Adoolessa
Wiixata, Adoolessa 1
Yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa.—1 Phe. 5:6.
Shebnaan ‘hojii mana mootummaa Hisqiyaas adeemsisaa’ waan tureef, aangoo guddaa qaba ture. (Isa. 22:15) Kan nama gaddisiisu garuu, ulfina argachuu waan barbaadeef kooruu jalqabe. (Isa. 22:16-18) Shebnaan ofii isaatiif ulfina argachuu irratti waan xiyyeeffateef, Waaqayyo ‘hojii isaa irraa isa kaasee’ Eliyaaqiimiin bakka isaa buuseera. (Isa. 22:19-21) Jijjiiramni kun kan godhame yommuu mootii Asor kan taʼe Senaaheriib Yerusaalemiin waraanuu barbaadetti dha. Yeroo boodas mootiin sun hamilee Yihudootaa cabsuuf, akkasumas Hisqiyaas sodaatee harka akka kennu gochuuf, raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin ajajjoota mana mootummaa gara Yerusaalemitti ni erge. (2 Mot. 18:17-25) Ajajjoota kana akka haasofsiisuuf Eliyaaqiim kan ergame taʼus, kophaa isaa hin turre. Namoota kan biraa lamaa wajjin kan deeme siʼa taʼu, isaan keessaa inni tokko Shebnaa isa yeroo sanatti barreessaa taʼee tajaajilu ture. Tarii kun Shebnaan haala isa mudatetti garmalee gadduu fi haaloo qabachuu mannaa gad of qabee itti gaafatamummaa gadi aanaa taʼe akka fudhate kan argisiisu dhaa? w18.03 25 key. 7-8, 10
Kibxata, Adoolessa 2
Hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa; yoo akkas gootan matumaa fedhii foonii hin raawwattan.—Gal. 5:16.
Sammuun keenya qabeenya irratti ykn fedhiiwwan foonii irratti akka xiyyeeffannu dhiibbaa yoo nu irratti godhe illee harka kennuu hin qabnu. Hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu keessan itti fufaa; Yihowaanis yaadni keessan wanta sirrii taʼe irratti akka xiyyeeffatu gochuuf isin gargaara. (Luq. 11:13) Pheexiros ergamaa yaadadhaa. Inni jireenya isaa keessaatti akka nama hafuuraatti deddeebiʼaa kan ture yeroo hunda hin turre. (Mat. 16:22, 23; Luq. 22:34, 54-62; Gal. 2:11-14) Taʼus, abdii hin kutanne. Pheexiros gargaarsa Yihowaatiin suutuma suuta akka Kiristoositti yaaduu barateera. Nutis akkana gochuu ni dandeenya. Yeroo booda Pheexiros wantoota irratti hojjechuu dandeenyu adda baasee nuuf ibseera. (2 Phe. 1:5-8) Amalawwan kan akka of toʼachuu, jabaatanii dhaabachuu fi jaalala obbolummaa jiranii horachuuf ‘wanta dandeenyu hunda gochuun’ keenya nama hafuuraa taanee itti fufuuf nu gargaara. Guyyaa guyyaadhaan, ‘Karaa hafuuraa guddina gochuuf harʼa maal gochuun dandaʼa?’ jedhaa of gaafadhaa. w18.02 25-26 key. 12-13
Roobii, Adoolessa 3
Wanta inni dubbates yaadatti qabadheera.—Iyo. 23:12.
Iyoob qajeelfama Waaqayyoo akka gaariitti hubata ture. Yihowaa sirriitti kan beeke siʼa taʼu, akka beekumsa isaattis deddeebiʼeera. Mee kana yaadaa: Iyoob Waaqayyoon nan jaalladha jechaa namootaaf gara jabeessa taʼuu akka hin dandeenye beeka ture. (Iyo. 6:14) Warra kaan irra akka caalu godhee of ilaaluu mannaa, sooressootaafis taʼe hiyyeessotaaf jaalala obbolummaa argisiiseera. “Isuma garaa haadha koo keessatti na uumetu isaan uume mitii ree?” jedheera. (Iyo. 31:13-22) Iyoob, sana dura iddoo guddaa qabaachuun isaa fi sooressa taʼuun isaa ilaalcha ofii isaatiifis taʼee warra kaaniif qabu akka jalʼisu hin heyyamne. Dhuguma iyyuu Iyoob namoota addunyaa aangoo guddaa qabanii fi sooressa taʼan irraa baayʼee adda dha! Iyoob yaada isaatiin dabalatee karaa hundumaan waaqeffannaa sobaa irraa fagaateera. Qabeenyaaf iddoo guddaa kennuu dabalatee, waaqeffannaan sobaa kam iyyuu ‘Waaqayyoon’ ganuu akka taʼe beeka ture. (Iyo. 31:24-28) Gaaʼelli walitti dhufeenya qulqulluu dhiira tokkoo fi dubartii takkaa akka taʼe beeka ture. Ija hawwiitiin durba akka hin ilaalleef illee ijaa isaa wajjin kakuu galee ture.—Iyo. 31:1. w18.02 11 key. 16; 12 key. 18-19
Kamisa, Adoolessa 4
[Noh] dhaloota sana keessatti . . . nama balleessaa hin [qabne] ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebiʼuudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate.—Uma. 6:9.
Noh jireenya gaarii jiraachuudhaan qofa gammadee hin teenye. Kan sodaa malee “qajeelummaa lallabu” waan tureef, amantii Yihowaa irratti qabu ifatti dubbata ture. (2 Phe. 2:5) Phaawulos ergamaan, Noh ‘amantii kanaan addunyaatti akka murteesse’ dubbateera. (Ibr. 11:7) Kanaafuu namoonni akka isatti qoosanii fi isa morman, akkasumas isa sossodaachisanii akka turan illee tilmaamuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, inni ‘sodaa namaatiin’ hin moʼamne. (Fak. 29:25) Kanaa mannaa, jabina Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoodhaaf kennu qaba ture. Noh jaarraawwan shanii oliif Waaqa wajjin erga deddeebiʼee booda, Yihowaan ilmaan namootaa fi bineeldonni akka badiisa irraa oolaniif doonii akka hojjetu isatti hime. (Uma. 5:32; 6:14) Hojiin kun ijaarsa isaa dabalatee wantoota rakkisaa taʼan kan qabu fakkaata ture. Noh hojiin kun namoonni caalaatti akka itti qoosanii fi akka isa morman akka godhu hubatee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, amantiidhaan ajajameera. ‘Akkuma abboomametti hojjetee raawwateera.’—Uma. 6:22. w18.02 4 key. 4, 6-7
Jimaata, Adoolessa 5
Walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!—Far. 133:1.
Karaa guddaan tokkummaa itti cimsinu, Yihowaa isa Waaqa jaalalaa taʼe fakkaachuudhaan jaalala argisiisuu dha. (1 Yoh. 4:8) Namoota nu wajjin Yihowaa waaqeffatan ilaalchisee, “Isaan jaallachuun qaba taʼa, michuu isaanii taʼuuf garuu dirqamni na irra hin jiru” jechuu hin qabnu. Yaada akkasii qabaachuun gorsa Phaawulos, “Jaalalaan waliif dandaʼuudhaan jiraadhaa” jechuudhaan kenne wajjin wal faallessa. (Efe. 4:2) “Waliif dandaʼuudhaan jiraadhaa” qofa akka hin jenne hubadhaa. Kana gochuu kan qabnu “jaalalaan” akka taʼe dubbateera. Lamaan isaanii garaa garummaa qabu. Gumiiwwan keenya keessa namoonni Yihowaan ofitti harkise garaa garaa jiru. (Yoh. 6:44) Yihowaan kan ofitti isaan harkise jaallatamoo waan taʼaniif taʼuu qaba. Nama hidhata amantii keenya taʼe tokko jaalalli keenya kan isaaf hin malle goonee akkamitti yaaduu dandeenya ree? Jaalala Yihowaan akka argisiisnu nu ajaje argisiisuu irraa duubatti jechuu hin qabnu!—1 Yoh. 4:20, 21. w18.01 16 key. 14
Sanbadduraa, Adoolessa 6
Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!—Lal. 12:1.
Warri tokko tokko, ijoolleen isaanii jalqaba barumsa ol aanaa barachuu fi hojii gaarii argachuuf jecha yeroo itti cuuphaman tursuun isaanii gaarii akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Akkas kan godhan gaarummaadhaan kakaʼanii taʼus, kun ijoolleen isaanii milkaaʼina dhugaa akka argatan isaan gargaaraa? Hunda caalaa immoo, yaanni kun Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simaa? Addunyaan kunii fi wanti addunyaa keessa jiru hundi, fedhii fi ilaalcha Yihowaa akka mormu yaadachuun keenya barbaachisaa dha. (Yaq. 4:7, 8; 1 Yoh. 2:15-17; 5:19) Karaan mucaan keessan Seexana, addunyaa isaa fi ilaalcha kan Waaqayyoo hin taane irraa eegumsa itti argatu inni hunda irra caalu, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuu isaa ti. Warri dhimmoota addunyaatiif bakka guddaa kennuun isaanii, mucaan isaanii akka burjaajaʼuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka dagatu isa gochuu dandaʼa. Warri jaalala qabeeyyii taʼan ilaalchi addunyaan milkaaʼinaaf qabu ilaalcha ijoollee isaanii irratti dhiibbaa akka geessisu ni barbaaduu? Gammachuu fi milkaaʼina dhugaa kan argannu, jireenya keenya keessatti Yihowaadhaaf yoo dursa kennine qofa akka taʼe beekamaa dha.—Far. 1:2, 3. w18.03 10-11 key. 10-11
Dilbata, Adoolessa 7
Hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa [barbaadaa].—Mat. 6:33.
Obboloonni baayʼeen jireenya salphaa jiraachuun isaanii gammachuu argachuuf qofa utuu hin taʼin, Yihowaa tajaajiluuf yeroo dabalataa argachuufis akka isaan gargaare hubataniiru. Jaak mana isaa fi dhaabbata hojii isaa yoo gurgure innis taʼe haati manaa isaa qajeelchaa taʼuuf yeroo dabalataa akka argatan waan hubateef, mana isaa fi dhaabbata hojii isaa ni gurgure. Akkana jedheera: “Waggoota hedduudhaaf rakkina bakka hojiitti uumamuun kan kaʼe, aareen manatti deebiʼa ture. Haati manaa tiyya qajeelchaa yeroo hundaa waan taateef yeroo hunda gammachuu qabdi turte. ‘Ani hogganaa hunda irra caalun qaba!’ jetti turte. Amma anis qajeelchaa waanan taʼeef, lamaan keenya iyyuu Yihowaadhaaf hojjechaa jirra.” Ilaalcha qarshiidhaaf qabnu qoruuf, amanamoo taʼuu fi akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Wanta Kitaabni Qulqulluun qarshii ilaalchisee dubbatutti nan amanaa? Wanta dubbatu wajjin hoo wal simeen jiraadhaa? Qarshii argachuun, jireenya koo keessatti wanta dursa qabu dhaa? Walitti dhufeenyan Yihowaa fi namoota wajjin qabu caalaa qabeenyaafan iddoo guddaa kennaa? Yihowaan wanta na barbaachisu akka naaf guutu isatti nan amanamaa?’ Yihowaan namoota isa abdatan matumaa akka hin dhiisne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w18.01 25 key. 12-13
Wiixata, Adoolessa 8
Akkuma yeroo hunda ajajamtan . . . sodaa fi romʼaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keessan itti fufaa.—Filp. 2:12.
Fayyina kee mirkaneessuuf carraaqqii gochuun itti gaafatamummaa guddaa dha. Kun immoo Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluu, kadhannaa dhiheessuu, akkasumas karaa Yihowaan dhuunfaatti itti si eebbise irratti yaaduu kan dabalatu dha. Wantoota kana raawwachuun kee, ofitti amanamummaa michuu Yihowaa taʼuudhaan argatte siif guddisa. Kun immoo waaʼee amantii keetii dubbachuuf si kakaasa. (Far. 73:28) Yesuus, “Namni ana duukaa buʼuu barbaadu hundi of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu” jedheera. (Mat. 16:24) Dhuguma iyyuu, of murteessuu fi cuuphamuu dabalatee duuka buutuu taʼuun dirqama Kiristiyaana tokko irraa eegamu dha. Taʼu iyyuu, tarkaanfiin kun yeroo ammaattis taʼe yeroo addunyaa haaraa keessa bara baraaf jiraannutti eebbawwan dhuma hin qabne nuuf argamsiisa. Kanaafuu, fayyina kee mirkaneessuuf carraaqqii gochuu kee itti fufuuf sababii quubsaa qabda! w17.12 27 key. 18-19
Kibxata, Adoolessa 9
Obsa uffadhaa.—Qol. 3:12.
Warri ijoollee isaanii obsaan kan barsiisan yoo taʼe, ijoolleen isaanii suutuma suuta ‘balʼina, dheerina, ol fageenyaa fi gad fageenya’ amantii hubachuu jalqabu. (Efe. 3:18) Umurii fi dandeettii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan isaan barsiisuu dandeenya. Wanta baratanitti amanaa yeroo deeman, ijoollee wajjin baratan dabalatee namoota duratti amantii isaaniitiif dhaabbachuu dandaʼu. (1 Phe. 3:15) Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan namni yeroo duʼu maal akka taʼu Kitaaba Qulqulluu irraa ibsuu ni dandaʼuu? Ibsi Kitaabni Qulqulluun kennu isaan amansiisaa? Dubbii Waaqayyoo ijoollee keessan barsiisuun obsa gaafata; taʼus carraaqqii gochuun keessan kan nama gaabbisiisu miti. (Kes. 6:6, 7) Ijoolleen keessan wanta baratan akka amanan isaan gargaaruuf, isaaniif fakkeenya taʼuun keessanis baayʼee barbaachisaa dha. Istifaanii ishiin ijoollee durbaa sadii qabdu akkana jetteetti: “Akkana jedheen of gaafadha, ‘Yihowaan jiraachuu isaa kan na amansiise maal akka taʼe, waaʼee jaalala isaa fi daandiiwwan isaa sirrii taʼuu isaanii ilaalchisee ijoollee koo wajjin mariʼadhee beekaa?’ Wantan ani itti hin amanne ijoolleen koo amanuu qabu jedhee yaaduu hin qabu.” w17.12 20 key. 8-10
Roobii, Adoolessa 10
Obboleessi kee ni kaʼa.—Yoh. 11:23.
Maartaan obboleessi ishii duʼaa akka kaʼu mirkanooftuu taʼuu kan dandeesse maaliifi? Dinqiiwwan Yesuus tajaajila jalqabuu isaa dura raawwatamanis waan beektuuf amantiin ishii cimee ture. Waaʼee dinqiiwwan kanaa yeroo ijoollummaa ishiitti manattii fi mana sagadaa Yihudootaatti baratte. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman sadii caqasuu dandeenya. Duʼaa kaʼuun inni jalqabaa kan raawwatame yeroo Waaqayyo raajii isaa Eliyaasiif dinqii akka raawwatu humna kennaafii turetti dha. Magaalaa Saraaphtaa ishii galaana qarqara turtetti, dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko raajii kana simatte. Waaqayyos dinqiidhaan daakuunii fi zayitiin ishii akka hin dhumne gochuudhaan, ishiinii fi ilmi ishii lubbuudhaan akka itti fufan godhe. (1 Mot. 17:8-16) Yeroo booda ilmi ishii dhukkubsatee duʼe. Eliyaasis ishii gargaaruu dhufe. Eliyaas reefficha tuqee, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, hadaraa lubbuun mucaa kanaa akka itti deebiʼu godhi!” jedhee kadhate. Akkuma kadhates ni taʼe! Waaqayyo kadhata Eliyaas dhagaʼuudhaan mucicha duʼaa kaase. Kun, duʼaa kaʼuu Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame isa jalqabaa ti. (1 Mot. 17:17-24) Maartaan waaʼee haala dinqisiisaa kanaa akka beektu hin shakkisiisu. w17.12 3 key. 1; 4 key. 3, 5-6
Kamisa, Adoolessa 11
Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.—Mat. 6:24.
Namoonni hedduun hojii tokko kaayyoo jireenya keenyaa akka godhannu nu jajjabeessu. Hojiin akkasii kabaja, aangoo fi qabeenya nuuf argamsiisuu dandaʼa. Namoonni hedduun hojii tokko kaayyoo jireenya isaanii waan godhataniif, Kiristiyaanni tokkos ilaalcha akkasii qabaachuu dandaʼa. Dhuguma hojii aangoo fi kabaja namaaf argamsiisu tokko irratti milkaaʼina argachuun gammachuu itti fufiinsa qabu namaaf argamsiisaa? Lakki. Namoota kaan toʼachuu fi dinqisiifamuu barbaaduun hawwii Seexana hojii hamaadhaaf kakaase siʼa taʼu, kunis aarii malee gammachuu isaaf hin argamsiisne. (Mat. 4:8, 9; Mul. 12:12) Gammachuun hojii irraa argamu, gammachuu namoonni kaan ogummaa Waaqayyoo irraa fayyadamanii jireenya bara baraa akka argatan gargaaruu irraa argamuu wajjin yommuu wal bira qabnee ilaallu, gammachuun hojii irraa argamu baayʼee xinnoo dha. Hunda caalaa immoo, hafuurri addunyaa wal morkii jajjabeessa. Hafuurri kun namoonni warra kaan caaluuf akka tattaafatan, akka hinaafanii fi dhuma irrattis ‘qilleensa kan ariʼan’ akka isaan godhu mirkanaaʼeera.—Lal. 4:4. w17.11 23 key. 11-13
Jimaata, Adoolessa 12
Faarfannaa galataa erga faarfatanii booda gara Gaara Ejersaa deeman.—Mat. 26:30.
Yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundaaʼettis muuziqaan waaqeffannaa dhugaa keessatti iddoo guddaa qabaachuu isaa itti fufeera. Halkan seenaa namootaa keessatti iddoo guddaa qabu sanatti, Yesuus Irbaata Gooftaa erga hundeessee booda, faarfannaan akka faarfatamu godheera. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, tokko taʼanii faarfachuudhaan Waaqayyoon jajachuu irratti fakkeenya nuuf taʼaniiru. Yeroo baayʼee mana dhuunfaa keessatti kan walitti qabaman taʼanis, waaqeffannaadhaaf mana xinnoo keessatti walgaʼuun isaanii hinaaffaadhaan Yihowaa akka hin faarfanne isaan hin dhowwine. Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee, Kiristiyaanotaaf qajeelfama akkana jedhu kenneera: “Faarfannaadhaan, galateeffannaa Waaqayyoof dhihaatuun, faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamuun wal barsiisuu fi wal jajjabeessuu keessan itti fufaa; garaa keessanittis Yihowaa faarfadhaa.” (Qol. 3:16) Dhuguma iyyuu, faarfannaawwan kitaaba faarfannaa keenya keessa jiran, ‘faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamani dha.’ Faarfannaawwan kun nyaata hafuuraa “garbichi amanamaanii fi ogeessi” dhiheessu keessaa tokko dha.—Mat. 24:45. w17.11 4 key. 7-8
Sanbadduraa, Adoolessa 13
Mandaroota . . . [baqattanii kooluu itti galtan] qopheeffadhaa!—Lak. 35:11.
Gara magaalota kooluu itti galan kanaa dhaquun mijaaʼaa dha. Yihowaan magaalonni kooluu itti galan kun walakkaan isaanii Laga Yordaanos gama, walakkaan immoo gamana akka taʼan ajajee ture. Maaliif? Sababiin isaas namni baqachaa jiru tokko haala mijataa taʼeen dafee dahoo argachuu akka dandaʼuuf ture. (Lak. 35:12-14, NW) Daandiiwwan gara magaalota kanaatti geessan yeroo hunda haareffamuu qabu turan. (Kes. 19:3) Akka afoolli Yihudootaa jedhutti mallattoowwan namni baqatu tokko gara magaalota kanaa salphaatti gaʼuu akka dandaʼuuf gargaaran dhaabamanii turan. Magaalonni kooluu itti galan waan jiraniif, namni utuu hin beekin nama ajjeese tokko biyya ormaa bakka waaqeffannaa sobaa hordofuuf itti qoramutti baqachuun isa hin barbaachisu ture. Mee yaadi: Yihowaan inni namoonni beekaa nama ajjeesan adaba guddaa akka adabaman ajaje, namoonni utuu hin beekin nama ajjeesan immoo carraa gara laafinaa fi eegumsa itti argatan isaaniif baneera! Namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko, “Hamma dandaʼametti wanti hundi ifaa fi salphaa akka taʼu godhameera” jedhee barreesseera. Yihowaan abbaa murtii gara jabeessa tajaajiltoota isaa adabuuf ariifatu miti. Kanaa mannaa, “gara laafinni isaa guddaa” dha.—Efe. 2:4. w17.11 14 key. 4-5
Dilbata, Adoolessa 14
Gara kootti deebiʼaa! Anis gara keessanitti nan deebiʼa.—Zak. 1:3.
Macaafa Maramaa balaliʼu, dubartii quunnaa keessatti itti qadaadame, dubartoota qoochoo allaattii guddaa fakkaatu qabanii fi qilleensa irra balaliʼan lama. Mulʼatawwan dinqisiisoon Kitaaba Zakaariyaas keessatti ibsaman tokko tokko kana fakkaatu. (Zak. 5:1, 7-9) Yihowaan mulʼatawwan dinqisiisoo taʼan kana raajii isaatti kan argisiise maaliifi? Mulʼanni Zakaariyaas jaʼaffaa fi torbaffaan, namoota daandii sobaa irra adeemuu isaanii itti fufaniif akeekkachiisa cimaa taʼuu isaa irra iyyuu, Yihowaan gocha dogoggoraa callisee akka hin ilaalle isaan yaadachiisa. Namoonni qulqullinaan isa waaqeffatanis gama isaaniitiin garaadhaa jalʼina jibbuu qabu. Kana malees, seenaan kun wabii abbaan keenya inni samii jaalalaan kakaʼee nuuf kenne dha. Namoota Waaqayyo biratti fudhatamaa fi eegumsa argatan taʼuuf dhimminee yoo hojjenne, abaarsi duʼa geessisu nu irra hin gaʼu. Kanaa mannaa, Yihowaan gammachuudhaan nu eebbisa. Addunyaa jalʼinaan guutame keessatti qulqullina keenya eegnee jiraachuuf qabsaaʼuun keenya faayidaa guddaa qaba. Gargaarsa Yihowaatiin akka milkoofnu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w17.10 21 key. 1; 25 key. 19
Wiixata, Adoolessa 15
Dubartoonni maanguddoo taʼan amala Waaqayyoof ulfina fidu kan qaban . . . haa taʼan; kana yoo godhan, [dubartoota] dargaggeeyyii taʼan [gorsuu dandaʼu].—Tit. 2:3, 4.
Obboleettonni qeenteen yeroo ammaatti qajeelchaa taʼuudhaan, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemuudhaan, Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsa Naannoo wajjin hojjechuudhaan, akkasumas Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galuudhaan tajaajila isaanii balʼifachuuf carraa hedduu qabu. Warri tokko tokko immoo Mana Barumsaa Giilʼaad illee galuu dandaʼaniiru. Obboleettonni maanguddoon, wantoota kana baayʼee isaanii raawwachuu kan hin dandeenye taʼanis, gumiidhaaf eebba dha. Kanaaf obboleettota kana garaadhaa isaan jaallanna! Isaan keessaa tokko tokko tajaajila Waaqayyoo keessatti hamma kanaan duraa raawwachuu baatanis, ija jabina argisiisuu fi hojii irratti hirmaachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, obboleettiin maanguddoon tokko akkaataa uffannaa sirrii taʼe ilaalchisee, obboleettii shamarree taate akka haasofsiistu yoo gaafatamte ija jabina qabaachuu qabdi. Akkaataa uffannaa ishii ilaalchisee ishii ceephaʼuu mannaa, akkaataan uffannaa ishii warra kaan irratti akkamitti dhiibbaa akka geessisu itti himuudhaan akka irratti yaaddu ishii jajjabeessuu dandeessi. (1 Xim. 2:9, 10) Wanti jaalalaan dubbatame akkasii buʼaa gaarii qaba. w17.09 31-32 key. 17-18
Kibxata, Adoolessa 16
Yommus Waaqayyoon sodaachuu in barta.—Fak. 2:5.
Yeroo tokko tokko namoonni aangoo guddaa qaban Kitaabni Qulqulluun afaan namoonni hedduun ittiin walii galanitti akka hin hiikamne gochuuf yaalii godhaniiru. Taʼus, namoonni garaa qulqulluu qaban tokko tokko mormii akkasiitiif harka hin kennine. Fakkeenyaaf hayyuu amantii Joon Wikiliif jedhamuu fi jaarraa 14ffaatti jiraate ilaalaa. Namni kun, namoonni hundi Dubbii Waaqayyoo irraa fayyadamuu akka qaban cimsee amana ture. Haa taʼu malee, yeroo inni turetti, namoonni Ingilaandi keessa jiranii fi iddoo guddaa hin qabne hedduun Kitaaba Qulqulluu hin qaban turan jechuun ni dandaʼama. Bara 1382tti, hiikni Afaan Ingiliffaa yeroo booda Kitaaba Qulqulluu Wikiliif jedhame ni qophaaʼe. Namoonni bakka adda addaa deemanii lallabanii fi Loolaardi jedhaman kun, guutummaa Ingilaandi keessa miilla isaaniitiin deemuudhaan Dubbii Waaqayyoo sammuu fi garaa namoota iddoo guddaa hin qabne keessa kaaʼuuf yaalii guddaa godhaniiru. Yeroo baayʼee Loolaardonni namoota argataniif Kitaaba Qulqulluu Wikiliif irraa kutaawwan tokko tokko dubbisu, akkasumas koppii harkaan barreeffame isaaniif kennu turan. Jaarraawwan sana booda turanitti, namoonni biyyoota Awurooppaa fi iddoo kaanitti argaman hedduun, namoota hedduu fayyaduuf jecha, Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi raabsuu jalqaban. w17.09 20-21 key. 10-12
Roobii, Adoolessa 17
Warri [gaaʼela godhatan] garuu foon isaanii irratti rakkina fidu.—1 Qor. 7:28.
Hawwiin dhala godhachuu utuu hin guutamin yoo hafe, kun mataan isaa illee ‘foon irratti rakkina fida.’ (Fak. 13:12) Bara duriitti, dhala dhabuun yeroo baayʼee arrabsoo namatti fida. Raahel haati manaa Yaaqoob, obboleettiin ishii ijoollee yommuu godhattu arguun ishii gadda guddaa akka itti fide dubbatteetti. (Uma. 30:1, 2) Rakkinni gaaʼelaa wajjin wal qabate yommuu caqasamu, rakkinni dafee gara sammuu keenyaatti hin dhufne tokko jira. Innis nama jaallatan duʼaan dhabuu dha. Eeyyee, qorumsi addaa namoota hedduu mudatu tokko hiriyaa gaaʼelaa jaallatan duʼaan dhabuu dha. Hiriyaan gaaʼelaa lubbuudhaan jiru qorumsi kun sirna kana keessatti ana irra gaʼa jedhee hin eegu taʼa. Maatiin Kiristiyaanota taʼan, abdii duʼaa kaʼuu Yesuus kenne irratti amantii cimaa qabu. (Yoh. 5:28, 29) Abdiin kun nama hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼeef faayidaa akkamii qaba? Jajjabina guddaa isaaf kenna. Kun namoota rakkinni isaan irra gaʼaa jiruuf Abbaan keenya inni jaallatamaan, karaa Dubbii isaa deggersaa fi jajjabina itti kennu keessaa isa tokko. w17.06 4 key. 1; 5 key. 6; 6 key. 9
Kamisa, Adoolessa 18
Yihowaa, Yihowaa, Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa.—Bau. 34:6, NW.
Yeroo Tokko Waaqayyo waaʼee maqaa dhuunfaa isaa fi amala isaa dubbachuudhaan Museetti of mulʼisee ture. Amalawwan isaa warri inni jalqaba irratti ibse araara qabeessaa fi gara laafessa taʼuu isaa ti. (Bau. 34:5-7, NW) Yihowaan humna isaa fi ogummaa isaa irra deddeebiʼee ibsuu dandaʼa ture. Taʼus, Musee isa deggersa Waaqayyoo akka argatu mirkanaaʼaa taʼuu barbaaduuf, Yihowaan amalawwan tajaajiltoota isaa gargaaruuf fedhii akka qabu argisiisan itti himeera. (Bau. 33:13) Ilmaan namootaa gara laafina argisiisuu akka dandaʼan godhamanii kan uumaman taʼanis, cubbuun Addaam irraa dhaalle akka of irratti xiyyeeffannu nu godha. Yeroo tokko tokko warra kaan gargaaruu ykn of irratti xiyyeeffachuu ilaalchisee murtoo gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko yeroo baayʼee haala kanaa wajjin walʼaansoo godhu ykn madaallii isaanii eeguuf rakkatu. Madaallii keessan cimsuu fi namoota kaaniif akka yaaddan argisiisuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa? Jalqaba, Yihowaanis taʼe warri kaan gara laafina kan argisiisan akkamitti akka taʼe qoruuf yeroo ramadaa. Achii immoo, fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeessan akkamitti akka taʼee fi akkas gochuun keessan immoo kan isin fayyadu akkamitti akka taʼe yaadaa. w17.09 8 key. 1; 9 key. 3
Jimaata, Adoolessa 19
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Sababiin namummaa haaraa itti uffannu, namoota irraa ulfina argachuuf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfina fiduuf taʼuu qaba. Uumamni hafuuraa yeroo tokkotti mudaa kan hin qabne ture tokko illee of tuulummaadhaan waan guutameef cubbuu akka hojjete yaadadhaa. (Hisqiʼel 28:17 wajjin wal bira qabi.) Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan immoo, koora sirrii hin taanee fi of tuulummaa irraa fagaachuun caalaatti isaanitti hin ulfaatuu ree? Taʼus, gad of qabuu uffachuu ni dandeenya. Kana gochuuf maaltu nu gargaara? Kan gad of qabnu taanee jiraachuuf, yeroo ramadnee wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbisne irratti guyyaa guyyaadhaan xiinxaluu qabna. (Kes. 17:18-20) Keessummaa immoo, barumsa Yesuusii fi tajaajila inni gad of qabuudhaan raawwate irratti xiinxaluun keenya gaarii dha. (Mat. 20:28) Yesuus miilla ergamoota isaa illee dhiqeera. (Yoh. 13:12-17) Nutis miira warra kaan akka caallu nutti dhagaʼamu moʼuuf walʼaansoo goonu irratti akka nu gargaaru utuu wal irraa hin kutin gargaarsa hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhachuu qabna.—Gal. 6:3, 4. w17.08 25 key. 11-12
Sanbadduraa, Adoolessa 20
Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.—Filp. 4:6, 7.
Tarii nuyis akkuma Phaawulos, yeroo tokko tokko hafuurri qulqulluun akka nu geggeessaa jiru nutti dhagaʼamee kan beeku taʼus, wanti nuti yaadne karaa eegneen hin raawwatamne taʼa. Rakkinni kallattiidhaan nu irra gaʼee ykn haalli haaraan jireenya keenya keessatti jijjiirama guddaa gochuuf nu dirqisiisu nu mudatee taʼuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Waaʼee waan tokkoo illee akka hin yaaddofnee fi ‘nagaa Waaqayyoo’ argachuuf maaltu nu gargaara? Yaanni Phaawulos warra Filiphisiyusiif barreesse, wanti yaaddoodhaaf furmaata taʼu kadhannaa akka taʼe argisiisa. Kanaaf, yommuu yaaddofnu, wanta yaaddoo nutti taʼe kadhannaadhaan Waaqayyotti himachuu qabna. (1 Phe. 5:6, 7) Akka inni isiniif yaadu beekuudhaan, amantii guutuudhaan Yihowaa kadhadhaa. Akkasumas eebba argattan hundaaf yeroo hunda isa ‘galateeffadhaa.’ “Wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu irra caalaa baayʼisee gochuu” akka dandaʼu yaadachuun keenya, amanannaa isa irratti qabnu nuuf cimsa.—Efe. 3:20. w17.08 9 key. 4, 6; 10 key. 10
Dilbata, Adoolessa 21
Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu; warri gorsa kennan yoo baayʼatan garuu, fiixaan in baʼa.—Fak. 15:22.
Kiristiyaanonni hedduun dargaggummaa isaaniitti qajeelchitoota taʼanii tajaajiluun gammachuu isaaniif argamsiiseera. Dargaggeessa yoo taate waaʼee karoora keetii maaliif isaanii wajjin irratti hin mariʼattu? Obboloonni kun, tajaajilli yeroo guutuu barumsa jireenya kee guutuu si fayyadu akka siif kennu sitti himuu dandaʼu. Yesuus Abbaa isaa isa samii irraa barachaa kan ture taʼus, yeroo lafa irra tajaajilaa turettis barachuu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, misiraachoo lallabuudhaan garaa namootaa tuquu fi qorumsa keessatti amanamummaa eeggachuun gammachuu akka argamsiisu barateera. (Isa. 50:4; Ibr. 5:8; 12:2) Yesuus, “Dhaqaatii . . . namoota barattoota godhaa . . . isaan barsiisaa” jedhee ture. (Mat. 28:19, 20) Hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuuf karoora yoo baafatte, hojii jireenya kee keessatti gammachuu guddaa siif argamsiisuu fi Waaqayyoof ulfina kennu filatteetta jechuu dha. Hojii kam irratti iyyuu ogummaa qabaachuuf yeroon si barbaachisa. w17.07 23-24 key. 6-7
Wiixata, Adoolessa 22
[Ani] isin nan urursa.—Isa. 66:13.
Maddi jajjabina guddaa, Yihowaa isa Abbaa keenya isa samii gara laafessa taʼe akka taʼe homaa hin shakkisiisu. (2 Qor. 1:3, 4) Namoota gaddi isaan irra gaʼeef wanti madda jajjabinaa taʼe inni biraan gumii Kiristiyaanaa ti. (1 Tas. 5:11) Namoota ‘yaadni isaanii cabe’ cimsuu fi jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti? (Fak. 17:22) Yaada, “Calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedhu yaadadhaa. (Lal. 3:7) Daaliin ishiin abbaan manaa ishii duʼe akkana jetteetti: “Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban yaada isaanii fi miira isaanii ibsuu barbaadu. Kanaaf, nama gaddeef wanti gochuu dandeessan inni guddaan haasaa isaa gidduutti utuu addaan hin kutin isa dhaggeeffachuu dha.” Yuuniyaa ishii obboleessi ishii of ajjeesses akkana jetteetti: “Gadda isaanitti dhagaʼamu guutummaatti hubachuu baattanis, wanta isaanitti dhagaʼamu hubachuu kan barbaaddan taʼuun keessan qofti isaan jajjabeessa.” Akkaataa namoonni itti gaddanii fi gadda isaanii itti ibsan garaa gara taʼuu isaas yaadadhaa. w17.07 13 key. 3; 14 key. 11-13
Kibxata, Adoolessa 23
Maqaan kee [“Yihowaa,” NW] akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!—Far. 83:18.
Namoota yeroo harʼaa jiran hedduudhaaf qarshiin dhimma guddaa dha. Qabeenya kuufachuu ykn wanta qaban akka hin dhabne carraaqqii gochuu irratti xiyyeeffataniiru. Kaan immoo dhimmoota maatii, fayyaa ykn wantoota galmaan gaʼuu barbaadan kaaniif bakka guddaa kennu. Haa taʼu malee, dhimmi hundi keenya bakka guddaa kennuufii qabnu ol aantummaan Yihowaa mirkaneeffamuu isaa ti. Dhimma guddaa kana akka hin daganne of eeggachuu qabna. Tarii, wantoota jireenya guyyaa guyyaa keessatti raawwannuun muddamnee ol aantummaan Waaqayyoo hammam bakki guddaan kennamuufii akka qabu dagachuu dandeenya. Yookiin qorumsi nu irra gaʼu dhimma guddaa kana akka nutti dukkaneessu heyyamna taʼa. Karaa biraatiin immoo, dinqisiifannaan ol aantummaan Yihowaa mirkaneeffamuu isaatiif qabnu guddachaa yommuu adeemu, rakkoowwan jireenya guyyaa guyyaa keessatti nu mudatan damdamachuuf caalaatti gaʼumsa qabaanna. Dinqisiifannaan akkasii caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaannu nu taasisa. w17.06 22 key. 1-2
Roobii, Adoolessa 24
Akkuma ani fakkeenya Kiristoos hordofu, isinis fakkeenya koo hordofaa.—1 Qor. 11:1.
Yihowaan aangoo isaatti karaa jaalala qabeessa taʼeen itti fayyadama. Kanaa wajjin haala wal simuun, mataawwan maatii fi jaarsoliin gumii ol aantummaa Yihowaa jaallatan, warra kaan irratti ol aantummaa xinnoo kan qaban taʼus wanta humna isaaniitii ol taʼe isaan irraa hin eegan. Kanaa mannaa, fakkeenya Yihowaa hordofu. Phaawulos gama kanaan fakkeenya Waaqayyoo fi Ilma isaa hordofa ture. Phaawulos warra kaan hin qaanessine ykn wanta sirrii taʼe akka raawwatan isaan hin dirqisiisne. Kanaa mannaa, isaan kadhata ture. (Rom. 12:1; Efe. 4:1; Film. 8-10) Kun akkaataa Yihowaan wantoota itti raawwatu dha. Kanaaf, namoonni akkaataa Yihowaan itti bulchu jaallatanii fi deggeran hundi fakkeenya isaa hordofuu qabu. Aangoo matummaa Waaqayyo kenneef ilaalcha akkamii qabna? Karaa ulfina qabuun wal taʼiinsaan hojjechuun keenya, ol aantummaa Yihowaa akka deggerru argisiisa. Murtoon tokko maaliif akka godhame guutummaatti hubachuu ykn irratti walii galuu baannu illee, seera tiʼookraasii deggeruu barbaanna. Kun karaa addunyaan itti hojjetu irra baayʼee adda dha; taʼus, bulchiinsa Yihowaa jalatti jiraachuu kan qabnu akkasitti.—Efe. 5:22, 23; 6:1-3; Ibr. 13:17. w17.06 30 key. 14-15
Kamisa, Adoolessa 25
Wal jaallachuu akka qabdan Waaqayyo irraa [barattaniittu].—1 Tas. 4:9.
Dargaggootas taʼan maanguddoota, obboloonni abdii kutatan ykn dhiphatan ykn qorumsi isaan irra gaʼaa jiru xiyyeeffannaa akka isaaniif kenninuu fi akka isaan jajjabeessinu barbaadu. (Fak. 12:25; Qol. 4:11) Jechaanis taʼe gochaan, “warra amantiidhaan nutti firoomaniif” garaadhaa akka isaaniif yaannu yommuu argisiisnu, dhugumaan akka isaan jaallannu mirkaneessina. (Gal. 6:10) Kitaabni Qulqulluun ‘guyyoonni dhumaa’ sirna hamaa kanaa, ofittummaa fi sassataan addaan baafamanii akka beekaman raajii dubbateera. (2 Xim. 3:1, 2) Kiristiyaanota waan taaneef, jaalala Waaqayyoof, dhugaa Kitaaba Qulqulluutii fi walii keenyaaf qabnu guddifachuuf carraaqqii guddaa gochuu qabna. Yeroo tokko tokko namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin wal dhabiinsi xixinnoon uumamuu dandaʼa taʼa. Haa taʼu malee, jaalalli wal dhabiinsa gidduu keenyatti uumame karaa jaalala qabuun furmaata akka kenninu waan nu kakaasuuf miseensota gumii hundaaf eebba argamsiisa! (Efe. 4:32; Qol. 3:14) Kanaaf, Yihowaadhaaf, Dubbii isaatii fi obboloota keenyaaf jaalala cimaa qabaachuu keenya itti haa fufnu. w17.05 21 key. 17-18
Jimaata, Adoolessa 26
Cubbuu hin qabnu jennee yoo dubbanne of gowwoomsaa jirra.—1 Yoh. 1:8.
Kiristiyaanonni namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane irraa jalʼinni haqaa akka isaan mudatu ni eegu. Haa taʼu malee, gumii Kiristiyaanaa keessatti haqni yeroo jalʼatu yoo argine ykn yoo nu irratti raawwatame amantiin keenya qoramuu dandaʼa. Gumii keessatti ykn walitti dhufeenya Kiristiyaana tokkoo wajjin qabdu irratti wanti sirrii hin taane akka si irratti raawwatame yoo sitti dhagaʼame maal goota? Haalli akkanaa akka si gufachiisu ni heyyamtaa? Hundi keenya iyyuu, hirʼina waan qabnuuf jalʼinni haqaa nu irratti raawwatamuu, akkasumas nama gumii keessa jiru kan biraa irratti haqa jalʼisuun keenya hin oolu. Haalli akkanaa yeroo baayʼee kan hin uumamne taʼus, yeroo haqni jalʼatu Kiristiyaanni tokko gufachuun isaa nu hin dinqisiisu. Yihowaan namoonni hidhata amantii keenyaa taʼan wanta sirrii hin taane yoo nu irratti raawwatan, amanamummaa keenya akka eeggannu nu gargaaruuf Dubbii isaa keessatti gorsa hojii irra ooluu dandaʼu kan nuuf kenne kanaafi.—Far. 55:12-14. w17.04 19 key. 4-5
Sanbadduraa, Adoolessa 27
Warri [gaaʼela godhatan] foon isaanii irratti rakkina fidu.—1 Qor. 7:28.
Hiriyaa gaaʼelaa hin amanne kan qabdu yoo taʼe, gaaʼela kee keessatti dhiphinnii fi yaaddoon dabalataa si mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, hiriyaan gaaʼelaa kee yeroo ammaatti duuka buutuu Kiristoos taʼuuf fedhii dhabuun isaa gargar baʼuuf ykn wal hiikuuf sababii quubsaa hin taʼu. (1 Qor. 7:12-16) Abbaan manaa hin amanne tokko dhimma hafuuraa irratti dursa kan hin fudhanne taʼus, mataa maatichaa waan taʼeef kabajamuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaa hin amanneef jaalala fedhii isaa aarsaa godhu argisiisuu fi gaarummaadhaan ishii kunuunsuu qaba. (Efe. 5:22, 23, 28, 29) Hiriyaan gaaʼelaa kee waaqeffannaa kee daangessuu yoo yaale hoo? Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko torban keessatti guyyoota muraasa qofa tajaajiluu akka dandeessu abbaan manaa ishii itti hime. Haalli kana fakkaatu si mudachaa jira yoo taʼe akkas jedhii of gaafadhu: ‘Abbaan manaa koo Waaqayyoon akkan hin waaqeffanne na dhowwaa jiraa? Na dhowwaa hin jiru taanaan wanta inni na gaafatu raawwachuu nan dandaʼaa?’ Tole kan jennu taʼuun keenya gaaʼela keessatti walitti buʼiinsa hin barbaachisne hambisuuf nu gargaara.—Filp. 4:5. w17.10 13 key. 7-8
Dilbata, Adoolessa 28
Isas keessa deddeebiʼii ijoollee kee barsiisi!—Kes. 6:7.
Akkuma raajiidhaan dubbatame, namoonni “saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa” dhufan gara jaarmiyaa Yihowaatti yaaʼaa jiru. (Zak. 8:23) Haa taʼu malee, ijoolleen keessan qooqa keessan beekuu dhiisuun isaanii, dhugaa isaan barsiisuun akka isinitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Ijoolleen keessan barattoota Kitaaba Qulqulluu qabaachuu dandeessan keessaa iddoo guddaa kan qaban yommuu taʼan, Yihowaa ‘beekuun’ isaanii jireenya bara baraa akka argatan isaan gargaara. (Yoh. 17:3) Ijoolleen keessan barumsa Yihowaa akka beekaniif, yeroo mijaaʼaa taʼe hundatti ‘waaʼee isaa dubbachuu’ qabdu. (Kes. 6:6, 7) Ijoolleen keessan qooqa naannoo sanaa mana barumsaa fi namoota naannoo isaanii jiran irraa barachuun isaanii hin oolu; qooqa isin dubbattan adda durummaadhaan barachuu kan dandaʼan yeroo hunda isinii wajjin kan dubbatan yoo taʼe dha. Akkas gochuun keessan ijoollee keessanii wajjin waan garaa keessanii waliin haasaʼuuf kan isin dandeessisu taʼuu isaa irra iyyuu, qooqa keessan beekuun isaanii faayidaa dabalataa isaaniif argamsiisa. Ijoolleen qooqa tokkoo ol dandaʼuun isaanii dandeettiin yaaduu isaanii akka dabalu godha; dandeettii namoota kaan wajjin walii galuuf qabanis isaaniif cimsa. w17.05 9 key. 5-6
Wiixata, Adoolessa 29
Dhaqiitii . . . tulluu Taaboritti ol baʼi! Ani Siiseraa . . . gara keetti fidee, harka keetti dabarsee isa nan kenna.—Abo. 4:6, 7.
Israaʼelonni meeshaa waraanaa ittiin lolanis taʼe ittiin diina of irraa faccisan hin qaban turan; diinonni isaanii garuu konkolaataawwan sibiilaa 900 qabu turan. (Abo. 4:1-3, 13; 5:6-8) Haa taʼu malee Yihowaan, Baaraaqiif ajaja armaan olii kenne. Baaraaq yeruma sana qajeelfama Yihowaa hojii irra oolche. (Abo. 4:14-16) Taʼanaatti waraana irra utuma jiranii bokkaa cimaan roobuu isaatiin kan kaʼe naannoon sun laaqiidhaan guutame. Baaraaq, humna waraanaa Siiseraa hamma Haroshet ishii kiilomeetira 24 fagaattee argamtutti ariʼe. Siiseraan utuma baqachaa jiruu konkolaataa isaa isa sodaachisaa turee fi amma garuu faayidaadhaa ala taʼe daandii irratti dhiisee, Zaaʼanaaniim ishii tarii Qedeeshitti argamtutti baqate. Godoo Yaaʼel, haadha manaa Heber Qenichaa keessa kan dhokate siʼa taʼu, ishiinis isa simatte. Waraana irratti dadhabee waan dhufeef ni rafe. Amma Siiseraan Yaaʼel ishii ija jabinaan tarkaanfii isa irratti fudhachuudhaan isa ajjeeste harka galeera. (Abo. 4:17-21) Yeroo kanatti diinni Israaʼelootaa ni moʼame! w17.04 29-30 key. 6-8
Kibxata, Adoolessa 30
Waaqayyo balleessaa saba lafa irraa yaaʼiitti in baasa, . . . warra hamootas billaatti dabarsee in kenna.—Er. 25:31.
Armaagedoon booda, dhaabbanni lafa irratti hafu jiraa? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Akkuma inni abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.” (2 Phe. 3:13) Samiiwwanii fi lafti moofaan, jechuunis mootummoonni mancaʼanii fi hawaasni toʼannaa isaanii jala jiru hundi ni balleeffamu. Isaan kun maaliin bakka buufamu? Jechoonni “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa” jedhan mootummaa haaraa fi hawaasa haaraa mootummaa sana jalatti bulu kan argisiisani dha. Mootummaan Yesuus Kiristoosiin geggeeffamu guutummaatti amala Yihowaa isa Waaqa nagaa taʼee kan argisiisu taʼa. (1 Qor. 14:33) Kanaaf ‘lafti haaraan’ ni gurmaaʼa. Namoonni gaariin dhimmawwan tokko tokko raawwachiisan ni jiraatu. (Far. 45:16) Kiristoosii fi namoota 144,000 isaa wajjin bulchantu namoota kanaaf qajeelfama kenna. Yeroo dhaabbileen mancaʼan hundi, dhaabbata tokkummaa qabuu fi hin mancaane tokkoon bakka buufamu haalli isaa maal akka fakkaatu tilmaami! w17.04 11 key. 8-9
Roobii, Adoolessa 31
Isaan lachanuus foon tokko in taʼu.—Uma. 2:24.
Gaaʼelli qulqulluu dha. Misirroonni lamaanuu Waaqayyoo fi namoota isaan ilaalan duratti waadaa gaaʼelaa waliif galu. ‘Lamaan isaanii iyyuu sirna gaaʼelaa Waaqayyo baase jalatti lafa kana irra hamma waliin jiraatanitti’ wal jaallachuuf, wal kunuunsuu fi wal kabajuuf waadaa galu. Tarii warri tokko tokko immoo kallattiidhaan akkana jedhanii dubbachuu baatanis, Waaqayyo duratti waadaa galaniiru. Yeroo sanaa kaasee haadha manaa fi abbaa manaa taʼuudhaan, jireenya isaanii guutuu waliin jiraatu. (1 Qor. 7:39) Yesuus, “Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasiin” yommuu jedhu, haati manaas taate abbaan manaa ykn namni kan biraan gargar hin baasin jechuu isaa ture. Kanaaf, hiriyoonni gaaʼelaa wal hiikuu akka filannootti yaadatti qabatanii gara gaaʼelaatti hin seenan. (Mar. 10:9) Gaaʼelli mudaa hin qabne matumaa akka hin jirre beekamaa dha. Gaaʼelli namoota mudaa qaban lamaan hundeeffama. Kitaabni Qulqulluun namoonni gaaʼela godhatan al tokko tokko ‘rakkina akka ofitti fidan’ kan dubbatu kanaafi.—1 Qor. 7:28. w17.04 7 key. 14-15