LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es19 ful. 47-57
  • Caamsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caamsaa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Caamsaa 1
  • Kamisa, Caamsaa 2
  • Jimaata, Caamsaa 3
  • Sanbadduraa, Caamsaa 4
  • Dilbata, Caamsaa 5
  • Wiixata, Caamsaa 6
  • Kibxata, Caamsaa 7
  • Roobii, Caamsaa 8
  • Kamisa, Caamsaa 9
  • Jimaata, Caamsaa 10
  • Sanbadduraa, Caamsaa 11
  • Dilbata, Caamsaa 12
  • Wiixata, Caamsaa 13
  • Kibxata, Caamsaa 14
  • Roobii, Caamsaa 15
  • Kamisa, Caamsaa 16
  • Jimaata, Caamsaa 17
  • Sanbadduraa, Caamsaa 18
  • Dilbata, Caamsaa 19
  • Wiixata, Caamsaa 20
  • Kibxata, Caamsaa 21
  • Roobii, Caamsaa 22
  • Kamisa, Caamsaa 23
  • Jimaata, Caamsaa 24
  • Sanbadduraa, Caamsaa 25
  • Dilbata, Caamsaa 26
  • Wiixata, Caamsaa 27
  • Kibxata, Caamsaa 28
  • Roobii, Caamsaa 29
  • Kamisa, Caamsaa 30
  • Jimaata, Caamsaa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
es19 ful. 47-57

Caamsaa

Roobii, Caamsaa 1

Gorsa siif kennamtetti jabaadhu, gad ishee hin dhiisin! Isheen jireenya kee waan taateef, baʼeessa godhii eeggadhu!—Fak. 4:13.

Adabni miidhaa geessisuu kan dandaʼu taʼus, wanti kana caalaa miidhaa guddaa geessisu jira; kunis miidhaa adaba fudhachuu diduudhaan dhufu dha. (Ibr. 12:11) Mee fakkeenya Qaayin haa ilaallu. Qaayin yommuu jibbaan kakaʼee Abeeliin ajjeesuu yaadetti Waaqayyo akkana jechuudhaan isa akeekkachiisee ture: “Maaliif aartee bobaate? Maaliifis mataa buufte? Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? Wanta gaarii hin hojjettu yoo taʼe garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” (Uma. 4:6, 7) Qaayin garuu hin dhageenye. Achiis cubbuun isa ni moʼe. Qaayin miidhaa hin barbaachisnee fi rakkina ofitti fideera! (Uma. 4:11, 12) Qaayin Yihowaa utuu dhagaʼeera taʼee, rakkinni kun hundi isa irra hin gaʼu ture. Yihowaan rakkina hin barbaachisne akkanaa irraa nu oolchuu barbaada! (Isa. 48:17, 18) Kanaafuu, ‘gorsa haa dhageenyu, ogeessotas haa taanu.’—Fak. 8:33. w18.03 32 key. 18-20

Kamisa, Caamsaa 2

Ani Daaniʼel waaʼee lakkoobsa waggootaa isa caaffata qulqullaaʼoo keessatti . . . dubbatame nan yaade.—Dan. 9:2.

Daaniʼel Yihowaa beekuu kan dandaʼe akkamitti? Warri isaa akka inni Yihowaa fi Dubbii isaa isa barreeffame jaallatu akka gaariitti akka isa barsiisan beekamaa dha. Kana malees, Daaniʼel jireenya isaa guutuu jaalala akkasii qabaatee jiraateera. Yeroo dulloometti illee, Kitaabota Qulqulluu gadi fageenyaan qoruu isaa ni beekna. Daaniʼel Yihowaa sirriitti beeka ture; akkasumas wanta inni Israaʼelootaaf godhe hunda beeka. Kadhannaa inni Daaniʼel 9:3-19 irratti gad of qabuudhaan garaadhaa dhiheesse irraa kana hubachuu dandeenya. Kadhannaa kana dubbisaatii gadi fageenyaan irratti xiinxalaa. Yihudii amanamaa taʼe tokkoof, Baabilon ishii waaqeffannaa sobaatiin guutamte keessa jiraachuun qorumsa guddaa dha. Fakkeenyaaf Yihowaan Yihudootaan, “Mandara ani akka isin boojiʼamtanii itti geeffamtan godhe, kanaaf nagaa barbaadaa” jedhee ture. (Er. 29:7) Haa taʼu malee, isa qofa akka waaqeffatanis isaan irraa barbaada ture. (Bau. 34:14) Daaniʼel wantoota irraa eegaman kana lamaan madaallii isaa eegee gochuuf maaltu isa gargaare? Ogummaan Waaqayyo biraa argamu aangoo ilmaan namootaatiif bitamuun daangaa akka qabu akka hubatu isa gargaareera. Jaarraawwan booda, Yesuusis qajeelfama wal fakkaatu kenneera.—Luq. 20:25. w18.02 10 key. 11-12

Jimaata, Caamsaa 3

Adda namoota [sanaatti] milikkita godhi!—His. 9:4.

Qorumsawwan akka dhukkubaa, rakkina dinagdee ykn ariʼatamaa wajjin walʼaansoo gochaa jirtaa? Yeroo tokko tokko gammachuu tajaajila Yihowaa irratti qabdu eegdee jiraachuun sitti ulfaataa? Taanaan, fakkeenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob irraa jajjabina argachuu dandeessa. Namoonni kun mudaa kan qaban turan; akkasumas akkuma keenya rakkoowwan lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilan dabalatee, qorumsawwan hedduun isaan irra gaʼaniiru. Taʼus, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraataniiru; innis amantii qabaachuu fi ajajamuu irratti akka fakkeenyaatti isaan ilaaleera. (His. 14:12-14) Hisqiʼel caqasa kana kan barreesse Dh.K.D. bara 612 Baabilon keessatti ture. (His. 1:1; 8:1) Yeroo kanatti, badiisni Yerusaalem ishii gantuu taate irratti raajiidhaan dubbatamee fi Dh.K.D. bara 607⁠tti raawwatamu dhihaatee ture. Namoonni akkuma Noh, Daaniʼelii fi Iyoob amala gaarii argisiisan muraasni badiisa irraa akka oolan mallattoon itti godhameera. (His. 9:1-5) Yeroo harʼaattis, sirni ammaa kun yommuu badu namoota Yihowaan akkuma Noh, Daaniʼelii fi Iyoob balleessaa akka hin qabnetti ilaalu qofatu badiisa irraa ooluuf mallattoon irratti godhama.—Mul. 7:9, 14. w18.02 3-4 key. 1-3

Sanbadduraa, Caamsaa 4

Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!—Lal. 12:1.

Dargaggeessa yoo taate akkana jedhii of gaafadhu: ‘Sochiiwwan hafuuraa irratti kanan hirmaadhu warri koo akkas akkan godhu waan na irraa eeganiif qofa dhaa? Michummaan dhuunfaatti isaa wajjin qabu guddifachuudhaan Waaqayyotti dhihaachaan jiraa?’ Dhugaa dha, gorsi galma hafuuraa ilaalchisee kenname kan hojjetu dargaggootaaf qofa miti. Hundi keenya iyyuu galma akkanaa qabaachuun keenya karaa hafuuraa guddina gochuuf nu gargaara. (Lal. 12:13) Fooyyaʼiinsa gochuun kan nu barbaachisu gama kamiin akka taʼe yoo hubanne, tarkaanfii guddina gochuuf nu gargaaru fudhachuu qabna. Nama hafuuraa taʼuun baayʼee barbaachisaa dha. Dhugaa dubbachuuf, akkana gochuun dhimma duʼaa fi jireenyaa ti. (Rom. 8:6-8) Haa taʼu malee, karaa hafuuraa bilchina qabaachuu jechuun cubbuu irraa bilisa taʼuu jechuu miti. Hafuurri Yihowaa guddina barbaachisu gochuuf kan nu gargaaru taʼus, gama keenyaan carraaqqii cimaa gochuun nu barbaachisa. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun gammachiisaa taʼus, akka barreeffama asoosamaa isa bashannanaaf qofa barreeffameetti dubbisuu hin qabnu. Beekumsa hafuuraa nu fayyadu argachuuf carraaqqii gochuu qabna. w18.02 25 key. 10-11

Dilbata, Caamsaa 5

Egaa amma maal eegda ree? Kaʼiitii cuuphami.—HoE. 22:16.

Namni tokko Waaqayyoof of murteessuu fi cuuphamuu isaa dura waan hunda beekuun isa irraa hin eegamu. Cuuphaa booda barattoonni hundi beekumsa sirriidhaan guddachuu isaanii itti fufuu qabu. (Qol. 1:9, 10) Maarree jalqaba irratti beekumsa hammamiitu barbaachisa? Seenaan maatii jaarraa jalqabaatti ture tokkoo hamma tokko hubannaa nuuf kenna. (HoE. 16:25-33) Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa Dh.K.B. naannoo bara 50⁠tti yeroo godhetti magaalaa Filiphisiyus daawwatee ture. Innii fi Siilaas inni isaa wajjin ture utuu achi jiranii sobaan waan himatamaniif qabamanii mana hidhaa galan. Halkan kirkirri lafaa guddaan uumamee hundeen mana hidhaa sanaa waan raafameef balballi hundi ni baname. Eegduun mana hidhaa sun namoonni hidhaman miliqaniiru jedhee waan yaadeef, yeroo inni of ajjeesuuf kaʼutti Phaawulos sagalee guddaadhaan isa waame. Phaawulosii fi Siilaas eegduu mana hidhaa sanaa fi maatii isaatiif akka gaariitti dhugaa baʼuu dandaʼaniiru. Dhugaa waaʼee Yesuus barachaa turaniif dinqisiifannaan isaan qaban, tarkaanfii akkamii fudhachuuf isaan kakaasee ture? Utuma hin turin cuuphamaniiru. w18.03 10 key. 7-8

Wiixata, Caamsaa 6

Sabni [“Yihowaan,” NW] Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!—Far. 144:15.

Yihowaan Waaqa gammachuu qabu yeroo taʼu, tajaajiltoonni isaas amala kana calaqqisiisu. Kana malees, namoota ofittoo taʼanii fi fudhachuudhaan qofa gammadan irraa haala adda taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa faayidaa warra kaaniitiif jecha of kennuudhaan gammadu. (HoE. 20:35; 2 Xim. 3:2) Jaalalli ofii keenyaaf qabnu jaalala Waaqayyoof qabnu irra akka hin caalle akkamitti beekuu dandeenya? Gorsa Filiphisiyus 2:3, 4 irra jiru irratti yaadaa; akkana jedha: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa; faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.” Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Gorsa kana jireenya koo keessatti hojii irra nan oolchaa? Gumii keessattis taʼe tajaajila irratti namoota gargaaruuf nan yaalaa?’ Of kennuun salphaa kan taʼu yeroo hunda miti. Carraaqqii gochuu fi fedhii ofii aarsaa gochuu gaafata. Haa taʼu malee, Waaqa uumama hunda irratti ol aantummaa qabu duratti fudhatama argachuu caalaa maaltu nama gammachiisa? w18.01 23 key. 6-7

Kibxata, Caamsaa 7

Amantii keessa jiraachuu fi dhiisuu keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa.—2 Qor. 13:5.

Kana gochuuf akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa tokkicha fedhii isaa raawwatuu fi isa duratti fudhatama argatee akkan taʼe nan amanaa? Misiraachoo Mootummichaa lallabuu fi barsiisuuf waanan dandaʼu hunda nan godhaa? Guyyaa dhumaa keessa akka jiraannuu fi bulchiinsi Seexanaa dhiheenyatti akka xumuramu dhugumaan akkan amanu gochi koo ni argisiisaa? Amanannaan yeroon Yihowaadhaaf of murteessetti Yihowaa fi Yesuus irratti qabu amma nan qabaa?’ (Mat. 24:14; 2 Xim. 3:1; Ibr. 3:14) Deebii gaaffiiwwan kanaa irratti yaaduun keenya, eenyummaa keenya beekuuf yeroo hunda akka of qorru nu gargaara. Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu hiika Ayyaana Yaadannoo ibsan dubbisaatii irratti xiinxalaa. (Yoh. 3:16; 17:3) Jireenya bara baraa argachuun kan dandaʼamu, Yihowaa “beekuu” fi Ilma isaa isa tokkicha Yesuusitti ‘amanuudhaani.’ Ayyaanichaaf qophaaʼuuf, mata dureewwan Yihowaa fi Yesuusitti caalaatti dhihaachuuf isin gargaaran muraasa filattanii qorannaa irratti gochuu dandeessu. w18.01 13 key. 5-6

Roobii, Caamsaa 8

Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu.—Yoh. 6:44.

Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya yeroo dubbistu, akkasumas walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo argamtu, muuxannoowwan nama jajjabeessanii fi Waaqayyo namoonni amanamoo taʼanii akka jiraatan kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe argisiisan dhageessa. Karaa hafuuraa guddachaa yeroo deemtu garuu, jireenya kee keessatti harka Yihowaa arguun kee barbaachisaa dha. Jireenya kee keessatti gaarummaa Yihowaa kan argite akkamitti? Karaan Kiristiyaanonni hundi gaarummaa Yihowaa itti miʼeeffatan tokko jira. Innis, Waaqayyoo fi Ilma isaatti dhihaachuuf kan afeeraman taʼuu isaa ti. Dargaggeessi tokko, ‘Yihowaan warra koo ofitti harkise, ani garuu isaanuman hordofe’ jedha taʼa. Haa taʼu malee, yeroo of murteessitee cuuphamtetti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya adda taʼe akka uumte argisiisteetta. Amma isa biratti ni beekamta. Kitaabni Qulqulluun, “Namni tokko Waaqayyoon kan jaallatu yoo taʼe garuu Waaqayyo isa ni beeka” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (1 Qor. 8:3) Iddoo jaarmiyaa Yihowaa keessatti qabduuf yeroo hunda bakka guddaa kennuu fi iddoo kana dinqisiifachuuf carraaqqii godhi. w17.12 26 key. 12-13

Kamisa, Caamsaa 9

Yihowaan warra jaallatu ni adaba.—Ibr. 12:6.

Jechi “adaba” jedhamee caqasoota hedduu irratti hiikame “qajeelfama” jedhamee hiikamuus ni dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun adabni akka nu fayyadu dubbata; jechi kun yeroo tokko tokko beekumsa, ogummaa, jaalalaa fi jireenyaa wajjin caqasama. (Fak. 1:2-7; 4:11-13) Adabni Waaqayyoo inni akka nu jaallatuu fi jireenya bara baraa akka argannu kan barbaadu taʼuu isaa argisiisa. (Ibr. 12:6) Akkasumas, matumaa kan nama miidhu ykn gara jabina kan argisiisu miti. Hiikni guddaan jechi “adaba” jedhu qabu barumsa warri daaʼima jaallataniif kennanii wajjin wal qabata. Nutis miseensota gumii Kiristiyaanaa waan taaneef, kutaa maatii Waaqayyoo ti. (1 Xim. 3:15) Kanaafuu, mirga Yihowaan ulaagaalee nuuf baasuuf, akkasumas yommuu isaan cabsinu adaba jaalala irratti hundaaʼe nuuf kennuuf qabu ni kabajna. Kana malees, gochi keenya buʼaa gammachiisaa hin taane yoo geessise, adabni nuuf kennamu Abbaa keenya isa samii dhagaʼuun hammam barbaachisaa akka taʼe nu yaadachiisa.—Gal. 6:7. w18.03 23 key. 1; 24 key. 3

Jimaata, Caamsaa 10

Namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu.—Fak. 17:27.

Dargaggeessa umurii waggoota kurnanii keessa jirtuu fi warri kee Kiristiyaana taʼan karaa dogoggora taʼeen akka si hubatanii fi daangaa akka sitti baayʼisan sitti dhagaʼamu yoo taate hoo? Abdii kutachuun kee Yihowaa tajaajiluu irraa dubbatti akka jettu si gochuu dandaʼa. Abdii kutachuun Yihowaa tajaajiluu akka si dhaabsisu yoo heyyamte garuu, utuma baayʼee hin turin warra kee Waaqayyoon sodaatanii fi gumii kee caalaa namni garaadhaa siif yaadu kan biraan akka hin jirre ni hubatta. Warri kee matumaa sirreeffama siif kennanii hin beekan utuu taʼee, dhugumaan siif yaaduu isaanii hin shakkitu turtee? (Ibr. 12:8) Garuu wanti si mufachiise akkaataa warri kee itti si adaban taʼuu dandaʼa. Akkaataa adabni itti siif kenname sana irratti xiinxaluu mannaa, tarii sababii itti haala kanaan si adaban akka qabaatan hubachuuf yaali. Kanaafuu tasgabbaaʼi, akkasumas adaba siif kennametti garmalee akka hin aarre wanta siif dandaʼame hunda godhi. Nama bilchaataa tasgabbiidhaan gorsa fudhatu taʼuuf carraaqi, akkasumas akkaataa adabni itti siif kenname irratti garmalee xiinxaluu mannaa faayidaa irraa argachuuf yaali.—Fak. 1:8. w17.11 29 key. 16-17

Sanbadduraa, Caamsaa 11

Jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta.—Mul. 2:4.

Tarii dargaggoota cuuphamanii fi yeroo booda garuu qajeelfama Waaqayyoo hordofuun faayidaa qabaachuu isaa shakkan tokko tokko beektu taʼa. Baayʼeen isaanii dhugaa iyyuu dhiisaniiru taʼa. Kanaaf, mucaan keessanis daandii Kiristiyaanummaa hordofuu erga jalqabee booda jijjiiramee jaalala duraan dhugaadhaaf qabu dhiisa jettanii sodaattu taʼa. Haalli akkasii mucaa keessan irra akka hin geenye gochuu fi ‘gara fayyinaatti akka guddatu’ isa gargaaruu kan dandeessan akkamitti? (1 Phe. 2:2) Deebiin kanaa, wanta Phaawulos Ximotewosiif akkana jedhee barreesse keessatti argama: “Eenyu irraa akka baratte waan beektuuf, wantoota namoonni si barsiisanii fi akka amantu si gargaaran sanatti cimii itti fufi; akkasumas daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu [Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa] fayyina Kiristoos Yesuusitti amanuudhaan argamuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.” (2 Xim. 3:14, 15) Phaawulos, Ximotewos (1) kitaabota qulqulluu barachuu isaa, (2) wanta barate amanuu isaa, akkasumas (3) Yesuus Kiristoositti amanuudhaan fayyina argachuuf ogeessa taʼuu isaa dubbateera. w17.12 18-19 key. 2-3

Dilbata, Caamsaa 12

Garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu, isin garuu garaan keessan waan gadduuf . . . in wawwaattu!—Isa. 65:14.

Amantiiwwan hedduun waaʼee ibidda bara baraa barsiisuu, kurnoo sassaabuu ykn waaʼee siyaasaa lallabuudhaan dhaabbileen amantii hedduun namoonni Waaqayyo irraa akka baqatan godhu. Namoonni lakkoofsi isaanii dabalaa dhufe, amantii utuu hin qabaatin gammaduu akka dandaʼan itti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu! Eeyyee, namni tokko miseensa amantii sobaa utuu hin taʼin gammadaa taʼuu ni dandaʼa, Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” jedhamee ibsamee wajjin hariiroo utuu hin qabaatin garuu gammachuu dhugaa argachuu hin dandaʼu. (1 Xim. 1:11) Wanti Waaqayyo hojjete hundi warra kaan kan fayyadu dha. Tajaajiltoonni isaa warra kaan gargaaruu irratti waan xiyyeeffataniif gammadoo dha. (HoE. 20:35) Fakkeenya amantiin dhugaa gammachuu maatii akkamitti akka guddisu argisiisu ilaali. Amantii dhugaan, hiriyaa gaaʼelaa keenya akka kabajnu, waadaa gaaʼelaa akka qulqulluutti akka ilaallu, ejja irra akka fagaannu, ijoollee nama kabajan akka guddisnuu fi jaalala dhugaa akka argisiisnu nu barsiisa. Waaqeffannaa dhugaan saboonni Yihowaa addunyaa maratti argaman, nagaadhaan tokko taʼanii akka waliin hojjetanii fi gumiiwwan isaanii keessatti jaalala akka walitti argisiisan isaan gargaareera. w17.11 21 key. 6-7

Wiixata, Caamsaa 13

Ani nama gadadamaa dha!—Rom. 7:24.

Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hedduun wanta Phaawulos dubbate kana irra deebiʼanii dubbatu. Hundi keenya cubbuu dhaalleen kan kaʼe ni rakkanna; akkasumas gochi keenya fedhii keenya isa guddaa, jechuunis Yihowaa gammachiisuu akka barbaannu kan hin argisiisne yommuu taʼutti dhiphinni guddaan nutti dhagaʼama. Kiristiyaanonni cubbuu cimaa hojjetan tokko tokko dhiifama Waaqayyoo akka hin arganne itti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun namoonni Yihowaatti kooluu galan balleessaa hojjetaniin gar malee of ceephaʼuu akka hin qabne nuuf mirkaneessa. (Far. 34:22) Phaawulos guutummaatti Yihowaadhaaf ajajamuu dadhabuu isaa erga ibsee booda, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa gaʼu!” jedheera. (Rom. 7:25) Eeyyee, Phaawulos cubbuu fi dogoggora kanaan dura raawwatee yaada geddaratee wajjin qabsoo kan godhu taʼus, Waaqayyo karaa Yesuus dhiifama akka isaaf godhu amanannaa qaba ture. Yesuus Furee keenya waan taʼeef, qalbii keenya qulqulleessee nagaa keessaa nuuf kenna. (Ibr. 9:13, 14) Inni Luba Ol Aanaa keenya waan taʼeefis, “yeroo hundumaa jiraatee waan isaaniif kadhatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaatan guutummaatti oolchuu ni dandaʼa.”—Ibr. 7:24, 25. w17.11 8 key. 1-2; 12 key. 15

Kibxata, Caamsaa 14

Wareega gooftaadhaaf wareegaa, isa wareegdanis Waaqayyo keessaniif baasaa!—Far. 76:11.

Of murteessuudhaan waadaa galle eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Qorumsawwan guguddaas taʼe xixinnoon yeroo nu mudatan, ejjennoon keenya waadaa ‘guyyaa guyyaadhaan’ Yihowaa galateeffachuuf galleef iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu qaba. (Far. 61:8) Fakkeenyaaf bakka hojiitti ykn mana barumsaatti namni tokko yoo nu kolomse dhiibbaa sana irraa fagaachuudhaan haala kana carraa ‘karaa Yihowaatti akka gammannu’ itti argisiisnu goonee ilaallaa? (Fak. 23:26, NW) Maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa kan jiraannuu fi maatii keenya keessaa kan kana godhu hin jiru yoo taʼe illee, amala Kiristiyaana tokko irraa eegamu argisiisuuf akka nu gargaaru Yihowaa ni kadhannaa? Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe, bulchiinsa isaa jala akka seennu waan nu godhee fi waan nu jaallateef, guyyaa guyyaadhaan isa galateeffachuuf gara isaatti ni dhihaannaa? Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ni ramadnaa? Wantoota akkasii raawwachuuf dursinee waadaa gallee hin turree? Kana gochuu fi dhiisuun ajajamuu wajjin kan wal qabate dha. Waaqeffannaa irratti guutummaatti hirmaachuun keenya, Yihowaa akka jaallannuu fi dhugumaan akka isaaf of murteessine argisiisa. Waaqeffannaan keenya daandii jireenyaa ti malee, akkasumaan sirna tokko raawwachuu miti. w17.10 23-24 key. 11-12

Roobii, Caamsaa 15

Waaqayyo keenya jajatanii faarfachuun attam gaarii dha!—Far. 147:1.

Barreessaan walaloo beekamaan tokko, “Jechoonni akka yaaddu si taasisu. Muuziqaan immoo miira kee kakaasa. Faarfannaan garuu akka yaaddus miirri kees akka kakaʼu godha” jedheera. Faarfannaawwan keenya galataa fi jaalala Abbaa keenya isa samiitiif qabnu ibsu. Kana malees, Yihowaatti caalaatti akka dhihaanne akka nutti dhagaʼamu godhu. Kanaaf, kophaa keenyas taane gumii saba Waaqayyoo wajjin faarfachuun, waaqeffannaa qulqulluu keessatti iddoo guddaa qabaachuun isaa nama hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, gumii keessatti sagalee kee ol kaastee faarfachuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Ni qaanoftaa? Aadaawwan tokko tokko keessatti dhiironni bakka namoonni walitti qabamanitti faarfachuun isaan qaanessa. Keessumaa dhiironni itti gaafatamummaa qaban yeroo gumiin faarfatutti sababii barbaadanii duubatti kan jedhan ykn hojiiwwan tokko tokko kan hojjetan taanaan, ilaalchi akkasii guutummaa gumichaa irratti dhiibbaa qaba. (Far. 30:12) Dhugumaan, faarfannaa akka kutaa waaqeffannaa keenyatti ilaalla taanaan, yeroo faarfannaatti gad baʼuu ykn kutaa walgaʼii kanaa irraa hafuu hin barbaannu. w17.11 3 key. 1-3

Kamisa, Caamsaa 16

Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani goraadee fiduuf malee nagaa fiduuf hin dhufne.—Mat. 10:34.

Hundi keenya jireenya nagaa dhiphina irraa walaba taʼe jiraachuu barbaanna. Yihowaan ‘nagaa Waaqayyoo,’ jechuunis tasgabbii isa yaadaa fi miira nu jeequ irraa nu eegu nuuf kennuu isaatti baayʼee galateeffanna! (Filp. 4:6, 7) Kana malees, Yihowaadhaaf waan of murteessineef, ‘Waaqayyoo wajjin nagaa,’ jechuunis hariiroo gaarii qabna. (Rom. 5:1) Haa taʼu malee, yeroon Waaqayyo nagaa guutuu itti fidu hin geenye. Guyyoonni dhumaa rakkisoo taʼan kun walitti buʼiinsaa fi namoota goolii jaallatan hedduudhaan kan guutamani dha. (2 Xim. 3:1-4) Kiristiyaanota waan taaneef, Seexanaa fi barumsa sobaa inni babalʼisu irratti lola hafuuraa banuu qabna. (2 Qor. 10:4, 5) Haa taʼu malee, wanti hunda caalaa nagaa keenya balaadhaaf saaxilu firoota keenya warra hin amanne irraa dhufuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko amantii keenya ceephaʼuu, maatii qoqqoodaa akka jirru nu himachuu ykn amantii keenya yoo dhiisuu baanne firooma keenya akka dhiisan nu doorsisuu dandaʼu taʼa. w17.10 12 key. 1-2

Jimaata, Caamsaa 17

Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada.—Far. 119:97.

Jijjiirama afaanii ilaalchisee dhugaan jiru afaanota Kitaabni Qulqulluun ittiin hiikame irrattis kan hojjetu dha. Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu jalqaba irratti salphaatti kan hubatamu ture yeroo booda salphaatti hubatamuu dhiisuu dandaʼa. Mee akka fakkeenyatti Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaan hiikame tokko haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun Kiingi Jamsi Varshin jedhamu jalqaba kan qophaaʼe bara 1611⁠tti ture. Kitaabni kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Ingiliffaatiin jiran keessaa beekamaa kan taʼe siʼa taʼu, Afaan Ingiliffaa irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Haa taʼu malee, jaarraawwan hedduu booda, jechoonni Kiingi Jamsi Varshin keessa jiran hedduun boodatti hafaa taʼaniiru. Jechoonni Kitaabota Qulqulluu bara duriitti afaan birootiin hiikaman keessa jiranis akkasuma taʼaniiru. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan ammayyaatiin qophaaʼe argachuu keenyatti galateeffachuu hin qabnuu? Hiikkaan kun guutummaan isaa ykn gar tokkoon isaa afaan 150 oliin waan qophaaʼeef, namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun argachuu ni dandaʼu. Jechoonni kitaaba kana keessa jiran ifa waan taʼaniif ergaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru garaa keenya ni tuqa. w17.09 19-20 key. 5-6

Sanbadduraa, Caamsaa 18

Yaa ilma ko, . . . ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!—Fak. 27:11.

Dargaggoonni Kiristiyaanaa murtoo barbaachisaa gochuu qabu. Michoota gaarii filachuun, bohaartii sirrii filachuun, naamusa qulqulluu qabaachuunii fi cuuphaan, murtoowwan ogummaa irratti hundaaʼanii fi ija jabina gaafatani dha. Kun kan taʼe dargaggoonni akkasii fedhii Seexanaa isa Waaqayyoon arrabsu sanaa mormaa waan jiraniifi dha. Murtoo guddaan dargaggoonni gochuu qaban inni tokko galma isaanii wajjin kan wal qabate dha. Biyyoota tokko tokko keessatti, dargaggoonni galma barumsa ol aanaa fi hojii miindaa guddaa argamsiisu irratti xiyyeeffate akka baafatan dhibbaan isaan irratti godhama. Biyyoota biraatti immoo, haalli dinagdee dargaggoonni gama qarshiitiin maatiiwwan isaanii gargaaruu irratti xiyyeeffachuu akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu godha taʼa. Yihowaan dargaggoota ija jabinaan galmawwan hafuuraa baafachuuf carraaqanii fi fedhii Mootummichaatiif dursa kennan ni eebbisa. Yihowaan wanta maatii isaaniitiif barbaachisu akka argatan isaan gargaara. Jaarraa jalqabaatti Ximotewos inni dargaggeessa ture galmawwan hafuuraa irratti xiyyeeffateera; isinis akkas gochuu dandeessu.—Filp. 2:19-22. w17.09 29-30 key. 10-12

Dilbata, Caamsaa 19

Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! . . . Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!—Iya. 1:8.

Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan yeroo hunda qoʼachuun, Kiristiyaanni tokko amala of toʼachuu akka guddifatu isa gargaaruu dandaʼa. Akkamitti? Kitaabni Qulqulluun fakkeenyota of toʼachuun faayidaa maalii akka qabu, of toʼachuu dhiisuun immoo miidhaa akkamii akka geessisu argisiisan qabateera. Yihowaan sababii seenaawwan kun akka galmeeffaman itti godhe qaba. (Rom. 15:4) Seenaawwan kana dubbisuun, irratti xiinxaluu fi qoʼachuun keenya baayʼee gaarii dha! Atis taate maatiin kee hojii irra oolchuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe hubachuuf yaali. Yihowaan Dubbii isaa hojii irra oolchuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Amala of toʼachuu argisiisuu irratti gama tokko tokkoon hirʼina akka qabdu yoo hubatte, dadhabbii kee kana amanii fudhadhu. Achiis waaʼee isaa kadhannaa dhiheessuudhaan, akkamitti fooyyessuu akka dandeessu hubachuuf yaali. (Yaq. 1:5) Barreeffamoota keenya irratti qorannaa yoo goote, barreeffamoota gama kanaan gargaarsa dabalataa siif godhan akka argattu beekamaa dha. w17.09 6 key. 15-16

Wiixata, Caamsaa 20

Namummaa haaraa . . . uffadhaa.—Qol. 3:10.

‘Namummaa haaraan,’ namummaa ‘isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun uumame’ argisiisa. (Efe. 4:24) Namummaa haaraa akkasii horachuun wanta humna keenyaa ol taʼe miti. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan ilmaan namootaa kan uume, akka bifa isaatti waan taʼeef amalawwan isaa gaggaarii taʼan argisiisuu dandeenya. (Uma. 1:26, 27; Efe. 5:1) Phaawulos namummaa haaraa akka uffannu gorsa erga nuu kennee booda, namoota wal caalchisuu dhiisuun amala namummaa haaraa keessaa isa iddoo guddaa qabu akka taʼe ibseera. Akkana jedheera: “Giriikiin yookiin Yihudiin, dhaqna kan qabate yookiin dhaqna kan hin qabanne, Iskuteesiin, namni garbicha yookiin bilisa taʼe hin jiru.” Gumii keessa sanyiidhaan, lammiidhaan ykn iddoo hawaasa keessatti qaban irratti hundaaʼanii wal qoqqooduun kan hin jirre maaliifi? Duuka buutonni Kiristoos ‘hundi tokko’ waan taʼaniifi dha. (Qol. 3:11; Gal. 3:28, hiika bara 1997) Namoonni namummaa haaraa uffatan, obboloonni isaaniis taʼan, namoonni kaan iddoon isaan hawaasa keessatti qaban ykn sanyiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe kabajaan isaan qabu.—Rom. 2:11. w17.08 22 key. 1; 23 key. 3-4

Kibxata, Caamsaa 21

Waaqayyo . . . eegaa jira.—Isa. 30:18.

Yihowaan wanta ofii isaatii hin goone nu irraa hin eegu. Eeggachuuf fedhii qabaachuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. (2 Phe. 3:9) Yihowaan gaaffiin Eeden keessatti kaʼe suutuma suutaan guutummaatti deebii argachuu akka dandaʼuuf, waggoota kumaan lakkaaʼamaniif eegaa jira. Yeroo maqaan isaa guutummaatti itti qulqulleeffamu obsaan “eegaa” jira. Kun immoo, ‘warra isa eeggataniif’ eebba guddaa argamsiisa. (Isa. 30:18) Yesuusis eeggachuuf fedhii qaba. Lafa irra yeroo turetti qorumsa amanamummaa kan darbee fi gatii aarsaa furii isaa Dh.K.B. bara 33⁠tti kan dhiheesse taʼus, bulchuu isaa jalqabuuf hanga bara 1914⁠tti eeguu qaba ture. (HoE. 2:33-35; Ibr. 10:12, 13) Diinonni Yesuus guutummaatti kan balleeffaman xumura Bulchiinsa Barkumeetti dha. (1 Qor. 15:25) Taʼus, eeguun isaa buʼaa akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w17.08 7 key. 16-17

Roobii, Caamsaa 22

[Waaqayyo] rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.—2 Qor. 1:3, 4.

Suuseen akkana jetteetti: “Ilmi keenya erga duʼee booda gara waggaa tokkootiif, gadda guddaa fi dhiphina cimaatu nutti dhagaʼama ture.” Obboleessi akka tasaa haati manaa isaa jalaa duute immoo, “dhukkubni ibsuun ulfaataa taʼe” isatti dhagaʼamaa akka ture dubbateera. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun kaanis gaddi cimaan akkasii isaan mudata. Obboloonni gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hedduun, Armaagedoon dura namoota jaallatan duʼaan akka dhaban hin eegne taʼa. Ati iyyuu nama jaallattu duʼaan dhabdeetta yoo taʼe ykn nama namni inni jaallatu jalaa duʼe beekta taanaan, ‘Namoota gaddaan garaan isaanii cabe akkamitti gargaaruun dandaʼama?’ jettee gaafatta taʼa. Tarii yeroon darbaa ennaa deemu jajjabaachuun akka dandaʼamu dhageesseetta taʼa. Haa taʼu malee, yeroon darbuun isaa qofti namoonni gaddaan garaan isaanii cabe akka jajjabaatan gochuu dandaʼaa? Dubartiin abbaa manaa ishii duʼaan dhabde tokko, “Gaddi keenya akka hirʼatu kan nu gargaaru, akkaataa yeroo keenya itti dabarsinu dha utuu jedhamee sirrii natti fakkaata” jetteetti. Eeyyee, akkuma madaa qaamaa, madaan miiraas kunuunsi gaariin yoo godhameef suutuma suuta fooyyaʼaa deemuu dandaʼa. w17.07 12-13 key. 1-3

Kamisa, Caamsaa 23

Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.—Far. 37:4.

Yihowaan karoora akkamii akka baafattu si jajjabeessa? Namoonni isa beekuu fi amanamummaadhaan isa tajaajiluudhaan gammachuu akka argatan barbaada. (Far. 128:1; Mat. 5:3) Kun bineensota nyaachuu, dhuguu fi dhala godhachuu qofatti gammadanii jiraatan irraa baayʼee adda dha. Waaqayyo wantoota kana irra caalaniif karoora baafachuudhaan gammachuu akka argattu barbaada. Uumaan kee ‘Waaqa jaalalaa’ fi “Waaqa gammadaa” siʼa taʼu, namootas “akka bifa isaatti” uume. (2 Qor. 13:11; 1 Xim. 1:11; Uma. 1:27) Fakkeenya Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee yommuu hordoftu gammachuu argatta. Caqasni, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhu dhugaa taʼuu isaa muuxannoo kee irraa hin hubannee? (HoE. 20:35) Kun dhugaa jireenya namootaa keessatti mulʼatu dha. Kanaaf, Yihowaan karoorri ati baafatte jaalala namoota kaanii fi Waaqayyoof qabdu irratti kan xiyyeeffatu akka taʼu barbaada.—Mat. 22:36-39. w17.07 23 key. 3

Jimaata, Caamsaa 24

[Waaqayyo] wanta gaarii taʼe warra balleessaa malee deddeebiʼan duraa hin hambisu.—Far. 84:11.

Waaqayyo ilmaan namootaa kabajaa fi ulfinaan qaba. Hamma nuti ofiif kunuunsa gochuu dandeenyu caalaa nu kunuunsa. Yihowaan akka gareetti saba isaa hunda ni jaallata. Tokkoon tokkoon isaaniitiifis dhuunfaatti ni yaada. Fakkeenyaaf, jaarraawwan sadan, yeroo Yihowaan saba Israaʼel diinota isaanii irraa isaan oolchuuf abbootii firdii kaasee fi humna isaaniif kennaa ture yaadaa. Yeroo jeequmsaan guutame sanatti, Yihowaan dubartii lammii Israaʼel hin turree fi Ruut jedhamtuuf xiyyeeffannaa kenneera. Ruut aarsaa guddaa gochuudhaan Yihowaa kan waaqeffattu taateetti. Yihowaan, Ruut abbaa manaa fi ilma akka argattu gochuudhaan ishii eebbiseera. Taʼus eebbi ishiin argattu kana qofa miti. Yommuu duʼaa kaafamtu, ilmi ishii hidda dhalootaa gara Masiihichaatti geessu keessaa tokko akka ture barti. Kana malees, seenaan ishii kutaa Kitaaba Qulqulluu maqaa ishiitiin waamamu keessatti eegamee akka turu godhamuu isaa yommuu beektu wanta ishiitti dhagaʼamu yaadaa!—Rut. 4:13; Mat. 1:5, 16. w17.06 28-29 key. 8-9

Sanbadduraa, Caamsaa 25

Hafuurri qulqulluun . . . wantoota ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.—Yoh. 14:26.

Bara 1970⁠tti obboleessi Piitar jedhamu umuriin isaa waggaa 19 yeroo taʼu, Betʼel isa Biritaaniyaa jiru keessa tajaajiluu jalqabee ture. Manaa gara manaatti utuu lallabaa jiruu, nama areeda dheeraa qabuu fi umurii giddu galeessaa keessa jiru tokkoo wajjin wal arge. Piitar, namichi kun Kitaaba Qulqulluu hubachuu kan barbaadu taʼuu isaa isa gaafate. Namichis naasuudhaan, manichi mana barsiisaa amantii Yihudii taʼuu isaa itti hime. Namichi kun Piitariin qoruudhaaf, “Kanaaf, ilma ko, Kitaabni Daaniʼel afaan isa kamiin barreeffame?” jedhee isa gaafate. Piitaris, “Gar tokkoon isaa Afaan Aramaayikiitiin barreeffame” jedhee deebiseef. Piitar wanta yaadatu yommuu dubbatu akkana jedheera: “Barsiisaan amantii Yihudii sunis deebii isaa beekuu kootiin dinqisiifamee ture; garuu hamma koo hin dinqisiifamne! Deebii gaaffii kanaa beekuu kanan dandaʼe akkamitti? Gara manaatti deebiʼe barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! jiʼa darbee yommuun ilaalu, mata duree Kitaabni Daaniʼel Afaan Aramaayikiitiin (Afaan Aaramiitiin) akka barreeffame ibsun arge.” (Dan. 2:4) Eeyyee, hafuurri qulqulluun wantoota kanaan dura dubbisne nu yaadachiisuu dandaʼa.—Luq. 12:11, 12; 21:13-15. w17.06 13 key. 17

Dilbata, Caamsaa 26

Warri [fuudhanii fi heeruman] garuu foon isaanii irratti rakkina fidu.—1 Qor. 7:28.

Yeroo baayʼee dhiphinni haaraan uumamuu kan jalqabu haati manaa, akka mucaan garaatti ishii hafe yommuu beeksistu dha. Gammachuun hiriyoonni gaaʼelaa mucaa godhachuuf abdachuudhaan argatan, yaalii fayyaa yommuu ulfooftee jirtuu fi sana booda dhufuun hirʼachuu dandaʼa. Qarshiin yeroo sanaafis taʼe gara fuulduraatiif isaan barbaachisu isaan yaaddessuu dandaʼa. Erga mucaan dhalatee booda immoo sirreeffamni dabalataa ni barbaachisa. Yeroonii fi xiyyeeffannaan haadha haaraa taate kanaa mucaa ishii kunuunsuu irratti taʼuu dandaʼa. Kanaaf, abbaan manaa fi haati manaa akka kanaan duraa waliif xiyyeeffannaa kennuu hin dandaʼan taʼa. Kana malees, abbaan haaraa taʼe tokko itti gaafatamummaa dabalataa fudhata. Miseensa maatii haaraa argate kunuunsuu fi wanta isa barbaachisu dhiheessuuf itti gaafatamummaan isaa ni dabala. Hiriyoota gaaʼelaa tokko tokko immoo rakkina adda taʼe kan biraatu isaan mudata. Dhala godhachuuf hawwii guddaa kan qaban taʼus, dhala godhachuu hin dandaʼan taʼa. Haati manaa yoo dhala godhachuu dadhabde, miirri ishii ni jeeqama taʼa. w17.06 4 key. 1; 5 key. 5-6

Wiixata, Caamsaa 27

Wanti ati jette attam anatti miyaaʼa! Isa dammi afaan kootti miyaaʼu caalaa anatti in miyaaʼa.—Far. 119:103.

Kiristiyaanota waan taaneef, dhugaa ni jaallanna, bakka guddaas ni kenninaaf. Dubbiin Waaqayyoo madda dhugaa isa hundumaa irra caaluu ti. Yesuus kadhannaa Abbaa isaatiif dhiheesse irratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedhee ture. (Yoh. 17:17) Kanaaf, dhugaa jaallachuun Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii argachuu irraa jalqaba. (Qol. 1:10) Haa taʼu malee, beekumsa sammuu argachuu malees wanta dabalatu qaba. Wanti barreessaan Faarfannaa 119 geggeessaa hafuuraatiin barreesse, dhugaa Kitaaba Qulqulluu jaallachuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf akkamitti akka nu gargaaru hubadhaa. (Far. 119:97-100) Guyyaa keessatti yaadawwan Kitaaba Qulqulluu dubbisne irratti xiinxaluuf yeroo ni ramadnaa? Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun akkamitti akka nu fayyade yommuu xiinxallu, jaalalli dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu guddachaa deema. Akkasumas nyaata hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi jaarmiyaan Waaqayyoo nuuf dhiheessu akka nyaata miʼaawaatti nyaachuu dandeenya. Nyaata hafuuraa sirriitti alaanfannee nyaachuun keenya, “dubbii” dhugaa “nama gammachiisu” akka yaadannuu fi namoota kaan gargaaruuf akka itti fayyadamnu nu gargaara.—Lal. 12:10. w17.05 19-20 key. 11-12

Kibxata, Caamsaa 28

Dhuguma Waaqayyo isin gidduu jira.—1 Qor. 14:25.

Namoota Dhugaa Baatota hin taane dabalatee namoota rakkatan gargaaruu ni barbaanna. (Luq. 10:33-37) Kana gochuuf karaan inni hunda caalu immoo misiraachicha isaaniif lallabuu dha. Jaarsi godaantota hedduu gargaare tokko akkana jedheera: “Yeruma sana Dhugaa Baatota Yihowaa akka taanee fi kaayyoon keenya inni guddaan karaa hafuuraa isaan gargaaruu malee wanta karaa foonii isaan barbaachisu isaaniif kennuu akka hin taane ibsuun keenya barbaachisaa dha. Taʼuu baannaan, kan nutti dhihaatan faayidaa isaaniitiif qofa taʼa.” Namoota “galaa biyya ormaa” taʼaniif jaalala Kiristiyaanaa argisiisuun buʼaa gaarii qaba. (Far. 146:9) Obboleettiin tokko maatii ishii wajjin ariʼatama Ertiraa keessa ture irraa baqattee turte. Ijoolleen ishii afur gammoojjii keessa qaxxaamuranii adeemsa dadhabsiisaa guyyaa saddeetii booda Sudaan gaʼan. Akkana jetteetti: “Obboloonni achi turan nyaata, uffata, mana jireenyaa fi geejjiba akka argatan gochuudhaan akkuma fira dhiigaatti isaan simataniiru. Namoonni namoota hin beekne sababii Waaqa tokko waaqeffataniif qofa mana isaaniitti simatan eenyufaʼi? Dhugaa Baatota Yihowaa qofa dha!”—Yoh. 13:35. w17.05 7 key. 17, 19-20

Roobii, Caamsaa 29

Isin akka garbicha koo Iyoob waaʼee koo qajeela hin [dubbanne].—Iyo. 42:8.

“Namni Waaqayyoof buʼaa qabaa ree? Namni ogeessi illee ofii isaatiif buʼaa in argata; ati qajeelaa yoo taate, isa hundumaa dandaʼu in gammachiisaa ree? Karaa kee mudaa kan hin qabne yoo godhatte, inni waa in argataa ree?” (Iyo. 22:1-3) Deebii gaaffilee kanaa irratti yaaddee beektaa? Eliifaaz Temaanichi jalqaba irratti gaaffiiwwan kana Iyoobiin yeroo gaafatetti, kun akka hin dandaʼamne yaadee akka ture hin shakkisiisu. Michuun isaa Biildaad Shuʼaahichis, namni Waaqayyo duratti ejjennoo qajeelaa qabaachuu akka hin dandeenye dubbateera. (Iyo. 25:4) Eliifaazii fi Biildaad, carraaqqiin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf goonu homaa akka isa hin fayyannee fi nutis Waaqayyo duratti hamma bilii, bunqursaa fi raammoo illee gatii akka hin qabne dubbataniiru. (Iyo. 4:19; 25:6) Yihowaan wanta Eliifaaz, Biildaadii fi Zofaar sobaan dubbataniif isaanitti dheekkamuun isaa, akkasumas Iyoobiin “garbicha koo” jechuudhaan isatti akka gammade ibsuun isaa ilaalcha akkamii akka qabu nutti mulʼisa. (Iyo. 42:7) Kanaaf, dhuguma iyyuu namni “Waaqayyoof buʼaa qaba.” w17.04 28 key. 1-2

Kamisa, Caamsaa 30

[Isaan] nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.—Far. 37:11.

Addunyaa moofaa kana keessa yeroo dheeraadhaaf waan jiraanneef haalli addunyaa hangam akka nu dhiphisu hubachuu dhiisnee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni naannoo buufata baaburaa jiran sagaleen baaburaa isaan hin jeequ; akkasumas namoonni naannoo bakka kosiin itti kuufame jiraatan fooliin kosii sanaa isaanitti hin beekamu. Haa taʼu malee, yommuu Yihowaan haalawwan nama gaddisiisan hunda balleessu boqonnaa guddaatu argama! Wanti wantoota yeroo ammaatti nu dhiphisan kana bakka buʼu maali dha? Mee Waadaa caqasa guyyaa harʼaa irra jiru yaadaa. Jechoonni kun garaa keessan hin tuqanii? Yihowaan jireenya akkasii akka jiraattan barbaada. Kanaaf, guyyoota gara dhumaa nama dhiphisan kana keessatti, Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti maxxantanii jiraachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa! Abdii isiniif kenname irratti xiyyeeffadhaa, irratti xiinxalaa, sammuu fi garaa keessan keessatti akka isiniif dhugoomu godhaa, akkasumas namoonni kaanis waaʼee abdii kanaa akka beekan gargaaraa! (1 Xim. 4:15, 16; 1 Phe. 3:15) Akkas yoo gootan, addunyaa moofaa itti murteeffame kanaa wajjin akka hin darbine mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Faallaa kanaatiin, bara baraaf gammachuudhaan jiraattu! w17.04 13 key. 16-17

Jimaata, Caamsaa 31

Hundi keenya yeroo baayʼee dogoggora ni raawwanna.—Yaq. 3:2, milj.

Kana hundi keenya iyyuu beekna; taʼus, yeroo dogoggorri obboleessa tokkoo dhuunfaatti nu tuqutti nutti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo kanatti, ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu ni qabaannaa? Fakkeenyaaf, jaarsi tokko wanta akka inni halaalatti nama jibbu argisiisu tokko utuu dubbatee maal goota? Jaarsi tokko wanta si aarsuu ykn si miidhuu dandaʼu tokko utuu dubbatee ni gufattaa? Obboleessi kun jaarsa taʼee tajaajiluuf gaʼumsa hin qabu jettee murteessuu mannaa, Yesuus isa mataa gumii taʼe obsaan ni eeggattaa? Tarii amanamummaadhaan waggaa hedduudhaaf tajaajiluu isaa irratti xiinxaluudhaan amala gaarii inni qabu irratti xiyyeeffachuuf ni carraaqxaa? Obboleessi si miidhe tokko jaarsa gumii taʼee tajaajiluu isaa utuu itti fufee ykn mirgawwan dabalataa utuu argatee isaa wajjin ni gammaddaa? Dhiifama gochuuf fedhii qabaachuun kee ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu akka qabdu argisiisa.—Mat. 6:14, 15. w17.04 27 key. 18

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi