Akkaataa Buukleetii Kanatti Itti Fayyadamnu
Fuulawwan itti aanan irratti, caqasa tokkoon tokkoon guyyaatiif ramadamee fi yaada caqasicha irratti hundaaʼe argatta. Caqasawwan kanaa fi yaada isaa saʼaatii kamitti iyyuu dubbisuun kan dandaʼamu taʼus, obboloonni hedduun keessumaa ganama dubbisuun faayidaa akka qabu hubataniiru. Achiis guyyaa guutuu yaadicha irratti xiinxaluu dandaʼu. Maatiidhaan taʼanii caqasicha irratti mariʼachuun baayʼee gaarii dha. Maatiiwwan Betʼel addunyaa maratti argaman saʼaatii cireetti caqasa guyyaa irratti mariʼatu.
Yaadawwan buukleetii kana irratti argaman Masaraa Eegumsaa (w) Ebla 2015 hanga Bitootessa 2016 irraa kan fudhatamani dha. Lakkoofsonni maxxansi Masaraa Eegumsichaa kan yoomii akka taʼe ibsutti aananii argaman, (1, 2, 3, 4 ykn 5 taʼuu dandaʼa) yaanni isaa kan fudhatame mata duree qoʼannaa isa kam irraa akka taʼe argisiisu. Itti aansuudhaanis caqasicha ilaalchisee keeyyatawwan yaanni dabalataa eessaa akka fudhatame ibsan kaaʼamaniiru. (Fakkeenya armaan gadii ilaali.) Odeeffannoon dabalataa waaʼee dhimma sanaa ibsu, mata duree yaanni sun irraa fudhatame irratti argama. Mata dureen caqasame hundi fuula kam irraa akka jalqabu beekuuf, fuula jalqabaa maxxansa Masaraa Eegumsaa sanaa ilaali.