Akkaataa Buukleetii Kanatti Itti Fayyadamnu
Fuulawwan itti aanan irratti, caqasa tokkoon tokkoon guyyaatiif ramadamee fi yaada caqasicha irratti hundaaʼe argatta. Caqasawwan kanaa fi yaada isaa saʼaatii kamitti iyyuu dubbisuun kan dandaʼamu taʼus, obboloonni hedduun ganama dubbisuun faayidaa akka qabu hubataniiru. Yoo akkas godhan guyyaa guutuu yaadicha irratti xiinxaluu dandaʼu. Maatiidhaan taʼanii caqasicha irratti mariʼachuun baayʼee gaarii dha. Maatiiwwan Betʼel addunyaa maratti argaman saʼaatii cireetti caqasa guyyaa irratti mariʼatu.
Yaadawwan buukleetii kana irratti argaman Masaraa Eegumsaa (w) Ebla 2017 hanga Bitootessa 2018 irraa kan fudhatamani dha. Lakkoofsi maxxansa Masaraa Eegumsichaatti aanee argamu inni jalqabaa fuula barruu sanaa, inni itti aanu immoo keeyyata yaadichi irraa fudhatame argisiisa. (Fakkeenya armaan gadii ilaali.) Odeeffannoon dabalataa waaʼee dhimma sanaa ibsu, mata duree yaanni sun irraa fudhatame irratti argama.