Yihowaan ogummaa fi jabina akka sii kennu kadhatteetta taʼa. Gama keetiin wanta sii dandaʼame hunda erga gootee booda, Yihowaan si ilaalaa akka jiruu fi wanta amanamaa taatee itti fufuuf si barbaachisu akka sii godhu beekuun kee si hin tasgabbeessuu? Al tokko tokko, haalli isaa waan Yihowaan si gargaaraa hin jirre fakkaachuu dandaʼa. Yaada wal faallessu doktoorota irraa dhagaʼuu dandeessa. Yookiin, firoonni na jajjabeessu jettee abdachaa turte, rakkinni si mudate caalaatti akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼu. Yihowaan akka si jabeessu isa kadhadhu. Isatti dhihaachuu kee itti fufi. (1 Sam. 30:3, 6) Rakkina si mudateef furmaata yeroo argattu walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdu caalaatti cima. w15 4/15 4:10, 11
Roobii, Amajjii 4
Seexanaan mormaa.—1 Phe. 5:9.
Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef nuti akka namoota Seexanni hin jiruu jedhanii dogoggorfamanii miti. Bofatti fayyadamee Hewwaaniin kan haasofsiise isa waan taʼeef, Seexanni dhuguma akka jiru beekna. (Uma. 3:1-5) Kakaʼumsa Iyoob irratti gaaffii kaasuudhaan, Yihowaa arrabseera. (Iyo. 1:9-12) Yesuusiin qoruuf kan yaale Seexana. (Mat. 4:1-10) Bara 1914tti Mootummaan Waaqayyoo erga hundeeffamee booda, dibamoota lafa irra jira irratti ‘lola kan kaases’ isa dha. (Mul. 12:17) Yeroo harʼaattis Seexanni amantii dibamootaa fi amantii hoolota kan biraa balleessuuf yaalaa waan jiruuf lolli kun itti fufeera. Waraana kana irratti moʼuudhaaf, Seexana mormuu fi amantiitti jabaachuu qabna. Seexanni gar malee of tuultuu dha. Ergamaan hamaa taʼe kun ol aantummaa Yihowaa mormuudhaaf ija jabaateera; akkasumas warri kaan Yihowaa mannaa isa akka waaqeffatan gochuuf yaaleera. Kanaan kan kaʼe, inni fakkeenya of tuulummaa fi kooraa ti jechuu ni dandeenya. Kanaafuu, of tuulummaa irraa fagaachuunii fi gad of deebisuun karaa nuti Seexana mormuu itti dandeenyu isa tokko dha.—1 Phe. 5:5. w15 5/15 2:3, 4
Kamisa, Amajjii 5
Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa. —Isa. 25:8.
Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, abdii kana yaadaan ilaaluun keenya nu jajjabeessa. Wantoota Waaqayyo abdachiise yeroo argattu yaadaan sitti mulʼataa? Waaqayyo abdii kenne yeroo raawwatutti maal hojjechuu akka dandeessu xiinxaluun kee gammachuu akka siif argamsiisu beekamaa dha. Tarii lafa irra bara baraaf yeroo jiraattu yaadaan ni ilaalta taʼa. Namoota kaanii wajjin taatee lafa kana gara jannataatti yeroo jijjiirtu sitti haa mulʼatu. Ollaawwan kee akkuma kee Yihowaa ni jaallatu. Fayyaa fi humna guutuu qabda; wanti si yaaddessu tokko iyyuu hin jiru. Namoonni hojii haaromsaa kana toʼatan garaadhaa waan namootaaf yaadaniif jireenyi kee gammachiisaa taʼa. Wanti gootu hundi namoota kaan waan fayyaduuf, akkasumas Waaqayyoof ulfina waan fiduuf, dandeettii keetti fayyadamuun si gammachiisa. Fakkeenyaaf, namoonni duʼaa kaʼan waaʼee Yihowaa akka baratan ni gargaarta. (Yoh. 17:3; HoE. 24:15) Haalli kun abjuu miti. Wanti yaadaan ilaallu kun, dhugaawwan Caaffanni Qulqullaaʼoon waaʼee gara fuulduraa dubbatan irratti kan hundaaʼe dha.—Isa. 11:9; 33:24; 35:5-7; 65:22. w15 5/15 3:15
Jimaata, Amajjii 6
Namichi bishaan isa daadhii taʼe sana miyeeffatee ilaale.—Yoh. 2:9.
Yesus daadhii waynii isa gaarii keessummoota hedduudhaaf taʼu dinqiidhaan isaaniif kenneera. (Yoh. 2:6-11) Yesus yeroo Diyaabilos dhagaa gara buddeenaatti akka jijjiiru isa qoretti, fedhii dhuunfaa isaa guuttachuuf humna dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamuu dhiisuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. (Mat. 4:2-4) Haa taʼu malee, fedhii namoota kaanii guutuuf humna isaatti fayyadameera. Akkuma Yesus, karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen warra kaaniif yaaduu kan dandeenyu akkamitti? Yesus tajaajiltoonni Waaqayyoo warra kaaniif akka ‘kennan’ jajjabeesseera. (Luq. 6:38) Namoonni kaan nuu wajjin nyaata akka nyaatanii fi qophii hafuuraa irratti akka hirmaataniif mana keenyatti isaan afeeruudhaan, arjummaa isa amala gaarii taʼe argisiisuu ni dandeenyaa? Gumii booda namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruudhaan, fakkeenyaaf obboleessa kutaa isaa shaakalaa jiru dhaggeeffachuudhaan yeroo keenya arjoomuu ni dandeenyaa? Obboloota tajaajila irratti gargaarsi isaan barbaachisuuf gargaarsa akkamii gochuu dandeenya? Hamma dandeenye wantoota foonii fi wantoota hafuuraa namoota kaaniif arjummaadhaan kennuudhaan Yesus irraa akka baranne argisiisna. w15 6/15 1:3, 4, 6
Sanbadduraa, Amajjii 7
Isaan keessaa namni tokko illee, “Na dhukkuba” kan jedhu hin jiru. —Isa. 33:24.
Amanamoo taʼuu keenya yoo itti fufne, dinqii hunda irra caalu, jechuunis namoonni rakkina guddaa jalaa yeroo oolan ni argina. Waraana Armaagedoon booda baayʼee utuu hin turin, dinqiiwwan kan biraan namoonni fayyaa gaarii akka qabaatan godhan ni raawwatamu. (Isa. 35:5, 6; Mul. 21:4) Namoonni fuullee ijaa, kazaraa, kiraanchii, wiilcherii, meeshaa dhagaʼuuf gargaaruu fi wantoota kana fakkaatan yeroo darbatanii gatan yaadaan ilaalaa. Namoonni badiisa Armaagedoon jalaa oolan kun hojii hojjetan qabu. Lafa ishee kennaa Waaqayyoo taate kana guutummaa ishee jannata gochuuf gammachuudhaan hojjetu. (Far. 115:16) Yesus kanaan dura namoota fayyisuun isaa, abdii gammachiisaa dhukkuba hunda irraa fayyuuf qaban isaaniif cimsuudhaan, “tuuta sonaan baayʼee” jajjabeessa. (Mul. 7:9) Ilmi Waaqayyoo inni hangafni namoota fayyisuun isaa, akka namaaf yaaduu fi ilmaan namootaa hammam akka jaallatu argisiisa. (Yoh. 10:11; 15:12, 13) Gara laafinni Yesus, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif dhuunfaatti akka yaadu kan argisiisu dha.—Yoh. 5:19. w15 6/15 2:16, 17
Dilbata, Amajjii 8
Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad buʼeef isiniif . . . wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera! —Mul. 12:12.
Bara 1914tti saboota Awurooppaa gidduutti waraanni kan jalqabe siʼa taʼu, yeroo booda babalʼatee guutummaa addunyaa waliin gaʼe. Waraanichi bara 1918tti ennaa dhaabatu immoo, hirʼina nyaataa hamaa, akkasumas dhukkuba iinfluweenzaa namoota waraanicha irratti dhuman caalaa namoota hedduu fixetu uumame. Kanaafuu, “milikkinni” Yesus karaa hin mulʼanneen Mootii haaraa lafa bulchu taʼee akka argame mulʼisu raawwii isaa argachuu ni jalqabe. (Mat. 24:3-8; Luq. 21:10, 11) Ragaawwan jiran akka argisiisanitti, “gonfoon” Gooftaa keenya Yesus Kiristosiif kan “kenname” bara 1914tti dha. Inni “moʼaa, ammas moʼuudhaaf in baʼe.” (Mul. 6:2) Yesus, Seexanaa fi ergamoota isaa warra gara naannoo lafaatti darbatamanii wajjin waraana banuudhaan samii qulqulleesseera. Yeroo sanaa kaasee, ilmaan namootaa yaadni geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame dhugaa taʼuu isaa hubataniiru. w15 6/15 4:13
Wiixata, Amajjii 9
Waaʼee isa gooftaan yeroo adda addaatti anatti argisiisee, waaʼee isa inni anatti mulʼisees nan dubbadha.—2 Qor. 12:1.
Gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee jaarraa tokko utuu hin guutin, gantummaan inni raajiidhaan dubbatame babalʼachuu jalqabe. (HoE. 20:28-30; 2 Tas. 2:3, 4) Yeroo sanaa kaasee, mana qulqullummaa hafuuraa keessatti warra dhugumaan Waaqayyoon tajaajilaa jiran adda baasanii beekuun caalaatti rakkisaa taʼee ture. Waggoota hedduu booda, yeroon Yihowaan karaa ilma isaa Yesus Kiristos isa Mootii taʼee dhimma kana ifa itti godhu ni gaʼe. Bara 1919tti warri Yihowaa biratti fudhatama argatanii fi mana qulqullummaa hafuuraa keessatti isa tajaajilaa jiran ifatti beekaman. Tajaajilli isaan Waaqayyoof dhiheessan isa duratti caalaatti fudhatama akka qabaatuuf, karaa hafuuraa ni haareffaman. (Isa. 4:2, 3; Mil. 3:1-4) Wanti Phaawulos jaarraawwan hedduu dura mulʼataan arge hamma tokko raawwii isaa argachuu jalqabe. Mulʼanni Phaawulos arge 2 Qorontos 12:2-4 irratti ibsameera. Yihowaan mulʼata kana irratti wanta gara fuulduraatti raawwatamu Phaawulositti argisiise. w15 7/15 1:6-8
Kibxata, Amajjii 10
Warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu. —Mat. 13:43.
Kana jechuun dibamtoonni “ol butamu” jechuu dhaa? Miseensonni Saba Kiristiyaanaa hedduun, akka barumsa kanaatti Kiristiyaanonni qaama fooniitiin lafa irraa gara samiitti akka ol fudhataman amanu. Akkasumas Yesus lafa bulchuuf yeroo deebiʼee dhufu ijaan akka argamu eegu. Haa taʼu malee, Macaafni Qulqulluun, “milikkinni ilma namaa” samii keessatti akka mulʼatuu fi Yesus “duumessoota waaqaa irraa” akka dhufu dubbata. (Mat. 24:30) Yaadawwan kun lamaan, Yesus yeroo dhufutti ijaan akka hin mulʼanne argisiisu. Kana malees, ‘foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqayyootti galuun’ hin dandaʼamu. Kanaafuu, warri gara samiitti ol fudhataman, ‘malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti geddaramuu’ qabu. (1 Qor. 15:50-53) Kanaafuu, yaadni “ol butamuu” jedhu barumsa dogoggoraa wajjin kan wal qabate waan taʼeef iddoo kanatti itti fayyadamuu baannus, dibamtoonni lafa irra jiran yeroo murtaaʼe tokko keessatti walitti qabamu. w15 7/15 2:14, 15
Roobii, Amajjii 11
Walgaʼii [keessatti] sin jajadha! —Far. 22:22.
Galmi Mootummaa, iddoo namoonni naannoo sana jiraatan waaqeffannaa qulqulluu itti geggeeffatani dha. Walgaʼiiwwan nuti torban torbaniin Galma Mootummaa keessatti geggeeffannu, nyaata hafuuraa Yihowaan nuu kennu keessaa tokko dha. Iddoo kanatti karaa jaarmiyaa isaa jajjabinaa fi qajeelfama hafuuraa arganna. “Maaddii gooftaa” irraa kan soorannu yeroo hunda taʼu illee, afeerrii kana akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. (1 Qor. 10:21) Yihowaan waaqeffachuu fi wal jajjabeessuudhaaf walitti qabamuun barbaachisaa akka taʼetti waan ilaaluuf, Phaawulos ergamaan walitti qabamuu keenya akka hin dhiisneef akka nu gorsu hafuuraan isa kakaaseera. (Ibr. 10:24, 25) Dhimmoota hin barbaachisneef jennee walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu yoo dhiisne Yihowaadhaaf kabaja argisiisaa jirraa? Walgaʼiiwwan kanaaf qophaaʼuu fi hirmaannaa gaarii gochuudhaan, Yihowaa fi kennaa inni nuu kenne kana hammam akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. w15 7/15 4:3, 4
Kamisa, Amajjii 12
Dammaqaa! —Mat. 24:42.
Yesus ajaja kana kennuun isaa iyyuu, eeggachuu keenya itti fufuuf sababii gaʼaa dha! Jaarmiyaan Yihowaa gama kanaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. Barreeffamoonni jaarmiyichi qopheessu, ‘akka eeggannuu fi ariifannee akka hojjennu [‘guyyicha akka ariifachiisnu,’ NW],’ akkasumas yeroo hunda addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiise irratti akka xiyyeeffannu nu jajjabeessu. (2 Phe. 3:11-13) Kiristiyaanonni jaarraawwan hedduu dura jiraatan dammaqinaan eeguun isaanii barbaachisaa kan ture taʼus, nuyi dammaqinaan eeguun keenya caalaatti barbaachisaa dha. Maaliif? Nuyi kan jiraannu yeroo Kiristos itti bulchaa jiru keessa dha. Mallattoon bulchuu jalqabuu isaa argisiisu bara 1914 kaasee mulʼachaa tureera. Mallattoon kun haalawwan addunyaa caalaatti mancaʼaa deemanii fi hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu kan dabalatu yommuu taʼu, “dhuma barichaa” keessa akka jiraannu argisiisa. (Mat. 24:3, 7-14) Yesus, dhumni dhufuu isaa dura yeroon kun hammam akka turu waan hin dubbanneef, dammaqoo taʼuun keenya barbaachisaa dha. w15 8/15 2:4, 5
Jimaata, Amajjii 13
Waaqayyotti gammachuu qabaadhu!—Far. 37:4.
Addunyaa haaraa keessatti, hunda caalaa kan nu gammachiisu wanti karaa hafuuraa nu barbaachisu nuu guutamuu isaa ti. (Mat. 5:3) Yeroo sanatti sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuu kan qabnu siʼa taʼu, Yihowaatti akka gammadnus ni argisiisna. Yeroo ammaatti wantoota hafuuraatiif dursa kennuudhaan, jireenya dhugaa gara fuulduraatiif qophoofna. (Mat. 6:19-21) Gammachuu sochiiwwan tiʼookraasii irraa argannu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko galmawwan hafuuraa baafachuu dha. Dargaggeessa yoo taatee fi hojii tajaajila Yihowaa keessatti hojjetamu irratti yaadaa jirta yoo taʼe, barreeffamoota waaʼee bifawwan tajaajila yeroo guutuu dubbatan qorachuudhaan, galma hafuuraa tokko maaliif hin baafattu? Tarii nama waggoota hedduudhaaf tajaajila yeroo guutuu keessa ture tokko haasofsiisuu dandeessa taʼa. Tajaajila akka hojii keetti ilaaluudhaan, tajaajila itti fufiinsa qabuu fi addunyaa haaraa keessatti Waaqayyoof dhiheessituuf qophaaʼuu dandeessa; leenjiin tiʼookraasii fi muuxannoon argatte immoo addunyaa haaraa keessatti buʼaa guddaa argamsiisa. w15 8/15 3:13, 14
Sanbadduraa, Amajjii 14
Iji hojii hafuuraa . . . jaalala. —Gal. 5:22.
Amalawwan ija hojii hafuuraa kaan kan akka garraamummaa, of dhowwuu fi obsaas barbaachisoo dha. (Gal. 5:23) Amalawwan kun Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko haalawwan rakkisaa taʼan utuu hin dheekkamin akka dabarsuu fi haalawwan nama gaddisiisan utuu abdii hin kutatin akka dandaʼu isa gargaaru. Yeroo qayyabannaa dhuunfaa isaatti, qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoo wanta sirrii taʼe isa dogoggora taʼe irraa adda baasuuf isa gargaaru argachuuf yeroo hunda qorannaa godha. Achiis, murtoo tokko yeroo godhu karaa hafuuraa gaʼeessa taʼuu isaa argisiisa. Fakkeenyaaf, yaada garaa isaa isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjiʼe ni dhaggeeffata. Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe, karaanii fi qajeelfamni Yihowaa yeroo hunda kan isaa irra akka caalu hubachuudhaan akka gad of deebisu argisiisa. Hinaaffaadhaan misiraachicha lallaba; akkasumas tokkummaa gumiitiif gumaacha godha. Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, hundi keenya ‘Guddina hafuuraa gochuu koo itti fufuuf, karaan ani caalaatti Yesusiin itti hordofuu qabu jiraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. w15 9/15 1:6, 7
Dilbata, Amajjii 15
Yaa namicha amantii hirʼuu! Maaliif mamte?—Mat. 14:31.
Bartoonni, Yesus utuu Ciisa Bishaan Galiilaa irra deemuu isa argan. Phexros Yesusiin waamee, bishaan irra deemee gara isaa dhaquu kan dandaʼu taʼuu isaa isa gaafate. Yesus yommuu isa waamu Phexros bidiruu irraa buʼee, dinqiidhaan bishaan irra deemaa gara Yesus dhaquu jalqabe. Haa taʼu malee, yeroo muraasa booda Phexros bishaaniin liqimfamuu jalqabe. Maaliif? Qilleensa jabaa ilaalee waan sodaateefi dha. Phexros iyyee Yesusiin waammate; innis hiixatee isa qabee yaada armaan olitti ibsame isatti dubbate. (Mat. 14:24-32) Phexros bidiruu irraa buʼee bishaan irra yeroo deemetti amantii qaba ture. Yesus yeroo isa waametti, Phexros humni Waaqayyoo akkuma Yesusiin gargaaraa jiru isas akka gargaaru amantii qaba ture. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Yihowaadhaaf of murteessuudhaan kan cuuphamne amantii waan qabnuufi dha. Yesus, duuka buutota isaa akka taanuuf, jechuunis faana isaa duukaa akka buunuuf nu waame. Yesusii fi Waaqayyo karaa garaa garaatiin nu deggeruu akka dandaʼan amanuudhaan, isaan irratti amantii haa qabaannu.—Yoh. 14:1; 1 Phe. 2:21. w15 9/15 3:1, 3
Wiixata, Amajjii 16
Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jalʼootaas isaan in oolcha.—Far. 97:10.
Wanta abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko dursa kennuuf keessaa tokko, wanta miidhaa fi balaa geessisu kam irraa iyyuu maatii isaa eeguu dha. Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaan wanta kana irra xinnaatu hin godhu. Fakkeenya tokko haa ilaallu. Ija keessaniif bakka guddaa akka kennitan beekamaa dha! Yihowaanis waaʼee saba isaa akkasuma itti dhagaʼama. (Zak. 2:8) Sabni Waaqayyoo isa biratti bakka guddaa qabu! Yihowaan yeroo tokko tokko diinonni namoota amanamoo akka Isxifaanos akka ajjeesan heyyameera. Taʼus, malawwan Seexanaa ilaalchisee akeekkachiisa yeroo isaatiif barbaachisu kennuudhaan akka walii galaatti saba isaa ni eega. (Efe. 6:10-12) Yihowaan Dubbii isaa fi barreeffamoota jaarmiyaan isaa qopheessutti fayyadamee, qabeenya nama gowwoomsu, amala addaggummaa, bohaartii gadhee, itti fayyadama Intarneetii fi kan kana fakkaatan ilaalchisee dhugaa isaa nu hubachiisa. Dhuguma iyyuu, Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkootti saba isaatiif eegumsa ni godha. w15 9/15 4:15, 17
Kibxata, Amajjii 17
Harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne. —Isa. 59:1.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, misiraachichaaf ‘falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuu’ irratti milkaaʼina argachuun isaaniis, gargaarsa Yihowaa argachaa akka jiran kan mirkaneessu dha. (Filp. 1:7, NW) Mootummoonni tokko tokko hojii sabni Waaqayyoo hojjetan guutummaatti dhaabsisuuf yaalanii turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa injifannoowwan Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti argatan 24 dabalatee, mana murtii ol aanaatti dhimmoota 268 irratti injifannoo argachuun isaanii, eenyu iyyuu harka Waaqayyoo deebisuu akka hin dandeenye argisiisa. (Isa. 54:17) Misiraachicha addunyaa maratti lallabuun kan dandaʼame gargaarsa Waaqayyootiin qofa dha. (Mat. 24:14; HoE. 1:8) Kana malees, namoonni kaan tokkummaa fi obbolummaa sabni Yihowaa saba adda addaa irraa dhufan qabanii fi biyyi lafaa hordofuu hin dandeenye yommuu argan, ‘Waaqayyo dhuguma isin gidduu jira’ kan nuun jedhan kanaafi. (1 Qor. 14:25) Kanaafuu, ragaa Waaqayyo saba isaa gargaaraa akka jiru mirkaneessu hedduu qabna.—Isa. 66:14. w15 10/15 1:13, 14
Roobii, Amajjii 18
Waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa.—1 Yoh. 2:15.
Wanta biyyi lafaa dhiheessutti guutummaatti fayyadamuun balaa qaba. (1 Qor. 7:29-31) Kiristiyaanni tokko wantoota dogoggora hin taane kan akka wanta yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallatuu, wantoota isa bashannansiisan dubbisuu, televijiinii ilaaluu, iddoowwan namatti tolan daawwachuu, wantoota gurgurtaadhaaf dhihaatan ilaaluu fi meeshaalee elektirooniksii ammayyaa hordofuu irratti yeroo dheeraa balleessuu dandaʼa. Weebsaayitii hawaasaa fayyadamuun, ergaa barreessuun, iimeelii barreessuun akkasumas oduuwwanii fi sochiiwwan ispoortii haaraa taʼan yeroo hunda hordofuun yeroo keenya gubuu, darbees barsiifata nutti taʼuu dandaʼu. (Lal. 3:1, 6) Yeroo wantoota barbaachisaa hin taane irratti dabarsinu hin daangessinu taanaan, wantoonni kun wanta waan hunda caalu jechuunis waaqeffannaa Yihowaa akka dagannu gochuu dandaʼu. (Efe. 5:15-17) Seexanni addunyaan isaa kan nama hawwatuu fi kan yaada namaa hihhiru akka taʼu godheera. Jaarraa jalqabaatti kun dhugaa kan ture siʼa taʼu, yeroo harʼaa immoo itti caaleera. (2 Xim. 4:10) Kanaafuu gorsa caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dhagaʼuu qabna. w15 10/15 3:7, 8
Kamisa, Amajjii 19
Attamitti akka guddifnu nutti haa himu.—Abo. 13:8.
Maanoʼaanii fi haati manaa isaa ilma argachuuf jedhu! Maanoʼaan baayʼee akka gammade hin shakkisiisu; garuu immoo itti gaafatamummaa guddaan akka isa irra jirus hubatee ture. Innii fi haati manaa isaa saba hamaa gidduutti, ilmi isaanii Waaqayyoon akka tajaajilu leenjisuu kan dandaʼan akkamitti? Maanoʼaan, “‘Namni Waaqayyoo [ergamaan Waaqayyoo] inni ati ergitee turte sun deebiʼee gara keenya dhufee, mucaa dhalatu sana attamitti akka guddifnu nutti haa himuuf sin kadhadha’ jedhee Waaqayyoon kadhate.” (Abo. 13:1-8) Isinis warra yoo taatan, Maanoʼaan kadhannaa garaadhaa madde akkasii kan dhiheesse maaliif akka taʼe akka hubattan beekamaa dha. Mucaan keessan Yihowaa akka beekuu fi akka jaallatu gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaa qabdu. (Fak. 1:8) Warri Kiristiyaanota taʼan kana galmaan gaʼuuf jecha, Waaqeffannaa Maatii gaarii taʼee fi fooyyaʼiinsa gochaa deemu godhatu. Ijoolleen keessan dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf, qayyabannaa maatii torbaniin godhattaniin alattis wanti gochuu qabdan akka jiru beekamaa dha. (Kes. 6:6-9) Keessa deddeebitanii mucaa keessan dhugaa barsiisuu dandeessuu? w15 11/15 1:1, 2
Jimaata, Amajjii 20
Ilaa, nama Israaʼel isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre.—Yoh. 1:47.
Akka Yesuus garaa namootaa beekuu kan hin dandeenye taatanis, gargaarsa Waaqayyootiin hubannaa akka qabdan argisiisuu dandeessu. Dandeettii kanatti waan gaarii garaa ijoollee keessanii keessa jiru ilaaluuf itti fayyadamtuu? Eenyu iyyuu “rakkisaa” akka taʼetti ilaalamuu hin barbaadu. Yaada keessaniinis taʼe dubbii keessaniin, mucaan ykn intalli keessan “dargaggeessa didaa” ykn “daaʼima rakkisaa” dha jettanii hin murteessinaa. Ijoolleen keessan walʼaansoo gochaa kan jiran yoo taʼe illee, waan sirrii taʼe gochuuf dandeettii fi fedhii akka qaban akka beektan itti himaa. Wanta guddina ykn jijjiirama gochaa akka jiran argisiisu hubadhaatii isaan galateeffadhaa. Dandaʼamnaan itti gaafatamummaa dabalataa isaaniif kennuudhaan, dandeettiiwwan gaggaarii qaban akka guddifatan isaan gargaaraa. Yesus bartoota isaa wajjin haala wal qabateen kana godheera. Yesus Naataanaaʼelii wajjin wal argee gara waggaa tokkoo fi walakkaa booda, ergamaa isaa akka taʼu kan isa filate yommuu taʼu, Naataanaaʼelis Kiristiyaana hinaaffaa qabu taʼeera. (Luq. 6:13, 14; HoE. 1:13, 14) Ijoollee keessan galateeffachuu fi jajjabeessuun keessan, akka nama yeroo hunda milkaaʼuu hin dandeenyeetti utuu hin taʼin Kiristiyaana Yihowaan itti fayyadamuu dandaʼu akka taʼanitti akka of ilaalan godha. w15 11/15 2:15, 16
Sanbadduraa, Amajjii 21
Halkanii fi guyyaa . . . isaaf in hojjetu.—Mul. 7:15.
Yeroo barri dhumaa bara 1914tti jalqabetti, addunyaa mara irra kan jiran tajaajiltoota Yihowaa kuma muraasaan lakkaaʼaman qofa turan. Kiristiyaanonni dibamoon lafa irra turan muraasni jaalala namootaaf qabaniin kakaʼanii, akkasumas gargaarsa hafuura Waaqayyootiin hojii lallaba Mootummichaa itti fufaniiru. Kun immoo yeroo harʼaatti tuutni sonaan baayʼeen lafa irra jiraachuuf abdii qaban akka walitti qabaman godheera. Lakkoofsi Dhugaa Baatotaa gara 8,000,000 yommuu taʼu, guutummaa lafaa irratti gumiiwwan 115,400 ol taʼan keessatti walitti qabamu. Lakkoofsi keenya dabaluu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, bara 2014tti Dhugaa Baatonni haaraan 275,500 ol taʼan cuuphamaniiru; kana jechuun immoo torban torbaniin gara namoota 5,300tu cuuphame jechuu dha. Guddinni dinqisiisaan yeroo harʼaa argaa jirru, Yihowaa irratti amantii qabaachuu keenyaa fi Kitaabni Qulqulluun Dubbii inni karaa dinqii taʼeen barreessise taʼuu isaa amanuu keenyaan kan argame dha. (1 Tas. 2:13) Sabni Yihowaa keessumaa Seexanni inni “waaqayyicha bara siʼanaa” taʼe utuu isaan jibbuu fi mormuu karaa hafuuraa dagaaguun isaanii baayʼee nama dinqisiisa.—2 Qor. 4:4. w15 11/15 4:12, 14, 16
Dilbata, Amajjii 22
Dubbiin Waaqayyo keenyaa . . . bara baraan [“jabaatee jiraata,” NW].—Isa. 40:8.
Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, ciccitaawwan, barreeffamoota harkaan garagalfamanii fi hiikkaawwan durii kuma hedduutti lakkaaʼaman wal bira qabanii ilaalaniiru, akkasumas of eeggannoodhaan qoʼataniiru. Qoʼannaan kun qabiyyeen kutaa Kitaaba Qulqulluu harki caalaan isaa sirrii taʼuu isaa mirkaneesseera. Caqasoonni sirrii taʼuun isaanii hamma tokko shakkisiisan muraasni guutummaa ergaa isaa irratti jijjiirama hin fidan. Qoʼannaan barreeffamoota durii irratti godhame, barattoonni Kitaaba Qulqulluu garaa qajeelaa qaban, Kitaabni Qulqulluun inni yeroo ammaatti nu harka jiru, isa Yihowaan jalqaba irratti geggeessaa hafuura isaatiin akka barreeffamu godhe taʼuu isaa isaan amansiiseera. Diinota irraa mormii cimaan yoo irra gaʼe iyyuu, Yihowaan Dubbiin isaa kitaaba seenaa ilmaan namootaa keessatti hunda caalaa balʼinaan hiikamu akka taʼu godheera. Yeroo namoonni hedduun amantiin Waaqayyo irratti qaban xiqqaatetti ykn badetti illee, Kitaabni Qulqulluun kitaaba gabaa irratti baayʼee barbaadamu taʼeera; yeroo ammaatti guutummaatti ykn gar tokkoon isaa gara afaan 2,800 oliin ni argama. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko hamma hiikkaawwan warra kaanii ifa ykn kan amansiisan taʼuu baatanis, hiikawwan hunda irraa jechuun ni dandaʼama, abdii fi fayyina ilaalchisee ergaa Kitaaba Qulqulluu buʼuura taʼe barachuun ni dandaʼama. w15 12/15 1:13, 14
Wiixata, Amajjii 23
Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana.—Fak. 12:18.
Jechoonni, miidhuufis taʼe fayyisuuf humna qabu. Addunyaa Seexanaa keessatti jechootatti fayyadamanii nama miidhuun baramaa dha. Bashannanni, namoonni hedduun ‘arraba isaanii akka billaa akka qaratan, dubbii hadhaaʼaas akka xiyyaa iddaatti’ akka akeekkatan isaan kakaasa. (Far. 64:3) Kiristiyaanni tokko gocha miidhaa geessisu kana irraa fagaachuun isa barbaachisa. “Dubbii hadhaaʼaa” keessaa inni tokko cigoo siʼa taʼu, innis dubbii nama waraanuuf akkasumas warra kaan salphisuuf ykn ceephaʼuuf yaadamee dubbatamu dha. Cigoon yeroo baayʼee qoosaadhaaf kan dubbatamu taʼus, utuma baayʼee hin turin dubbii nama salphisuu fi arrabsootti jijjiiramuu dandaʼa. Cigoo hamaan gosa arrabsoo Kiristiyaanonni ‘of irraa fageessuu’ qaban keessaa tokko dha. Qoosaan dubbii keenyaaf miʼaa dabaluu kan dandaʼu taʼus, dubbii nama cabsuu fi cigoo warra kaan miidhu ykn salphisu dubbannee namoota kolfisiisuuf yaaluu irraa fagaachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagaʼuufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin baʼin!” jechuudhaan nu gorsa.—Efe. 4:29, 31. w15 12/15 3:10
Kibxata, Amajjii 24
Kana hundumaa irraa yoo of eeggattan gaarii dha; nagaatti jiraadhaa!—HoE. 15:29.
Jechoonni dhumaa xalayaa qaamni ol aanaan gumiiwwaniif barreesse irratti galan kun, “cimoo taʼaa” jedhamanii hiikamuus ni dandaʼu. Nutis yommuu Waaqa keenya isa guddaa tajaajillu ‘nagaatti jiraachuu’ fi cimoo taʼuu akka barbaannu beekamaa dha. Sirni kun hamma jiruttii fi nutis cubbamoota hamma taanetti dhukkubsachuun keenya waan hin oolle dha. Yeroo ammaatti dinqiidhaan fayyina jennee eeguu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Mulʼanni 22:1, 2 guutummaatti yeroon itti fayyinu akka dhufu ni ibsa. Yohaannis ergamaan, “laga bishaan jireenya namaaf kennu,” akkasumas ‘muka jireenya namaaf kennuu’ fi baalli isaa “saba biyya lafaa fayyisu” mulʼataan argeera. Taʼus, kun yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti baala qoricha taʼu kam iyyuu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, qophii Yihowaan karaa Yesus Kiristoos ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif jireenya bara baraa kennuuf godhe kan argisiisu siʼa taʼu, kun immoo wanta hawwiidhaan eeggachuu dandeenyu dha.—Isa. 35:5, 6. w15 12/15 4:17, 18
Roobii, Amajjii 25
Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis isinii wajjin achi in dhaqna. —Zak. 8:23, NW.
Yihowaan yeroo keessa jiraannu ilaalchisee raajii akkana jedhu dubbateera: “Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” (Zak. 8:23) Akkuma namoota kurnan fakkeenyaan ibsaman kanaa, warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban ‘fiixee uffata nama Yihudii tokkoo qabataniiru.’ Namoonni kun Yihowaan warra dibaman eebbisaa akka jiru waan beekaniif, “Israaʼel Waaqayyoo” warra hafuuraan dibamanii wajjin michoomuu isaaniitti ni boonu. (Gal. 6:16) Akkuma Zakaariyaas raajichaa, Yesusis tokkummaa nama gammachiisuu fi sabni Waaqayyoo argatan ibseera. Duuka buutonni isaa garee lama, jechuunis “karra xinnayyoo” fi “hoolota kan biraa” taʼuu isaanii kan dubbate taʼus, isaan “karra tokko” akka taʼanii fi “tikseen isaaniis tokko” akka taʼu ibseera.—Luq. 12:32; Yoh. 10:16. w16.01 4:1, 2
Kamisa, Amajjii 26
Wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.—Filp. 4:8, NW.
Jireenya hafuuraa keenya eeggachuun nu barbaachisa. Addunyaa Seexanni toʼatu keessa waan jiraannuu fi cubbamoota waan taaneef, ilaalchaa fi amala dogoggoraa addunyaa kanaa salphaatti fudhachuu dandeenya. Hafuurri addunyaa kanaa, yaaʼaa lagaa cimaa taʼee fi kallattii nuti deemuu hin barbaannetti nu dhiibuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Laga sanaan fudhatamuu irraa ooluuf, humna keenya guutuudhaan kallattii faallaa taʼeen daakuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun, hafuura addunyaa Seexanaatiin fudhatamuu irraa ooluuf carraaqqii gochuun barbaachisaa dha. Yommuu warra kaaniif lallabnu, yaadawwan amantii keenya balleessan irratti utuu hin taʼin, dhimmawwan hafuuraa barbaachisoo fi faayida qabeessa taʼan irratti xiyyeeffanna. Hojiin lallabaa abdiiwwan Waaqayyoo fi ulaagaawwan inni jaalalaan kakaʼee nuu kenne nu yaadachiisuudhaan murtoo goone nuu cimsa. Akkasumas, miʼi lolaa keenya guutuu taʼee akka itti fufu nu gargaara. (Efe. 6:14-17) Sochiiwwan hafuuraatti yoo qabamne, rakkoowwan keenya irratti garmalee xiyyeeffachuuf yeroo hin qabaannu; kun immoo eegumsa nuuf argamsiisa. w16.01 5:12, 13
Jimaata, Amajjii 27
Sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa. —Rut. 1:16.
Jaalala Ruut Yihowaadhaaf qabdu mee yaadi. Yeroo booda Boʼaz inni abbaa lafaa taʼe, Ruut bobaa Yihowaa jalatti kooluu galuu waan barbaaddeef ishii jajateera. (Rut. 2:12) Yaadni kun cuucii qoochoo haadha ishii isa cimaa fi balaa irraa ishii eegu jalatti kooluu galtu tokko nu yaadachiisa. (Far. 36:7; 91:1-4) Yihowaan Ruutiif abbaa akkanaa taʼeera. Amantii ishiin argisiisteef waan ishii kiiseef, murtoo goote kanatti sababii itti gaabbitu hin qabdu. Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen waaʼee Yihowaa kan baratan taʼus isatti kooluu galuu irraa duubatti jedhu. Isaaf of murteessanii cuuphamuu irraa duubatti jedhu. Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuu irraa dubbatti kan jettu yoo taʼe, kana kan gootu maaliif akka taʼe of gaafattee beektaa? Namni lubbuudhaan jiru kam iyyuu waaqa tokko ykn isa kaan tajaajiluun isaa hin oolu. (Iya. 24:15) Waaqa tokkicha isa tajaajilamuu qabu jalatti maaliif kooluu hin galtu? Yihowaadhaaf of murteessuun karaa amantii isa irratti qabnu itti argisiisnu keessaa isa hunda irra caalu dha. Yihowaan murtoo goote eegdee akka jiraattuu fi rakkina si mudatu kam iyyuu moʼuu akka dandeessu si gargaara. Wanti Waaqayyo Ruutiif godhes kanuma ture. w16.02 2:6, 7
Sanbadduraa, Amajjii 28
Siʼa lama itti hin deebiʼuutii maaloo tokkicha eeboo kootiin lafatti isa fayyisuu?—1 Sam. 26:8.
Abiishaayi yommuu buufata Saaʼol seenetti, dura eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabu dagatee ture. Abiishaayi amanamummaa Daawitiif qabuun kan kaʼe, Saaʼol Mooticha ajjeesuuf ariifatee kan ture taʼus, Daawit namni tokko “isa Waaqayyo dibee moosise irratti” harka ol fudhachuun isaa sirrii akka hin taane waan hubateef isa dhowweera. (1 Sam. 26:9-11) Wanta raawwatame kana irraa barumsa guddaa tokko arganna: Garaa keenya keessatti qaamota hedduudhaaf amanamoo taʼuun keenya dogoggora taʼuu baatus, hunda dura eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabnu seerawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundoofnee murteessuu qabna. Amanamummaan garaa namootaa keessaa madda; haa taʼu malee, garaan namootaa jalʼaa dha. (Er. 17:9) Kanaafuu, namni Waaqayyoof amanamaa taʼe tokko michuun isaa ykn firri isaa wanta gadhee taʼe hojjechaa kan jiru taʼus isaaf amanamaa taʼuu akka qabu isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Keessumaa namni nutti dhihaatu tokko yommuu dhugaa dhiisu, hunda caalaa Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu akka qabnu yeroo hunda yaadachuu qabna.—Mat. 22:37. w16.02 4:5, 6
Dilbata, Amajjii 29
Wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma keessanii [mirkaneeffadhaa].—Rom. 12:2, NW.
Kiristiyaanonni Roomaa wanta kanaan dura itti amanan ofii isaaniitii mirkaneeffachuun kan isaan barbaachise maaliifi? Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu tokko ilaali. Ximotewos Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beeka ture. Haati isaa fi akkoon isaa “daaʼimummaa” isaatii jalqabee isa barsiisaniiru. Haa taʼu malee Phaawulos, ‘Isa barsiifamte, cimsitees itti amante sanatti qabamii jiraadhu!’ jechuudhaan Ximotewosiin gorsee ture. (2 Xim. 3:14, 15) Kanaafuu, Ximotewos dhugaa akka argate amanee ture. Dhugaa kana kan fudhate haati isaa fi akkoon isaa akka fudhatu waan itti himaniif utuu hin taʼin, ofuma isaatii irratti yaadee waan isa amansiiseefi dha. (Rom. 12:1) Haaluma walfakkaatun qoʼannaa dhuunfaa gochuun, gaaffiiwwan deebisuuf, shakkii akka hin qabaanne gochuuf, akkasumas amantii kee cimsuuf si gargaaruu dandaʼa.—HoE. 17:11. w16.03 2:3, 4, 7
Wiixata, Amajjii 30
Wagguma waggaan ayyaana Faasiikaa ayyaanessuudhaaf gara Yerusaalem in dhaqu turan. —Luq. 2:41.
Israaʼeloonni bara duriitti mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti argamutti Yihowaa yommuu jajatan yaadi. Adeemsa kanaaf ni qophaaʼu, karaa irratti wal gargaaru, akkasumas mana qulqullummaatti waliin waaqeffatu turan. Kun hundi tokkummaa barbaada. Nutis, yeroo gara addunyaa haaraatti adeemaa jirru kanatti, wal taʼuu fi tokkummaa qabaachuu qabna. Mee eebbawwan akkamii nu eeggachaa akka jiran yaadaa! Tokkummaa dhabuu fi burjaajaʼuu sirna kana keessa jiru dhiisnee dhufneerra. Raajiin Isaayaasii fi Miikiyaas dursanii dubbatan yommuu raawwatamu, jechuunis sabni Waaqayyoo tokkummaadhaan gara “tulluu mana Waaqayyootti” yommuu yaaʼan argaa jirra. (Isa. 2:2-4; Mik. 4:2-4) Dhuguma iyyuu, “bara booddee” kanatti akkaataan nuti itti waaqeffannu baayʼee ol kaʼeera. Yeroo ilmaan namootaa hundi wal taʼiinsaa fi tokkummaadhaan jiraatanitti gammachuu guddaa qabaanna! w16.03 3:16, 17
Kibxata, Amajjii 31
Wanti hundinuu yeroo qaba. —Lal. 3:1.
Jaarsoliin tokko tokko warra kaan leenjisuuf yeroo ramaduun ulfaataa isaanitti taʼuu dandaʼa. Tarii akkas jedhanii yaadu taʼa: ‘Leenjisuun barbaachisaa dha; haa taʼu malee akka dhimmoota gumii battalumatti raawwatamuu qaban kaanii ariifachiisaa miti. Yeroon itti leenjisu yeroo kan biraatti yoon dabarse, gumiin homaa hin miidhamu.’ Haa taʼu malee, dhimmoonni battalumatti xiyyeeffannaa jaarsi gumii kennuufii qabu hedduun kan jiran taʼus, leenjii kennamu yeroo biraatti dabarsuun karaa hafuuraa gumicha ni miidha. Jaarsoliin dhimmoota dafanii raawwatamuu qaban hedduu hojjetu. Haa taʼu malee, Jaarsoliin gumii leenjii barbaachisaa taʼe kana yeroo biraatti dabarsuu yoo itti fufan, oolee bulee gumichi obboloota gaʼumsa qabanii fi wanta hojjetamuu qabu raawwachuu dandaʼan ni dhaba. Kanaaf, leenjiin wanta dursi hin kennamneef akka taʼetti yaaduu irraa of eeggachuu qabna. Jaarsoliin fageessanii yaadanii fi obboloota muuxannoo hedduu hin qabne leenjisuudhaaf yeroo ramadan, hojii adeemsiftuu hubannaa qaban siʼa taʼan gumiidhaafis eebba taʼu.—1 Phe. 4:10. w15 4/15 1:4, 6, 7