LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es21 ful. 37-46
  • Ebla

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ebla
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Ebla 1
  • Jimaata, Ebla 2
  • Sanbadduraa, Ebla 3
  • Dilbata, Ebla 4
  • Wiixata, Ebla 5
  • Kibxata, Ebla 6
  • Roobii, Ebla 7
  • Kamisa, Ebla 8
  • Jimaata, Ebla 9
  • Sanbadduraa, Ebla 10
  • Dilbata, Ebla 11
  • Wiixata, Ebla 12
  • Kibxata, Ebla 13
  • Roobii, Ebla 14
  • Kamisa, Ebla 15
  • Jimaata, Ebla 16
  • Sanbadduraa, Ebla 17
  • Dilbata, Ebla 18
  • Wiixata, Ebla 19
  • Kibxata, Ebla 20
  • Roobii, Ebla 21
  • Kamisa, Ebla 22
  • Jimaata, Ebla 23
  • Sanbadduraa, Ebla 24
  • Dilbata, Ebla 25
  • Wiixata, Ebla 26
  • Kibxata, Ebla 27
  • Roobii, Ebla 28
  • Kamisa, Ebla 29
  • Jimaata, Ebla 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
es21 ful. 37-46

Ebla

Kamisa, Ebla 1

Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.—Fak. 17:17.

Arisxaarkos Kiristiyaana Tasalonqee ishii Maqedooniyaa keessatti argamtu irraa dhufee fi michuu amanamaa Phaawulos ergamaa taʼuu isaa argisiise dha. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif waaʼeen Arisxaarkos kan ibsame yommuu Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaa isa sadaffaa irratti Efesooniin daawwatetti dha. Arisxaarkos Phaawulos wajjin yeroo deemetti namoota jeequmsa uumaniin qabame. (HoE. 19:29) Dhuma irratti yommuu bilisa baʼu nageenya mataa isaa barbaaduu mannaa amanamummaadhaan Phaawulos wajjin taʼeera. Jiʼoota muraasa boodas Giriikii keessatti mormitoonni Phaawulosiin ajjeesuuf doorsisuu isaanii kan itti fufan taʼus Arisxaarkos isa wajjin ture. (HoE. 20:2-4) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 58⁠tti Phaawulos hidhamee gara Roomaatti yommuu geeffamu Arisxaarkos karaa dheeraa sana isa wajjin deemeera, akkasumas balaa doonii karaa irratti isaan mudate waliin dandamataniiru. (HoE. 27:1, 2, 41) Erga Roomaa gaʼanii booda Arisxaarkos yeroo muraasaaf Phaawulos wajjin waan hidhame fakkaata. (Qol. 4:10) Phaawulos michuu amanamaa taʼe kanaan jajjabaachuun isaa nama hin dinqisiisu! Nutis akkuma Arisxaarkos yeroo gaarii taʼetti qofa utuu hin taʼin ‘yeroo dhiphinaattis’ obboloota keenya wajjin taʼuudhaan michoota amanamoo taʼuu dandeenya. w20.01 9 key. 4-5

Jimaata, Ebla 2

Warri duʼaa kaʼuu isa jalqabaa keessaa qooda qaban hundi gammadoo fi qulqulloota dha.—Mul. 20:6.

Namni dibame tokko mirgi gatii guddaa qabu kun akka isaaf hin malle isatti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Yihowaan akka isa filate matumaa hin shakku. Waaʼee abdii isaa gara fuulduraa yommuu yaadu gammachuu fi dinqisiifannaadhaan guutama. (1 Phe. 1:3, 4) Maarree kana jechuun warri dibaman duʼuu barbaadu jechuudhaa? Phaawulos ergamaan gaaffii kanaaf deebii kenneera. Qaama isaanii dunkaana wajjin wal fakkeessuudhaan akkana jedheera: “Taʼus, wanti duʼu sun jireenyaan akka liqimfamuuf, nuti warri dunkaana kana keessa jirru nutti ulfaatee aadna; sababiin isaas nuti isa kana of irraa baasuu hin barbaadnu; kanaa mannaa, isa kan biraa irrumatti uffachuu barbaadna.” (2 Qor. 5:4) Kiristiyaanonni kun jireenyi isaanii inni lafa irraa isaan hin nuffisiisne, dafanii duʼuus hin barbaadan. Kanaa mannaa jireenyatti ni gammadu, akkasumas guyyaa hunda maatii fi michoota isaanii wajjin taʼanii Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuu barbaadu. Taʼus, wanti isaan hojjechaa jiran maal iyyuu yoo taʼe abdii ulfina qabeessa gara fuulduraatti qaban yeroo hunda ni yaadatu.—1 Qor. 15:53; 2 Phe. 1:4; 1 Yoh. 3:2, 3. w20.01 23 key. 12-13

Sanbadduraa, Ebla 3

Yihowaan warra jaallatu ni adaba.—Ibr. 12:6.

Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe nu leenjisuuf yeroo barbaachisaa taʼetti nu adaba. Yihowaan karaawwan hedduudhaan nu adaba. Fakkeenyaaf, wanti Dubbii isaa irraa dubbisne ykn walgaʼiiwwan keenya irratti dhageenye nu sirreessuu dandaʼa. Yookiin immoo gargaarsa nu barbaachisu jaarsolii irraa argachuu dandeenya taʼa. Akkaataan itti Yihowaan nu adabu maal iyyuu yoo taʼe yeroo hunda kan nu adabu waan nu jaallatuufi. (Er. 30:11) Yihowaan rakkoowwan keenya keessatti nu gargaara. Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko yeroo rakkisaa taʼetti ijoollee isaa akkuma gargaaru, Abbaan keenya inni samiis rakkoowwan keessatti nu gargaara. Miidhaa karaa hafuuraa nu irra gaʼu irraa nu eeguuf hafuura qulqulluu isaatti fayyadama. (Luq. 11:13) Yihowaan karaa miiraas eegumsa nuuf godha. Fakkeenyaaf, abdii dinqisiisaa taʼe nuuf kenneera. Abdiin gara fuulduraa kun immoo haalawwan rakkisoo taʼan akka dandamannu nu gargaara. Mee yaadi: Wanti hamaan akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe miidhaa nu irra gaʼe kam iyyuu ni balleessa. Rakkinni nu irra gaʼaa jiru kam iyyuu yeroodhaaf qofa tura, eebbawwan Yihowaan nuuf kennu garuu bara baraaf itti fufu.—2 Qor. 4:16-18. w20.02 5 key. 14-15

Dilbata, Ebla 4

Hafuurri nu keessa jiraatu yeroo hunda hinaaffaadhaan hawwa.—Yaq. 4:5.

Qabsoo hinaaffaa irraa fagaachuuf goonu irratti injifannoo argachuu ni dandeenya! Mee fakkeenya obboloota Yoseef haa ilaallu. Yoseefiin erga miidhanii waggoota hedduu booda Gibxii keessatti isa wajjin wal argan. Yoseef eenyummaa isaa obboloota isaatiif ibsuu isaa dura akka jijjiiraman beekuuf isaan qoree ture. Yoseef affeerraa nyaataa kan isaaniif qopheesse yommuu taʼu, affeerraa sana irrattis warra kaan caalaa obboleessa isaa isa quxisuu kan taʼe Beniyaamiif xiyyeeffannaa addaa kenneera. (Uma. 43:33, 34) Haa taʼu malee, obboloonni isaa Beniyaamitti akka hinaafan wanti argisiisu hin jiru. Kanaa mannaa obboleessa isaaniitiifis taʼe abbaa isaanii Yaaqoobiif garaadhaa akka yaadan argisiisaniiru. (Uma. 44:30-34) Obboloonni Yoseef hinaafuu waan dhiisaniif, nagaan maatichaa akka deebiʼu gochuu irratti gumaacha gochuu dandaʼaniiru. (Uma. 45:4, 15) Haaluma wal fakkaatuun, nutis miira hinaaffaa kam iyyuu keessa keenyaa buqqisnee kan gannu yoo taʼe, nagaa maatii keenyaas taʼe gumii keenyaa eeguu irratti gumaacha gochuu dandeenya. Yihowaan hinaaffaa irraa akka fagaannuu fi nagaa akka hordofnu barbaada. Amala gad of qabuu, waan qabnuun gammaduu fi galateeffannaa kan horannu yoo taʼe hinaaffaan nu biratti iddoo hin qabaatu. w20.02 19 key. 17-18

Wiixata, Ebla 5

Sagalee koo, kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessus waan dhagaʼuuf, ani Yihowaa nan jaalladha.—Far. 116:1.

Karaan jaalala Yihowaatiif akka galateeffannu argisiisuu itti dandeenyu inni tokko kadhannaadhaan isa haasofsiisuu dha. Wantoota si yaaddessan yommuu isatti himtuu fi wanta inni siif godhe hundaaf yommuu isa galateeffattu jaalalli Waaqayyoof qabdu ni guddata. Akkasumas kadhannaa keetiif akkamitti akka inni deebii kenne yommuu hubattu michummaan Yihowaa wajjin qabdu ni cima. Akka inni si hubatus mirkanaaʼaa taata. Caalaatti gara Yihowaatti dhihaachuuf garuu akkaataa inni itti yaadu hubachuu si barbaachisa. Kana malees, wanta inni si irraa barbaadu beekuu qabda. Beekumsa akkasii argachuu kan dandeessu immoo, Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluu yoo qoʼatte qofa dha. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluudhaaf iddoo guddaa kennuu baradhu. Waaʼee Yihowaa fi kaayyoo inni siif qabu ilaalchisee dhugaa jiru kan qabate Kitaaba Qulqulluu qofa dha. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif qophaaʼuudhaan, akkasumas wanta baratte hojii irra oolchuudhaan iddoo guddaa akka kennituuf argisiisuu dandeessa. (Far. 119:97, 99; Yoh. 17:17) Sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa qabdaa? Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan sagantaa baafatte sana hoo ni hordoftaa? w20.03 5 key. 8-9

Kibxata, Ebla 6

Namoota argatu hundumaa wajjin mariʼachuu jalqabe.—HoE. 17:17.

Karaa dheeraa deemuu hin dandeessu yoo taʼe, bakka namoonni hedduun argaman teessee namoota achi irra darbaniif lallabuu dandeessa. Yookiin immoo karaa al idilee taʼeen lallabuu, xalayaa barreessuu ykn bilbilaan dhugaa baʼuu dandeessa taʼa. Babalʼistoonni rakkina qaamaa cimaa qaban hedduun, malawwan lallabaa kanaa fi kan birootti fayyadamuudhaan gammachuu guddaa argataniiru. Rakkina qaamaa kan qabdu taʼus, tajaajila kee guutummaatti raawwachuu ni dandeessa. Phaawulos, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedheera. (Filp. 4:13) Phaawulos adeemsa misiyoonummaa godhe keessaa isa tokko irra utuu jiruu yeroo dhukkubsatetti humni kun isa barbaachisee ture. Phaawulos warra Galaatiyaatiin akkas jedheera: “Yeroo jalqabaatiif misiraachoo isiniif lallabuuf carraa kanan argadhe, dhukkubsachuu kootiin kan kaʼe akka taʼe beektu.” (Gal. 4:13) Haaluma wal fakkaatuun, rakkinni qaamaa kee namoota kaan kan akka doktarootaa, narsootaa fi namoota si kunuunsaniif misiraachicha lallabuuf carraa siif banuu dandaʼa. Namoota kana keessaa baayʼeen isaanii, yeroo babalʼistoonni mana isaanii dhaqanitti bakka hojii jiraachuu dandaʼu. w19.04 4-5 key. 10-11

Roobii, Ebla 7

Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.—2 Xim. 3:12.

Bara 2018⁠tti, babalʼistoonni 223,000 ol taʼan biyyoota sochiin hafuuraa keenya guutummaatti itti dhorkame ykn daangaa guddaan irratti godhame keessa jiraatu turan. Kun kan nama dinqisiisu miti. Kiristiyaanonni dhugaan ariʼatamni akka isaan irra gaʼu ni eegu. Eessa iyyuu yoo jiraanne abbootiin taayitaa akkuma tasaa utuu nuti hin yaadin Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe akka hin waaqeffanne nu dhorkuu dandaʼu. Mootummaan waaqeffannaa keenya yoo dhorke, eebba Waaqayyoo akka dhabne goonee dogoggoraan yaaduu dandeenya. Haa taʼu malee, ariʼatamni nu irra gaʼuun isaa Yihowaan akka nutti hin gammadne hin argisiisu. Fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. Inni Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu akka ture beekamaa dha. Xalayaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii 14 barreessuu fi ergamaa sabootaa taʼuuf mirga argatee ture. Taʼus, ariʼatamni cimaan isa irra gaʼeera. (2 Qor. 11:23-27) Muuxannoon Phaawulos ergamaa Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan ariʼatamni akka isaan irra gaʼu akka heyyamu nu barsiisa. w19.07 8 key. 1, 3

Kamisa, Ebla 8

Waldhaansoon keenya . . . humnoota hafuurota hamoo iddoowwan samii keessa jiranii wajjini dha.—Efe. 6:12.

Karaawwan Yihowaan nu tajaajiltoota isaatiif akka yaadu itti argisiise keessaa tokko diinota keenya akka morminu nu gargaaruu dha. Diinonni keenya warri guguddaan Seexanaa fi jinniiwwani dha. Yihowaan waaʼee diinota kanaa nu akeekkachiiseera, isaaniin mormuudhaaf wanta nu barbaachisus nuuf kenna. (Efe. 6:10-13) Gargaarsa Yihowaan kennu yommuu fudhannuu fi guutummaatti yommuu isatti amanamnu, mormii Diiyaabilosii wajjin goonu irratti milkaaʼina argachuu dandeenya. Nutis amanannaa Phaawulos ergamaa wajjin wal fakkaatu qabaachuu dandeenya. Phaawulos, “Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?” jedhee barreesseera. (Rom. 8:31) Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, Seexanaa fi jinniiwwan irratti garmalee hin xiyyeeffannu. Caalaatti kan xiyyeeffannu waaʼee Yihowaa barachuu fi isa tajaajiluu irratti dha. (Far. 25:5) Haa taʼu malee, wantoota guguddaa Seexanni raawwatu tokko tokko beekuu nu barbaachisa. Maaliif? Akka inni nu hin gowwoomsine of eeggachuu akka dandeenyuufi.—2 Qor. 2:11. w19.04 20 key. 1-2

Jimaata, Ebla 9

Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa . . . haa taʼu.—Yaq. 1:19.

Namni dhiphate tokko yommuu nu haasofsiisu akka gaariitti ni dhaggeeffannaa? Dhaggeeffachuun waan tokko illee utuu hin dubbatin, callisanii nama sana ilaaluu caalaa wanta dabalatu qaba. Yeroo dhaggeeffannutti, gara laafina qabaachuu fi iddoo isaanii of kaaʼuudhaan jaalala argisiisuu dandeenya. Yeroo tokko tokko jechoonni itti yaadamanii qophaaʼanii fi miira hoʼaadhaan dubbataman wanta nutti dhagaʼamu ibsuu dandaʼu. Akkana jechuu dandeessa taʼa: “Kun sirra gaʼuu isaatti baayʼeen gadda!” Tarii michuun kee inni rakkina keessa jiru maal jechaa akka jiru hubachuuf gaaffii tokko ykn lama gaafachuu dandeessa. Akkana jettee gaafatta taʼa: “Maal jechuu akka barbaadde akkan hubadhu maaloo na gargaaruu dandeessaa?” ykn “Waan ati dubbatte . . . hubadhe. Akkas jechuu keetii?” Jechoonni jaalala irratti hundaaʼan akkasii wanta inni dubbatu hubachuuf yaaluudhaan garaadhaa isa dhaggeeffachaa akka jirtu mirkaneessa. (1 Qor. 13:4, 7) Haa taʼu malee, ‘dubbachuuf suuta jechuu’ akka qabdan hin dagatinaa. Gorsa kennuuf ykn yaada isaa sirreessuuf jecha dubbii nama sanaa addaan hin kutinaa. Akkasumas obsa qabaadhaa! Furmaata isaanii kennuuf yaaluu mannaa, garaadhaa isaaniif yaadna, gara laafinas isaaniitti argisiisna.—1 Phe. 3:8. w19.05 17-18 key. 15-17

Sanbadduraa, Ebla 10

Isin abbootiin manaa, akkuma Kiristoos gumii jaallatee fi ofii isaa dabarsee isaaf kenne, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:25.

Maatii keessatti abbaan manaa tokko, “akkuma Kiristoos gumiidhaaf godhu” haadha manaa isaa jaallachuu qaba. (Efe. 5:28, 29) Fedhii fi nageenya haadha manaa isaa kan ofii isaa dursuudhaan, jaalala isa fedhii isaa aarsaa godhu argisiisuu irratti fakkeenya Kiristoos hordofuu qaba. Dhiironni tokko tokko tarii aadaa namoota kaan haqaa fi jaalalaan qabuun baramaa hin taane keessatti waan guddataniif, jaalala akkasii argisiisuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Amala gadhee balleessuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa; taʼus, seera Kiristoosiif ajajamuuf jijjiirama kana gochuu qabu. Abbaan manaa jaalala isa fedhii ofii isaa aarsaa godhu argisiisu, haadha manaa isaa irraa kabaja argata. Abbaan dhugumaan ijoollee isaa jaallatu tokko, dubbiidhaanis taʼe gocha isaatiin matumaa isaan hin miidhu. (Efe. 4:31) Kanaa mannaa, akka isaan jaallatu ibsuu fi isa biratti fudhatama akka qaban argisiisuudhaan nageenyii fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu godha. Abbaan akkasii ijoolleen isaa isa jaallatu, akkasumas isa amanu. w19.05 6 key. 21

Dilbata, Ebla 11

[Yihowaan] teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna; inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha.—Luq. 1:32, 33.

Jechoonni Gabriʼeel dubbate Maariyaamiif hiikaa maalii qabu turan? Maariyaam, wanti Gabriʼeel dubbate Yesuus Heroodis Mooticha akka bakka buʼu ykn immoo bulchitoota Israaʼel keessaa isa Heroodisitti aanee dhufu akka taʼetti akka yaaddu ishii taasiseeraa? Yesuus mootii taʼeera utuu taʼee, Maariyaam mootittii taati; maatiin ishiis mana mootummaa keessa jiraachuu dandaʼu turan. Haa taʼu malee, Maariyaam Mootummicha keessatti aangoo argachuuf akka gaafatte wanti ibsame hin jiru. Maariyaam dubartii baayʼee gad of qabdu turte! Kitaaba Qulqulluus taʼe barreeffamoota Kiristiyaanaa keenya sababiin itti qoʼannu inni guddaan, caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf akka taʼe yaadadhu. Akkasumas, ‘maal akka fakkaannu’ caalaatti hubachuu fi Waaqayyoon gammachiisuuf jijjiirama akkamii gochuun akka nu barbaachisu beekuu barbaanna. (Yaq. 1:22-25; 4:8) Kanaaf, yeroo hunda qoʼannaa jalqabuu keenya dura, Yihowaan hafuura isaa akka nuu kennu isa kadhachuu qabna. Wanta qoʼannu irraa guutummaatti fayyadamuu akka dandeenyuu fi sirreeffama gochuu nu barbaachisu hubachuu akka dandeenyu cimsinee isa kadhachuu qabna. w19.05 31 key. 18-19

Wiixata, Ebla 12

Ani dubartii dhiphina guddaa keessa jirtu dha.—1 Sam. 1:15.

Yeroo tokko tokko rakkoowwan nama dhiphisan hedduun al takkaatti nu irra gaʼu. Mee fakkeenya armaan gadii ilaalaa. Dhugaa Baatuun Joon jedhamu tokko dhukkuba maltipil sikleroosis jedhamuun dhiphachaa utuu jiruu, haati manaa isaa waggaa 19f waliin jiraatan isa dhiistee yommuu deemtu baayʼee gadde. Achiis ijoolleen isaa durbaa lamaan Yihowaa tajaajiluu dhiisan. Hiriyoonni gaaʼelaa Boobii fi Liindaa jedhaman immoo rakkoowwan kan biroon isaan mudataniiru. Lamaan isaanii iyyuu hojii isaanii dhaban, sana booda immoo mana isaaniis ni dhaban. Rakkoowwan kana malees, Liindaan dhukkuba onnee wajjin wal qabatee fi duʼaaf nama saaxilu akka qabdu, akkasumas dhukkubni kan biraan immoo dandeettii qaamni ishii dhukkuba of irraa ittisuuf qabu miidhuu akka jalqabe qorannoodhaan beekame. Abbaan keenyaa fi Uumaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe, dhiphinni dhiibbaa akkamii akka nu irraan geessisu akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Akkasumas rakkoowwan nu irra gaʼan dandamachuu akka dandeenyuuf nu gargaaruu barbaada. (Filp. 4:6, 7) Dubbiin Waaqayyoo rakkoowwan tajaajiltoonni isaa dandamatan ilaalchisee seenaa hedduu qabateera. Kana malees, Yihowaan haala dhiphisaa sana akka dandamatan akkamitti akka isaan gargaare seenaa ibsu of keessaa qaba. w19.06 14 key. 2-3

Kibxata, Ebla 13

Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.

Namoota hiriyaa gaaʼelaa isaanii dhabaniif gocha gaarummaa xixinnoo gochuun keenya, akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu godha. Yeroo kam iyyuu caalaa michoota gaarii argachuun isaan barbaachisa. Michoota isaanii akka taatan akkamitti mirkaneessuufii dandeessu? Nyaata salphaa isaan afeeruu dandeessu. Akkasumas bashannana ykn tajaajila irratti waliin hirmaachuuf isaan afeeruu dandeessu. Filannaa kan biraan immoo, waaqeffannaa maatii keessan irratti akka isinii wajjin hirmaatan gaafachuu dha. Kana kan gootan yoo taʼe, Yihowaan “warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo” waan taʼeef, “dubartoota abbaan manaa irraa duʼeefis eegumsa” waan godhuuf, garaa isaa gammachiistu. (Far. 34:18; 68:5, NW) Dhiheenyatti, yeroo Mootummaan Waaqayyoo lafa bulchuu jalqabu, ‘dhiphinni ni irraanfatama.’ Yeroo ‘wanti dur taʼe itti hin yaadatamne, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufne’ hawwii guddaadhaan eegganna. (Isa. 65:16, 17) Hamma yeroon sun gaʼutti, wal haa gargaarru; akkasumas dubbii keenyaa fi hojii keenyaan namoota maatii hafuuraa keenya taʼan hunda akka jaallannu haa argisiisnu.—1 Phe. 3:8. w19.06 25 key. 18-19

Roobii, Ebla 14

Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.—Ibr. 13:6.

Waggoota hedduu dura Masaraan Eegumsaa, “Namni Waaqayyoon akka gaariitti beeku tokko, yeroo qorumsaatti caalaatti isatti amanama” jedhee ture. Kun dhugaa dha! Ariʼatama akka gaariitti dandamachuuf, Yihowaa jaallachuu fi guutummaatti isatti amanamuu qabna. (Mat. 22:36-38; Yaq. 5:11) Caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf yaaduudhaan guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisaa. (Yaq. 4:8) Yeroo dubbistan amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼan irratti xiyyeeffadhaa. Jaalala inni isiniif qabu wantoota inni dubbatee fi hojjete irraa hubadhaa. (Bau. 34:6) Namoonni tokko tokko matumaa jaalalli isaanitti argisiifamee waan hin beekneef, Waaqayyo akka isaan jaallatu amanuun qabsoo gochuu isaan gaafata taʼa. Rakkinni akkasii isin mudachaa jira yoo taʼe, gara laafinaa fi gaarummaa Yihowaan guyyaa guyyaadhaan isinitti argisiise galmeeffachuuf yaalaa. (Far. 78:38, 39; Rom. 8:32) Muuxannoo keessan yommuu qortanii fi wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbistan irratti yommuu xiinxaltan, wantoota hedduu Yihowaan isiniif godhe galmeessuun keessan hin oolu. Wanta Yihowaan isiniif godhe caalaatti yommuu hubattan, hariiroon isa wajjin qabdan caalaatti cima.—Far. 116:1, 2. w19.07 2-3 key. 4-5

Kamisa, Ebla 15

Nuti gammachuu keessaniif isinii wajjin hojjenna malee, amantii keessan irratti gooftolii hin taanu; sababiin isaas, isin kan dhaabbattan amantii keessaniini.—2 Qor. 1:24.

Yihowaan warra kaaniif murtoo dhuunfaa akka goonu aangoo nuuf hin kennine. Namni seera hin barbaachisne baasu tokko nageenya obboloota isaa eegaa hin jiru, kanaa mannaa, amantii obboloota isaa irratti gooftaa taʼuuf yaalaa jira. Seexanni tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan ariʼachuuf yaalii gochuu isaa hin dhiisu. (1 Phe. 5:8; Mul. 2:10) Seexannii fi bakka buutonni isaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu dhorkuuf yaalii godhu. Taʼus, sodaadhaan romʼuuf sababii hin qabnu! (Kes. 7:21) Yihowaan nu wajjin jira, akkasumas yoo hojiin keenya dhorkame illee nu gargaaruu isaa itti fufa. (2 Sen. 32:7, 8) Nutis murtoo obboloonni jaarraa jalqabaa bulchitoota bara isaanii turanitti akkas jechuudhaan dubbatan wajjin wal fakkaatu haa goonu: “Waaqayyoon dhagaʼuu irra isiniin dhagaʼuun Waaqayyo duratti sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa isinumti ofii keessanii murteessaa. Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.”—HoE. 4:19, 20. w19.07 13 key. 18-20

Jimaata, Ebla 16

Yaanni garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti, namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.—Fak. 20:5.

Yeroo lallabnu namoonni argannu akkasitti akka yaadan kan isaan godhe maal akka taʼe hubachuuf yaaluu qabna. Phaawulos ergamaan kan guddate Yihudoota keessatti ture. Namoota saba Waaqayyoo hin taane, warra waaʼee Yihowaa fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu waan xinnoo qofa beekan ykn homaa hin beekneef lallabuuf akka haala isaatti jijjiirama godhee akka ture beekamaa dha. Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranitti gara laafina argisiisuu fi yaada isaanii hubachuuf, qorannaa gochuun ykn namoota muuxannoo qaban gaafachuun nu barbaachisuu dandaʼa. (1 Qor. 9:20-23) Galmi keenya namoota ‘ergaa keenya fudhatan’ barbaaduu dha. (Mat. 10:11) Buʼa qabeeyyii taʼuuf, namoonni yaada isaanii akka ibsan afeeruu fi xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuu qabna. Obboleessi Ingilaandi keessa jiraatu tokko gaaʼela gammachiisaa qabaachuu, ijoollee guddisuu ykn jalʼina haqaa dandamachuun akkamitti akka dandaʼamu ilaalchisee ilaalcha namoonni qaban isaan gaafata. Achiis wanta isaan dubbatan erga dhaggeeffatee booda, “Waaʼee gorsa gara waggaa 2000 dura barreeffame kanaa maal yaadda?” jedha. Sana booda, jecha “Kitaaba Qulqulluu,” jedhu utuu hin dubbatin, moobaayilii isaa irraa caqasoota filate itti argisiisa. w19.07 21-22 key. 7-8

Sanbadduraa, Ebla 17

Waaqayyo utuma nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.—Rom. 5:8.

Waaqayyoon hammam jaallachuu qabna? Yesuus nama Fariisii tokkoon, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu” jedheera. (Mat. 22:36, 37) Waaqayyoon garaa keenya guutuudhaan jaallachuu barbaanna. Jaalalli isaaf qabnus guyyaa guyyaadhaan cimaa akka deemu gochuu barbaanna. Waaqayyoon jaallachuuf waaʼee isaa beekuu nu barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni jaalala hin argisiisne Waaqayyoon hin beeku; sababiin isaas Waaqayyo jaalala dha” jedha. (1 Yoh. 4:8) Phaawulos ergamaan “beekumsa sirrii fi hubannaa guutuu” yommuu argannu jaalalli Waaqayyoof qabnu cimaa akka deemu dubbateera. (Filp. 1:9) Jalqaba Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼannu beekumsi amaloota isaa warra dinqisiisoo taʼan ilaalchisee qabnu muraasa kan ture taʼus, jaalalli Waaqayyoof qabnu guddachuu jalqabe. Achiis waaʼee Yihowaa caalaatti hammuma barachaa adeemnu jaalalli isaaf qabnu cimaa dhufe. Kanaafuu, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluun wantoota jireenya keenya keessatti caalaatti barbaachisoo taʼan akka taʼanitti ilaaluun keenya nama hin dinqisiisu!—Filp. 2:16. w19.08 9 key. 4-5

Dilbata, Ebla 18

Tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya.—Lal. 4:9.

Ramaddiin keessan haaraa yoo taʼe michoota haaraa horachuun isin barbaachisa. Michoota horachuuf isinis michoota gaarii taʼuu akka qabdan yaadadhaa. Warri kaan gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argattan arguu akka dandaʼaniif, muuxannoowwan gaggaarii tajaajila Yihowaa irraa argattan isaaniif hiraa. Ramaddii tajaajilaa keessan kan dhaabdan sababa haala fayyaa hiriyaa gaaʼelaa keessaniitiin yoo taʼe hiriyaa gaaʼelaa keessan hin ceephaʼinaa. Gama biraatiin immoo rakkinni fayyaa yoo isin mudate, hiriyaa gaaʼelaa keessan akka gaddisiistan yaaduudhaan miirri balleessaa isinitti dhagaʼamuu hin qabu. “Foon tokko” akka taatanii fi haala hundumaa keessatti wal kunuunsuuf Yihowaa duratti waadaa akka galtan yaadadhaa. (Mat. 19:5, 6) Kana malees ramaddii tajaajilaa keessan kan dhaabdan karoora utuu hin qabaatin daaʼima godhachuu keessaniin kan kaʼe yoo taʼe, ramaddii tajaajilaa keessan caalaa mucaa keessaniif iddoo guddaa akka kennitan isaaf mirkaneessaa. “Kennaa” Waaqayyoo akka taʼetti akka isa ilaaltan mucaa keessanitti himaa. (Far. 127:3-5) Kana malees, muuxannoowwan gaggaarii hojii keessan irraa argattan itti himaa. Kunis akkuma isin gootan mucaan keessanis jireenya isaa Yihowaa tajaajiluuf akka itti fayyadamu isa kakaasuu dandaʼa. w19.08 22 key. 10-11

Wiixata, Ebla 19

Murtii sagaagaltuu guddittii . . . sana irratti dabarfame sitti nan argisiisa.—Mul. 17:1.

Baabilon Guddittiin ishiin amantii sobaa addunyaa irra jiran hunda argisiistu, maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo baayʼee fiddeetti. Waaʼee Waaqayyoo soba barsiisti. Bulchitoota lafaa wajjin tokkummaa uumuudhaan karaa hafuuraa ejja raawwatteetti. Aangoo ishiitti fayyadamtee miseensota ishii cunqursiti, akkasumas qabeenya isaanii saamti. Dhiiga tajaajiltoota Waaqayyoo dabalatee dhiiga hedduu dhangalaasteetti. (Mul. 18:24; 19:2) Yihowaan “gaalamoota guddittii” kan balleessu, ‘bineensa diimaa dhiiga fakkaatuu’ fi “gaanfa kudhan” qabutti fayyadamee ti. Bineensi kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argisiisa. Gaanfonni kurnan immoo humnoota siyaasaa yeroo ammaa dhaabbata kana deeggaran bakka buʼa. Yeroo Waaqayyo murteessetti humnoonni siyaasaa kun Baabilon Guddittii ishii fakkeenyaan ibsamtetti garagalu. Isaanis qabeenya ishii jalaa fudhachuudhaan “ishii saamu, qullaa ishii hambisu,” akkasumas hammeenya ishii ni saaxilu. (Mul. 17:3, 16) Badiisni ariifachiisaan guyyaa tokko keessatti kan raawwatame fakkaatu kun warra ishii deeggaran ni naasisa. Sababiin isaas ishiin, yeroo dheeraadhaaf “gaddis matumaa ana irra hin gaʼu” jettee of jajaa turte.—Mul. 18:7, 8. w19.09 10 key. 10-11

Kibxata, Ebla 20

Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa.—Mat. 11:29.

Yesuus namni hundi gara isaa akka dhufu affeereera, nama dhugumaan Waaqayyoon tajaajiluu barbaadus ni simata. (Yoh. 6:37, 38) Duuka buutonni Kiristoos hundi hojii Yihowaan Yesuus akka hojjetuuf isaa kenne irratti hirmaachuuf mirga argataniiru. Yesuus hojii kana akka hojjennu nu gargaaruuf yeroo hunda akka nu wajjin jiru mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Mat. 28:18-20) Namoonni gad of qaban Yesuusitti ni dhihaatu turan. (Mat. 19:13, 14; Luq. 7:37, 38) Maaliif? Garaa garummaa Yesuusii fi Fariisota gidduu jiru mee yaadaa. Geggeessitoonni amantii kun warra jaalala hin qabnee fi of tuulan turan. (Mat. 12:9-14) Yesuus garuu jaalala qabeessaa fi kan gad of qabu ture. Fariisonni beekamtii fi iddoo guddaa argachuu barbaadu turan. Yesuus garuu fedhii dogoggoraa kana hin jajjabeessine; kanaa mannaa barattoonni isaa akka gad of qabanii fi warra kaan akka tajaajilan isaan barsiiseera. (Mat. 23:2, 6-11) Fariisonni warra kaan sossodaachisuu fi doorsisuudhaan isaan toʼatu turan. (Yoh. 9:13, 22) Yesuus hojiiwwan isaa warra jaalala irratti hundaaʼaniin, akkasumas jechoota gaarummaa qaban dubbachuudhaan warra kaaniif boqonnaa argamsiiseera. Barumsawwan kanneen Yesuus irraa barattaniittuu? w19.09 20 key. 1; 21 key. 7-8; 23 key. 9

Roobii, Ebla 21

Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.—Yaq. 4:8.

Walgaʼiiwwan caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaaru. Ilaalchi nuti walgaʼiiwwan irratti hirmaachuudhaaf qabnu, ariʼatama gara fuulduraatti nu mudatu hangam akka dandamannu akka gaariitti kan argisiisu dha. (Ibr. 10:24, 25) Akkas jechuu kan dandeenyu maaliifi? Yeroo ammaa rakkoowwan xixinnoon walgaʼiiwwan irraa akka nu hambisan yoo heyyamne, gara fuulduraatti namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin walitti qabamuuf nageenya keenya balaadhaaf saaxiluun yoo nu barbaachise maaltu taʼa? Karaa biraatiin immoo, walgaʼiiwwan irratti hirmaachuudhaaf murtoo cimaa gooneerra yoo taʼe, mormitoonni akka walitti hin qabamne nu dhowwuuf yommuu yaalanitti duubatti hin jennu. Yeroon itti walgaʼiiwwan keenyaaf jaalala horachuu qabnu amma dha. Walgaʼiiwwan irratti hirmaachuun kan nu gammachiisu yommuu taʼu, dhorkaa mootummaa dabalatee mormiin kam iyyuu nama caalaa Waaqayyoof akka hin ajajamne nu hin dhowwu. (HoE. 5:29) Caqasoota jaallattan yaadatti qabadhaa. (Mat. 13:52) Dandeettiin waa yaadachuuf qabdan mudaa kan qabu taʼus, Yihowaan caqasoota sana akka yaadattan isin gargaaruuf hafuura qulqulluu isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamuu dandaʼa. (Yoh. 14:26) Caqasoonni sun Yihowaatti dhihaattanii akka jiraattanii fi amanamummaadhaan jabaattanii akka dhaabattan isin gargaaru. w19.07 3 key. 5; 4 key. 8-9

Kamisa, Ebla 22

Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki.—2 Xim. 3:1.

Kan dhalatte bara 1914 booda yoo taʼe, jireenya kee guutuu “guyyoota dhumaa” sirna kanaa keessa jiraachaa jirta jechuu dha. Hundi keenya taʼeewwan Yesuus yeroo kana ilaalchisee raajiidhaan dubbate dhageenyeerra. Kunis waraana, hanqina nyaataa, kirkira lafaa, golfaa, hamminni dabalaa deemuu isaa fi ariʼatama saba Yihowaa irra gaʼu dabalata. (Mat. 24:3, 7-9, 12; Luq. 21:10-12) Kana malees namoonni amaloota Phaawulos ergamaan raajiidhaan dubbate yommuu argisiisan argaa jirra. Nuti waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef, “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru mirkanaaʼoo dha. (Mik. 4:1) Bara 1914 kaasee yeroo dheeraan waan darbeef amma kan jiraannu dhuma “guyyoota dhumaa” keessa taʼuu qaba. Dhumni baayʼee waan dhihaateef deebii gaaffiiwwan barbaachisoo tokko tokkoo beekuu nu barbaachisa: Dhuma “guyyoota dhumaatti” taʼeewwan akkamiitu raawwatama? Yeroo taʼeewwan kun itti raawwataman yommuu eegaa jirru kanatti hoo Yihowaan maal akka goonu nu irraa eega? w19.10 8 key. 1-2

Jimaata, Ebla 23

Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.—Mat. 24:13.

Jabaannee dhaabbachuun keenya haalawwan mijataa taʼan irratti akka hin hundoofne baranneerra. Yihowaatti amanamuudhaan amala jabaatanii dhaabbachuu keenya cimsachuu dandeenya. (Rom. 12:12) Abdiin Yesuus caqasa guyyaa harʼaa irratti kenne haalli rakkisaan akkamii iyyuu yoo nu mudate amanamoo taʼuu akka qabnu argisiisa. Yeroo ammaatti rakkina nu mudatu hundumaa keessatti jabaannee dhaabbachuudhaan rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura cimoo taʼuu dandeenya. Akkuma jabaatanii dhaabbachuu ija jabinni dhugaanis Yihowaatti amanamuudhaan argama. Maarree amanannaa isa irratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii isaa guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi Yihowaan bara duriitti saba isaa kan oolche akkamitti akka taʼe xiinxaluudhaan kana gochuu dandeenya. (Far. 68:20; 2 Phe. 2:9) Yeroo rakkina guddaatti saboonni yommuu haleellaa nu irratti banan, yeroo kam iyyuu caalaa ija jabeeyyii taʼuu fi Yihowaatti amanamuu nu barbaachisa. (Far. 112:7, 8; Ibr. 13:6) Amma Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe ija jabina haleellaa Goog dandamachuuf nu dandeessisu ni qabaanna. Eegumsa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe jala jiraachuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taaneerra.—1 Qor. 13:8. w19.10 18 key. 15-16

Sanbadduraa, Ebla 24

Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira.—1 Yoh. 5:19.

Diyaabilos sirna kana kan toʼatu taʼuu isaa irra iyyuu fedhii uumamaa fi dadhabina foonii keenya hawwachuuf itti fayyadama. (Efe. 2:1-3) Inni Yihowaa qofa utuu hin taʼin wantoota kan biraas akka jaallannu barbaada. Pheexiros ergamaan waaʼee dhuma addunyaa Seexanaa fi addunyaa haaraa isa dhufuuf jedhuu erga barreessee booda akkana jedheera: “Yaa obboloota jaallatamo, wantoota kana eeggachaa waan jirtaniif, dhuma irratti isa duratti xurii fi mudaa kan hin qabne taatanii nagaadhaan argamuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa.” (2 Phe. 3:14) Gorsa kanaaf yommuu ajajamnu, akkasumas karaa naamusaa fi hafuuraa qulqulluu taanee jiraachuuf wanta dandeenyu hunda yommuu goonu Yihowaa qofa waaqeffachaa akka jirru argisiisna. Seexannii fi sirni isaa kun wantoota dursa kenninuuf akka jijjiirru dhiibbaa nu irratti gochuu isaanii itti fufu. (Luq. 4:13) Taʼus rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate eenyu iyyuu ykn wanti kam iyyuu garaa keenya keessatti iddoo Yihowaa akka fudhatu hin heyyamnu. Waaqeffannaa Yihowaa qofaaf malu isaaf dhiheessuuf murteessineerra! w19.10 27 key. 4; 31 key. 18-19

Dilbata, Ebla 25

Cubbuu kootiin kan kaʼe rakkina irra buʼeen ture.—Far. 38:18.

Waaʼee wantoota tokko tokkoo yaaddaʼuun gaarii dha. Fakkeenyaaf, Yihowaa fi Yesuusiin gammachiisuuf yaaddaʼuun gaarii dha. (1 Qor. 7:32) Cubbuu cimaa yoo hojjenne immoo, waaʼee michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu deebisnee haaromsuu ni yaaddofna. Kana malees, waaʼee hiriyaa gaaʼelaa keenya gammachiisuu, nageenya miseensota maatii keenyaa fi obboloota keenyaa ni yaaddofna. (1 Qor. 7:33; 2 Qor. 11:28) Gama biraatiin immoo, yeroo hunda waaʼeen nyaataa fi uffata gaʼaa argachuu baayʼee nu dhiphisa taʼa. (Mat. 6:31, 32) Yaaddoo akkasii hirʼisuuf immoo, qabeenya kuufachuu irratti xiyyeeffachuu dandeenya. Kun akka taʼu kan heyyamnu yoo taʼe, amantiin Yihowaa irratti qabnu ni laafa, akkasumas karaa hafuuraa miidhaa cimaan nu irra gaʼuu dandaʼa. (Mar. 4:19; 1 Xim. 6:10) Yookiin immoo waaʼee namoota biratti fudhatama argachuu garmalee yaaddofna taʼa. Yihowaa akka hin gaddisiisne sodaachuu caalaa, namoonni akka nutti hin qoosnee fi ariʼatamni akka nu irra hin geenye sodaachuu dandeenya. Balaa akkasii irraa of eeguuf, Yihowaan amantii fi ija jabina rakkina dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu kadhachuu qabna.—Fak. 29:25; Luq. 17:5. w19.11 15 key. 6-7

Wiixata, Ebla 26

Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas, inni . . . nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna.—Yaq. 1:5.

Murtoowwan barbaachisoo taʼan tokko tokko matumaa jijjiiruun hin dandaʼamu. Fakkeenyaaf, murtoo Yihowaa tajaajiluuf goone hin jijjiirru; kana malees hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf amanamoo taʼuuf murteessineerra. (Mat. 16:24; 19:6) Murtoowwan kan biraa garuu, jijijjiiruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Maaliif? Sababiin isaas haalawwan ni jijjiiramu. Maarree murtoo gaarii gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Ogummaa argachuuf kadhadhu. Haala tokko tokko keessatti, hundi keenya ‘ogummaan nutti hirʼachuu’ dandaʼa. Kanaafuu, murtoo yommuu gootuu fi murtoo goote jijjiiruun yommuu si barbaachisu Yihowaan akka si gargaaru isa gaafadhu. Yihowaanis murtoo ogummaa irratti hundaaʼe akka gootu si gargaara. Qorannaa gadi fageenya qabu godhi. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota jaarmiyaan Yihowaa baase dubbisi, akkasumas namoota amantu haasofsiisi. (Fak. 20:18) Hojii jijjiiruuf, bakka kan biraa deemuuf ykn qarshii gaʼaa Yihowaa tajaajiluu kee akka itti fuftu si gargaaru argachuuf barumsa akkamii barachuu akka qabdu murteessuu kee dura qorannaa akkasii gochuun kee barbaachisaa dha. w19.11 27 key. 6-8

Kibxata, Ebla 27

Ani nama gadadamaa dha! Qaama gara duʼa kanaatti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha?—Rom. 7:24.

Kan nama gammachiisu, Waaqayyo karaa itti fayyina argannu ykn cubbuu irraa bilisa itti baanu nuuf qopheesseera. Yesuus bilisummaa kanaaf gaʼee guddaa taphata. Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa saddeettaffaatti Isaayaas raajichi waaʼee bilisummaa guddaa gara fuulduraatti dhufu tokkoo raajii dubbatee ture. Bilisummaa guddaan kun bilisummaa Israaʼeloonni waggaa Iyyobeeliyyuutti argatan irra baayʼee caala. Akkana jedhee barreesseera: “Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra boojiʼamanitti gad dhiifamuu . . . akkan labsuuf inni na ergeera.” (Isa. 61:1) Raajiin kun eenyu irratti raawwatame? Raajiin barbaachisaan waaʼee bilisummaa dubbatu kun Yesuus tajaajila isaa erga jalqabee booda raawwatamuu eegale. Yesuus gara mana sagadaa magaalaa Naazireet bakka inni itti guddate keessatti argamuu yeroo deemetti raajii Isaayaas dubbate Yihudoota achitti walitti qabamaniif dubbiseera, akkasumas raajiin kun isa irratti akka raawwatame dubbateera.—Luq. 4:16-19. w19.12 9-10 key. 6-8

Roobii, Ebla 28

Utuma mormii guddaan nu irra gaʼuu misiraachoo Waaqayyoo isiniif lallabuuf gargaarsa Waaqa keenyaatiin akkuma taʼetti ija jabina arganne.—1 Tas. 2:2.

Ariʼatama dandamachuuf ija jabina qabaachuu isin barbaachisa. Ija jabina akka hin qabne kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe, maal gochuu dandeessu? Ija jabinni dhugaan guddina, jabina ykn dandeettii keessan irratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadadhaa. Daawit inni dargaggeessa ture yeroo Goliyaadii wajjin wal loletti fakkeenya inni kaaʼe ilaalaa. Nama qaamaan guddaa taʼe sanaa wajjin yommuu wal bira qabamu, Daawit xinnoo, dadhabaa fi meeshaa waraanaa akka gaariitti kan hin hidhanne ture. Taʼus, ija jabina guddaa qaba ture. Daawit nama guddaa fi of tuulaa taʼe sana loluuf itti fiigeera. Daawit ija jabina guddaa qabaachuu kan dandaʼe maaliif ture? Yihowaan akka isaa wajjin jiru cimsee amana ture. (1 Sam. 17:37, 45-47) Daawit Goliyaad yommuu isaa wajjin wal bira qabamu hangam guddaa akka taʼe hin xiinxalle. Kanaa mannaa, Goliyaad Yihowaa wajjin yommuu wal bira qabamu hangam xiqqoo akka taʼe irratti xiyyeeffatee ture. Seenaa kana irraa maal baranna? Yihowaan akka nu wajjin jiru mirkanaaʼoo yoo taanee fi mormitoonni keenya Waaqa Hundumaa Dandaʼuu wajjin yommuu wal bira qabaman hangam xiqqoo akka taʼan irratti yoo xiinxalle ija jabeeyyii akka taane nutti dhagaʼama.—2 Sen. 20:15; Far. 16:8. w19.07 5 key. 11-13

Kamisa, Ebla 29

Anaa wajjin kan hojjetan . . . madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru.—Qol. 4:11.

Tikiqoos Kiristiyaana Phaawulos ergamaadhaaf michuu amanamaa ture dha. (HoE. 20:4) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 55⁠tti Phaawulos Kiristiyaanota Yihudaa jiran gargaaruuf hojii qarshii walitti qabuu qindeesseera; Tikiqoosis hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana irratti isa gargaaree taʼuu dandaʼa. (2 Qor. 8:18-20) Yeroo booda immoo Phaawulos Roomaa keessatti yeroo jalqabaatiif yommuu hidhamu Tikiqoos akka ergamaa dhuunfaatti isa tajaajileera. Tikiqoos xalayaawwanii fi ergaawwan jajjabinaa Phaawulos gumiiwwan Eeshiyaatiif barreesse geesseera. (Qol. 4:7-9) Tikiqoos Phaawulosiif michuu dhugaa taʼee itti fufeera. (Tit. 3:12) Kiristiyaanonni yeroo sana turan hundi akka Tikiqoos amanamoo hin turre. Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 65⁠tti yeroo Phaawulos siʼa lammaffaadhaaf hidhamee turetti Kiristiyaanonni koonyaa Eeshiyaa keessa jiran hedduun isa dhiisanii akka deeman barreesseera, tarii akkas kan godhan mormitoota sodaatanii taʼuu dandaʼa. (2 Xim. 1:15) Faallaa kanaatiin Phaawulos, Tikiqoositti amanamuudhaan hojii kan biraa isaaf kenneera. (2 Xim. 4:12) Phaawulos michuu gaarii akka Tikiqoos qabaachuu isaatti gammadee akka ture hin shakkisiisu. w20.01 10 key. 7-8

Jimaata, Ebla 30

Waaqayyo wantoota kana . . . nutti mulʼiseera.—1 Qor. 2:10.

Tarii, ‘Ani hoo hafuura qulqulluudhaan dibameeraa laata?’ jettee gaafatta taʼa. Taanaan gaaffiiwwan barbaachisoo kanatti aananii jiran irratti yaadi: Fedha Yihowaa raawwachuuf fedhii cimaa qabdaa? Tajaajila irratti hinaaffaa adda taʼe akka qabdu sitti dhagaʼamaa? Kitaaba Qulqulluu qoʼachuunii fi waaʼee “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan” barachuun si gammachiisaa? Yihowaan tajaajila kee irratti buʼaawwan dinqisiisoo taʼan argachuuf akka si gargaare sitti dhagaʼamaa? Namoota kaan karaa hafuuraa gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaan akka si irra jiru sitti dhagaʼamaa? Ragaa Yihowaan jireenya kee keessatti karaa hedduudhaan akka si gargaare argisiisu argiteettaa? Gaaffiiwwan kana ‘eeyyee’ jettee garaa guutuudhaan yoo deebiste, kun waamicha samii akka argatte argisiisa jechuu dhaa? Lakki, akkas jechuu miti. Maaliif? Sababiin isaas tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi dibamanis dibamuu baatanis akkas isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkasumas Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee tajaajiltoonni isaa hundi abdiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe wantoota kana akka raawwatan isaan gargaaruu dandaʼa. Siruma iyyuu, hafuura qulqulluudhaan dibamuu kee kan shakkitu yoo taʼe, kun mataan isaa akka ati hin dibamne argisiisa. Namoonni Yihowaan isaan waame dibamuu isaanii hin shakkan! Isaan dibamuu isaanii sirriitti beeku! w20.01 23 key. 14

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi