LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es19 ful. 37-46
  • Ebla

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ebla
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Wiixata, Ebla 1
  • Kibxata, Ebla 2
  • Roobii, Ebla 3
  • Kamisa, Ebla 4
  • Jimaata, Ebla 5
  • Sanbadduraa, Ebla 6
  • Dilbata, Ebla 7
  • Wiixata, Ebla 8
  • Kibxata, Ebla 9
  • Roobii, Ebla 10
  • Kamisa, Ebla 11
  • Jimaata, Ebla 12
  • Sanbadduraa, Ebla 13
  • Dilbata, Ebla 14
  • Wiixata, Ebla 15
  • Kibxata, Ebla 16
  • Roobii, Ebla 17
  • Kamisa, Ebla 18
  • Guyyaa Ayyaana Yaadannoo
    Erga Biiftuun Seentee Booda
    Jimaata, Ebla 19
  • Sanbadduraa, Ebla 20
  • Dilbata, Ebla 21
  • Wiixata, Ebla 22
  • Kibxata, Ebla 23
  • Roobii, Ebla 24
  • Kamisa, Ebla 25
  • Jimaata, Ebla 26
  • Sanbadduraa, Ebla 27
  • Dilbata, Ebla 28
  • Wiixata, Ebla 29
  • Kibxata, Ebla 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
es19 ful. 37-46

Ebla

Wiixata, Ebla 1

Dhiirotas kennaa godhee kenne.—Efe. 4:8.

Kennaawwan gatii guddaa qaban kana irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko amantii jaarsoliin qabanii fi fakkeenya isaanii isa gaarii hordofuu dha. Karaan inni kan biraan immoo gorsa isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe fudhachuu dha. (Ibr. 13:7, 17) Jaarsoliin akka nu jaallatanii fi karaa hafuuraa akka guddannu akka barbaadan yaadadhaa. Fakkeenyaaf, walgaʼiiwwan irraa hafuu keenya ykn hinaaffaan keenya hirʼachuu isaa yoo hubatan, dafanii akka deggersa nuuf godhan homaa hin shakkisiisu. Nu dhaggeeffatu; akkasumas akka gaariitti nu jajjabeessuu fi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii gorsa nu barbaachisu nuuf kennuudhaan nu cimsuuf yaalii godhu. Gargaarsa akkanaa karaa jaalalli Yihowaan isiniif qabu ittiin ibsamu akka taʼetti ni ilaaltuu? Gorsa nu barbaachisu nuuf kennuuf nutti dhihaachuun jaarsoliidhaaf salphaa taʼuu dhiisuu akka dandaʼu yaadadhaa. Maarree, baʼaa jaarsolii gumii keessanii isaaniif hirʼisuu kan dandeessan akkamitti? Kan gad of qabdan, kan salphaatti itti dhihaatamuu fi kan galateeffattan taʼaa. Gargaarsi isaan isiniif godhan jaalala Waaqayyo isiniif qabu kan argisiisu akka taʼetti ilaalaa. Kun immoo isin fayyada; jaarsoliinis hojii isaanii irraa gammachuu akka argatan godha. w18.03 31 key. 15-16

Kibxata, Ebla 2

Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!—Fak. 27:11.

Ijoolleen hundi haalli isaanii adda adda waan taʼeef, yeroo tokkotti ykn wal qixxee akka hin bilchaanne beekamaa dha. Ijoolleen tokko tokko sammuu fi miirri isaanii ijoollummaatti akka gaariitti waan bilchaatuuf, cuuphamuu akka barbaadan dubbachuu dandaʼu. Kaan garuu, hamma xinnoo guddatanitti cuuphamuuf qophaaʼoo hin taʼan. Kanaaf, warri hubatoo taʼan ijoolleen isaanii akka cuuphaman dhibbaa isaan irraan hin geessisan. Kanaa mannaa, akkuma guddinaa fi jijjiirama isaaniitti ijoolleen isaanii gama hafuuraatiin guddina akka godhan gargaaruu isaanii itti fufu. Warri ijoolleen isaanii yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru yommuu hubatan ni gammadu. Haa taʼu malee, galmi isaanii ijoolleen isaanii barattoota Kiristoos akka taʼan gargaaruu taʼuu isaa matumaa dagachuu hin qaban. Kana yaadatti qabachuudhaan, warri gaaffii, ‘Mucaan koo Waaqayyoof of murteessuu fi cuuphamuuf beekumsa gaʼaa qabaa?’ jedhu irratti yaaduu barbaadu. w18.03 9 key. 6

Roobii, Ebla 3

Wanti inni wareege kan isa miidhu yoo taʼe iyyuu, wareega isaa utuu hin geddarin kan raawwatu.—Far. 15:4.

Afeerraa nuuf dhihaateef takkaa tole yoo jenne, sababii amansiisaa hin taaneen hafuu hin qabnu. Namni nu afeere akka gaariitti qophaaʼuu waan dandaʼuuf, sababii tokko malee hafuun keenya dadhabbii isaa kan gatii dhabsiisu taʼa. (Mat. 5:37) Obboloonni tokko tokko afeerraa isa jalqabaa kan caalu fakkaatu waan argataniif, afeerraa isa duraa yeroo itti dhiisan qabu. Kun jaalalaa fi kabaja akka isaaniif qaban argisiisaa? Kanaa mannaa, namoonni nu keessummeessan maal iyyuu yoo nuuf dhiheessan garaadhaa dinqisiifannee fudhachuu qabna. (Luq. 10:7) Afeerraa nuuf dhihaate dhiisuun dirqama yoo nutti taʼe garuu, hamma dandaʼametti dafnee namoota nu afeeranitti himuun akka isaan jaallannuu fi akka isaaniif yaannu argisiisa. Aadaa biyyichaa kabajuunis barbaachisaa dha. Aadaa tokko tokko keessatti namni tokko utuu hin afeeramin yoo dhufe rakkina hin qabu; kaan garuu dursanii beeksifamuu filatu. Aadaa tokko tokko keessatti namoonni afeerraa isaaniif dhihaate takkaatti tole jechuu akka hin qabne isaan irraa eegama; kaan immoo afeeraa diduun dinqisiifannaa dhabuu akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Kanaaf, namoota nu afeeran gammachiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu. w18.03 18 key. 20-21

Kamisa, Ebla 4

Gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii cimaa [godhaa].—Ibr. 6:1.

Nama hafuuraa taʼuuf beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabaachuun keessan qofti gaʼaa akka hin taane yaadadhaa. (1 Mot. 4:29, 30; 11:4-6) Maarree, beekumsa Kitaaba Qulqulluu malees wanti nu barbaachisu kan biraan maali dha? Karaa hafuuraa guddina gochuu keenya itti fufuun nu barbaachisa. (Qol. 2:6, 7) Tarkaanfiin fudhachuu qabnu inni tokko kitaaba, “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu qoʼachuu dha. Kitaaba kana qoʼattanii xumuruun keessan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu jireenya keessan keessatti akkamitti hojii irra akka oolchitan hubachuuf isin gargaara. Kitaaba kana qoʼattanii xumurtaniittu yoo taʼe immoo, meeshaawwan qoʼannaa amantii keessan cimsan kan birootti darbuu ni dandeessuu? (Qol. 1:23) Wanta dubbistan jireenya keessan keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessan kadhannaadhaan irraatti ni xiinxaltuu? Yommuu qoʼannuu fi xiinxallu, kaayyoon keenya fedhii garaadhaa Yihowaa gammachiisuu fi seerawwan isaatiif ajajamuuf qabnu guddisuu akka taʼe yaadachuu qabna. (Far. 40:8; 119:97) Kana malees, wantoota guddina karaa hafuuraa goonuuf gufuu nutti taʼan of irraa fageessuuf carraaqqii gochuu qabna.—Tit. 2:11, 12. w18.02 24-25 key. 7-9

Jimaata, Ebla 5

[Noh] qajeelina amantiidhaan argamu dhaale.—Ibr. 11:7.

Amantii akka Noh horachuuf barattoota Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼuun, wanti barannu garaa keenya akka tuqu gochuunii fi barumsichi akka nu sirreessuu fi nu qajeelchu heyyamuun keenya barbaachisaa dha. (1 Phe. 1:13-15) Yeroo kana goonu immoo amantiinii fi ogummaan, karoora Seexanaa haxxummaadhaan guutamee fi hafuura hamaa addunyaa kanaa irraa nu eega. (2 Qor. 2:11) Hafuurri addunyaa kun lolaa fi mancaʼina amalaa babalʼisa. Akkasumas namoonni hawwii foonii irratti akka xiyyeeffatan godha. (1 Yoh. 2:15, 16) Kana malees, namoonni karaa hafuuraa dadhaboo taʼan ragaawwan guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhihaachuu isaa argisiisaniif dantaa akka dhaban gochuu dandaʼa. Yesuus bara keenyaa fi bara Noh wal bira qabee yeroo dubbatetti kan xiyyeeffate, hammina irratti ykn mancaʼina amalaa irratti utuu hin taʼin, wantoota hafuuraatiif dantaa dhabuun balaa qabaachuu isaa irratti ture. (Mat. 24:36-39) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Akkaataan jireenyaa koo Yihowaa sirriitti akkan beeku argisiisaa? Amantiin koo, ulaagaalee Waaqayyo qajeelinaaf baase wajjin wal simee akkan jiraadhu qofa utuu hin taʼin waaʼee isaanii akkan labsus na kakaasaa?’ Deebiin gaaffilee kanaaf kennitan ‘karaa Waaqayyoo irra akka deddeebiʼaa’ jirtan kan argisiisu akka taʼu ni hawwina.—Uma. 6:9. w18.02 9-10 key. 8-10

Sanbadduraa, Ebla 6

Namoota akkasii irraa fagaadhu.—2 Xim. 3:5.

Namoota amalawwan gadhee qaban irraa guutummaatti fagaachuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Isaan wajjin hojjechuu, gara mana barumsaa deemuu ykn jiraachuu qabna taʼa. Garuu, ilaalcha isaanii fi amala isaanii irraa fagaachuu dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi namoota Yihowaa tajaajiluuf murteessan hiriyaa godhachuudhaan karaa hafuuraa yoo of cimsine dha. Kana malees, karaa hafuuraa warra kaan gargaaruuf carraaquu qabna. Yihowaan yeroo sirrii taʼetti wanta sirrii taʼe dubbachuuf akka isin gargaaru kadhachuudhaan, warra kaaniif lallabuuf carraa barbaadaa. Warri kaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya akka beekan gochuu qabna. Kana yoo goone, amalli keenya inni gaariin nuuf utuu hin taʼin Waaqayyoof ulfina kan fidu taʼa. “Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan taanee akka jiraannu” leenjii arganneerra. (Tit. 2:11-14) Amalawwan Waaqayyo jaallatu kan qabnu yoo taʼe, namoonni kaan kana ni ilaalu; isaan keessaa tokko tokko iyyuu, “Waaqayyo isin wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis isin wajjin ni deemna” jechuu dandaʼu.—Zak. 8:23, NW. w18.01 31 key. 17-18

Dilbata, Ebla 7

Namoonni kan of jaallatan [taʼu].—2 Xim. 3:2.

Of jaallachuun keenya dogoggoraa? Jaalala sirrii ofiif qabaachuun dogoggora miti, siruma iyyuu barbaachisaa dha. Yihowaan akkasitti nu uume. Yesuus, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedheera. (Mar. 12:31) Yoo of jaallachuu baanne nama kan biraa jaallachuu hin dandeenyu. Kana malees Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Abbootiin manaas haadhotii manaa isaanii akkuma qaama isaaniitti jaallachuu qabu. Namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa ni jaallata; namni qaama isaa jibbu hin jiru; kanaa mannaa . . . ni soora, akkasumas ni kunuunsa.” (Efe. 5:28, 29) Kanaaf, jaalala sirrii ofiif qabaachuun barbaachisaa dha. Of jaallachuun 2 Ximotewos 3:2 irratti ibsame, jaalala ofittummaa irratti hundaaʼee fi sirrii hin taane dha. Namoonni garmalee of jaallatan, waaʼee ofii isaanii hamma yaaduu qaban caalaa yaadu. (Rom. 12:3) Jireenya isaanii keessatti iddoo guddaa kan kennan ofii isaaniitiifi. Waaʼee warra kaanii baayʼee hin yaadan. Dogoggorri tokko yeroo uumamu, itti gaafatamummaa fudhachuu mannaa warra kaan ceephaʼu. Namoonni ofittoo taʼan akkanaa gammachuu dhugaa hin qaban. w18.01 23 key. 4-5

Wiixata, Ebla 8

Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.—Qol. 3:15.

