Bitootessa
Wiixata, Bitootessa 1
“Adda of baasaa” jedha Yihowaan, “wanta xuraaʼaa hin tuqinaa.”—2 Qor. 6:17.
Jaalalli Waaqayyoo fi Dubbii isaatiif qabnu yeroo firoonni ykn michoonni keenya nuuf yaadan warra duʼan ilaalchisee gochawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne akka raawwannu dhiibbaa nu irratti gochuuf yaalanitti, Yihowaadhaaf ajajamuuf humna nuuf kenna. Nama duʼe sana akka nuti hin jaallanne ykn hin kabajne dubbachuudhaan nu qaanessuuf yaaluu dandaʼu. Yookiin immoo gochi keenya karaa taʼe tokkoon warra lubbuudhaan jiran irra miidhaa geessisuu akka dandaʼu dubbatu taʼa. Uummata Kaariibiyaan keessatti, namoonni hedduun, namni tokko erga duʼee booda, hafuurri isaa naannoo sana turee warra isa miidhaa turan adaba jedhamee amanama. Kitaabni tokko, hafuurichi ‘hawaasa naannoo sanaa irratti illee rakkina uumuu akka dandaʼu’ ibseera. Afriikaa keessa bakkawwan tokko tokkotti, daawwitii mana nama duʼe sanaa keessa jiru hundatti haguuguu fi suuraa gara keenyaniitti garagalchuun aadaa dha. Kun kan godhamu maaliifi? Namoonni tokko tokko warri duʼan akka of hin ilaalleef akka taʼe dubbatu! Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, barsiifata ykn gocha soba Seexanaa babalʼisu kamitti iyyuu akka hin amanne beekamaa dha!—1 Qor. 10:21, 22. w19.04 16 key. 11-12
Kibxata, Bitootessa 2
Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.—Mat. 7:12.
Yesuus dhugaawwan duuka buutonni isaa warra kaan haqaan akka qaban isaan gargaaran barsiiseera. Fakkeenyaaf, mee waaʼee Seera Isa Beekamaa haa yaadnu. Hundi keenya namoonni haqaan akka nu qaban barbaanna. Kanaafuu, nutis warra kaan haqaan qabuu qabna. Kana kan goonu yoo taʼe, isaanis haqaan nu qabuudhaaf kakaʼumsa qabaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, namoonni kaan karaa haqa hin qabneen yoo nu qaban hoo? Yesuus duuka buutonni isaa Yihowaan, ‘warra halkanii fi guyyaa isatti iyyataniif murtii sirrii akka kennu’ akka amanatan isaan barsiiseera. (Luq. 18:6, 7) Yaadni Yesuus dubbate kun, Waaqni keenya inni haqa qabeessi qorumsawwan guyyoota dhumaa kana keessatti nu mudatan akka beekuu fi yeroo sirrii taʼetti haqni akka raawwatamu akka godhu abdii kenname dha jechuun ni dandaʼama. (2 Tas. 1:6) Dhugaa buʼuuraa Yesuus barsiise yommuu hordofnu, warra kaan karaa haqa qabuun isaan qabna. Addunyaa Seexanaa kana keessatti jalʼinni haqaa nu irratti raawwatameera yoo taʼe, Yihowaan haqni akka nuuf raawwatamu akka godhu beekuudhaan jajjabina argachuu ni dandeenya. w19.05 5 key. 18-19
Roobii, Bitootessa 3
Nama waaʼee abdii keessanii isin gaafatu hundumaaf deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼaa; kana kan gootan garuu garraamummaa fi ulfina guddaadhaan haa taʼu.—1 Phe. 3:15.
Dargaggeessa barachaa jirtudhaa? Tarii, barattoonni daree kee hundi barumsa jijjiirama tirannaatti ni amanu taʼa. Barumsa Kitaaba Qulqulluutiif falmuu kan barbaaddu taʼus, kana gochuuf gaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼama taʼa. Kanaafuu, kun qoʼannaa gochuu si gaafata. Yeroo kanatti galmi kee lama taʼuu dandaʼa: (1) Waaqayyo wantoota hundumaa akka uume amantii qabdu cimsachuu fi (2) dandeettii dhugaadhaaf falmuuf qabdu fooyyeffachuu dha. (Rom. 1:20) Jalqaba, akkas jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Barattoonni daree koo barumsa jijjiirama tirannaa deggeruuf yaada falmii akkamii dhiheessu?’ Achiis, barreeffamoota keenyatti fayyadamuudhaan qorannaa gadi fageenya qabu godhi. Amantii keetiif falmuun hamma ati yaadde ulfaataa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni baayʼeen jijjiirama tirannaatti kan amanan namni isaan kabajan tokko sirrii akka taʼe waan isaanitti himeef qofa dha. Qabxii isaan wajjin mariʼachuuf si dandeessisu tokko ykn lama qofa yoo argatte, nama dhugaa isaa beekuu barbaaduuf deebii quubsaa kennuu dandeessa.—Qol. 4:6. w19.05 29 key. 13
Kamisa, Bitootessa 4
Akkuma haati ilma ishii urursitutti, anis isin urursuu koo ittan fufa.—Isa. 66:13.
Eliyaas raajichi lubbuu isaa oolfachuuf yommuu baqataa turetti, garmalee waan abdii kutateef, duʼuu barbaadee ture. Yihowaan nama abdii kutate kana akka jajjabeessuuf maleekaa humna guddaa qabu tokko erge. Maleekaan kun gargaarsa qabatamaa taʼe isaaf kenneera. Eliyaasiif nyaata hoʼaa kan kenne siʼa taʼu, akka nyaatus isa jajjabeesseera. (1 Mot. 19:5-8) Seenaan kun dhugaa barbaachisaa tokko ibsa; yeroo tokko tokko xinnoo taʼus, gargaarsi qabatamaan gaarummaadhaan kenname wanta guddaa gaarii taʼe raawwachuu dandaʼa. Tarii nyaanni, kennaa xinnoon ykn kaardiin itti yaadamee qophaaʼe tokko obboleessi ykn obboleettiin abdii kutatan akka jaallatamanii fi namni isaaniif yaadu akka jiru akka isaanitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Dhimmoota dhuunfaa taʼan ykn garmalee nama dhiphisan irratti mariʼachuun yoo nutti toluu baate illee gargaarsa qabatamaa akkasii gochuu ni dandeenya. Yihowaan Eliyaas hamma Tulluu Horeeb bakka namoonni isa miidhuu barbaadan gaʼuu hin dandeenyeetti deemuu akka dandaʼuuf, gargaarsa isa barbaachisu dinqiidhaan kenneeraaf. Kana irraa barumsa akkamii arganna? Namoota miidhaan saalaa irra gaʼe jajjabeessuu yoo barbaanne, jalqaba mana isaaniittis taʼe Galma Walgaʼii keessatti nageenyi akka isaanitti dhagaʼamu gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. w19.05 16 key. 11; 17 key. 13-14
Jimaata, Bitootessa 5
Biyyattiin ni boossi; . . . maatiin mana Naataan kophaatti [ni booʼu].—Zak. 12:12.
Fakkeenyaaf, kitaaba raajii Zakaariyaas boqonnaa 12ffaa isa waaʼee duʼa Masihiichaa dubbatu dubbisaa jirta haa jennu. (Zak. 12:10) Lakkoofsa 12ffaa irra yommuu geessu “maatiin qomoo Naataan” duʼa Masiihichaatiin kan kaʼe guddaa akka gaddan dubbista. Wantoota xixinnoo taʼan kanaaf xiyyeeffannaa utuu hin kennin saffisaan irra darbuu mannaa, takka dhaabachuudhaan akkana jedhii of gaafadhu: ‘Walitti dhufeenyi maatii qomoo Naataanii fi Masiihicha gidduu jiru maali dha?’ Qorannoo dabalataa godhi. Saamuʼel Isa Lammaffaa 5:13, 14 inni maddii caqasa kanaatti argamu, Naataan ijoollee Daawit Mootichaa keessaa tokko akka taʼe dubbata. Caqasni maddii isaatti argamu inni lammaffaan immoo Luqaas 3:23, 31 siʼa taʼu, Yesuus karaa Maariyaam kallattiidhaan sanyii Naataan keessaa akka dhufe argisiisa. Kun fedhiin ati waaʼee dhimma sanaa beekuuf qabdu akka guddatu godha. Yesuus karaa sanyii Daawit akka dhufu raajiidhaan akka dubbatame beekta. (Mat. 22:42) Haa taʼu malee, Daawit ilmaan 20 ol qaba. Zakaariyaas Yesuus duʼuu isaatti keessumaa maatiin Naataan baayʼee akka gaddan adda baasee caqasuun isaa nama hin dinqisiisuu? w19.05 30 key. 17
Sanbadduraa, Bitootessa 6
Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.—Rom. 12:2.
Maal gochuu nu barbaachisa? Yeroo hunda qoʼachuudhaan, dhugaa Kitaaba Qulqulluu irraa baranne ofii keenyaaf mirkaneeffachuu dandeenya. Ulaagaawwan Yihowaa sirrii taʼuu isaanii guutummaatti of amansiisuu dandeenya. Taanaan, akkuma muka hundee jabaa qabuutti, hidda gad fageeffachuudhaan ‘amantiitti cimuu’ dandeenya. (Qol 2:6, 7) Namni kam iyyuu amantii keessan isiniif cimsuu akka hin dandeenye yaadadhaa. Kanaafuu, humna sammuu keessan hojjechiisu haaressuu keessan itti fufaa. Utuu gargar hin kutin kadhadhaa; gargaarsa hafuura Yihowaa argachuuf cimsaa kadhadhaa. Gad fageenyaan xiinxalaa; yaadaa fi kakaʼumsa keessan qoruu keessan itti fufaa. Michoota gaarii barbaaddadhaa, akkasumas namoota yaada keessan jijjiiruuf isin gargaaran waliin taʼaa. Kana gochuudhaan, summii addunyaa Seexanaa fashaleessuu, akkasumas “yaadawwan dogoggoraa fi wantoota guguddaa beekumsa Waaqayyoo morman” akka gaariitti garagalchuu dandeenya.—2 Qor. 10:5. w19.06 13 key. 17-18
Dilbata, Bitootessa 7
Akka ilaalcha Waaqaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan qulqulluunii fi xurii hin qabne, ijoollee warra hin qabnee fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan rakkina isaanii irratti gargaaruu [dha].—Yaq. 1:27.
Akkuma Ruut, Naaʼomii ishii abbaan manaa ishii irraa duʼetti maxxante, nutis warra nama jaallatan duʼaan dhabaniif gargaarsa itti fufiinsa qabu gochuu qabna. (Rut. 1:16, 17) Poolaan akkas jetteetti: “Erga abbaan manaa koo duʼee kaasee, gargaarsa hedduu argadheera. Yeroo booda, namoonni jireenya isaanii guyyaa guyyaatti waan deebiʼan fakkaata. Haa taʼu malee, ani jireenyi koo guutummaatti jijjiirameera. Namoonni kaan namni gadda irra jiru tokko duʼa sana booda jiʼoota hedduudhaaf, darbees waggoota hedduudhaaf illee deggersi akka isa barbaachisu hubachuun isaanii gargaarsa guddaa dha.” Dhugaa dha, namoonni hundi tokko miti. Namoonni tokko tokko haala isaanii isa haaraatti dafanii waan baran fakkaatu. Warri kaan garuu, tokkoon tokkoon sochii nama jaallatan sanaa wajjin gochaa turan hundi nama duʼaan dhaban sana isaan yaadachiisa. Akkaataan namoonni itti gadda isaanii ibsan garaa gara dha. Yihowaan namoota hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan dhaban akka kunuunsinu mirgaa fi itti gaafatamummaa nuuf kennuu isaa haa yaadannu. w19.06 24 key. 16
Wiixata, Bitootessa 8
Namni hamaan kam iyyuu na dura hamma jirutti, afaan koo hidhee nan eeggadha.—Far. 39:1.
Dhorkaan yeroo nu irratti godhamutti, ‘yeroon itti calluma jechuu’ qabnu yoom akka taʼe beekuu qabna. (Lal. 3:7) Maqaa obboloota keenyaa, bakka itti walgaʼii goonu, tajaajila keenya akkamitti akka raawwannuu fi nyaata hafuuraa akkamitti akka argannu ilaalchisee odeeffannoowwan barbaachisoo taʼan akka hin dubbanne of eeggachuu qabna. Odeeffannoowwan akkasii abbootii taayitaatti hin himnu; akkasumas michoota ykn firoota keenya nuuf yaadan kan biyya keessas taʼe biyya alaa jiraatanitti hin himnu. Kiyyoo akkasii keessatti yoo kufne nageenya obboloota keenyaa balaadhaaf saaxilla. Dhimmoonni xixinnoon akka isin qoqqoodan hin heyyaminaa. Seexanni manni qoqqoodame tokko dhaabachuu akka hin dandeenye beeka. (Mar. 3:24, 25) Inni utuu wal irraa hin kutin gidduu keenyatti qoqqoodama uumuuf yaala. Karaa kanaan, isa loluu dhiisnee walii keenya loluu jalqabuu akka dandeenyu abdata. Kiristiyaanonni bilchaatoo taʼan illee, kiyyoo akkasii keessatti akka hin kufne of eeggachuu qabu. Rakkina obboloota keenyaa wajjin qabnu furuuf jabaannee yoo hojjenne, kiyyoo qoqqoodamaa keessatti kufuu irraa ni fagaanna.—Qol. 3:13, 14. w19.07 11-12 key. 14-16
Kibxata, Bitootessa 9
Garbichi Gooftaa . . . namoota hundumaatiif garraamii kan taʼe, barsiisuuf gaʼumsa kan qabu . . . taʼuu qaba.—2 Xim. 2:24.
Namoonni yeroo baayʼee ergaa keenyaaf deebii gaarii kan kennan, wanta nuti dubbannuun kan kaʼe utuu hin taʼin, akkaataa itti dubbannuun kan kaʼe dha. Gaarummaa kan isaanitti argisiisnuu fi tooftaa kan qabnu yoo taʼe, ergaa keenya ni dinqisiifatu, akkasumas fudhachuuf fedhii qabaatu. Wanta nuti dubbannu akka dhaggeeffatan isaan hin dirqisiisnu. Kanaa mannaa, amantiidhaaf ilaalcha akkamii akka qabanii fi miira isaanii hubachuuf yaalii goona. Fakkeenyaaf, Phaawulos Yihudootaa wajjin yommuu dubbatu Kitaaba Qulqulluu irraa isaaniif caqaseera. Yeroo Ariyosfaagositti falaasota Giriikii wajjin dubbatu garuu kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu hin caqasne. (HoE. 17:2, 3, 22-31) Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yommuu nama Kitaaba Qulqulluutti hin amannee wajjin wal argitanii mariʼattan kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuu dhiisuun keessan gaarii taʼuu dandaʼa. Namni tokko utuu isin wajjin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu namoonni kaan yoo isa argan akka itti hin tolle yoo hubattan, caqasoota karaa namootatti hin mulʼanneen, kan akka meeshaa elektirooniksiitiin itti argisiisuuf yaalaa. w19.07 21 key. 5-6
Roobii, Bitootessa 10
Garaan keessan isin gowwoomsee daandicha irraa akka gortan, waaqolii kan biroo akka waaqeffattan . . . akka isin hin goone of eeggadhaa.—Kes. 11:16.
Seexanni fedhii Israaʼeloonni nyaata argachuuf qabanitti fayyadamuudhaan waaqolii tolfamoo akka waaqeffatan haxxummaadhaan isaan qoreera. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galan mala ittiin nyaata oomishatan jijjiiruun isaan barbaachisa ture. Israaʼeloonni yeroo Gibxii keessa turanitti, bishaan laga Abbayyaatti fayyadamanii lafa qonnaa isaanii obaasu turan. Malli qonnaa Biyyattii Abdachiifamtee garuu bishaan lagaa argamuun kan obaafamu utuu hin taʼin, rooba waqtii eeggatee dhufuu fi fixeensa biqiltoota irratti buʼuun kan obaafamu ture. (Kes. 11:10-15; Isa. 18:4, 5) Kanaafuu, Israaʼeloonni mala qonnaa haaraa taʼe barachuu qabu turan. Yihowaan waaʼee mala qonnaa haaraa utuu dubbachaa jiruu, waaqolii sobaa akka hin waaqeffanne kan isaan akeekkachiise maaliifi? Yihowaan, Israaʼeloonni namoota naannoo isaanii warra Yihowaa hin waaqeffanne irraa malawwan qonnaa tokko tokko barachuuf qoramuu akka dandaʼanii fi yaadni Kanaʼaanota qonnaan bultoota sanaa, amantii Baʼaal irratti qabaniin kan faalame akka taʼe beekee ture.—Lak. 25:3, 5; Abo. 2:13; 1 Mot. 18:18. w19.06 3 key. 4-6
Kamisa, Bitootessa 11
Jaalalli keessan . . . caalaatti guddachaa akka deemu kadhachuu koo ittan fufa.—Filp. 1:9.
Phaawulos ergamaan, Siilaas, Luqaasii fi Ximotewos yeroo Filiphisiiyus ishii kolonii Roomaa jala turte gaʼanitti, namoota ergaa Mootummichaatiif fedhii qaban hedduu argatanii turan. Obboloonni hinaaffaa qaban arfan kun gumiin tokko akka hundeeffamu kan godhan siʼa taʼu, barattoonni haaraan hundi tarii mana Liidiyaa ishii keessummaa simachuu jaallattu sanaatti taʼuu dandaʼaa, walgaʼii gochuu jalqaban. (HoE. 16:40) Gumii haaraan kun utuma baayʼee hin turin rakkinni isa mudate. Seexanni diinota dhugaa sochii lallabaa Kiristiyaanota amanamoo taʼan kanaa cimsanii morman kakaase. Phaawulosii fi Siilaas erga qabamanii booda uleedhaan reebamanii hidhaman. Mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda, barattoota haaraa sana bira dhaqanii isaan jajjabeessan. Achiis Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewos magaalicha dhiisanii kan deeman siʼa taʼu, Luqaas garuu achumatti akka hafe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Obboloonnii fi obboleettonni haaraan kun amma maal godhu laata? Gargaarsa hafuura Yihowaatiin amantoonni haaraan kun Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. (Filp. 2:12) Phaawulos isaaniin boonuuf sababii gaʼaa qaba ture! w19.08 8 key. 1-2
Jimaata, Bitootessa 12
Namni [liqeeffate] nama isaaf liqeesseef garbicha dha.—Fak. 22:7.
Bakka biraa kan deemte dhiheenyatti dhaa? Bakka biraa deemuun baasii guddaadhaaf nu saaxiluu fi salphaatti liqii keessa akka gallu nu gochuu dandaʼa. Liqii hirʼisuuf wanta isin hin barbaachisne bituuf jecha liqeeffachuu irraa of eeggadhaa. (Fak. 22:3) Haalli nama dhiphisu yommuu nu mudatu, fakkeenyaaf namni jaallannu yeroo dhukkubsatutti qarshii hammamii liqeeffachuu akka qabnu murteessuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti ‘kadhannaa fi wawwaannaan’ murtoo gaarii akka gootan isin gargaaruu akka dandaʼu yaadadhaa. Yihowaanis tasgabbooftanii murtoo gaarii gochuu akka dandeessaniif nagaa ‘garaa keessanii fi yaada keessan eegu’ isinii kennuudhaan kadhannaa keessaniif deebii kenna. (Filp. 4:6, 7; 1 Phe. 5:7) Michoota gaarii horadhaa. Waaʼee miira isinitti dhagaʼamuu fi haala rakkisaa isin mudatee michoota itti dhihaattanitti, keessumaa immoo michoota haala akkasii keessa darbanitti himaa. Kana gochuun keessan miirri gaariin akka isinitti dhagaʼamu isin gargaaruu dandaʼa. (Lal. 4:9, 10) Michoonni isin utuu bakka biraa hin deemin dura horattanis michoota keessan taʼanii itti fufuu dandaʼu. w19.08 22 key. 9-10
Sanbadduraa, Bitootessa 13
Isaanis gara bakka . . . Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.—Mul. 16:16.
Yihowaan waraana guddaa isa dhumaa Magidoo wajjin kan wal qabsiise maaliifi? Magidoon, akkasumas Sululli Yizreʼel inni achitti dhihoo jiru bakka waraanni hedduun itti geggeeffamu ture. Yihowaan yeroo tokko tokko sabni isaa waraana kanneen irratti akka injifatan kallattiidhaan gargaarsa godhaaf ture. Fakkeenyaaf, Waaqayyo “bishaan Megidoo biratti,” Baaraaq inni Abbaa Firdii Israaʼel ture loltoota warra Kanaʼaan isa Siiseraadhaan geggeeffamu akka injifatu isa gargaareera. Baaraaqii fi Deboraa raajittiin injifannoo dinqisiisaa argatan kanaaf Yihowaa galateeffataniiru. Akkana jedhanii faarfatan: “Urjoonni waaqa keessaa itti in duulan, . . . Siiseraa in lolan. . . . Yaa Waaqayyo diinonni kee akkasuma haa badan! Warri si jaallatan garuu, akka biiftuu humna ishee guutuudhaan baatee ibsituu haa taʼan!” (Abo. 5:19-21, 31) Haaluma wal fakkaatuun, waraana Armaagedoon irrattis diinonni Waaqayyoo kan balleeffaman siʼa taʼu, warri Waaqayyoon jaallatan garuu ni oolu. Haa taʼu malee, waraana kana lamaan gidduu garaagarummaa guddaa tokkotu jira. Waraana Armaagedoon irratti sabni Waaqayyoo hin hirmaatan. Meeshaa waraanaa illee hin hidhatan! Isaan ‘calluma jedhanii’ Yihowaa fi raayyaa isaa isa samii ‘amanachuudhaan in jabaatu.’—Isa. 30:15; Mul. 19:11-15. w19.09 9 key. 4-5
Dilbata, Bitootessa 14
Gara koo kottaa.—Mat. 11:28.
Karaan gara Yesuus dhufuu itti dandeenyu inni tokko waaʼee wantoota inni dubbatee fi raawwatee hamma dandeenyu barachuu dha. (Luq. 1:1-4) Namni kam iyyuu kana nuuf gochuu waan hin dandeenyeef, seenaawwan waaʼee Yesuus dubbatan ofuma keenyaa qoʼachuu qabna. Kana malees, cuuphamuu fi barattoota Kiristoos taʼuuf murteessuudhaan gara Yesuus dhufuu dandeenya. Karaan gara Yesuus dhufuu itti dandeenyu inni kan biraan immoo, gargaarsi yoo nu barbaachise gara jaarsolii gumii deemuu dha. Yesuus hoolota isaa kunuunsuuf ‘dhiirota kennaa’ taʼan kanatti fayyadama. (Efe. 4:7, 8, 11; Yoh. 21:16; 1 Phe. 5:1-3) Nutis dursa fudhachuudhaan gargaarsa isaanii gaafachuu qabna. Jaarsoliin wanta sammuu keenya keessatti yaannuu fi wanta barbaannu akka beekan hin eegnu. Wanta obboleessi Juuliyaan jedhamu dubbate hubadhaa: “Akka na gargaaranin gaafadhe, daawwannaan isaan naaf godhan kunis kennaa guddaa hanga ammaatti argadhe keessaa isa tokko dha.” Jaarsoliin amanamoon akka obboloota lamaan Juuliyaaniin jajjabeessanii jiran, “yaada Kiristoos” akka beeknu, jechuunis ilaalcha isaa akka hubannuu fi fakkeenya isaa akka hordofnu nu gargaaruu dandaʼu. (1 Qor. 2:16; 1 Phe. 2:21) Kun kennaa guddaa isaan nuu kennuu dandaʼan keessaa isa tokko dha. w19.09 21 key. 4-5
Wiixata, Bitootessa 15
Ani, hoolota kan biroo gola kana keessaa hin taane qaba.—Yoh. 10:16.
Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaa dhiirotaa fi dubartoota amantii qabanii fi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii arganna; taʼus namoonni kun kutaa warra 144,000 miti. Yohaannis Cuuphaan isaan keessaa tokko dha. (Mat. 11:11) Inni kan biraan immoo Daawiti. (HoE. 2:34) Isaan dabalatee namoonni kan biroo hedduun lafa jannata taatu irra jiraachuuf duʼaa ni kaʼu. Hundi isaanii tuuta uummataa guddaa wajjin taʼuudhaan amanamummaa Yihowaa fi ol aantummaa isaatiif qaban argisiisuuf carraa argatu. Waaqayyo seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi saba hundumaa keessaa dhufan akka ammaa tokkummaa akka qabaatan godhee hin beeku. Abdiin keenya samii irras taʼe lafa irra jiraachuu, namoonni hedduun tuuta uummataa guddaa kutaa “hoolota kan biraa” akka taʼan hamma dandeenyu gargaaruu qabna. Yihowaan yeroo dhihootti, akkuma raajiidhaan dubbatame rakkina guddaa fiduudhaan mootummootaa fi dhaabbilee amantii ilmaan namootaa miidhan ni balleessa. Miseensonni tuuta uummataa guddaa hundi carraa lafa irratti bara baraaf Yihowaa tajaajiluu argachuun isaanii mirga guddaa dha!—Mul. 7:14. w19.09 31 key. 18-19
Kibxata, Bitootessa 16
Guyyoota dhumaatti qoostonni [ni dhufu].—2 Phe. 3:3.
Dhumni sirna Seexanaa waan dhihaateef, amanamummaan Waaqayyoo fi Mootummaa isaatiif qabnu caalaatti akka qoramu eeguu dandeenya. Namoonnis nutti qoosuun isaanii hin oolu. Wantoota kanaaf sababii taʼan keessaa inni guddaan nuti kutaa addunyaa Seexanaa kam iyyuu kan hin deeggarre taʼuu isaa ti. Yeroo rakkina guddaatti amanamoo taanee jiraachuuf amanamummaa keenya ammuma cimsachuu qabna. Yeroo rakkina guddaatti obboloota lafa irratti dursa fudhatanii qajeelfama kennan wajjin haala wal qabateen jijjiiramni ni godhama. Yeroo taʼe tokkotti dibamtoonni lafa irra jiran hundi waraana Armaagedoon irratti hirmaachuuf samii irratti walitti ni qabamu. (Mat. 24:31; Mul. 2:26, 27) Kana jechuun Qaamni Ol Aanaan sana booda nu waliin lafa irra hin jiraatu jechuu dha. Taʼus, tuutni uummataa guddaan bifa gurmaaʼina qabuun itti fufu. Obboloonni hoolota kan biraa keessaa gaʼumsa qaban dursa fudhatanii qajeelfama kennu. Obboloota kana deeggaruudhaan, akkasumas qajeelfama Waaqayyo biraa dhufee fi isaan nuuf kennan hordofuudhaan amanamummaa keenya argisiisuu qabna. Badiisa irraa ooluun keenya kana gochuu keenya irratti kan hundaaʼe dha! w19.10 17 key. 13-14
Roobii, Bitootessa 17
Bakka ati dhaqxu anis nan dhaqa, . . . Bakka ati duututti anis nan duʼa.—Rut. 1:16, 17.
Naaʼomiin dubartii amanamtuu Yihowaa jaallattu turte. Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii fi ilmaan ishii lamaan erga duʼanii booda, maqaa ishii Naaʼomii irraa gara “Maaraa” isa hiika “Hadhaaʼaa” jedhu qabutti jijjiiruu barbaaddee turte. (Rut. 1:3, 5, 20, 21) Haadha manaa ilma Naaʼomii kan taate Ruut yeroo qorumsa ishii hundatti ishiitti maxxanteetti. Ruut gargaarsa qabatamaa taʼe ishiidhaaf kennuu malees, yaada ishii jajjabeessu Naaʼomiitti dubbatteetti. Ruut jechoota salphaa taʼanii fi garaadhaa maddan dubbachuudhaan Naaʼomii akka jaallattuu fi akka deggertu argisiisteetti. Miseensi maatii hafuuraa keenya tokko hiriyaa gaaʼelaa yommuu duʼaan dhabu ykn dhabdu gargaarsi keenya isaan barbaachisa. Hiriyoonni gaaʼelaa muka wal biratti guddatan lamatti fakkeeffamuu dandaʼu. Waggoota hedduudhaaf hiddi mukoota kanaa walitti maramaa turaniiru. Mukti inni tokko jigee yommuu gogu, mukti inni kaanis garmalee miidhama. Haaluma kana fakkaatuun, namni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa duʼa isa diina taʼeen yommuu dhabu ykn dhabdu yeroo dheeraadhaaf dhiphinni guddaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. w19.06 23 key. 12-13
Kamisa, Bitootessa 18
Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.—Yaq. 1:14.
Gosa bashannanaa qofa utuu hin taʼin yeroo hammamii bashannana irratti akka dabarsinu of eeggannoodhaan toʼachuu qabna. Taʼuu baannaan garuu yeroon bashannana irratti dabarsinu Yihowaa tajaajiluudhaan yeroo dabarsinu caaluu dandaʼa. Namoonni hedduun yeroo bashannana irratti dabarsan toʼachuun isaanitti ulfaata. Tarkaanfiin inni jalqabaa bashannana irratti yeroo hammamii dabarsaa akka jirtu adda baafachuu dha. Torbee tokkoof yeroo hammamii akka dabarsitu maaliif hin galmeessitu? Televijinii ilaaluudhaan, Intarneetii sakattaʼuu fi moobaayilii keetiin geemii taphachuudhaan yeroo hammamii akka dabarsitu kaalaandarii kee irratti barreessi. Yeroo dheeraa dabarsaa akka jirtu yoo sitti dhagaʼame sagantaa baafachuuf yaali. Jalqaba wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif, achii booda immoo bashannanaaf yeroo ramadi. Itti aansuudhaan Yihowaan sagantaa kee hordofuuf akka si gargaaru isa gaafadhu. Kana gochuudhaan yeroo fi humna qoʼannaa dhuunfaatiif, waaqeffannaa maatiitiif, walgaʼiiwwan gumiitiif, akkasumas hojii lallabuu fi barsiisuu irratti Yihowaa tajaajiluuf si barbaachisu argachuu dandeessa. Kana malees miira balleessaa yeroo bashannana irratti dabarsituun kan kaʼe sitti dhagaʼamu hirʼisuu dandeessa. w19.10 30 key. 14, 16; 31 key. 17
Jimaata, Bitootessa 19
Wanta gaarii hojjechuu nan hawwa; haa taʼu malee, wantan hawwu hojjechuu hin dandaʼu.—Rom. 7:18.
Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 55tti warri Qorontos murtoo barbaachisaa taʼe tokko godhan. Obboloonni isaanii Yerusaalemii fi Yihudaa jiran gargaarsi akka isaan barbaachisu yommuu beekan, waliin taʼanii isaan gargaaruuf buusii gochuuf murteessan. (1 Qor. 16:1; 2 Qor. 8:6) Jiʼoota muraasa booda garuu Phaawulos gumiin Qorontos buusii ni goona jedhanii turan sana akka hin goone hubate. Kanaan kan kaʼes, kennaan isaanii buusii gumiiwwan kaan irraa sassaabame wajjin gara Yerusaalemitti ergamuuf qophaaʼaa waan ture hin fakkaatu. (2 Qor. 9:4, 5) Warri Qorontos murtoo gaarii godhaniiru; Phaawulosis amantii cimaa fi arjummaa argisiisuuf fedhii qabaachuu isaaniitiif isaan galateeffateera. Haa taʼu malee, wanta jalqaban fiixaan akka baasanis isaan jajjabeessuu qaba ture. (2 Qor. 8:7, 10, 11) Muuxannoon isaanii kun Kiristiyaanonni amanamoon illee murtoo gaarii godhanii turan hojii irra oolchuun isaanitti ulfaachuu akka dandaʼu nu barsiisa. Maaliif? Mudaa kan qabnu waan taaneef hojii irra oolchuuf harʼa boru jechuu dandeenya. Yookiin immoo yeroonii fi wanti hin eegamne wanta murteessine sana fiixaan akka hin baasne nu gochuu dandaʼa.—Lal. 9:11. w19.11 26-27 key. 3-5
Sanbadduraa, Bitootessa 20
Gaachana amantii guddaa . . . kaasaa.—Efe. 6:16.
Akkuma gaachanni guddaan tokko kutaalee qaamaa hedduudhaaf eegumsa godhu, amantiin kees wantoota gadhee addunyaa kana keessa jiran irraa jechuunis, gochawwan naamusaan ala taʼan irraa, hammeenyaa fi wantoota ulaagaalee Waaqayyoo wajjin wal hin simne kam irraa iyyuu eegumsa siif godha. Kiristiyaanota waan taaneef hafuurota hamoo dabalatee diinota keenya wajjin waraana hafuuraa goona. (Efe. 6:10-12) Qorumsa dandamachuuf qophaaʼaa akka taate mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, Waaqayyo akka si gargaaru isa kadhachuu qabda. Achiis, akka Waaqayyo si ilaalutti of ilaaluuf akka si gargaaru Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu si barbaachisa. (Ibr. 4:12) Kitaabni Qulqulluun, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedha. (Fak. 3:5, 6) Kana sammuutti qabachuudhaan, murtoowwan dhiheenya kana goote irratti maaliif hin yaaddu? Fakkeenyaaf, rakkinni qarshii cimaa taʼe si mudateeraa? Maarree waadaa Yihowaan Ibroota 13:5 irratti, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale gara sammuu keetti hin dhufnee? Waadaan kun Yihowaan akka si gargaaru amanannaa akka qabaattu si taasiseeraa? Taanaan, kun gaachanni amantii kee haala gaarii irra akka jiraatu gochuuf eeggachaa akka jirtu argisiisa. w19.11 14 key. 1, 4
Dilbata, Bitootessa 21
Ijoolleen dhaala Yihowaa biraa argamani dha.—Far. 127:3.
Daaʼimni tokko abbaa fi haadha isaa irraa yeroo fi humna hedduu argachuun isa barbaachisa, akkasumas argachuu qaba. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa tokko ijoollee umuriidhaan walitti dhihaatan hedduu yoo godhatan xiyyeeffannaa tokkoon tokkoon isaaniitiif barbaachisu kennuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee baayʼee qaban tokko tokko humna isaaniitii ol akka isaanitti taʼe dubbataniiru. Tarii haati yeroo hunda karaa qaamaas taʼe karaa miiraa dadhabbiin ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kun immoo yeroo hunda qoʼachuu, kadhachuu fi tajaajila irratti hirmaachuu ishii irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Kana malees walgaʼiiwwan gumii irratti xiyyeeffannaadhaan hordofuu fi irraa fayyadamuun ishiitti ulfaachuu dandaʼa. Dhugaa dha, abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe tokko ijoolleen isaanii walgaʼii irrattis taʼe manatti yommuu xiyyeeffannaan isaan barbaachisu haadha manaa isaa deeggaruuf wanta dandaʼu ni godha. Fakkeenyaaf, hojii mana keessaa hojjechuudhaan haadha manaa isaa gargaaruu dandaʼa. Hundi isaanii Waaqeffannaa Maatii irraa akka fayyadaman gochuuf jabaatee hojjeta. Akkasumas abbaan Kiristiyaana taʼe yeroo hunda maatii isaa wajjin tajaajila irratti ni hirmaata. w19.12 24 key. 8
Wiixata, Bitootessa 22
Waggaa 50ffaan sun isiniif Iyyobeeliyyuu ni taʼa.—Lew. 25:11.
Israaʼeloonni Iyobeeliyuu irraa kan fayyadaman akkamitti? Namni Israaʼel tokko liqii keessa galee liqii sana kaffaluuf lafa isaa gurguruuf dirqame haa jennu. Yeroo waggaa Iyyobeeliyyuutti garuu lafti isaa kun isaaf deebiʼa. Kanaafuu, namichi sun ‘gara araddaa isaatti deebiʼuu’ dandaʼa, ijoolleen isaas yeroo booda lafa sana dhaaluu dandaʼu. Karaa biraatiin immoo namni liqii hedduun irra jiru tokko liqii isaa kaffaluuf ijoollee isaa keessaa tokko ykn ofii isaa illee garbummaadhaaf gurguruun isa barbaachisuu dandaʼa. Yeroo waggaa Iyyobeeliyyuutti garuu garbi kun ‘gara maatii isaatti deebiʼa.’ (Lew. 25:10) Kanaafuu, namni kam iyyuu abdii tokko malee jireenya isaa guutuu garba taʼee hin jiraatu jechuu dha! Kana malees Yihowaan akkana jedheera: “Waaqayyo gooftaan kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti guddaa waan si eebbisuuf, sanyii kee keessatti dhabaan hin argamu.” (Kes. 15:4) Kun wanta addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti taʼaa jiru irraa baayʼee adda dha! Yeroo baayʼee namoonni sooressa taʼan caalaatti sooreyyii yommuu taʼanii fi namoonni hiyyeessota taʼan immoo caalaatti hiyyeeyyii taʼaa yommuu deeman argina. w19.12 8-9 key. 3-4
Kibxata, Bitootessa 23
Yaa ilma koo, ogeessa taʼi, garaa koos gammachiisi.—Fak. 27:11.
Yesuus yeroo haalli rakkisaan isa mudatu “booʼichaa fi imimmaaniin” kadhannaa dhiheesseera. (Ibr. 5:7) Kadhannaan inni garaadhaa dhiheesse Yihowaadhaaf amanamaa akka taʼe kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu, fedhii inni ajajamaa taʼee jiraachuuf qabu isaaf cimseera. Kadhannaan Yesuus Yihowaa biratti akkuma ixaana urgaa gaarii qabuu ture. Guutummaan jireenya isaa Abbaa isaa baayʼee kan gammachiisuu fi ol aantummaa isaa kan mirkaneessu ture. Nutis Yihowaadhaaf ajajamuu fi isaaf amanamoo taʼuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Yihowaa gammachiisuu waan barbaannuuf, yeroo rakkinni nu mudatu akka inni nu gargaaru garaadhaa isa kadhanna. Wantoota inni balaaleffatu kan raawwannu yoo taʼe Yihowaan kadhannaa keenya akka hin dhageenye ni hubanna. Akka ulaagaawwan Yihowaatti kan jiraannu yoo taʼe garuu, kadhannaan garaadhaa dhiheessinu Yihowaa biratti akkuma ixaana urgaa gaarii qabuu akka taʼu amanannaa qabaachuu dandeenya. Akkasumas amanamummaan keenyaa fi ajajamuun keenya Abbaa keenya isa samii akka gammachiisu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. w19.11 21-22 key. 7-8
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Luqaas 19:29-44
Roobii, Bitootessa 24
Garbichi amanamaanii fi ogeessi . . . dhuguma eenyu?—Mat. 24:45.
Bara 1919tti, Yesuus garee xinnoo obboloota dibamoo tokko, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ godhee muude. Garbichi kun hojii lallabaa geggeessuu irratti dursa fudhata, akkasumas duuka buutota Kiristoosiif “yeroo sirrii taʼetti nyaata” isaaniif kenna. Seexannii fi deeggartoonni isaa garbichi amanamaan kun hojii isaa akka hin hojjenne gochuuf yaalaa jiru. Garbichi kun gargaarsa Yihowaa hin qabu utuu taʼee, hojii isaa hojjechuu hin dandaʼu ture. Garbichi amanamaanii fi ogeessi, waraanni addunyaa lama kan geggeeffame taʼus, ariʼatamni cimaan gaʼus, akkasumas addunyaa maratti rakkinni dinagdee fi jalʼinni haqaa jiraatus, duuka buutota Kiristoos lafa irra jiraniif nyaata hafuuraa qopheessuu isaa itti fufeera. Mee waaʼee yeroo ammaatti nyaata hafuuraa baayʼinaan qophaaʼuu fi afaanota 900 oliin kaffaltii malee argachuun dandaʼamuu yaadi! Garbichi kun deeggarsa Waaqayyoo akka qabu homaa hin shakkisiisu. Hojiin lallabaas Yihowaan saba isaa eebbisaa akka jiru mirkaneessa. Dhuguma iyyuu, misiraachichi “guutummaa lafaa irratti” lallabamaa jira.—Mat. 24:14. w19.11 24 key. 15-16
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Luqaas 19:45-48; Maatewos 21:18, 19; 21:12, 13
Kamisa, Bitootessa 25
Kiristoos . . . Waaqayyoon waan [sodaatuuf] isaaf dhagaʼame.—Ibr. 5:7.
Guyyaa Araaraa isa waggaatti kabajamutti lubni ol aanaan aarsaa dhiheessuu isaa dura ixaana aarsuu qaba. Kana gochuudhaan yommuu aarsaa dhiheessu, Waaqayyo biratti fudhatama argachuu isaa mirkaneeffata. Yesuus yeroo lafa irra turetti, lubbuu isaa aarsaa godhee kennuu isaa dura wanta ilmaan namootaatiif fayyina argamsiisuu caalaa barbaachisaa taʼe tokko gochuu qaba ture. Wanti inni gochuu qabu kun maali dha? Yihowaan aarsaa isaa akka fudhatuuf guutummaa jireenya isaa isa lafaa irratti amanamummaadhaan Yihowaadhaaf ajajamuu qaba ture. Akka kanaan, Yesuus wanta hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuun karaa itti jiraatan isa sirrii taʼuu isaa argisiisa. Kana malees, Yesuus ol aantummaan Abbaa isaa ykn akkaataan inni itti bulchu sirrii taʼuu isaa mirkaneesseera. Yesuus jireenya isaa isa lafaa irratti ulaagaawwan qajeelinaa Yihowaatiif guutummaatti ajajameera. Qorumsii fi rakkinni isa mudatus, akkaataan itti Abbaan isaa bulchu hunda irra kan wayyu taʼuu isaa mirkaneessuuf murteessee ture.—Filp. 2:8. w19.11 21 key. 6-7
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Luqaas 20:1-47
Jimaata, Bitootessa 26
Isin qorumsa koo keessatti ana irraa adda hin baane.—Luq. 22:28.
Yesuus hojii lallabaa isa ulfaataa yeroo raawwachaa ture hundatti, ergamoonni isaa amanamoon michoota dhugaa isaaf taʼanii turan. (Fak. 18:24) Yesuus michummaa akkasiitiif iddoo guddaa kenna ture. Yesuus yeroo tajaajilaa turetti obboloota isaa foonii keessaa kan isatti amane tokko illee hin jiru ture. (Yoh. 7:3-5) Yeroo tokko, firoonni isaa akka inni maraate godhanii yaadanii turan. (Mar. 3:21) Haala kana irraa adda taʼeen immoo, Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, ergamoota isaa amanamoo turanitti yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru isaanitti dubbachuu dandaʼee ture. Yesuus ergamoonni darbee darbee isa gaddisiisanii kan turan taʼus, inni dogoggora isaanii irratti utuu hin taʼin, amantii isaan isa irratti qaban irratti xiyyeeffateera. (Mat. 26:40; Mar. 10:13, 14; Yoh. 6:66-69) Galgala dhumaa ajjeefamuu isaa dura, isaanii wajjin turetti, Yesuus namoota amanamoo kanaan, “Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera” jedhee ture. (Yoh. 15:15) Shakkii tokko malee, michoonni Yesuus madda jajjabinaa guddaa isaaf taʼanii turan. w19.04 11 key. 11-12
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:1-6; Maarqos 14:1, 2, 10, 11
Guyyaa Ayyaana Yaadannoo
Erga Biiftuun Lixxee Booda
Sanbadduraa, Bitootessa 27
Nuti ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya hafuurichi hafuura keenyaa wajjin taʼee dhugaa baʼa.—Rom. 8:16.
Namni tokko waamicha samii argachuu isaa akkamitti beeka? Deebiin isaa yaada Phaawulos ergamaan warra Roomaa keessa jiraatanii fi ‘qulqulloota taʼuuf waamamaniif’ barreesse keessatti argama. Yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti kenname dabalatee akkana isaaniin jedheera: “Isin hafuura garbummaa isa lammata akka sodaattan isin godhu hin fudhanne; kanaa mannaa, hafuura akka ijoollee isaatti guddifamuu, jechuunis isa nuti ‘Aabbaa!’ jennee ittiin waammannu sana fudhattan.” (Rom. 1:7; 8:15) Kanaafuu, Waaqayyo hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee warri dibaman waamicha samii akka qaban ifa isaaniif godheera. (1 Tas. 2:12) Yihowaan sammuu fi garaa namoota samii deemuuf affeerraa isaa fudhatanii keessa shakkiin tokko illee akka hin jiraanne godha. (1 Yoh. 2:20, 27) Kiristiyaanonni dibamoon namni dibamuu isaanii isaaniif mirkaneessu isaan hin barbaachisu. w20.01 22 key. 7-8
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:7-13; Maarqos 14:12-16 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Luqaas 22:14-65
Dilbata, Bitootessa 28
Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.—Yoh. 15:13.
‘Seerri Kiristoos’ buʼuura hunda caalu, jechuunis jaalala irratti kan hundaaʼe dha. (Gal. 6:2) Yesuus wanta hundumaa kan raawwate jaalalaan kakaʼee ti. Gara laafinni karaa jaalalli itti argisiifamu keessaa isa tokko dha. Yesuus gara laafina akkasiitiin kakaʼuudhaan, namoota hedduu barsiiseera, warra dhukkubsatan fayyiseera, warra beelaʼan sooreera, akkasumas namoota duʼan duʼaa kaaseera. (Mat. 14:14; 15:32-38; Mar. 6:34; Luq. 7:11-15) Yesuus fedhii ofii isaatiif utuu hin taʼin, ofuma isaatiin kakaʼee fedhii warra kaaniitiif dursa kenneera. Hunda caalaa immoo, jireenya isaa warra kaaniif dabarsee kennuudhaan jaalala guddaa argisiiseera. Nutis fedhii warra kaanii kan ofii keenyaa dursuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Kana malees, namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif gara laafina qabaachuudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Gara laafina akkasiitiin kakaanee misiraachoo yommuu lallabnuu fi barsiisnu seera Kiristoosiif ajajamaa jirra jechuu dha. w19.05 4 key. 8-10
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:66-71
Wiixata, Bitootessa 29
[Yihowaan] warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu . . . akkan labsu, akkasumas warra cunqurfaman bilisa akkan baasu [na ergeera].—Luq. 4:18.
Yesuus barumsawwan nama hacuucanii fi geggeessitoonni amantii barsiisan jalaa karaa itti bilisa baʼan baneera. Yihudoonni baayʼeen yeroo sana turan aadaawwanii fi barumsawwan dogoggoraatiif garboota taʼanii turan. (Mat. 5:31-37; 15:1-11) Namoonni karaa hafuuraa geggeessitoota akka taʼanitti ilaalaman jaamota turan jechuun ni dandaʼama. Masiihichaa fi dhugaa inni barsiise fudhachuu diduudhaan dukkanaa fi cubbuu keessa jiraachuu isaanii itti fufaniiru. (Yoh. 9:1, 14-16, 35-41) Yesuus dhugaa barsiisuudhaan, akkasumas fakkeenya gaarii taʼuudhaan, namoonni garraamii taʼan barumsa sobaa jalaa bilisa baʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaanitti argisiiseera. (Mar. 1:22; 2:23–3:5) Kana malees Yesuus ilmaan namootaa cubbuu dhaalan irraa walaba akka taʼan gochuudhaan bilisummaa akka argatan godheera. Waaqayyo aarsaa Yesuus irratti hundaaʼuudhaan namoonni amantii akka qaban argisiisanii fi furii inni qopheesse fudhatan cubbuu isaaniitiif dhiifama akka argatan gochuu dandaʼa.—Ibr. 10:12-18. w19.12 10 key. 8; 11 key. 10-11
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66
Kibxata, Bitootessa 30
Hafuura qulqulluu isa abdachiifame sanaan chaappaan isinitti godhameera; inni dhaala keenyaaf dursee akka qabdiitti kan kenname [dha].—Efe. 1:13, 14.
Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee akka isaan filate Kiristiyaanota dibaman hundaaf ifa godha. Karaa kanaan, hafuurri qulqulluun “qabdii [wabii ykn waadaa]” gara fuulduraatti lafa irra utuu hin taʼin samii irra akka jiraatan isaanii mirkaneessuuf kenname taʼeera. (2 Qor. 1:21, 22) Kiristiyaanni tokko yoo dibame battaluma sanatti badhaasa isaa isa samii ni argataa? Lakki. Namni kun gara samii deemuuf akka filatame mirkanaaʼaa dha. Haa taʼu malee, gorsa kanatti aanee jiru yaadachuu qaba: “Yaa obbolootaa, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa; sababiin isaas wantoota kana gochuu keessan yoo itti fuftan matumaa hin kuftan.” (2 Phe. 1:10) Kanaafuu, Kiristiyaanni dibame tokko gara samii deemuuf kan filatame ykn kan waamame taʼus, badhaasa isaa argachuu kan dandaʼu amanamaa taʼee yoo jiraate qofa dha.—Filp. 3:12-14; Ibr. 3:1; Mul. 2:10. w20.01 21-22 key. 5-6
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Luqaas 24:1-12
Roobii, Bitootessa 31
Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana, arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa.—Fak. 12:18.
Sababiin namoonni jajjabeessitoota gatii hin qabne taʼan sadan sun Iyoobitti gara laafina utuu hin argisiisin hafan keessaa tokko isaan kan ilaalan haala isaa isa alaan mulʼatu qofa waan taʼeef ture. Kanaan kan kaʼes, xumura dogoggoraa irra gaʼuudhaan gara jabinaan isatti murteessaniiru. Nuti hoo dogoggora kana fakkaatu raawwachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Haala nama tokkoo dhugaa jiru guutummaatti kan beeku Yihowaa qofa akka taʼe hubadhaa. Wanta namni dhiphachaa jiru sun dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. Wanta inni dubbatu dhaggeeffachuu caalaa, dhukkubbiin isaa akka isinitti dhagaʼamu gochuuf yaalaa. Miira obboleessa ykn obboleettii keessanii dhugumaan hubachuu kan dandeessan yoo kana gootan qofa dha. Gara laafinni rakkina warra kaan irra gaʼaa jiru ilaalchisee hamii nama miidhu akka hin babalʼisne nu dhowwa. Namni hamii babalʼisu tokko gumii hin ijaaru, kanaa mannaa ni diiga. (Fak. 20:19; Rom. 14:19) Namni akkasii nama dhiphachaa jiru tokko madeessuu dandaʼa. (Efe. 4:31, 32) Amala gaarii namni tokko qabu hubachuu fi qorumsa isa ykn ishii irra gaʼaa jiru akka dandaʼan karaa itti gargaarru barbaaduun keenya baayʼee gaarii mitii? w19.06 21-22 key. 8-9