LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es21 ful. 47-57
  • Caamsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caamsaa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Caamsaa 1
  • Dilbata, Caamsaa 2
  • Wiixata, Caamsaa 3
  • Kibxata, Caamsaa 4
  • Roobii, Caamsaa 5
  • Kamisa, Caamsaa 6
  • Jimaata, Caamsaa 7
  • Sanbadduraa, Caamsaa 8
  • Dilbata, Caamsaa 9
  • Wiixata, Caamsaa 10
  • Kibxata, Caamsaa 11
  • Roobii, Caamsaa 12
  • Kamisa, Caamsaa 13
  • Jimaata, Caamsaa 14
  • Sanbadduraa, Caamsaa 15
  • Dilbata, Caamsaa 16
  • Wiixata, Caamsaa 17
  • Kibxata, Caamsaa 18
  • Roobii, Caamsaa 19
  • Kamisa, Caamsaa 20
  • Jimaata, Caamsaa 21
  • Sanbadduraa, Caamsaa 22
  • Dilbata, Caamsaa 23
  • Wiixata, Caamsaa 24
  • Kibxata, Caamsaa 25
  • Roobii, Caamsaa 26
  • Kamisa, Caamsaa 27
  • Jimaata, Caamsaa 28
  • Sanbadduraa, Caamsaa 29
  • Dilbata, Caamsaa 30
  • Wiixata, Caamsaa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
es21 ful. 47-57

Caamsaa

Sanbadduraa, Caamsaa 1

Mucaa . . . sana akkamitti guddisuu akka qabnu qajeelfama [nuu kenni].—Abo. 13:8.

Warri ijoolleen isaanii Yihowaa jaallachuu akka baratan gargaaruuf maal gochuu dandaʼu? Akkuma Maanoʼaan godhe gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhaa. Akkasumas fakkeenya taʼuudhaan isaan barsiisaa. Wanti isin dubbattan barbaachisaa dha; haa taʼu malee, wanti isin gootan ijoollee keessan irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin dabalatee ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii akka taʼan mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Yoseef maatii isaa gargaaruuf jabaatee hojjeteera. Akkasumas maatiin isaa wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa akka qabaatan isaan jajjabeesseera. (Kes. 4:9, 10) Yoseef Ayyaana Faasiikaa kabajuuf “waggaa waggaadhaan” maatii isaa fuudhee gara Yerusaalem dhaqa ture. (Luq. 2:41, 42) Abbootiin tokko tokko yeroo sanatti maatiidhaan akkasitti karaa deemuun baayʼee ulfaataa, yeroo hedduu kan fudhatuu fi qarshii hedduu kan gaafatu akka taʼetti ilaalu taʼa. Taʼus, Yoseef wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa qaba ture; ijoolleen isaas akkas akka godhan barsiiseera. Maariyaamis Kitaaba Qulqulluu sirriitti beekti turte. Jechaa fi gocha ishiitiin ijoolleen ishii Dubbii Waaqayyoo akka jaallatan barsiistee akka turte hin shakkisiisu. w19.12 24-25 key. 9-12

Dilbata, Caamsaa 2

Ani . . . nama foonii cubbuutti gurgurame dha.—Rom. 7:14.

Jaalala Yihowaan nuuf qabu karaa itti inni rakkina maatii ilmaan namootaa jalqabaa wajjin walqabatee uumameef furmaata kenne irraa mirkaneeffachuu dandeenya. Addaam Abbaa isaa isa samiitiif utuu hin ajajamin yeroo hafetti innis taʼe sanyiin isaa miseensota maatii Yihowaa akka hin taane godheera. (Rom. 5:12) Haa taʼu malee, Yihowaan sanyii Addaam gargaaruuf tarkaanfii fudhateera. Yihowaan Addaamiin adabeera, sanyiin isaa warri hin dhalanne garuu abdii malee akka hafan hin goone. Yihowaan battaluma sanatti ilmaan namootaa ajajamoo taʼan gara maatii isaatti akka deebiʼan waadaa galeera. (Uma. 3:15; Rom. 8:20, 21) Yihowaan qophii kana kan godhe aarsaa furii Ilma isaa isa jaallatamaa taʼe irratti hundaaʼuudhaani. Inni ilma isaa nuuf kennuudhaan hammam akka nu jaallatu argisiiseera. (Yoh. 3:16) Inni Abbaa hundumaa irra caalu dha. Kadhannaa keenya ni dhagaʼa, akkasumas wanta karaa qaamaa fi hafuuraa nu barbaachisu nuuf guuta. Yihowaan nu leenjisa, nu gargaaras. Akkasumas eebbawwan dinqisiisoo taʼan nuuf qopheesseera. Abbaan keenya akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa! w20.02 6 key. 16-17; 7 key. 20

Wiixata, Caamsaa 3

Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.—Far. 94:19.

Waaʼee wanta tokkoo baayʼee yaaddoftee beektaa? Tarii wanta warri kaan dubbataniin ykn raawwataniin ykn immoo wanta dubbatte ykn raawwatte tokkoon waan miidhamteef yaaddoon sitti dhagaʼamee beeka taʼa. Fakkeenyaaf, dogoggora tokko waan raawwatteef, Yihowaan matumaa dhiifama naaf hin godhu jettee yaaddofta taʼa. Kana irra kan hammaatu immoo, waaʼee wanta tokkoo baayʼee waan yaaddoftuuf amantii gaʼaa akka hin qabnee fi nama hamaa akka taate sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, mee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu muraasa haa ilaallu. Haannaan ishiin haadha Saamuʼel raajichaa taate dubartii amantii guddaa qabdu turte. Taʼus, miseensi maatii ishii tokko karaa sirrii hin taaneen yommuu ishii qabdetti baayʼee dhiphattee turte. (1 Sam. 1:7) Phaawulos ergamaan nama amantii cimaa qabu ture, taʼus “waaʼee gumiiwwan hundaa” baayʼee yaaddaʼa ture. (2 Qor. 11:28) Daawit Mootichis amantii cimaa waan qabuuf Yihowaan baayʼee isa jaallata ture. (HoE. 13:22) Haa taʼu malee, Daawit dogoggora baayʼee akka dhiphatu isa taasisu raawwatee ture. (Far. 38:4) Yihowaan hunda isaanii iyyuu jajjabeesseera, akkasumas tasgabbeesseera. w20.02 20 key. 1-2

Kibxata, Caamsaa 4

Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu.—Mat. 16:24.

Yommuu of murteessitu kadhannaa garaadhaa maddeen Yihowaatti dhihaachuudhaan jireenya kee guutuu bara baraaf akka isa tajaajiltu itti himta. Yommuu Waaqayyoof of murteessitu, ‘of ganta.’ Sana booda kan Yihowaa taata; kun immoo mirga guddaa dha. (Rom. 14:8) Kana booda of gammachiisuu irratti utuu hin taʼin, isa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffattu isatti himta. Of murteessuun kee kun kakuu, jechuunis waadaa qulqulluu Waaqayyoof galtu dha. Yihowaan kakuu akkanaa akka gallu nu hin dirqisiisu. Yommuu kakuu gallu garuu, kakuu keenya akka raawwannu nu irraa eega. (Far. 116:12, 14) Of murteessuun kee murtoo dhuunfaa fi dhoksaatti raawwattu dha; kunis sii fi Yihowaa gidduutti raawwatama. Cuuphaan garuu yeroo baayʼee walgaʼiiwwan aanaa ykn naannoo irratti warra kaan duratti kan raawwatamu dha. Yommuu cuuphamtu Yihowaadhaaf of murteessuu kee warra kaanitti argisiista. Kanaafuu, cuuphamuun kee warri kaan garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan Yihowaa akka jaallattuu fi bara baraaf isa tajaajiluuf akka murteessite akka beekan godha.—Mar. 12:30. w20.03 9 key. 4-5

Roobii, Caamsaa 5

Namni tokko illee . . . karaa irraa isin hin jalʼisin.—2 Tas. 2:3.

Seexanni ilaalchi namoonni Yihowaadhaaf qaban akka dimimmisu godha. Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda, namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko barumsa sobaa babalʼisuu jalqaban. (HoE. 20:29, 30) Gantoonni kun eenyummaan Waaqa dhugaa isa tokkichaa akka dimimmisu gochuu jalqaban. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu isaanii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamuu dhiisuudhaan maqaawwan ulfinaa akka “Gooftaa” jedhu fayyadamuu filataniiru. Maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa Kitaaba Qulqulluu keessaa baasanii maqaa “Gooftaa” jedhuun bakka buusuudhaan, namoonni dubbisan Yihowaan “gooftolii” Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kaan irraa akkamitti adda akka taʼe hubachuun akka isaanitti ulfaatu godhaniiru. (1 Qor. 8:5) Yihowaadhaafis taʼe Yesuusiif jechuma, “Gooftaa,” jedhu fayyadamuudhaan, Yihowaa fi Ilmi isaa garaa gara akka taʼanii fi gaʼee adda addaa akka qaban hubachuun akka ulfaatu godhaniiru. (Yoh. 17:3) Burjaajaʼiinsi kun barumsi Sillaasee inni Dubbii Waaqayyoo keessatti hin argamne akka babalʼatu gumaacha godheera. Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Waaqayyo iccitii akka taʼee fi isa beekuun akka hin dandaʼamne amananiiru. Kun soba guddaa akkamiiti!—HoE. 17:27. w19.06 5 key. 11

Kamisa, Caamsaa 6

Tajaajila kee guutummaatti raawwadhu.—2 Xim. 4:5.

Karaan tajaajila keenya guutummaatti itti raawwannu inni tokko hojii lallabaa irratti dandeettii qabnu fooyyessuu dha. (Fak. 1:5; 1 Xim. 4:13, 15) Yihowaan isaa ‘wajjin akka hojjennu’ nuuf heyyamuun isaa mirga guddaa dha! (1 Qor. 3:9) ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastee yommuu beektuu’ fi tajaajila Kiristiyaanaa irratti yommuu xiyyeeffattu, ‘gammachuudhaan Waaqayyoof hojjetta.’ (Filp. 1:10; Far. 100:2) Rakkoowwan akkamii iyyuu yoo si mudatan ykn hirʼina akkamii yoo qabaatte illee, tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa tokko waan taateef, inni humna tajaajila kee guutummaatti raawwachuuf si barbaachisu akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. (2 Qor. 4:1, 7; 6:4) Haala keessa jirtuun kan kaʼe, hirmaannaan hojii lallabaa irratti gootu xinnoos haa taʼu guddaa, tajaajila kee irratti garaa guutuudhaan yoo hirmaatte, ‘waan itti gammaddu ni argatta.’ (Gal. 6:4) Tajaajila kee guutummaatti yommuu raawwattu, Yihowaa fi namootaaf jaalala akka qabdu argisiista. “Kana gochuudhaan ofii kees taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita.”—1 Xim. 4:16. w19.04 6 key. 15; 7 key. 17

Jimaata, Caamsaa 7

[Seexanni] guutummaa lafaa [dogoggorsaa jira].—Mul. 12:9.

Karaan Seexannii fi jinniiwwan namoota gowwoomsuuf itti yaalan inni guddaan gocha hafuurota hamoo ti. Namoonni gocha hafuurota hamoo raawwatan, wantoota namoonni kaan hin beekne akka beekan ykn akka toʼatan dubbatu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko hooda dubbachuutti ykn urjii lakkaaʼuutti fayyadamuudhaan, waaʼee gara fuulduraa beekuu akka dandaʼan dubbatu. Warri kaan immoo namoota duʼanii wajjin dubbachaa waan jiran fakkeessuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko falfala raawwatu, akkasumas nama kan biraatti moruuf yaalu. Qorannoon biyyoota Laatiin Ameerikaa fi Kaariibiyaanii 18 keessatti godhame, namoota qorannoon irratti godhame 3 keessaa 1, gargaarsa jinniitiin waa raawwachuu fi falfalatti akka amanu kan dubbate siʼa taʼu, namoonni hammuma kanaa taʼan immoo namoota duʼanii wajjin walitti dhufeenya gochuun ni dandaʼama jedhanii akka amanan argisiiseera. Qorannoon kan biraan immoo biyyoota Afriikaa 18 keessatti godhamee ture. Bakka kanatti, namoota qorannoon irratti godhame keessaa giddu galeessaan, walakkaadhaa ol kan taʼan falfalatti akka amanan dubbataniiru. Dhugaa dha, eessa iyyuu yoo jiraanne gocha hafuurota hamoo irraa of eeggachuu qabna. w19.04 20-21 key. 3-4

Sanbadduraa, Caamsaa 8

Namni halaleen . . . isin gidduutti akka hin argamne of eeggadhaa.—Ibr. 12:16.

Yihowaan jalʼina kam iyyuu ni jibba. (Far. 5:4-6) Keessumaa immoo yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwatamuu fi suukanneessaa taʼe garmalee jibba! Nutis Dhugaa Baatota isaa waan taaneef, fakkeenya isaa hordofuudhaan yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwatamu ni jibbina, akkasumas gumii keessa akka jiraatu hin heyyamnu. (Rom. 12:9) Gochi ijoollee irratti miidhaa geessisu akkamii iyyuu “seera Kiristoos” wajjin guutummaatti wal faallessa. (Gal. 6:2) Wanti Yesuus gocha isaatiinis taʼe, fakkeenya taʼuudhaan barsiise hundi jaalala irratti kan hundaaʼee fi haqa raawwachuu kan jajjabeessu dha. Kiristiyaanonni dhugaan seera kanaan waan geggeeffamaniif, ijoolleen nageenya akka argatanii fi dhugumaan akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu karaa taasisuun isaan qabu. Haa taʼu malee, ijoollee irratti miidhaa geessisuun gocha ofittummaa fi dogoggoraa waan taʼeef, mucaan tokko eegumsa akka hin qabnee fi akka hin jaallatamne akka isatti dhagaʼamu godha. Kan nama gaddisiisu garuu, Kiristiyaanonni dhugaanis gocha kanaan miidhamaniiru. Maaliif? “Namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni” kan baayʼatan siʼa taʼu, tokko tokko immoo gara gumiitti seenuuf yaalaniiru. (2 Xim. 3:13) Kana malees, namoonni kutaa gumii akka taʼan dubbatan tokko tokko fedhii foonii dogoggora taʼeef moʼamuudhaan yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwataniiru. w19.05 8 key. 1-3

Dilbata, Caamsaa 9

Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba.—Yaq. 5:16.

Namni baayʼee dhiphate tokko Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu akka hin dandeenye isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Nama akkanaa jajjabeessuu yoo barbaanne, maqaa isaa caqasuudhaan isaa wajjin kadhannaa dhiheessuu dandeenya. Namni miirri isaa miidhame kun nu birattis taʼe gumicha biratti hammam jaallatamaa akka taʼe kadhannaa keenya irratti ibsuu dandeenya. Hoolaa isaa isa iddoo guddaa qabu kana akka tasgabbeessuu fi akka jajjabeessu Yihowaa gaafachuu dandeenya. Kadhannaan akkanaa baayʼee nama jajjabeessuu dandaʼa. Dubbachuu keessan dura yaadaa. Jechoonni utuu itti hin yaadamin dubbataman nama miidhuu dandaʼu. Jechoonni gaarummaadhaan dubbataman immoo miira miidhame fayyisuu dandaʼu. (Fak. 12:18) Kanaafuu, jechoota gaarummaa argisiisan, nama jajjabeessanii fi tasgabbeessan argachuuf Yihowaan akka isin gargaaru kadhadhaa. Jechoota Yihowaan dubbatee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman caalaa jechoonni humna qaban akka hin jirre yeroo hunda yaadadhaa. (Ibr. 4:12) Warra kaan yommuu jajjabeessinu jaalala Yihowaan isaaniif qabu isaan yaadachiisna. Kana malees, Yihowaan Waaqa haqa qabeessa akka taʼe matumaa irraanfachuu hin qabnu. Gochi hamminaa miidhaa geessise kam iyyuu dhokatee hin hafu. Yihowaan wanta hundumaa kan ilaalu siʼa taʼu, namoonni hammina raawwatanii fi gocha isaanii irraa hin deebine utuu hin adabamin akka hafan hin heyyamu.—Lak. 14:18. w19.05 18 key. 18; 19 key. 19, 21

Wiixata, Caamsaa 10

Namni kam iyyuu, . . . akka aadaa namootaatti, . . . falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa.—Qol. 2:8.

Seexanni Yihowaa irraa nu garagalchuu barbaada. Kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuuf, yaada keenya irratti dhiibbaa gochuudhaan, sammuu keenya boojiʼee akka isaaf ajajamu gochuuf carraaqa. Wantoota miira keenya hawwatan nuuf dhiheessuudhaan akka isa duukaa buunu nu amansiisuu ykn nu gowwoomsuuf yaala. (Qol. 2:4) Nuti hoo dhugumaan Seexanaan gowwoomfamuuf haala sodaachisaa keessa jirraa? Eeyyee! Phaawulos akeekkachiisa Qolosaayis 2:8 irra jiru kan barreesse, namoota hin amanneef akka hin turre yaadadhaa. Inni kan barreesse Kiristiyaanota hafuura qulqulluudhaan dibamaniif ture. (Qol. 1:2, 5) Kiristiyaanonni yeroo sana turan haala sodaachisaa keessa kan turan siʼa taʼu, nuti immoo yeroo ammaa haala caalaatti sodaachisaa taʼe keessa jirra. (1 Qor. 10:12) Maaliif? Seexanni lafaa fi naannoo ishiitti kan daangeffame siʼa taʼu, tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan gowwoomsuu irratti xiyyeeffateera. (Mul. 12:9, 12, 17) Kana malees, kan jiraannu yeroo namoonni hamoonii fi fakkeessitoonni “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti” deemaa jiran keessa dha.—2 Xim. 3:1, 13. w19.06 2 key. 1-2

Kibxata, Caamsaa 11

Amma na gaʼa! Yaa Yihowaa, . . . lubbuu koo fudhadhu.—1 Mot. 19:4.

Eliyaas yeroo Iizaabel Mootittiin akka isa ajjeestu isa doorsistetti ni sodaate. Kanaafuu, gara naannoo Bersheebaatti baqate. Yeroo kanatti baayʼee waan abdii kutateef, “Yaa Waaqayyo na ajjeesi” jedhee kadhate. Akkas akka isatti dhagaʼamu kan godhe maali dha? Eliyaas cubbuu kan dhaalee fi “namuma miira akka keenyaa qabu ture.” (Yaq. 5:17) Tarii dhiphinnii fi dadhabbiin qaamaa cimaan waan isatti dhagaʼameef taʼuu dandaʼa. Eliyaas carraaqqiin inni Israaʼel keessatti waaqeffannaa dhugaa cimsuuf godhe gatii akka dhabe, wanti fooyyaʼe tokko illee akka hin jirree fi Yihowaa tajaajilaa kan jiru isa qofa akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. (1 Mot. 18:3, 4, 13; 19:10, 14) Yihowaan miira Eliyaas isaaf hubateera; akkasumas miira isaa ibsuu isaatti isa hin ceephaane. Kanaa mannaa, akka jajjabaatu isa gargaareera. (1 Mot. 19:5-7) Booda, Yihowaan humna Isaa isa dinqisiisaa isatti argisiisuudhaan Eliyaas yaada isaa akka sirreessu gaarummaadhaan isa gargaareera. Achiis Israaʼel keessaa namoota Baʼaaliin waaqeffachuu didan 7,000 akka qabu isaaf ibseera. (1 Mot. 19:11-18) Yihowaan Eliyaasiin akka jaallatu karaa qabatamaa taʼeen isatti argisiiseera. w19.06 15-16 key. 5-6

Roobii, Caamsaa 12

Jaarsoliidhaaf bitamaa. Walitti dhufeenya walii wajjin qabdaniin hundi keessan gad of qabuu uffadhaa; sababiin isaas, Waaqayyo warra of tuulan ni morma.—1 Phe. 5:5.

Garmalee ofitti amanamuu irraa fagaadhaa. Qajeelfama obboloonni amanamoon itti gaafatamummaa qaban kennan yoo hordofne, rakkina irraa ni fagaanna. Fakkeenyaaf, biyya hojiin keenya itti dhorkame tokko keessatti obboloonni itti gaafatamummaa qaban, babalʼistoonni tajaajila irratti barreeffamoota akka hin raabsine qajeelfama kennan. Taʼus, obboleessi qajeelchaan bakka sana jiru tokko qajeelfama sana hordofuu dhiisuudhaan barreeffamoota raabse. Kun maal geessise? Innii fi warri kaan karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼanii erga xumuranii yeroo muraasa booda, poolisoonni isaan gaafatan. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, poolisoonni isaan hordofaa kan turan siʼa taʼu, barreeffamoota isaan raabsan hundumaa walitti qabaniiru. Muuxannoo kana irraa maal baranna? Haala isaa caalaatti akka beeknu yoo nutti dhagaʼame illee, qajeelfama hordofuun keenya barbaachisaa dha. Yihowaan yeroo hunda kan nu eebbisu, obboloota inni nu gidduutti geggeessitoota akka taʼaniif muudee wajjin tokkummaadhaan yoo hojjenne dha.—Ibr. 13:7, 17. w19.07 12 key. 17

Kamisa, Caamsaa 13

Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.—2 Xim. 3:12.

Gooftaan keenya Yesuus galgala ajjeefamuu isaa dura turetti, namoonni barattoota isaa taʼuuf filatan hundi akka jibbaman dubbatee ture. (Yoh. 17:14) Yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti, Kiristiyaanonni amanamoon Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan namoota waaqeffannaa dhugaa mormaniin ariʼatamaa jiru. Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu jiru kanatti, diinonni keenya caalaatti akka nu morman ni eegna. (Mat. 24:9) Ariʼatama nu irra gaʼu dandamachuuf ammuma of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota nu irra gaʼuu dandaʼan hundumaa yaaduun nu hin barbaachisu. Akkas kan goonu yoo taʼe, sodaa fi yaaddoodhaan liqimfamuu dandeenya. Qorumsi tokko illee utuu nu irra hin gaʼin, balaan yaada keenyaan uumne nu injifachuu dandaʼa. (Fak. 12:25; 17:22) Sodaan, meeshaa waraanaa guddaa ‘diinni keenya Diyaabilos’ nu mormuudhaaf itti fayyadamuuf yaalu dha. (1 Phe. 5:8, 9) Ammuma hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuun keenya barbaachisaa dha. w19.07 2 key. 1-3

Jimaata, Caamsaa 14

Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.—Mat. 28:19.

Ergamoonni qarqara gaaraatti walitti qabamanii yeroo turanitti wanta hedduu akka dhagaʼan eeganii taʼuu qaba. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda bakka kanatti akka isaanii wajjin wal argu itti himee ture. (Mat. 28:16) Tarii, ‘al tokkotti obboloota 500 caalanitti kan mulʼate’ yeroo kanatti taʼuu hin oolu. (1 Qor. 15:6) Yesuus barattoonni isaa iddoo kanatti akka walgaʼan kan isaanitti hime maaliifi? Ergama gammachiisaa, ‘Kanaaf, dhaqaatii saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa’ jedhu isaaniif kennuuf ture. (Mat. 28:18-20) Barattoonni jecha Yesuus dhagaʼan, kutaa gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa taʼaniiru. Ergamni gumii sanaa inni guddaan namoonni dabalataa barattoota Kiristoos akka taʼan gochuu ture. Yeroo harʼaa, guutummaa lafaa irratti gumiiwwan Kiristiyaanaa kuma kudhaniin lakkaaʼaman kan jiran siʼa taʼu, gumiiwwan kunis ergamni isaanii inni guddaan kanuma dha. w19.07 14 key. 1-2

Sanbadduraa, Caamsaa 15

Lafti . . . bara baraaf jiraatti.—Lal. 1:4.

Daawwataan ol aanaa Noorweey keessa jiraatu tokko, namoonni waaʼee Waaqayyoo mariʼachuu hin barbaanne, yeroo baayʼee waaʼee haala addunyaa keessa jiruu mariʼachuuf fedhii akka qabaatan dubbateera. Obboleessi kun erga nagaa gaafatee booda akkas jedha: “Gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu abdii qabnu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Namoonni siyaasaa, saayintistoonni ykn namni kan biraan abdii keenya kana waan nuuf raawwatan sitti fakkaataa?” Xiyyeeffannaadhaan erga isa dhaggeeffatee booda, caqasa yeroo gaariin akka dhufu ibsu tokko dubbisaaf ykn afaanumaan itti hima. Abdiin Kitaaba Qulqulluu lafti bara baraaf akka jiraattuu fi namoonni gaariin bara baraaf akka irra jiraatan ibsu namoota tokko tokko ni dinqisiisa. (Far. 37:29) Namoota argannu mariisisuuf akkaataa dhiheenyaa gara garaa fayyadamuun keenya barbaachisaa dha. Maaliif? Sababiin isaas namni hundi garaa gara dha. Namoonni tokko tokko waaʼee Waaqayyoo ykn Kitaaba Qulqulluu dubbachuu kan hin barbaanne siʼa taʼan, warri kaan garuu waaʼee kanaa irratti mariʼachuuf fedhii qabu. Sanas taʼe kana, namoota hundumaa haasofsiisuuf carraa arganne hundumaatti fayyadamuu qabna. (Rom. 1:14-16) Namoota garaa qajeelaa qaban keessatti dhugaan akka guddatu kan godhu Yihowaa akka taʼe beekuu qabna.—1 Qor. 3:6, 7. w19.07 22-23 key. 10-11

Dilbata, Caamsaa 16

Waaqayyo akkasitti erga nu jaallatee, nutis wal jaallachuuf dirqamni nu irra jira.—1 Yoh. 4:11.

Jaalalli guddaan Waaqayyo nuuf qabu obboloota keenya jaallachuuf nu kakaasa. (1 Yoh. 4:20, 21) Tarii obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuun salphaadha jennee yaadna taʼa. Kunis kan taʼe, Yihowaa waan waaqeffannuu fi fakkeenya isaa hordofuuf waan carraaqnuufi. Kana malees, fakkeenya Yesuus isa jaalalli isaa guddaa taʼee fi lubbuu isaa nuuf jedhee kennee hordofna. Taʼus, yeroo tokko tokko ajaja akka wal jaallannuuf nuu kenname raawwachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Ewodiyaa fi Sinxiikeen obboleettota hinaaffaa qabanii fi Phaawulos wajjin hojjetan turan. Taʼus, garaa garummaan dhuunfaa isaan qaban addaan akka isaan baasu heyyamanii taʼuu dandaʼa. Phaawulos xalayaa gumii isaan keessatti tajaajilaniif barreesse irratti maqaa Ewodiyaa fi Sinxiikee caqasuudhaan, “yaada tokko akka qabaatan” gorsa ifa taʼe isaaniif kenneera. (Filp. 4:2, 3) Phaawulos guutummaa gumichaa, “Waan hundumaa gungummii fi falmii malee hojjedhaa” jedhee gorsuun barbaachisaa akka taʼe isatti dhagaʼameera.—Filp. 2:14. w19.08 9 key. 6-7

Wiixata, Caamsaa 17

Baʼaa walii baachuu keessan itti fufaa.—Gal. 6:2.

Gumiiwwanii fi obboloonni hedduun, warri tajaajila yeroo guutuu keessa jiran tajaajila isaanii akka itti fufan gargaaruuf wanta dandaʼan gochaa jiru. Kanas kan godhan, hojii isaanii akka itti fufan isaan jajjabeessuudhaan, wantoota jireenyaaf isaan barbaachisu isaaniif kennuudhaan ykn miseensota maatii isaan irraa fagaatanii jiraatan kunuunsuu irratti isaan gargaaruudhaani. Tajaajiltoonni yeroo guutuu jijjiiramni isaan mudate gara gumii keessanii yoo dhufan, wanta isaan irraa eegamu utuu hin raawwatin akka hafanii fi akka adabaman gootanii hin yaadinaa. Kanaa mannaa, jijjiiramni isaan mudate akka isaaniif salphatu gargaaraa. Miira hoʼaadhaan isaan simadhaa, akkasumas sababa haala fayyaa isaaniitiin kan kaʼe wanti isaan amma hojjechuu dandaʼan muraasa taʼu illee, wanta isaan hojjetaniif isaan galateeffadhaa. Waaʼee isaanii beekuuf yaalaa. Beekumsa, leenjii fi muuxannoo isaan qaban irraa baradhaa. Jalqaba irratti warri ramaddii haaraan isaaniif kenname mana, geejjiba, hojii fi wantoota buʼuuraa isaan barbaachisan kan biroo argachuuf gargaarsi keessan isaan barbaachisuu dandaʼa. w19.08 23-24 key. 12-13

Kibxata, Caamsaa 18

Yaa Goog, . . . karaa kee isaan duratti of [nan qulqulleessa].—His. 38:16.

Goog ‘irree fooniitti,’ jechuunis humna waraanaa isaatti amanama. (2 Sen. 32:8) Nuti immoo Waaqa keenya Yihowaatti amanamna; kunis sabootatti gowwummaa fakkaachuu dandaʼa. Baabilon Guddittiin humna guddaa kan qabdu taatus waaqoliin ishii ‘bineensichaa’ fi ‘gaanfota kurnan’ isaa jalaa ishii oolchuu hin dandaʼan! (Mul. 17:16) Kanaafuu, Goog salphaatti akka nu balleessu itti dhagaʼamuu dandaʼa. “Akkuma duumessi gad buʼee lafa uffisu” saba Yihowaa irratti haleellaa geessisa. Haa taʼu malee, Goog kiyyoo keessa akka gale utuma baayʼee hin turin hubata. Akkuma Faraʼoon Galaana Diimaa biratti hubate, Googis Yihowaa wajjin wal lolaa akka jiru ni hubata. (Bau. 14:1-4; His. 38:3, 4, 18, 21-23) Kiristoosii fi raayyaan isaa inni samii saba Waaqayyootiif eegumsa ni godhu, akkasumas Googii fi loltoota isaa guutummaatti ni balleessu. (Mul. 19:11, 14, 15) Seexanni inni diina Yihowaa isa guddaa taʼee fi olola sobaatiin saboota gara Armaagedoonitti geessu hoo maal taʼa? Yesuus, Seexanaa fi jinniiwwan isaa gara qileetti, jechuunis bakka waggaa kuma tokkoof itti hidhamanitti isaan darbata.—Mul. 20:1-3. w19.09 11-12 key. 14-15

Roobii, Caamsaa 19

Eeggachuu kee itti fufi! Sababiin isaas, inni shakkii tokko malee ni raawwatama.—An. 2:3.

Wantoota gaggaarii Yihowaan abdachiise yommuu raawwataman arguuf hawwuun keenya sirrii dha. Taʼus, wanti eegne utuu hin raawwatamin akka ture yommuu nutti dhagaʼamu hinaaffaan keenya qabbanaaʼuu dandaʼa. Abdii kutachuu illee ni dandeenya. (Fak. 13:12) Kun jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti taʼeera. Yeroo sanatti Kiristiyaanonni dibamoon baayʼeen isaanii bara 1914⁠tti badhaasa isaanii isa samii akka argatan eeganii turan. Kun utuu hin taʼin yommuu hafu namoonni amanamoon haala kana kan dandamatan akkamitti ture? Xiyyeeffannaan isaanii inni guddaan badhaasa isaanii argachuu utuu hin taʼin, amanamummaadhaan fedhii Waaqayyoo raawwachuu waan tureef, abdii kutatanii dorgommii jireenyaaf godhan hin dhiisne. Dorgommicha ciminaan fiiguuf murteessanii turan. Yihowaan maqaa isaa fi ol aantummaa isaa yommuu mirkaneessu, akkasumas abdiiwwan kenne hundumaa yommuu raawwatu arguuf akka hawwitan hin shakkisiisu. Wantoonni kun yeroo Yihowaan murteessetti akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼaa. Taʼus, hamma yeroon sun gaʼutti, abdiin lafa irra harkifame sochii keenya akka dhaabnu utuu hin godhin Waaqa keenya tajaajiluu keenya itti haa fufnu. w19.08 4-5 key. 9-10

Kamisa, Caamsaa 20

Ani garraamii fi kanan gad of qabu dha.—Mat. 11:29.

Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Namoonni garraamii fi kanan gad of qabu akkan taʼetti na ilaaluu? Warra kaan tajaajiluuf hojiiwwan gad aanaa taʼan fedhiidhaan nan hojjedhaa? Warra kaanitti gaarummaa nan argisiisaa?’ Yesuus warra isa wajjin hojjetaniif haalli gaarii fi mijataa taʼe akka uumamu godheera; isaan leenjisuunis isa gammachiisa ture. (Luq. 10:1, 19-21) Barattoonni isaa gaaffii akka gaafatan isaan jajjabeesseera, yaada isaanii yommuu ibsanis isaan dhaggeeffachuuf fedhii qaba ture. (Mat. 16:13-16) Barattoonni Yesuus akkuma biqiltuu haala qilleensaa gaarii hin taane irraa eegumsa argateetti lalisaniiru. Barumsawwan Yesuus barsiiseef xiyyeeffannaa kennaniiru, akkasumas hojii gaarii hojjechuudhaan firii godhataniiru. Warra kaan irratti hamma tokko aangoo qabdaa? Taanaan akkana jedhii of gaafadhu: ‘Bakka hojiittis taʼe manatti warra kaan akkamittan qaba? Nageenyi akka jiraatu nan godhaa? Warri kaan gaaffii akka gaafatan isaan nan jajjabeessaa? Yaada isaanii yommuu ibsan hoo dhaggeeffachuuf fedhii qabaa?’ Nuti matumaa akka Fariisotaa taʼuu hin barbaannu. Isaan yommuu namoonni gaaffii isaan gaafatan ni aaru turan, akkasumas warra ilaalcha isaan qaban irraa adda taʼe qaban ni ariʼatu turan.—Mar. 3:1-6; Yoh. 9:29-34. w19.09 20 key. 1; 23 key. 9-11

Jimaata, Caamsaa 21

Yeroo isaan, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhan, yeroo sanatti . . . badiisni tasaa yeruma sana isaan irra gaʼa.—1 Tas. 5:3.

Geggeessitoonni addunyaa yeroo tokko tokko waaʼee hariiroo biyyoota gidduu jiru fooyyessuu yommuu dubbatan ibsa wal fakkaatutti fayyadamu. Labsiin, “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame garuu kana irraa adda dha. Maaliif? Yommuu labsiin kun labsamu namoonni, geggeessitoonni addunyaa, addunyaan kun caalaatti iddoo tasgabbii qabu gochuu irratti milkaaʼina akka argatan yaaduu dandaʼu. Haa taʼu malee, jalqaba “rakkinni guddaan” achiis, “badiisni itti hin yaadamne” isaan irra gaʼa. (Mat. 24:21) Labsi kana labsuuf wanta isaan kakaasu ykn akkamitti akka labsamu hin beeknu. Akkasumas labsii yeruma tokko labsamu ykn labsii walitti aansee labsamu taʼuu fi dhiisuu isaas hin beeknu. Sanas taʼe kana, wanta kana ni beekna: Geggeessitoonni addunyaa nagaa addunyaa irratti ni fidu jennee yaaduudhaan gowwoomuu hin qabnu. Kanaa mannaa, labsiin kun mallattoo “guyyaan Yihowaa” jalqabuuf akka jedhu argisiisu dha.—1 Tas. 5:2. w19.10 8-9 key. 3-4

Sanbadduraa, Caamsaa 22

Yeroo sanatti sabni kee . . . ni oola.—Dan. 12:1.

Waraanni Armaagedoon xumura dhuma sirna kanaa taʼa. Haa taʼu malee, wanti nu sodaachisu hin jiru. Maaliif? Sababiin isaas kun waraana Waaqayyoo ti. (Fak. 1:33; His. 38:18-20; Zak. 14:3) Yesuus Kiristoos yommuu Yihowaan isa ajaju raayyaa Waaqayyoo gara waraanaatti geggeessa. Dibamtoonni duʼaa kaafamanii fi maleekonni kumaatamaan lakkaaʼamanis isa wajjin jiru. Isaanis waliin taʼanii Seexana, jinniiwwan isaa fi humnoota isaanii warra lafa irra jiran irratti waraana banu. (Mul. 6:2; 17:14) Yihowaan, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jechuudhaan waadaa galeera. (Isa. 54:17) ‘Tuutni uummataa guddaan,’ jechuunis waaqeffattoonni Yihowaa warri amanamoon “rakkina guddaa keessa” lubbuudhaan ni darbu! Achiis, tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessuu isaanii itti fufu. (Mul. 7:9, 13-17) Kitaabni Qulqulluun sababiiwwan waaʼee gara fuulduraa amanannaa akka qabaannu nu taasisan hedduu nuuf kenna. ‘Waaqayyo warra amanamoo akka eegu’ beekna. (Far. 31:23) Warri Yihowaa jaallatanii fi isa jajatan hundi maqaan isaa inni qulqulluun himata irraa walaba taʼee arguun isaan gammachiisa.—His. 38:23. w19.10 18-19 key. 17-18

Dilbata, Caamsaa 23

Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.—Fak. 17:17.

Dhuma “guyyoota dhumaatti” dhihaachaa yommuu deemnu rakkinni cimaan nu mudachuu dandaʼa. (2 Xim. 3:1) Fakkeenyaaf, biyya dhiha Afrikaatti argamtu tokko keessatti duulli filannoo erga godhamee booda jeequmsi guddaan uumamee ture. Gara jiʼa jiʼaa oliitiif obboloonni keenya naannoo lolli jiru waan turaniif bilisummaadhaan sochoʼuu hin dandaʼan ture. Haala ulfaataa kana dandamachuuf wanti isaan gargaare maali dha? Obboloonni tokko tokko obboloota naannoo jeequmsi hin jirre jiraatan bira buufachuu dandaʼaniiru. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Haala akkasii keessatti michoonni koo na bira jiraachuu isaaniitti baayʼee gammadeera. Walii keenya jajjabeessuu dandeenyeerra.” Yommuu ‘rakkinni guddaan’ jalqabutti michoota nu jaallatan qabaachuun keenya baayʼee nu gammachiisa. (Mul. 7:14) Kanaafuu, yeroo ammaatti michummaa cimaa uumuuf carraaqqii gochuun keenya ariifachiisaa dha. (1 Phe. 4:7, 8) Maaliif? Sababiin isaas diinonni keenya sobaa fi odeeffannoo dogoggoraatti fayyadamanii nu qoqqooduuf yaalu. Akka obboloota keenya hin amannee fi isaan hin gargaarre gochuuf yaalu. Carraaqqiin isaanii kun garuu isaaniif hin milkaaʼu. Hidhaa jaalalaa keenya addaan kutuu hin dandaʼan. w19.11 2 key. 1-2; 7 key. 19

Wiixata, Caamsaa 24

Xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan hunda dhaamsuu [dandeessu].—Efe. 6:16.

Seexanni inni “abbaa sobaa” taʼe waaʼee Yihowaa fi obboloota keenyaa soba babalʼisuuf warra toʼannaa isaa jala jiranitti fayyadama. (Yoh. 8:44) Fakkeenyaaf, gantoonni karaa weebsaayitii, televijinii fi karaa miidiyaalee kan biroo waaʼee jaarmiyaa Yihowaa soba babalʼisu, akkasumas dhugaa jiru jalʼisanii dhiheessu. Sobawwan kun “xiyyaawwan” Seexanaa warra “bobaʼan” keessaa tokko dha. Namni tokko waaʼee sobawwan kanaa nutti dubbachuu yoo jalqabe maal gochuu qabna? Isa dhaggeeffachuu hin qabnu! Maaliif? Sababiin isaas Yihowaa irratti amantii qabna, akkasumas obboloota keenya ni amanna. Gantoota wajjin matumaa hin haasofnu. Hawwiin wanta tokko beekuuf qabnus taʼe, namni kam iyyuu ykn wanti akkamii iyyuu isaanii wajjin wal falmuutti akka nu geessu ykn amantii keenya akka laaffisu hin heyyamnu. Soba gantoonni babalʼisan dhaggeeffachuu fi isaanii wajjin wal falmuu irraa of qusatteettaa? Taanaan, galateeffamuu qabda. Haa taʼu malee, Seexanni meeshaalee itti fayyadamuuf yaalu kan biroos waan qabuuf of eeggachuu qabna. w19.11 15 key. 8; 16 key. 11

Kibxata, Caamsaa 25

Yihowaan . . . kakaʼumsa namootaa ni qora.—Fak. 16:2.

Yeroo murtoo gootu, wanta murtoo gochuuf si kakaase qori. Yihowaan wanta hundumaan amanamoo akka taanu barbaada. Kanaafuu, murtoo yommuu goonu murtoo sana gochuuf wanta nu kakaase ilaalchisee ofii keenyaafis taʼe warra kaaniif amanamoo taʼuu barbaanna. Guutummaatti amanamoo yoo taʼuu baanne garuu, murtoo goone raawwachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi dargaggeessa taʼe tokko qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf murteessuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo muraasa booda saʼaatii isa irraa eegamu guuttachuuf qabsoo gochuu fi tajaajila isaa irraa gammachuu dhabuu jalqabe. Qajeelchaa taʼee tajaajiluuf wanti isa kakaase inni guddaan Yihowaa gammachiisuu waan barbaaduuf akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, tarii wanti qajeelchaa taʼee tajaajiluuf isa kakaase inni guddaan warra isaa ykn nama kan biraa gammachiisuu waan barbaadeefii laata? Mee fakkeenya barataa Kitaaba Qulqulluu tamboo xuuxuu dhiisuuf murteesse tokkoo haa ilaallu. Jalqaba irratti baayʼee isatti ulfaatus torbee tokkoof ykn lamaaf tamboo hin xuuxne, booda irra garuu araada isaatiin moʼamee deebiʼee xuuxuu jalqabe. Haa taʼu malee, xumura irratti isaaf milkaaʼeera! Jaalalli Yihowaadhaaf qabuu fi fedhiin inni isa gammachiisuuf qabu araada kana akka injifatu isa gargaareera.—Qol. 1:10; 3:23. w19.11 27 key. 9; 29 key. 10

Roobii, Caamsaa 26

Misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuu wajjin haala wal simuun akka lammii tokkootti deddeebiʼaa.—Filp. 1:27, milj.

Phaawulos ergamaan dorgommii isaa akka xumuruu fi galma isaa irra akka gaʼu amanannaa qaba ture. Kiristiyaana dibamaa waan taʼeef, “badhaasa Waaqayyoo waamicha isa olii” argachuuf hawwiidhaan eeggata ture. Taʼus, galma kana irra gaʼuudhaaf ‘carraaquu’ isaa itti fufuu akka qabu hubatee ture. (Filp. 3:14) Phaawulos warri Filiphisiiyus galma isaanii irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaaruudhaaf, fakkeenya xiyyeeffannaa isaanii harkisu tokkotti fayyadameera. Phaawulos warri Filiphisiiyus lammiiwwan samii taʼuu isaanii isaan yaadachiiseera. (Filp. 3:20) Kana yaadachuun kan isaan barbaachise maaliifi? Yeroo sanatti, lammii Roomaa taʼuun wanta gatii guddaa qabu ture. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni dibamoon lammummaa kana caalu kan qaban siʼa taʼu, kunis faayidaa lammii Roomaa taʼuun argamsiisu caalu isaaniif argamsiisa ture. Lammii Roomaa taʼuun kanaa wajjin yommuu wal bira qabamu faayidaan isaa baayʼee xiqqaa dha! Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa jiran, galma samii irratti jireenya bara baraa argachuuf qaban irra gaʼuuf carraaquu irratti fakkeenya gaarii taʼu. w19.08 6 key. 14-15

Kamisa, Caamsaa 27

Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni taatu.—Yoh. 8:36.

Bilisummaan kun bilisummaa Israaʼeloonni yeroo waggaa Iyyobeeliyyuutti argatan irra baayʼee caala! (Lew. 25:8-12) Fakkeenyaaf, namni yeroo Iyyobeeliyyuutti bilisa baʼe tokko deebiʼee garba taʼuu dandaʼa, akkasumas oolee bulee duʼuun isaa hin oolu. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti Yihowaan ergamoota, akkasumas dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼan kan biroo hafuura qulqulluudhaan dibe. Yihowaan namoota kana akka ijoollee isaatti waan fudhateef, gara fuulduraatti Yesuus wajjin bulchuuf duʼaa kaʼanii gara samii deemu. (Rom. 8:2, 15-17) Namoonni kun bilisummaa Yesuus mana sagadaa Naazireetitti argamu keessatti labse irraa fayyadamuu irratti warra jalqabaa ti. (Luq. 4:16-19, 21) Dhiironnii fi dubartoonni kun barumsawwan sobaatiif, akkasumas gochawwan geggeessitoota amantii Yihudii warra Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofneef sana booda garboota hin taʼan. Kana malees, Waaqayyo cubbuu isa duʼa geessisu jalaa bilisa akka baʼanitti isaan ilaala. Iyyobeeliyyuun Kiristiyaanotaa inni Dh.K.B. bara 33 yommuu duuka buutonni Kiristoos dibaman jalqabe dhuma Bulchiinsa Barkumee Yesuusitti xumurama. w19.12 11 key. 11-12

Jimaata, Caamsaa 28

Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.—1 Qor. 15:33.

Warra kan taatan, ijoolleen keessan michoota gaarii akka filatan gargaaraa. Abbaa fi haati ijoolleen isaanii eenyutti michoomaa akka jiranii fi maal akka godhan beekuun isaan barbaachisa. Kunis ijoolleen isaanii karaa weebsaayitii hawaasaa fi moobaayilii isaanii eenyu wajjin wal qunnamaa akka jiran beekuu dabalata. Michoonni isaanii kunneen yaadaa fi gocha ijoollee isaanii irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Warri baayʼeen ijoolleen isaanii namoota Waaqayyo tajaajiluu irratti fakkeenya taʼan wajjin michummaa akka uuman haala isaaniif mijeessuuf carraaqqii godhu. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa Koot Diivuwaar keessa jiraatanii fi Indeenii fi Boomiin jedhaman yeroo baayʼee ilaaltuun ol aanaa aanaa mana isaanii akka buufatu affeeru turan. Indeeniin akkana jedheera: “Kun mucaa keenya irratti dhiibbaa baayʼee gaarii taʼe godheera. Qajeelchaa taʼee tajaajiluu kan jalqabe siʼa taʼu, yeroo ammaa bakka buʼaa ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilaa jira.” Warri ijoollee isaanii daaʼimummaa isaaniitii kaasanii leenjisuun isaanii gaarii dha. (Fak. 22:6) Mee Ximotewosiin akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Haati isaa Ewunqee fi akkoon isaa Looyis ‘daaʼimummaa isaatii jalqabanii’ isa leenjisaniiru.—2 Xim. 1:5; 3:15. w19.12 25 key. 14; 26 key. 16-17

Sanbadduraa, Caamsaa 29

Michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.—Fak. 18:24.

Michuu dhugaa taʼaa. Fakkeenyaaf, obbolootaa fi obboleettota keenya warra gargaarsi isaan barbaachisu akka gargaarru waadaa galuu qofa utuu hin taʼin, isaan gargaaruuf wantoota qabatamaa taʼan gochuu qabna. (Mat. 5:37; Luq. 16:10) Namoonni gargaarsi isaan barbaachisu akka isaan gargaaruu dandeenyu yommuu beekan baayʼee jajjabaatu. Obboleettiin takka sababii isaa yommuu ibsitu akkana jetteetti: “Namni si gargaaruuf waadaa gale tokko gargaarsa sana yeroo isaatti naaf godhaa laata jettee yaaddaʼuudhaan dhiphina ofitti dabaluun si hin barbaachisu.” Namoonni rakkinni ykn haalli gaddisiisaa taʼe tokko isaan mudate yeroo baayʼee dhimma sana michuu isaanii amanan tokkotti himuudhaan jajjabina argachuu dandaʼu. Michuu amanamaa taʼuuf garuu obsa horachuu nu barbaachisa. Zaanaan abbaan manaa ishii yommuu ishii dhiisee deemu wanta ishiitti dhagaʼamu michoota ishii baayʼee itti dhihaattutti himuudhaan jajjabina argatteetti. Akkana jetteetti: “Waanuma wal fakkaatu tokko irra deddeebiʼee dubbadhee taʼuu dandaʼa, taʼus obsaan na dhaggeeffataniiru.” Atis sirriitti dhaggeeffachuudhaan michuu gaarii taʼuu dandeessa. w20.01 10-11 key. 9-11

Dilbata, Caamsaa 30

Yeroo gadameessa haadha isaa keessa jiruu [jalqabee] hafuura qulqulluudhaan ni guutama.—Luq. 1:15.

Namoonni amantii isaaniitiin fakkeenya taʼanii fi hafuura qulqulluu argatan hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamaniiru; taʼus, namoonni kun abdii samii irra jiraachuu hin qaban. Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee ture. (1 Sam. 16:13) Hafuurri qulqulluun waaʼee Yihowaa wantoota gad fagoo taʼan akka hubatu isa gargaareera, akkasumas kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko akka barreessu isa qajeelcheera. (Mar. 12:36) Taʼus, Pheexiros ergamaan, Daawit ‘gara samiitti akka ol hin baane’ dubbateera. (HoE. 2:34) Yohaannis Cuuphaanis, ‘hafuura qulqulluudhaan guutamee’ ture. (Luq. 1:13-16) Yesuus namni Yohaannis caalu akka hin jirre kan dubbate taʼus, kutaa Mootummaa isa samii kanaa akka inni hin taane dubbateera. (Mat. 11:10, 11) Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee namoonni kun wantoota dinqisiisoo taʼan akka raawwatan humna kan isaaniif kenne taʼus, samii irra akka jiraataniif garuu hafuura isaatiin isaan hin filanne. Maarree kana jechuun namoonni kun amanamoo miti jechuu dhaa? Lakki. Kanaa mannaa, Yihowaan lafa Jannata taatu irra akka jiraataniif duʼaa isaan kaasa jechuu dha.—Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15. w20.01 25 key. 15

Wiixata, Caamsaa 31

Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.—1 Yoh. 4:19.

Yihowaan kutaa maatii waaqeffattoota isaa akka taanu nu affeereera. Maatiin keenya namoota Waaqayyoof of murteessanii fi aarsaa furii Ilma isaa irratti amantii akka qaban argisiisan kan of keessatti qabate dha. Nuti maatii gammachuu qabu dha. Yeroo ammaatti jireenya hiika qabu jiraanna, gara fuulduraatti immoo lafa irratti ykn samii irratti abdii jireenya bara baraa waan qabnuuf ni gammadna. Yihowaan jaalalaan kakaʼee, akkasumas aarsaa guddaa kaffaluudhaan kutaa maatii isaa akka taanu karaa nuu baneera. (Yoh. 3:16) Nuti ‘gatiidhaan bitamneerra.’ (1 Qor. 6:20) Yihowaan karaa furichaa isa wajjin hariiroo cimaa uumuu akka dandeenyu nu taasiseera. Qaama uumama cufa keessatti hundaa ol taʼe Abbaa keenya jennee waamuuf mirga arganneerra. Yihowaan Abbaa hundumaa irra caalu dha. Akkuma barreessaa Kitaaba Qulqulluu tokkoo nutis, “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?” jennee gaafanna taʼa. (Far. 116:12) Deebiin isaa Abbaa keenya isa samiitiif homaa deebisuu hin dandeenyu kan jedhu dha. Taʼus, jaalalli inni nuuf qabu nutis akka isa jaallannu nu kakaasa. w20.02 8 key. 1-3

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi