Guraandhala
Wiixata, Guraandhala 1
[Yihowaan] haqa ni jaallata.—Far. 33:5.
‘Haqni’ akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, wanta Waaqayyo sirrii akka taʼe dubbate hojii irra oolchuu, kanas loogii malee raawwachuu jechuu dha. Gochi Yesuus ilaalcha inni haqaaf qabu kan argisiisu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Bara Yesuusitti, geggeessitoonni amantii Yihudootaa, namoota Yihudoota hin taane ni jibbu, Yihudoota barumsa amantii isaanii hin baranne ni tuffatu, akkasumas dubartootaaf kabaja hin qaban turan. Yesuus garuu namoota hundumaa karaa haqa qabuu fi loogii irraa bilisa taʼeen isaan qaba ture. Namoota Yihudoota hin taanee fi isatti amanuudhaan gara isaa dhufan simateera. (Mat. 8:5-10, 13) Namoota hundumaaf, sooressootaafis taʼe, hiyyeessotaaf utuu wal hin caalchisin lallabeera. (Mat. 11:5; Luq. 19:2, 9) Yesuus matumaa dubartoota gara jabinaan qabee ykn miidhee hin beeku. Faallaa kanaatiin, warra namoonni kaan tuffatan dabalatee, dubartoota kabajaa fi gaarummaadhaan qabeera. (Luq. 7:37-39, 44-50) Nutis sadarkaan hawaasa keessatti qaban ykn amantiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe, namoota dhaggeeffachuuf fedhii qaban hundumaaf loogii malee lallabuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Dhiironni Kiristiyaana taʼan, dubartoota kabajaan qabuudhaan fakkeenya isaa hordofu. w19.05 2 key. 1; 5 key. 15-17
Kibxata, Guraandhala 2
Akkuma haati hoosistu takka ijoollee ishii gaarummaadhaan kunuunsitu, nutis yeroo isin gidduu turre garraamummaadhaan isin kunuunsine.—1 Tas. 2:7.
Haaluma wal fakkaatuun jaarsolii amanamoon yeroo harʼaa jiranis, namoota isaan barbaachisuuf jajjabina Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuuf, jechoota gara laafinaa fi gaarummaa argisiisanitti fayyadamu. Namoota miidhaan saalaa irra gaʼeef jajjabina kennuu kan dandaʼan jaarsolii qofadhaa? Lakki. Hundi keenya ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuuf’ itti gaafatamummaa qabna. (1 Tas. 4:18) Keessumaa obboleettonni bilchaatoo taʼan, obboleettota jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu ni dandaʼu. Yihowaan haadha ilma ishii jajjabeessitutti of fakkeessuun isaa sirrii dha. (Isa. 66:13) Kitaabni Qulqulluun dubartoota namoota dhiphatan jajjabeessan ilaalchisee fakkeenya qabateera. (Iyo. 42:11) Yeroo harʼaattis Yihowaan, dubartoonni Kiristiyaana taʼan, obboleettota dhiphina miiraa wajjin qabsoo gochaa jiran yeroo jajjabeessan yommuu argu guddaa gammada. Yeroo tokko tokko, jaarsi tokko ykn lama obboleettiin bilchaattuun tokko obboleettii dhiphachaa jirtu gargaaruu ni dandeessi yoo taʼe iccitiidhaan gaafachuu dandaʼu. Dhugaa dha, dhimmoota Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe tokko iccitiidhaan qabuuf filatu beekuuf akka hin yaalle of eeggachuu qabna.—1 Tas. 4:11. w19.05 16-17 key. 10-12
Roobii, Guraandhala 3
Wanti hundi ragaa namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin [mirkaneeffama].—Mat. 18:16.
Gumii keessatti, jaarsoliin tarkaanfii murtii fudhachuu isaanii dura, yoo xinnaate ragoonni lama jiraachuu kan qaban maaliifi? Qajeelfamni kun ulaagaa haqaa Kitaaba Qulqulluu isa sadarkaa ol aanaa qabu keessaa isa tokko dha. Namni sun yakka raawwachuu isaa kan hin amanne yoo taʼe, himanni sun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuu fi jaarsoliin koree murtii hundeessuuf ragoonni lama jiraachuu qabu. (Kes. 19:15; 1 Xim. 5:19) Namni sun himata isa irratti dhihaate yoo amanuu dide, jaarsoliin wanta namoonni dhimma sana beekan dubbatan dhaggeeffatu. Yoo xinnaate namoonni lama, jechuunis namni himata sana dhiheessee fi namni kan biraan ragaa baʼu yoo jiraate, jaarsoliin koree murtii hundeessu. Taʼus, namni ragaa baʼu kan biraan hin jiru jechuun, namni himata sana dhiheesse sun soba dubbateera jechuu miti. Himata yakki cimaan akka raawwatame dhihaate sanaaf ragoonni lama yoo jiraachuu baatanis, jaarsoliin cubbuu cimaan raawwatamee taʼuu akka dandaʼu ni beeku. Jaarsoliin nama miidhaan irra gaʼee taʼuu dandaʼu kamiif iyyuu gargaarsa itti fufiinsa qabu gochuu qabu; akkasumas gara fuulduraatti gumicha irra miidhaan akka hin geenye dammaqoo taʼuu qabu.—HoE. 20:28. w19.05 11 key. 15-16
Kamisa, Guraandhala 4
Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali.—1 Xim. 4:15.
Ijoolleen akkamitti qoʼachuu akka qaban isaan barsiisuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, walgaʼii gumiitiif akkamitti qophaaʼuu akka dandaʼan ykn dhimma mana barumsaatti isaan mudate tokkoof qorannoo gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barachuun isaan barbaachisa. (Ibr. 5:14) Mana keessatti qoʼannaa gochuudhaan yeroo muraasa kan dabarsan yoo taʼe, barumsawwan walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti kennaman caalaatti xiyyeeffannaadhaan hordofuu dandaʼu. Dhugaa dha, ijoolleen al tokkotti yeroo hammamii qoʼachuu akka qaban kan murteessu umurii fi haala ijoollee sanaa ti. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenyas akkamitti akka qoʼatan barachuun isaan barbaachisa. Haaraa yeroo taʼanitti, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaaniitiif ykn walgaʼii gumiitiif yeroo qophaaʼan deebii jala sararuun isaanii qofti nu gammachiisa. Taʼus, barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya dhuunfaatti qorannaa fi qoʼannaa hiika qabu gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisuu qabna. Karaa kanaan, yeroo haalli rakkisaan isaan mudatutti, gargaarsaaf ariitiidhaan gara miseensota gumii deemuu mannaa, barreeffamoota keenya irratti qorannaa gochuudhaan gorsa isaan barbaachisu ofuma isaaniitii argachuu dandaʼu. w19.05 26 key. 2; 28 key. 10-11
Jimaata, Guraandhala 5
Nuti yaadawwan dogoggoraa fi wantoota guguddaa beekumsa Waaqayyoo morman hunda garagalchina.—2 Qor. 10:5.
Seexanni yaada keenya jijjiiruuf kutatee kaʼeera. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo fashaleessuuf, barumsawwan ykn yaadawwan qabu hundatti ni fayyadama. Seexanni gaaffii, dhaaba Eeden keessatti, “Dhuguma Waaqayyo . . . isiniin jedhee?” jechuudhaan Hewaaniin gaafate gaafachuu isaa itti fufeera. (Uma. 3:1) Addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru keessatti yeroo baayʼee gaaffii ulfaataa akkas jedhu ni dhageenya: ‘Dhuguma Waaqayyo namoonni saala wal fakkaatu qaban akka wal fuudhan hin heyyamuu? Dhuguma Waaqayyo Ayyaana Qillee ykn guyyaa dhalootaa akka kabajjan hin barbaaduu? Dhuguma Waaqni keessan dhiiga akka hin fudhanne isin irraa ni eegaa? Dhuguma Waaqni jaalala qabeessa taʼe, namoota jaallattanii fi gumiidhaa baafamanitti akka hin michoomne isin irraa ni eegaa?’ Wanti itti amannu dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu nu barbaachisa. Gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniif deebii utuu hin kennin sammuu keenya keessatti yoo dhiisne, shakkii guddaa nu keessatti uumuu dandaʼu. Shakkiiwwan akkasii yeroo booda, yaada keenya jalʼisuudhaan amantii keenya balleessuu dandaʼu. w19.06 12-13 key. 15-17
Sanbadduraa, Guraandhala 6
Hundi keessan yaadaan tokkummaa qabaadhaa, miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa, akkasumas kan gad of qabdan taʼaa.—1 Phe. 3:8.
Yihowaan baayʼee nu jaallata. (Yoh. 3:16) Nutis fakkeenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee hordofuu barbaanna. Kanaafuu, namoota hundumaa keessumaa immoo warra “amantiidhaan nutti firooman” ‘miira isaanii hubachuuf, akkasumas jaalala obbolummaa fi gara laafina isaaniif qabaachuuf’ yaalii goona. (Gal. 6:10) Namoota miseensa maatii hafuuraa keenya taʼan haalli dhiphisaan yommuu isaan mudatu isaan gargaaruu barbaanna. Nama hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼe tokko akkamitti jajjabeessuu dandeenya? Tarkaanfiin barbaachisu inni jalqabaa, isinitti toluu baatu illee ykn maal akka dubbattan mirkanaaʼoo taʼuu baattan illee isatti ykn ishiitti dubbachuu dha. Poolaan ishiin abbaan manaa ishii akka tasaa jalaa duʼe akkas jetteetti: “Namoonni nama gaddi irra gaʼe haasofsiisuun akka isaan dhiphisu nan hubadha. Wanta dogoggora taʼe dubbachuu dandeenya taʼa jedhanii yaaddaʼu. Haa taʼu malee, homaa utuu hin dhagaʼin hafuun wanta dogoggora taʼe dhagaʼuu caalaa nama miidha.” Namni gadda irra jiru tokko tarii yaada gad fageenya qabu akka dubbannu nu irraa hin eegu taʼa. Poolaan, “Michoonni koo, ‘Kun si irra gaʼuu isaatti baayʼeen gadda’ yommuu naan jedhan nan dinqisiifadha” jetteetti. w19.06 20 key. 1; 23 key. 14
Dilbata, Guraandhala 7
Yaa Yihowaa, doorsisa isaanii ilaali; garboonni kee ija jabina guddaadhaan dubbii kee dubbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaari.—HoE. 4:29.
Hojiin lallabaa keenya yoo dhorkame, jaarsoliin xiyyeeffannaa mormitootaa karaa hin harkisneen walgaʼii irratti akka hirmaattan qophii isiniif godhu. Tuuta xixinnoo taatanii akka walitti qabamtan qajeelfama isiniif kennu, akkasumas iddoo fi saʼaatii walgaʼiin itti godhamu yeroo yerootti jijjiiruu dandaʼu. Hojii lallabaa ilaalchisee haalawwan iddoo adda addaatti garaa gara taʼuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaa waan jaallannuuf, waaʼee Mootummaa isaa warra kaanitti himuu ni barbaanna, kanaafuu karaa itti lallabnu argachuuf yaalii goona. (Luq. 8:1) Barreessaan seenaa Emilii Baaraan, lallaba Dhugaa Baatonni Yihowaa Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti raawwachaa turan ilaalchisee akkas jedhaniiru: “Mootummaan waaʼee amantii isaanii namoota kaanitti akka hin lallabne yommuu isaan dhorku, Dhugaa Baatonni ollaawwan isaanii, namoota isaanii wajjin hojjetanii fi michoota isaaniitiif lallabu. Gochi isaanii kun kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu akka seenan yommuu isaan taasisu, Dhugaa Baatonni namoota isaanii wajjin hidhamaniif lallabuuf yaalii godhu.” Obboloonni keenya achi turan dhorkamanii kan turan taʼus, lallabuu isaanii hin dhaabne. Isinis murtoo akkasii gochuu dandeessu! w19.07 11 key. 12-13
Wiixata, Guraandhala 8
Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.—Mat. 28:19.
Namoonni amantii akka hin qabne dubbatan Waaqayyoon akka jaallatanii fi barattoota Kiristoos akka taʼan akkamitti isaan gargaaruu dandeenya? Haalli itti namni tokko ergaa keenyaaf deebii kennu bakka inni itti guddate irratti hundaaʼuu akka dandaʼu beekuu qabna. Fakkeenyaaf, namoonni Awurooppaatti guddatan, akka namoota Eeshiyaatti guddatanitti deebii nuu kennuu dhiisuu dandaʼu. Maaliif? Awurooppaa keessatti, namoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu hamma tokko beekan, yaada waan hundumaa kan uume Waaqayyodha jedhu beeku. Eeshiyaa keessatti garuu, namoonni hedduun waaʼee Kitaaba Qulqulluu waan xinnoo qofa beeku ykn homaa hin beekan, akkasumas Uumaatti amanuu dhiisuu dandaʼu. Kanaaf ilaalcha sirrii qabaadhaa. Waggaa waggaadhaan, namoonni amantii akka hin qabne dubbatan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼu. Namoota kana keessaa baayʼeen isaanii duruma iyyuu naamusa gaarii kan qaban siʼa taʼu, fakkeessaa amantii baayʼee jibbu turan. Warri kaan immoo sadarkaan naamusaa isaanii gad aanaa dha; isaan keessaa baayʼeen isaanii barsiifata gadhee dhiisuun isaan barbaachisu qabu turan. Nutis gargaarsa Yihowaatiin, ‘warra jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban’ argachuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—HoE. 13:48; 1 Xim. 2:3, 4. w19.07 20-21 key. 3-4
Kibxata, Guraandhala 9
Nuti abdii hin kutannu.—2 Qor. 4:16.
Abdiin keenya samii irra bara baraaf jiraachuus taʼe, lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu, galma keenya irra gaʼuuf carraaquu keenya itti fufuu qabna. Haalli keenya maal iyyuu yoo taʼe, wantoota duuba keenya jiran ilaaluu hin qabnu; akkasumas wanti kam iyyuu Yihowaa tajaajiluu akka nu dhoowwu heyyamuu hin qabnu. (Filp. 3:16) Abdiin keenya utuu hin raawwatamin waan ture fakkaachuu dandaʼa ykn jabinni qaama keenyaa laafaa deemuu dandaʼa. Waggoota hedduudhaaf haala rakkisaa keessa jiraachaa kan turree fi ariʼatamni nu irra gaʼaa kan ture taʼuu dandaʼa. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, “waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.” Kanaa mannaa, wawwaannaa fi iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa, innis nagaa isa hubannaa keessanii ol taʼe isiniif ni kenna. (Filp. 4:6, 7) Akkuma namni dorgommii fiigichaa irratti hirmaatu tokko marsaa isa xumuraa irratti caalaatti dhamaʼu, nutis dorgommii jireenyaaf goonu xumuruuf galma qabnu irratti guutummaatti xiyyeeffachuu qabna. Humnii fi haalli keenya hanga nuuf heyyametti haa dhamaanu, akkasumas wantoota dinqisiisoo nu fuuldura jiran bira gaʼuudhaaf haa carraaqnu. w19.08 7 key. 16-17
Roobii, Guraandhala 10
Warra booʼanii wajjin booʼaa.—Rom. 12:15.
Nama gadda irra jiru tokkotti maal akka dubbannu wallaaluu dandeenya taʼa. Yeroo tokko tokko imimmaan keenya wanta nuti dubbannu caalaa akka isaaniif yaadnu ibsuu dandaʼa. Michuu Yesuus kan taʼe Alaazaar yeroo duʼetti, Maariyaam, Maartaa fi warri kaan obboleessaa fi michuu isaanii jaallatamaa kanaaf booʼaniiru. Yesuus guyyaa afur booda yeroo achi gaʼu, Alaazaariin duʼaa akka kaasu kan beeku taʼus, innis ‘imimmaan isaa dhangalaaseera.’ (Yoh. 11:17, 33-35) Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuun isaa, Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu kan argisiisu ture. Imimmaan Yesuus jaalala inni maatichaaf qabu kan isaaniif mirkaneesse siʼa taʼu, kunis Maariyaamii fi Maartaa jajjabeessee akka ture hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni keenya akka isaan jaallannuu fi akka isaaniif yaadnu yommuu hubatan, kophaa isaanii akka hin taanee fi michoota isaaniif yaadan, akkasumas isaan gargaaraniin akka marfaman ni hubatu. Yeroo tokko tokko akka gaariitti dhaggeeffachuu qofatu nu barbaachisa taʼa. Obboleessi keessan wanta isatti dhagaʼamu akka dubbatu godhaa, akkasumas ‘ariitiidhaan yoo dubbate’ hin mufatinaa. (Iyo. 6:2, 3) Firoonni isaa Dhugaa Baatota hin taane, dhiibbaa isa irratti gochuu isaaniitiin kan kaʼe, dhiphinni dabalataa isa irra gaʼaa jira taʼa. Kanaafuu isaa wajjin kadhadhaa. Inni ‘kadhata namaa dhagaʼu’ jabinaa fi ilaalcha sirrii qabaachuuf akka isa gargaaru cimsaa kadhadhaa.—Far. 65:2. w19.04 18-19 key. 18-19
Kamisa, Guraandhala 11
Garaa keessan isaaf banaa.—Far. 62:8.
Kan tajaajillu Betʼelittis taʼe gosa tajaajila yeroo guutuu kan biraa irratti, namootaaf, akkasumas bakka itti tajaajilluuf illee jaalala guddaa horachuu dandeenya. Kanaaf, ramaddii tajaajilaa keenya dhaabuun yoo nu barbaachise baayʼee gadduu dandeenya. Keessumaa sababa ariʼatamaatiin yoo taʼe waaʼeen obboloota keenyaa nu yaaddessuu dandaʼa, akkasumas isaan yaaduu dandeenya. (Mat. 10:23; 2 Qor. 11:28, 29) Kana malees, aadaa haaraatti baruun waan nu barbaachisuuf iddoo biraa deemuun baayʼee nutti ulfaachuu dandaʼa. Bakkuma dhufnetti yoo deebine illee akkas nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Namoonni jijjiiramni hojii isaan mudate tokko tokko rakkinni qarshii hin eegamne isaan mudachuu dandaʼa. Tarii miirri shakkii, sodaa fi abdii kutachuu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Maaltu isaan gargaaruu dandaʼa ree? Yihowaatti maxxananii jiraachuu dha. (Yaq. 4:8) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Inni ‘kadhata namaa kan dhagaʼu’ taʼuu isaa amantii qabaachuudhaani. (Far. 65:2) Yihowaan “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu irra caalaa baayʼisee” gochuu dandaʼa. (Efe. 3:20) Inni wanta kadhannaadhaan isa gaafannu nuuf kennuudhaan qofa hin daangeffamu. Karaa nuti matumaa yaannee hin beekneen rakkoowwan keenyaaf furmaata nuu kennuudhaan wanta nuti hin eegne nuu gochuu dandaʼa. w19.08 21 key. 5-6
Jimaata, Guraandhala 12
Isaanis gara bakka . . . Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.—Mul. 16:16.
Namoonni jecha “Armaagedoon” jedhu waraana niwukilarii ykn balaa uumamaa ibsuuf itti fayyadamu. Faallaa kanaatiin garuu, wanti Kitaabni Qulqulluun Armaagedoon ilaalchisee dubbatu misiraachoo of keessaa qaba; kunis gammachuudhaan akka guutamnu nu taasisa. (Mul. 1:3) Waraanni Armaagedoon ilmaan namootaa kan balleessu utuu hin taʼin kan oolchu dha. Akkamitti? Bulchiinsa namootaa balleessuudhaani. Waraanni kun namoota hamoo balleessee qajeelonni akka jiraatan gochuudhaan ilmaan namootaa oolcha. Akkasumas lafti akka hin badne eeguudhaan ilmaan namootaa oolcha. (Mul. 11:18) Jechi “Armaagedoon” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti al tokko qofa kan argamu siʼa taʼu, jecha Afaan Ibrootaa hiika “Gaara Magidoo” jedhu qabu irraa kan dhufe dha. (Mul. 16:16; milj.) Magidoon magaalaa Israaʼel durii keessa turte dha. (Iya. 17:11) Armaagedoon garuu iddoo kallattiidhaan lafa irratti argamu kam iyyuu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa haala ‘mootonni guutummaa lafaa’ Yihowaa mormuudhaan walitti qabamuu isaanii argisiisu dha.—Mul. 16:14. w19.09 8 key. 1-3
Sanbadduraa, Guraandhala 13
Eenyu iyyuu ishii fayyisuu hin dandeenye.—Luq. 8:43.
Dubartiin sun gargaarsi baayʼee ishii barbaachisa ture. Dhukkuba ishii irraa akka fayyitu abdachuudhaan ogeeyyii fayyaa hedduu bira deemteetti. Waggaa 12f rakkachaa erga turtee booda illee, fayyuu hin dandeenye. Ishiin akka Seerichaatti qulqulluu hin turre. (Lew. 15:25) Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisuu akka dandaʼu waan dhageesseef isa barbaaduu deemte. Yommuu isa argattu fiixee uffata isaa kan tuqxe siʼa taʼu, achiis battaluma sanatti ni fayyite! Taʼus, Yesuus qaama ishii fayyisuu caalaa wanta godhe qaba; ulfinni ishiis akka ishiidhaaf deebiʼu godheera. Fakkeenyaaf, yeroo ishii wajjin dubbatetti, “Intala ko” jedhee ishii waamuudhaan akka ishii jaallatuu fi kabaju argisiiseera. Dubartiin tun dhugumaan boqonnaa akka argattee fi akka jajjabaatte hin shakkisiisu. (Luq. 8:44-48) Dubartiin sun gara Yesuus akka deemte hubadhaa. Gara isaa dhaquudhaaf dursa fudhatteetti. Harʼas haalli isaa akkasuma, gara Yesuus dhufuuf carraaqqii gochuu qabna. Yeroo harʼaa Yesuus dhukkuba qaamaa namoonni gara isaa dhufan qaban dinqiidhaan hin fayyisu. Taʼus, “Gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna” jechuudhaan ammas nu affeeraa jira.—Mat. 11:28. w19.09 20 key. 2-3
Dilbata, Guraandhala 14
[Tuuta] uummataa guddaa . . . saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan [nan arge].—Mul. 7:9.
Zakaariyaas raajichi wanta kana wajjin wal fakkaatu dursee raajii dubbateera. Akkana jechuudhaan barreesseera: “Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” (Zak. 8:23) Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota qooqa hundumaa keessaa walitti qabuuf misiraachichi afaanota hedduudhaan lallabamuu akka qabu hubatanii turan. Amma qooqa dhibbaan lakkaaʼamuun hojii hiikkaa seenaa keessatti baayʼee guddaa taʼe raawwachaa jirra. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan saba hundumaa keessaa tuuta uummataa guddaa walitti qabuudhaan bara keenyatti dinqii hojjechaa jira. Nyaata hafuuraa afaanota hedduudhaan argamuuf galanni haa taʼuutii, tuutni addunyaa mara irraa dhufe kun tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachaa jira. Sabni Yihowaas hinaaffaadhaan lallabuu fi jaalala obbolummaa isaaniitiin beekamu. Kun amantii kan namaaf cimsu dha mitii?—Mat. 24:14; Yoh. 13:35. w19.09 30-31 key. 16-17
Wiixata, Guraandhala 15
Yeroo sanatti rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane ni dhufa.—Mat. 24:21.
Yeroo rakkina guddaatti namoonni wantoonni isaan bara baraaf ni jiraatu jedhanii yaadan baduu yommuu jalqaban ni rifatu. Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo baayʼee sodaachisaa taʼe kanatti jireenya isaaniitiif waan sodaataniif ‘yaaddoon’ isaanitti dhagaʼama. (Sef. 1:14, 15, NW) Yeroo sanatti saba Yihowaatti illee jireenyi baayʼee ulfaachuun isaa hin oolu. Sababiin isaas nuti kutaa addunyaa kanaa waan hin taaneef, rakkinoonni tokko tokko nu mudachuu dandaʼu. Wantoota jireenyaaf barbaachisan tokko tokkos dhabuu dandeenya. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” yeroo rakkina guddaatti amanamoo taanee akka jiraannu nu qopheessaa jira. (Mat. 24:45) Kana gochaa kan jiru karaa baayʼeedhaan taʼus, walgaʼiiwwan guguddaa bara 2016-2018tti qophaaʼan akka fakkeenyaatti kaasuun ni dandaʼama. Karaa walgaʼiiwwan kanaa guyyaa Yihowaatti dhihaachaa yommuu jirru kanatti amaloota nu barbaachisan akka cimsannu jajjabeeffamneerra. w19.10 14 key. 2; 16 key. 10; 17 key. 12
Kibxata, Guraandhala 16
“Maaddii Yihowaa” fi maaddii jinniiwwanii irraa nyaachuu hin dandeessan.—1 Qor. 10:21.
Nyaata nyaanne takkaa erga liqimsinee booda nyaanni sun qaama keenya irratti akkamitti akka dhiibbaa godhu toʼachuu hin dandeenyu. Nyaanni gaariin fayya buleeyyii akka taanu nu gochuu dandaʼa; nyaanni gaarii hin taane immoo fayyaa keenya miidha. Buʼaan isaas yeruma sana mulʼachuu dhiisuu dandaʼa, yeroo booda garuu mulʼachuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun bashannana yommuu filannu wanta sammuu keenya keessa galchinu filachuu dandeenya. Achiis bashannanni filanne sun akkaataa itti yaannuu fi miira keenya irratti dhiibbaa godha. Bashannanni gaariin nu haaromsuu dandaʼa; bashannanni gaarii hin taane immoo nu miidha. (Yaq. 1:14, 15) Miidhaan bashannanni gadheen geessisu yeruma sana mulʼachuu dhiisuu dandaʼa, yeroo booda garuu mulʼachuun isaa hin oolu. Kitaabni Qulqulluunis akkana jechuudhaan kan nu akeekkachiisu kanaafi: “Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata; sababiin isaas namni fooniif jedhee facaasu, foon isaa irraa tortoruu haammata.” (Gal. 6:7, 8) Dhuguma iyyuu bashannana wantoota Yihowaan jibbu babalʼisu hunda irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!—Far. 97:10. w19.10 30 key. 12-14
Roobii, Guraandhala 17
Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa; . . . jaalalaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:1, 2.
Yihowaan Ilmi isaa furii akka nuuf taʼu kennuudhaan jaalala akka nuuf qabu mirkaneesseera. (Yoh. 3:16) Jaalala argisiisuu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoon tokkoon obbolootaa fi obboleettota keenyaa gatii guddaa akka qabanitti isaan ilaalla; akkasumas “hoolaa badee” turee fi gara Yihowaatti deebiʼe gammachuudhaan simanna. (Far. 119:176; Luq. 15:7, 10) Keessumaa yeroo barbaachisaa taʼutti isaan gargaaruudhaaf of kennuudhaan, obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu mirkaneessina. (1 Yoh. 3:17) Yesuus duuka buutonni isaa jaalala isa fedhii ofii aarsaa godhu akka argisiisan isaan ajajeera. (Yoh. 13:34, 35) Ajajni Yesuus kenne, gosa jaalalaa Waaqayyo Seericha keessatti Israaʼeloonni akka argisiisan isaan ajaje irraa adda waan taʼeef haaraa dha. Jaalalli kun namoota hidhata amantii keenya taʼan akka Yesuus nu jaallatetti akka isaan jaallannu nu kakaasuu qaba. Kunis jaalala isa fedhii ofii aarsaa godhu argisiisuu gaafata. Obbolootaa fi obboleettota keenya hamma ofii keenya jaallannu caalaatti illee jaallachuu qabna. Akkuma Yesuus nuuf godhe, hamma lubbuu keenya dabarsinee isaaniif kennuuf fedhii qabaannutti isaan jaallachuu qabna. w19.05 4 key. 11-13
Kamisa, Guraandhala 18
Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama.—Luq. 11:9.
Gargaarsa hafuura qulqulluu argachuuf irra deddeebinee kadhachuu qabna. (Luq. 11:13) Fakkeenyi Yesuus Luqaas 11:5-9 irratti dubbate Yihowaan hafuura qulqulluu kan nuuf kennu maaliif akka taʼe hubachuufis nu gargaara. Namichi fakkeenya kana irratti ibsame keessummaa isaa sirriitti keessummeessuu barbaadee ture. Keessummaa halkan gara isaa dhufe kanaaf nyaata dhiheessuu akka qabu kan isatti dhagaʼame taʼus wanta isaaf dhiheessu garuu hin qabu ture. Yesuus namichi sun irra deddeebiʼee waan gaafateef michuun isaa daabboo akka isaaf kenne dubbateera. Yesuus maal barsiisuu barbaade? Namni mudaa qabu tokko michuu isaa irra deddeebiʼee isa gaafate gargaaruuf fedhii erga qabaatee, Abbaan keenya inni samii immoo warra irra deddeebiʼanii isa gaafataniif hafuura qulqulluu caalchisee akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Kanaafuu, Yihowaan hafuura qulqulluu akka nuuf kennu amanannaadhaan isa kadhachuu dandeenya. (Far. 10:17; 66:19) Seexanni nu injifachuuf carraaqqii wal irraa hin cinne kan godhu taʼus, akka isa moonu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. w19.11 13 key. 17-19
Jimaata, Guraandhala 19
Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa.—Mar. 6:31.
Yesuus innii fi ergamoonni isaa yeroo tokko tokko xinnoo boqochuun akka isaan barbaachisu beeka ture. Haa taʼu malee, namoonni yeroo sana turanii fi yeroo harʼaa jiran hedduun namicha sooressa fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa wajjin wal fakkaatu. Namichi sun akkana ofiin jedhee ture: “Egaa dhimma hin qabaatin, taaʼi, nyaadhu, dhugi, gammadis!” (Luq. 12:19; 2 Xim. 3:4) Namichi kun boqochuu fi gammaduun wantoota jireenya keessatti iddoo guddaan kennamuuf akka taʼe itti dhagaʼamee ture. Faallaa kanaatiin, Yesuusii fi ergamoonni isaa jireenyi isaanii of gammachiisuu irratti akka xiyyeeffatu hin goone. Yeroo harʼaa nutis yeroo itti hojii irraa boqonnaa baanu, boqochuuf qofa utuu hin taʼin wanta gaarii hojjechuuf, jechuunis warra kaaniif dhugaa baʼuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuuf itti fayyadamuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqna. Barattoota gochuunii fi walgaʼii irratti argamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Kanaafuu wantoota kanneen Yihowaadhaaf gochuu keenya itti fufuuf wanta dandeenyu hunda ni goona. (Ibr. 10:24, 25) Boqonnaa yeroo baanutti illee bakka deemne hundatti walgaʼiiwwan irratti argamuu fi namoota argannu wajjin marii jalqabuuf carraa barbaaduudhaan sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuu keenya itti fufna.—2 Xim. 4:2. w19.12 7 key. 16-17
Sanbadduraa, Guraandhala 20
Hojii jalqabdan . . . fiixaan baasaa.—2 Qor. 8:11.
Yihowaan akkaataa itti jiraannu akka murteessinu nuuf heyyameera. Inni filannoo gaarii akkamitti akka goonu nu barsiisa, akkasumas murtoo isa gammachiisu yommuu goonu akka nuuf milkaaʼu nu gargaara. (Far. 119:173) Ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hojii irra yommuu oolchinu, caalaatti murtoo gaarii goona. (Ibr. 5:14) Haa taʼu malee, murtoo gaarii yommuu goonutti illee, wanta jalqabne fiixaan baasuuf qabsoo gochuun nu barbaachisa taʼa. Mee fakkeenyota muraasa armaan gadii ilaalaa: Obboleessi dargaggeessa taʼe tokko Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbisee xumuruuf murteesse. Achiis torbee muraasaaf akka gaariitti kan dubbise taʼus, yeroo booda garuu dubbisuu dhaabe. Obboleettiin takka qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiluuf kan murteessite taʼus, guyyaa itti jalqabdu garuu lafa irra harkisti. Qaamni jaarsolii tokko obbolootaa fi obboleettota gumii keessa jiran karaa hafuuraa caalaatti tiksuuf kan murteessan taʼus, jiʼoota hedduu booda illee wanta murteessan kana hojii irra hin oolchine. Haalawwan kun adda adda taʼanis, wanti wal isaan fakkeessu garuu jira. Murtoowwan godhaman kunneen guutummaatti hojii irra hin oolle. w19.11 26 key. 1-2
Dilbata, Guraandhala 21
Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.—Fak. 21:5.
Yesuus yeroo keessa jiraannu kana ‘bara Nohii’ wajjin kan wal fakkeesse yommuu taʼu, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jiraachaa akka jirru hin shakkisiisu. (Mat. 24:37; 2 Xim. 3:1) Dhugaa kana sammuutti qabachuudhaan hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko ijoollee utuu hin godhatin turuuf murteessaniiru; kunis tajaajila Kiristiyaanaa irratti yeroo dabalataa dabarsuuf isaan dandeessiseera. Hiriyoonni gaaʼelaa ogeeyyii taʼan ijoollee godhachuu fi dhiisuuf, akkasumas ijoollee meeqa godhachuu akka barbaadan yommuu murteessanitti baasii isaanii ni ‘shallagu.’ (Luq. 14:28, 29) Warri muuxannoo qaban ijoollee guddisuun qarshii qofa utuu hin taʼin, yeroo fi humnas akka gaafatu beeku. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa gaaffiiwwan kanatti aananii jiran irratti yaaduun isaanii barbaachisaadha: ‘Wantoota buʼuuraa maatichaaf barbaachisu guutuuf lamaan keenya iyyuu hojjechuu qabnaa? Wantoonni dhugumaan maatii keenyaaf barbaachisan maalfaa akka taʼan irratti walii galleerraa? Lamaan keenya iyyuu hojjechuu qabna yoo taʼe ijoollee keenya eenyutu kunuunsa? Ilaalchaa fi gocha isaanii irratti dhiibbaa kan godhu eenyu?’ Hiriyoonni gaaʼelaa tasgabbiidhaan gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼatan yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru hojii irra oolchu. w19.12 23-24 key. 6-7
Wiixata, Guraandhala 22
Mootummaa Waaqayyootiif anaa wajjin kan hojjetan isaan kana . . . ; isaan madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru.—Qol. 4:11.
Phaawulos ergamaa haalli lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu yeroo baayʼee isa mudateera. (2 Qor. 11:23-28) Kana malees ‘qoree foon isaa waraanu’ dandamachuun isa barbaachisee ture, kunis tarii rakkina fayyaa taʼe tokko taʼuu dandaʼa. (2 Qor. 12:7) Akkasumas Deemaas inni yeroo tokko isa wajjin hojjechaa ture “sirna ammaa kana jaallatee” isa dhiisee deemuu isaatiin kan kaʼe gadda isatti dhagaʼame dandamachuu qaba ture. (2 Xim. 4:10) Phaawulos Kiristiyaana dibamaa fi ija jabeessa arjummaadhaan warra kaan gargaaraa ture taʼus yeroo tokko tokko abdii kutata ture. (Rom. 9:1, 2) Phaawulos jajjabinaa fi deeggarsa isa barbaachisu argateera. Akkamitti? Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee jabina akka isaaf kenne hin shakkisiisu. (2 Qor. 4:7; Filp. 4:13) Akkasumas Yihowaan Kiristiyaanota kan birootti fayyadamee isa jajjabeesseera. Phaawulos warri isa wajjin hojjetan tokko tokko “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼan ibseera. (Qol. 4:11) Isaan keessaa Arisxaarkos, Tikiqoosii fi Maarqos maqaadhaan caqaseera. Namoonni kun Phaawulosiin jajjabeessuudhaan jabaatee akka dhaabbatu isa gargaaraniiru. w20.01 8 key. 2-3
Kibxata, Guraandhala 23
Inni ija garaa keessanii isiniif ibseera.—Efe. 1:18.
Yesuus waaʼee ‘lammata dhalachuu’ ykn ‘hafuura irraa dhalachuu’ nama hin dibamne tokkoof sirriitti ibsuun akka hin dandaʼamne dubbateera. (Yoh. 3:3-8) Kiristiyaanonni yommuu dibaman ilaalcha isaanii irratti jijjiirama akkamiitu taʼa? Yihowaan isaan dibuu isaa dura Kiristiyaanonni kun abdii lafa irra bara baraaf jiraachuutiif iddoo guddaa kennu turan. Yeroo itti Yihowaan hammeenya hunda balleessuu fi lafa kana gara jannataatti jijjiiru hawwii guddaadhaan eeggatu turan. Tarii miseensa maatii ykn michuu isaanii duʼaan dhaban tokko yommuu simatan yaadaan ilaalanii taʼuu dandaʼa. Erga dibamanii booda garuu karaa adda taʼeen yaaduu jalqabu. Maaliif? Abdii lafa irraatti waan hin gammanneef miti. Yookiin immoo dhiphinaa fi rakkina hedduu isaan irra gaʼeen kan kaʼe yaada isaanii jijjiiranii miti. Akkasumas lafa irra bara baraaf jiraachuun nuffisiisaa akka taʼe akka tasaa waan isaanitti dhagaʼameef miti. Kanaa mannaa Yihowaan hafuura isaatti fayyadamuudhaan akkaataa isaan itti yaadanii fi abdii isaan iddoo guddaa kennaniif kana ni jijjiire. w20.01 22 key. 9-11
Roobii, Guraandhala 24
Namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu.—Rom. 13:1.
Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne keessatti dhiironni muudaman, dhimmoota hafuuraa qofa utuu hin taʼin, dhimmoota hawaasaa fi dhimmoota yakkaas ni ilaalu turan. “Seera Kiristoos” keessatti garuu jaarsoliin muudaman wantoota hafuuraa ilaalchisee dogoggora raawwatame qofa ilaalu. (Gal. 6:2) Dhimmoota hawaasummaa fi yakkaa akka ilaalaniif Waaqayyo abbootii taayitaa addunyaatiif aangoo akka kenne ni beeku. Aangoon kun qarshiidhaan ykn hidhaadhaan adabuu dabalata. (Rom. 13:2-4) Jaarsoliin dhimma hafuuraa ilaalchisee dogoggora cimaa raawwatameef furmaata kan kennan akkamitti? Dhimmoota madaaluu fi murtoo gochuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu. Isaan jaalalli buʼuura seera Kiristoos akka taʼe yaadatti ni qabatu. Jaalalli, jaarsoliin, ‘Obboloota gumii miidhaan irra gaʼe kam iyyuu gargaaruuf maaltu godhamuu qaba?’ jedhanii akka yaadan, nama miidhaa geessise ilaalchisee immoo, ‘Namni sun yaada geeddarateeraa? Hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebisee akka argatu isa gargaaruu ni dandeenyaa?’ jedhanii akka yaadan isaan kakaasa. w19.05 7 key. 23-24
Kamisa, Guraandhala 25
Ani . . . sababii [Abbaatiinan jiraadha].—Yoh. 6:57.
Yesuus yaada armaan olii yommuu dubbatetti Abbaan isaa Madda jireenya isaa akka taʼee fi kan isa jiraachisu taʼuu isaa ifa godheera. Yesuus guutummaatti Abbaa isaatti waan amanameef Yihowaan wanta jireenyaaf isa barbaachisu isaaf kenneera. Hunda caalaa immoo Yihowaan, Yesuus isaaf amanamaa taʼee akka itti fufu isa gargaareera. (Mat. 4:4) Yihowaan wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu nuufis ni guuta. Karaa Dubbii isaa waaʼee isaa, waaʼee kaayyoo isaa, maaliif akka uumamnee fi gara fuulduraa ilaalchisee dhugaa isaa akka beeknu godheera. Inni jalqaba yommuu dhugaa barannu warra keenyatti ykn nama kan biraatti fayyadamee akka isa beeknu nu gargaaruudhaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka nuuf kennu argisiiseera. Akkasumas gargaarsa jaarsoliin gumii jaalala qabeeyyii taʼanii fi obboloonni bilchaatoo taʼan kan biroon gaarummaadhaan nuuf godhanitti fayyadamee nu gargaaruu isaa itti fufeera. Kana malees, Yihowaan walgaʼiiwwan gumiitti fayyadamee nu barsiisa; walgaʼiiwwan kana irrattis maatii hafuuraa keenya wajjin taanee baranna. Yihowaan karaawwan kanaa fi kanneen birootiin akka abbaatti hunda keenyaaf xiyyeeffannaa kenna.—Far. 32:8. w20.02 3 key. 8; 5 key. 13
Jimaata, Guraandhala 26
Wantoota nagaa argamsiisanii fi wal ijaaruuf gargaaran [hordofaa].—Rom. 14:19.
Hinaaffaan akka dagaagu kan heyyamnu yoo taʼe nagaan jiraachuu hin dandaʼu. Hinaaffaa garaa keenya keessaa buqqisuu qabna, akkasumas warra kaan keessatti akka biqilu gochuu irraa of qusachuu qabna. Warri kaan hinaaffaa irraa akka fagaatan gargaaruu fi nageenyi akka dagaagu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Ilaalchii fi gochi keenya warra kaan irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Addunyaan kun ‘qabeenya keenya akka argisiifannu’ barbaada. (1 Yoh. 2:16) Ilaalchi akkasii garuu hinaaffaan akka babalʼatu godha. Waaʼee wantoota qabnuu ykn bituuf karoorfannee warra kaanitti yeroo hunda dubbachuu dhiisuuf yoo filanne hinaaffaan isaan keessatti akka hin guddanne gochuu dandeenya. Karaan itti hinaaffaan akka babalʼatu gochuu irraa of qusachuu dandeenyu inni kan biraan immoo mirgawwan gumii keessatti qabnu ilaalchisee iddoo keenya beekuudhaani. Namoonni mirga qabnu irratti akka xiyyeeffatan kan goonu yoo taʼe, hinaaffaan akka guddatu haala mijeessina. Faallaa kanaatiin, warra kaaniif dhuunfaatti yommuu yaannuu fi wanta gaarii isaan hojjetaniif yommuu isaan galateeffannu, waan qabanitti akka gammadan isaan gargaarra, akkasumas gumii keessa tokkummaa fi nageenyi akka jiraatu goona. w20.02 18 key. 15-16
Sanbadduraa, Guraandhala 27
Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas . . . wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Rom. 1:20.
Uumama isaa irraa waaʼee Yihowaa barachuu dandeessa. (Mul. 4:11) Waaʼee biqiltootaa fi bineeldota Yihowaan uumee, akkasumas Yihowaan ogeessa taʼuu isaa akkamitti akka isaan mirkaneessan yaadi. Karaa dinqisiisaa qaamni kee itti uumame ilaalchisee wantoota tokko tokko baradhu. (Far. 139:14) Akkasumas waaʼee humna Yihowaan biiftuu keessa kaaʼee fi biiftuun urjiilee biliyoonaan lakkaaʼaman keessaa tokko taʼuu ishii yaadi. (Isa. 40:26) Kana yommuu gootu, kabajni Yihowaadhaaf qabdu ni guddata. Haa taʼu malee, Yihowaan ogeessaa fi humna qabeessa taʼuu isaa beekuun, isa wajjin hariiroo uumuuf wantoota buʼuura taʼan keessaa tokko qofa dha. Yihowaadhaaf jaalala cimaa horachuuf waaʼee isaa caalaatti barachuu si barbaachisa. Yihowaan dhuunfaatti akka siif yaadu amanuu qabda. ‘Yoo isa barbaaddatte, akka isa argattu’ yaadadhu. (1 Sen. 28:9) Yihowaan ‘gaarummaa isaatiin akka ofitti si dhiheessu’ dubbateera. (Er. 31:3) Hammuma wanta Yihowaan siif godhe hunda dinqisiifachaa deemtu jaalalli isaaf qabdus cimaa deema. w20.03 4 key. 6-7
Dilbata, Guraandhala 28
Tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu.—2 Qor. 4:1.
Phaawulos ergamaan tajaajilli jireenya isaa keessatti iddoo guddaa akka qabaatu gochuu irratti fakkeenya gaarii taʼeera. Adeemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa irratti yommuu Qorontos keessa turetti maallaqa isa barbaachisu waan dhabeef, yeroo gabaabaadhaaf dunkaana hojjechuun isa barbaachisee ture. Hojii kana kan hojjete, tajaajila isaa irratti of deggeruudhaan warra Qorontosiif misiraachicha “gatii malee” lallabuuf ture. (2 Qor. 11:7) Phaawulos hamma tokko hojii hojjechuun isa barbaachisee kan ture taʼus, tajaajilaaf dursa kennuu isaa itti fufuudhaan guyyaa Sanbataa yeroo hunda ni lallaba ture. Phaawulos haalli isaa erga fooyyaʼee booda, lallabaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu dandaʼeera. Kanaafuu, “guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame; Yesuus inni Kiristoos taʼuu isaa ragaa baʼuudhaanis Yihudoota amansiisa ture.” (HoE. 18:3-5; 2 Qor. 11:9) Phaawulos booda, Roomaatti mana ofii isaa keessatti waggaa lamaaf yommuu hidhamee turetti, namoota isa gaafachuu dhufaniif dhugaa baʼeera, akkasumas xalayaawwan barreesseera. (HoE. 28:16, 30, 31) Phaawulos wanti kam iyyuu tajaajila isaa akka isa jalaa hin daangessine murteessee ture. w19.04 4 key. 9