Karaan Yihowaa itti dhageenyu inni tokko qoʼannaa dhuunfaa yommuu taʼu, kadhannaan immoo karaa itti isa haasofsiisnu dha. Kiristiyaanni tokko kadhannaa akka sirna amantii hiika hin qabne tokkootti ilaaluu hin qabu; yookiin immoo wanta dinqiidhaan waan barbaanne nuu argamsiisu miti. Kanaa mannaa, kadhannaan karaa Uumaa keenya wajjin itti wal qunnamnu dha. Yihowaan yaada keenya akka isaaf ibsinu barbaada. (Filp. 4:6) Kitaabni Qulqulluun dhiphinni akkamii iyyuu yeroo si mudatu ‘wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gattee akka dhiistu’ si jajjabeessa. (Far. 55:22) Gorsi kun akka si fayyadu sitti dhagaʼamaa? Obboloonni miliyonaan lakkaaʼaman gorsi kun akka isaan fayyade sii mirkaneessuu dandaʼu. Siinis si fayyaduu dandaʼa! Kan kadhannu Yihowaa irraa gargaarsa gaafachuuf qofa taʼuu hin qabu. Yeroo tokko tokko rakkinuma keenya irratti waan xiyyeeffannuuf, eebbawwan hedduu argachuu keenya daganna. Guyyaa guyyaadhaan yoo xinnaate wantoota itti galateeffachuu dandeessu sadii irratti maaliif hin yaaddu? Achii, eebbawwan sanaaf kadhannaadhaan Yihowaa galateeffachuu dandeessa. w17.12 25-26 key. 10-11

Kibxata, Ebla 9

Daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu fayyina . . . argamuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.—2 Xim. 3:15.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kumaan lakkaaʼaman Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamu. Isaan keessaa baayʼeen, dargaggoota dhugaa keessatti guddatanii fi jireenya isa caalu filatani dha. (Far. 1:1-3) Haadha ykn abbaa Kiristiyaana yoo taatan, guyyaa ilmi ykn intalli keessan itti cuuphaman hawwiidhaan akka eeggattan beekamaa dha. (3 Yohaannis 4 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kiristiyaana waan taataniif, ijoolleen keessan kitaabota qulqulluu, yeroo harʼaatti Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii dabalatan akka baratan barbaaddu. Ijoolleen xixinnoon illee, seenaawwan namootaa fi taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman barachuu ni dandaʼu. Jaarmiyaan Yihowaa meeshaalee warri ijoollee isaanii barsiisuuf itti fayyadamuu dandaʼan baayʼee qopheesseera. Beekumsi Kitaabota Qulqulluu Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuuf baayʼee barbaachisaa akka taʼe yaadachuu qabna. w17.12 18 key. 1; 19 key. 4

Roobii, Ebla 10

[Abbaan manaa] mataa haadha manaa ti.—Efe. 5:23.

Haadha manaa yoo taatee fi abbaan manaa kee inni hin amanne akka gaariitti si hin qabu yoo taʼe hoo? Amala isaa akka sirreessu isaa wajjin falmuudhaan haala kana fooyyessuu ni dandeessaa? Wanta ati barbaadde akka raawwatu gochuu yoo dandeesse illee, gara dhugaatti akka dhufu gochuu ni dandeessaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Matummaa abbaa manaa keetiif kabaja yoo kennite garuu, nagaa maatichaatiif gumaacha gochuu dandeessa, Yihowaadhaaf ulfina fidda, akkasumas abbaa manaa kee gara dhugaatti fiduu illee ni dandeessa; kunis lamaan keessaniif iyyuu badhaasa argamsiisa. (1 Phe. 3:1, 2) Abbaa manaa yoo taatee fi haati manaa kee ishiin hin amanne kabaja akka siif hin kennine sitti dhagaʼama yoo taʼe hoo? Aangoo kan qabu eenyu akka taʼe argisiisuuf ishiitti iyyita taanaan, akka kabaja siif laattuuf kakaasuu dandeessaa? Matumaa! Waaqayyo matummaa kee fakkeenya Yesuus hordofuudhaan jaalalaan akka itti fayyadamtu si irraa eega. Yesuus matummaa gumii isaa irratti qabu jaalalaa fi obsaan itti fayyadama. (Luq. 9:46-48) Abbaan manaa tokko fakkeenya Yesuus hordofuudhaan haadha manaa isaa gara dhugaatti fiduu dandaʼa. w17.11 28-29 key. 13-14

Kamisa, Ebla 11

Inni wantoota hundumaa uume . . . Waaqayyo dha.—Ibr. 3:4.

Ilaalchi addunyaa qajeelfama Yihowaatiif dantaa akka dhabnu ykn akka tuffannu nu godha, dhiibbaan isaas suutuma suuta amantii keenya laaffisa. Yeroo harʼaa hundi keenya ilaalcha addunyaatiif saaxilamneerra. Ilaalchi kun televizyiiniidhaan, Intarneetiidhaan, bakka hojiitti ykn nama barumsaatti babalʼifama. Biyyoota hedduu keessatti, namoonni Waaqayyotti hin amannu yommuu jedhan dhagaʼuun waan haaraa miti; namoonni kun amantii akka hin qabnetti of ilaalu. Namoonni kun Waaqayyo jiraachuu fi dhiisuu isaa of eeggannoodhaan utuu hin qoratin, ‘yaada waanan barbaade gochuuf bilisummaa qaba’ jedhu fudhachuuf murteessu. (Far. 10:4) Warri kaan immoo, akka addunyaatti ogeeyyii akka taʼan waan isaanitti dhagaʼamuuf, “Ani utuun Waaqayyotti hin amanin, qajeelfama gaarii na barbaachisu qabaachuu nan dandaʼa” jedhu. Yaanni namoonni Waaqayyotti hin amanne Uumaan hin jiru jechuudhaan dubbatan sababii quubsaa irratti kan hundaaʼe dhaa? Namni tokko wantoonni lubbuu qaban kan uumaman taʼuu fi dhiisuu isaanii beekuuf saayinsii yommuu qoratu salphaadhumatti odeeffannoo hedduudhaan liqimfamuu dandaʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu deebiin isaa salphaa dha. Mana tokko ijaaruuf namni kan barbaachisu erga taʼee, wantoota lubbuu qaban hojjechuuf hoo qaamni kana caalu hin barbaachisuu? w17.11 20-21 key. 2-4

Jimaata, Ebla 12

Macaafni seenaa waaʼee warra isa sodaatanii fi warra maqaa isaatiif ulfina kennanii, fuula isaa duratti caafameera.—Mil. 3:16.

Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun hammam barbaachisaa akka taʼe irratti yaadaa. Walgaʼiiwwan gumii kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼan hin dagatinaa. Yihowaanii fi Yesuus ayyaana waggaa bakka guddaa qabu kana irratti argamuuf carraaqqii kan godhu eenyu akka taʼe ni ilaalu. Haalli qaama keenyaa ykn haalli kan biraan hamma nu hin daangessinetti Ayyaanicha irratti argamuu keenya akka ilaalan barbaanna. Walgaʼiiwwan waaqeffannaatiif bakka guddaa akka kenninu gocha keenyaan kan argisiisnu yoo taʼe, Yihowaan maqaan keenya ‘macaafa seenaa’ ykn “kitaaba jireenyaa” irratti barreeffamee akka turu gochuuf sababii dabalataa qabaata. (Mul. 20:15) Guyyaan Ayyaanichaa yeroo dhihaachaa dhufu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kadhannaadhaanii fi of eeggannoodhaan qoruuf yeroo ramaduu dandeenya.—2 Qor. 13:5. w18.01 13 key. 4-5

Sanbadduraa, Ebla 13

Mandaroota sana keessaa gara isa tokkotti [baqachuu qaba].—Iya. 20:4.

Namni baqatu takkaa magaalaa kooluu itti galan tokko keessa erga seenee booda miidhaan isa irra hin gaʼu. Magaalota sana ilaalchisee Yihowaan, ‘achitti kooluu galaa’ jedheera. (Iya. 20:2, 3) Yihowaan namni nama ajjeese sun ammas dhimmuma sanaaf lammata akka itti murteeffamu ykn namni gumaa baasu magaalattii seenee nama baqate sana akka ajjeesu akka isaaf heyyamamu hin ajajne. Kanaaf, namni baqate sun na ajjeesu jedhee matumaa sodaachuu hin qabu. Hamma magaalaa sana keessa jirutti, eegumsa Yihowaa jala waan jiruuf miidhaan isa irra hin gaʼu. Iddoon kooluu itti galan kun mana hidhaa miti. Magaalattii keessatti hojii hojjechuu, warra kaan gargaaruu fi nagaadhaan Yihowaa tajaajiluu ni dandaʼa. Eeyyee, jireenya gammachuu fi milkaaʼina qabu jiraachuu dandaʼa! Saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko cubbuu cimaa raawwatanii erga yaada geddaratanii booda illee balleessaan isaanitti dhagaʼama. Tokko tokkos Yihowaan cubbuu isaanii matumaa akka hin irraanfanne isaanitti dhagaʼama. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan yommuu dhiifama siif godhu araara isaa keessatti eegumsa argachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi! w17.11 9 key. 6; 11-12 key. 13-14

Dilbata, Ebla 14

Walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!—Far. 133:1.

Karaan tokkummaa cimsuu itti dandeenyu inni tokko, hiika maxinoo fi wayiniin Ayyaana Yaadannoo qabu irratti yaaduu dha. Galgala adda taʼe sana dura, keessumaa immoo galgala sana, hiika maxinoon raacitii hin qabnee fi wayinii diimaan sun qaban irratti gadi fageenyaan yaadaa. (1 Qor. 11:23-25) Maxinichi foon Yesuus isa cubbuu hin qabnee fi aarsaa taʼe, wayinichi immoo dhiiga isaa isa dhangalaʼe argisiisa. Aarsaan furii Kiristoos karaawwan jaalalli itti ibsame lamaan, jechuunis jaalala Yihowaan Ilma isaa nuuf jecha kennuudhaan nutti argisiisee fi jaalala Yesuus fedhiidhaan lubbuu isaa nuuf kennuudhaan nutti argisiise kan dabalatu taʼuu isaa yaadadhaa. Jaalala isaan nutti argisiisan irratti yaaduun keenya, nutis akka isaan jaallannu nu kakaasuu qaba. Jaalalli nuyii fi namoonni nu wajjin waaqeffatan Yihowaadhaaf qabnu, akka funyoo walitti nu hidhuudhaan tokkummaa keenya nuu cimsa. w18.01 15 key. 11

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maatewos 26:6-13

Wiixata, Ebla 15

Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera; kunis nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf Waaqayyo tokkicha Ilma isaa gara addunyaatti erge.—1 Yoh. 4:9.

Yihowaan ilmaan namootaa baayʼee kan jaallatu siʼa taʼu, iddoo guddaa isaaniif kenna. Fayyina bara baraa akka argannuuf dhiiga Ilma isaa nuu kennuuf illee fedhii qabaateera. (Yoh. 3:16) Utuu Yihowaan waadaawwan gale raawwachuu baatee, Diyaabilos Waaqayyo akka sobuu fi uumamawwan isaa wanta gaarii akka dhowwatu, akkasumas karaa sirrii hin taaneen akka isaan qabu dubbachuuf sababa argata ture. Akkasumas mormitoota warra akkana jedhanii gaafatan gammachiisa ture: “Nan argama jedhee kan inni abdii kenne eessa jira? Guyyaa abbootiin keenya duʼanii jalqabee wanti hundi jalqaba uumamaatii kaasee akkuma jirutti itti fufeera.” (2 Phe. 3:3, 4) Kanaafuu, Yihowaan ol aantummaan isaa mirkanaaʼuun isaa fayyina ilmaan namootaa ajajamoo taʼanii kan dabalatu akka taʼe beeka! (Isa. 55:10, 11) Kana malees, jaalalli Yihowaa ol aantummaa isaa argisiisa. Kanaaf, yeroo hundumaa akka inni tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan jaallatu, iddoo guddaa akka isaaniif kennuu fi akka isaan dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Bau. 34:6. w17.06 23 key. 7

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Maatewos 21:1-11, 14-17

Kibxata, Ebla 16

Waaqayyo . . . nu [jaallateera] . . . Ilmi isaa cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa akka [taʼus ergeera].—1 Yoh. 4:10.

Yihowaan Fayyisaan tokko akka dhufu erga Uumama 3:15 irratti abdii kennee kaasee, aarsaan kun akkuma kaffalametti ilaala ture. Achiis gara waggaa 4,000 booda, Yihowaan gatii guddaa kan isa kaffalchiisu taʼu illee, addunyaa ilmaan namootaatiif Ilma isaa tokkicha aarsaa godheera. (Yoh. 3:16) Jaalala Yihowaa isa ofittummaa irraa walaba taʼe guddaa dinqisiifanna! Waaqayyo akka bifa isaatti waan nu uumeef, nutis jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu ni dandeenya. Abeel wanta qabu keessaa isa hunda irra caalu, ofittummaa irraa walaba taʼee aarsaa dhiheessuudhaan Waaqayyoof jaalala akka qabu argisiiseera. (Uma. 4:3, 4) Noh namoonni bara isaatti turan ergaa isaa kan hin fudhanne taʼanis, waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif ergaa Waaqayyoo lallabuudhaan jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera. (2 Phe. 2:5) Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa akka godhu yommuu ajajame, miira isaa caalaa jaalala Waaqayyoof qabuuf dursa kenneera. (Yaq. 2:21) Nutis akkuma namoota amanamoo kanaa, haalli rakkisaan yoo nu mudate illee jaalala argisiisuu barbaanna. w17.10 7-8 key. 3-4

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Maatewos 21:18, 19; 21:12, 13; Yohaannis 12:20-50

Roobii, Ebla 17

Nuti luba ol aanaa isa cubbuu qabaachuu baatus, karaa hundumaan akkuma keenya qorame qabna malee, isa dadhabina keenyatti nuuf gadduu hin dandeenye hin qabnu.—Ibr. 4:15.

Yesuus inni Luba Ol Aanaa keenya taʼee tajaajilu, cubbuun keenya akka nuu dhiifamuu fi “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannu” godha. (Ibr. 4:16) Kanaaf, aarsaa Yesuusitti amani. Furichi dhuunfaatti siif faayidaa akka argamsiisu amani. (Gal. 2:20, 21) Cubbuu keetiif dhiifama argachuuf furichi buʼuura akka taʼe amani. Furiin abdii jireenya bara baraa akka siif argamsiisu amani. Aarsaan Yesuus kaffale kennaa Yihowaan siif kenne dha. Yihowaan cubbuu keenya takkaa erga nuuf dhiisee booda, sababii barbaadee cubbuu sana ammas nu irratti lakkaaʼa ykn nutti murteessa jennee sodaachuu hin qabnu. (Far. 103:8-12) Eeyyee, Yihowaan guutummaatti dhiifama akka nuuf godhu amanannaa qabaachuu dandeenya. w17.11 11-12 key. 14-17

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Maatewos 21:33-41; 22:15-22; 23:1-12; 24:1-3

Kamisa, Ebla 18

Ani warra wanta isaan dubbataniin kan kaʼe natti [amananiif sin kadhadha]; kan ani si kadhadhus, hundi isaanii tokko akka taʼaniifi; yaa Abbaa akkuma ati anaa wajjin tokkummaa qabdu.—Yoh. 17:20, 21.

Yesuus galgala Irbaata Gooftaa isa jalqabaa kabajetti, duuka buutonni isaa hundi tokkummaa akka qabaatanii fi tokkummaan isaanii tokkummaa isaa fi Abbaa isaa gidduu jiru wajjin tokko akka taʼu kadhate. Yihowaan kadhannaa Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiheesse kanaaf deebii kenneera; yeroo ammaatti namoonni miliyonaan lakkaaʼaman Yihowaan Ilma isaa akka erge ni amanu. Walgaʼiiwwan saba Waaqayyoo kaan irraa haala adda taʼeen, Ayyaanni Yaadannoo tokkummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban kan mirkaneessu dha. Naannoowwan tokko tokkotti namoonni sanyii garaa garaa qaban walgaʼii gochuun isaanii kan barame miti. Walgaʼii akkanaa yoo godhan illee namoonni ilaalcha gaarii isaaniif hin qabaatan. Haa taʼu malee, tokkummaan akkanaa Yihowaa fi Yesuusiin baayʼee gammachiisa! Saba Yihowaa waan taaneef tokkummaa qabaachuun keenya nu hin dinqisiisu. Yihowaan waaʼee tokkummaa kanaa raajii iyyuu dubbatee ture.—His. 37:15-17; Zak. 8:23. w18.01 14 key. 7-9

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:1-5, 14-16; Luqaas 22:1-6

Guyyaa Ayyaana Yaadannoo
Erga Biiftuun Seentee Booda
Jimaata, Ebla 19

Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan, isa mataa golee qajeelchu taʼe.—Far. 118:22.

Geggeessitoonni amantii Yihudii as irratti ‘warra ijaartuu’ jedhaman, Masiihicha tuffataniiru. Yesuusiin simachuu kan didan, isa mormuudhaan ykn Kiristoos taʼuu isaa amanuu diduudhaan qofa hin turre. Yihudoonni hedduun hamma haa ajjeefamu jedhanii iyyanitti isa balaaleffatan. (Luq. 23:18-23) Eeyyee, ajjeefamuu isaa irratti gumaacha godhaniiru. Yesuus erga balaaleffatamee fi erga ajjeefamee, ‘dhagaa buʼuuraa’ taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Kun taʼuu kan dandaʼu deebiʼee yoo duʼaa kaafame qofa dha. Pheexiros ergamaanis, “Yesuus Kiristoos nama Naazireet isa isin muka irratti fanniftanii fi Waaqayyo garuu duʼaa isa kaase” isaaniin jedheera. (HoE. 3:15; 4:5-11; 1 Phe. 2:5-7) Kanaan kan kaʼes, Ilmi duʼaa kaafame kun isa maqaan isaa “akka ittiin fayyinu namootaaf kenname” taʼe.—HoE. 4:12; Efe. 1:20. w17.12 9-10 key. 6-9

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:17-19; Luqaas 22:7-13 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maatewos 26:20-56

Sanbadduraa, Ebla 20

Hanga inni dhufutti duʼa Gooftaa labsuu keessan itti fuftu.—1 Qor. 11:26.

Rakkina Guddaa dhiheenyatti dhufu ilaalchisee Yesuus akkana jedhe: “Isaanis Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argu. [Yesuusis], maleekota isaa sagalee malakataa guddaadhaan ni erga; isaanis warra isaaf filataman andaara samii isa tokkoo hanga isa kan biraatti kallattii arfanii walitti ni qabu.” (Mat. 24:29-31) ‘Warra isaaf filataman walitti qabuun’ kun, yeroo Kiristiyaanonni dibamtoota taʼanii fi hanga ammaatti lafa irra jiran hundi badhaasa isaanii isa samii itti fudhatan argisiisa. Kun kan taʼu, kutaan jalqabaa Rakkina Guddaa erga darbee booda, garuu immoo waraanni Armaagedoon jalqabuu isaa dura dha. Achii warri 144,000 taʼan hundi, Yesuus wajjin taʼuudhaan mootota lafaa injifatu. (Mul. 17:12-14) Yeroo sanatti Yesuus ‘dhufeera’ waan taʼeef, Ayyaanni Yaadannoo dibamtoonni gara samiitti walitti qabamuu isaanii dura kabajamu kun isa dhumaa taʼa. w18.01 16 key. 15

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:1, 2, 27-37

Dilbata, Ebla 21

Waaqayyo, Yesuus kana duʼaa kaaseera.—HoE. 2:32.

Yesuus “baraa hamma bara baraatti” utuu hin tortorin samii irra jiraata. (Mul. 1:5, 18; Rom. 6:9; Qol. 1:18; 1 Phe. 3:18) Inni ergamoonni isaa amanamoo taʼan isaa wajjin samii irratti bulchitoota akka taʼan isaaniif mirkaneesseera. (Luq. 22:28-30) Phaawulos, “Kiristoos warra duʼan keessaa isa jalqabaa taʼee duʼaa kaafameera” jechuudhaan barreesseera. Phaawulos, “Hundi isaanii dabaree isaaniitiin jireenya argatu: Jalqaba Kiristoostu duʼaa kaʼe; achiis warra yeroo inni argamutti kan Kiristoos taʼantu jireenya argata” jechuudhaan, namoonni samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼan kan biraanis akka jiran ibseera. (1 Qor. 15:20, 23) Bara 1914 jalqabee yeroo ‘argama’ Yesuus keessa jirra. Yeroon kun hanga ammaatti kan itti fufe siʼa taʼu, dhumni sirna hamaa kanaas baayʼee dhihaateera. w17.12 10 key. 11; 11 key. 14-16

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66 (Wantoota Niisaan 16 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maatewos 28:2-4

Wiixata, Ebla 22

Anuma, anuma inni isin jajjabeessu!—Isa. 51:12.

Yihowaan inni Abbaa gara laafessa taʼe, yommuu michoonni isaa Abrahaam, Yaaqoob, Musee fi Daawit Mootichi duʼanitti nama jaallatan duʼaan dhabuun hangam ulfaataa akka taʼe argeera. (Lak. 12:6-8; Mat. 22:31, 32; HoE. 13:22) Yihowaan yeroo michoota isaa kana gara jireenyaatti itti deebisu hawwii guddaadhaan akka eeguu fi kana gochuufis fedhii guddaa akka qabu Dubbiin Waaqayyoo nuuf mirkaneessa. (Iyo. 14:14, 15) Yeroo sanatti gammadoo fi fayyaa guutuu kan qaban taʼu. Mee Waaqayyo, ilmi isaa inni baayʼee jaallatamaa taʼee fi “baayʼee itti gammadu,” dhiphina guddaadhaan yommuu duʼu wanta isatti dhagaʼamee ture yaadaa. (Fak. 8:22, 30, NW) Wanta yeroo kanatti Yihowaatti dhagaʼamee ture ibsuun ulfaataa dha. (Yoh. 5:20; 10:17) Yihowaan akka nu gargaaru amanannaa cimaa qabaachuu dandeenya. Kanaaf, gadda nutti dhagaʼamu ilaalchisee wanta garaa keenya keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaadhaaf dhangalaasuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Yihowaan gadda guddaa nutti dhagaʼamu akka hubatuu fi jajjabina nu barbaachisu akka nuuf kennu beekuun kan nama jajjabeessu dha!—2 Qor. 1:3, 4. w17.07 13 key. 3-5

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Maatewos 28:1, 5-15

Kibxata, Ebla 23

Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.

Yeroo harʼaa, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa ‘qabeenya isaaniitiin’ deggeruuf, yeroo, humnaa fi qarshii isaanii gumaacha gochuuf garaadhaa kakaʼaniiru. (Fak. 3:9) Hojii fi jaalalli Yihowaadhaaf argisiisnu matumaa hin irraanfatamu. Waaqeffannaa dhugaa wajjin haala wal qabateen wantoonni bara dhumaa kana keessatti raawwataman hundi eebba Yihowaa akka qabnuu fi Kiristoos nu geggeessaa akka jiru ragaa qabatamaa taʼa. Nuti kutaa jaarmiyaa tasgabbii qabu, amansiisaa taʼee fi bara baraan jiraatuu ti. Iddoo saba Yihowaa gidduutti qabdutti gammadi, akkasumas ‘sagalee Waaqayyo gooftaa kee’ dhaggeeffachuu hin dhiisin. (Zak. 6:15) Yoo akkas goote, eegumsa Mootii fi Luba Ol Aanaa keenya jala jiraachuu dandeessa. Waaqeffannaa dhugaa deggeruu irratti guutummaatti hirmaadhu. Kana kan gootu yoo taʼe, gooftaa raayyaa kan taʼe Yihowaan sirna hafe kana keessattii fi bara baraan nagaa fi eegumsa akka argattu akka godhu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa! w17.10 30 key. 18-19

Roobii, Ebla 24

Yommuu qabeenyi kun dhumu isaan bakka jireenyaa bara baraatti akka isin simataniif, qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.—Luq. 16:9.

Dhiheenyatti guutummaan sirna Seexanaa, jechuunis sirni siyaasaa, amantii fi daldalaa kufuun isaanii waan hin oolle dha. Raajonni Hisqiʼelii fi Sefaaniyaan warqee fi meetiin, jaarraawwan hedduudhaaf gatii guddaa qaban waan gatii hin qabne akka taʼan dubbataniiru. (His. 7:19; Sef. 1:18) Addunyaa kana keessatti yommuu dulloomnu, “qabeenya jalʼinaa” addunyaa kanaa kuufachuuf jennee, qabeenya isa dhugaa aarsaa akka goone yoo hubanne maaltu nutti dhagaʼama? Akkuma namicha isa jireenya isaa guutuu qarshii kuufachuuf hojjetaa turee, dhuma irratti garuu qarshii sobaa taʼuu isaa hubatee nutti dhagaʼama. (Fak. 18:11) Eeyyee, qabeenyi akkasii dhuma irratti baduun isaa hin oolu; kanaaf “michoota” samii irraa horachuuf carraan isaa nu darbuu hin qabu. Mootummaa Yihowaa dursuuf wanti nuyi goonu kam iyyuu karaa hafuuraa qabeenya guddaa nuuf argamsiisa. w17.07 11 key. 16

Kamisa, Ebla 25

Akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa; akkasumas akkuma Kiristoos nu jaallatee . . . nuuf jedhee of dhiheesse jaalalaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:1, 2.

Kiristiyaanonni cubbuu cimaa raawwatan tokko tokko akka hin qaanofne ykn warra kaan akka hin gaddisiisneef jecha dhoksuuf yaalu. (Fak. 28:13) Haa taʼu malee, gochi akkasii nama cubbuu hojjete sana qofa utuu hin taʼin, warra kaanis waan miidhuuf jaalala dhabuu argisiisa. Kanaa malees, hafuurri Waaqayyoo bilisaan akka hin hojjenne godha, nagaa gumiis balaadhaaf saaxila. (Efe. 4:30) Kiristiyaanonni cubbuu cimaa yeroo raawwatan gargaarsa barbaachisu akka isaaniif godhaniif, jaalalli dhugaan jaarsoliitti himuuf isaan kakaasa. (Yaq. 5:14, 15) Jaalalli amalawwan hunda irra ni caala. (1 Qor. 13:13) Jaalalli duuka buutota Yesuus akka taanee fi Yihowaa isa madda jaalalaa taʼe akka fakkaannu adda baasee beeksisa. Phaawulos, “jaalala hin qabu taanaan garuu ani gatii hin qabu” jedhee barreesseera. (1 Qor. 13:2) Kanaaf, “dubbiidhaan” qofa utuu hin taʼin, “hojii fi dhugaadhaan” jaalala argisiisuu keenya itti haa fufnu.—1 Yoh. 3:18. w17.10 11 key. 17-18

Jimaata, Ebla 26

Namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu qabna.—HoE. 5:29.

Ija jabina Yoseef yommuu haati manaa Phoxiifaar ishii wajjin akka ejju isa qortetti argisiise ilaalaa. Yoo ishii dide miidhaa guddaan isa irra gaʼuu akka dandaʼu beekee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, harka kennuu mannaa, ija jabinaan tarkaanfii guddaa fudhateera. (Uma. 39:10, 12) Ija jabina argisiisuu irratti fakkeenyi kan biraan immoo Rahaabi dha. Gaaddonni Israaʼeloota taʼan gara mana ishii isa Yerikoo keessa jiru yommuu dhaqan Yihowaatti amanamtee ija jabinaan isaan dhoksuudhaan nagaadhaan akka miliqan isaan gargaarteetti. (Iya. 2:4, 5, 9, 12-16) Saduqoonni maqaa Yesuusiin akka hin barsiisne kan isaan morman taʼus, ergamoonni ija jabina Yesuus argisiise arguun isaanii barsiisuu isaanii akka hin dhaabne isaan godheera. (HoE. 5:17, 18, 27-29) Yoseef, Rahaab, Yesuusii fi ergamoonni, jabina guddaa hojii gaarii hojjechuuf isaan kakaasu akka qaban argisiisaniiru. Ija jabinni isaanii garmalee ofitti amanuu irratti kan hundaaʼe hin turre. Yihowaatti amanamuu irraa kan madde ture. Nutis haalawwan ija jabina akka qabaannu gaafatan nu mudatu. Yeroo kanatti ofitti amanamuu mannaa, Yihowaatti amanamuu qabna.—2 Xim. 1:7. w17.09 29 key. 6-9

Sanbadduraa, Ebla 27

Namummaa moofaa gochawwan isaa hundumaa wajjin of irraa baasaa gataa.—Qol. 3:9.

Jabina ofiitiin amalawwan namummaa moofaa of irraa baasanii gatuun hin dandaʼamu. Namoonni akkas gochaa turan yeroo baayʼee gochawwan gadhee of irraa fageessuuf qabsoo gochuu qabu turan. Qabsoo kana moʼuu kan dandaʼan humni Dubbiin Waaqayyoo fi hafuurri qulqulluun qabu jireenya isaanii keessatti akka hojjetu waan heyyamaniifi dha. (Luq. 11:13; Ibr. 4:12) Humna kana irraa faayidaa argachuuf Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, isa dubbisne irratti xiinxaluu, ogummaa fi gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf akka nu gargaaru yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu qabna. (Iya. 1:8; Far. 119:97; 1 Tas. 5:17) Kana malees, qophii gaarii goonee walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnu Dubbii Waaqayyoo fi hafuura qulqulluu irraa faayidaa arganna. (Ibr. 10:24, 25) Akkasumas, nyaata hafuuraa karaa adda addaa saba Waaqayyoo addunyaa mara irra jiraniif dhihaatu irraa sirriitti fayyadamuu nu barbaachisa. (Luq. 12:42) Kiristiyaanonni amalawwan gadhee of irraa baasanii gatuu fi irraa fagaachuu kan qaban taʼus, Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf namummaa moofaa of irraa baasanii gatuun qofti gaʼaa miti. Namummaa haaraa uffachuu qabna.—Qol. 3:10. w17.08 21 key. 16-17

Dilbata, Ebla 28

Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada.—Far. 13:5.

Daawit Mooticha irrattis jalʼinni haqaa hedduun raawwatameera. Yihowaan ijoollummaa isaatti mootii Israaʼel gara fuulduraa akka taʼuuf kan isa dibe taʼus, gosa isaa irratti mootii taʼuuf gara waggoota 15 eeguu qaba ture. (2 Sam. 2:3, 4) Waggoota kana keessatti, Saaʼol Mootichi inni amanamaa hin turre, Daawitiin ajjeesuuf isa ariʼaa ture. Kanaan kan kaʼes, Daawit yeroo tokko tokko biyya ormaa keessatti baqataa taʼee, yeroo kaanitti immoo holqa lafa onaatti argamu keessa jiraateera. Yeroo booda yommuu Saaʼol waraana irratti ajjeefametti illee, Daawit guutummaa saba Israaʼel irratti aangoon mootummaa hanga kennamuufitti dabalataan gara waggoota torbaa eeguu qaba ture. (2 Sam. 5:4, 5) Daawit obsaan eeguuf fedhii kan qabaate maaliifi? Gaarummaa Yihowaatti waan amanameefi. Yihowaan akka isa oolchu hawwiidhaan eeggateera; akkasumas wanta Yihowaan kanaan dura isa eebbisuuf godhe irratti xiinxaleera. (Far. 13:6) Dhuguma iyyuu Daawit, eeggachuun isaa buʼaa akka qabu isatti dhagaʼameera. w17.08 6-7 key. 14-15

Wiixata, Ebla 29

Waaqayyo namoota [wal hin caalchisu].—HoE. 10:34.

Afaanonni yeroodhaa gara yerootti ni jijjiiramu. Jechi tokko hiika isa duraan qabu irraa guutuumaatti adda taʼe qabaachuu dandaʼa. Afaan Ibrootaa fi Giriikii warra kutaan Kitaaba Qulqulluu hedduun ittiin barreeffamee wajjin haala wal qabateenis kun dhugaa dha. Afaan Ibrootaa fi Giriikii yeroo ammaa jiru isa yeroo Kitaabni Qulqulluun barreeffamutti dubbatamu irraa baayʼee adda dha. Kanaafuu, namoota Afaan Ibrootaa ykn Giriikii yeroo ammaa jiru dandaʼan dabalatee, namni Dubbii Waaqayyoo hubachuu barbaadu hundi Kitaaba Qulqulluu hiikame dubbisuu qaba. Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu Afaan jalqaba ittiin barreeffameen dubbisuuf, Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii isa durii barachuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Taʼus, kun akka isaan yaadan taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kan nama gammachiisu garuu, guutummaan ykn gar tokkoon Kitaaba Qulqulluu gara Afaan 3,000tiin hiikameera. Yihowaan namoonni ‘sabaa fi gosa’ adda addaa keessa jiran, akkasumas ‘qooqa’ adda addaa qaban hundi Dubbii isaa irraa fayyadamuuf carraa akka argatan akka barbaadu ifa dha. (Mul. 14:6) Kun Waaqa keenya isa jaalala qabeessaa fi namoota wal hin caalchisnetti caalaatti akka dhihaattu si hin kakaasuu? w17.09 19 key. 4

Kibxata, Ebla 30

Namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu.—Fak. 17:27.

Firoota gumiidhaa baafaman yoo qabaattan, utuu hin barbaachisin isaanii wajjin wal arguu irraa of qusachuuf miira keessan toʼachuun isin barbaachisa. Gochi keenya fakkeenya Waaqayyoo fi gorsa isaa wajjin kan wal simu taʼuu isaa yoo hubanne of toʼachuun salphaa nuuf taʼa. Daawit Mootichi gama kanaan fakkeenya gaarii taʼa. Daawit aangoo guddaa kan qabu taʼus, yeroo Saaʼolii fi Shimeʼiin isa aarsuuf yaalanitti miiraan kakaʼee tarkaanfii fudhachuu irraa of qusateera. (1 Sam. 26:9-11; 2 Sam. 16:5-10) Kana jechuun Daawit yeroo hunda of toʼata ture jechuu miti; kanas cubbuu inni Baat-Sheebaa wajjin raawwatee fi tarkaanfii inni Naabaal isa ofittoo taʼe irratti fudhachuuf ture irraa hubachuu dandeenya. (1 Sam. 25:10-13; 2 Sam. 11:2-4) Haa taʼu malee, Daawit irraa barumsa hedduu baranna. Tokkoffaa, keessumaa ilaaltonni ol aanoon saba Waaqayyoo gidduu jiran aangoo isaanii karaa dogoggoraatiin akka itti hin fayyadamneef of toʼachuu qabu. Lammaffaa, namni kam iyyuu qorumsi akka isa irra hin geenye yaaduudhaan callisee taaʼuu hin qabu.—1 Qor. 10:12. w17.09 5-6 key. 12-13

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi